25
1 Qajeelfama Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Kitaabilee Barnootaa 1. Seensa Qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti meeshaaleen sirna barnootaa keessumattuu, kitaabileen barataa bakka olaanaa akka qaban ni beekama. Kanaaf, mootummaan keenya waggaa waggaan qarshii miliyoonaan lakkaa’amu ramaduun kitaabilee barnootaa qulqullinaa fi gahumsa qaban sadarkaa hundatti qopheessuun, maxxansuu fi raabsuun harka tokkoo tokkoo barataa akka gahu gochuu irratti argama. Bu’uura kanaan qajeelfamni kun hojiiwwan gurguddoo fi tooftaa raawwii qopii, maxxansa, raabsaa fi bulchiinsa kitaabilee barnootaa ilaalchisuun qophaa’eera. Kanaaf qajeelfamni kun raawwattoonni dhimmi ilaalu hundi itti-gaafatamummaa akka qabaatanii fi qaamoleen dhimma kitaabilee barnootaa irratti hojjetan hundi qindoomina qabaatanii, hojii kana saffisaa fi gahumsaan akkaataa itti raawwatanii fi odeeeffannoo ragaa kitaabilee haala qulqullinaa fi gahumsa qabuun qindeessuu fi raawwachuu ni dandeessisa jedhamee amanama. 2. Gabaajeewwan BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa) BBLG/A (Boordii Barnootaa fi Leenjii Gandaa/Aanaa) DSBMB (Daayirektoreetii Sirna Barnootaa fi Madaallii Barnootaa) GMB (Gamtaa Maatii fi Barsiisaa) PMQB (Paakeejii Mirkaneeffannaa Qulqullina Barnootaa)

BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

  • Upload
    others

  • View
    795

  • Download
    17

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

1

Qajeelfama Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Kitaabilee Barnootaa

1. Seensa

Qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti meeshaaleen sirna barnootaa

keessumattuu, kitaabileen barataa bakka olaanaa akka qaban ni beekama. Kanaaf,

mootummaan keenya waggaa waggaan qarshii miliyoonaan lakkaa’amu ramaduun

kitaabilee barnootaa qulqullinaa fi gahumsa qaban sadarkaa hundatti qopheessuun,

maxxansuu fi raabsuun harka tokkoo tokkoo barataa akka gahu gochuu irratti

argama.

Bu’uura kanaan qajeelfamni kun hojiiwwan gurguddoo fi tooftaa raawwii qopii,

maxxansa, raabsaa fi bulchiinsa kitaabilee barnootaa ilaalchisuun qophaa’eera.

Kanaaf qajeelfamni kun raawwattoonni dhimmi ilaalu hundi itti-gaafatamummaa

akka qabaatanii fi qaamoleen dhimma kitaabilee barnootaa irratti hojjetan hundi

qindoomina qabaatanii, hojii kana saffisaa fi gahumsaan akkaataa itti raawwatanii fi

odeeeffannoo ragaa kitaabilee haala qulqullinaa fi gahumsa qabuun qindeessuu fi

raawwachuu ni dandeessisa jedhamee amanama.

2. Gabaajeewwan

BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)

BBLG/A (Boordii Barnootaa fi Leenjii Gandaa/Aanaa)

DSBMB (Daayirektoreetii Sirna Barnootaa fi Madaallii Barnootaa)

GMB (Gamtaa Maatii fi Barsiisaa)

PMQB (Paakeejii Mirkaneeffannaa Qulqullina Barnootaa)

Page 2: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

2

Kutaa Tokko

3. Haala Waliigalaa

3.1. Mata- duree Gabaabaa

Qajeelfamni kun “Qajeelfama Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Kitaabilee”

jedhamee waamamuu ni danda’a.

3.2. Hiika Mata- duree Gabaabaa

Akkaataan jechichaa, hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee, qajeelfama kana

keessatti:

3.3. Naannoo jechuun akkaataa Caaseffama Mootummaa Federaalaatiin Naannoolee

9n, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Kaawunsilii Bulchiinsa Magaalaa Dirreedaawaa

keessatti Naannoo Oromiyaa jechuudha.

3.4. Mootummaa Naannoo” jechuun Bulchiinsa Mootummaa

Naannoo Oromiyaa jechuudha.

3.5. Biiroo jechuun Biiroo Barnoota Oromiyaa yoo ta’u, biiroo jalatti

Daayirektoreetii Sirna Barnootaa fi Madaallii Barnootaa jechuudha.

3.6. Waajjira Barnootaa jechuun akkaataa caasaa irraa jalaatiin Waajjira

Barnoota Godinaa, Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa ykn

Waajjira Barnoota Aanaa jechuudha.

3.7. Bulchiinsa Magaalaa jechuun Bulchiinsa Magaalota Bishooftuu,

Adaamaa, Jimmaa, Shaashamannee, Asallaa, Naqamtee, Burrayuu,

sabbataa, Dukam, Sulultaa, Lagaxaafoo, B.M.Galaan, Moojoo, Amboo,

Baatuu fi Roobe kan itti waamamni isaanii Naannoof ta’e qofa akka

haammatu taasifameera

3.8. Kitaaba jechuun kitaaba barataa ykn qajeelcha barsiisaa ykn kitaaba

wabii jechuudha.

Page 3: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

3

3.9. Fedhii Kitaabaa jechuun kitaabilee bara sana keessatti barataa harka

jiru, kuufamaa fi hanqina kitaabilee jiru wajjiin waliin madaaluu fi

lakkoofsa barattootaa bara sana jiran irratti 10% dabaluun bara baraan

maxxanfamee akka ergamuuf kan gaafatamuudha.

3.10. Qophii Kitaabaa jechuun kitaabilee ykn sirna barnootaa fedhii

ummataa fi mootummaa irratti hundaa’uun sadarkaa Ministeera

Barnootaatti ykn sadarkaa naannootti kan qophaa’uu dha.

3.11. Maxxansa Kitaabaa jechuun haala fedhii kitaabilee akka

maxxanfamuuf gaafatameen ispeesifikeeshiniin qophaa’ee kaameraa

reedii fi haardi-kooppiin mana maxxansaa Biiroo Barnoota Oromiyaatiif

ykn dhaabbata maxxansaa caal baasii moo’ateef dhihaatee kan

maxxanfamuudha.

