66
Akkaataa Qur’aanni itti buufamee fi Walitti Qabame Qophii: Sammubani.com

Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

  • Upload
    others

  • View
    62

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

Akkaataa Qur’aanni itti

buufamee

fi

Walitti Qabame

Qophii:

Sammubani.com

Page 2: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

Qabiyyee Seensa .......................................................................................................................... 3

Boqonnaa 1 ............................................................................................................... 4

Kitaabbanitti Amanuu ........................................................................................... 4

Qur’aanatti Amanuu ............................................................................................. 11

Qur’aanni Akkamitti Buufame?........................................................................ 17

Wahyii jechuun maal jechuudhaa?.............................................................................17

Boqonnaa 2 ............................................................................................................... 24

Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabame ................................................................... 24

Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee? .......................... 30

Boqonnaa 3 ............................................................................................................... 37

Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf .................................................................... 37

Qur’aana Fi Saayinsi ............................................................................................ 45

Shakkitootaa Fi Shakkisistootaf Deebii Kenname .................................... 54

Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu...................................................................... 61

Page 3: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

3

Seensa Ilmi namaa jireenya keessatti qajeelchaa isa barbaachisa. Qajeelchi kunis

dogongora kan hin qabnee fi gammachuuf milkaa’innatti kan isa baasu

ta’uu qaba. Namni hanga fedhe beekumsaa fi dandeetti haa qabaatu,

beekumsi isaa hanquu waan ta’eef kitaaba ilma namaa hundaaf

qajeelfama ta’uu barreessu hin danda’u. Sababni isaas, haalli jireenya

ilma namaa dhaloota irraa dhalootatti, bakka bakkaatti ni jijjirama.

Namni immoo beekumsi isaa gabaabaa fi hir’uu waan ta’eef haala

namootaa yeroo fi bakka kamuu jiraatan beeku hin danda’u. Kanaafu,

namni kitaaba qulqulluu dogongora irraa bilisa ta’e, gammachuu fi

milkaa’innatti isa qajeelchu eessaa argachuu danda’aa? Kuni gaafii

baay’ee barbaachisaa ta’eedha. Namni beekumsi isaa hanquu waan ta’eef

kitaabni inni namaaf qajeelfama ta’a jedhe barreessu yoo kitaaba

qulqulluu madda hin godhatin, kitaabni isaa kuni dogongoraan kan

guuttame ta’a. Kanaafu,kitaabni namni sammuu isaa qofatti

fayyadamuun barreessu dogongora irraa bilisa waan hin taaneef

gammachuu fi milkaa’inna zalaalamitti nama hin geessu. Tolee, dubbiin

yoo akkana ta’e, madda beekumsaa fi qajeelcha eessarraa kan dhufu

ta’uu qabaa? Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilmaan namaa

hundaa kan uumeedha. Haala isaanii, wanta isaan fayyaduu fi miidhu

hunda ni beekaa. Beekumsa Rabbii guutuu waan ta’eef hojii hojjatu

keessatti gonkumaa hin dogongoru. Kanaafu, kitaabni dhugaan gara

gammachuu fi milkaa’innatti nama baasu danda’u Kitaaba Rabbiin irraa

bu’eedha. Seenaa dhala namaa keessatti kitaabban baay’een namootaaf

qajeelfama akka ta’aniif bu’anii jiru. Garuu kitaabni dhumaa ilma namaa

guutuuf bu’e Qur’aana. Qur’aanni kitaabban darban ni shaare. Qur’aana

booda kitaabni biraa Rabbiin irraa hin bu’u.Hanga Guyyaa Qiyaamatti

dogongora irraa eeggamuun namootaaf qajeelfama ta’a. Akkasumas,

ragaa isaan irratti ta’a. Akkaata Qur’aanni itti buufamee fi walitti

qabame sammubani.com irratti ilaalaa turreerra. Barruuleen sunniin

walitti qabamuun kunoo haala kitaabaatiin dubbistootaaf dhiyeefamanii

jiru.

Page 4: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

4

Boqonnaa 1 Kitaabbanitti Amanuu

Hundee iimaanaa keessaa sadaffaan kitaabban Rabbiin buusetti amanuudha.

Akka lugaatti “Kitaaba” jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha. Akka shari’aatti

immoo kitaaba jechuun Kalaama (Jecha) Rabbiin ilma namaatiif rahmataa fi

qajeelcha akka ta’uuf Ergamtoota Isaa irratti buusedha. Sababa kitaaba Rabbiin

irraa bu’e kanaan ilmaan namaa sa’aada (gammachuu) ganda lamaanii

dhandhamu. Osoo Rabbiin kitaabban isaaniif buusu baate, silaa hundii isaanitu

dukkana keessatti kufanii hafu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaabban

buusun akkamitti dukkana keessaa sababa Ergamtootatiin akka baase akkana

jechuun ilma namaatti beeksiisa.

“Inni Kan gabricha Isaa irratti keeyyattoota ifa ba’aa ta’an dukkana

keessaa gara ifatti isin baasuuf jecha buusedha. Dhugumatti, Allaah’n

isiniif mararfataa, rahmata godhaadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:9

Isiniif mararfachuu fi rahmata Isaatirraa kan ka’e Rabbiin Ergamaa isiniif erge.

Ergamaa kanatti keeyyattoota (aayaata) ifa bahan buuse. Kanas kan godheef

dukkana wallaalummaa, kufrii, shirkii, fedhii lubbuu hordofuu, yaadaa badaa fi

kkf irraa gara ifa iimaanaa, beekumsaa, yaqiinaa akka baataniifi. Kitaabni

keeyyattoota baay’ee waan of keessatti qabatuuf ilma namaatiif qajeelfamaa fi

ifa jireenyaa ta’aa jechuudha.

Hundeewwan iimaana jahan tokko tokkorraa kan adda bahuu miti. Hundi

isaanitu kan wal qabataniidha. Rabbitti amanuun malaykootatti, kitaabbanitti fi

hundeewwan iimaana birootti amanutti nama waama. Rabbiin subhaanahu wa

ta’aalaa akkana jedha:

Page 5: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

5

ها ﴿ يأ ذ ي لذ ٱي ذ للذ ٱءامنوا ءامذنوا ب ذ لذيٱ لكذتبذ ٱو ۦورسولذ رسولذ ۦنزل لعذ لذي ٱ لكذتبذ ٱو وم يكفر ب نزل مذ قبل

ئذكتذهذ للذ ٱأ

ۦلذهذ ورس ۦ وكتبذهذ ۦ وملرذ ٱ لومذ ٱو ﴾١٣٦عذيداضللا ب ل فقد ض ألخذ

“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa

irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti,

Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa

Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-

Nisaa 4:136

Kitaabban Rabbiin buusetti amanuun wantoota afur of keessaa qaba.[1]

Tokkoffaa: Kitaabban kunniin dhugaan ykn haqaan Rabbiin irraa buufamu

isaaniitti amanuu

Lamaffaa: Kitaabban maqaalee isaanii beeknutti amanuu. Isaan keessaa

Qur’aana, kan Nabii Muhammad (SAW) irratti buufame, Tawraat kan Nabii

Muusaa (AS) irratti buufame, Injiil kan Nabi Iisaa (AS) irratti buufame, fi

Zabuur kan Nabii Dawuudif kennametti amanu. Kanneen maqaa isaanii hin

beekne immoo walumaagalatti itti amanna. Kana jechuun Rabbiin irraa kan

bu’an ta’uu fi ilma namaatiif qajeelchaa fi ifa akka ta’an ni amanna.

Sadaffaa: Odeefannoo osoo hin jijjiraminii fi hin micciramiin haqaan kitaabban

kanniin keessatti dhufan dhugoomsu ykn dhugaan itti amanu. Kan akka

odeefannoo Qur’aana keessatti dhufanii fi odeefannoo kitaabban duraanii osoo

hin jijjiraminii dhufanitti amanu. Kitaabban yeroo ammaa Kiristaanotaa fi

Yahudoota harka jiran itti hin amannu. Sababni isaas, kitaabban kunniin

jijjiramanii jiru. Kan nuti itti amannu kitaabban yeroo jalqabaa Nabii Muusaa fi

Iisaa irratti bu'aniidha.

Page 6: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

6

Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi

hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta Qur’aanni

of keessaa qabu hundi dhugaa ta’uu isaatti amanu qaba. Rabbiin ni jedha:

تذيهذ ﴿ل ٱل يأ ذ ۦ مذ ا بيذ يديهذ ول مذ خلفذهذ لبطذ تزنذيل م

﴾٤٢حكذيم حذيد

“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa

Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42

Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun

beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi

murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta

beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii

Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa

odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti

hin dhufu.[2] Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan

bu’eefi.

﴾٢لعلذيمذ ٱ لعزذيزذ ٱ للذ ٱمذ لكذتبذ ٱتزنذيل ﴿

“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e

irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2

Afraffaa: Seera ykn murtiwwan kitaabban of keessaa qaban kan hin shaaramne

irratti hojjachuu, hikmaa (ogummaa) isaa hubannee dhiisne murtiwwan

kaniinitti gammaduu fi guutumatti harka kennu- Kitaabban darban hundi

Qur’aanan shaaramanii ykn jijjiramanii jiru. Rabbiin ni jedha:

Page 7: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

7

“Nuti kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa fi isa irrattis tiiksaa

ta’ee Qur’aana gara keetti haqaan buufneerra.” Suuratu Al-Maa’ida 5:48

“…Qur’aana haqaan gara keetti buufneerra” Kana jechuun Qur’aanni

Rabbiin irraa bu’uun isaa haqa. Akkasumas, wanti inni of keessaa qabu hundi

haqa. “Kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa…” kana jechuun

Qur’aanni odeefannoo kitaabban darban of keessaa qaban ni mirkaneessa,

odeefannoon isaanii kan haqa ta'e odeefannoo Qur’aanitiin walitti gala.

Akkasumas, kitaabban darban Qur’aanni akka bu’uu beeksisanii turan. Kanaafu,

Qur’aanni beeksisa isaanii kana ni dhugoomse ykn ni mirkaneesse jechuudha.

“…fi isa irrattis tiiksaa” kana jechuun wanta haqaa fi ilma namaa fayyadan

kitaabban darban of keessaa qaban Qur’aannis san caalaa of keessatti dabaluun

of keessaa qaba. Kitaabban san keessaa wanta Qur’aanni haqa ta’uu isaa

mirkaneesse haqa, wanti kijiba ta’uu mirkaneesse kijiba. Sababni isaas,

kitaabban akka Tawraat, Injiil keessatti jijjiraa fi micciruun argamee jira.

Kanaafu, wanti Qur’aana dhugaa ta’uu mirkaneesse dhugaadha, wanti sobaa

ta’uu mirkaneesse soba.[2]

Hiikni biraa “wa muhayminan aleyh” jedhu “isa irratti kan murteessu” ta’a.

Kana jechuun Qur'aanni kitaabban darban irratti ni murteessa, wanta shaaramu

qabu ni shaara. Kanaafu, kanarratti hundaa’un murtiwwan kitaabban darbanii

irratti hojjachuun hin ta’u kan dhugaa ta’ee fi Qur’aanni mirkaneesse malee.

Haajaa Ilmaan Namaa Kitaabbaniif Qaban [3]

Haajan ilmaan namaa kitaabbanitti qaban haajaa isaan nyaataa fi dhugaatiif

qaban caala. Sababni isaas, ruuhin ilma namaa tuni yeroo hundaa tasgabbii fi

nageenya barbaaddi. Qaamni immoo sakandi sakandiin nyaata hin barbaadu.

Kanaafu, tasgabbii fi nageenya ruuhin barbaaddu kennuufi kan danda’u kitaaba

Rabbiin irraa bu’eedha. Mee haajaa namoonni kitaabban Rabbiin irraa bu’aniif

qaban muraasa isaanii haa tarreessinu:

1ffaa- Kitaabban Rabbiin irraa gara Ergamaatti bu’e ummata Ergamaa kanaatiif

madda irraa baratanii fi haala ofii sirreessan akka ta’uufi. Yeroon hanga fedhe

haa darbu, ummanni Ergamaa kanaa hundeewwan amantii, ka’uumsaa fi

gahuumsaa isaa murteessuf gara kitaaba Ergamaa irratti bu’eetti deebi’u. Wanta

Rabbiin akka hojjatan itti ajaju fi wanta irraa dhoowwu, amala gaggaarii itti

Page 8: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

8

kakaasu fi jajjabeessu beekuf gara kitaaba deebi’u. Nama waan gaarii hojjateef

mindaa jiruu fi nama waan badaa hojjate adabbii isa eeggatu kitaabban keessatti

argatu. Akkasumas, rakkoolee jireenya keessatti nama muudatan füruu fi

murtiwwaan adda addaa baasuf gara kitaaba deebi’u. Keessumattu, Ergamaan

yeroo fi bakkaan kan isaan irraa fagaatu yoo ta’e gara kitaabaa deebi’un isaan

irrati dirqama ta’a.

2ffaa- Kitaabni Rabbiin irraa bu’ee wantoota namoonni irratti wal-dhaban irratti

murtii haqaa akka ta’uuf- wantoota namoonni irratti wal dhaban kan murteessu

Kitaaba Rabbiiti. Sababni isaas, kitaabni Rabbii jecha (Kalaama) Isaati. Rabbiin

immoo Abbaa Murtiiti. Kana ilaalchisee Rabbiin akkana jedha:

دة فبعث نلاس ٱكن ﴿ مة وحذذ ٱ لل ٱأ نزل نلبذي

رذي وأ ذي ومنذذ ذ مبش

ذ لكذتب ٱمعهم ذ ٱب حكم بي لق ٱفذيما نلاسذ ٱلذ ﴾فذيهذ ختلفوا

“Namoonni amantii tokkicha irra turan. Ergasii, Rabbiin nabiyyoota

gammachiiftotaa fi akeekachiiftota taasise erge. Akka inni wanta isaan

keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuf isaan waliniis kitaaba

dhugaan buuse.” Suuratu Al-Baqarah 2:213

Rabbiin hundarra beeka- namoonni yeroo jalqabaa dachii tana irratti wal horan

amanti tokko irra turan. Rabbiin qofa gabbaruu fi tokkichoomsu turan. Ergasii,

sababa fedhii lubbuu, wallaalummaa, dagachuu fi sheyxaanatiin Rabbiin

tokkichoomsu fi Isaaf ajajamuu keessatti gargar ta’an. Gariin Rabbiin qofa

gabbaruu itti fufan, gariin immoo Rabbiin gabbaruu dhiisanii taabotaa fi wanta

biraa gabbaruu jalqaban. Sababa kanaan Rabbiin nabiyyoota qananii addunyaa

fi Aakhiraatiin nama amanee fi hojii gaarii hojjate gammachisan, adabbii nama

kafaree fi badii hojjate akeekachiisan isaanitti erge. Ergamtoota hunda waliin

kitaaba gara haqaatti nama qajeelchu buuse. Kitaabni kuni wantoota namoonni

irratti waldhaban keessatti abbaa murtii akka ta’uuf Rabbiin buuse. Hundee fi

damee amantii isaan keessatti waldhaban kitaabni ni murteessa. Haqni fi sobni

kam akka ta’e ifa baasa. Kanaafu, faaydan kitaabban Rabbiin irraa bu’anii

keessaa tokko wal mormii fi wal-dhabbii namootaa furuufi. Osoo kitaabni bu’uu

Page 9: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

9

baate, silaa namni hunduu, “Karaa ani irra jiru qofatu sirriidha. Kan biraa immoo

jallataadha.” jechuun dukkana keessa jaanja’a.

3ffaa- Erga Ergamtoonni du’anii booda kitaabni Rabbiin irraa bu’e hundee

amantii, seerotaa fi kaayyoo isaa jallinna warra fedhii ofiitiin amantitti taphatan

irraa eeguf- Ergamaa boodaa kitaabni ummata isaa keessa jiraachuun akka

Ergamaan suni isaan keessa jiraachuti. Sababni isaas, kitaabni kuni wanta

Ergamaan ittiin ergame of keessaa kan qabuudha. Ergamtoonni ilma namaa

waan ta’aniif duuti nama kamittu dhuftu isaanittis ni dhufti. Garuu hundeen,

dameewwani, amalli gaarii fi seeronni amantii isaan itti waamaa turan gonkumaa

hin du’u. Osoo kitaabni haala itti fufaan jiraachu baate, silaa akkuma isaan

du’aniin amantii san keessatti jijjiramnii fi wal dhabbiin baay’een ni uumama.

Namoonni jallattoonni fi fedhii ofii hordofan wanta amanti keessa hin jirre itti

dabaluu, irraa haaqu fi Rabbiin irratti kijibuun amantii balleessu. Sababa kanaaf,

ilmaan namaatif kitaabni seeraa guutuu fi haqa irratti hundaa’e kan jijjiramu

irraa eeggame jiraachu qaba. Kanafi, Qur’aanni hanga Guyyaa Qiyaamaa

jijjiramuu fi micciiramuu irraa ni eeggama. Akka ilmaan namaa irratti hujjah

(ragaa) ta’uuf. Rabbiin ni jedha:

ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل

“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa

tiiksas.” Suuratu Al-Hijr 15:9

Guduunfaa

Kitaabban Rabbiin irraa bu'an ilma namaa gara gammachuu, nageenyaa

fi milkaa'innaatti qajeelchu.

Kitaabbanitti amanuu jechuun haqaan Rabbiin irraa kan bu'an ta'uu

amanuu, ergaaleen isaan keessa jiran haqa ta'uu dhugaan itti amanuu

fi hojii irra oolchudha.

Qur'aanni kitaabban duraanii waan shaaref, ergaleen isa keessa jiran

hundi dhugaa ta'uu itti amanuu fi hojii irra oolchun, nama gammachuu fi

milkaa'inna barbaadu irraa ni eeggama.

Page 10: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

10

Haajaan dhalli namaa kitaabban Rabbiin buusef qaban haajaa isaan

nyaataa fi dhugaatiif qaban caala. Sababni isaas, ruuhin namaa tuni

sakandii hunda keessatti tasgabbii fi nageenya barbaaddi. Kana kan

argattu immoo kitaaba Rabbiin buuse keessatti.

