26
HEGEREE OROMIYAA Ahmed Abbaabulguu (Bitootessa 2013) Anis biyyan qaba biyya biyya caaltu, Biyya koo Oromiyaa kan uumaan badhaatu. Biyya koo Oromiyaa biyya sirna gadaa, Kan ittiin beekamtu mallattoonsii Odaa. (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) Faaruun kun faaruu dhugaa irratti hundaa’eedha. Kan fakkeessa yokas dibaa wohii qabuu miti. Een Oromiyaan biyya badhaatuudha. Biyya miidhagduu hawwattamtuudha. Biyya sirna Gadaa biyya haqaafi dimokrasii dhugaatis turte. Biyya hedduun hawwu, kan argachuuf yokaas dhuunfachuuf dhama’uudha. Nuti Oromoonni biyya keeyna kan jaallannuf, kan faarsinuuf akkasumas kan hundarra caalsifannuuf miidhagina isii, qabeeyna, seenaafi aadaa isii madaaluudhaan osoo hin ta’in madda keeyna waan taateedhaaf. Dhalli Oromoon guddaan Oromiyaa bilisoomte hawwa. Kanaafis dhiphata. Kabajamtoota dubbiftoota barruu kanaa, duraan dursee haala kamiinuu, dirree kamirrattuu, yeroofi sadarkaa kamittuu dhaloota haqaafi mirga ummata Oromoof qabsaahaniif galanni ol aanan isaan hagahun jedha. Kanneen lubbuu isaani wareeganimmoo Rabbi guddaan araara isaa isaaniif habuusun hawwa. Itti aansuudhaan hubbannoofi quunnamtii koorraa ka’uudhaan ummanni Oromoo bilissummaafi walabummaa dirqamaan sarbame deebisee goonfachuuf maalitti jira? Kaleessa maal keessa darbeeti har’a gahe ? Maal hojjatee, maal argatee maal dhabe ? Boruho maaltu isa eeggata? Kan jedhu irratti yaada mataa kootii kaasuun fedha. Hata’u male qabxiileen ani kaasuu fedhu kun kan ummata Oromoo heddu biratti yeroo dheeraaf ka’aa turaniifi ammallee ka’uutti jiranu akka ta’en amana. Yaada koo irratti deggersaafi mormii kamu akkasumas marii bu’a qabeessa dhiihaatu mara kabajaanan simadha. Kan dhimmi Oromoo isa ilaalu hunduu akka irratti hirmaatus nan abdadha. Kanan asirratti dhiheessu kun dhaaba siyaasaas ta’ee garee hawaasaa kaminuu bakka bu’uudhaan, addaan deggeruudhaan yokaas balaaleffachuudhaan akka hintaanen hubachiisa. 1

(Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

  • Upload
    others

  • View
    85

  • Download
    10

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

HEGEREE OROMIYAAAhmed Abbaabulguu

(Bitootessa 2013)

Anis biyyan qaba biyya biyya caaltu,Biyya koo Oromiyaa kan uumaan badhaatu.Biyya koo Oromiyaa biyya sirna gadaa,Kan ittiin beekamtu mallattoonsii Odaa.(Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa)

Faaruun kun faaruu dhugaa irratti hundaa’eedha. Kan fakkeessa yokas dibaa wohii qabuu miti. Een Oromiyaan biyya badhaatuudha. Biyya miidhagduu hawwattamtuudha. Biyya sirna Gadaa biyya haqaafi dimokrasii dhugaatis turte. Biyya hedduun hawwu, kan argachuuf yokaas dhuunfachuuf dhama’uudha. Nuti Oromoonni biyya keeyna kan jaallannuf, kan faarsinuuf akkasumas kan hundarra caalsifannuuf miidhagina isii, qabeeyna, seenaafi aadaa isii madaaluudhaan osoo hin ta’in madda keeyna waan taateedhaaf. Dhalli Oromoon guddaan Oromiyaa bilisoomte hawwa. Kanaafis dhiphata.

Kabajamtoota dubbiftoota barruu kanaa, duraan dursee haala kamiinuu, dirree kamirrattuu, yeroofi sadarkaa kamittuu dhaloota haqaafi mirga ummata Oromoof qabsaahaniif galanni ol aanan isaan hagahun jedha. Kanneen lubbuu isaani wareeganimmoo Rabbi guddaan araara isaa isaaniif habuusun hawwa.

