View
67
Download
5
Category
Preview:
Citation preview
Akkamitti haa eegalu?
~ 1 ~
Akkamitti haa eegalu?
QOPHEESSAAN:
Mana Kiristaanaa
Ortodoksii
Tawaahidoo Gibxii
Afaan Oromootti kan
Hiike
Dn. B/sa Guutaa Charuu
Saadasa, 2012B.A
Qabiyyee 1ffaa
Jireenya afuuraa guddachaa adeemu
Akkamitti haa eegalu?
~ 2 ~
Kitaabni kun kan Mana Kiristaanaa Ortodoksii
Tawaahidoo Gibxii barreefama afaan Ingiliffaan “How start
It” kan jedhuudha.
Akkamitti haa eegalu?
~ 3 ~
YAADANNOON KITAABA KANAA
Amantaa isaanittiif jedhanii warreen
Kiristoosiidhaaf dhugaa bahaan ykn
warregamummaa fudhataan hundaaf haa
ta’u.
Akkamitti haa eegalu?
~ 4 ~
GALATAA
“Waaqayyoon galateeffadha! ........ Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka sadarkaa maxxanfamee saba biraan akka qaqqabuuf, eyyamaa isaa ta’ee yeroo ani qaburratti humnaa fi jabinaa naaf kennee iccitiisaa naaf banee akkan hiiku kan na gargaree Waaqayyoof galanni haa ta’u. Itti aansuun tajaajiltoota mana kiristaanaa Ortodoksii Taawahidoo Gibxiif galanii koo guddadha.
“Obboolleewwaan isaaf wanta gaarii kan rawwatu eenyuudha ?” (Siraak 34:9)
Kitaaba kana qubee sirressuun ykn gulaluun boca akkana akka qabatu kan taasise Katamaa Fayyee fi Haadha manaa isaanii Yeshimabeet Salamooniif galanni koo guddadha.
Akkamitti haa eegalu?
~ 5 ~
Kitaaba kana hubachuu akka dandeesaniif maxxansa jalqabaa
irra egalee yoo dubbistaan gaariidha. Sababni isaas
barreefamoonni itti fuufinsa qabiyyee kudha lama kan qabu
yemmu ta’u inni jalqabaa kanadha.
Barreefamni walitti fuufinsi kun akka amantoota Ortodoksii
hunda bira qaqqabu abdii qaba. Isiinis firoota keessaniin akka
qaqqabsistaan maqaa Waaqayyoottin isiin gaafadha. Kitaaba
kun haala kanaan qofa osoo hin ta’ii filmiidhaanis
amantootaadhaaf kan dhiyyatudha.
Akkamitti haa eegalu?
~ 6 ~
Seensa Namoonni baay’een gara jireenya afuuraa galuu ni barbaadu.
Warreen biroon immoo erga eegalanii, eegalumsi isaanii amantaan
isaanii lapheen waan hin taanef itti fufiinsa amantaa hin qaban.
Kunis ta’uu kan danda’u barumsa amantaa yaalii walitti fufiinsa
qabu waan hin qabneefidha. Akka amantaa keenyaatitti
barreeffamni walitti fufiinsaa kun jireenyi afuuraa walitti fufiinsa
akka argatu kan taasisu ta’uu isaa abdii kan qabnuudha. Arjummaa
Waaqayyoo kanan bu’aa guddaa argata. Barreeffamni walitti
fufiinsa qabu kunis qabiyyee qabiyyeedhan kan qophaa’edha.
Qabiyyeewwan kudha lameen jiran qabiyyee mana barumsaa
keessa kitaaba barumsaa jiru wajjin wal fakeenya qabu. Kitaaba
kana keessattis barreeffamoota gilgaalaa fi yaalin ni jira.
Barreeffama yaalidhaan gara hojiitti akka jijjiirtuf yaalii wajjin waan
siif dhiyaatef jireenya afuuraa kee ni jijjiira malee waan dubbiste
qofaaf faayidaa siif hin qabu. Barreefama jalqabaa irratti yeroo
yaalii deeggarsaa fi hordoffii barsiisaa sirraa barbaada. Kunis yaalii
jalqabaa irratti baay’ee kan si fayyadu ta’a.
Akkamitti haa eegalu?
~ 7 ~
Dhumarrattis wanta hubachuu qabdu keessaa inni tokko yeroo irra
deddeebitee yaalii afuurummaa geggeessitu kufuu ni dandeessa.
Haa ta’u malee goonkuma harka kennuus / injifatamuus ta’ee abdii
kutuu hin qabdu. Firiin siif hin dhufne yoo ta’e jalqaba irraa ka’ii
lamaffaa irra deebi’ii qoradhuu sirreessi. Irra deebi’iis eegali.
Sanaan booda Gooftan akka gadda keessaa baatuu fi boqonnaa
argattu si taasisa. Innis abbaa kee waan ta’eef, jaalala gonkaan si
jaalata. Siifis ni yaada. Jaalalli fayyisaa addunyaa nu wajjin akka
ta’uu fi kabajni isaa nurra akka bulu eeyyama isaa nuuf haa ta’u.
Araarsummaan fi kadhannaan haadha keenya qulqulleettii durboo
Maariyaam, sugni qulqullootaa nurraa adda hin bahin. Ameen.
Akkamitti haa eegalu?
~ 8 ~
Akkan hiriyaa kiyya irraa odeeffadhe irratti hundaa’ee abbaa
afuuraa argachuuf imala koo eegale. Dhugaa dubbachuudhaaf
yeroo kanatti jireenya afuurummaa dhabaa dhufeera. Wantoota
badaa yaadaa tureera. Yaadota gad antummaa fi nuffisiisan yeroon
yaadu; dhiibbaa fedhiin jireenya gara badiitti akkan deemaa jiru
hubadheen jira. Fedhiin yaadoolii akkanaa kun al tokko tokko akkan
hiriyoota koo irratti ol aantummaa qabaadhu na taasiseera. Imala
koo irratti kuusaa ashawaa fi dhagaawwan galaanaa xixxiqqoo,
yeroo irratti hundaa’uudhaan olii fi gadi kan jedhu; karaa bayinsa
ykn argansuu qilleensaa jijjiiruuf akkan jiru; jijjiiramuu
uummamtoota kana hundaa yeroon yaadu wantoonni ta’aa jiran
hunduu akkan dammaquuf kan raawwatamaa jiran ta’uu isaa
hubadheen jira. Gara abbaa gaabbii argadhe sana yeroon gahu
“baga naga’aan dhufte” jedhanii iddoo tokko barbaannee wajjin
teenye.
Akkanas naan jedhan:- “ Ilma koo akkam jirta?”
Anis: - Galanni Waaqayyoof haa ta’u fayyaa koodha. Haa ta’u malee
sababa kufaatii amantaa fi jijjiirama yaadota na keessatti
uummamu irraa kan ka’e yaa Abbaa koo dadhabeen jira. Yeroo
murtaawaadhaaf haala gaarii ta’een ergan turee booda, deebi’ee
nan kufa. Yeroon kufu kanatti rakkoowwan hedduu keessatti kufaa
Akkamitti haa eegalu?
~ 9 ~
tureera. Sababa kanaaf gara abdii kutuu irra gaheen jira jechuun ni
danda’ama. Keessa kootii nageenyi dadhabamuu isaa irraa kan ka’e
ofii koo nama balleessaa fi yakka hojjetetti of lakkaa’udhaan keessi
koo amma duwwaa ta’eera. Yaadotni wal xaxaa keessa koo guutetu
jira.
Abbaa keenya :- “ Ilmoo koo kun umaamadha.”
Anis sagalee koo ol kasee:- egaa cubbuu keessatti kufuun amala
uumamaatii abbaa koo?! Keessi koo nageenya dhabuun
barsiifatadhaa?! Abdii kutuunis barsiifatadhaa? Yeroo hundas akka
nama injifannoo goonfatee fakkaachun yeroo biroo immoo gati
dhabeessa ta’uun?!
Abbaa keenya:-“kun amala nama moofati. Amala nama
wantoota addunyaa kanaa irratti bu’uura godhateeti. Haa ta’u
malee gara jireenya afuuraatti imaluu fi jireenya afuuraa sirrii
eegaludhaaf yoo barbaadde yoo xiqqaate ulaagaalee jireenya
afuuraa barachuu qabda.”
Anis:- Yaa abbaa koo laphee koo gonkaan hunduma isaa eegaluu
nan barbaada. Haa ta’u malee yeroo baay’ee yaalen jira; Firiin
argadhe kufaatii koo ta’e. amma bifa haaraan lammaffaa daandii
egaluu nan barbaada.
Abbaa keenya:- “ Jireenyi afuuraa ulaagaalee sadi qabu yaa ilmoo
koo.”
Akkamitti haa eegalu?
~ 10 ~
Anis nan gaafadhe:- isaanis maal fa’aadha abbaa koo?
Abbaan keenyaas:- “ ulaagaaleen jireenya afuuraa jalqabaa…
Jireenyi afuuraa daandidha malee tarkaaffii miti;
taatees miti.”
Anis:- kaana jechuun maal jechuudha abbaa koo?
Abbaan keenya:- “Baay’en isaanii jireenya afuura eegalanii turan,
Namoonni muraasni isaanii sadarkaa jalqabaa gahanii turan, Garuu
akkuma egalaniin hin xumure. Sadarkaan jireenya afuuraa kan
isaan egalan barumsa lallabaa erga dhaga’aanii booda, wantoota
hamoo erga arganii booda ykn immoo miidhan erga irra gahee
booda ykn immoo kaka’umsa Afuura Qulqulluutiin erga dammaqanii
boodatti.
Isaan kanneen keessaa tokko akkana jedhe:- ‘ of jijjiiree nama
haarawa ta’uuf qophaa’en jira; Lamaffaa cubbuu keessatti hin kufu’
haa ta’u malee namni kun guyyoota ykn torbeewwan muraasa
booda cubbuun kufe. Seexannis gara nama kanaatti siiqee akkana
jedheen ‘yoomiyyuu taanan siif hin milkaa’u. jireenyi afuuraa
baay’ee cimaadha. Hanga kamis hojjettu kufuun siif hin oolu
jedheen’. Seexanni hamma namni kun harka kennutti abjuudhanis,
yeroo kophaa taa’us, yeroo mana amantaatti barumsa amantaa
baratus dubbii abdii kutachiisu itti himuu hin dhiisne. Lallaba hanga
dhaga’utti ykn wanta argu tokko hanga argatutti ykn imala afuuraa
guddaa tokko hanga obsaan itti fufutti seexanni itti himuu hin
dhiisu. Namichis abdii kutata.
Akkamitti haa eegalu?
~ 11 ~
Kanaafuu kaayyoo namni tokko gahuu malu hanga gahutti xiqqoo
erga godaanee booda lammaffaa irra deebi’ee hanga eegalutti
kufuunii fi abdii kutachuun irra dedeebi’uun ni muudatu.”
Anis:- Yaa abbaa koo kun dhuguma narratti raawwatamaa jira.
Garuu furmaanni isaa maalidha?
Abbaan keenyaas:- “ati beekuu fi fudhachuu kan qabdu jireenyi
kun jireenya afuuraa taa’uu saatidha. Kun immoo taatee osoo hin
ta’in jireenya. Wanti hubachuu qabdu, jiraachuu kan eegaltu erga
dhalattee irra eegalteetidha. Akkuma beekkamu imalli guddaan
tarkaanfii tokkoon eegalama. Haa ta’u malee imalli taatee miti.”
Anis:- maal jechuu barbaaddaniitii abbaa koo?
Abbaa keenya:- “ wanti beekuu qabdu rakkoowwan, yaadawwanii
fi susiiwwan irraa al tokkoon bilisa bahuu hin eegin. Akkasumas
yeroo ganamaa fi galgala kadhannaa geggeesitu imimmaan
dhangala’ee dhuma hin qabne ofirratti hin eegin. Kana yeroon siin
jedhu kennaa kadhannaa fi imimaanii al tokkotti taatee battala
tokkoon dhufu jettee hin eegin. Al tokkotti waan amanteef, waan
tajaajilteef, waan kadhatteef harka keerraa Zayitiin qulqulluun
ajaa’iba raawwatu akka burqu hin barbaadin.”