Ergamtoonni erga darbanii booda kitaabban isaan irratti bu'an ummata

isaan booda dhufuuf madda qajeelinnaa fi barnootaa ta'aaf.

Kitaabni amantiin akka jijjiramne eega. Ergamaa boodaa kitaabni

ummata isaa keessa jiraachuun akka Ergamaan suni isaan keessa

jiraachuti. Sababa kanaaf, Qur'aanni namoota yeroo Nabii Muhammad

(SAW) fi isa booda dhufan irratti hujjah (ragaa) ta'a.

Kanaafu, namni tokko guyyaa Qiyaama Nabiyyiin natti hin dhufne

jedhee mormuu hin danda'u. Sababni isaas, kitaabni Nabiyyicha irratti

buufame isa bira gahee jira.

Kitaabni wal dhabbii namoota jidduutti uumamu hiikun daandii sirriitti

isaan qajeelcha.

Kitaabban wabii: [1] Sharih Usuuli salaasa Fuula 94-95 Ibn Useymiin

[3]al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,

fuula 465-468

[2] Taysiral Kariimul Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–

Abdurahmaan Naasir Sa’dii, fuula 257-25

Page 11: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

11

Qur’aanatti Amanuu

Akkuma kutaa darbee jenne kitaabbanitti amanuu jechuun Rabbiin irraa haqaan

bu’uu isaanii, ergaan kitaabban kanniin keessa jiru dhugaa akka ta’ee itti amanuu

fi hojii irra oolchudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa kan

jijjiramanii fi micciramaniidha. Kanaafu, kitaabni tokkichi osoo hin jijjiramin

hanga Guyyaa Dhumaa turu Qur’aanaa jechuudha. Sababni isaas, kitaaba dhumaa

Rabbiin buusedha. Ragaan kanaa maal yoo jettan, karaa lamaan ilaalun ni

danda’ama.

1ffaa-Aqliyyi (sammuun)- Qur’aanni mu’ijizaa (raajii) ilmi namaa kophattis ta’i

walitti qabamanii fakkaata isaa fiduu hin dandeenyedha. Ilmi namaa Qur’aana

qopheessun waan hin danda’amneedha. Eenyullee wanta akka Qur’aanaa seenaa

keessatti fidu hin dandeenye. Fiduun ni danda’ama jedhe namni yaadu yoo jiraate,

“Wanta akka Qur’aanatti qara’amu fi jechoonni isaa kan walitti galan mee fidi”

jennaan. Fakkeenyaf, suuratu al-baqaraa yoo ilaaltan, aayanni (keeyyanni) irra

caalu qubee nunin (ن ) xumurama. Mee Suuraah (boqonnaa) Qur’aanaa tokko

fuudhatii xumura Aayaata (keeyyattoota) ilaalaa. Jechoonni xumuraa kan walitti

galanii fi yommuu dubbifaman kanneen mi’aawaniidha. Akkasumas, himoota

gaggabaabo erga bal'aa dabarsaniidha. Osoo ilmi namaa kan qopheessu ta’e

fakkaatan akka Qur’aanaa addunyaa irra ni jiraa? Kitaabni akka Qur'aanatti

sagalee bareedan qara'amuu fi guutun isaa sammutti qabatamuu ni jiraa?

Gonkuma ilmi namaa Qur’aana qopheessu hin danda’u. Kanaafu, Qur’aanni

Rabbii olta’e irraa kan bu’e jechuudha. Rabbiin ni jedha:

نس ٱ جتمعتذ ٱقل لئذ ذ ﴿ ذمذثلذ هذا لذ ٱو لذ توا بن يأ

أ نذ لقرءاٱلع

ذمذثلذهذ تون بعض ظهذريا ۦل يأ ﴾٨٨ولو كن بعضهم لذ

Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti

walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa

isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88

Page 12: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

12

ذثلذهذ ﴿ ذ م ذسورة م توا بنا فأ عبدذ ذما نزنلا لع ۦإون كنتم فذ ريب م

ٱو ذ دونذ دعوا قذي إذن ك للذ ٱشهداءكم م ﴾٢٣نتم صدذ

“Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan,

suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin

ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa.” Suuratu Al-

Baqarah 2:23

2ffaa- Naqliyy (dabarfamaan)- Qur’aanni Nabiyyanaa Muhammad (SAW)

irratti erga bu’ee karaa lamaan dabarfamuun as gahe. Innis, sammuu keessatti

haffazuu (qabachuu) fi meeshaa barreefamaa irratti barraa’un. Haalli Qur’aanni

dhaloota irraa dhalootatti itti darbu, shakkiin ykn jijjiran wayii akka isa keessa

hin seenne taasisa. Guutun isaa sammuu keessatti qabatamuun jijjirraa irraa

tiikfama. Osoo galmeen Qur’aanni irratti galmaa’e akka jiruun addunyaa irraa

bade, yeroma san Qur’aana galmeessun ni danda’ama. Sababni isaas, Qur’aanni

sammuu namoota miliyoonatti lakkaawaman keessa jira. Qur’aanni jecha ilma

namaa kan hin taane ta’uu Rabbiin haala kanaan ibsa.

ذقولذ شاعذر قلذيل ما تؤمذنون ﴿ ﴾٤١وما هو ب

“Inni (Qur’aanni) jecha weellisaatii mitii, xiqquma qofa amantu.

ذقولذ كهذ قلذيل ما تذكرون ﴿ ﴾٤٢ول ب

Jecha raagaatiis miti, xiqqoo malee hin gorfamtan.

ذ ﴿ ذ رب ﴾٤٣لعلمذي ٱتزنذيل م

Gooftaa aalamaa hundaa irraa kan buufameedha.” Al-Haaqqah 69:41-43

Page 13: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

13

Qureeshonni yommuu Qur’aana raajii isaanitti ta’e kana Ergamaan Rabbii

(SAW) isaanitti fidu, “Kuni weellisaadha, kuni raagaadha” jechuun Ergamaa

Rabbii arrabsuu jalqaban. Rabbiin jecha badaa isaanii kana irraa Ergamaa Isaa ni

qulqulleesse. Warroonni kunniin osoo amananii fi gorfamanii silaa Ergamaa

Rabbii (SAW) hin arrabsanii turan. Qur’aanni Rabbiin irraa ta’uu osoo amananii

fi akka gorsaatti fudhatanii hordofanii, silaa wanta isaan fayyaduu fi miidhu ni

beeku turan.

Kan irraa ka’uun, osoo haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalanii, gara amalaa fi

akhlaaqa isaa osoo mil’atanii, silaa dhimma akka aduu ifu arguu turan. Dhimmi

kunis, Nabi Muhammad (SAW) Ergamaa Rabbii ta’uu fi wanti inni fide Rabbiin

irraa kan buufame ta’uu ni hubatu. Qur’aanni kuni jecha ilma namaa gonkumaa

ta’uu hin danda’u. Kana irra, jecha Gooftaa aalama hundaati. Kana jechuun

Qur’aanni kuni Gooftaa wantootaa hundaa uumee, kunuunsu, guddisuu,

barsiisuu, too’atu, qindeessu fi bulchu irraa kan buufameedha. Kunuunsa fi

barsiisu Rabbiin ilma namaatiif godhe keessaa tokko kitaaba isaaniif

buusudha. Kitaaba kanaan dukkana keessaa bahuun jireenyaa ifaa fi

gammachuu gaggeessu.

Itti aanse Nabiyyiin Qur’aana ofirraa fuudhe fi jecha ofii itti dabaluun kan hin

dubbanne ta’uu haala kanaan ibsa:

“Osoo jechoota sobaa muraasa Nurratti dubbatee,

Silaa mirgaan isa qabnaa turree.

Ergasii hidda onnee isarraa kunnaa turre.

Isin keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin jiru.” Al-Haaqqah 69:44-

47

Kana jechuun Nabii Muhammad (SAW) wanta Nuti hin jenne osoo jedhe,

Qur’aana keessa wanta hin jirre osoo itti dabalee yookiin irraa hir’isee, “Silaa

mirgaan isa qabnaa turree.” Akka warroonni Qur’aana ibsan jedhanitti

Page 14: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

14

“mirgaan isa qabna” jechuun "humna cimaan isa qabna" jechuudha. Sababni

isaas, humni cimaan wantoota hundaa mirga keessa jira. Osoo Nabiyyin wanta

Rabbiin hin dubbanne dubbate, silaa Rabbiin dubbii isaa hin mirkaneessu, adabbii

cimaan isa qabaa ture. Ergasii hidda onnee isarraa kuta. Hiddi onnee yoo cite

namni ni du’aa jechuudha. “Isin keessaa namni isarraa dhoorgu tokkollee hin

jiru.” Kana jechuun osoo Rabbiin isa balleesse ykn ajjeese, adabbii ofirraa

deebisuu hin danda’u, eenyullee adabbii Rabbii isarraa dhoorgu hin danda’u.

[2][3]

(Wanti asirraa hubannu Nabiyyiin ykn namni biraa Qur’aana qopheessu ykn

ofirraa fuudhe dubbachuu hin danda’u. Osoo Qur’aana ofumaa qopheessee, “kuni

jecha Rabbiiti” jedhee, silaa Rabbiin haala armaan olitti ibse kanaan adaba.

Qur’aanni jecha Isaa waan ta’eef Nabiyyii mu’ijizaa garagaraatin ni gargaare,

namoota isa faalleessan ni salphise.)

“(48)Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa. (49)Dhugumatti,

isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni beekna. (50) Inni kaafiroota

irratti gaabbiidha. (51)Dhugumatti Inni dhugaa mirkanaa’adha.

(52) Maqaa Gooftaa kee Guddaa ta’e faarsi.” Al-Haaqqah 69:48-52

“Dhugumatti inni warra Rabbiin sodaataniif gorsa.” Kana jechuun Qur’aanni

warra Rabbiin sodaataniif gorsa ykn yaadannoodha. Namni Rabbiin sodaatu

Qur’aanan gorfama. Qur’aana keessatti wanta isa fayyadu arguun ni hojjatu,

wanta isa miidhu irraa immoo ni fagaata. Maqaalee, amaloota fi hojiwwan Rabbii

Qur’aanan ni yaadata, kanaafu itti amana. Wanta Rabbiin itti ajajee fi dhoowwe,

mindaa Rabbiin warra hojii gaggaarii hojjatanii fi adabbii warra badii hojjataniif

qopheesse Qur’aanan yaadata. Wanta nafsee isaa olkaasu fi qulqulleessu, wanta

xureessu fi salphisuu Qur’aanni isa yaadachiisa. Beekumsa addunyaa fi aakhirah,

Jannataa fi Jahannam, beekumsa keeyri fi sharrii Qur’aanni isa barsiisa.

Dhugumatti Qur’aanni gorsaa fi yaadannoo haqaati. Namoota hundarratti raga

Page 15: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

15

kan ta’uudha, warroota Isa baratanii fi hojii irra oolchaniif faaydaa fi qajeelcha

ta’a. [3]

“Dhugumatti, isin keessaa kijibsiistoonni akka jiran Nuti ni beekna.” Kana

jechuun Qur’aana erga akkanatti ibsinee booda namoonni Qur’aanatti hin amanne

akka jiran ni beekna.[4] Kuni akeekachisaa Rabbiin irraa warroota Qur’aanatti

hin amannee ykn kijibsiisaniif ta’eedha.Waan kijibsiisaniif adabbii cimaan isaan

adaba. “Inni (Qur’aanni) kaafiroota irratti gaabbiidha.” Isaan yommuu

Qur’aanatti amanuu fi hordofuu didan, wanta Qur’aana keessatti waadaa galame

yommuu argan garmalee gaabbu. Sababni isaas, Qur’aanan hin qajeelfamne, ajaja

isaatiif hin bulle. Mindaan isaan jala darbe, adabbii cimaa irra gahan, sababoonni

hundi isaanirraa citan.[2] “Osoo Qur’aana kijibsisuu baanne, silaa adabbiin kuni

nu hin tuqu. Yookiin Osoo Qur’aanatti amannee fi hordofne silaa adabbii jalaa ni

baraaramna” jechuun Guyyaa Qiyaamaa garmalee gaabbu. Garuu gaabbin isaan

hin fayyadu. Ibidda erga seenanii booda akkana jedhu,

صحبذ ﴿ أ و نعقذل ما كنا فذ

﴾١٠لسعذريذ ٱوقالوا لو كنا نسمع أ

“Osoo kan dhageenyu yookiin kan xinxallinu taanee, silaa warra ibidda

boba’aa keessaa hin taanu turre.” jedhan.” Suuratu Al-Mulk (Tabaaraka)

67:10 Osoo Qur’aana dhageefatanii, itti xinxallanii, itti amananii fi hordofanii

silaa warra ibiddaa keessaa hin ta’an. Akeekachisaa fi waadaa Qur’aana keessatti

dhufe eenyullee akka hin shakkinee, “Dhugumatti Inni dhugaa

mirkanaa’adha” jedhe. Kana jechuun Qur’aanni kuni Rabbiin irraa bu’uun isaa

haqa. Wanti inni of keessaa qabu hundi haqa shakkii wayitu hin qabneedha.

Dhibbaan dhibbatti dhugaa ta’uun isaa kan mirkanaa’edha. Kanaafu, Qur’aana

guddaa fi haqa irratti hundaa’e kana Kan buuse Rabbii kee faarsi.

Asirraa Maal Hubattee?

✎Qur'aanni kitaaba xumuraa Rabbiin irraa gara ilmaan namaatti bu'eedha. Isa

booda kitaabni biraa samii hin bu'u.

✎ Qur'aanatti amanuu jechuun Qur'aanni Rabbiin irraa bu'uu, wanti inni of

keessaa qabu hundi haqa akka ta'e amanuu fi ajajoota isaa hordofuudha.

Page 16: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

16

✎Qur'aanni Rabbiin irraa ta'uu karaalee baay'een mirkaneessun ni danda'ama.

1ffaa: Yommuu Qur'aana dubbisanii fi itti xinxallan, Qur'aana qopheessun humna

ilma namaati ol akka ta'e ni hubatan.

✎2ffaa- guutuun isaa sammuu keessatti qabamuun dhaloota irraa dhalootatti

darbuun ilmi namaa jijjiraa wayitu Qur'aana keessatti uumu akka hin dandeenye

isa taasisa. Sababni isaas, Qur'aanni sammuu namoota miliyoonatti lakkawaaman

keessa waan jiruuf, namni ykn gareen tokko Qur'aana irraa waa tokko nan jijjira

jedhe osoo ka'ee, sammuu miliyoonatti lakkawaman jijjiruu qabaa jechuudha.

Kuni immoo waan hin danda'amneedha. Kuni Rabbiin irraa bu'u isaa agarsiisaa

jechuudha.

✎Osoo Nabiyyiin ykn namni biraa Qur'aanatti waa dabale ykn hir'ise ykn wanta

Rabbiin hin dubbanne dubbatee jira osoo jedhee, silaa adabbii cimaan isa qaba.

Sababni isaas, Rabbiin irratti soba dubbachuun dillii (cubbuu) guddaadha.

Adabbii waadaa galeen Nabiyyii hin adabne. Inuma ni gargaare, nama isa

faallesse ni salphise. Kanaafu, Qur'aanni jecha Rabbiiti jechuudha.

✎Qur'aanni warra Rabbiin sodaatiif gorsaa fi yaadannodha. Warra isa kijibsiisan

immoo Guyyaa Qiyaamaa gaabbi cimaa isaan irratti ta'a. Sababni isaas,

Qur'aanatti amananii hin hordofne.

ذنه ﴿ عرض عنه فإ ﴾١٠٠وذزرا لقذيمةذ ٱيمذل يوم ۥم أ

"Namni isa (Qur'aana) irraa garagalee, dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa

ba'aa guddaa baadhata." (Suuratu Xaaha 20:100) Kana jechuun namni

Qur'aanatti amanu dide yookiin itti hojjachu dide ykn qo'achuu fi barachuu irraa

garagalee, Guyyaa Qiyaamaa adabbii cimaa adabama.[2]

Kitaabban wabii

[1]al-aqiidatul Islaamiyyatu wa usuusuhaa By Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,

fuula 469

[2] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan

fuula 1043-1044 Naasir Sa’dii

[3] Bidaa’u tafsiir 3/193, Ibn Qayyim

Page 17: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

17

[4] Tafsiir ibn Kasiir-8/218

Qur’aanni Akkamitti Buufame?

Qur’aanni Jecha Rabbii olta’aati. Dhala namaa dukkana keessaa gara ifaatti

baasuf Rabbiin (subhaanahu wa ta’aala) jecha Isaa kan ta’e Qur’aana jaarraa 14

dura Nabii Muhammad (SAW) irratti buuse. Namoonni kana ajaa’ibsifachuun

Rabbiin akkamitti Nabiyyi irratti kitaaba kana buusee? Sila akka amma arginu

kanatti waraqaa irratti barreesse buuse moo akkamitti buufamee? In sha Allah

har’a akkaata buufama Qur’aanaa gabaabbinnaan ni ilaalla. Asii gaditti waa'ee

wahyii fi buufama isaa ilaalla. Qur'aanni wahyii keessaa tokko waan ta'eef

akkataa buufama isa hubachuun nama hin dhibu. Barreefama keessatti "Ergamaa

Rabbii (SAW)" yommuu jedhu Nabi Muhammad (SAW) akka ta'e haa hubatamu.

SAW jechuun Salallahu Aleyh Wassalam (nageenyi fi rahmanni Rabbii isarratti

haa jiraatu) jechuudha.

Qur’aanni Rabbiin irraa buufamu shakkii wayitu hin qabu. Rabbiin ni jedha:

عزذيزذ ٱ للذ ٱمذ لكذتبذ ٱتزنذيل ﴿ ﴾١لكذيمذ ٱ ل

“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Ogeessa ta’e

Zumar 39:1-Suuratu Az irraayyi.”

Wahyii jechuun maal jechuudhaa?