Itti aansuudhaan hubbannoofi quunnamtii koorraa ka’uudhaan ummanni Oromoo bilissummaafi walabummaa dirqamaan sarbame deebisee goonfachuuf maalitti jira? Kaleessa maal keessa darbeeti har’a gahe ? Maal hojjatee, maal argatee maal dhabe ? Boruho maaltu isa eeggata? Kan jedhu irratti yaada mataa kootii kaasuun fedha. Hata’u male qabxiileen ani kaasuu fedhu kun kan ummata Oromoo heddu biratti yeroo dheeraaf ka’aa turaniifi ammallee ka’uutti jiranu akka ta’en amana.

Yaada koo irratti deggersaafi mormii kamu akkasumas marii bu’a qabeessa dhiihaatu mara kabajaanan simadha. Kan dhimmi Oromoo isa ilaalu hunduu akka irratti hirmaatus nan abdadha. Kanan asirratti dhiheessu kun dhaaba siyaasaas ta’ee garee hawaasaa kaminuu bakka bu’uudhaan, addaan deggeruudhaan yokaas balaaleffachuudhaan akka hintaanen hubachiisa.

1

Page 2: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Hubannaa dhuunfaa

Ummanni Oromoo kutaa lafaa gaanfa Afrika keessaa baa’yinaan ol aanaa, Qabeeynaan miidhagaa, Aadaafi Qooqa dagaagaa kan qabu yoo ta’u sirnaafi seera ittiin bulu kan ummattoota biraaf fakkii ta’uu danda’u qabaataa kan tureedha.

Haala bilisa ta’een jaarraa hedduf kan jiraate ummanni kun jaaraa 19ffa keessa garee bittuu ummata ollaa kan ta’e bittoota Amaaraatiin sirni isaa cabee, mirgi isaa sarbamee mirga dhala namummaalee dhorkamee bittaa alagaaa jalatti kufee jiraachuufi dirqameera.

Walabummaan ummata Oromoo irree alagaatiin erga cabee jaarraa lammaffaa keessa jirra. Bittaan kun haala isaa jijjiirrataa, malaamalttummaa iratti hundaahaa hadhufu male ummata keeyna irraa bu’uu hindandeeyne. Ummani keeynas tokkummaa isaa jabeeffatee, gurmuu isaa cimsatee, tooftaa alagaatiin ol ta’ee mirga isaa humnaan sarbame deebifachuu dadhabuusaatiin gidiraa tokko irraa tokkotti daddarbaa jiraachuuf dirqameera.

Erga sirni bilisummaafi mirgi namummaa isaa caberraa kaasee harcaatuun ergamtootaa yeroodhaa yerootti gufuu itti ta’anullee ummanni Oromoo guddaan yeroo kamillee gadi aanttummaas ta’ee bitamuu isaa tole jedhee fudhatee hin beeku. Haala adda addaatiinis qabsaa’aa jiraachuun isaa beekamaadha. Qabsoon diddaa bittootaa haalaafi yeroo adda addaatti geggeeffamaa ture ummata keeyna aangoo siyaasaa goonfachiisuu baatuyyuu qooqniifi aadaan keeyna akka hin badne yokas qooqaafi aadaa bittootaatiin akka hin liqimfamne eegee tursiisuu yokaas dandamachuu danda’eera.

Qabsoon diddaa bittaa alagaa haala gurmaa’eefi tooftaa qaroomina irratti hunda’een geggeeffamuu erga jalqabee walakkaa jaarraa tokkoo ta’ee jira. Yeeroon fudhate dheeraa, adeemsi isaas suuta hata’u male bu’aaleen qabsoo kanaa yaraa miti. Kanarratti adeemsi woggootta digdamman darban deemameefi bu’aan isaa gaaffii heddu kan kaasisu ta’ullee.