“Cubbuuwwan tokkoon tokkoon ishee qulqulleessuu
eegali. Cubbuuwwan tokkoon tokkoon ishee xiqqoo irra
eegalii ati cubbuudha jedhii murtoo itti kenni. Maqaa
Akkamitti haa eegalu?
~ 12 ~
ykn sababa itti hin kennin; cubbamaa ta’uu kee atis of
bari. Jireenya afuuraa imaluu eegali; yoo kuftes
lammaffaa ka’i malee abdii gonkuma hin kutin.”
“Yeroo kuftee jirtutti abdii cimsii qabaadhu; obsa qabaadhu malee
injifatameen jira kanaafuu ka’uu fi hojjechuu hin danda’u jettee hin
yaadin!”
“Dhaga’i ilmoo koo! waqtii tokko Nama gaa’ela geggeessee
waggoottan kudha lamaaf ijoollee hin arganne tokkotu ture. Rakkoo
isaa doktoroota hedduutti hime. Dhuma irratti dargaggeessi tokko
akkana jedheen ‘Gara al amahaaraa deemitii Abidaal Masih abbaan
jedhamu siif akka kadhatu gaafadhu’ jedheen. Sanaan booda
wajjin deemanii kadhannaa geggeessan. Bara sanaa irra eegalee
daa’ima baay’ee bareedu tokko argate. Waqtii sanatti gammachuu
irraa kan ka’e yeroo yerootti guddina daa’ima sana
mirkaneessudhaaf amma amma ofitti qabee haammatee
dhungachaa ture. Haa ta’u malee daa’imni sun ji’a lama akkuma
guuten taateen hin eeggamne tokko isa muudate.”
Anis:- Maaltu muudatee abbaa koo ?
Abbaan keenya:-“ Abbaan ilmoo isaa ilaaluu adeeme. Ilmoo bira
yeroo gahutti ilmoon isaa miila isaan dhaabbatee dheerinni isaa
Akkamitti haa eegalu?
~ 13 ~
dabalaa meetira 1.5 gahe. Daa’imichis haala hin eeggamneen karaa
hundaan guddatee, rifeensa adii magarse. Abbaan isaas baay’ee
rifate. Ilmoon isaas kolfee ‘Maal taate abbaa koo? Maaloo buna ykn
shayii naaf dafisi’ jedheen.”
Iddoo dubbii nama ajaa’ibuu fi dhaga’uuf nama kakkaasu irraan
gahanii abbaan keenya dubbii addaan kutanii ana ilaaluu egalan.
“Bakka abbaa kanaa osoo si taatee maal goota turte?” naan jedhan.
Anis: garan bakka dhufeetti deebi’een fiiga ykn naasudhaanin
du’an ture. Ta’us dubbiin kun seenaa dhugaadha moo abbaa koo?
Abbaan keenyaas:- Kun oduu duriidha. Daa’imni tokko dhalatee
ji’a lama keessatti jijjiirama guddaa agarsiisuu fi rifeensa adii
magarsuu hin danda’u.
Kanaafuu yaa ilma koo! At al tokkotti jireenya afuuraan
guddachuu hin eegalin. Nama obsa qabu ta’i. cal jedhii cubbuun
cubbuu akka ta’e amanuudhan eegali. Atis cubbamaa akka taate
amani. Gara Waaqayyoottis deebi’ii gaabbii gali. Isas baruuf yaali.”
Akkamitti haa eegalu?
~ 14 ~
Anis:- Yoon du’een alaatti guyyaan sun akkamitti ta’a?
Abbaa keenya:- fuula isaanii kolfa of keessa qabu ibsanii; “
Isa miti, Kun bara jireenya kee si mudata. Jireenya afuuraa
gaafa eegaltu qormaanni cimaadha. Qaama keetiin alaan
fedhiin addunyaa fi qormaanni seexanaa, qaama kee keessaa
immoo amala dadhabaan ture si waraanee qromaata sitti ta’a.
haa ta’u malee jireenya afuuraa gaafa eegallu qaamni keenya
bilisummaa guddifachaa adeema. Jabinnis ni dhufa.
Qormannis bakkee qofaan ta’a. haaluma kanaan wantoonni
hunduu salphachaa dhufuun jireenyi qulqullummaa argamuu
eegala.
Akkamitti haa eegalu?
~ 15 ~
Qulqulloonni akkuma jireenya eegalaniin yeroo kadhannaa
isaanii dammaqanii dhaabbachuuf harka isaanii fi rifeensa
isaanii hidhaa turan. Sababni isaas yeroo kadhannaa isaanii
akka hin rafneef. Haa ta’u malee, guddina waggoottanii booda
halkan guutuu dammaqinaan osoo hin dadhabin kadhannaa
osoo addaan hin kutin ni xumuru. Qulqulluun Musee abbaan
areedaa yeroo jalqabaa jireenya gaabbii yeroo eegalu sanatti
seexanni fedhii hedduu fi ifa hin taneen hojii inni dur
raawwate badii sanaan isa qoraa ture. Ganamaa fi galagala
gara abbaa gaabbii isa adeemudhaan wantoota raawwatee fi
sammuun yaade hunda itti himaa ture. Afuuraan hanga
cimuttii fi bilisa hanga bahutti obsaan qabsuuraa ture.”
Anis:- dhuguma anis cubbuu irraa guyyaan bilisa ta’u ni
dhufaa?
Abbaan keenya:- “Gooftan keenya Iyyasuus akKana
jedheera; ‘Egaa ilmi bilisa yoo isin baase, dhugumatti bilisa
baatanii jirtu’ (Yoh 8:36) egaa Waaqayyo wadaa galeef waaqa
dhugaadhaa fi amanamaadha. Ati qofti yoo nama obsa
qabeessa taate guyyaan sun ni dhufa. Ati daandii sirrii irra
Akkamitti haa eegalu?
~ 16 ~
hanga jirtutti kallattii sirrii siif kenna jechuudha. Ati amma
nama mana barumsaa keessa barumsa irra jirtuudha.
Qulqulluun Yisihaaq akkuma dubbate”:-
‘Cubbuu keessa jiraachuu mannaa
dhugaadhaaf obsee osoon jiraadhuu du’uu
naaf wayya’ jedhaniiru.
“Yaa ilma koo baay’een isaanii egaalanii jiru. Haa ta’u malee
dhugaa hubachuu waan hin dandeenyef itti fufuu hin
dandeenye. Namoonni firii hin arganne kunneen warreen
ariitidhaan firii barbaadaniidha. Faallaa kanaan gara kufaatii fi
abdii kutuu irra gahan malee.
Hunda dursa immoo kaayyon seexanaa, Ati akka cubbuu
keessatti kuftuu miti; Cubbuu keessatti si kuffisuun isaa
kaayyoo sadarkaa cee’umsa hojii isaatidha. Kaayyon isaa inni
xumuraa ati akka abdii kutee fi mana Waaqayyo keessa
badduudha. Sababa kanaafidha cubbuu tokkoo fi lama irratti
xiyyeeffattee cubbuuwwan kunneen qofti irra deddeebi’anii
kan si qoran.”
Akkamitti haa eegalu?
~ 17 ~
Anis:- Egaa ani amma mana barumsaa keessan barumsa
barachaa jiraa? Hangan barbaade cubbuu hojjedhee,
Cubbuun hojjedheef immoo waanan calliseef yeroo barumsa
jireenya afuuraa dadhabaa keessa jiru kanaan cubbuun koo
kun natti ni lakkaawwamaa?
Abbaa keenya:- “Kun ulaagaa isa lammaffaadha ilmoo
koo”
Anis:- maaliidha inni?
Abbaa keenya:- uulagaleen lammaffaa kee immoo kan
biroodha.
Anis:- garaagarummaan isaa maaiidha?
“Cubbuun gosa lamaadha:- cubbuu itti yaadanii
hojjeetamanii fi raawwatamaniidha.”
Abbaa keenya:- “garaagarummaan isaa fedhii ofiitin
cubbuuwwan hojjechuun duratti daandii kiyyaa fi hiikoo
yaadni sammuu, ‘ umuriidhan ganaa bara dargaggummaa
keessa kan jiruudha, cubbuun kun cubbuu salphaadha,
cubbuun kun nama irra midhaa hin qaqqabsiisne, fi nama
tokko tokkon kan rawwatamuudha’ siin jedha”
Akkamitti haa eegalu?
~ 18 ~
“Of qulqulleessuunii fi sababa taarreessun
Waaqayyo biratti akka gantummaati”.
Cubbuu fedhii ofiitin hojjechuu jechuun ‘Amma gaabbii galuun
hin barbaachisu, ani hunda caalaa kanan fooyya’eedha.
Boodan gaabbii gala. Amma garuu umriin koo ganaa
dargageessa’ jechuun sababa tarreessuun nuffiidhan
jiraachudha.
“Arrabsoo xiqqoos ta’u cubbuun akkanaa gara
Si’oolitti godaansisuu danda’a”.
Anis: - arrabsoo gara Si’ool nu buusuu danda’aa? erga akkas
ta’ee eenyutu waanjoo garbummaa Si’ool jalaa miliquu
danda’a?
Akkamitti haa eegalu?
~ 19 ~
Abbaa keenya:- “cubbuu hojjettee, gaabbii galuudhaf kan hin
barbaadne tokkoon tokkoon cubbuu mindaan ishee du’a. Gooftan
keenya Iyyasuus Kiristoos akkana jedhe ‘obboleessa isaatin ati
gowwaadha jedhee kan dubbate, abidda Si’ool keessati darbachuu
isa barbaachisa.’ Hanga gaabbii hin gallee fi of hin deebisnetti”.
❖ Cubbuu fedhiidhan raawwachuu
Cubbuudhan kufuudhan duratti cubbuu maal na dhibeedhan
ilaaluu fi erga kufanii boodas sababoota kufaatii tarreessuu fi
cubbu hojjetteef gaabbii galuu dhiisudha. Kunis yakka itti
yaaddamee hojjatame jedhamee yaaddama. Akka adabbii
seera yakkaatiin hojiin kun kan adabsisu ta’a.”
Anis:- erga akkana ta’ee cubbuu kanaaf furmaanni ni jiraa?
Cubbuu kanaan yoon kufe kallattiidhan kan na adabsiisu ta’a
jechuudhaa?
Abbaa keenya:-“ miti ilmoo koo; Cubbuuwwan tokkoon
tokkoon isaaf furmaanni ni jira.
❖ Furmaanni osoo beekanii cubbuu raawwachuutif:-
Cubbuu ofii himachuudha. Kunis hima tokko, kan ta’e ‘cubbuu
hojjedhe’ jechuudha. Yeroo ‘cubbuu hojjedheera’ jettutti
Gooftan dhiifama siif kenna. Gaabbii hanga hin galletti cubbuu
Akkamitti haa eegalu?
~ 20 ~
kee beekuu fi murteessuf of qusachuu jechuun gantummaa
akka ta’e hin dagatin. Sis ni adaba. Kanaaf cubbuun xiqqoo
hin qabdu; gaabbii hanga hin galletti cubbuu kamiyyuudhaf
bu’aan adabbii isaa du’a. Akkuma dhugaa hubattuun garuu
gara booddetti deebi’itii gaabbii gali, ofii keetis Waaqayyo
duratti gad of qabii akkana jedhi:-
‘ Yaa Waaqayyo ani cubbamaadha waan ta’eef dhiifama
naaf godhi; cubbuun kun jireenya koo dhabamsiisuu
danda’a. haa ta’u malee ani ilmoo kee waanan ta’eef
maaloo koottuu bilisa na baasi. Cubbuu koo irraa na
qulqulleessi. Akkan qulqullaa’u na taasisitii gaabbii nan
gala; akka na hin adabnes sin kadhadha’jedhi”.