Akka lugaa Arabiffaatti wahyiin hiika baay’ee qaba. Isaan keessaa, wahyii

jechuun odeefannoo wayii dhoksaa fi ariitin (daddaffiin) namni tokko akka

beekuf sammuu ykn qalbii isaatti darbuudha. Fakkeenyaf sheyxaanni ilma namaa

jallisuuf oduu qalbii namaatti darba ykn itti hasaasa. Bifa dhokataa fi aritiin,

“Kuni gaariidha akkana godhi.” jechuun wanta badatti nama kakaasa.

Karaa biraatin wahyii jechuun beeksisa, odeefannoo fi ergaa Rabbiin Ergamtoota

Isaa keessaa qalbii Ergamaa tokkootti darbuudha. Beeksisni, odefannoo fi ergaan

kunniin murtii shari’aa, seenaa ummata darbee, wanta gara fuunduraatti dhufu,

Page 18: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

18

amala gaarii, amala jibbamaa dhiisu qaban, haala jireenya ilma namaa fi kan kana

fakkaatan ta’uu danda’a. Qur’aanni kana hunda waan qabateef wahyiidha.

Wahyiin Qur'aana qofatti kan daangefamu osoo hin ta'in hadiisota sahiihis kan of

keessatti qabatuudha. Hadisoonni sahiihin Ergamaa Rabbii (SAW) irraa

gabaafaman wahyiidha.

Garuu Rabbiin akkamitti ilma namaa keessaa nama fedhe dubbisaa?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aala bifa sadiin ilma namaa keessaa nama fedhe ykn

filate akka dubbisu Qur’aana keessatti akkana jechuun nuuf hima:

ذمه ﴿ ن يكل ل لل ٱ۞وما كن لذبش أ و يرسذ

جاب أ و مذ وراي حذ

إذل وحيا أ

ذهذ بذإذذن إذنه ۦرسول فيوحذ حكذيم ۥما يشاء ﴾٥١لعذ

“Wahyiin yookiin girdoo duubaan yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin

waan fedhe itti buusun yoo ta’e malee Rabbiin isa dubbisuun namaaf kan

ta’uu miti. Dhugumatti, Inni Ol’aanaa Ogeessa.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:51

Kana jechuun bifa (karaa) sadiin malee bifa biraatin Rabbiin ilma namaa hin

dubbisu. Isaanis:

Karaa 1ffaa: Wahyiin- Rabbiin olta’aan wanta fedhe qalbii Ergamaa irratti

darbuun nama filate ykn Ergamaa Isaa dubbisa.

Karaa 2ffaa: Girdoo duuban Ergamaa Isaa dubbisuudha. Fakkeenyaf, Rabbiin

Nabii Muusatti dubbatee fi waame jira. Garuu Nabii Muusan Rabbiin arguu hin

dandeenye. Sababni isaa, ilmi namaa Rabbiin arguu hin danda’u. Ogummaa fi

rahmata Rabbitiin ilmaan namaa addunyaa tana keessatti Isa arguu hin danda’an.

Osoo Isa arganii, silaa garmalee Isa sodaachu irraa kan ka’e hojiif, nyaata fi

dhimmoota birootiif socho’u hin danda’an. Rabbiin ni jedha:

يف ٱلبذري ١٠٣﴾ بصر وهو ٱللطذبصر وهو يدرذك ٱل

﴿ل تدرذكه ٱل

Agartuun guutumaan guututti Isa hin agartu, Inni immoo guutumaan guututti

agartuu hunda arga. Inni Mararfataa keessa Beekaadha.” Suuratu Al-An’aam

6:103

Page 19: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

19

Wantoota dandeetti Rabbii mul’isanii fi mallatoolee Tokkichummaa Isaa

agarsiisan ilaalun ilma namaatiif ni gaha.

Karaa 3ffaa: Rabbiin Ergamaa Isaatti ykn nama filatetti Malaaykaa erguudha.

Kana jechuun Malaaykan Rabbiin irraa ergaa fuudhun Ergamaa Rabbiitti geessa.

Fakkeenyaf, Malaaykan Jibriil (Gabra’eel) ergaa Rabbiin irraa fuudhun Nabii

Muhammad (SAW) itti geessa. Malaaykan kuni abbaa iccitiiti; humna cimaa kan

qabuu fi amanamaa kan ta’eedha. Amaloonni lamaan kunniin (humni cimaa fi

amanamummaan) ergaa geessuf amaloota garmalee barbaachisoo ta’aniidha.

Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil yeroo garii suuraa inni irratti

uumameen isa argu. Yeroo garii Malaaykan Jibriil suuraa namtichaatin gara

Ergamaa Rabbiiti dhufa. Yeroo kanatti namoonni Ergamaa Rabbii (SAW)

marsanii jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni dhagahu. Yeroo garii immoo Jibriil

dhoksaan Ergamaa Rabbii irratti bu’a, namoonni achi jiran isa hin argan. Garuu

mallattoo wahyii (ergaa inni bu’eenii) ni argu.

Kunniin karaalee sadan Rabbiin namoota keessaa nama filate itti dubbisuudha.

Sadarkaalee Wahyii Ergamaa Rabbitiif (SAW) ta’an Ergamaa Rabbitiif bifoonni fi sadarkaaleen adda addaa wahyiin (ergaan,

beeksisni, odeefannoon dhugaa Rabbiin irraa ittiin bu’uu) isaaf ta’ee jira.

Isaanis:

1ffaa-Abjuu dhugaa hirriba keessatti argu- kuni sadarkaa jalqabaa wahyiin

gara Ergamaa Rabbiitti (SAW) bu’uu jalqabeedha. Abjuun Nabiyyiin argu hundii

dhugaadha. Namoonni abjuu arguu danda’u. Tarii abjuun isaanii dhugaa ta’u

danda’a dhugaa ta’uu dhiisus danda’a. Garuu abjuun Nabiyyoota dhugaadha.

Sababni isaas, sheyxaanni qalbii nabiyyootatti taphachu hin danda’u. Ijji

Nabiyyoota ni rafti, garuu qalbiin isaanii hin raftu. Wanti abjuun argan wanta

dhugaan Rabbiin isaanitti buusu fi borumta ykn gara fuunduratti ta’uudha.

Fakkeenyaf, Qur’aanni wanta Nabii Ibraahimi fi ilma isaa Ismaa’il jiddutti

adeemsifame haala kanaan nuuf hima:

Page 20: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

20

رى فذ لسع ٱفلما بلغ معه ﴿ أ ذبك ف لمنامذ ٱقال يبن إذن ذ

أ ن ذ

قال ماذ نظر ٱأ ا ترى

بتذ أ إذن شاء فعل ٱي دنذ ذي ٱمذ لل ٱما تؤمر ستجذ بذ ﴾١٠٢لص

"[Mucaan] yeroma isa waliin deemuu irra gahu [Nabi Ibraahim] ni jedhe,

“Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Waan sitti

mul’atu ilaali.” Ilmis ni jedhe:”Yaa abbaa kiyya! Waan itti ajajamte dalagi.

Yoo Rabbiin fedhe obsitoota irraa ta’uu na argita.” Suuratu As-Saaffaat

37:102

Ismaa’il yommuu abbaa isaa Ibraahim waliin deemu ykn fiigu irra gahe, abbaan

“Yaa ilma kiyya! Ani abjuu keessatti kan si gurra’un arge. Yaanni kee maali?”

jedhee gaafate. Abjuun Nabiyyoota wahyii Rabbiin irraa bu’e waan ta’eef, hojii

irra oolchun barbaachisaadha. Ismaa’el, “Wanta itti ajajamte hojjadhu.” jechuun

abbaaf yaada kenne.

Gara Nabi Muhammad (SAW) yommuu dhufnu immoo, banamiinsi Makkaa

abjuu Ergamaan Rabbii (SAW) argeen bakka gahe. Rabbiin abjuu isaa dhugaa

taasiseef. Rabbiin ni jedha:

ذ لرءياٱرسول لل ٱصدق لقد ﴿ ذ ٱب د ٱلدخل لق إذن شاء لرام ٱ لمسجذذي ل تافون فعلذم ما لم تعلموا لل ٱ ذ ذقذي رءوسكم ومقص ءامذنذي مل

ذك فتحا قرذيبا ل ﴾٢٧فجعل مذ دونذ ذ“Rabbiin Ergamaa Isaatiif abjuu haqaan dhugaa taasisee jira. Yoo Rabbiin

fedhe nagayaan mataa keessan haadachaa, [gariinis] gabaabsachaa, osoo

hin sodaanne Masjiida kabajamaa [Makkaa] ni seentu.” Suuratu Al-Fat’hi

48:27

Abjuun Ergamaan Rabbii (SAW) mataa haadachuun, akkasumas, namoonni

gariin rifeensa gabaabsunii fi osoo hin sodaanne Masjiida Kabajamaa Makkaa

seenu arge wahyii haqaa Rabbiin itti buuse fi ergasii dhugaa taasisedha. Kuni

Page 21: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

21

sadarkaalee wahyii keessaa sadarkaa jalqabaa wahyiin Ergamaa Rabbitiif dhugaa

taasifameedha.

2ffaa- Ergamaan Rabbii (SAW) Malaayka suuraa irratti uumamen argu-

Kuni sadarkaa lamaffaa karaa wahyiin ittiin dhufuudha. Qur’aanni si’a lama

Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame akka arge nuuf

hima. 1ffaa Suuratu Najm Ayaata 1-11, 2ffaa suuratu Najm armaan olii Aaayat

12-18

Ergamaan Rabbii (SAW) suuraa Jibriil irratti uumame kan argan yeroo wahyiin

(Qur’aanni) bu’uu jalqabe irratti. Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan

(Radiyyallahu anhaa) haala kanaan ibsiti:

"Wahyiin gara Ergamaa Rabbiitti bu’uu kan jalqabe abjuu gaarii hirriba

keessatti arguuni. Abjuu homaatu hin argu akka guyyaa adii dhugaa yoo taate

malee. Ergasii kophatti bahuun isaaf jaallatamaa ta’e. Goda Hiraatti kophaa

bahuun gara maatii isaa deebi’uun dura halkan baay’eef achitti Rabbiin

gabbaraa ture. Kanaaf galaa (siinqi) fudhataa ture. Ergasii gara Khadiijaa

deebi’uun akkuma duraa siinqi fudhata. Hanga guyyaa tokko osoo inni goda

Hiraa keessa jiru Haqni tasa isatti dhufuu [haala kanaan itti fufe]. Malaaykan

dhufee akkana jedheen, “Iqra’a (dubbisi)” Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedhe,

“Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergamaan Rabbii itti fufuun ni jedhe,

“Ergasii Malaaykan sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na

ukkaamse. Ergasi gadi na fure.” Ammas Malaaykan ni jedhe, “Dubbisi!” Ani

nan jedhe, “Akkamitti akka dubbisan hin beeku.” Ergasii Malaaykan yeroo

lammataaf sirritti na qabuun hanga dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi

gadi na fure, “Dubbisi!” naan jedhe. Anis nan jedhe, “Akkamitti akka

dubbisan hin beeku.” Ammas yeroo sadaffaaf sirritti na qabuun hanga

dhiphachuu gahuutti na ukkaamse. Ergasi gadi na furee akkana jedhe, “Maqaa

Rabbii keeti Kan [waan hunda] uumen dubbisi. Ilma namaa dhiiga ititaa

irraa uume. Dubbisi! Gooftaan kee arjaadha. Kan qalamaan [barreessu]

barsiise. Nama waan inni hin beekne barsiise.”(Suuratu-Al-Alaq-96:1-5)

San booda Ergamaan Rabbii Aayata armaan olii kana fudhachuun osoo qalbiin

dhikkistuu fi hollatanuu gara haadha manaa isaanii Khadiijaa deebi’an. Ergasii

ni jedhan, “Na haguuga, na haguugaa!” Hanga sodaan irraa deemu ni haguugan.

Ergasii Ergamaan Rabbii (SAW) Khadijaan ni jedhe, "Yaa Khadiijaa! Rakkoon

kiyya maalii? Lubbuu tiyya irratti sodaadhe.” Wanta malaayka waliin ta’e

Page 22: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

22

ishitti hime. Khadijaanis ni jette, “Dhoorgami! Abshir (gammadi), Rabbiin

kakadhe! Rabbiin si hin salphisu. Rabbiin kakadhe! Ati dhugumatti, hariiro

firummaa sufta (eegda), dhugaa dubbatta, hiyyeessaa fi rakkataa gargaarta,

keessumma kabajaa fi arjaan keessumeessita, warra balaan itti bu'e gargaarta.”

Ergasi Khadijaan ilma abbeeraa ishii kan ta’e Waraqaa bin Nawfal bira

Ergamaa Rabbii fidde. Waraqaa bin Nawfal Ergamaan Rabbii (SAW)

ergamuun dura Kiristaana ture. Kitaaba Arabiffaa fi wanta Rabbiin fedhe Injiila

Arabiffaan barreessaa ture. Jaarsa dulloomee fi ijji isaa tan badde ture.

Khadijaan “Yaa ilma abbeeraa kiyyaa! wanta ilmi obboleessa keeti jedhu

dhagahi mee.” jetteen. Waraqaan ni jedhe, “Yaa ilma obboleessa kiyyaa! Maal

argite?” Ergamaan Rabbii (SAW) wanta arge isatti hime. Waraqaan ni jedhe,

“Kuni [Malaayka Jibriil] kan iccitii eegu Nabii Muusa irratti bu’etu sirrattis

bu’e. Maal qaba ani osoo dargageessa ta’ee jiraadhe! Osoo hanga ummanni kee

biyyaa si baasanii lubbuun jiraadhe maal qabaa!” Ergamaan Rabbiis ni jedhan,

“Isaan biyyaa na baasu?” Innis ni jedhe, “Eeyyen! Namni fakkaataa wanta ati

fidde fide namoonni diina isatti ta’u. Osoo hanga guyyaa sani lubbuun jiraadhe

silaa deeggarsa cimaan si deeggaraa ture. ” Garuu Waraqaan yeroo muraasan

booda ni du’e. Wahyiniis yeroo muraasaf Nabiyyii irratti bu’uu dhiise.” Sahih

al-Bukhari 3

Kuni yeroo jalqabaatif Ergamaan Rabbii (SAW) Malaaykaa Jibriil suuraa irratti

uumame argan. Malaaykan Jibriil Qur’aana irraa aayata (keeyyata) muraasa

yeroo jalqabaatif Rabbiin irraa fuudhe gara Nabi Muhammad (SAW) geesse.

Yeroo lammataa Nabiyyiin suuraa Malaaykan Jibriil irratti uumame halkan

Mi’raaja samii ol’aantu Sidratal Muntahaa biratti isa argan. Kuni sadarkaa fi bifa

2ffaa wahyiin Rabbiin irra gara Nabiyyi bu’uudha. Innis Malaayka Jibriil suuraa

irratti uumameen arguuni.

3ffaa- Suuraa Namaatin Malaaykaa arguu – Malaaykan Jibriil nama

fakkaachun gara Ergamaa Rabbii (SAW) wahyii fide dhufa. Namoonni naannawa

san jiran Jibriilin ni argu, wanta inni jedhu ni dhagahu. Ragaan kanaa hadiisa

Umar bin al-Khaxxaab dabarseedha. Osoo sahaabonni (hiriyoonni) Nabiyyi fi

Nabiyyiin bakka tokko walitti qabamanii taa’anuu, Jibriil suuraa nama hin

beekkamneetin dhufe. Ergamaa Rabbii (SAW) fuundura taa’un waa’ee Islaamaa,

iimaanaa, ihsaanaa fi Guyyaa Qiyaamaa gaafate. Ergamaan Rabbiis gaafiwwan

Page 23: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

23

Jibriil ni deebisaniif. Jibriilis dhugaa dubbatte jechuun mirkaneesse. (Sahiih

Musliim-8)

Malaaykan Jibriil akkuma suuraa namaatin gara Ergamaa Rabbii dhufu, osoo

nama hin fakkaatinii fi ijaan hin mul’atin gara Nabiyyitti dhufuun wanta “itti

geessi” jedhame itti geessa.

Page 24: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

24

Boqonnaa 2

Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabame

Wahyiin Qur’aanaa fi hadiisota sirrii Ergamaa Rabbii irraa gabaafaman akka of

keessatti qabatu kaasne turre. Ergamaan Rabbii (SAW) ofirraa kaasanii waan hin

dubbaneef waa’ee amanti ilaalchise wanti dubbatan, hojjatanii fi mirkaneessan

wahyii (beeksisa) Rabbiin irraa isaanitti bu’eedha. Ragaan kanaa:

ق ع ذ ﴿ ﴾٣لهوى ٱ وما ينطذ

"[Nabii Muhammad (SAW)] Fedha lubbuu irraa hin haasawu.

﴾٤إذن هو إذل وح يوح ﴿

[Wanti inni dubbatu] wahyi buufamu qofa." (Suuratu Najm 53:3-4)

Akkuma keeyyata (aayata) lamaan armaan olii irraa hubannu Qur’aanni jecha ykn

dubbii Nabiyyiin ofirraa kaasanii dubbatan osoo hin ta’in wahyii (ergaa) Rabbiin

irraa bu’eedha. Kutaa darbee keessatti sadarkaalee fi karaalee wahyiin itti bu’u

ilaalle turre. Ammas dabalataan akkaata wahyiin gara Ergamaa Rabbitti bu’u ni

ilaalla.

Haati mu’mintoota tan taate Aa’ishaan (Radiyallahu anhaa) akka gabaastetti,

Haaris ibn Hishaam akkana jechuun Ergamaa Rabbii (SAW) gaafate, “Yaa

Ergamaa Rabbii! Wahyiin akkamitti sitti dhufaa?” Ergamaan Rabbiis (SAW) ni

jedhan: “Yeroo tokko tokko akka qillisa bilbilaa natti dhufa. Kuni hunda

caalaa narratti ulfaatadha. Ergasii narraa cita; wanta inni (malaykaan)

jedhe nan qabadha. Yeroo garii immoo Malaykaan namticha fakkaatee na

dubbisa. Ergasii wanta inni jedhu nan qabadha.” Aa’ishaan (radiyallahu

anhaa) ni jetti, dhugumatti wahyiin guyyaa garmalee qorraa osoo isarratti bu’uu

argee jira. Wahyiin erga dhumate booda dafqii kallacha isaa irraa coccoba.” Sahih

al-Bukhari 2, Sahih al-Bukhari 3215

Page 25: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

25

Asitti bilbila yommuu jedhu telefoona yeroo ammaa harkaa qabnu osoo hin ta’in

bilbila sibilaa qillisuudha. Fakkeenyaf, fardoota irraa bilbila qillisu ykn bilbila

yeroo durii mana barnootatti itti fayyadaman. Afaan Amaariffaatin isa “dawul”

jennuudha.