Hammeeyniifi gara jabeeyni garee bittootaa goonfannaa mirgaa hafageessu male sadarkaan amma ummanni keeyna keessa jiru haala qindaaheefi wol hubannaa qabu irratti hundaahuu silaa danda’eetii dhugaan badde iddootti deebi’uudhaaf fagoo miti. Har’a ummanni Oromoo Oromummaa ofii hubatee, sabboonummaa diinni isa sarbee ture goonfatee, bahaafi lixaan kaabaafi kibbaan wol baree, biyya isaatiifi daangaa isaa beekee, qooqa isaatiin baratee akkasumas ittiin hojjataa jiraachuun isaa ga’ee guddaa yoo ta’u diinaafi fira isaa ifatti hubachaa dhufuun isaa mirgoota hanqatan guuttachuudhaaf haala gaariidha jechuun nidanda’ama.

2

Page 3: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Umanni Oromoo mirgoota woreegama hedduun argaman kana eeggatee tursuufis ta’ee kan isa hanqatan murteessota kan akka mirga Siyaasaa goonfachuudhaaf yoom irrayyuu har’a yeroon murteessaadha. Sadarkaan xaxamaan har’a ummanni keeyna keessa jiruus (bittoota harawaadhaan) ta’ee shirri gareewwan bittoota duraanii nutti deebisuuf hawwanu yokaas yaaduufi yaaluutti jiranu yoom irrayyuu dammaqina, wolhubannaa, gurmaa’inaafi sochii hiika qabeessa barbaachisa. Yeroo kana keessa qoqqoodamuun, wol hubannaa dhabuuniifi wol gufachiisuun yoom irrayyuu rakkoo hamaa uumuu danda’a. Rakkoo keeynaafi galma keeyna gadi fageessinee yoo hubanne iddoo jirruu kaanee lafa feene sana gahuudhaaf karaan deemuu qabnu kan heddu addaan nu facaasu ta’uu hin qabu.

Qabsoo gurmaa’e

Mirgi ummataa erga sarbame deebisanii goonfachuudhaaf qabsoon dirqama. Injifannoon qabsoofi woreegama male argamus hinjiru. Lammiiwwan dhugaa kana hubatan haala adda addaatiin wol dammaqsaa, wol ijaaraa mirga ummataa saamame deebisuuf kutannaadhaan qabsaa’aniru. Woreegama heddus kafalaniiru. Sochiiwwan akka Dhaabbata Macaafi Tuulamaa, kan akka sochii Baalee fakkiiwwan qabatamaadha.

Kanaan duuba kan dhufan kan akka Adda Bilisummaa Oromoofi dhaabbileen Oromoodhaan ijaaramanii Oromoodhaaf lolan kan har’as lolaa jiranu seenaa Ummata Oromoo keessatti iddoo guddaa kan qabanuudha. Dhaabbileen dirqamni gidiraan ummataa dhalachiise kun hubama heddu keessa darbuun isaanii ifaadha. Gufuun heddu akka isaan dhahes kan wol gaafachiisuu miti. Dhaabbileen kun ciminas dadhabinas niqabaatani. Ciminni isaanii kan mul’atu bu’aalee ummanni Oromoo argateen yoo ta’u; dadhabbinni isaaniimmoo kan mul’atu alagaa duratti ummata Oromoo gurmuu cimaadhaan tokkoomsanii gadi dhaabuu dadhabuu isaaniiti. Kaleessa maal fakkaatan ture, har’ahoo, boriihoo maaltu yaadame? Ummata kana garamitti bobbaasu deeman kan jedhu gaaffii guddaadha.

Fedhiin, hubannoon akkasumas gurmuun siyasa keeynaa jabaataa moo laafaa, dagaagaamoo fashalaa deemaa jira? Kaleessa maaltu nu hanqate, har’ahoo? Gaaffilee kanaafi kana fakkaatanu irratti dhaloonni saba kanaa hunduu akka itti dhiphatu kan wol gaafachiisuu miti. Akka itti dhiphataa jirus beekamaadha. Hunduu hubannoo qabu karaa naamusa qabuun wol qoddachuu qaba jedheen amana. Dhugaa jirus wolii ifa galchaa dhaloota itti aanuufis karaa mijeessun barbaachisaadhan jedha.