Anis: - Cubbuuwwan xixxiqqoon rakkoowwan wal xaxaa
akkanaa akka fidu hin beekun ture. Waaqayyo murtee Si’ool
dabarsee gara sanatti kan godaansisu namoota cubbuuwwan
gurguddaa hojjetan qofan se’ee ture.
Abbaa keenya:-“ Sirrii jette ilmoo koo namoonni baay’en
kana hin beekan ture. Caallisanii odeessu; ni kakatus,
keessumattuu jireenya afuuraan alatti murtii mataa isaanitiin
qofa kennu ture. Yeeyyiwwan xixxiqqoon boolla isaan
bananiin yeeyyiwwan gurguddoon salphaatti akka isaan
Akkamitti haa eegalu?
~ 21 ~
darban akkuma taasisu, kunis akkasuma akka badaniif daandii
bana”.
Anis:- ofii koo cubbuudhan kufuu irraa yoon of hin fayyisnee
fi beekee cubbuu yoon hin raawwanne, yaada sammuu kiyyaa
na injifate of irraa ittisuu yoon hin dandeenye maaltu narra
gahaa?
Abbaa keenya:- “cubbuun akkana fedhiin alatti dogongora
raawwatamuudha”.
Anis:- egaa namni tokko fedhii isaan alatti wanti raawwatu ni
jiraa?
Abbaa keenya:- “fedhiin alatti jechuun cubbuu jibbuu
jechuudha. Kanas faallan isaa isa qabsaa’uu fi isa jalaa
milliquudha. Haa ta’uutii fedhiin koo osoo galma hin gahiin
cubbuudhan kufe. Kunis hunduma keenyarra kan gahuudha.
Kanaafuu manni kiristaanaa karaa amantoota isheetiin akkana
jetti:- ‘Waaqayyo yaa Gooftaa keenya maaloo maqaa fi kabaja
kee nurra buleen beeknees ta’ee osoo hin beekin cubbuu
rawwanneef dhiifama nuuf godhi’ jechuun akka kadhatu ni
taasisa. Kana malees cubbuu osoo hin beekin raawwadhuuf
dhiifama akka naaf taasisu gaafachuudha malee cubbuu koo
nan jibba, gaabbis nan gala.
Akkamitti haa eegalu?
~ 22 ~
Fedhii keetin cubbuu akka raawwatu kan si taasisu seexanni
akkana siin jedha ‘Waaqayyo gaaridha. Amma cubbuu
rawwannee booda gaabbii haa gallu’ siin jedha. haa ta’u malee
eeyyama kee malee kan raawwaattu immoo gadda keessatti
kuftee fi sitti dhaga’amee gaabbii yeroo barbaadu akkana siin
jedha ‘Ani nama nuffii yomiyyuu hin dammaqneedha; yeroo hunda
cubbuu ni dagatta. Waaqayyo sitti nuffee jira. Ati susii cubbuu kan
qabdu, saree waan badaadha. Imala jireenya kiristaanaa kan galtuu
miti; yoomiyyuu taanan bilisa hin baatu’ siin jedha”.
Anis:- egaa akkana yoon naan jedhu maal gochuun qaba?
Abbaa keenya:- “akkana jedhiin:-
‘Gooftan cubbamtoota ni jaalata, yaa diina koo; ati hin
gammadin; ani kufus deebi’ee nan ka’a’. “Warreen
dhukkubsatan malee namoonni fayyan qoricha hin
barbaadan waan ta’eef diinni maalis haa jedhu Waaqayyo
si jaalachuu isa qabatamaan of amansiisi”.
Waaqayyo na jaalata, kan ati jettuuf innoo tiikseen
koo dabarsee na hin kennu jedhi jechaa dheekamsa
afuuraatiin itti himi.”
“Waaqayyo guddisee moo xiqqeesseeti kan si jaalatu?”
Akkamitti haa eegalu?
~ 23 ~
Anis:- baay’isee na jaalata.
Abbaa keenya:- “kanaafuu sa’aatii muarasafis ta’u itti hin
dhiphatin. Yaaliiwwan afuuraa raawwachuu addaan hin kutin.
Irra deddeebi’ii yaalii afuura hojjedhu”.
Waaqayyo cubbamtoonni akka ijoollee yaallammuun
isaan barbaachisuutti ilaala malee akka yaakkamtoota
adabbiin barbaachisuutti hin ilaalu.
Ati cubbamaa ta’uu kee beektee, cubbuu raawwatteef
gadditee cubbuu irra hanga fagaatuu fi wanta badiirra hanga
of qusattuutti yoo raawwate kanneen biroo immoo dhimma
Waaqa si jaalatuutidha. Keessi kee hanga nageenyi sitti
dhaga’amutti hanga dhufutti gara Waaqayyootti iyyuu addaan
hin kutin.
Obboolleessi koo tokko abbaa gaabbii isa akkana jedhee
gaafate; ‘Seexanni yaada badaadhan ykn abjuu badaadhan
na waraanee yaada koo xureesse akkan hin kadhanne na
taasisaa?’ Jedhee gaafate. Abbaan kunis akkana jedhaniin:-
‘haati tokko ilmoo ishee lafa irra teesiste; daa’imichis gara
wanta xurawoo adeeme dhoqeedhan taphate. Sanaan booda
deebi’e akka haati isa hammatuuf harka isa bal’isee ija isan ija
haadhaa keessa ilaala. Isheenis osoo hin jibbinii fi hin loliniin
kaastee hammate. Haaluma kana fakkaatun nuti cubbuudhan
Akkamitti haa eegalu?
~ 24 ~
yeroo kufnu haala kanaan Waaqayyo nu kaasa. Nus simatee
nu qulqulleessa. ( Boostan Al Rohiban: fuula 197)
Haalu kana fakkaatuun seenan tokko ni jira; gaaf tokko
namicha ilmoon isaa garaa dhukkubu tokkotu ture. Hanga
fayyutti ilmoo isa hammannaa bobaa isaa jalaa hin fageessu
ture. Ilmoon isaas garaan isaa waan dhukkubuuf yeroo hunda
abbaan isaa akkuma baate jirutti xurawaa isaa ni baafata ture.
Haati isa akka harmee isa hoosistu ni gaafata. Yeroo hunda ni
hammattee teessi, da’imichis xuraawaa ni baafata. Irra
deebi’ee haati harmee akka kennituuf ni gaafatee hodha.
Egaa abbaan kun ilmoo isaa waan si dadhabsisee fi si
nuffisiisef ‘Fuudhitii daandii irratti darbadhu, Bakka isaa
daa’ima biroo naaf fidii kottu’ jechuu ni danda’aa? moo laphee
isaatti hammatee ‘Lapheen koo si wajjin jira ilmoo koo;
maaloo bakka kee maaliif ana hin dhukkubne ” jedhaanii?”
Anis:- innoo akka abbaa obsee jaalalaan kunuunsee
wal’aana.
Abbaa keenya:-“kanaafuu laphee haadhaa fi abbaa keessa
araarri waaqni bulche ilma inni jaalatu irrattis akkanuma
taasisa. Ati cubbuudhan dadhabdee fi kuftee ‘Yaa Waaqa koo
ani yeroo hunda dadhabaa injifatamuudha’ yemmuu jettuun
garuu namni qajeelan yeroo torba kufee yeroo torba ni ka’a.
al miliyoonas kuftu ati ilmoo koodha waan taatef gara kootti
Akkamitti haa eegalu?
~ 25 ~
deebi’i malee wanta kamiyyuu yoo ta’e abdii hin kutin’ siin
jedha”.
“Yaa ilmoo koo Waaqayyo araara hedduu kan qabu waaqa
gaaridha. Egaa namni tokko dadhabbina mataa isaan kana
taasisu yoo danda’e Waaqayyo hanga kam taasisuu fi eeguu
danda’aa? innoo nutti hin oori’u. cubbuu raawwachuu
keenyatti gadda malee. Bakka nuti kufnee jirru sanatti nu
ilaala. Gaabbidhaaf nu waamee nu qulqulleessa. Iddoo
cubbuu keessatti kufnee liqimsamnee jirru keessaa gara
kabajaatti nu baasa.
Kanaafuu yaa ilmoo koo hangam illee yoo dadhabde; kuftees,
cubbuun hojjette kamis haa ta’u, abdii hin kutiin mana Abbaa
kee keessaas hin bahin. Cubbuun hojjettes salphaadha jettee
sababa hin tarreessin, araaraa Waaqayyoo laphee
guutudhaan amantee of cheephesitii gaabbii gali.”
Anis:- cubbamaa ta’ee yoon du’e hoo maaltu na eegataa?
Abbaa keenya:-“ humni pooliisii yeroo muudamaa
jedhamun dhageessee beektaa”
Anis:- Hin beeku.
Abbaa keenya:- “isaan balbala isa seensa guddaa fi buufata
Baaburaa irra warreen dhabbataniidha. Diimadhaan kan
barreeffame humna lolaa poolisii jedhamuun maqaa addaa qabu.”
Akkamitti haa eegalu?
~ 26 ~
Anis:- maalidha inni?
Abbaa keenya:- “yeroo waranni tokko ka’e, humna
waraanaa booddee meeshaa hidhatanii dhaabbatu. Loltuun
waraanaa humna waraanaa fi Meeshaa waraanaa argee gara
booddee deebi’uu yoo yaale itti dhukaasu. Gara mana murtii
loltootatti fudhatu. Warreen Shaakala qataan durattis yeroo
sagal ‘biyya kan gane, gantuu’ jechuudhan itti ni dhukaasu.”
Anis:- maalif?
Abbaa keenya:- “sababni isaas gantummaan loltootaa biyya
irratti yoo mul’ate ykn gara-booddee yoo baqatan humni
waraanaa ni mo’atama. Haa ta’u malee looltuun gara daangaa
lolaa galee yoo midhame ariitidhaan ambulaansiin gara
Hoospitaalaa fudhatee ni wal’aanu. Goota jedhaniis ni waamu.
Yoo du’e immoo wareegamaa jedhanii waamu.
Kanaafuu yeroo hunda loltoonni biyyaa kufanii ni du’u; haa
ta’u malee baqachuuf kan yaale innoo gantuudha. Kan
waraaname immoo wareegamaadha. Amma ati waraana
jireenya afuuraa keessaa eessa akka jirtu of ilaali.”
Anis:- haa ta’u malee Daabiloos osoo addaan hin kutin ati
cubbummaadha naan jedhee natti hima. Kanaaf anis jaalalli
cubbuu kanaa yaada koo keessa waan jiruuf cubbuu fedhii
kootin nan hojjedha.
Akkamitti haa eegalu?
~ 27 ~
Abbaa keenya:-“ Sagalee Daabiloos goonkuma hin
dhaga’in!
Ati cubbuu keessa jiraachu hanga dabartuttii fi hanga
qabsuurtutti, cubbuu hojjettetti hanga of ceephitutti,
cubbuuwwan hojjetteef sababawwan hanga hin
tarreesinetti; Waaqayyos araara fi bilisummaa akka siif
kennu erga gaafatetti; Waaqayyo waan si’ooIiin loltee
injifateef akka goota tokkotti si ilaala. Akkuma jireenya
afuura egalteen cubbuu kan jaalatu ta’uus hanga of
ceepheesitetti fi gaabbii hanga galteetti guyyaa tokko
garuu cubbuu kana akka darbatu of amansisi.
Hundee cubbuu yoo hiikte dubbiin kun sirritti siif gala.
Anis :- Yoomii fi akkamittiidha ani gantuu ta’uu koo kanan
baru?