Hadiisa armaan olii Aaayatni Qur’aanaa ni deeggaru. Rabbiin (subhaanahu wa

ta’aalaa) ni jedha:

“Dhugumatti, Qur’aanni buufama Gooftaa addunyaa hundaati.

Ruuhi amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e (Qur’aana Rabbiin irraa fide).

Akka ati Akeekachisaa irraa taatuf qalbii kee irratti [fide]. Lugaa (qooqa) Arabiffaa ifa ta’een.” Suuratu Ash-Shu’araa 26:192-195

Kana jechuun Qur’aanni Rabbii waan hundaa uumee fi sooru irraa bu’e. Rabbiin

akkuma bishaan samii irraa buusun qaama namaatiif jabeenya taasise, Qur’aanas

of biraa buusun namootaf qajeelcha fi ifa taasise. Qur’aana Rabbiin irraa gara

Nabii Muhammad (SAW) itti kan fide (geesse) Malaayka Jibriili. Yeroo darbe

Malaaykan Jibriil bifa sadiin gara Ergamaa Rabbii dhufuun ergaa akka itti geessu

ilaalle turre. 1ffaa: Ergamaan Rabbii suuraa dhugaa Jibriil irratti uumame ni argu.

2ffaa: Suuraa namaa fakkaachun itti dhufuun ergaa itti geessa. Yeroo kanatti

Ergamaan Rabbii fi namoonni naannawa san jiran Jibriilin ni argu, dubbii isaa ni

dhagahu. 3ffaa: Malaaykan Jibriil osoo ijaan hin mul’atin Ergamaa Rabbitti

wahyii (beeksisa ykn ergaa) Rabbiin irraa fida. Yeroo kanatti, Ergamaan Rabbii

yommuu wahyiin isatti bu’u akka sagalee qillisa bilbilaa isatti dhagahama.

Haalota wahyiin itti bu’u biroo caalaa haalli kuni isarratti ulfaatadha.

Akka yaadannotti osoo Ergamaan Rabbii (SAW) rafan Qur’aanni abjuudhaan

isaanitti hin buune. Wanti abjuun isaanitti bu’e Qur’aanan ala wahyii (ergaa)

biraati. Fakkeenyaf, banamiinsa Makkaa fi wantoota gara fuunduraatti dhugaan

uumaman biroo abjuun argu. Garuu Qur’aanni osoo isaan of beekanii fi hirraba

irraa dammaqanii jiranuu isaan irratti bu’a ture.

Page 26: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

26

Qur’aanni waggaa 23f dhawaata dhawaatan, aayaa aayan (keeyyata keeyyataan),

boqonna boqonnaan bu’aa ture. Bu’iinsi kuni faaydaa baay’ee qaba. Isaan

keessaa: suuta suutan namoota barsiisuuf, karaa salphaan namoonni sammuu

keessatti akka qabatan (haffazaniif), qalbii Ergamaa Rabbii fi sahaabota isaa

tasgabbeessuf, warroota gaafi gaafataniif deebii hatamtamaa kennuu fi kkf.

Haala fi akkaata bu’iinsa Qur’aana hubanne jirraa jechuudha. Amma gaafin ka’u

kana fakkaata. (1)-Malaaykan Jibriil Qur’aana Rabbiin irraa gara Nabi

Muhammad (SAW) erga fide booda Nabiyyiin hin dagatanii? Aayata fi jechoota

wal keessa hin dhayanii? (2)- Ergamaan Rabbii (SAW) barreessuu fi dubbisuu

hin danda’an. Kanaafu Qur’aanni akkamitti barreefaman hanga ammaa as gahee?

Gaafiwwan kanniin mata-duree armaan gadii keessatti ni deebisna.

Akkuma beekkamu Qur’aanni addaan ciccituun yeroo adda addaa keessatti

buufamaa ture. Haa ta’uu malee Qur’aanni tartiiba isaa eeggatee walitti qabame

jira. Walitti qabama fi tartiiba Qur’aanaa bakka lamatti qoonne ilaalu dandeenya.

Isaaniis: Qur’aana qomatti qabachuu fi barreefamaan walitti qabuudha. Ammaaf

Qur’aanni akkamitti qomatti akka walitti qabame ni ilaalla. Barreefamaan

akkamitti akka walitti qabame immoo In sha Allaah kutaa itti aanutti ilaalla.

1.Qur’aana qomatti qabachuu (haffazuu)- kana jechuun osoo homaa itti hin

dabalin fi hin hir’isin Qur’aana guutuu sammutti qabachuudha. Adeemsi kuni

Ergamaa Rabbii (SAW) irraa kaase hanga ammaatti kan itti fufaa jiruudha.

Yommuu Jibriil Qur’aana dubbisu akka jalaa hin bannee fi qomatti qabachuuf

Ergamaan Rabbii (SAW) arraba isaanii Malaykaa Jibriil waliin sochoosa turan.

Garuu Rabbiin adeemsa kana dhoowwun yommuu Qur’aanni qara’amu

(dubbifamu) akka cal’ise dhageefatu ajaje. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni

jedha:

ذ لق ٱ لملذك ٱ لل ٱفتعل ﴿ ن يقض إذلك وحيه لقرءانذ ٱول تعجل بوقل ۥ مذ قبلذ أ

ذ زذدنذ ﴾١١٤ عذلمارب

"Mootiin haqaa Rabbiin ol ta’eera. Osoo buufamni isaa gara kee bu’ee hin

xumuramin dura, Qur’aana [dubbisuutti] hin jarjarin. ‘Yaa Rabbii kiyya!

Beekumsa naaf dabali’ jedhi.” (Suuratu Xaahaa 20:114)

Page 27: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

27

ذهذ ﴿ ذك ب ذ ۦل تر عجل ب ذسانك لذ ﴾١٦ۦ هذ ل

“Qur’aana [qabachuutti] ariifachuuf jecha arraba kee isa waliin hin

sochoosin.”

﴾١٧ۥوقرءانه ۥإذن علينا جعه ﴿

“Dhugumatti, Qur’aana [qalbii kee keessatti] walitti qabuu fi akka

dubbistu gochuun Nurra jira.” (Suuratu Al-Qiyaamaa 75:16-17)

Hubachiisa: Qur'aana keessatti Rabbiin “Nuti, Nu” yommuu jedhu “Guddinna fi

kabaja” agarsiisufi malee baay’inna agarsiisufi miti. Arabiffa keessatti of

kabajuuf, “Nahnu (Nuti) ykn Innaa (dhugumatti nuti)” namni tokko ni

fayyadama. Fakkeenyaf barreessan kitaabaa, “mata-duree kana jalatti nuti kana

ibsinee jirra” jedhee yommuu barreessu ni argina. Rabbiin “Nuti” jedhe

fayyadamuun immoo wanta garmalee Isaaf maluu jechuudha. Rabbiin Tokkicha

fakkaataa hin qabne fi waa hunda uumudha.

Gara mata-duree keenyatti yommuu deebinu, akkuma keeyyata armaan olii irraa

hubannutti Rabbiin Qur’aana guutu qalbii Nabi Muhammad (SAW) keessatti

akka walitti qabu itti gaafatamummaa fudhatee jira. Rabbiin wanta hundaa irratti

danda’aa waan ta’eef, keeyyata (aayaa) fi boqonnaa Qur’aana yeroo adda addaatti

bu’an qalbii Nabiyyii keessatti tartiiban walitti qabe. Kanaafu, aayaa (keeyyata)

Qur’aanaa boqonnaa (suurah) ishiif maltu keessatti Rabbiin tartiiba qabsiise jira.

Haala kanaan Nabiyyiin Qur’aana guutuu qomatti qabatan (haffazan).

Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana irraa wanta isaanitti bu’e sahaabota

(hiriyyoota) isaanii barsiisaa turaniiru. Sahaabonnis Qur’aana haffazanii (qomatti

qabatanii) jiru. Isaan keessaa Bukhaarin namoota torba sahiiha keessatti tuqeera.

Isaaniis: Mu’aaz bin Jabal, Ubay bin Ka’ab, Zayd bin Saabit, Abdullah bin

Mas’uud, Saalim bin Ma’aqil, Abuu Zayd bin Sakanii fi Abu-ddardaa fa’aadha.

Kana jechuun namoonni jireenya Nabiyyi keessatti Qur’aana haffazan kanniin

qofa jechuu miti. Garuu warreen Bukhaarin dubbate torban ykn saddeettan

kunniin warra Qur’aana qomatti qabatanii (haffazanii) Nabiyyiin qaraati

Page 28: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

28

(dubbisa) isaanii isaaniif dhageefachuun beekkamaniidha. Namoota kanniin ala

Qur’aana irraa muraasa ykn guutuu isaa kan haffazan baay’etu jiru.

Guduunfaa:

✍Qur'aanni suuta suutan waggaa 23f Rabbiin irraa gara Nabii Muhammad

(SAW) itti bu'aa tureera.

✍Malaaykan Jibriil (nageenyi isarratti haa jiraatu) Qur'aana Rabbiin irraa fiduun

gara Nabiyyitti geessa. Nabiyyiniis gara namootaatti geessu. Namoonnis

Qur'aana isarra barachuun addunyaa guututti geessu. Haala kanaan Qur'aanni

addunyaa keessa faca'e.

✍Rabbiin Qur'aana guutuu qalbii Nabiyyii keessatti walitti qabuu itti

gaafatamummaa fudhatee jira. Akkasumas, nama Qur'aana qoma keessatti

qabachuu fi barachuuf carraaqu Rabbiin akka isa gargaaru fi laaffisuuf waadaa

galee jira. Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) ni jedha:

نا ﴿ دكذر لقرءان ٱولقد يس ذكرذ فهل مذ مذل ﴾١٧ل

"Dhugumatti, Qur'aana hubachuu fi yaadachuuf laaffifne jirra. Namni ittiin

gorfamu jiraa?" Suuratu al-Qamar 54:17

✍Kanaafu, Qur'aanni Rabbiin irraa bu'uu keessa shakkiin wayitu hin jiru.

ذ لفرقان ٱنزل لذيٱتبارك ﴿ ه عبدذ يرا ۦلع ذلعلمذي نذذ كون ل ﴾١لذ

"Addunyaa hundaaf akeekachiisaa akka ta'uuf gabricha Isaa irratti

furqaana (Qur'aana) Kan buuse toltuun Isaa baay'atte." (Suuratu Al-

Furqaan 25:1)

Kana jechuun Rabbiin gabricha Isaa Muhammad (SAW) irratti Qur'aana buusun

karaa qajeelaa fi jallinnaa, karaa Jannataa fi ibiddatti nama geessu ifa taasise.

Dhugumatti toltuun Rabbii baay'atte.

Kitaabban Wabii:

Taarikhu Nuzuulu al-Qur’aan al-Kariim– fuula 26-28, by Mahammad Ra’afat

Page 29: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

29

Sa’iid

Hiika Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin-Fuula 21-22, Mana Maxxansa

Najaashi

Akkasumas, bal'innaan Seenan Buufama Qur'aanaa Ingiliffaan dubbisuuf

"History of Qur'anic Text" ilaalun ni danda'ama.

Page 30: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

30

Qur’aanni Akkamitti Barreefamaan Walitti Qabamee?

Qur'aanni kalaama (haasawa) Rabbii, Nabiyyi Muhammad (SAW) irratti

buufame fi isa dubbisuun akka ibaadatti kan ilaallamuudha.

Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni lama

irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis; Qur’aanaa fi Kitaaba. Lugaa Arabiffaa

keessatti "Qur’aanni" hiika “dubbisuu” qaba[1]. Kuni kan agarsiisu Qur’aanni

qubeewwan walitti fiduun arrabaan dubbifamuu kan danda’amuudha. Karaa

biraatin "Kitaaba" jechuun wanta galmaa’e fi barraa’edha.[2]

Kanaafu, maqaaleen Qur’aanaa lamaan kunniin ergaa gurguddaa lama dabarsuu

jechuudha.

1ffaa: Jechi "Qur’aana" jedhu sammuutti qabatamuun (haffazamuun) eeggamuu

isaa kan agarsiisu yoo ta’u

2ffaa: Jechi "Kitaaba" jedhu immoo waraqaa ykn meeshaa barreefamaa irratti

galmaa’un tiikfamu isaa mul’isa. [3]

Kanaafu, Qur’aana keessatti tasa dogongorri yoo uumame, maddoota lamaan

kanniin keessaa tokkoon ni sirreeffama. Fakkeenyaf, namni tokko suurah

(boqonnaa) Qur’aanaa sammutti qabate osoo kitaaba hin ilaalin dubbisuu yoo

dogongore, kitaaba ilaalun sirreefachu danda’a. Ammas, osoo Aayata ykn suurah

Qur’aanaa waraqaa irratti print godhanuu ykn barreessanu ykn Aplikeeshinii

telefoona irratti yoo dogongoran, namni Qur’aana guutuu sammutti qabate

dogongora kana ni sirreessa. Qur’aanni haala kanaan jijjiramu ykn irraa haaqamu

ykn itti dabalamuu irraa hanga Guyyaa Qiyaamatti ni eeggamaa jechuudha.

Dhugumatti Rabbul Aalamiin ni jedha:

ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل

“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.”

Suuratu Al-Hijr 15:9

Kanaafu, qulqullinnaa fi tiikfamu Qur’aanaa ilaalchisee wanti nama shakkisisuu

tokkollee hin jiru.

Page 31: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

31

Kutaa darbee keessatti karaalee Qur’aanni walitti qabamee keessaa karaa

tokkoffaa ilaalle turre. Innis Qur’aana guutu qomatti qabachuudha. Rabbiin waan

hundaa irratti danda’aa ta’ee akkuma yeroo ammaa namoota miliyoonatti

lakkamaan Qur’aana guutuu qomatti akka qabatan taasise, yeroo jalqaba Nabiyyi

irratti buusus Nabiyyiif qoma isaa keessatti walitti qabee jira. Faaruu fi galanni

hundii Rabbiif haa ta’u. Karaan lammataa Qur’aanni walitti qabamee karaa

barreefamaatin.

2.Qur’aana Barreefamaan Walitti qabuu Barreefamaan Qur’aana walitti qabuu iddoo saditti qoodanii ilaalun ni

danda’ama. Isaaniis:

1-Jireenya Nabii Muhammad (SAW) Keessatti Barreefamaan walitti

qabuu- Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa isaanitti

dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef barreessitoota gurguddaa sahaabaa

irraa ta’an kan akka Aliyyi, Mu’aawiyaa, Ubayy bin Ka’abii fi Zayd bin Saabit

fa’a kaa’uun yeroo keeyyanni (aayan) wayii buufamtu akka keeyyata san

barreessan isaan ajaju turan. Iddoo ishiin itti barreefamtu fi boqonnaa (suuraah)

ishiin keessatti barreefamtus Nabiyyitu barreessitootatti hima.[4]

Fakkeenyaf, Zayd bin Saabit Masjiida Ergamaa Rabbitti dhiyoo waan ta’eef,

wahyiin yommuu bu’u Nabiyyiin yeroo baay’ee akka barreessu isa waamaa turan.

Yeroo Aayan waa’ee Jihaada dubbattu buutu, Ergamaan Rabbii (SAW) meeshaa

barreefamaa waliin Zayd bin Saabit waaman. Ergasii Aaya jihaada ni dubbisaniif,

Zayd immoo ni barreessa. Osoo Ergamaan Rabbii dubbisanuu, ibn Um-Maktuum

dhufee akkana jedhe, “Yaa Ergamaa Rabbii, Rabbiin kakadhe osoo danda’e silaa

karaa Rabbii irratti nan qabsaa’a.” ibn Um-Maktuum ijaan hin argu ture. San

booda Rabbiin “ { رر ”.jettu buuse (warra miidhama qaban malee) ”{غير أولي الض

Sahiih Al-Bukhaari 4592

Ammas, barreefamaan booda wanta barraa’e mirkaneessun (proofreading) ni jira.

Galmeen aayaata (keeyyattootaa) erga xumuramee booda, dogongorri akka hin

uumamneef Zayd Ergamaa Rabbiitiif ni dubbisa. [5]

Ergamaan Rabbii Qur’aana eeguf tarkaanfilee barbaachisu haa fudhataniyyuu

malee yeroo sanitti Qur’aanaa jiildi (galmee) tokkotti walitti hin qabne. Kana irra,

Qur’aanni wanta garagaraa fi bakka adda addaatti barreefamaa ture. Sababni

isaas, suuraah fi Aayaan Qur’aanaa bu’uu itti fufanii jiru. Akkasumas, meeshaan

Page 32: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

32

barreefamaa akka ammaatti hin jiru. Kanaafu, yeroo sanitti osoo Qur’aanni

guutun bu’ee hin xumuramiin, suuraah fi Aayaa yeroo adda addaatti bu’an jiildi

(galmee) tokko keessatti walitti qabuun garmalee ulfaata. Garuu Ergamaan

Rabbii erga du’anii booda wahyiin bu’uu ni dhaabbate. Kanaafu, amma Qur’aana

guutuu bakka tokkotti walitti qabuun ni danda’amaa jechuudha. Kunis yeroo Abu

Bakr adeemsifame.[5]

2-Yeroo Motummaa Abu Bakr Keessa Qur’aana Barreefamaan Walitti

qabuu- Abu Bakr bakka Ergamaa Rabbii (SAW) bu’uudhaan bulchiinsa

Muslimtootaatiif dhaabbatee ture. Rakkoon baay’eenis isa muudate ture. Guyyaa

lola Yamaamaa haafizoonni (warroonni Qur’aana qomatti qabatan) baay’een

dhumanii turan. Akkuma irranatti jenne Qur’aanni yeroo Ergamaan Rabbii

lubbuun jiran wantoota adda addaa irratti barraa’a tureera. Umar bin al-

Khaxxaab, “Qur’aanni bakka adda addaatti faca’e kuni ni bada ykn ni dagatama”

jechuun Qur’aanni bakka tokkotti walitti qabamu akka qabu Abu Bakrin

mari’achiise. Abu Bakris yaada kana fudhachuun Qur’aana kitaaba (galmee)

tokko keessatti akka walitti qabu Zayd bin Saabitiin ajaje. Zaaydis itti

gaafatamummaa kana fudhatee Qur’aana bakka adda addaatti yeroo Nabiyyii

barreefamee faca'e bakka tokkotti walitti qabe. (ilaali Sahih al-Bukhari 4986)

Haala kanaan Qur’aanni yeroo Motummaa Abu Bakrii fi sahaabota yeroo sana

jiraaniin galmee tokko keessatti walitti qabamee raawwatame. Kunis walitti

qabiinsa lammaffaa jechuun beekkama.