3

Page 4: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Qabsoo bara 1992 duraa

Qabsoo bara 1991 dura eegalame jaallewwan muraasa kan dammaqinaafi hubannoo siyaasaa qabanu akkasumas kan ummatta isaaniitiif yaadanu kan woreegama ol’aanaadhaaf of qopheessaniin geggeeffamaa kan tureedha. Jaallewwan kun woreegama heddu kaffaluun isaanii beekamaadha. Kan ummata isaaniitiif jecha jiruu isaaniirraa buqqa’an, kan mootummaa Haile Silaseetiifi Dargiitiin reebaman, kan yakka malee hidhamanii seeraafi heera male ajeefaman kumaatama.

Bara kana keessa ummanni bal’aan Oromoo gariin hubannoo siyaasaa dhabuudhaan, kaanis sirnoota angoorra turaniin luugamamuudhaan hirmaannaa gahaa utuu hin qabaatin turuun isaa dhugaadha. Kanarratti dabalamees xiyyeeffannaan diinni ummataafi dechee Oromoo irratti laatu kamirrayyuu hamaafi gara jabeessa ta’uun isaa injifannoo goonfachuu irratti gufuu jabaa ta’uu hin oolle. Kanaafuu woreegamni kafalameefi injifannoon argame kan wol madaalu ta’uu dhiisuun isaa ni mala.

Hata’u male kutaawwan qabsaaonni keessa socho’an keessatti akka ummanni garee bittootaa hindeggerre barsisuudhaan, huumna bittootaa hanga danda’ameen irraa dhahuudhaan akkasumas seenaa, qooqaafi sabboonummaa umatichaaf barsisuudhaan keessattiiyyuu kufaatii mootummaa Dargiitii gumaacha guddaa kan laatan yoo ta’u Qubee har’a ittiin barreessinu kanallee maddisiisuudhaan, dagaasuufi barsiisuudhaan bu’aa qabatamaa buusanii darbaniiru.

Akkasumas ummanni Oromoo jedhamu ummanni guddaan seenaa midhagaa qabu kan bittaaniifi gidiraan isa cabse gaafa Afrikaa keessa jiraachuu isaa adduynaan biraa akka beeku hojiin guddaan hojjatamuu isaa kan seenaan dagatu miti. Hojiin yeroo kana keessa hojjatame kan mootummaa aamgoo irra ture gaaga’e qofa osoo hin ta’in gareewwan bittoota duraanii kan ummata kana yoomillee of jalatti bulchuu fedhanu biratti hangam ummanni Oromoo akka dammaqe, ummata mirga isaa dabarsee hin laanne, kan ofiin boonu, aadaa boonaafi qoqa of ga’aa kan qabu ta’uu isaa akka hubatanu kan dirqisiiseedha.

Guduunfaan isaas bara 1991/92 keessa jijjiiramni hunde qabeessa ta’e akka dhalatu kan gumaacha laateedha. Kunis haalli qabatamaan amma jiru jechuun :

- Decheeniifi daangaan Oromiyaa akka beekamu (hir’ina qabaatullee), - Afaan Oromoo afaan barnootaa, afaan hojii, afaan sab quunnamtiifi

barreeffama adda addaa akka ta’u,- Mootummaan federaalaa Oromiyaa (hir’ina bilisummaa heddu

qabaatus) akka uumamu,

4

Page 5: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

- Aadaaniifi amantiin saba Oromoo kan jaarraa tokkoo ol dhiibamee, tuffatamee akkasumas dhorkamaa ture iffatti bahee akka kabajamu kan taasise yokaas gumaacha ol’aanaa kan laate,

- Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol argee wol baru, wol barees seenaa tokkummaa isaa qoratu, cabaafi miidhama isaas wol maryatu kan taasise yokaas gumaacha kan laateedha,

Wolumaa galatti qabsoo bu’a qabeessa ture jechuun ni danda’ama. Bara 1991/92 keessa qabsoon kun dagaagee wolumaa galatti ummata Oromoo hunda bira ga’e yoo xinnaate gurra bue jechuun ni danda’ama. Yeroo kana keessa fudhatama guddaas argatee, ummata biratti kan abdiin ol’aanaan itti laatamu ta’uus danda’eera. Mirgoota hir’atan guuttachuudhaafis daandii qajeela kan ummatta bobbaasuus hogganuus danda’u akka ta’e amantaan ummataa kan itti laatameedha ture. Keessattiiyuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n.

Kunis fudhatama dhaabni kun ummata bal’aa Oromoo biratti qaburraa ka’uudhaan.