3.12. Qooddii Kitaabaa jechuun haala baayina kitaabilee mana maxxansaatti

maxxanfamanii fi baayina barattootaa aanaalee irratti hundaa’uun

qooddii godinaalee/bulchiinsa magaalotaa fi aanaaleef hojjatamee gadi

bu’uudha.

3.13. Raabsaa Kitaabaa jechuun haala adda ta’een kitaabilee barataa ykn

qajeelcha barsiisaa ykn kitaaba wabii gara godinaaleetti akka raabsamu

yoo taasisame malee, raabsaan kitaabilee dhaabbata maxxansu irraa

kallattiin gara aanaaleetti/bulchiinsa magaalatti kan raabsamu

jechuudha.

3.14. Bulchiinsa Kitaabaa jechuun hojii qophii kitaabilee irraa kaasee hanga

raabsaa fi itti fayyadamaatti jiru kan ibsuudha.

3.15. Ittifayyadama Kitaabaa jechuun kitaabileen erga harka barataa ykn

mana kuusaa gahaaniin booda haala qabiinsa kitaabilee kan ibsuudha.

3.16. Maqsuu (Dhabamsiisuu) Kitaabaa jechuun kitaabilee moofa’uun,

tarsa’uun ykn fuulli adda addaa keessaa baduun ykn sirni barnoota

Page 4: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

4

isaanii jijjiiramuunii fi kkf kan ka’e tajaajila kennuu irraa ala yoo ta’an

Boordii Barnootaa fi Leenjii Gandaatiin murteessuun gara Gamtaa

Maatii fi Barsiisotaaf dabarsuun dhabamsiisuu (maqsuu) jechuudha.

3.17. Gahee jechuun Qajeelfamicha Bulchiinsaa fi Ittifayyadama Kitaabilee

kana hojiirra oolchuuf gahee Daayireektoreetii Sirna Barnootaa fi

Madaallii Barnootaa sadarkaa biiroo, waajjiraalee barnootaa

godinaalee, bulchiinsa magaalotaa, aanaalee fi manneen barnootaa

maal akka raawwachuu qaban kan ibsu jechuudha.

3.18. Qajeelfama kana keessatti jechi dhiiraaf hojjetu dubartootaafis wal qixa

ni tajaajila.

4. Daangaa Raawwatiinsa Qajeelfamichaa

Qajeelfamni kun aangoo Biiroo Barnoota Oromiyaatiif Labsii 87/1997

keewwata 16 jalatti caqasamee seeraan kennameef irratti

hundaa’uudhaan raawwatiinsa kan argatu:

a. Qajeelfamni Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Kitaabilee qophaa’e kun

yoo murtee maanajimentii BBOtiin mirkanaa’e.

b. Qajeelfamichi mirkanaa’e xalayaa gaggeessituun gara waajjiraalee

barnoota godinaalee fi bulchiinsa magaalotaatti karaa BBOtiin gadi

bu’ee, godinaaleen immoo haaluma kanaan gara aanaalee,

aanaaleen gara manneen barnootaatti gadi buusuun oranteeshinii

irratti kennamee Naannoo Oromiyaa keessatti hojiirra kan

ooluudha.

5. Kaayyoo

5.1. Kaayyoo Gooroo

Naannoo Oromiyaa keessatti kitaabilee barnootaa qulqullinaan

qophaa’ee, yeroon akka maxxanfamu gochuun haala walgitiinsa qabuun

raabsuu fi bulchuufi.

5.2. Kaayyoo Gooree

Page 5: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

5

Qaamni qophii kitaabilee irratti hirmaatu gahee isaa beekee kitaabileen

qulqullinaan akka qophaa’an gochuuf;

Rakkoowwan maxxansa kitaabilee irraa kaasee hanga raabsaatti jiran

adda baahanii furmaata itti kennuuf;

Hanqina sadarkaa hundatti mul’atan adda baasuun tarkaanfiin

sirreessaa akka fudhatamuuf;

Kitaabilee barnootaas ta’e kanneen mana dubbisaa jiran haala

ammayyaatiin qabuun badii irraa akka baraaraman gochuuf;

Kitaabileen haala amansiisaa ta’een maxxanfamanii barattoota harka

akka gahan gochuuf;

Kitaabileen barnootaa haalaan akka qabamaniifi yeroo dheeraaf tajaajila

akka kennan gochuuf;

Madaallii sirna barnootaa yeroo qabameef keessatti otoo addaan hin

cinne gaggeessuuf;

6. Barbaachisummaa

Qulqullina barnootaa eegsisuuf mootmmaan FDRI paakeejii mirkaneeffannaa

qulqullina barnootaa baasee akka naannoo keenyaatti hojii irra ooluu erga

jalqabee waggoottan lakkoofsisee jira. Sagantaalee PMQB keessaa inni tokkoo

Sagantaa fooyya’iinsa Sirna barnootaati. Kaayyoodhuma kana fiixaan

baasuun mootummaan kitaabilee sirna barnootaa haaraa qopheessisuun

bara baraan maxxansiisee raabsaa jira. Maxxansi fi raabsi kitaabilee

kunneenis sadarkaa Ministeera Barnootaa fi sadarkaa Biiroo Barnoota

Oromiyaatti raawwatamaa jira. Haa ta’u malee, kitaabileen baay’inaan

maxxanfamuun yoo raabsamaniiyyuu manneen barnootaa keessatti akka

barbaadamutti barattoota harka gahanii hojii irra ooluurratti hanqinni nijira.

Bakka tokko tokkotti hanqinni kitaabilee yoo mul’atu bakka tokko tokkotti

ammoo kuufamee argama.

Hubannoon caasaalee barnootaa sadarkaa sadarkaan jiranii xiqqaa waan

ta’eef gahee ogeessota sirna barnootaa sirriiti adda baafatanii beekanii wanta

isaan irraa eegamu hojjachuu irratti rakkootu jira. Hojii sirna barnootaa

haala barbaadamuun hojjechaa hinjiran. Fakkeenyaaf, aanaalee tokko tokko

keessatti ogeessa sirna barnootaa jechuun raabsaa kitaabaa irratti nama

Page 6: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

6

hojjetu jechuudha jedhanii kaasu. Kana faanaa namni iddoo kanatti

ramadamus dandeettii fi muuxannoo qabuun ramaduurratti hanqinni akka

jiru ni mul’ata. Rakkoolee kanneen maqsuuf qajeelfama baasuun deggaruun

ni barbaachisa.