3-Yeroo Mootummaa Usmaan keessa Qur’aanni Barreefamaan Walitti

qabamuu- Akkuma beekkamu Qur’aanni Afaan Arabiffaatin buufame.

Araboonni akka balbala sanyii isaanitti loqoda garagaraa waan qabaniif nama

hundaaf akka laafuf Ergamaan Rabbii (SAW) loqoduma isaanitiin Qur’aana

barsiisan. Loqoda jechuun jecha tokko yommuu sagaleessan sagaleen garagara

ta’uudha. Garuu hiikni isa tokkoma. Fakkeenyaf, akka Afaan Oromootti, naannoo

Hararitti jecha “of” jedhu, “if” jechuun sagaleessu.Hima keessatti, “Ofii hojjadhe

= ifii hojjadhe.” Jechoonni lamaan kunniin hiikni isaanii tokkoma. Haaluma

kanaan Afaan Arabaa keessattis jechoonni hiika wal-fakkaataa qaban garuu

yommuu dubbatan sagaleen isaanii garagara ta’e ni jiru. Fakkeenyaf, jecha "( قلت)

qultu" jedhu, warri Ijibt "ult" jechuun sagaleessu. Warri Yaman immoo "gultu"

jechuun sagaleessu. Garuu hiikni isaanii tokkoma. Innis "Ani jedhe" ta'a.

Qur'aanni loqoda Arabiffaa garagaraatin yoo dubbifame, hiika isaa kessatti wanti

Page 33: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

33

jijjiramu tokkollee hin jiru. Ergamaan Rabbii (SAW) bifa torbaan Qur'aana

dubbisaa turan. (Ilaali Sahih Muslim 819)

Yeroo mootummaa Usmaan biyyoonni Musliimaa waan baay'ataniif, haafizonni

gara biyyoota kanniini keessa faca’an loqoda ofii qabatanii deemu jalqaban.

Naannawa tokko tokko keessatti Araboonni gariin loqonni isaanii loqoda biroo

akka caalu dhaadachu eegalan. Akkasumas, Musliimni haarofti Qur'aana osoo

dubbisuu yoo dogongore, dogongorri isaa kuni dhuguma dogongora dhugaati

moo bifaa dubbisaa torban Ergamaan Rabbii barsiisaa turan keessaa isa tokko

ta'uu ykn dhiisu isaa itti himuun garmalee ulfaata. Dhumarratti rakkoon kuni

naannoolee Arabaan alan jiraniif madda dhama'iinsa fi wal-dhabbii ta'e.*

Sahaaban Huzeeyfa ibn Al-Yamaan jedhamu yommuu Iraaq keessa jiru

dhama'iinsa kana hubachuun addaan bittinaa'u ummata Muslimaati fi jijjiramu

Qur'aanaa sodaate. Huzeyfaan yommuu gara Madiina deebi'u rakkoo argee fi

dhagahe Usmaanitti beeksisee. Yeroma san Usmaanis sahaabota mari’achiisun

galmee Abu Bakr irraa loqoda jiddu-galeessa tokkoon Qur’aana kitaaba tokko

keessatti akka barraa’u murteessan. Galmeen yeroo Abu Bakrii barraa’e haadha

manaa Nabiyyi tan taate Hafsaa bira ture. Usmaanis Hafsaa irraa galmee

Qur’aanaa fuudhee gara Zayd bin Saabit, Abdullah bin Zubeeyr, Sa’iid bin Aas

fi Abdurahmaan bin Haaris bin Hishaamitti erguun akka isaan kitaabbilee

baay’eetti garagalchaan ajaje. Isaaniis kana raawwachuun biyya hundatti

hawaasaf tamsaasan. Kunis walitti qabiinsa sadaffaa jedhama. Sunis godaansa

Nabiyyii irraa waggaa 25ffaa keessa ture. (ilaali Sahih al-Bukhari 4987)

Haala kanaan garagalchi (koopin) Qur'aanaa bifa wal-fakkaatun addunyaa keessa

raabsame. Sana booda Qur’aanni hanga guyyaa har’aatti akka yeroo sanitti walitti

qabameen qomattis qabatamee fi meeshaa barreefamaa irrattis barreefame

tiikfamee jira.

Akkasumas, tiikfamu Qur’aanatiif ragaa kan ta’an garagalchii (koopin)

Qur’aanaa yeroo durii baay’een isaanii Muuziyeemi biyyoota adda addaa

keessatti ni argama. Qabiyyeewwan hunda isaanitu kan wal-fakkaataniidha. Akka

fakkeenyatti fakkiiwwan lamaan kanniin dhiyeessun ni danda'ama.

Page 34: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

34

Mus'hafa yeroo durii muuziyeemi Yaman keessatti argamu.[6] Mus'hafa jechuun

galmee Qur'aanni irratti barraa'u jechuudha.

Page 35: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

35

Galmee Qur'aanaa durii Masjiida Kaayiro Al-Huseyn jedhamu keessatti

argamu.[7]

Gudunfaa -Qur'aanni karaalee lamaan tiikfame

1ffaa- Qomatti qabatamuun arrabaan dubbifamuu

2ffaa- meeshaalee barreefamaa irratti barreefamuun.

-Qur'aannni yeroo Ergamaan Rabbii (SAW) barreefamaan wantoota adda addaa

irratti barraa'e jira.

-Yeroo motummaa Abu Bakr Qur'aanni wantoota adda addaa irratti barreefame

Page 36: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

36

ture galmee tokko keessatti walitti qabame.

-Yeroo Motummaa Usmaan ibn Affaan koopin Qur'aanaa baay'een galmee Abu

Bakr irraa garagalfamuun biyyoota Musliimaa adda addaatti ergame.

Kitaabilee Wabii: [1][2] How to Approach and understand The Qur’an-Jamal Zarabozo-fuula 8

(hardcopy)

[3] Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootiin- fuula 12

[4] Madda olii- fuula 22-24

[5][6] History of Qur’anic Text-fuula 69, 77 fi 96 (Hardcopy)

[7] Sahih International English Translation of the Qur'an, fuula 708

*Usuul Tafsiir-Bilaal Filips-fuula 113

Page 37: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

37

Boqonnaa 3 Shakkii Qur’aanaa Qulqulleessuf

Qur’aanni kalaama (haasawa) Rabbal aalaminaa akka ta’ee fi qulqullummaan

isaa hanga ammaatti akka tiikfame yeroo darbee ilaalle jira. Namoonni namoota

daandii haqaa irraa jallisuuf halkanii guyyaa carraaqan, Qur’aana jijjiruu akka hin

dandeenye yommuu beekan, namootatti shakkii naquu hojii ofii godhatan.

Namoota qofa osoo hin ta’in sheyxaanni keessaas shakkii namatti naquuf halkanii

guyyaa namatti hasaasa. Kanaafu, Qur’aanni jecha ykn haasawa Rabbii ta’uu isaa

akkamitti beeknaa? Karaa baay’een beekna. Mee isaan keessa muraasa isaanii

haala armaan gaditiin haa guduunfinu.

1.Shari’iyyi (karaa shari’aatin)- kuni keeyyanni (aayanni) Qur’aana keessa

jiran Qur’aanni guutun jecha Rabbii ta’uu kan agarsiisaniidha. Rabbiin

(subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

فل يتدبرون ﴿لوجدوا فذيهذ للذ ٱولو كن مذ عذندذ غريذ لقرءان ٱأفاٱ ﴾٨٢كثذريا ختذل

“Sila isaan Qur’aana itti hin xinxalanii? Osoo [Qur’aanni] Rabbiin ala kan

biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee arguu turan.”

Suuratu An-Nisaa 4:82

Sheykh Abdurahman Sa’diyyi aayaa tana ilaalchisee akkana jedha: “Rabbiin

kitaaba Isaa akka itti xinxallan ajaja. Kunis kan ta’u hiika isaa hubachuun, jalqaba

fi dhumaa isaatti yaadan itti lixuuni. Dhugumatti Qur’aana irratti xinxalluun

furtuu beekumsaa fi barnootati. Keeyrin hundi isarraa burqa, beekumsi hundi

isarraa baafama. Qur’aanan imaanni dabala, mukni imaana qalbi keessatti lafa

qabata.

Gooftaa haqaan gabbaramaa fi sifaata (amaloota) guutuu Isaa Qur’aanaan

beekan. Amaloota hanquu fi wanta Rabbiif hin malle Qur’aanni namatti beeksisa.

Page 38: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

38

Karaa Rabbitti nama geessu, amaloota warroota karaa kana hordofanii fi yommuu

Isa qunnaman wanta isaaniif qophaa’e Qur’aanni ni beeksisa. Diina dhugaa kan

ta’ee sheyxaana, karaa azaaba (jahannamitti) nama geessu fi amaloota warroota

azaabaa namaaf ifa godha.

Akkuma gabrichi Qur’aana irratti xinxalluu itti fufuun, beekumsa fi hojii

hojjachuun isaaf ni dabalama. Kanaafi, Rabbiin Qur’aana xinxallutti ajaje, itti

kakaase. Xinxalliif akka buuse akkana jechuun beeksiisa.

دبروا ءايتذهذ ﴿ ذ نزلنه إذلك مبرك ل ولوا ۦكذتب أ

تذكر أ لببذ ٱولذ

﴾٢٩ل

“[Yaa Muhammad] [Kuni] Kitaaba barakaa, akka isaan keeyyattoota isaa

itti xinxallanii fi akka warri sammuu qaban ittiin gorfamaniif jecha gara

keetti buufnedha.” Suuratu Saad 38:29

Faayda kitaaba Rabbii irratti xinxallu keessaa tokko: namtichi kanaan sadarkaa

yaqiina (mirkaneefannaa guutuu) gaha. Akkasumas, jecha Rabbii ta’uu beeka.

Sababni isaas, gariin garii dhugoomsu isaa ni arga. (Kana jechuun aayan tokko

aaya biraa dhugoomsa ykn wal jabeessa). Murtiwwan, seenaalee fi

odeefannowwan dhugaan Qur’aana keessatti bakka adda addaatti irra

deddebi’anii dhufanii jiru. Hundi isaanitu walitti galoo fi kan wal simataniidha.

Gariin garii hin faalleessan. Haala kanaan Qur’aanni guutuu ta’uu fi Rabbiin irraa

akka ta’e ni beekkama. Kanaafi, itti aanse akkana jedhe, “Osoo [Qur’aanni]

Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee

arguu turan.” Kana jechuun Rabbiin biraa [kan buufame] waan ta’eef aslimaa

wal-dhabbiin (wal faallessun) keessa hin jiru.”[1]

2.Aqliyyi (sammuun)- Rabbiin subhaanahu wa ta’aala ilmaan namaa erga uume

booda akkanumatti qajeelcha malee isaan hin dhiisne. Nabiyyoota erguu fi

kitaabban buusun namoonni karaa qajeelatti akka qajeelan taasise. Seenaa dhala

namaa keessatti nabiyyoonni hedduun ergamanii jiru. Garuu Nabiyyiin dhumaa

addunyaa guutuuf ergamuun ergaan (risaalan) Rabbiin irraa dhufu xumuramee

jira. Nabiyyiin dhumaa kuni Nabi Muhammad (SAW), kitaabni dhumaa isatti

buufames Qur’aana. Amma gaafin namni tokko of gaafatu qabu kana ta’a.

“Nabiyyin dhumaa erga ergamee fi kitaabni dhumaa erga buufame booda kitaabni

Page 39: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

39

kuni jijjiramu irraa yoo hin tiikfamin, namoonni akkamitti karaa qajeela Rabbitti

nama geessu argachuu danda’uu?” Guyyaa Murtii Nabiyyiin nutti hin ergamne

ykn Kitaabni qulqulluun nu bira hin geenye jechuun Rabbiin irratti mormii

dhiyeessu danda’u? Kuni waan hin taanedha. Takkaa Nabiyyiin ergamuu qaba

takkaa immoo kitaabni nabiyyitti buufame qulqullummaa isaa eeggatee

turuu qaba. Filannoon 3ffaan hin jiru. Kanaafu, Qur’aanni jechaa Rabbiitii fi

osoo hin jijjiramin hanga Guyyaa Qiyaama qulqullummaa isaa eeggatee kan

turuu jechuudha.

تذيهذ ﴿ل ٱل يأ ذ حكذيم حذيد ۦ مذ ا بيذ يديهذ ول مذ خلفذهذ لبطذ ﴾٤٢تزنذيل م

“Sobni fuundura isaatiis ta’ee duuba isaatiin itti hin dhufu. Rabbii Ogeessa

Faarfamaa ta’e irraa buufame.” Suuratu Fussilat 41:42

Qur’aanatti duraa duuban sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Kana jechuun

beekumsa namaaf dhiyeessu keessatti sobni itti hin dhufu. Seerotaa fi

murtoowwan kaa’e keessatti sobni itti hin dhufu. Seenaa durii irraa wanta

beeksisu keessatti sobni wanti jedhamu itti hin dhufu. Seenan ummata durii

Qur’aanni beeksisu hundi dhugaadha. Wanta gara fuunduraatti uumamu irraa

odeefannoon Qur’aanni beeksisu hundii dhugaadha. Sobni wanta jedhamu itti hin

dhufu.[2] Sababni isaas Qur’aanni Rabbii waan hundaa beeku irraa waan bu’eefi.

“Buufamuun Kitaabichaa (Qur’aanaa) Rabbii Injifataa, Beekaa ta’e

irraayyi.” Suuratu Ghaafir 40:2

Akkasumas, sheyxaanni namaa fi jinni Qur’aanatti hin dhiyaatan. Hatuu, wanta

isa keessa hin jirre itti seensisuu, irraa hir’isuu fi itti dabaluu hin danda’an.

Buufama isaa keessatti jechaa fi hiikan kan eeggame waan ta’eef.[3] Rabbiin ni

jedha:

ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل

“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.”

Suuratu Al-Hijr 15:9

Page 40: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

40

3.Hanga ammaatti fakkaataan Qur’aanaa dhabamuu fi ilmi namaa fidu

dadhabuu Qur’aanni mu’ijizaan (raajiin) kan guuttameedha. Jechoota muraasa

fayyadamuun hiika bal’aa dabarsa. Kanaafi, seenaa keessatti tafsiirri (ibsi)

Qur’aanaa kitaabban dhibbaatamatti lakkaawaman barraa’anii jiru. Barreessan

hunduu ajaa’iba Qur’aana keessa jiru ajaa’ibsifate hin xumuru. Kanaafi,

namoonni fi jinnooni fakkaataa akka Qur’aanaa fidu akka hin dandeenye Rabbiin

jala muree dubbata.

ل لئذ ذ ﴿نس ٱ جتمعتذ ٱق ذمذثلذ هذا لذ ٱو لذ توا ب

ن يأ

أ ل لقرءانذ ٱلع

ذمذثلذهذ تون بعض ظهذريا ۦيأ ﴾٨٨ولو كن بعضهم لذ

Jedhi, “Osoo ilmi namaatii fi Jinnooni fakkaataa Qur’aanaa fiduu irratti

walitti qabamanii, osoo gariin isaanii gariif gargaaraa ta’aniyyuu, fakkaataa

isaa fidu hin danda’an.” Suuratu Al-Isra 17:88

Kana jechuun ilmaan namaa fi jinnooni osoo wal gargaaranii fakkaataa akka

Qur’aanaa fiduuf walitti qabamanii, gonkumaa wanta Qur’aana fakkaatu fidu hin

danda’an.

"Waan Nuti gabricha keenya irratti buufne irraa shakkii keessa yoo taatan,

suurah akka isaa tokko fidaa. Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin

ala ragoota (deeggartootaa fi gargaartota) keessan waamadhaa. Yoo hin

hojjatin, gonkumaa hin hojjattan. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma

namaati fi dhagaa ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhaa.” Suuratu Al-

Baqarah 2:23-24

Page 41: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

41

Yeroo Qur’aanni bu’u Araboonni ogummaa hog-barruutin garmalee

beekkamoodha. Walaloo irratti wal dorgomuu fi walitti dhaadachaa turan. Garuu

yommuu Qur’aanni bu’u wanti isa dorgomu hin argamne. Qur’aanni walaloo

akka isaanitis miti barreefama birootinis kan wal fakkaatu miti. Bifa (sytle) addaa

kan qabuudha. Qureeshonni "Kuni kitaaba akkami! wanta takkuu hin

dhageenyedha." jechuun ajaa'ibsifachu turan.

Urga buufame kaase namoonni suurah (boqonnaa) akka Qur’aanaa fidu hin

dandeenye. Mee akka fakkeenyatti kana haa ilaallu. Namni salaatu guyyaatti

suurah Qur’aanaa keessaa Suuratul Faatiha xiqqaate xiqqaatu si’a 17 dubbisa.