Abbaa keenya:- “cubbuu simattee isa wajjin jiraachuu yoo
barbaade, cubbuu yaadde sanas yoo raawwatte; gaabbii
galtee cubbuu keessa seente sana keessaa bahuuf fedhii yoo
hin qabaanne, yeroo sanatti gantuu jedhamta. Egaa,
‘Waaqayyo nama kan jaalatu wanta gaarii qofaafidha’ dubbii
jedhu irraa bilisa of baasi".
Akkamitti haa eegalu?
~ 28 ~
Anis: Dubbiin kun dhugaa mitii?
Abbaa keenya:- “dubbiin kun dubbii macaafa qulqulluu
wajjin faalladha. Barumsa gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
kan hin taanedha.”
Anis:- Akkamitti?! Macaafa qulqulluu irra kan jiru anas ta’ee
fakkaattonni koo kan ta’an hiriyoonni koo hunduu ni amanna.
Abbaa keenya:- “kun cal jedhanii haasawuudha. Macaafni
qulqulluun ‘gara qormaataa akka hin galle jabaadhatii
kadhadhaa’; ‘Guyyaa tokko Waaqayyo akka hattuu tasa ni
dhufa’ ‘Diinni keenya akka leencaa baroodaa naannoo keenya
marsa’. Yihudaan badii ofii isaatin du’e. Namoonni heddunis
namoota hedduu kan ajjeesanii fi hattoonni cubbuu isaanitiin
du’an ni jiru. Namoonni akkanaa akka daa’ima cubbuu ykn
balleessaa hin qabnee ta’anii du’uu qabu turan. Kanaafuu
tokkoon isaanii illee wanta tokko illee hojjechuu hin
dandeenye waan ta’eef abidda Si’ool irraa baraaramuu hin
dandeenye.”
Anis:- cubbuu fedhiidhan raawwatamuu fi fedhiin alatti
raawwatamu garaagarummaa isaa baruun barbaada.
Akkamitti haa eegalu?
~ 29 ~
Abbaa keenya:- “cubbuun fedhiidhan raawwatamu:-
cubbuu raawwachuun duratti dadhabinni ni jira. Kunis; kun
salphaadha, kana irratti immoo anoo umriin koo
dargaggeessadha waan baay’een na eeggata, amma umrii
kanatti fayyadamnee haa jiraannu, gaabbii kan gallu erga
dullomnee boodadha, amma cubbuu raawwachuu ni
dandeenya jedhamanii sababoota dhiyataniidha. Cubbuu
erga raawwannee booda immoo sababa ni dhiyeessina. Kunis
ani dadhabadha, namni kamiyyuu kan hojjechuu
danda’uudha, booda gaabbii nan gala.
Cubbuun fedhiin alatti raawwatamu immoo:- cubbuu
raawwachuun duratti wantootni irraa of qusachuu qabnu ni
jira. Kunis hangan danda’e hojjechuu dhiisuf nan tattaafadha,
baqachuudhaf ta’ee ijannoodhan jala dhaabbachuuf nan
yaala. Cubbuu ergan raawwadhe booda immoo gaddaa fi
abdii kutuun jira. Kunis ani amma irraa eegalee abdii hin qabu,
nama baay’ee cubbamaadha. Yoomiyyuu taanan qulqullaa’uu
kan hin dandeenye nama xuraawadha.
Kanaaf immoo furmaanni isaa:- cubbuu fedhiidhan
raawwannu; ‘kun gantummaadha’ kan jedhuuf beekkamtii
kennuu gaafata. Cubbuun hojjenne salphaadha jennee
sababoota yoo kennine laphee keenya keessaa gaddaa fi of
ceephessuun gaabbii galuu gaafata. Gati dhabeessummaa fi
of qulqulleessuu irraa bilisa bahi!
Akkamitti haa eegalu?
~ 30 ~
Cubbuun fedhiin alatti raawwatamu immoo: Waaqayyo
fulduratti amanuudhan hanga kam cubbuu deddebitee
raawwattus daftee deebi’uu fi gaabbii galuu gaafata. Hanga
kamis kuftu abdii kuttee mana abbaa keessa bahuuf yaaduu
irraa bilisa of baasi.”
Anis:- ulaagan sadaffaan maaliidha?
Abbaa keenya:- “ Ulaagan sadaffaan;
Iyyasuus Kiristoos dachee irra osoo qaaman jiruu hojiiwwan
gosa lamatu jira ture.
Warreen maallaqa gibira mootummaa dachee walitti qabanii
fi cubbamtoota wajjin; jaalatee akka isaanitti nageenyi itti
dhaga’amu taasisaa ture. Gidduu isaanii taa’ee gaabbii akka
galan gorsaa ture. Dhiifama akkuma isaaniif taasifamee fi
Waaqayyo fulduratti fudhatama akka argatan isaatti akka
dhaga’amu taasisaa ture.
Seera osoo beekanii, mana qulqullummaa keessa kan hin
dhabamne fi seera kan eegan Faarisoota fi angafa luboota itti
dheekama fi ceepheessa ture. Sababni isaas of qulqulluu
taasisa jiraacha waan turaniif. Akkuma jechichi dubbatu
“Bakkeen isaanii baay’ee kan midhaagan, keessi isaanii garuu
baay’ee kan xurrawaan” (Maat 23:27) akkuma jedhu “Isiin
warreen sassatoota akan taatan barreesitoonni fi Faarisoonni,
qaamni keessan bakkeen midhaagdanii kan mul’ataan garuu lafee
Akkamitti haa eegalu?
~ 31 ~
xurawaa warreen du’aan kan guutamee jiraatu awwlacha kan
fakkataan isiniif wayyoo”
Uulagaaleen sadaffaan “Of qulqulleessuu” fi
“Abdii kutuun” hin ta’u kan jechuudha.
Anis: - Kun immoo maal jechuudha?
Abbaa keenya: - yeroo tokko obboolleewwan laman tokko
Abay gar olii irra barumsa barachuudhaaf gara magaala
Kaayiroo dhufan. Isaan kunis jiraacha kan egalaan sigaaraa
xuuxuu, muka sammuu na adoochu fi cubbuuwwan biroo
wajjin tokko ta’an. Iddoo jireenya isaaniis eenyuu illee akka
hin beekneef jireenya isaanii apaartamawwan adda addaa fi
bilbilaa isaanii jijjira turan. Maatii isaanii wajjinis wal
qunnamuu dhaban. Abbaan isaanii xaalaya gara koolleejji
isaanitti erguu irra kan hafe ijoollee isaanii akkata itti argatu
toofta kamiyyuu ni dhabe. Ilmi inni angafni abbaa isaatiif
deebii jabaa akkana jedhu kenneef “ani ilmoo kee ta’uu koo
dagadhu; ani amma bilisummaadhaan jireenya koo
geggeessan jira. Isiin gidduu yeroon jiraadhu carraa kana hin
arganne. Kanaan booda ergaa kamiyyuu karaa keettinis ta’ee
nama ykn qaama biroottis akka natti ergitu hin barbadu”
Akkamitti haa eegalu?
~ 32 ~
jedhu deebiseef. Abbaan isaas deebii fi taatee ta’e hunda isaa
argee baay’ee gadde.
Ilmi dargageessichi akkana jedhe “ani ilmoo kee ta’uun naaf
hin malu, si’i nama fulduratti si qaanesseen jira. Nama
suussidhaan midhaame ta’een jira; akkamitti deebi’uun
danda’a? namoonni waa’ee koo maal jechuu abbaa koo?
Maaloo dhiifama naaf godhi hangan danda’e ofii koo mukaa
sammuu nama adochuu fi hojiiwwan barsifata badoo irra of
qusachuu yaaleen jira. Garuu keessa bahu hin dandeenye”
Abbaan isaas akkana jedhe “Maaloo ilmoo koo bakka amma
irra jirtu irra deebi’i, laphee koo dhiigaa maddeisise lolasuu fi
imimaan gita hin qabneen erga kana siifan barreessa. Maaloo
torbee lama keessatti akka keessa batan nan barbada. Isiin
dhabuu hin barbadu. Waa’ee namoota waan tokko illee hin
dhiphatiin; caal jedhii bakka amma jirtu keessa bahi. Wanta
kamiyyuu keessa jirtuus ani sin jaaladha, si fudhadhaas”
jedheen. Ilmi isaas akkana jedhee deebiseef “Abbaa koo
yeroo baay’ee yaaleen jira garuu keessa bahu hin dandeenye.
Ani ilma namatti nama badaa itti ta’eera; si arguu nan qana’a,
dhiigaan siif barreessa. Kunoo maallattoo isaa xalayaa kana
irratti dhiiga ni argata. Haa ta’u malee deebi’ee anoo hin
dhufu. Ani amma nama badaa fi qulqulluu hin tanee ta’een
jira” jedheen.
Obboolleewwan lameen kun imala isaanii waaqti gannaa gara Aleeksaandiriyaa hanga taasisaanitti xalayaan laphee nama tuqu
Akkamitti haa eegalu?
~ 33 ~
kun addan hin cinne. Haa ta’u malee haa ta’u malee imala irra osoo jiraanii konkolataan isaanii irra midhaan irra gahee obboolleewwan lameen dabalatee namoonni hedduun isaanii du’an. Jireenyi isaanii balaa akkanattin bade. Inni angafni cubbuu raawate irra deebi’u didee laphee isa gonkuma gaabbiif fi of ceephessuuf of osoo hin qopheesin cubbuu hojjechuutti fuufe. Inni tokko immoo wanta hojjecha ture hundatti ofitti gadee fi abdii kutee ture.
Jireenya afuura jechuun sadarkaa osoo hin ta’iin
daandiidha; taatees osoo hin ta’iin jireenyadha.
Cubbuun gosa lamatu jiru. Isaaniis:- cubbuu fedhiidhaan hojjetamaanii (of gad qabuu kan gaafatu) fi fedhiin laatti
kan hojjetamuudha (abdii gaafata)
Iyyasuus cubbamtoota ni jaalata. Kanaaf abdii hin kutinaa gara keenyaatti
deebi’a; Ayihudoota immoo ni ceepha’a (of hin
qulqulleesinaa) jedhan
Ulaagaalee jireenya afuura ittin guddifatu
Akkamitti haa eegalu?
~ 34 ~
Anis:- Seenaa baay’ee nama gaddisisuudha
Abbaan keenya:- isaan kun ofii isaanittiin beekanii amala
isaanii duratti kan hin deebine, gaabbii kan hin gale, seenaa
namoota deebi’uuf gonkuma hin yaadne fi of qulqulleessan
ture. Yaa ilmoo koo nutti hundumtuu cubbamtootadha.
Kanaaf Waaqayyo nu barbada. Badii keenya hanga kam akka
ta’ee fi gara isaanitti deebi’uu; kanarra darbee jechuunii
qabna. “Si’i duratti cubbuu rawwadheen jiraatii maaloo yaa
Gooftaa koo dhiifama naaf godhi” sanan boodatti nu simata.
Nu qulqulleessas. Cubbuu keenya hundaas ni haqa.
Anis:- dhugaadha. Gooftaan gaarii fi gara lafeessadha.
Abbaa keenya:- nutti uumama keenya dadhaba waan
taneef cubbuu ni hojjenna. Kun immoo Addaam irra eegalee
kan turedha. Hangamiis fiignu, yaaluus, qabsoofne guyya
guyyadhaan kadhannuus, macaafa qulqulluus dubbisnu mana
kiristaanaas yeroo hunda deemnus kun hundu dhunfaa isaatti
bu’aa hin qabu.
Anis (Dubbii isaanii addan kutee):- egaa yaaliiwwan
jireenyi afuura kun bu’aa tokko illee hin qabanii abbaa?
Abbaa keenya: ilmoo koo na xumursisi; dhugumma jireenyi
afuura qabeenya waan hundaattidha. Haa ta’u malee kanneen
kun hunduu sirna qulqulleessu, ayyanoonni, sagantaan yaa’ii
afuura hundi isaanii, kadhannaan waldoollee fi tajaajilli isaanii
Akkamitti haa eegalu?