Kanaafuu, waa’ee bulchiinsaa fi itti fayyadama kitaabilee irratti

qorannoowwan gaggeeffamanii fi rakkoolee qabatamaa hanga ammaa

muldhataniif furmaata seera qabeessa ta’e kennuunuudha. Bu’uuruma

kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

fooyya’u gochuun rakkoo bulchiinsa kitaabaa irratti mul’ate furmaata

kennuuf Biiroon Barnoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa qajeelfama kana

fooyyessuun qopheessuun barbaachisaa ta’ee argamee jira.

Kutaa Lama

Keeyyata 1. Fedhii Kitaabilee Dhiheessuun walqabatee Gahee Qaamolee

Adda Addaa

1.1. Gahee Biiroo Barnoota Oromiyaa

1.1.1. Godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa ragaa kitaabilee yeroo fi

qulqullina barbaadamuun akka dhiyeessan taasisa; yoo yeroo

kennameef keessatti qulqullinaan dhiyeessuu baatan seeraan

(jalqaba xalayaa of eeggannoo fi sadarkeessuu yoo ta’u itti aansuun

naamusatti dhiheessuun) akka gaafataman taasisa.

1.1.2. Ragaa fedhii kitaabilee godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa irraa

dhiyaatan qindeessuun erga manaajimentiin murteesiseen booda

baajanni maxxansaa akka qabamuuf Mootummaa Naannoof

dhiyeessa.

1.1.3. Ragaalee fedhii kitaabilee aanaalee, godinaalee fi bulchiinsa

magaalotaa irraa dhihaatuun kitaabolee aanaalee/bulchiinsa

magaalotaaf barbaachisan maxxansiisuuf qooddii aanaalee fi

ispeesifikeeshinii qopheessa.

Page 7: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

7

1.1.4. Baajata qabame irratti hundaa’uun ispeesifikeeshinii hojjachuu,

dhumarrattis qooddii aanolee qopheessuun ragaawwan barbaachisan

waliin mana maxxansaa Biiroo Barnoota Oromiyaatiif ykn mana

maxxansaa caalbaasii moo’ateef kenna.

1.1.5. Fedhii fi ragaalee kitaabilee yeroo kennameef keessatti qulqullinaan

akka dhiyeessan deggarsaa fi hordoffii taasisa

1.2. Gahee Waajjira Barnoota Godinaa

1.2.1. Ragaan fedhii kitaabilee bara itti aanuu waajjira barnoota aanaalee

isaanii irraa walitti qabuun hanga Muddee 15tti Biiroo Barnootaa

Oromiyaatiif ni dhiheessa.

1.2.2. Mannneen barnootaa haaraa godinaalee isaanii keessatti banamuu

qaban yoo jiraatan ragaa fedhii kitaabaa isaanii dursee aanaalee

irraa qindeessuun hanga Muddee 15tti Biiroo Barnootaaf dhiyeessa.

1.2.3. Reeshoon kitaabaa fi barataa akkuma galmeen barattootaa

xumurameen dhuma ji’a Onkololeessaatti aanaalee isaanii irraa

walitti qabuun BBO dhaqqabsiisu.

1.3. Gahee Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa

1.3.1. Ragaan fedhii kitaabilee bara itti aanuu manneen barnoota isaanii

irraa walitti qabuun hanga Sadaasa 30tti Biiroo Barnootaa Oromiyaa

dhaqqabsiisa.

1.3.2. Mannneen barnootaa haaraa bulchiinsa magaalota isaanii keessatti

banamuu qaban yoo jiraatan ragaa fedhii kitaabaa isaanii dursee

qindeessuun hanga Sadaasa 30tti Biiroo Barnootaaf dhiyeessa.

1.3.3. Reeshoon kitaabaa fi barataa akkuma galmeen barattootaa

xumurameen dhuma ji’a Onkololeessaatti manneen barnoota isaanii

irraa walitti qabuun BBO dhaqqabsiisa.

1.4. Gahee Waajjira Barnoota Aanaa

1.4.1. Aanaaleen ragaa fedhii kitaabaa manneen barnootaa irraa funaanan

qindeessuun fedhii aanaalee/bulchiinsa magaalaa sadarkaa aanaa

isaanii Sadaasa 30 dura gara godinaalee isaaniitti ergu.

Page 8: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

8

1.4.2. Fedhii kitaabilee barnootaa bara dhufuu fi mannneen barnootaa

haaraa aanaa/bulchiinsa magaala sadarkaa aanaa isaanii keessatti

banamuu qaban yoo jiraatan ragaan fedhii kitaabaa isaanii dursee

qindeessuun xumura ji’a Onkololeessaatti waajjira barnoota godinaaf

dhiyeessa.

1.5. Gahee Mana Barnootaa

1.5.1. Manneen barnootaa akkuma galmee barattootaa xumuraniin yoo

dheerate guyyaa galmeen barattootaa xumurame irraa kaasee guyyaa 5

keessatti fedhii kitaabaa kan bara itti aanuu qindeessanii waajjira

barnoota anaalee/bulchiinsa magaalaaf dabarsu.

Keeyyata Lama:- Qophii Kitaabaarratti Gahee Qaamota Adda Addaa

2.1. Gahee Biiroo Barnoota Oromiyaa

2.1.1. Siilabasii sadarkaa 1ffaa akaakuu barnoota Afaan Amaaraan ykn

Afaan Ingiliiziin Ministeera Barnootaan qophaa’ee ergame haala

qabatamaa naannoon walsimsiisuun Afaan Oromootti ni hiika, ni

qopheessa.

2.1.2. Kitaaba deggarsaa ykn wabii gosa barnootaa fi kutaalee 1-8tiif ni

qopheessa. Kitaabilee deeggarsaa ykn wabii Manneen barnoota

dhuunfaa qopheessanii dhihheessaniifis ni mirkaneessa; Akka

hojiirra oolus ni taasisa.

2.1.3. Qophii kitaabilee barnootaa kutaa 9-12 Ministeerri Barnootaa

hojjatu irratti ni hirmaata; kan sadarkaa 1ffaa ni qopheessa.

2.1.4. Maxxansa irradeebii irratti wantoota fooyya’uun irra jiran yoo

jiraatan haala barsiisota hirmaachiseen ni fooyyessa.