Seenaa keessatti, “Yeroo 17 dubbisuun nu hifachiise. Suuratul faatihan haa

jijjiramtu.” namni jedhe tokkollee hin jiru. Amma gaafin dhiyaatu kana. Seenaa

keessatti kitaaba ykn barreefama kamtu osoo hin hifatamiin guyyatti boqonnaan

(suurahn) isaa yeroo 17 dubbifamaa? Gonkuma Qur’aana malee hin jiru. Namni

barreefama tokko si’a 2,3,4 irra deddeebi’e dubbisuu danda’a. Garuu sani oli itti

deddeebi’e dubbisuu ni hifata. Haa ta’uu malee Qur’aanni osoo yeroo kuma irra

deddeebi’anii nama hin hifachiisu. Ji’a Ramadaanaa keessa namoonni si meeqa

dubbisu? Akka seenatti si’a 30 guutuu isaa namoonni dubbisan jiru. Qur’aanni

osoo jecha namaa ta’ee, namoonni hifannaa malee akkanatti irra deddeebi’anii ni

dubbisuu? Gonkumaa hin dubbisan. Kanaafu, Qur’aanni jecha Rabbii olta’eeti.

Jecha Rabbiiti miti jedhee namni mormu yoo jiraate, “wanta suurah (boqonnaa)

Qur’aanaa fakkaatu fidi.” jennaan. Kana yoo hin hojjatin, gonkuma gara

fuunduraattis hin hojjattu. Kanaafu, ibidda bobo’aan isaa ilma namaati fi dhagaa

ta’e kan kaafirotaaf qophaa’e sodaadhu.

4-Wanta namni yaadu fi dhoksaatti hojjatan namatti himuu- yeroo

munaafiqonnii fi yahuudonni Islaamatti shira (dhara) yaadanii fi baasan,

Qur’aanni hojii isaanii kana ifatti saaxila. Wanta isaan yaadanii fi jedhan ifa

taasisa. Namni hanga fedhe waa’ee namaa haa beeku, abbaan yoo ifatti hin baasin

wanta sammuu fi qalbii keessa jiru beeku hin danda’u. Wanta qalbii fi sammuu

keessa jiru hunda beeku kan danda’u Rabbii tokkicha. Kanaafu, Qur’aanni wanta

munaafiqonni fi yaahudonni yaadanii fi dhoksatti hojjatan himuun, Rabbiin irraa

akka ta’e agarsiisa. Akka fakkeenyatti aayah muraasa ilaalun ni danda’ama:

Page 42: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

42

يعلم إذنك لل ٱو للذ ٱقالوا نشهد إذنك لرسول لمنفذقون ٱإذذا جاءك ﴿بون لمنفذقذي ٱيشهد إذن لل ٱو ۥلرسول ذذ ﴾١لك

“Yommuu Munaafiqonni sitti dhufan, “Ati Ergamaa Rabbii akka taate

ragaa ni baana.” Jedhu. Dhugumatti ati Ergamaa Isaa akka taate Rabbiin

ni beeka, munaafiqonni immoo sobdoota akka ta’an Rabbiin ragaa baha.”

Suuratu al-Munaafiquun 63:1

Fakkeenyi akkanaa Qur’aana keessa baay’eedha. Fakkeenyaf, suuratu Baqara

2:8-20, Suuratu Aali-Imraan 3:154-156, 167-168 fi aayatoota biroo

5-Namni Qur’aanatti bulu mindaa isaa argachuu fi namni isa faallessu

immoo adabbii isaa argachuu- Kuni ragaa cimaa Qur’aanni Rabbiin irraa

ta’uu agarsiisuudha. Namni yommuu Qur’aanatti bulu wanta Rabbiin

subhaanahu wa ta’aala waadaa gale ni argata. Yeroo dur irraa kaasee namoonni

amananii Qur’aanatti bulan waadaan suni isaanif guuttamaa jira. Faallaa kanaa,

namoonni Qur’aana irraa garagalan immoo adabbi isa keessatti waadaa galamee

dhandhamaa jiru. Kanaafu, Kan mindaa namaaf kennuu fi nama badii raawwatu

adabu ykn araaramuuf Rabbii Tokkicha waan ta’eef, wanti Qur’aana keessatti

waadaa galame hojiin mul’achuun Qur’aanni Rabbii olta’aa irraa akka ta’e

agarsiisa. Rabbiin ni jedha:

“Dhugumatti, isaan amananii, hojii gaggaarii hojjatanii, salaata sirreessanii

salaatanii fi zakaas kennan, mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira isaaniif jira.

Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:277

Namni yommuu rakkoon itti buutu wanta isa jala darbeef ni gadda, wanta dhufuuf

ni sodaata. Garuu warroonni dhugaan Rabbii fi arkaana iimaana birootti amanan,

hojii gaggaarii hojjatan, salaata sirnaan salaatanii fi zakaas kennan, wanta isaan jala

darbeef garmalee hin gaddan. Wanta dhufuufis hin sodaatan. Dur irraa kaase hanga

Page 43: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

43

ammaatti namoonni amanan, hojii gaggaarii hojjatan, salaata sirnaan salaatanii fi

zakaas kennan, sodaa fi gaddi isaan irra hin jiru. Eeti, yeroo garii qormaataaf gaddi

fi sodaan isaanitti bu’u danda’a. Garuu gaddi fi sodaan kuni jireenya isaanii guutuu itti hin fufu. Isaan namoota hunda caala namoota tasgabbaa’o ta’aniidha.

Faallaa kanaa namoonni Rabbiin irraa garagalan immoo dhiphinnaa, gadda,

jeequmsaa fi sodaan adabamu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Aadamii fi

Ibliisa Jannata keessaa akka bu’an erga ajajee booda seera gonkumaa hin jijjiramne

lafa kaa’e:

“(Rabbiin) ni jedhe ‘Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanu

walumaan ishee (jannata) keessaa [gara dachiitti] gadi bu’aa. Ergasii Ana

irraa qajeelfamni yoo isinitti dhufe, namni qajeelfama Kiyya hordofe

[addunyaa tana keessatti] hin jallatus, [Aakhirattis] hin rakkatu.

Garuu namni yaadanno (Qur’aana) Kiyya irraa garagale- dhugumatti

jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamas jaamaa goonee isa Kaafna” Suura Xaahaa 20:123-124

Guduunfaa

✒ Qur'aanni Rabbiin irraa buufamu fi tiikfamuu isaa karaa adda addaatin

mirkanessun ni danda'ama.

✒ Karaan jalqaba itti mirkaneessan Qur'aana qo'achuu fi irratti xinxalluuni.

✒ Qur'aanni osoo Rabbiin irraa ta'uu baate silaa jijjiramni fi wal faalleessun

baay'een keessatti argamaa ture.

✒ Namoonni fi Jinniin fakkaata akka Qur'aana fiduuf osoo walitti qabamanii

fakkaata isaa fidu hin danda'an. Sababni isaas, barnoonni fi beekumsi Qur'aana

keessatti cuunfame wanta ilmi namaa walitti fidu miti. Seenaa darbee, wanta

ammatti namaaf toluu fi wanta gara fuunduraatti dhufu hunda Rabbiin malee

Page 44: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

44

eenyutu beekaa? Kanaafu, Qur'aanni kalaama (haasawa) Rabbii ol'aanati.

✒ Guddinni teknolojii fi beekumsaa Qur'aana jijjiruu fi fakkaataa akka isaa fidu

hin dandeenye.

✒Qur'aana keessatti wanti nama ajaa'ibsisuu biraa, seenan isa keessa jiru

qulqullinna kan eeggate fi gabaabinnaan kan dhiyaatedha. Maqaa namoota

hundaa waamu fi wanta faaydi hin qabne odeessun seenaa hin dheeressu.

Barnootaf wanta ta'u qofa dhiyeessa.

Kitaabban Wabii: [1] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-fuula 205

[2] al-aqiidatul Islaamiyyatu wa ususuhaa gabaabinnaan fuula 312 irraa By

Abdurahmaan Hasan Madiniyyi,

[3] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-fuula 882

Page 45: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

45

Qur’aana Fi Saayinsi

Wantoonni Qur’aana keessatti dubbataman haala nama ajaa’ibsiisuun saayinsii

ammayyaati fi muxannoo namaa waliin kan wal simatanii fi walitti galaniidha.

Saayintistoonni yeroo ammaa gariin wanta Qur’aana keessa jiru yommuu argan,

Qur’aanni kitaaba Rabbiin irraa bu’e malee kitaaba namni barreesse akka hin

taane mirkaneessanii jiru. Mee amma Qur’aana irraa Aayaata (keeyyattoota)

muraasa saayinsi ammayyaatin wal qabatan haa ilaallu.

1.Guddinna Miciree ilma namaa ilaalchise Qur’aanni maal jedhaa?

Miciree (embryo) jechuun dhalachuun dura marsaa guddina ilma namaa fi

beeladootati. Qur'aana keessatti Rabbiin Olta'aan marsaa guddinna miciree ilma

namaa ni dubbata.

Dhugumatti, Nuti nama cuunfaa dhoqqee irraa ta’e irraa uumne. Sana booda

iddoo tasgabbaa’aa fi eeggamaa (gadaamessa) keessatti copha bishaan saalaa

isa taasifne. Sana booda bishaan saalaa alaqah (dhiiga ititaa) taasifne; ergasii

dhiiga ititaa mudghah (wanta alanfame yookiin muraa foonii) taasifne; ergasii

mudghah lafee taasifne; ergasii lafees foon itti uwwisne. Sana booda uumama

biraa [daa’ima] isa goone. Rabbii uumtota hunda caale tolti Isaa baay’atte.” Suuratu Al-Mu’iminuun 23:12-14

Rabbiin abbaa ilma namaa kan ta'e Aadamin biyyee irraa uume. Achin booda

sanyii isa coba bishaanii irraa uume.

Jechi Arabiffaa “Alaqah” jedhu hiika sadii qaba. Isaanis: (1) ulaan'ula, (2) wanta

rarra’e fi (3) dhiiga ititaa.

Page 46: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

46

Marsaa alaqah irratti ulaan'ula miciree namaa waliin yommuu wali bira

qabnu,akkuma fakkii 1 irraa mul’atutti isaan lamaan jidduu wal fakkeenya ni

argina. Marsaa kanatti micireen soorata isaa dhiiga haadhaa irraa argata

akkuma ulaan'ulli dhiiga wanta biraa soorattu.

Fakkii 1: Marsa alaqatti fakkii wal-fakkeenya ulaan'ula (leech) fi miciree ilma

namaa jidduu jiru agarsiisu.

Hiikni lammataa alaqah "wanta rarra’eedha". Kuni wanta yeroo marsaa alaqah

gadaamessa haadhaa keessatti rarra’iinsa miciree Fakkii 2 fi 3 irraa arginuudha.

Fakkii 2: Fakkii jalqabaa irraa rarra'iinsa miciree gadaamessa haadhaa keessatti

ni argina.

Page 47: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

47

Fakkii 3: suuraa maaykiroskooppin kaafame irraa yeroo marsaa alaqah

gadaamessa haadhaa keessatti rarra'insa miciree (Bakka B) ni argina.

Hiikni sadaffaan alaqah dhiiga ititeedha. Marsaa alaqaa irratti bifni alaa miciree

fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata. Sababni isaa, marsaa kana irratti

dhiigni baay’een miciree keessatti ni argama. (Ilaali fakki 4) Akkasumas, yeroo

marsaa kanaa, hanga dhuma torbaan sadaffaatti dhiigni miciree keessa hin

naanna’u. Kanaaf, marsaa kana irratti micireen dhiigaa ititaa fakkaata.

Fakkii 4:Marsaa alaqah irratti fakkii sirna onnee fi hidda dhiigaa miciree

agarsiisu.Marsaa kanatti dhiigni baay'een miciree keessatti waan argamuuf bifni

alaa miciree fi qaraxiixiin isaa dhiiga ititeen wal fakkaata.

Kanaafu,yeroo marsaa alaqah hiikni alaqah sadan ibsa micireetin sirritti walitti

gala ykn wal simata.

Marsaan itti aanu aaya keessatti dubbatame marsaa mudghah jedhuudha. Jechi

Arabiffaa mudghah jedhu hiika “wanta alanfame” qaba. Osoo namni tokko

maastikaa afaan keessa kaa’ate alanshee, ergasii marsaa mudghah irratti

maastikaa alanshe san micireen wal bira qabee, micireen wanta alanfame saniin

wal fakkaata jenne goloobu (guduunfu) dandeenya. Sababni kanaa somaayitiin

dugda miciree irratti argamu “wanta alanfame san bakka ilkaan cinineen” wal

fakkaata. (Ilaali fakkii 5 fi 6)

Page 48: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

48

Fakkii 5 (jalqaba irratti kan argamu)- Marsaa mudghah irratti suuraa miciree

umriin isaa guyyaa 28 gahe agarsiisu.

Fakkii 6 (kan itti aanu):Marsaa mudghah irratti gubbaan ijaarsa miciree

maastikaa alanfameen yommuu wal-bira qabamu, isaan lamaan jidduu wal

fakkeenya argina. A) Fakkii miciree (Embryo) kaafame agarsiisa. B) Suuraa

maastikaa (gum) alanfamee agarsiisa. (Iddoo gadi baqaqaa dugda miciree A

irratti argamu mee ilaalaa. Akka waan ilkaan cininee fakkaata. Haala kanaan

maastikaa alanfameen bakka ilkaan cinineen wal fakkaata. Ammas guutuu

miciree kanaa yommuu ilaallu muraa foonitiin kan wal-fakkaatudha. Sababni

isaas, harka, luka fi qaamole biroo guutuu hin baafanne.)

Amma of haa gaafannu, Nabii Muhammad (SAW) bara 1400 dura akkamitti kana

hunda beeku danda’e, osoo saayintistoonni dhiyooma kana meeshaa ammayyaa

fi maaykirooskoppi baay’ee cimaa yeroo san hin jirretti fayyadamuun wanta kana

(marsaa miciree) argatan?

Pirofessar Emeritas Kiiz L.Muur fiildi anatomi fi micireetin saayintisti addunyaa

irratti beekkame fi kitaaba gara afaan sadeetitti hiikame “The Developing

Human” jedhu kan barreessedha… Piroofesarri kuni bara 1984 tti badhaasa addaa

Page 49: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

49

J.C.B Grant Award jedhamu fiildi anaatomitiin Waldaa Anaatomota Kanaadaa

irraa argate.

Bara 1981 tti Koonfiransi Meedikalaa 7ffaa Sa’uudi Arabiya magaalaa

Dammaam keessatti adeemsifame irratti Piroofessarri Emeritas Kiiz L.Muur

akkana jedhe, “Qur’aana keessatti waa’ee guddinna ilma namaa ilaalchise

himoota jiran akka ifa ta’uuf gargaaru kootif gammachuun natti dhagahama.

Himoonni kunniin Rabbiin irraa gara Muhammad kan dhufan ta’uu ifa naaf ta’ee

jira. Sababni isaas, beekumsi kuni hundi jaarraa baay’een booda malee hin

argamne. Kuni Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu akka qabu naaf mirkaneessa.”

Itti aanse, Piroofesarri kuni gaafi kana gaafatame, “Kana jechuun Qur’aanni jecha

Rabbii ta’utti ni amanta jechuudhaa?” Innis akkana jechuun deebise, “Kana

fudhachu keessatti ulfaatinna homaatu hin argu.” (Kana jechuun, Qur’aanni jecha

Rabbii ta’utti amanuu wanti natti ulfaatu hin jiru. Jecha Rabbii ta’utti nan amana.)

2. Qur’aana waa’ee gaaraa ilaalchisee maal jedhaa?

Rabbiin ni jedha:

لم نعلذ ﴿رض ٱأ

﴾٦مذهدا ل

“Sila Nuti dachii firaasha hin goonee?

بال ٱو ﴿ وتادا لذ ﴾٧أ

Gaarreenis shikaali [hin goonee]?” Suuratu An-Naba 78:6-7

Aaya jalqabaa irratti "dachii firaasha hin goonee?" yommuu jedhu "diriirtu fi

mijooftu hin goonee?" jechuu Isaati.

Saayinsiin ammayyaa gaarreen lafa jalatti hidda gadi fagoo akka qaban

mirkaneesse jira. Hiddi kuni dachaa baay’ee dheerinna gaaraa lafaa oliitin wal-

qixxaatun lafa keessatti gadi lixu danda’a. Kanaafu, odeefannoo kana irratti

hundaa’un jechi gaarreen ibsuuf garmalee mijaa’a ta’e jecha “shikaali”

jedhuudha. Sababni isaas, shikaalin baay’een yoo sirnaan lafa qabate, lafa jalatti

Page 50: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

50

kan dhokateedha. (Hiddi shikaali gadi fagoodha. Gubbaa irraa wanti mul’atu

xiqqaadha. Haaluma kanaan gaarris hiddi isaa gadi fagoodha.)

Fakkii 7: Garreen akkamitti hidda gadi fagoo akka qabanii fi bocni isaanii

shikaalin akka wal-fakkaatu fakkii kaafame. (Earth Science, Tarbuck and

Lutgens, p. 158.)

Seenan saayinsi akka nutti himutti tiyoorin gaarreen hidda gadi fagoo qabaachu

agarsiisu bara 1865 keessa Astronomara Royal, Sir Joorj A’eri jedhamuun

jalqabame.

Akkasumas, gaarreen dachiin akka hin sochoone tasgabbeessu keessatti gahee

ol’aanaa taphatu. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

“Akka [dachiin] isiniin hin sochoonef dachii keessatti gaarreen godhe…”

(suuratu An-Nahl 16:15)

Haaluma kanaan tiyoorin Pilet tektooniks jedhamu “gaarreen dachiin akka hin

sochoonef tasgabbeessuf akka fayyadan.” yaada jedhu qabatee jira. Beekumsi

gahee gaarreen dachii tasgabbeessu keessatti qaban, baruma 1960 keessa Pilet

tektooniks wiirtu godhachuun hubatamu jalqabe. (Pilet tektooniks (Plate

tectonics) jechuun tiyoori baqana dachii lisosfeer jedhamu qoratuudha.)

Yeroo Nabii Muhammad (SAW) eenyutu boca dhugaa gaarreeni beeku danda’aa?

Gaarri guddaan namni tokko of fuundarratti arguu lafa keessatti gadi lixuu fi

akkuma saayinsiin mirkaneesse hidda cimaa qabaachu isaa eenyutu yaadu

danda’e? Jiyoolijiin ammayyaa haqa keeyyata Qur’aanaa mirkaneesse jira.