- Dhaabni kun ummata Oromoo kutaa taa’icha lafaatiin, amantaadhaan yokas haala biraatiin osoo gargar hin qoodin, hundaa- ol Oromummaa jechuudhaan waan wolitti qabeedhaaf ;

- Deebi’ees dhaabichi kan of danda’ee bilisummaa ofiitiin dhaabbatu, kan hirkoo alagaa hin feene ta’uu isaati;

- Hoggani isaas hayyoota beekumsaafi qaroomina gahaa qabanu; sadarkaa kamittuu ummaticha bakka bu’uu danda’anu ta’uu isaaniiti.

Haalli bara 1991/92 ture kan kana fakkaatu yoo ta’u, kana irratti garuu kan dagatamuu hin qabne jaarmileen Oromoo afuriifi shan ta’anii dhihaachuuniifi mootummaa cehumsaa dhaabbate keessatti barcuma qooddatanii turuun jaraa hir’na silaa uumamuu hin qabne erga haalli duraanii dirqisiisee uumameemmoo woggaa tokkoon sana keessa furmaata argachuu kan qabu tureedha. Jaarmileen kun addaan dhaabbachuun jaraa jaarsolii biyyaatiif dadhabbii guddaa, ummata Oromootiifis gadda akka ture kan dagatamu miti. Hir’inni yeroo sanaa haala har’a jiruuf hangam barnoota akka ta’e hubachuun garuu nama rakkisa.

Qabsoo bara 1992 boodaa

Ummanniifi dhaabbileen siyaasaa Oromoo kan wol baranii heddu wolii galan bara 1992 wolakkaa irratti haala ifa hinta’iniin adda bahan. Dhaabbileen kunis

5

Page 6: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

biyya irraa bahanii gara baqaatti godaanan. Ummanni bal’aan qaamaan biyyatti hahafu male yaadaan dhaabbilee kana wojjin godanuun isaa hin hafne. Dhaabbileen inni jaallatu, kabajuufi amantaa irraa qabu kun guyyaa tokko nideebi’anii qofa utuu hinta’in injifannoodhaan nu milkeessan kan jedhuun ija bane gurra dhaabee eeguutti taa’e. Barri darbee barri bakka bu’us sagalee Raadiyoorraa qaqal’ataa, dadhabaa deemtu male humaa waan deebi’u arguu hindandeeyne. Oolaa bulaas akkuma qaamaan fagaatan yaadaanis fagaatan fakkaata yokaas kaayyoofi tooftaan babbadaa deemuudhaan ta’aa waadaan wolii seename sun yaadafi hawwii qofa ta’aa dhufe.

Gara biraatiin ummanni Oromoo dirqama fudhachuu hin feene akka fudhatu dirqame. Kunis ″ Kan jibbantu nama dhaala″ kan jedhan sana ta’ee kan jibbeefi kan tuffate sana OPDO harkatti kufuun dirqama itti ta’e. ″Uleen gootaa qolata, lugnaammoo ba’aadha″akka jedhanu fakkaata akka lugnaa uleen isaa ba’aa itti ta’ee deebi’ees ittiin reebamuutti ta’e. Diinnis carraa argatetti gargaaramuudhaan ummatichaafi dhaabbillee inni jaallatu wolirraa fageessudhaaf Olola, Dhiibbaafi gidiraa dhuma hin qabne irratti raawwachuu eegale har’as raawwataa jira.

Egaan siyaasaafi haala qabatamaa Oromiyaa bara1992 irraa kaasee jiru iddoo lamatti ilaaluun nidanda’ama. Bara1992 hanga bara 2001tti akkasumas 2001 irraa hanga 2012tti. Kunis bara dhaabbileen Oromoo biyya irra bahanii kaasee hanga qoodamni ABO keessatti uumamuu jalqabetti akkasumas erga qoqqoodamni jalqabee kaasee hanga jijjiiramni kaayoo mul’achuu jalqabetti jechuudha. (Asirratti haala dhaabbileen sadan kaan keessa jiranu dubbachuun waan na rakkisuuf kaasuu hin fadhu).