2.1.5. Qophii kitaabilee sadarkaa 1ffaa Afaan Dhalootaan qophaa’an

Ministeera Barnootaa waliin ta’uun ni qopheessa, hojiirra akka

oolu ni taasisa, hojiirra oolmaa isaas ni madaala.

Page 9: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

9

Keeyyata Sadi:- Maxxansaa, Raabsaa fi Bulchiinsa Kitaabileerratti Gahee

Qaamota Adda Addaa

3.1. Gahee Biiroo Barnoota Oromiyaa

3.1.1. Maxxansaa fi raabsaan kitaabilee barnootaa Ministeera Barnootaa

waliin ta’uun olaantummaan ni raawwata.

3.1.2. Kitaabileen jijjiiraman yeroon dhaqqabuu yoo dhaban sirna

barnootaa durii irra deebiin barattootaaf ni maxxansiisa.

3.1.3. Lakkoofsa barattootaa bara baraan dabalu, kitaabilee haala adda

addaan tajaajilaa ala ta’anii fi kkf hanqinaalee kitaabaa ragaa

godinaalee fi bulchiinsa magaalotaa irraa dhufan qindeessuu bara

baraan ni maxxansiisa.

3.1.4. Fedhiin kitaabilee barnootaa aanaalee irraa funaaname waajjira

barnootaa godinaaatiin qindaa’ee dhiyaate ni xiinxala; qooddii

aanaalee hojjechuun gaaffii baajata maxxansaa fi raabsaa

mootummaa naannoo Oromiyaatiif ni dhiyeessa.

3.1.5. Fedhii kitaabilee barnootaa qindeessuun baajata maxxansaa fi

raabsaa erga mirkaneeffateen booda ispeesifikeeshinii

qopheessuun, kitaabilee maxxansaman ’hard copy’ fi ’soft copy’

isaanii Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Meeshaalee dabarsee ni kenna.

3.1.6. Adeemsa hojiiwwan maxxansaa irraa kaasee hanga raabsaatti

raawwatamuu qaban saganta qopheessuun abbummaan ni

hordofa.

3.1.7. Ragaan kitaabilee bara baraan galii ta’anii fi manneen barnootaaf

raabsaman galmee ofii isaa qabaatee sadarkaa waajjira barnoota

godinaa/bulchiinsa magaalaa, aanaa fi manneen barnootaa akka

iddattootti fudhachuun sirnaan qindaa’ee taa’uu isaa ni hordofa.

3.1.8. Dhaabbileen maxxansaa fi raabsaa itti gaafatamummaa isaanii

akkaataa waliigaltee biiroo wajjiin walii malatteessaniin yeroodhaa

fi qulqullinaan maxxansaa fi raabsaa kitaabilee barnootaa

raawwachuu isaani ni hordofa.

3.1.9. Kitaabileen barnootaa ergaman harka barattootaa akka hin

geenye qaama taasise yoo irra gahame seeratti dhiheessuun akka

adabamu ni taasisa.

Page 10: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

10

3.2. Gahee Waajjira Barnoota Godinaa

3.2.1. Ragaan kitaabilee bara baraan galii ta’ee fi manneen barnootaaf

raabsame aanaalee irraa softiikoppii fi haardkooppiin qindaa’e

galmee ofii isaa qabaatee sadarkaa waajjira barnoota godinaatti

qindeessee kaa’a.

3.2.2. Waajjirri Barnoota Godinaa Qajeelfama bulchiinsaa fi qabiinsa

kitaabilee barnootaa kana irratti hundaa’uun ragaa fedhii kitaabile

waajjiroota barnootaa anaalee fi bulchiinsota magaalaa sadarkaa

aanaa irraa ergaman qulqullinaan qindeessuu fi mirkaneessuun

yeroo Qajeelfama kana keessatti ibsametti Biiroo Barnoota

Oromiyaa dhaqqabsiisa.

3.2.3. Qooddii fi raabsa kitaabilee barnootaa waajjiroota barnootaa

anaalee ykn bulchiinsota magaalaa gaggeeffamu hordofuun yoo

rakkinni uumame sadarkaa isaatti tarkaanfii atattamaa ni fudhata;

BBOfis ni beeksisa.

3.2.4. Waajjirri Barnoota Godinaa waajiraalee barnootaa aanaalee fi

bulchiinsota magaalaa keessatti hanqinnii fi kuufamni kitaabilee

barnootaa yoo jiraate bakka kuufamni jiruu irraa gara bakka

hanqinni kitaabilee jiruutti akka socho’u taasisa.

3.2.5. Godina isaa keessatti qaama kitaabileen barnootaa harka

barattootaa akka hin geenye taasise seeratti dhiyeessa.

3.2.6. Godina isaa keessatti kitaabileen barnootaa akka harka barattoota

yeroon gahanii fi seeraan qabamuu isaanii mirkaneessuu keessatti

ni hordofa, ni sirreessa.

3.2.7. Raabsaa kitaabaa irratti qaamni maxxanse aanaan ga’uu qaba.

Garuu, rakkoo humnaa oliitiin aanaan yoo fudhachuu baatee

kitaaba mana kuusaa godinaatti qaama raabsu irraa fudhachuuf

dirqama qaba.

3.3. Gahee Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa

3.3.1. Ragaan kitaabilee bara baraan galii ta’ee fi manneen barnootaaf

raabsame manneen barnootaa irraa softiikoppii fi haardkooppiin

qindaa’e galmee ofii isaa qabaatee sadarkaa waajjira barnoota

bulchiiinsa magaalaatti qindeessee kaa’a.

3.3.2. Waajjirri Barnoota bulchiinsa magaalaa ragaa fedhii kitaabile

manneen barnootaa irraa ergaman qulqullinaan qindeessuu fi

mirkaneessuun yeroo Qajeelfama kana keessatti ibsametti Biiroo

Barnoota Oromiyaa dhaqqabsiisa.

Page 11: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

11

3.3.3. Waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalaa kitaabilee dhaabbileen

maxxansaa fi raabsaa fidan seeraan fuudhanii moodeela 19 irratti

haala qajeelfama kana keessatti kaa’ameen mirkaneessuun qaama

kitaaba fideef ni kenna.

3.3.4. Kitaabilee waajjira barnootaa bulchiinsa magaalaa dhaqqaban

gosa barnootaa fi sadarkaan qooduun guyyaa kitaabni isaan

dhaqqabee kaasee guyyaa 5/shan/ keessatti manneen barnootaa

akka dhaqqaban taasisa.