(Jiyooloji jechuun damee saayinsi waa’ee dachii qoratuudha.)

Page 51: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

51

3.Qur’aanni waa’ee galaanaa fi laggeeni maal jedhaa? (Girdoo jechuun wantoota lama kan addaan baasu fi akka walitti hin makamne

kan dhoowwudha.)

Saayinsiin ammayyaa bakki galaanonni lamaan itti wal-qunnaman girdoon isaan

lamaan jiddu akka jiru argatee jira. Girdoon kuni galaanota lamaan

tempireechara, hamma ashaboo fi rukkinna mataa ofii qaban addaan baasa.

Fakkeenyaf, bishaan galaana Meditiraaniya fi bishaan Garba Atlaanitikii wal-

bira yommuu qabnu, bishaan galaana Meditiraaniyaa hoo’aa, ashaboo kan

qabuu fi rukkinni isaa xiqqaadha. Galaanni Meditiraaniyaa qarqara Jibraltar

irraan garba Atlaantik yommuu seenu, gadi fageenya meetira 1000 tin garba

Atlaantik keessa kiloometrii baay’eef amaloota ofii hoo’aa, ashabawaa fi

rukkinna xiqqaa qabatee adeema. Bishaan Meditiraaniyaa gadi fageenya kana

irratti ni tasgabbaa’a (bakka ofi qabatee tura)- fakkii armaan gadi ilaali

Fakkii 8: Bishaan galaana Meditiraaniyaa amaloota hoo’aa, ashabawaa fi

rukkinna ofii qabatee garba Atlaantik seena. Sababni isaas, girdoo isaan lamaan

addaan baasu isaan jidduu jira. (Marine Geology, Kuenen, fuula 43)

Danbaliin guddaan, yaa’insi cimaa fi sochiin jabaan galaanota kanniin keessa haa

jiraatuyyu malee, walitti hin makaman yookiin girdoo kana hin darban. Qur’aanni

waa’ee kanaa yommuu dubbatu akkana jedha:

Page 52: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

52

﴾١٩يلتقذيانذ لحري ذ ٱمرج ﴿

“Galaanota lama kan wal-qunnaman taasise gadi lakkise.

﴾٢٠بينهما برزخ ل يبغذيانذ ﴿

Gidduu isaani girdootu jira, [tokko tokko irratti] daangaa hin darbu

(walitti hin makaman).

بانذ ﴿ ذ ذكما تكذ ي ذ ءالءذ رب ﴾٢١فبذأ

Kanaafu, tola Gooftaa keessanii irraa kamiin kijibsiiftu?” (suuratu Ar-

Rahmaan 55:19-21)

Kitaaba armaan gadi irraa keeyyattota saayinsiin wal-qabatan muraasa isaanii

qofa asitti dhiyeesse. Namni barbaade kitaaba guutu buusun dubbisu danda'a.

Guduunfaa

✍Qur'aanni haala nama ajaa'ibsisuun marsa uumama ilma namaa ni hima.

Jalqaba Rabbiin Aadamiin biyyee irraa uume. Ergasii sanyiin isaa marsaa

uumama kanaa qabu:

1.Nuxfa (coba bishaan saalaa)---2.Alaqah (dhiiga ititaa)---3.Mudghah

(wanta alanfame ykn muraa foonii)---4.Mudghah irraa lafee uume--5.Lafee

foon uwwise...ergasii nama godhee uume.

Page 53: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

53

Rabbii akkanitti ilma namaa uume qulqullaa'e, toltuun Isaa baay'atte.

Eenyutu waggaa 1400 dura yeroo meeshaan ammayyaa hin jirretti kana qorate,

marsaalee kanniin himu danda'aa? Kanaafu, Qur'aanni jecha Rabbii akka ta'e

shakkii wayitu hin qabu.

Fakkiin armaan olii embryology.med.unsw.edu.au irraa fudhatame.

✍ Garreen hidda gadi fagoo akka qabanii fi hojiin isaanii dachii akka hin

sochoone eegu akka ta'e Qur'aanni waggoota 1400 dura dubbatee jira.

✍Galaanni lamaan wal-qunnamuun wal keessa yaa'an walitti hin makaman.

Isaan jidduu girdoon (barrier) hin mul'anne waan jiruf.

Madda: A Brief Illustrated Guide to Understanding Islam Fuula 6-18 Kitaabni kuni

online irrattis ni argama.

https://www.islam-guide.com/ch1-1-a.htm

https://www.islam-guide.com/frm-ch1-1-a.htm

Page 54: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

54

Shakkitootaa Fi Shakkisistootaf Deebii Kenname

Kutaalee darban keessatti waa’ee Qur’aanaa ilaalchise shakkii qalbii namaa

keessatti uumamaniif karaalee ittiin qulqulleessan ilaalle turre. Har’as itti fufuun

shakkii namoonni qalbii namaatti darban deebii quubsaa waliin ilaalla. Seenaa

keessatti Qur’aanni jireenya namootaa irrati jijjirrama guddaa akka hin finneef

adduwwiin (diinni) Islaamaa tooftaalee adda addaatti fayyadamanii jiru.

Tooftaalee sanniin keessaa sababa fi gaafilee adda addaa dhiyeessun namoota

dhamaasudha. Sababa ykn gaafilee isaanii keessaa isaan gurguddoo ta'an deebii

waliin mee haa ilaallu.

1ffaa- Qur’aana Nabii Muhammadtu (SAW) barreessee? Yeroo durii irraa kaase hanga ammaatti namoonni Qur’aana shakkan, “Qur’aana

Nabii Muhammadtu macaafa qulqulluu irraa garagalche” jedhu. Deebii kana

karaa lamaan ilaalu dandeenya.

1ffaa-Haala Nabii Muhammad (SAW) ilaalu- Akkuma seenaa fi Qur’aana irraa

hubannutti Nabi Muhammad (SAW) barreessu fi dubbisuu hin danda’an. Kana

ilaalchise Rabbii (subhaanahu wa ta’aalaa) ni jedha:

ه ۦوما كنت تتلوا مذ قبلذهذ ﴿ رتاب بذيمذينذك إذذا ل ۥمذ كذتب ول تطلون ٱ ﴾٤٨لمبطذ

“Ati [Yaa Muhammad] [Qur’aana] dura kitaaba tokkollee kan dubbistuu fi

harka keetinis kan barreessitu hin turre. Osoo akkas taate, silaa warri soba

hordofan ni shakku turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:48

Osoo Nabiyyiin kan barreessu fi dubbisu ta’ee, silaa warri soba hordofan,

“Qur’aana madda biraa irraa gargalche.” jechuu turan. Garuu Nabiyyiin barreessu

fi dubbisuu waan hin dandeenyef Qur'aana madda biraa irraa hin garagalchine.

Kana irra, Qur’aanni haqaan Rabbiin irraa gara isaatti kan bu’eedha.

Page 55: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

55

Ammas, tarii namni tokko “Nabiyyiin erga du’anii booda namoonni isa booda

dhufan Qur’aana jijjiru danda’u.” jedhe shakkuu danda’a. Shakkii kanaaf

barruulee darban keessatti deebii quubsaa ilaalle turre. Yaadachisaaf akka ta’u

Aaya tana eerun ni danda’ama. Rabbiin ni jedha:

ذكر ٱإذنا ن نزنلا ﴿ ﴾٩لحفذظون ۥإونا ل ل

“Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa

tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9.) Kanaafu, eenyullee Qur’aana jijjiruu hin

danda’u.

2ffaa-Haala Qur’aanaa ilaalu- shakkii, “Qur’aana Nabiyyitu macaafa irraa

garagalche.” jedhuuf karaan lammaffaan ittiin qulqulleessan haala bu’iinsaa fi

qabiyyee Qur’aanaa ilaaludha. Tokkoffaa, haala bu’iinsa Qur’aanaa yommuu

ilaallu boqonnaaleen baay’een isaanii Nabii Muhammad (SAW) makkaan keessa

yommuu jiran bu’an. Makkaan keessa immoo Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin

jiranii turan. Yeroo san Makkaan keessa kan jiraatu mushrikoota (warroota

taboota) gabbaruudha. Kanaafu, yeroo fi bakka kanatti Nabiyyiin akkamitti

kitaaba Kiristaanaa ykn Yahuudotaa irraa garagalchuu danda’aa? Kuni waan hin

danda’amne. Lamaffaa qabiyyeen Qur’aanaa fi kitaaba Kiristaanaa hundi isaanii

wal hin fakkaatan. Fakkeenyaf, Kitaabni kiristaanaa waa’ee ummata Aad,

Samuudi fi ummata shu’eeyb hin dubbatu. Garuu Qur’aanni waa’ee ummata

kanaa irra deddeebi’e dubbata. Kanaafu, Nabiyyiin Qur’aana kitaaba kiristaana

ykn yahuudotaa irraa garagalchu hin danda’an. Sababni isaas, Nabiyyiin

dubbisuu fi barreessu hin danda’an.

2ffaa- Qur’aanni maaliif galmee ykn waraqaa irratti katabamee hin

buufamnee? Yeroo Qur’aanni bu’u mushrikoonni Makkaa “Kitaaba dubbisnu nuuf fidi.”

jechuun Nabiyyi gaafataa turan (Al-Qur'an 17:93). Gaafin isaan gaafatan kuni

amanuuf osoo hin ta’in itti baacuf ykn itti of tuuluf ture. Rabbiin subhaanahu wa

ta’aala niyyaa isaanii waan beekuf wanta isaan barbaadan hin goone. Rabbiin

Qulqullaa’an Olta’e akkana jedha:

Page 56: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

56

يهذم لقال ﴿ يدذذأ فروا ك لذي ٱولو نزنلا عليك كذتبا فذ قذرطاس فلمسوه ب

بذي حر م ﴾٧إذن هذا إذل سذ

“Osoo kitaaba waraqaa irratti barreefame sirratti buufnee fi harka

isaanitiin tuqanii, silaa warri kafaran, “Kuni sihrii (falfala) ifa ta’e malee

homaa miti.” jedhu turan.” Suuratu Al-An’aam 6:7

Osoo Rabbiin kitaaba waraqaa irratti barraa’e samii irraa buusee, silaa warri

kafare, “Akkamitti Rabbiin sirratti kitaaba waraqaa irratti barreefame buusaa?

Kuni sihriidha” jechuun nabiyyitti baacu turan. Garuu Rabbiin wanta isaan

yaadan waan beekuf, kitaaba waraqaa irratti barraa’e hin buufne. Bakka kanaa,

Qur'aana dhawaata dhawaatan jechaan gara Nabiyyiitti buuse. Ergasii, Qur’aanni

Nabiyyi irratti buufamee erga xumuramee booda dhaloota itti aanuf akka darbuuf,

haala amma arginu kanaan galmee tokko keessatti walitti qabame.

3ffaa- Seenaalee, waadaa fi Akeekachisa Qur’aana keessaa Seenaan ummata darbee, waadaan Jannataa fi akeekachiisni ibidda Jahannam

yommuu warroota kafaran irratti dubbifamu, “Kuni oduu duriiti.” jechuun

Qur’aana kijibsiisu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Yeroon bakka saditti

qoodamudha.” Qur’aanni wantoota yeroo sadan keessatti adeemsifamu of

keessatti kan qabateedha. Gosoonni yeroo sadan kunniniis: Yeroo darbee, yeroo

ammaa fi yeroo dhufu.

Yeroo Darbee Qur’aanni yeroo darbee keessa seenaa ummata darbee nutti himuun, barnoota fi

gorsa nuuf kenna. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

ولذ ﴿ذ هذم عذبة ل لب ٱلقد كن فذ قصصذ

يق بذ ل ى ولكذ تصدذ يثا يفت ما كن حدذ

ذقوم يؤمذنون لذيٱ ء وهدى ورحة ل ذ شيل ك ﴾١١١بي يديهذ وتفصذ

Page 57: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

57

“Dhugumatti, seenaalee isaanii keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira.

Inni (Qur’aanni) oduu lafaa kaafamee odeefamee miti. Garuu dhugoomsaa

[kitaabban] isa duraati. Addeessaa wantoota hundaati; ummata amananiif

qajeelfamaa fi rahmata.” Suuratu Yuusuf 12:111

Yeroo Ammaa Qur’aanni wantoota ammatti ija namaa fuunduratti mul’atan ifa godha.

Fakkeenyaf, haala uumama samii, dachii, urjilee, aduu, ji’a, ilma namaa fi kkf

irratti akka xinxallanii Rabbitti amanan namoota affeera. Akkasumas,

murteewwanii fi seeroota hin jijjiramne lafa kaa’a. Fakkeenyaf, Rabbiin qofa

gabbaruu, salaata salaatu, zakaa baasu, sooma soomu, walitti dhufeenya

hawaasummaa fi maatii, sirna bulchiinsa motummaa, haala daldalaa fi kkf ni

addeessa (ifa godha). Kana ilaalchise Rabbiin ni jedha:

ذقوم يؤمذنون ولقد ﴿ عذلم هدى ورحة ل تب فصلنه لع ئنهم بذكذ ﴾٥٢جذ

“Dhugumatti, Nuti Kitaaba (Qur’aana) beekumsa wajjiin addeessine

isaaniif finne- ummata amananiif qajeelfamaa fi rahmata.” Suuratu Al-

A’araaf 7:52

Qur’aana kana keessatti wanta namoonni barbaadan Rabbiin ibsee jira. Yeroo fi

bakka kamittu wanta isaniif tolu fi hin tolle hunda waan beekuf, namoota

amananiif Qur’aana kana qajeelfamaa fi rahmata godhe. Qur’aana kanaan

warroonni amanan jallinna irraa baraaramuun qajeelcha argatu, haqaa fi sobni

isaaniif ifa ta’a. Akkasumas, rahmata argatu. Kana jechuun addunyaa fi aakhiratti,

keeyri fi gammachuu argatu; jallinni fi daraaran isaan irraa ka’a.

Qur’aanni bakkaa fi yeroo kamittu dhaloota yeroo san jiruuf akka aduu ifa ta’aaf.

Akkuma ifni aduu hanga Qiyaamaa hin dhaamne, ifni Qur’aanas hin dhaamu.

Yeroo Fuunduraa Qur’aanni waadaa namoota amananii fi hojii gaggaarii hojjataniif galamee fi

akeekachisa namoota kafaranii fi badii hojjataniif qophaa’e irra deddeebi’e

dubbata. Waadaan Rabbii Jannata fi wantoota achi keessa jiraniidha.

Akeekachiisni immoo adabbii Jahannami. Namoota kafaraniif ykn shakkii

keessa jiraniif waa’ee Jannataa fi Jahannam yommuu dubbifamu, “Erga duunee

Page 58: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

58

booda lamuu ni deebifamnaa?” jechuun jireenya du’aan boodaa kaadu (itti

amanuu didu). “Guyyaan Qiyaamaa isin jettan yoomi, maaliif hin dhufne?”

jechuun qoosu. Wanti isaan hubachuu dadhaban “Wanti hunduu yeroo isaa

eeggate dhufa.” Rabbiin ni jedha:

وسوف تعلمون ﴿ ستقر ذ نبإ مذك ﴾٦٧ل

“Oduu hundaaf yeroo itti mirkanaa’utu jira. Gara fuunduraatti ni beektu.”

(Suuratu Al-An’aam 6:67)

Wanta Rabbiin beeksise dhibbaan dhibbatti yeroon wanti suni itti mirkanaa’u ni

jira.

Qur’aanni akkuma wantoota yeroo darbee fi ammaa of keessatti qabatu, wanta

gara fuunduraatti uumamu ni hima. Wantoonni himaman kunnin Guyyaa tokko

ni dhufu. Guyyaan sunis Guyyaa Qiyaamati. Rabbiin (subhaanahu wa ta’aalaa)

ni jedha:

وذيله ﴿وذيله ۥ هل ينظرون إذل تأ

تذ تأ

قد نسوه مذ قبل لذي ٱيقول ۥيوم يأ

ذ ذنا ب ذ ٱجاءت رسل رب و نرد فنعمل لق فهل نلا مذ شفعاء فيشفعوا نلا أ

قد خ لذيٱغري كنا نعمل وا ون سذ نفسهم وضل عنهم ما كنوا يفت ﴾٥٣أ

“Sila isaan xumura isaa malee maal eegu? Guyyaa xumurri isaa dhufu,

warri san dura isa dagatan, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa

dhugaan dhufaniiru. Sila araarsonni nuuf araarsan jiruu? Yookiin dalagaa

hojjataa turreen ala kan biraa hojjannaa [gara addunyaatti] deebifamnaa?”

jedhu. Dhugumatti, lubbuu isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaan

uumaa turaniis isaan jalaa badee jira.” Suuratu Al-A’araaf 7:53

“Sila isaan xumura isaa malee maal eegu?” kana jechuun wanta Qur’aanni

beeksise dhufuu malee maal eegu?[1] Rabbiin Qur’aana keessatti Guyyaa

Qiyaamaa warroota amananiif Jannataa, warroota kafaraniif immoo adabbi

Jahannam waadaa galee jira. Sila namoonni waadaa fi akeekachisni kuni

guuttamu malee maal eegu? Guyyaan waadaa fi akeekachisni kuni guuttamu ykn

Page 59: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

59

dhufu Guyyaa Qiyaamati. Guyyaa kana namoonni Qur’aana dagatanii fi itti

hojjachuu dhiisan akkana jedhu, “Dhugumatti, Ergamtoonni Gooftaa keenyaa

dhugaan dhufaniiru. Sila namoonni shafa’aa (araarsota) nuuf ta’anii adabbii irraa

baraaramnu jiru? Yookiin hojii badaa duraan hojjataa turreen ala hojii gaggaarii

akka hojjannuuf gara addunyaatti deebifamu dandeenyaa?” Garuu kuni yeroon

waan irra darbeef wanta ta’u miti. Qur’aana waan dagatanii fi wanta isa keessa

jirutti waan amanu didaniif of hoongessani (kasaarsanii) jiru. Adabbii hamaaf of

saaxilanii jiru.