~ 35 ~
halkaanii fi guyyaa taatafataan hundi isaanii fedhii afuura fi
jaalalli isaan keessa yoo hin jiraanne fedhii quuqamaa waan
tokko qofaf irratti bu’uufamee yoo rawwatame bu’aa tokko
illee hin qabu. Hojiin kun hojii warreen kiristaanoonni hin
rawwannee hojjetan wajjin tokkodha.
“Sugni Waaqayyoo yeroo kamiyyuu bu’aa keenyafiidha.
Suugni nurraa yeroo fagaatu ilmi namaa bu’aa dhabeessa
ta’a” (Abbaan keenya Daani’el)
“Divine Love” fuula 313
Anis:- jireenyi afuuraa kanneen fi hojiiwwan gaarummaan
biroo akkamitti fayidaa argachuu danda’aa akka macaafa
qulqulluutti?
Abbaa keenya: “fedhiin keessa keenyaa yoo jaalala
ta’eedha! Kanaaf qulqulluun Phaawuloos akkana jedheera;
‘Jaalalli Waaqayyoo laphee keenya keessa waan jiruuf’ (Room
5:5) jaalalli Waaqayyoo laphee keenya keessa yeroo galu
yaada xuraawaa laphee keenya keessa jiruu fi cubbuu hanga
Akkamitti haa eegalu?
~ 36 ~
dhumaatti kan balleessu kan hin jiraanne ni taasisa. Haa ta’u
malee kun hunduu suuta suutadha. Waaqayyo yoo jaalate
yeroo hundumaa kadhannaadhan isa wajjin dubbachuu nan
barbaada. Hojii badaawwan too’achuudhaf nan sooma.
Kanaan booda immoo foon koo qofa osoo hin ta’in qaamni
koo hundi kan Waaqayyoo ta’u. kanaafidha jechoota kurnan
keessaa tokko Waaqa kee ‘Laphee gonkaan, yaada kee
gonkaan fi laphee kee guutudhaan jaaladhu’ kan jedhu.”
Anis:- Kun akkamitti ta’a?
Abbaa keenya:- Xaarmusii duwwaa tokko fudhee” kun
maaliidha?”
Anis: Xaarmusii duwwaa
Abbaa keenya:-“ miti guutuudha”.
Anis:- qilleensi kan guutedha. Eyyeen sirriidha.
Abbaa keenya:-“ Qilleensa xaarmusii kana keessaa
balleessuu dandeessaa?”
Anis:- isa anoo hin danda’u.
Abbaa keenya:- “Xaarmusii kana keessatti osoo bishaan
kustee qilleensi xaarmusii kana keessatti hafuu danda’aa?”
Anis: innoo hin hafu. Qilleensichi gara bakkeetti baha.
Akkamitti haa eegalu?
~ 37 ~
Abbaa keenya:-“ kunoo kunis akkuma kana ilmoo koo.
Akkuma jalaalli Waaqayyoo laphee keenya keessa guuten
fedhiiwwan badoo ta’an hundaa fi fedhiiwwan hundi bahanii
ni adeemu.”
Anis:- egaa jaalala Waaqayyoo akkamittin argachuu
danda’aa? Waaqayyoon caalmatti jaalachuudhaf, yaa’iwwan
afuuraa, wal gahiiwwanii fi imalawwan adda addaa irratti
waa’ee jaalala Waaqayyoo dhaga’een jira. Ta’us kamtu akka
dursu beekun qaba. Kanaas yoon eege firii murasa isaa
argachuun danda’a. cal yoon jedhe garuu rakkoowwanii fi
qormaatawwan dhufan hunda simachuun qaba.
Abbaa keenya:- “namni kamiyyuu hojjechuu kan hin
dandeenye wantoota xixxiqqoo sadii dubbachuun barbaada.
Hojiidhan yoo raawwate, bu’aawwan arguu ni dandeessa, yoo
hin raawwanne immoo kan dhabdu si’iidha. Jaalala
Waaqayyoo wantoota salphoo ta’an sadan kanaan argachuu
dandeessa. Isaaniis:-
Akkamitti haa eegalu?
~ 38 ~
“Waaqayyo wajjin wanta ykn dhimma gamtaa
ta’een osoo hin ta’in tokkoon tokkoon isaa adda
baasii wajjin dubbadhu.”
Anis: - tokko tokkoon maal jechuudha?
Abbaa keenya: -“ Waaqayyoo waan tokko illee osoo hin
dhoksiin, jireenya kee guutuu Waaqayyotti himi. Wantoonni
ykn cubbuun kun salphoodha kan jettee yaadu dabalatee
hunduma isaa itti himi. Fakkeenyaf osoo dubbisaa jirtuu
Iskiriibtoon yoo si jalaa bade Waaqayyoodhan ‘eessa jirta,’
Iskiriibtoo nan barbaada’ jedhii gaafadhu. Barumsa irrattis
rakkoon yoo si qunname akkana jedhii gaafadhu ‘Yaa
Waaqayyo barumsi akka naaf galu sammuu koo naaf bani’
jedhiin. Konkolaatan ykn Baaburri yoo deemsaf ture akkana
jedhii gaafadhu ‘Yaa Goofta gara mana barumsaa ariifadheen
deemuu barbaada’ jedhiin. Uffatas yeroo uffatu ‘Yaa Goofta
uffata kam uffadhu’ jedhii uffadhu. Akkuma daa’imni tokko
abbaa isaa wajjin ta’u atis abbaa kee samii wajjin ta’uu qabda.
Akkamitti haa eegalu?
~ 39 ~
Akkuma qotee bulaas jechuudha. Qotee bulaanis qonna irra
osoo jiruu akkana jedhee kadhachuu qaba. ‘Yaa Goofta
biqiltootaa fi sanyii kana, ijoollee koos naaf eebbisi’ akkuma
jedhu. Tokkoon tokkoon keenya akka hojii dhuunfaa
keenyattii fi jireenya keenya geggeesinutti jechoota wal
fakkaataa jechuu qabna.
Waaqayyotti wantoota jireenya kee keessa jiran hunda
itti himi.”
Anis: - egaa kanneenis akka kadhannaatti kaawwamuu?
Wantoota xixxiqqoowwan akkanaas salphisee Waaqayyotti
himuu?
Abbaa keenya:- “Eyyeen ilmoo koo. Kun kadhannaa
Gooftan simatuudha. Sababni isaas kadhannaan Waaqayyo
wajjin kan wal nama qunnamsiisudha. Waaqayyo nama kan
jaalatu abbaa gaariidha. Waaqayyo yoo rakkattu, yeroo
dhiphattuu fi wanta hamoo keessa osoo jirtuu ni waamtaa?”
Anis: - Eeyyeen; dadhabinni yeroo natti dhaga’amu maqaa
isaa nan waama.
Akkamitti haa eegalu?
~ 40 ~
Abbaa keenya:- “ yoo rakkattu, yoo dhiphattuu, fi haala
badaa irra osoo jirtuu Waaqayyo waamtee mootummaa isaa
dhaaluu dandeessaa? Waaqayyoon wantoota salphoo yeroo
itti himtu dadhabbina kee itti himtee gad of qabummaadhan
yoo wanta hunda itti himteedha. Macaafnis akkana jedha
‘Yeroon dadhabu sanatti humna guddaan qaba’ (2ffaa Qor
12:3) Akkasumas “Dandeettin keenyas Waaqayyoodhan
malee hojii harka keenyan akka hin tanee; wanta tokko illee
yaadnus ofii keenyafillee akka hin tanee ta’uu kee bar’ ( 2ffaa
Qor 3:5). Yeroo rakkoo fi qormataan alatti yeroo kamiyyuu
Waaqayyo yoo waamnu irra caalaa fira keenya ni ta’a.”
Anis:- Waaqayyo fira koo ta’uu danda’aa?
Abbaa keenya:- “Eyyeen. Kana innoo ni barbaada. Akkuma
raajicha Isaayyaas irratti barreeffame ‘Sanyii fira koo
Abrehaam’ (Raaj. Isaa 41:8). Caqasa kana irrattis akkana
jedha ‘Fira koo dhiira caalaa natti dhihaate’ siin jedha.
Iyyasuus Kiristoosis duuka bu’oota isaatin akkana jedheera
‘Kanaan boodatti Isin firoota koodha malee tajaajiltoota koo
miti’ keessumattuu akkana jedheen ‘Firoota koo hin
sodaatinaa’ yeroo sanatti Waaqayyoon yeroo waamnu fira
isaa nu taasisa. Akkuma caqasa irraa ilaaletti ‘Gamtaadhan
yoo argamne hammeenyi ni bada’ mana barumsaa sadarkaa
tokkoffaa ykn ol aanoo keessaa hiriyoota waliin qabdu turte.
Haa ta’u malee eessa akka jiran osoo hin beeku ykn osoo
argees irraanfatee jirta ta’a. haa ta’u malee nama tokko wajjin
Akkamitti haa eegalu?
~ 41 ~
yeroo yerootti yoo wal agarru jaalalli ni dabalaa adeema.
Jaalallis ni guddata.
Nama tokko beeka jetta. Garuu walitti dhufeenya guddaa
qabna jettee yoo yaaddu hin jiru. Kanaafuu nama kana hin
beektu jechuudha. Waaqa kee wajjinis walitti dhufeenya
guddaa osoo hin qabatin, itti dhihaattee osoo itti hin dubbatin,
isaa wajjinisosoo hin mari’atin akkamitti beeka jetta?
Waaqayyo osoo hin beekin cubbuu irraa ni faagattaa? Cubbuu
hojjetu illee (amalli dadhabinaa uumamma waan ta’eef)
daftee deebitee araara ni gaafatta. Innis dhiifama siif kenna.”
Anis:- kun akkamitti naaf ta’a?
Abbaa keenya:- “Waaqayyo si wajjin daandii kee, kaayyo
kee, yeroo raftuu fi kaatu si wajjin ta’ee, isas yakki, har’a
dhiifama siif kennee yoo balleesites kan abdii sirraa hin kunne.
Si’is yaada badaa fi cubbuun si hin qoru. Cubbuudhan kuftus
ganaa irra deebitee ni kaata. Firummaan keessan jabaachaa
adeema waan ta’eef, akka dhiifama siif godhuuf amantaa
guddaa qabaadhu.
Mana keessa wanta tokko yoo balleessite abbaan kee ‘mana
koo keessaa bahi ati ilmoo koo miti siin jedhaa?”
Anis:- Gonkuma! Badiin kiyya hanga kam akka ta’e natti
hima. Natti dheekama malee gonkumaa mana keessaa baase
na hin baqachiisu.
Akkamitti haa eegalu?
~ 42 ~
Abbaa keenya:- “egaa kan si uume, kan si jaalatee fi lubbuu
isaa dabarsee kan siif kenne Waaqayyoon akkamitti akkana
gochuu danda’a?!”
Anis:- dhugaadha abbaa koo. Innoo anaaf jedhee yeroo
baay’ee waraannameera. Egaa furmaanni isaa maalidha?
Abbaa keenya:- “Yeroon dhumaa jechuun waan tokko illee
kan hin hojjenne jechuudha. Jechuunis gara mana barumsaa
yookiin gara hojii osoo deemaa jirtuu maal taasista? Yeroo
kee qisaasuu irra kan hafe; argannoo saayinsii haarawa
argamsiista moo daandii irratti wantoota badoo mul’atan
argitee jireenya keetti gufuu taasisfta moo daandin cufamuu
isaa ilaaltee ofii kee dhiphista ? Ilmoo koo! Kadhadhu! Waaqa
kee waa’ee rakkoo keetii, dhiphuu keetii fi jireenya keetii
wanta rakkattu hundaaf Waaqayyo akka siif furmaata kennuuf
kadhadhu. Waa’ee maatii keetifis, hiriyoota keetifis, fi mana
kiristaanaa akkasumas wanta inni siif kennee qabduuf immoo
galateeffadhu. Cal jettee hawwuu fi yaadudhaan yeroo kee
hin gubin. Yeroo hundumaa adeemsa gaarii ta’een gara
Waaqayyootti dhihaachuu fi isa fira taasifachuuf adeemi.