3.3.5. Akkaataa qajeelfama kana keessatti ibsameen barattoonni gara

kutaa itti aanutti yoo darban kitabilee barnootaa kutaa itti darbanii

Waxxabajjii 30tti fudhachuu isaanii ni mirkaneeffata.

3.3.6. Kitaabilee waajjira barnootaa bulchiinsa magaalaa fi mana

barnoota dhaqqaban mana kuusaa keessatti badiin akka irra

hingeenyeef bakki mi’jaa’aan jiraachuu, kunuunsaan qabamuu fi

eegamuu isaanii hordofuun rakkinni yoo jiraate tarkaanfii

sirreessaa ni fudhata.

3.3.7. Manneen barnootaa kitaabilee waajjira barnootaa bulchiinsa

magaalaa irraa isaan gahe haala qajeelfama kana keessatti

ibsameen yeroo isaa eegaanii harka barattootaatiin gahuu isaanii

mirkaneeffachuun rakkinni yoo jiraate tarkaanfii sirreessaa ni

fudhata.

3.3.8. Waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalaa mana barnootaa kuufamni

kitaabilee barnootaa jiru irraa bakka hanqinni jirutti sochoosuu qaba.

3.4. Gahee Waajjira Barnoota Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa Sadarkaa

Aanaa

3.4.1. Ragaan kitaabilee bara baraan galii ta’ee fi manneen barnootaaf

raabsame softiikoppii fi haardkooppiin isaanii qophaa’ee galmee ofii

isaa qabaatee sadarkaa waajjira barnoota Aanaa/Bulchiinsa

Magaalaatti sirnaan qindeessee kaa’a.

3.4.2. Ragaan kitaabilee barnootaa aanaa/bulchiinsota magaalaa

keessatti tajaajila kennuu danda’anii fi hindandeenye adda bahanii

sirnaan qindeessuun qaba.

3.4.3. Waajjirri barnootaa aanaa/bulchiinsi magaalaa ragaa fedhii

kitaabaa manneen barnootaa irraa sassaabuun qulqullinaan

qaaccessuu fi qindeessuun yeroo qajeelfama kana keessatti

ka’ameef keessatti waajjira barnoota godinaa dhaqqabsiisa.

3.4.4. Waajjirri barnootaa aanaa /bulchiinsi magaalaa kitaabilee

dhaabbileen maxxansaa raabsuuf fidan seeraan fuudhanii

Page 12: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

12

moodeela 19 irratti haala qajeelfama kana keessatti kaa’ameen

mirkaneessuun qaama kitaaba fideef kenna.

3.4.5. Kitaabilee waajjira barnootaa aanaa/bulchiinsa magaalaa

dhaqqaban gosa barnootaa fi sadarkaan qooduun guyyaa kitaabni

isaan dhaqqabee kaasee guyyaa 5/shan/ keessatti manneen

barnootaa akka dhaqqaban taasisa.

3.4.6. Akkaataa qajeelfama kana keessatti ibsameen barattoonni gara

kutaa itti aanutti yoo darban kitaabilee barnootaa kutaa itti

darbanii Waxxabajjii 30tti fudhachuu isaanii mirkaneeffata.

3.4.7. Kitaabilee waajjira barnootaa aanaa/bulchiinsa magaalaa fi mana

barnoota dhaqqaban mana kuusaa keessatti badiin akka irra

hingeenyeef bakki mi’jaa’aan jiraachuu, kunuunsaan qabamuu fi

eegamuu isaanii ni hordofa; rakkinni yoo jiraate tarkaanfii

sirreessaa ni fudhata.

3.4.8. Manneen barnootaa kitaabilee waajjira barnootaa aanaa irraa

isaan gahe, haala qajeelfama kana keessatti ibsameen yeroo isaa

eeguun harka barattootaatiin gahuu isaanii ni mirkaneeffata;

rakkinni yoo jiraate tarkaanfii sirreessaa ni fudhata.

3.4.9. Waajjirri barnootaa aanaa mana barnootaa kuufamni kitaabilee

barnootaa jiru irraa bakka hanqinni jirutti ni sochoosa.

3.5. Gahee Mana Barnootaa

3.5.1. Ragaan kitaabilee bara baraan galii ta’ee fi manneen barnootaaf

raabsame galmee ofii isaa qabaatee sadarkaa mana barumsaatti

sirnaan qindeessa.

3.5.2. Ragaan kitaabilee manneen barnootaa keessa jiran keessaa kan

tajaajila hinkenninee fi tajaajila kennuu danda’an adda bahanii

sirnaan qindaa’nii akka qabaman taasisa.

3.5.3. Kitaabileen kutaa baratttooni itti darbaniitti Waxabajjii 30 irratti,

barattootaaf ni kenna.

3.5.4. Kitaabileen barattootaaf kan kennaman nama wabii ta’ee barataa

mana barnootaa isaan galche akka wabiitti ni fudhata.

3.5.5. Kitaabni kan hiramu barsiistota hogganaa daree qabxii barattoota

kutaa itti aanutti darbanii hojjetaniin mirkaneessaniin yoo ta’u,

ragaa ittiin hirame garuu dura bu’aa mana barnootaatti yookiin

qabaa meeshaatti galii gochuun hordoffii bara itti aanuuf haala

mijeessa.

3.5.6. Kitaabileen barattootaaf yommuu kennaman guca ittiin ergifatanii

(Guca 008/2002) qajeelfama kana irra jiruun ta’a.

Page 13: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

13

3.5.7. Haala qajeelfama kana keessatti ibsameen fedhii kitaabilee

barnootaa dhiheeffachuuf baay’ina lakkoofsa barattoota isaa fi

baay’ina kitaabilee harka isaanii jiru sakatta’uun akkaataa guca

fedhiin kitaabilee barnootaa ittiin sassabamuu kan qajeelfama kana

keessatti argamuun qulqulleessanii waajjira barnoota aanaa yeroo

kennameef keessatti ni erga.

3.5.8. Manni Barnootaa kitaabileen isaan gaafatan waajjira barnoota

aanaa irraa gahee isaanii fudhachuun guyyaa fudhatan irraa

kaasanii guyyoota 3-5 hin calle keessatti barattoota isaaniif kennu.