Kanaafu, namni tokko wanta Guyyaa Qiyaamaa uumamu kan Qur’aana keessatti

waadaa galame, hin dhufu jechuun shakkuu ykn kijibsiisu hin qabu. Yoo

kijibsiise Guyyaa Qiyaamaa bu’a wanta hojjatee ni dhandhama. Guyyaan

Qiyaama yeroo itti dhufu qaba. Yeroon dhufnaan gara duubatti harkisuunis gara

fuunduraattis butuun hin jiru. Rabbiin ni jedha:

ره ﴿ ذ جل معدود ۥ وما نؤخ ﴾١٠٤إذل لذ

“[Guyyaa Qiyaamaa] yeroo lakka’ameef (murtaa’ef) malee hin tursiisnu.”

Suuratu Huud 11:104

Kana jechuun ajalli (yeroon) addunyaa tanaa fi umamtoota ishii keessa jiran yoo

xumurame, Rabbiin gara ganda Aakhiraatti isaan ceesisa. Murtii mindeessu fi

adabu isaan irratti dabarsa. [2] Sababni isaas, Guyyaan Qiyaamaa guyyaa wanta

hojjataniif mindaa ykn adabbii itti argataniidha.

Guduunfaa

✐Nabi Muhammad (SAW) dubbisuu fi barreessu waan hin dandeenyef,

Qur'aana madda biraa irraa garagalchu hin danda'an.

✐Akkasumas, boqonnaalee (suuraleen) Qur'aanaa baay'een Makkaan keessatti

bu'an. Makkaan keessa Kiristaanonni ykn Yahuudonni hin jiranii turan.

Kanaafu, Kitaaba isaanii irraa Qur'aana garagalchuun waan hin

danda'amneedha.

✐ Qur'aanni osoo waraqaa irratti barreefame buufame silaa warri kafare "Kuni

sihrii (falfala)" jechu turan. Kana irra Qur'aanni namoota barsiisu fi rakkoo

furuuf, waggaa 23f dhawaata dhawaatan jechaan buufame. Ergasi dhaloota

dhufuuf akka darbu galme tokko keessatti walitti qabame.

Page 60: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

60

✐ Qur'aanni wanta yeroo darbe, yeroo ammaa fi gara fuunduraatti uumamu

haqaan waan of keessatti qabateef, ilmi namaa ykn Malaykoonni ykn jinnooni

barreessu hin danda'an. Wanta darbe, ammaa fi gara fuunduraatti uumamu

hunda kan beeku Rabbiin qofa waan ta'eef. Kanaafu, Qur'aanni kitaaba Rabbiin

irraa bu'eedha.

✐ Seenaaleen Qur'aana keessa jiran barnoota fi gorsa guddaa namootaf ta'u.

✐ Wanti gara fuunduraatti ni dhufa jedhamee Qur'aana keessatti waadaa

galame, wanta haqaan dhufuudha. Yeroon dhufnaan sa'aati, daqiiqaa fi sakandii

murtaa'e keessatti ni dhooya. Kunis Guyyaa Qiyaamati.

✐ Kanaafu, namni Qur'aana irraa garagaluun ykn wanta waadaa galame

kijibsiisun of hoongeessu hin qabu.

Wa Aakhiru daw'aana anilhamdulillahi Rabbil aalamiin

Kitaabban wabii: [1] Taysiiril Kariimil Rahmaani fii tafsiiril Kalaamil Mannaani-By

Abdurahmaan Sa'diyy fuula 327, Akkasumas, Tafsiir ibn Kasiir 3/425

[2] Madda oli fuula 449,

Page 61: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

61

Firiwwan Kitaabbanitti Amanuu

Gammachuu fi Milkaa'inna argachuu

Jireenya tana keessatti namoonni hunduu gammachuu argachuuf jecha halkanii

guyyaa carraaqu. Gariin hojii humna hojjachuun, gariin hojii sammuu hojjachuun

gammachuu barbaadu. Garuu gammachuun ilma namaa kan guuttamu wantoota

sadii of keessaa yoo qabaatedha. Isaaniis: qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii

hojjachuu fi hojii badaa irraa of tiiksudha. Namni tokko wantoota kanniin

hojjachuuf qajeelcha isa barbaachisaa miti ree? Qajeelchi waa’ee wantoota

kanniinii isaanitti himu kitaabban Rabbiin irraa bu’aniidha. Kanaafu, firiiwwan

kitaabbanitti amanuu keessaa tokko wantoota armaan olii sadanitti qajeelun

gammachuu fi milkaa’inna argachuudhaa jechuudha.

Kitaabban Rabbiin irraa bu’aan ilmaan namaa maalitti amanuu akka qaban, maal

gabbaruu akka qaban sirritti addeessu. Akkasumas, hojii gaggaarii akkamii

hojjachuu akka qabanii fi hojii badaa maal akka ta’e sirritti ibsu. Ergasii immoo

badhaasa nama waan gaarii hojjatee fi adabbii nama waan badaa hojjate ifa

godhu. Kanaafi, Kitaabban kunniin ilma namaatiif akka ibsaati jechuudha. Ilmi

namaa kan itti qajeeludha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

"Waan isa dura jiru kan dhugoomsu ta’e kitaaba dhugaan sirratti buuse.

Tawraati fi Injiliis ni buuse. [Qur’aana] dura, namootaaf qajeelfama akka

ta’aniif, Al-Furqaanin ni buuse. Dhugumatti isaannan Aayaata Rabbitti

kafaran adabbii cimaatu isaaniif jira. Rabbiinis Injifataa, Abbaa haaloo

bayannaati.” Suuratu Aali-Imraan 3:3-4

Page 62: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

62

Kana jechuun Rabbiin olta’e Qur’aana dhugaa irratti hundaa’e Nabii Muhammad

(SAW) irratti buuse. Wanti Qur’aanni itti ajajuu, irraa dhoowwu fi odeefannoon

ijaan hin mul’anne beeksisu hundii dhugaadha. Sababni isaas, Rabbiin irraa kan

bu’eedha. Qur’aanni kitaabban isa dura bu’an ni dhugoomsa. Kana jechuun

odeefannoo kitaabban darban of keessaa qaban ni mirkaneessa, odeefannoon

isaanii kan haqa ta’e odeefannoo Qur’aanitiin walitti gala. Akkasumas, kitaabban

darban Nabii Muhammad (SAW) akka ergaman beeksisanii turan. Kanaafu,

Qur’aanni beeksisa isaanii kana ni mirkaneesse jechuudha. Rabbiin Qur’aana

dura Tawraatin Nabii Muusaa (AS) irratti, Injiilin immoo Nabii Iisaa (AS) irratti

buusee jira. “namootaaf qajeelfama akka ta’aniif” kana jechuun Rabbiin

Qur’aana, Tawraata fi Injiilin namoonni jallinna keessaa bahanii akka qajeelaniif

buuse. Namni qajeelfama Rabbii fudhate, inni nama qajeeledha. Namni kana hin

fudhanne immoo jallinna keessatti hafa.

“Al-Furqaanin ni buuse.” Kana jechuun qajeelinnaa fi jallinna, haqaa fi sobaa

kan addaan baasu ni buuse. Akkasumas, wantoota namooni barbaadan hunda

addaan babaase ni ibse. Hanga seeronni fi murtiwwan amanti ifa ta’anitti

namootaf ifa ni godhe. Kana booda, nama Isatti fi aayata Isaatti hin amanneef

sababni (uzriin) tokkollee hin jiru. Kanaafi akkana jedhe, “Dhugumatti isaannan

Aayaata Rabbitti kafaran..” Kana jechuun keeyyattota fi ragaalee erga isaaniif

ibsee booda, namoonni keeyyattota fi ragaalee kanniitti amanuu didan, Guyyaa

Qiyaamaa “adabbii cimaatu isaaniif jira.” "Rabbiinis Injifataa” kana jechuun

Inni abbaa humnaati, homtu Isa hin dadhabsiisu. “Abbaa haaloo bayannaati”.

nama aayata Isa kijibsiise fi Ergamtoota Isa faallesse irraa haaloo baafata. Kana

jechuun akkuma namoonni daangaa Isaa darbanii fi kafaran, Innis adabbi cimaan

isaan qaba.[1][2]

Kanaafu, gammachuu fi dararaan, qajeelinnaa fi jallinni ilma namaa kitaabban

Rabbiin buusetti amanu fi amanuu dhiisu irratti kan hundaa’eedha. Akkuma

yeroo darbe jenne, kitaabbanitti amanuu jechuun kitaabban Rabbiin irraa haqaan

bu’uu itti amanuu, ergaan isaan of keessaa qaban guutumaan guututti haqa akka

ta’e itti amanuu fi hordofuudha. Kitaabban Qur’aana dura bu’an yeroo ammaa

sababa namaatin waan jijjiramaniif, kitaabni Rabbii hanga ammaa osoo jijjiramin

addunyaa irra jiru Qur’aana qofaa jechuudha. Kanaafu, Qur’aanni hanga Guyyaa

Qiyaamatti namootaf qajeelfamaa fi ifa ta’a. Rabbiin ni jedha:

Page 63: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

63

“Yaa ilmaan namaa, dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee, waan

qoma keessa jiruf qoricha, mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif)

qajeelfamaa fi rahmata tan taate isinitti dhufte. Jedhi “Tola Rabbiitii fi

rahmata Isaatiin- Sanatti haa gammadan, isatu waan isaan walitti qaban

caalati.”Suuraa Yuunus 10:57-58

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Kitaaba Kabajamaa kana amaloota gaarii isaa

ibsuun namoonni gara isaatti akka garagalan itti kakaasa. Yaa ilmaan namaa,

dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee... isinitti dhufte.” Kana

jechuun hojiiwwan dallansu Rabbiiti fi adabbii Isaatti nama geessan isin

yaadachisa, isin gorsa. Bu’aa fi badii hojii badaa irraa dhalatuu ibsuun isin

akeekachisa. Gorsi kunis Qur’aana. “Waan qoma keessa jiruuf qoricha”

Dhibeen qalbii fi badiin hundi wantoota lama irraa burqu. Isaanis: Shawhaata

(fedhii lubbuu) fi shubahaata (shakkii, dhugaa fi sobni wal-fakkaachu). Fedhiin

lubbuun akka ajaja Rabbitiif hin masakamne ykn hin hordofne nama dhoowwa.

Shakkiin ykn dhugaa fi sobni wal fakkaachun immoo beekumsa dhugaatin wal

falleessa, kanaafu amantii keessatti akka shakkan nama taasisa. Qur’aanni

dhibeewwan kanniniif qoricha. Gorsi, abdachisuun, sodaachisuun, waadaa fi

akeekachisni Qur’aana keessa jiru hundi, nama tokko akka abdii qabaatu fi dhuma

badaa sodaatu isa taasisa.

Namni hojii gaarii hojjachuutti yoo fedhii qabaate fi hojii badaa irraa yoo dheesse,

ergasii kanniin lamaan akkuma hiika Qur’aana hubatuun irra deddeebi’e yoo

shaakale, kuni wanta lubbuun isaa barbaadde caalaa wanta Rabbiin barbaade akka

filatu isa taasisa. Haala kanaan wanta fedhiin lubbuu isaa jaallatu caalaa wanta

Rabbiin jaallatu isa biratti jaallatama ta’a.

Page 64: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

64

Haaluma kanaan ragaalee fi ibsi Rabbiin Qur’aana keessatti sirritti ibse, shakkii

qalbii namaa irraa oofa. Qalbiin sadarkaa ol’aanaa yaqiinaa irra geetti. Yaqiina

jechuun beekumsa dhugaa shakkii wayitu hin qabneedha. Qalbiin yoo fayyite fi

tolte, qaamnis ni tola, hojii gaarii hojjata.

“mu’imintootaf (warroota dhugaan amananiif) qajeelfamaa fi rahmata”

qajeelfama jechuun haqa beekanii hojii irra oolchudha. Rahmata jechuun immoo

wanta gaarii, tola, mindaa ammaa fi boodaa nama ittiin qajeelfameef

argamuudha. (Fkn, mu’imintoonni Jannata yommuu seenan, Jannani isaaniif

rahmata. Sababni isaas, Jannani waan gaarii sababa hojii isaaniti fi Qur’aanan

qajeelaniin argataniidha.) Kanaafu, qajeelinni sababa hundarra guddaa wanta

barbaadan itti argataniidha, rahmanni immoo wanta barbaadanii fi kajeelan suni

kan ittiin guuttamuudha. Garuu Qur’aanni qajeelfamaa fi rahmata kan ta’uuf

warroota amanan qofaafi. (Sababni isaas, amanuun ykn iimaanni furtuu jalqabaa

qajeelfamaa fi rahmanni itti banamuudha. Namtichi yoo hin amaniin akkamitti

qajeelfamaa fi rahmata Qur’aana keessa jiru argataa?)

Qajeelfamni yoo argamee fi rahmanni isarraa burquu yoo jalqabee, gammachuu

fi milkaa’inni, bu’aa buufachuu fi nagaha bahuun, mirqaansu fi tasgabbiin ni

argama. Kanaafi, Rabbiin kanatti akka gammadan akkana jechuun ibsa: Jedhi,

“Tola Rabbiitii” kana jechuun Qur’aana qananii fi tola hundarra caalee Rabbiin

gabroota Isaa irratti ooledha. “rahmata Isaatiin” kana jechuun Islaama,

iimaanaa, Rabbiin gabbaruu, Isa jaallachuu fi beeku. “Sanatti haa gammadan,

isatu waan isaan walitti qaban caalati.” Kana jechuun qabeenya baddu isaan

walitti kuusan irra Qur’aana fi Islaamatu caala. Kanaafu, Qur’aana fi Islaamatti

haa gammadan. Sababni isaas, gammachun Qur’aana fi Islaaman argamuu

gammachuu ganda lamaaniti. Addunyaa fi Aakhiratti gammachuu itti fufuudha.

Gammachuun qabeenyaa garuu takkaa qabeenyi suni baduun takkaa immoo

namni suni du’uun addunyaa tana irratti ni cita ykn ni bada.

Sababni Rabbiin tolaa fi rahmata Isaatti akka gammadan kan ajajeef,

gammachuun kuni nafseen akka bal’attu fi mirqaantu, akka Isa galateefatan,

beekumsa barbaadu fi iimaana dabalachuu keessatti fedhii cimaa akka qabaatanif

kan taasisu keessaa tokkoodha[1]. Namni wanta isa gammachisuu fi mirqaansu

yoo arge, wanta san hojjachutti fiiga. Kanaafu, Qur’aanni fi Islaamni wanta

gammachuu namaaf fidan waan ta’aniif namni isaan beeku fi hordofuuf fedhii

cimaa qabaachu qabaa jechuudha.

Page 65: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

65

Guduunfaa

♦Gammachuu fi milkaa'inni ilma namaa wantoota sadii yoo hojjatan guuttama.

Isaanis: Qalbiin amanuu, qaaman hojii gaggaarii hojjachuu fi hojii badaa

irraa dheessu. ♣Gammachuu jechuun tasgabbii namni qalbii keessatti argatuudha. Milkaa'inna

jechuun immoo wanta gaarii barbaadan argachuu fi wanta badaa sodaatan irraa

nagaha bahuudha.

♥Kitaabban Rabbiin buusetti amanuu fi hordofuun karaa hundarra caalu

gammachuu fi milkaa'inna itti argataniidha.

♦Sababni guddaan gammachuu itti dhabanii fi jireenya keessatti dararamaniif

fedhii lubbuu hordofuu fi shakkiidha.

♠Qur'aanni dhibee lamaan armaan oliitif qoricha. Wanta gaarii namni hojjachuu

qabu, wanta badaa dhiisu qabu, badhaasa fi adabbii itti agarsiisuu fi ragaalee

sirritti ibsuun fedhii lubbuu hordofuu fi shakkii qalbii irraa oofa.

♦Tolli guddaan Rabbiin ilma namaa irratti oole Qur'aana isaaniif buusudha.

Sababni isaas, sababa Qur'aanatin dukkanaa fi dhama'iinsa jireenyaa keessaa

gara ifaatti bahu. Gammachuu addaan hin cinne addunyaa fi Aakhiratti argatu.

Kanaafu, qabeenya caalaa Qur'aana fi Islaamatti haa gammadan.

♦Sababni isaas, gammachuun qabeenyan argamu gabaaba fi kan baduudha.

Gammachuun Qur'aanaa fi Islaaman argamuu yeroo hundaa kan turuudha.

Rabbiin subhaanahu wa ta'aala ni jedhe:

ها ﴿ يأ ذكم فم ذ لق ٱقد جاءكم نلاس ٱقل ي ذنما هتدى ٱمذ رب فإ

هذ فسذ ذوكذيل ۦ يهتدذي نلذ نا عليكم بل عليها وما أ ذنما يضذ ﴾١٠٨وم ضل فإ

Jedhi, "Yaa Ilmaan namaa! Dhugumatti, haqni Gooftaa keessan irraa

isinitti dhufee jira. Kanaafu, namni qajeele lubbuma ofiitiif qajeele. Namni

jallates ishima (lubbuma ofii) irratti jallate. Ani isin irratti wakiila (tiiksaa

fi too'ataa) miti." Suuratu Yuunus 10: 108

waa akhiru daw'aana anilhamdulillah Rabbil aalamiin. Nabiyyii keenya

Muhammadi fi aalii isaanii irratti nageenyi fi rahmanni Rabbii haa jiraatu.

Page 66: Akkaataa Qur’aanni itti...6 Odeefannoon (ergaan) Qur’aana keessa jiru hundi immoo haqa hin jijjiramne fi hin micciramne waan ta’eef, namni “Ani Musliima” ofiin jedhu wanta

66

Kitaabban wabii [1] Taysirul Kariimil Rahmaani fii tafsiiri Kalaamil Mannaani–Abdurahmaan

fuula 125, 421-422, Naasir Sa’dii

[2] Tafsiir ibn Kasiir 2/5

Yaada yoo qabaattanii fi dogongora argitan, galatan isin irraa fudhanna. Qunnamtiif: Website: www.sammubani.com Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/ Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/ Email: [email protected]