Aabbaa Qeerloos 5ffaan akka jedhanitti
Akkamitti haa eegalu?
~ 43 ~
‘Kadhannaan harka addunyaa kanaa ni sochoosna’
Dhugaa dubbachuudhaf; humna kadhannaa yoo hubanne wanta
xiqqoo ta’eef addaan kutuu hin barbaadnu.
Yeroo fi bakka kamiyyuuttillee Waaqayyo wajjin kan haasofnu
kadhannadhani.”
Anis: - egaa wanta nuti barbaadnu osoo inni beekuu ani itti
himuun barbaachisaadhaa?
Abbaa keenya:- “dhugaadha. Innoo hundumti keenya maal
akka rawwannu ni beeka. Haa ta’u malee akka gaafannu
barbaada. Akkanaas jedheera ‘balbala irra dhaabbadheen
rurukkutaan jira. Eenyu illee sagalee koo yoo dhaga’ee balbala
naaf bane gara isaa nan gala’ jedhee akkas jedhe ‘barbaadaa
isiniif kennamaa, rurukkutaa isiniif banamaa’ jedheera’oo.
Kanaafuu jireenya keenyaf kan barbaachisu wantoota
tokkoon tokkoon ishee Waaqayyotti himuu fi gaafachuu
qabna.
Akkamitti haa eegalu?
~ 44 ~
Qulqulluun Inxoons lafa onaa keessa jiraachaa osoo jiruu
Daabiloos isa qoraa ture. Al tokko akka bineensa nama
sodaachisuu ta’ee, fannoos hojjettee of irra baqachiisa. Akka
artistii muuziqaa fi shubbistuu fakkaates itti dhufa; fannoon
mallatteessee of irra godaansisa. Warqii fi maallaqa hojjetee
fuldura isaatti fidee gad dhangalaasa. Fannoon mallatteessee
akka awwaaraa barbadeessa. Guyyaa tokko garuu akka
daa’ima xiqqoo fakkaatee keessummaa itti ta’uudhaf gara
holqa aabbaan Inxoons keessa jiraatu keessa galan. Yeroo
rukkutan ni injifatama jedhanii yaadanii turan. Haa ta’u malee
hin dandeenye. Gara bakkeetti baasaanii darbatan; baay’es
erga rukkutanii booda gara hallayyaatti dabarsinee haa
darbanu jedhanii waliin maari’atan.
Qulqulluun Inxoonsiis gara Waaqayyootti iyyan; ‘Maaloo
Gooftaa koo na gargaari’ jechaa. Yeroo sanatti akka
awwaaraatti faaca’anii badan. Qulqulluun Inxoosis boo’an.
Gooftanis akkana jedhee gaafate ‘Inxoons maaliif boossa?’
Qulqulluu Inxoosis wanta tokko illee kan itti hin yaadnen
akkana jedhee osoo bo’uu deebiseef ‘Gooftaa koo akkamitti
akka na rukkutan osoo argituu akkamitti maalif boossa naan
Akkamitti haa eegalu?
~ 45 ~
jetta?’ Jedheen. Waaqayyos deebiseef ‘Inxoons ofitti amante,
haa ta’u malee yeroo na waamtetti gara kee dhufeera’
jedheen.”
Anis:- egaa seexanni yeroo kamiyyuu na qoru, rakkoo
kamiyyuu keessa yeroon jiru, wanta baay’ee salphaa ta’ee
osoo jiru Waaqayyon waamuu qaba jechuudhaa?
Abbaa keenya:- “Sirriidha! Haalota kam keessa jiraattus ofii
kee akka daa’ima xiqqoo taasisii lakka’iitii gargaarsa
Waaqayyoo gaafadhu.
Waaqa kee samii jiru wanta hunduma isa maarisisi; atis isaatti
ni gammada.
‘Gammachuu jechuun si wajjin dubbachuudhan
wanta addunyaa kanaa goonkuma kan
dagateedha; sababni isaas fedhiin isaa hunduu
si’iin ni guutama waan ta’eef. Ati nyaata isaa fi
dhugaatii isaa guyyaa fi halkaniidha.’ ( Qulqulluu
Yohaannis Sabaa)
Akkamitti haa eegalu?
~ 46 ~
Anis:- Waaqayyo waamee gara koo yoo hin dhufne, sagalee
koos yoo hin dhageenye, ykn immoo yoo naaf hin deebisne
maal godhu?
Abbaa keenya:- “Jaalala Waaqayyoo ilaalchisee wanta
lammaffaa taasistu ni jira.”
Anis: wanti lamaffaan maalidha?
Abbaa keenya:- “inni jalqabaa dhimma gamtaadhan bakka
tokko osoo hin taa’in tokkoon tokkoon isaatidha. Inni lamaffaa
immoo
“Waaqayyo wajjin laphee qulqulluu ta’een
dubbachuu.”
Anis:- laphee qulqulluu jechuun maal jechuudha?
Abbaa keenya:- “kana jechuun wanta keessa kee jiru hunda
Waaqayyotti himuu jechuudha. Ani kan siif hin taane sirraa
deebisuun danda’a. atis akkasuma anaaf deebisuu dandeessa.
Namni tokko ofii isaattii fakkeessuu fi of gowwoomsuu
keessumattuu ofiisaa of amansiisuu danda’a. haa ta’u malee
Waaqayyoodhaf fakkeessuus ta’ee sobuun hin danda’amu.”
Anis:- maal jechuudha?
Abbaa keenya:- “Waaqayyo wanta tokko akka siif godhu
gaafachuu dandeessa. Haa ta’u malee inni kan si jalaa ture
ykn immoo deebii hin kennine, Mana kiristaanaa keessa osoo
jirtuu wanta hunduma isaaf ni galateeffatta. Mana kiristaanaa
Akkamitti haa eegalu?
~ 47 ~
keessaa yeroo baatu garuu ofii kee yookin namoota gidduu
‘Waaqayyo garuu gara kami kan jiru; maaliif caalise, maaliif
gaaffii koo deebisuudhaf ture?’ jetta. Waaqayyo kadhannaa
fakkeessitootaa fi of qulqulleessitootaatti ni gadda.”
Anis:- Waaqayyo naaf hin deebisne yoo ta’e ykn immoo
deebiin isaa kan turu yoo ta’e maal gochuun qaba?
Abbaa keenya:- “Waaqayyotti amani. Wanti si keessa jiru
hundi isaas haarawa miti. Hunduma isaa ni beeka. Sis hin
rifachiisu. Wanta haaraas kan itti himtu osoo hin ta’in isaaf
amanamaa kan taatedha. Akkanas jedhii kadhadhu:-
‘Yaa Gooftaa akka eyyemni kee na gargaaruu fi akka
kadhannaa koo simattu na taasisi. Dhiphina keessatti na hin
dhiisin’ cubbuu keessa taatee (Susiidhan, hawwiidhaan fi .k.k
fakkaatan) jedhiin. Kun yoo sitti ulfaate immoo akkana jedhiin
:- ‘Yaa Gooftaa araada cubbuu kana keessaa bahuuf yeroo baay’ee
yaalen ture, garuu hin dandeenye. Anoo ilmoo kee waanan ta’eef
akka ilmoo garbichaa ta’ee hin jiraanne na hin dhiisin. Wanti siif
hin danda’amne tokko illee hin jiru. Si’iin alattis kan na gargaaru
tokko illee hin jiru waan ta’eef jaalala cubbuu kanas laphee koo
keessaa baasi’.
Wanta laphee kee keessa jiru hundaa Waaqayyotti himi. Haa
ta’u malee ulaagaalee armaan gadii kana hordofi”.
Akkamitti haa eegalu?
~ 48 ~
Anis: ulaagaalee kam?
Abbaa keenya:- “Waaqayyo akka abbaa fi ilmootti
gaafadhu. Haa ta’u malee akka hojjetaa hoogganaa isaa irratti
gumgumu hin ta’in.
Yeroo hojjetaan hojii hojjetutti hoogganaan ‘Goofta koo kan
biroo maal ajajamu; kunoo wantan gaafatame, naga’aan
bulaa Goofta koo’ waan baay’ee jedha. Gooftaa irratti ni
gunguma. Haa ta’u malee ilmi tokko abbaa isaatin jechuu kan
qabu ‘Yaa abbaa koo meeshaa akka naaf bittu wadaa naaf
galtee turte. Ni irranfate moo? Wadaa kee eeguu qabda’
jedheetidha. Namoota biroo fuldurattis ilmi kun abbaa isaatif
kabaja qaba; keessa isaas jaalala dhugaa fi kabaja guddaatu
jira.”
Anis:- dhiifama naaf godhaa abbaa koo kana yeroo
jalqabaafidha kanan dhaga’e. Macaafni qulqulluu waa’ee kana
kan jedhu jiraa?
Abbaa keenya:-“ Eeyyeen ilmoo koo. Qulqulluun Daawit
‘Maaloo Goofta koo hanga yoomitti na dagataa? Fuula kees
na duraa dhooksita?’ Jedheera. Yeroo sanatti qulqulluun
Daawit kan kadhate akkaataa nuti fedhii barbadnu kanaaf miti
inni kan kadhate. Gara Waaqayyootti yeroo iyyuu fi bo’u
Waaqayyo atattamaan isaaf deebisaa ture.
Akkamitti haa eegalu?
~ 49 ~
Raajjicha Ermiyaas boqonnaa afur irratti dubbii hin baratamne
tokkotu jira. ‘Yaa Goofta koo! Dhugumatti ummata kana
sirriitti gowwoomsite’.
Anis: Waaqayyo maal jedheeraa?
Abbaa keenya:- “rakkoon kee maalidha Ermiyaas; biyyoo fi
dhoqqeerraa akkan si hojjedhe irraanfattee jirtaa? Bakka
dhaabbatu yaadadhu yoo hin taane bakka biyyoo sanaattis sin
deebisa.”
Anis: dhuguma Waaqayyo akkana jedhee?
Abbaa keenya:-“ innoo akkana hin jenne. Boqonnaa shan
irratti akkana jedhee deebiseef ‘ani hin gowwoomsine cubbuu
kee gara kootti fidde malee. Akka hojjetu kanan sitti hime hin
hojjenne. Seera koos hin eegne. Badiis gara kootti fide’.
Iyyoobis Gooftadhaan akkana jedhe ‘nageenya akka
argattuuf narraa fagaadhu’ qormaata naaf salphisi jechuu
barbaadetiidha. Akkanas jedhe ‘morma koo qabatee na
fudhate …. Kaayyoo isaatiifis na dhiise’
Anis:- sanaan booda Waaqayyo maal godha?
Abbaa keenya:-“ haa ta’u malee deebisuu dhiisee hin aarre.
Akkanas jedhe ‘Wanta hundumaa kan uume waa’ee keetidha’
Iyyoobis akkana jedhe ‘Hanga yoonaa gurra kootin kan
dhageesse turte. Amma immoo ija koon si argeera ….. ana
nama gati dhabeessaa fi xuraawaa kana dhiifama naaf godhi’
Qulqulluun Daawitis akkana jedhe:-
Akkamitti haa eegalu?
~ 50 ~
‘Maaloo sin waammadhaa, callistus gara bollatti warreen
bu’an sana sitti hin fakkaatin; maaloo Waaqayyo ati waaqa
koodha na jalaa hin caallisin’ (Faar Daaw 28:1)
‘Ummata kee gatii malee kenni, yoo baaste bu’aan tokko illee
hin jiru’ (Faar 44:12)
‘maaloo maalif fagaattee dhaabbatte; yeroo rakkootis maalif
na jalaa dhokattee?’ (Faar 10:1)
Raajjicha Imbaaqoom irrattis akkana jedhe:-
‘Maaloo daandii keerraa maalif fagaatta; lapheen keenyas
maalif fuldura kee irraa fagaate?’