3.5.9. Manni barnootaa barattonni fi barsiistonni kitaabilee kennameef

sirnaan akka itti fayyadaman hubannoo kennuuf.

3.5.10. Barattoonni hundi haala wayitii barnootaa isaanii irratti

hundaa’uun kitaabilee kennameef harkatti qabatanii daree isaniitti

argamuu isaanii ni mirkaneeffatu. Barattoonni kana raawwachuu

baatan gorsi ni kennamaf, wabii isaanii waamsisuun yeroo

lammaffaaf ni gorsamu, yoo isaan kanaan barattoonni sirreessuu

baatan koree naamusa mana barnootaatti dhihaatanii akka

adabaman ni taasisa.

3.5.11. Barattoonni kitaabilee fudhatan yoo gatanii fi mancaasuun akka

tajaajila hin kennine yoo taasisan gatii kitaabicha dachaa sadiin

akka kanfalan ni taasisa.

3.5.12. Manni Barnootaa ragaa baay’ina kitaabilee barnootaa hojii irra

jiranii fi kitaabilee tajaajilaan ala ta’an gosa barnootaa fi kutaan

addaan baasanii qindeessuun waajjira barnootaa aanaaf yeroo

yeroon ni gabaasu.

3.6. Gahee Hogganaa/tuu Mana Barnootaa

3.6.1. Barsiisota ittigaafatamtoota daree ta’an ni ramada, kitaaba harka

barattootaan akka ga’anii fi itti fayyadama isaa akka hordofan

oranteeshinii kennaaf.

3.6.2. Kitaabilee waajjira barnoota aanaa/bulchiinsa magaalaa irraa

Moodeela 22 bahii godhe Moodeela 19n mana barnootaatti galii

taasisee ragaa itti galii taasise waajjira barnoota aanaa/bulchiinsa

magaalaatti dhiheessee herrega isaa ofirraa buusa.

3.6.3. Waggaa waggaan inveentarii kitaabilee barnootaa mana barnootaa

taasisa.

Page 14: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

14

3.7. Gahee Barsiisaa/tuu,

3.7.1. Kitaabolee barataa ittigaafatamaa daree ta’eef kutaa meeshaa

keessaa baasii godhee/tee Waxabajjii 30tti barattoota isaaf/isheef

ni kenna/iti.

3.7.2. Kitaabileen barattootaaf yommuu kennaman guca ittiin ergifatanii

(Guca 008/2002) qajeelfama kana irra jiruu guuchisa/fti.

3.7.3. Haalli inni/isheen kitaaba barattoota isaaf/isheef kennus/tus

nama wabii ta’ee barataa/ttuu mana barnootaa galche wabii akka

ta’u taasisa/ti.

3.7.4. Kitaabni kan hiramu barsiisaa/tuu hogganaa daree qabxii

barattoota kutaa itti aanutti darban hojjetee/ttee erga

mirkaneesseen/siteen booda raawwata/tti.

3.7.5. Barattoonni hundi haala wayitii barnootaa isaanii irratti

hundaa’uun kitaabilee kennameef harkatti qabatanii daree isaniitti

argamuu isaanii ni mirkaneeffata/tti. Barattoonni kana

raawwachuu baatan gorsi ni kennaaf/tiif, wabii isaanii waamsisuun

yeroo lammaffaaf ni gorsa/siti, yoo isaan kanaan barattoonni

sirreessuu baatan koree naamusa mana barnootaatti dhihaatanii

akka adabaman mana barnootaatiif ni dhiheessa/siti.

3.7.6. Ragaa ittiin hire/te qindeessaa mana barnootaatti yookiin qabaa

meeshaa mana barnootaatti galii gochuun hordoffiin bara itti

aanuuf akka taasifamu haala mijeessa/iti.

3.7.7. Barattoonni kitaabilee kennameef sirnaan akka itti fayyadaman

hubannoo kennaaf/tiif. Kitaaba harka barattoota jiru dhuma

waggaatti irraa funaanee kutaa meeshaa mana barnootaatti gali

taasisa.

Keeyyata Afur:- Maxxansaa, Raabsaa fi Bulchiinsa Kitaabileerratti Gahee

Manneen Barnoota Dhuunfaa

4.1. Manneen barnoota dhuunfaa waggaa waggaan hanga Onkololeessaa 30tti

Lakkoofsa barattoota isaan kutaa fi saalaan addaan baasanii BBO

beeksisu.

4.2. Baayi’inna barattoota isaanii irratti hundaa’uun kitaabni barnootaa akka

maxxanfamuuf BBO gaafatu.

4.3. Gatiin isaan ittiin maxxansiisan gatima BBOn ittiin maxxansiise waan

ta’eef, gatiin kitaaba tokko tokkootis gatima BBOn kenneen barattoota

isaaniitti gurguru.

Page 15: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

15

Kutaa Sadi

Keeyyata Shan:- Kitaabilee Badan Bakka Buusuu fi Kan Tajaajilaan Ala

Ta’an Dhabamsiisuu

5.1. Kitaabilee Badan Bakka Buusuu

5.1.1. Kitaabilee badan ykn fuulli adda addaa tarsa’e ykn keessaa bade

ijoollee kutaa 1-4 ta’aniif gatiidhuma kitaaba irra jiru akka

kafalan yoo taasifamu kan kutaa 5-12 garuu gatii kitaabichaa

harka dachaa akka kaffalan taasifama.

5.1.2. Kitaabni gatiin isaa irratti hinbarreeffamne haala qaeelfama

kitaaba Afaan Ingiliizii USAIDn maxxanfamee kanaan dura

darbeen hojiirra oola.

5.2. Kitaabilee Tajaajilaan Ala Ta’an Dhabamsiisuu

5.2.1. Kitaabni tokko sirna barnootaan ala ta’uun isaa kan mirkanaa’u

Biiroo Barnoota Oromiyaatiin ta’a.

5.2.2. Kitaabni tokko moofa’ee tajaajilaan ala ta’e kan jedhamu sadarkaa

kamittuu yoo xiqqaate waggaa 5 erga tajaajileen booda ta’a. Haa

ta’u malee kitaabileen kunniin sirna barnootaan ala waan ta’aniif

osoo hin ta’in waan moofa’aniif yookiin manca’aniif tajaajilaan

ala ta’uu danda’u.

5.2.3. Kitaabni tajaajilaan ala ta’e fi kan haaraa dhufeen akka walitti hin

makamne of eeggannoon taasisamuu qaba.