Egaa dubbiiwwan kana hunda gaafa argitu Waaqayyo raajota
kanatti aaree jiraa? Nutis jireenya afuura keenyatti isaan
caalaa fooyyofnee argamnee jiraa?
Wanta sitti dhaga’amu itti ibsi ilmoo koo! Galateffachuu yoo
barbaadde galateeffadhu, ceepha’uus yoo barbaadde
ceepha’i.”
Waaqayyo waaqa bilisaati. Wanta laphee kee keessa jiru fi
yaaddu hundasaa osoo hin filatinii fi hin hamabisin Waaqa
keetti ibsi. Ati qofti kana hin dagatin.
Waaqayyoon akka abbaa fi ilmaatti waan hunda gaafadhu.
Haa ta’u malee akka hojjetaa hoganaa isaa irratti gungumu
hin ta’iin.
Akkamitti haa eegalu?
~ 51 ~
Dabalataanis Waaqayyoo keetti ifa taasistee yeroo itti himtu
jecha tokko illee osoo itti hin dabalinii fi hin filatin dhibee kee
ibsif.”
Anis:- maal jechuudha abbaa koo?
Abbaa keenya:- “Waaqa kee dhukkuba guddaanii fi yaada
yoo haasofsiitu akkuma abbaa keetti dubbatu taasisteeti
jechuudha.
Akkuma nama ergame tokkoo sin galateefadha; sin jaaladha,
hin jedhiniin. abbaa kee dura dhaabbattee akkana akka
jettuun yaadadhu ‘Abbaa koo akkam bulte?, Akkaam oltee?,
Abbaa koo jalaatamoo fi kabajamoo ; torbee kanaaf kan
nagahu qarshii digdama nan barbaada, Sin gaalateefadhas,
Ana ilmoo kee’ jedhiin. Abbaan kee maal siif gochuu danda’a?”
Anis:- gaaffii bifa arii fi kallattidhaan wantan barbadu sana
gaafachuu danda’a?
Abbaa keenya:- “nuti yeroo kadhannaa keenya yeroo hunda
kan taasisnuudha. Jechoota dubbannu hundaaf xiyyeeffannoo
itti kennina. Ni dhiphannas. Haa ta’u malee keessa keenyatti
yaadni nutti hin dhaga’amu ykn itti yaadnee hin bilcheessinu;
yaadoleen keenya fi lapheen keenya bakka birootidha.
Hundumtuu warreen kadhatani jechuu ni dandeenya.
Warreen dubbatan malee Waaqayyo duratti fudhatama kan
hin arganneedha. Kanaaf firii qabeessa hin taane.
Akkamitti haa eegalu?
~ 52 ~
Fakkeenyaf barataan tokko qormaata isaaf kenname qoramee
qabxii ol aanaa fidee daree sana keessaa tokkoffaa yoo bahe
ykn qote bulaan tokko qotee qonni isaa sun bubbee
guddaadhan caaleffamee qonnaan bulaa biroon isa caalaa
omisha yoo walitti qabe; borumtii sana Waaqayyon
galateffadha jedhee ni baha. Booda immoo deebi’ee
faarfannaa Daawit banee akkana jedhee ‘Maaloo yaa
Waaqayyoo maalidhaaf na salphiste. Hanga yoomittis na jalaa
dhokatta?’ jedhee yoo kadhate Waaqayyo maal jechuunii
danda’a?”
Anis:- dhugaa dubbachuudhaf maal akka jedhu hin beeku.
Haa ta’u malee Waaqayyo akkana jechuu ni danda’a ‘yeroo
rakkoo keetii fuldura kee kanan dhaabbadhuu fi si gargaaru
ana ta’ee osoo jiru akkana jechuu qabdaa?’ garuu abbaan koo
kan jiru faarsaa Daawit irratti kan barreeffame mitii?
Abbaa keenya:-“ Sirriidha. Kan kadhannu kan faarsaa
Daawit irratti barreeffameedha. Haa ta’u malee kan
barreeffame ni dubbisna moo ni kadhanna? Ilmoo koo
kadhadhu yookiin macaafa qulqulluu keessatti kan
barreeffame dhugaa ta’uu isaa fudhadhu. ‘Uummanni kun
hidhii isaatin na kabaja; lapheen isaa garuu narraa baay’e kan
fagaatedha’ (Maat 21:8)
Akkamitti haa eegalu?
~ 53 ~
Lapheedhan Waaqayyo wajjin dubbadhu. Keessumattuu
yaada kee jechoota mataa keetin ibsadhu. Wanta ati kadhattu
kan siif illee hiikoo qabuu fi dhaga’amu ta’uu qaba. Maal
jechuu akka barbaadde ifa taasisii ibsi. Cal jettee jechoota hin
dabartin. Kan dubbannu macaafa irratti kan barreefame qofaa
miti. Sababni isaas akkana yoo ta’e kadhannaan kee dubbisuu
fi dubbisuu qofa ta’a. kun kadhannaa hin jedhamu. Hojii
walitti fufinsaa fi dirqamaa sitti ta’uu danda’a. kanaafuu
Waaqayyo goonkuma waan dhaggeeffatuuf kan jedhu hin
jiru. Sittis ni gadda. Sababni isaas akka abbaan kee si
dhaggeeffachuuf fuldura kee dhaabbachaa jiru dagattee jirta.
Aabbaa Abdilmaasih Al Maanahir faarsadhaan yeroo
galateeffatan ‘Maaloo yaa Gooftaa koo; hanga yoomitti na
dagatta?’ jedhan, macaafni akkana jedha ‘maalif hanga kana
sirraa faagaadhe; ana moo sidha kan irranfachuu danda’u,
anattu sirra fagaate. Haa ta’u malee ati yeroo hundumaa na
yaadatta. Maaloo! Ani akkan si dagadhu na hin taasisin’ jedha.
Waaqayyo wajjin yeroo dubbatu haala kee kan ibsu laphee
qulqulluu haa ta’u.”
Anis:- yeroon kadhadhu jechoota qulqulluu dubbachuu hin
danda’u. sababni isaas dubbicha ykn barumsicha ykn jechoota
hin taanen dubbadha jedhee waanin sodaadhuf. Gara
Waaqayyootti dhihaachuf guutuu miti jedhee waanan yaaduf
kadhannaan koo Waaqayyo aarsuu fi natti dheekkamsiisuu
Akkamitti haa eegalu?
~ 54 ~
danda’an jedha. kanaafis kan na eebbisu caalaa na adabuu
danda’a jedheen yaada.
Abbaa keenya (kolfaa):- “laphee kee keessa kan jiru ifatti
itti himi. Gooftan kan itti himtu osoo hin ta’in laphee kee
keessa kan jiru ni beeka waan ta’eef. Goonkumaa si hin
adabu.
Ati ilmoo isaa hanga taatee jirtutti jechoota kee
hanga yeroo jalqabaatti sirrii ta’uu batus akka
abbaatti ilaalii itti himi.
Nama maqaan isaa Raawuuf jedhamu tokkotu jira ture. Ilma
xiqqoo dubbachuu eegale tokko qaba ture. Ilmi isaa kun akka
afaan isaa hiikkamee dubbatuuf ‘Baa Baa’ jedhi yeroo
jedhaniin ‘Baa …. Baa’ jedha. ‘immaammaa’ jedhi yoo jedheen
‘i ….ma ….ma’ jedha. daa’ima kanaan yeroo tokko ‘Raawuuf’
jedhi jennaan ‘Hiruuf’ (Hoolaa) jedhee waame. Abbaanis ilma
isaatti aarudhaan ‘Amma daa’ima taatee hoolaa jettee kan na
waamte; booda gaafa guddate maal jettee na waamufi?
Jedhee rifachiisuu ykn itti dheekkamuu danda’aa?”
Anis:- Akkas gochuu hin danda’u. namni kamiyyuu ilmoo isaa
jechoota dubbachuu egaluu isaa gammaduu fi kolfuu danda’a.
Akkamitti haa eegalu?
~ 55 ~
Abbaan keenyaa:- “yaa ilmoo koo ati Waaqayyo duratti
dhihaattee yaada keessa kee jiru yeroo ibsituu fi dubbattu si
eebbisa. Kanaafuu Waaqa keetti dubbachuu egali turtii keessa
barattee sirreessu dandeessatii.”
Anis;- jaalala Waqayyoo argachuuf wantoota guuttamuu
qaban inni sadaffaan maalidha?
Abbaa keenya:- “inni sadaffaan maal akka ta’e sitti
himuudhaan duratti Waaqayyo wajjin laphee guutudhaan
yeroo dubbattutti wanta xiqqoo tokko qofaaf xiyyeefannaa
kennuu qabda.”
Anis: innis maaliidha?
Abbaa keenya:-“ Gara Waaqa keetti bo’i. kunis yaada kee
Waaqayyootti ibsu, gara isaatti dhihaachuuf fedhii qabdu
agarsiisudha.”
Anis:-kana jechuun sagalee guddaadhan kadhachuu
jechuudhaa?
Abbaa keenya (fuula isaanii ibsanii):-“ akkas miti ilmoo koo.
Sagalee guddaadhan iyyuu miti. Lapheedhan iyyuudha malee.
Ati daandii irratti ykn immoo mana kiristaanaa keessatti
namoota wajjin jiraachuu dandeessa. Garuu laphee keetiin
iyyi. Yeroo sanatti eenyu illee warreen si bira jiran si’i hin
dhaga’an.”
Akkamitti haa eegalu?
~ 56 ~
Anis:- Namni maaliif bo’aa?
Abbaa keenya:- “Boo’ichi Wantoota lama agarsisa.
Inni jalqabaa: gad of qabummaa fi barbachuu agarsiisa.
Barumsa kee qo’achaa osoo jirtu obboolleessi kee xiqqoon
dhukkubsatee boo’u yemmuu dhageessu suuta jettee akka
inni hin midhamne yaadannoo kee qabatee gara isaa
adeemta. Yoo inni sirriitti sagalee ol fuudhee iyye immoo
hunduma isaa dhiistee gara isaatti fiigda.
Lammaffaa: ofitti amanu agarsiisa. Gara nama tokkootti
osoo bo’aa jirtuu deebii yoo siif kennaatti beekta ta’e addaan
kutta. Yoo siif hin kennuutti beekta ta’e garuu bo’icha kee
addaan hin kuttu.
Waqtii tokko obbollessi koo Gibxii gar-olii irraa gara
Iskindiriyaa imale. Gara qarqara gaalaanaa adeeme. Haalli
qilleensaa baay’ee kan hoo’uu fi galaanni immoo kan miidhagu
ture. Obbolleessi koos gara gaalana kanaa seenee daakuu
barbaade. Namoonni naannoo sana jiran haalli qilleensaa
baay’ee guddaa waan tureef of eeggannoo akka godhuu fi
iddoo fageenya gahee akka hin daakne gorsan. Inni garuu
akkana jedheen ‘Ani daa’ima xiqqoodhaa?’ isaanis deebisanii
‘dhimmichi nama xiqqaa ykn guddaa ta’uu miti; mee of
eeggannoo taasisi’ jedhaniin. Innis gorsa namootaa
xiyyeefannaa osoo itti hin kennin bubbeen guddichi dhufee
bishaanicha gar malee sochoosee bakka baay’ee gad fagoo
sana seene. Daqiiqaa xiqqoo boodas dadhabee bishaan
Akkamitti haa eegalu?
~ 57 ~
dhuguu waan eegaleef akka liqimsamee du’u bare. Sanaan
booda qaanin itti dhaga’amee sagalee furdaa ta’eenii fi sodaa
qabuun ‘na gargaaraa, na gargaaraa; harka koo na qabaa’
jedhe. Baay’isees iyyuu hin barbaanne akka tasaa namoonni
dhaqqabanii ta’aa laata?”