5.2.4. Kitaabileen tajaajilaan ala ta’an Boordii Barnootaa fi Leenjii

Gandaatiin erga mirkanaa’een booda GMBn kilogiraamaan

safaree seera faayinaansii eegee gurguruun kitaabilee wabii ittiin

bituun rakkoo manneen barnootaa akka furamu taasifama.

5.2.5. Sadarkaa Biiroo Barnoota Oromiyaatti kitaabilee hojiin ala ta’an

kanneen Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Meeshaalee waliin ta’uun

gurguruun bittaa kitaabaa wabiif akka oolu taasisa.

Page 16: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

16

Keeyyata Jaha:- Bulchiinsa Kitaabileerratti Gaafatamummaa Caasaalee

Barnootaa.

6.1. Waajjira Barnoota Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa Qooddii Kitaabaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa ykn Godina isaaniitiin Kennameef

Ala Warra Raabsan Irraa Fudhatee fi Kuuse;

a) Koree naamusaa waajjira barnootaa aanichaatti dhihaatee haala

sadarkaa balleessaa isaa fi qajeelfama siivil sarviisii keessatti

ibsameen adabbiin itti kennama.

b) Kitaaba seeraan ala fudhatan baasii dhuunfaa isaaniitiin aanaa

hanqinni jirutti geessuuf ni dirqamu.

6.2. Mana Barnootaa Waxabajjii 30 Dura Kitaaba Barattotaaf Kennuu

Dhabe.

a) Hoggansa itti aanuun xalayaan ofeeggannoo akka isa gahu

taasisama.

b) Sababii hoggansaan yoo ta’e koree naamusaa waajjira barnootaa

aanichaatiin; yoo barsiisaa ta’e immoo koree naamusa mana

barumsaatti dhihaatee haala sadarkaa balleessaa isaa fi qajeelfama

siivil sarviisii keessatti ibsameen adabbiin itti kennama.

6.3. Barattoota Kitaaba Bakka Buusuu Dhaban.

a) Barottonni kitaabilee fudhatan yoo gatanii fi mancaasuun akka

tajaajila hin kennine yoo taasisan gatii kitaabicha dachaa sadii

akka kanfalan ni taasifama.

b) Maatii akka waamu gochuun karaa maatiin sirreeffamni akka itti

kennamu taasisama.

6.4. Waajjira Barnoota Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa, Aanaa ykn

Manni Barnootaa Ragaa Kitaabaa Yeroo Gaafatametti Geessisuu

Dhabe

a) Xalayaan ofeeggannoo caasaa sadarkaa itti aanuun akka irratti

barreeffamu ni taasifama.

b) Balleessaan walfakkaatu yoo irra deebiin raawwatame koree

naamusaa caasaa itti aanuun haala sadarkaa balleessaa isaanii fi

qajeelfama siivil sarviisii keessatti ibsameen adabbiin itti kennama.

Page 17: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

17

Kutaa Afur

Keeyyata Torba:- Seera Qabeessummaa Qajeelfamichaa

7.1. Qaamoleen hojii barnootaa raawwatanii fi raawwachiisan hundi

qajeelfama kana hojii irra oolchuuf dirqama qabu.

7.2. Qajeelfamni kun Koree Manajimentii Biiroo Barnoota Oromiyaatiin

yoo mirkanaa’e haala qajeelfamni jedhuun akka hojiirra oolu

seeraan eegamaadha.

7.3. Qaamni yookiin namni qajeelfama kana cabsuun kitaabileen baasii

olaanaan maxxanfamanii ergaman yeroon barataa harka akka hin

geenye taasise seeraan kan gaafatamu ta’a.

Keeyyata Saddeeti:- Fooyyessuu Qajeelfamichaa

Biiroon Barnoota Oromiyaa qajeelfama kana haala isaa qorachuun yeroo

barbaachisetti fooyyessuuf ni danda’a.

Keeyyata Sagal:- Hojiirra Oolmaa Qajeelfamichaa

Qajeelfamni kun Fulbaana 1, bara 2008 irraa eegalee hojii irra oola.

Page 18: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

18

Kutaa Shan

Keeyyata Kudhan:- Gucoota Adda Addaa Bulchiinsi Kitaabaa Ittiin

Hordofamu

Kutaa Shanaffaa jalatti gucoota adda addaattu jira. Haalli hordoffii, qabiinsa

ragaa fi gabaasa raawwii kitaabilee gucaalee armaan gadiitiin hundaa’ee kan

raawwatamu ta’a

Guca 001/2000

Guca Ragaan Baay’inni Barattootaa Ittiin Sassaabamu

Godina _____________________________ Bara Barnootaa________________

Lakk Maqaa

Aanaalee/Bulchiinsota

Magaalaa

Baay’ina Barataa Kutaadhaan

1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12

Maqaa ________________________________ Mallaattoo _______________

Guyyaa___________ Chaaphaa

Page 19: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

19

Guca__________

002/2000_____ Guca Fedhiin Kitaabaa Ittiin Sassaabamu

Godina _____________________________ Bara Barnootaa________________

Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa ________________Gosa Kitaabaa: Kitaaba

Barataa

Lakk Gosa Barnootaa Baay’ina Kitaabaa Kutaadhaan

1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12

1 Afaan Oromoo

2 Amaariffa

3 Ingiliffa

4 Herrega

5 Saayinsii Naannoo

6 Saayinsii Bu’uuraa

7 Hawaasa

8 Muuziqaa

9 Lammummaa fi A.G

10 Fiiziksii

11 Keemistirii

12 Baayoloojii

13 Joogiraafii

14 Seenaa

15 G.J.Q

16 Biizinasii

17 IT

18 Technical Drawing

19 Ikonoomiksii

Maqaa ________________________________ Mallaattoo _______________

Guyyaa___________ Chaaphaa

Page 20: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

20

Guca

003/2000

Guca Fedhiin Kitaabaa Ittiin Sassaabamu

Godina _____________________________ Bara Barnootaa________________

Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa ______________________ Gosa Kitaabaa:

Qajeelcha Barsiisaa

Lakk Gosa Barnootaa Baay’ina Kitaabaa Kutaadhaan

1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12

1 Afaan Oromoo

2 Amaariffa

3 Ingiliffa

4 Herrega

5 Saayinsii Naannoo

6 Eastetiksii

7 Saayinsii Bu’uuraa

8 Hawaasa

9 Muuziqaa

10 Ogummaa Gaarii

11 Lammummaa Fi A.G

12 G.J.Q

13 Fiiziksii

14 Keemistirii

15 Baayoloojii

16 Joogiraafii

17 Seenaa

18 Biizinasii

19 IT

20 Ikonomiiksii

20 Technical Drawing

Maqaa ________________________________ Mallaattoo _______________

Guyyaa___________ Chaaphaa

Page 21: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

21

Guca

004/2000

Guca Hira (Reeshoon) Kitaabaa fi Barataa Itti Guutamu

Godina _____________________________ Bara Barnootaa________________

Aanaalee/Bulchiinsa Magaalaa _____________ Gosa Kitaabaa: Kitaaba

Barataa

Lakk Gosa Barnootaa Hira Kitaabaa Barataaf (Reeshiyoo) Kutaadhaan

1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12

1 Afaan Oromoo 1:1

2 Amaariffa

3 Ingiliffa

4 Herrega

5 Saayinsii Naannoo

6 Saayinsii Bu’uuraa

7 Hawaasa

8 Muuziqaa

9 Ogummaa Gaarii

10 Lammummaa Fi A.G

11 Fiiziksii

12 Keemistirii

13 Baayoloojii

14 Joogiraafii

15 Seenaa

16 G.J.Q

17 Biiznasii

18 IT

19 Ikonomiiksii

20 Technical Drawing

Maqaa ________________________________ Mallaattoo _______________

Guyyaa___________ Chaaphaa

Page 22: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

22

Guca

005/2000

Guca Baay’ina Kitaabni Tajaajilaan Ala Ta’e Ittin Gabaafamu

Godina _____________________________ Bara Barnootaa________________

Aanaa/Bulchiinsa Magaalaa ___________________________Gosa Kitaabaa:

Kitaaba Barataa/Qajeelcha Barsiisaa

1. Hanga kitaaba tajaajilaan ala ta’ee kilogiraamaan:

_____________________________Kg

2. Qaama tajaajilaan ala ta’uu isaa mirkaneesse:

_________________________________________

8. Maqaa ________________________________ Mallaattoo _______________

Guyyaa___________ Chaaphaa

Page 23: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

23

Guca 006/2000

Goca Namoota Kitaabilee Buusaniif Kanfaltiin Itti

Raawwatamu.

m{/FTN §wrÇ sãC KFÃ y¸f]MbT Q{

1.Godina/B/Magaala____________________2.Aanaa/B/Magaala

øN¼kt¥ wrļkt¥

3.Maqaa konkolaachisaa _________________ 4. Lakkoofsa gabatee

konkolaataa _____________

yëØ„ SM ymk! ysl@Ä q$_R

5. Maqaa dhaabbata kitaabilee ergee_________________________________________

m{/Ft$N y§kW DRJT SM

6.Guyyaa fi sa’aatii kitaabni itti dhaqqabe ____________________________

m{/FT ydrsbT qNÂ s›T

7.Guyyaa fi sa’aatii itti kitaabni bu’ee raawwate __________________________

m{/FT wRì yt-ÂqqbT qNÂ s›T

8. Hamma/baay’ina/ kitaabilee bu’ee____________________________

ywrdW ym{/FT B²T

9. Qarshii kanfalame Qr. ________________________________

ytkflW gNzB BR

10. Maqaa nama kitaaba buusee ________________________________

ÃwrÄW sW

Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa

SM ðR¥ qN

11. Maqaa fi Mallattoo Konkoolaachisaa

yëØ„ SM ðR¥

Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa

SM ðR¥ qN

12.Maqaa fi Mallattoo Raawwataa Hojii Sirna Barnootaa Aanaa

ywrÄW y|R›t TMHRT |‰ fɸ SM ðR¥

Maqaa ________________________ Mallattoo __________ Guyyaa

SM ðR¥ qN

Chaappaa W.Barnoota Aanaa/B/Magaalaa

ywrdW¼ykt¥W xStÄdR T¼b!é ¥HtM

Page 24: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

24

Guca 007/2000

Guca Galmeen Kitaabilee Barataa Itti Qindaaa’u

Bara Barnootaa___________________ Kutaa -

-----------------

Lakk.

Gosa B

arn

oota

a

kan

galii ta

’e

kan

bara

taa irr

aa

bara

dabre

deebi’e

Kan

bara

ttoota

aaf

raabsam

e

Kan

bade/m

an

ca’e

Han

qin

a jir

u

kan

ku

ufa

maan

jir

an

kan

sir

na

barn

oota

an

ala

ta’a

n

Kit

aabilee x

um

ura

waggaatt

i

man

a k

uu

saa jir

u

1 Afaan Oromoo

2 Afaan Amaaraa

3 Afaan Ingliizii

4 Herrega

5 Saayi Naannoo

6 Saayinsii Bu’uuraa

7 Bar. Hawaasaa

8 Bar Lammummaa

9 Muuzqaa

10 Fiiziksii i

11 Keemistirii

12 Baayooloji

13 Joogiraafii

14 Seenaa

15 BGJQ

16 Teek. Diroowingii

17 Ikonomiiksii

18 Bar. Biiznasii

19 IT

Hub. Kitaabni Sagantaan Afaan Amaaraa kutaa 1-8is haaluma kanaan

qindaa’ee qabama.

Page 25: BBO (Biiroo Barnoota Oromiyaa)213.55.101.25/images/qajeelfama/Qajeelfama-Bulchiinsa-Kitaabaa-2007... · kanaan qajeelfama kanaan dura qophaa’ee hojii irra jiru irradeebiin akka

25

Guca 008/2002

Foormii Barataan/ttuun kitaaba ittiin ergifatu/ttu

Godina___________________________ Aanaa_________________________

Maqaa Mana Barnnootaa_________________________________

Maqaa Barataa____________________________Kutaa itti darbe________

Maqaa nama wabii ta’eef__________________________________________

Sagantaa Afaan Oromoo Sagantaa Afaan Amaaraa

Lakk Gosa kitaaba Fudhatee Kutaa Gatii tokko Mallattoo

1

2

3

4

5

6

7

8

9

10

11

12

13

14

15

16

17

18

19

Maqaa Barsiisaa/tuu Kitaabilee ergiseefii/teefii---------------------------

Mallattoo-----------------------------

Guyyaa-------------------------