Anis (fuula koo kolfa of keessa qabun ibse):- inni kun
hin ta’u. eenyuu illee dhaqqabuu hin danda’u. isaan keessaa
illee kan dhaga’u yoo jiraate taphaaf waan jedheen itti
fakkaata.
Abbaa keenya:-“ abbaa kee samii irra jiraatuufis laphee
qulqulluu guutuu ta’een ibsi. Boo’i, iyyi. Innis siif ni deebisa.
Hanga siif deebisutti garuu iyyuu addaan hin kutin. Dubartii
ishee Kana’aan sana yaadadhu. Wanta barbaaddu hanga
argatutti Gooftaa keenya Iyyasuus hordofaa adeemte.
Keessumattuu Gooftan keenya Iyyasuus hanga inni
dhaga’uutti bo’aa kan ture namichi ijji jaamaa san yaadadhu.
Atis haaluma kana taasisi.”
Anis:- bo’icha koo itti fufeen jira abbaa koo. Jireenya sana keessa
galee lamaffa jiraachuu hin barbaadu. Waaqayyo abbaa koo na
jaalatuu fi fira koo dhihoo ta’uu isaa dagadhee jireenya koon
Waaqayyo irraa adda bahee, nama irraa osoo hin argatin, nama
irraa adda of qoodee; dhuunfaa koo jiraachuu filadheen ture na
gaha. Kanan booda kan na hafu jaalala Waaqayyoo argachuudha.
Kan biroos maal godhu abbaa koo?
Akkamitti haa eegalu?
~ 58 ~
Abbaa keenya:-“ dhimma sadaffaa kan ta’u
Wal madalchisi.”
Anis:- maal wal madaalchisu?
Abbaa keenya:- “ofii kee wajjin bakka sagaleen hin jirre
taa’ii madaalchisi. Kanaan booda jireenya keetin nama
baay’ee jaalattu ilaali ykn jireenya keetin wanta sirriitti jaalattu
tokko yaadadhu. Sanaan booda Waaqayyo caalmatti akka si
jaalatu gaafadhu.
Jaalalaa iddoo kennuu fi yaada yoo madaalte ilaaltuu
jireenyaa kee keessatti kamtu dursa akka dhufu, kamtu akka
ta’e ilaali. Kunis abbaa kee ykn haadha kee ykn hiriyoota kee
qabeenya addaa ykn mallaqa, Saayinsii ykn Facebookii ykn
intarneetii barbaaddee ta’uu danda’a.”
Anis: - hiriyaa dhihoo ykn maatii jaalachuu hin qabnu
jechuudha moo?
Abbaa keenya: -“ akkas jechuu koo miti. Macaafni
qulqulluun akkana jedha. ‘Haadha fi abbaa kee kabaji’ garuu
akkana jedha ‘ana caalaa haadha ykn abbaa isaa kan jaalatu
yoo ta’e kiyya ta’uu hin danda’u. ana caalaa ilmoo kan jaalatu
yoo ta’e kan kiyya ta’uu hin danda’u’ jedha. kun wal
madaalchisuudhaf macaafa qulqulluu keessa kan jiruudha.
Firiin isaa cimaadha. Kunis naaf hin ta’u. haa ta’u malee karaa
Waaqayyootin ati kan tilmamtu caalaa Waaqayyoon baay’ee
Akkamitti haa eegalu?
~ 59 ~
jaalata, hiriyoota kee, barumsa kee, maati kee caalaa ni
jaalatta.”
Anis: - akkamitti kun ta’uu danda’a?
Abbaa keenya:- “ Waaqayyoo jireenya kee keessatti jalqaba
kan dhufu jireenya hin jijjiiramneen caalcistee ni jaalatta.
Maatii isaa baay’isee kan jaalatu dargaggeessa tokkotu ture.
Daandii irra yeroo deema jiruu al tokko ykn sadii maqaa isaanii
ni waama. Barumsa fayyaas xumuree gara biyya Ameerikaa
adeeme. Waggoota 12 booda maatii isaa dagate. Isaaniis
gaddanii ‘dur guyyaatti al lama bilbilaa kan turte amma erga
bilbiluu dhiistee waggaa lama guuttee jirta’ jedhuun. Inni
garuu ‘ani hojii baay’en qaba, bilbiluudhaf illee yeroo hin qabu
jedhaan. Kun kan agarsiisu jaalalli fedhii fooniidha malee kan
Waaqayyo irra argame kan hin tanee ta’uu isaattidha. Jaalalli
keenya karaa Waaqayyoo yoo ta’e maatii keenyafis ta’ee
namoota biroodhaf kan kenninu dhaabbataa fi kan
ibsamuudha.”
Anis:- akkamittiidha jaalala Waaqayyoo jalqaba jireenya koo
taasisuu kanan danda’u?
Abbaa keenyas:- “ati kan beektuu fi amantu Waaqayyo
jireenya kee keessaa jaalala jalqabaa akka ta’eedha. Kanaan
booda kamtu dursuu akka qabu deebisii wal madaalchisi.
Kanaan booda yeroo hunda nama kamiyyuu ta’us jalqaba kan
jaalattuu fi kan yaadduf akkuma yaadatteen akkana jedhi:-
Akkamitti haa eegalu?
~ 60 ~
‘Yaa waaqa koo; si’i caalchisee fi caalchisee akkaan si jaaladhu
na taasisi. Maaloo! Jireenya koo keessatti dursaan si naaf ta’i!
Guyyaa tokko dargaggeessa tokko akkana jedheen gaafadhe;
‘jireenya kee keessatti jalqaba ykn dursa kan kennituuf ykn
kan jaalattu eenyudha?’ Jedheen gaafadhe. Innis akkana
naan jedhe ‘ani dhugaan sitti himaa adaraa kee akka natti hin
kolfine’ jedhe. Anis akkana jedheen ‘Ati dubbadhu; ani sitti hin
kolfuu’ akkanas naan jedhe ‘ani yeroon dargaggeessa ta’ee
jirutti wanta hundumaa caalaa adurree koon jaaladha ture.
Barumsa dhiisee gara mana kootti galeen Adurree wajjin
taphachuun jaaladha ture. Haa ta’u malee Adurreen koo
dunan baay’een gadde. Torbeewwaniifis nyaata hin nyaanne,
dhugaatis hin dhugnen ture’ naan jedhe. Anis akkanan
jedheen ‘Inni namas ta’ee wanta kamiyyuu irraa bilisa si
baasuu danda’a?
Namoonni tokko tokko caalchisnee wanti jaalannu ni jira.
Kunis Adurree, haadha ykn Abbaa ykn hiriyaa ykn immoo
maallaqa, beekamtii argachuu, aangoo, hojii, intarneetii,
taphawwan fi.k.k fakkaatan ta’uu danda’a. kanneen keessaa
kan angafaa ykn dursi kennamuuf adda basnee beekuu
qabna. Kanaan booda jireenya keetin dursa kan kennuufii
qabdu Waaqayyo ta’uu isaa adda bastee baruuf gaafachuu hin
dhiisin. Haala kanaan wal madaalchisuu ati rawwachaa jirtu
kanaan hanga firiin argamutti obsaan eegi. Itti fuftee
kadhachuun salphaadha. Daandii dhunfaa keettiin laphee
Akkamitti haa eegalu?
~ 61 ~
qulqulluudhaan Waaqayyoo wajjin dubbachuu eegaluu ni
dandeessa. Haa ta’u malee Waqayyoof dursa kennuu fi hunda
caalchisanii jaalachuun yeroo gaafata. Kunis ji’oota ykn sanaa
ol ta’uu danda’a. kanaaf cimina keetu murteessa. Kanaafuu
yoomiyuu taanan nama ykn wanta jaalattu tokkoof yeroo
yaaddu isa caalaa Waaqayyo akka jaalattu gaafadhu.
Waaqayyoof jaalala keessaa dursa yoo kennituuf jireenyi
afuuraa kee quufa irra gahe jechuudha.”
Anis: tole abbaa koo. Kan biros?
Abbaa keenyas:- “har’aaf nu gaha. Yaadachuuf akka nuuf
ta’u:-
❖ Ulaagaalee jireenya afuuraa sadan:-
Jireenya Afuuraa jechuun sadarkaa osoo hin ta’in
daandidha; taatee osoo hin ta’in jireenyadha.
Cubbuun gosa lamatu jiru:- cubbuu fedhii ofiitin
hojjetamuu fi fedhiin ala hojjetamuudha (seenaa
Poolisii loltoota)
Iyyasuus Kiristoosin daandiwwan laman beekama.
Cubbamtoota ni jaalata (kanaaf abdii hin kutin;
gara isaatti deebi’i), Ayihudoota immoo ni
ceephessa (of qulqulleessu waan ta’eef)
Akkamitti haa eegalu?
~ 62 ~
Jaalala Waaqayyoo argachuudhaf:-
• Waaqayyo yaada gamtaadhan osoo hin ta’in tokko
tokkoon adda baasii itti dubbadhu.
• Laphee fi yaada qulqulluu ta’een Waaqayyo wajjin wal
qunnami.
• Wal madaalchisi.
Argitee ilmoo koo! Kun yaada cal jedhamee hojechuudhaf yaaddame ykn abuura ykn proposal osoo hin ta’in hojiidhan kan hiiktudha. Cal jettee kan dhageessu ykn dubbistu faayidaa ykn jijjiirama hin qabu. Kana taasisuu qabda. Jireenya afuuraa kee akka haarawaa taasisii fudhadhu. Kun yaabduu jireenya afuuraa kee isa jalqabaa siif ta’a. Firii gaarii ykn galma gahumsaa irra gahuu yoo barbaadde irra deebi’ii torbeedhan obsaa fi jabinaan itti fufuu qabda. Kanaan booda gara mata duree haarawaa ni galla.” Anis:- Isin wajjin hangan xumuraatti turtiin koo akka ta’u qophii fi hawwii koo guddaadha abbaa koo. Abbaa keenyaas:- “akkas miti ilmoo koo. Kun yaalidhaan kan hojjetuudha. Kanaan booda firii isaa ilaalle gara boqonnaa isa haarawaatti dabarra. Kan ilaalaa turre sana lamaffaa irra deebinee hin mari’annu.” Dhumarratti immoo sa’aatii “Akkam bultee” hin dagatin.
Akkamitti haa eegalu?
~ 63 ~
Anis:- Maalidha sa’aatin “Akkaam bultee”?
Abbaa keenyaas:-“ ganama yeroo fuula kee dhiqattu ‘Yaa
waaqa koo; si’i akkan jaaladhu na taasisi. Jaalalas akkan
simadhu. Si’ii wajjinis akkan jiraadhu na taasisi’ jedhiin.
Qulqulluun Yisihaaq akkuma jedhe ‘Jaalalli Waaqayyoo
baay’inaan osoo hin ta’in itti fufinsummadha’ guyyaa
guyyaadhan Waaqayyo hanga siif deebisutti wantoota kana
jechuunis Kadhachuu addaan hin kutin.
Waaqayyo ni jaalatta yoo ta’e cubbuu ni jibbita. Bilisas ni
taata. Isa wajjin ta’uun ragaas ni baata.”
Anis:- kun baay’e salphaadha.
Sa’aatii “ganamaa isa gaarii”
Yaa Waaqa koo; akkan si jaaladhu na taasisi
Yaa Waaqa koo: Jaalala kee akkan argadhu na taasisi
Yaa Waaqa koo: si’I wajjin akkan jiraadhu na taasisi
Akkamitti haa eegalu?
~ 64 ~
Abbaa keenyas:- “cimtee yoo itti fuftee hin jiraanne
eegaluun qofti bu’aa hin qabu. Kennaan Waaqayyoo si wajjin
haa ta’u ilmoo koo!.”
Qabiyyee itti aanuun hanga wal arginutti Waaqayyo hunduma
keenya amantaa keenyaan nu ha jabeessu. Kadhannaa
keessaniin mana kiristaanaa hin daagatinaa!
Recommended