Bara kurnan duraa (1992-2001) si’a dhaabni kun biyya irraa godaanee ummanni Oromoo alagaa duratti saaxilamu, yaadniifi abjuun isaa dhaabicha woliin waan godaaneef haala jiru fudhachuudhaaf heddu rakkate. Garee bittootaa woliin wolitti bu’iinsi lafa hedduutti uumame. Ummata kumaatamatu hidhame, reebame, ajjeefame. Kan kana caalummoo heddumina dhiibbaatiifi doorsisa irraa kan ka’e biyya isaa dhiisee gara biyya ormaatti godaane.

Gidiraa ummata irratti raawwatamu kana keessa garuu ilmaan Oromoo kan biyyatti hafan haala rakkisaa keessallee taanaan bu’uura adda addaa kan yeroo cehumsaa keessa wixinaman dhugoomsuudhaaf waltajjii garaa garaatiin carraaquurraa of hin qusanne. Diina dachaa lama (Kan aangoo irra jiruufi kan angoo isaa mulqame deebifachuuf wixxifatu/ garee bittoota durii) jidduu dhaabbachuudhaan bu’uurri gurguddaan kan akka bulchiinsa naannoo, barnootaa, aadaafi sabboonumaa akka hundee godhatu carraqaniiru. Hojii milkaahaa heddu akka hojjatanis kan mormamu miti. (Kaayyoon galma gaheera/ bilisoomnneerra jechuu akka hin taane garuu hubatamuu qaba).

6

Page 7: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Gara biraatiin dhaabni ganamaan biyya irraa godaane kun hangam tokko aadaa dimokraasii of keessaa akka qabu, osoo aangoo siyaasaa qaabatee akkamitti ummaticha tajaajiluu akka danda’u dubbachuun baay’ee rakkisaadha. Sababni isaas ummataa wojjin turee, haala gahaa ta’een aangoottis bahee waan hinmul’atiniif. Kanarratis akka oolee bulee mul’ataa dhufetti kaayoon siyaasaa dhaabni kun qabatee ittiin sosso’aa ture kan hoggannoonni beekanuufi kan umanni ifatti beekullee hangam wolgitaadhaafi ifa akka ta’e kan wol nama gaafachiisuudha.

Fakkeeynaaf dhaabbanni kun (ABO) ″tokkichummaa Ityoophiyaa jalatti bilisumaan Oromoo nikabajama″ amantaa jedhu qabaatee ummaattoota biraa woliin mootummaa cehumsaa ijaareera yoo ta’e maaliratti wol diddaa uumeeti mootummaa sana keessaa akkasumaas biyya dhiisee bahuu danda’e ? Lakkii kaayyoon koo ″ wolabummaa Oromiyaati″ kan jedhu yoo ta’e maalirratti mootummaa cehumsaa Ityoophiyaa sabaaafi sablammowwan biraa wojjin ijaaruu danda’e ? Yoommoo ″bilisummaa duuba wolabummaatti″ adeemuu yadneetii ta’e yaadni woliigalaa chaartarii yeroo cehumsa baaltokkee irrattis ta’ee haala biraatiin lafa kaa’ame maaltu jira ? Kana irraa ka’uudhaan dhaabni kun kaayoo ifa ta’e qabaachuu isaa yokaas kaayyoo qabu haqatti ummaataa ifa galchuu hafuu isaa yokaas fedhii dhabuun isaa rakkoollee boodarra dhalataniif madda ta’uu akka hin oolle ifaadha.

Dhimmota kanaafi kan kana fakkaatanu yoo ilaallu dhaabni kuniif ummatichi hamma fuula wal baran hammam keessa wol beekan ? nama jechisiisa. Qabxiileen kun woggota kurnan kana keessa kanneen dhaaba kana jaallatanuufi deggeranu biratti gaaffii guyyuu ka’aa tureedha. Dhhaabichis erga biyya irraa bahee ″waan baaneef gara fuula duraatti ummata keeynaaf ifa goona″ jechuu isaa male hanga har’aatti haala qabatamaa ta’een dhugaa tureefi rakkoo isa mudate ibsuu isaa dhagahees dubbisees hin beeku.

Hata’u male woggoota kurnan kana keessa umanni Oromoo yaada tokkoon dhaaba kanaf karaa dhaabichaatiinis injifannoo hawwataa tureera. Haala kaminuu kaayyolee dhaabni kuniifi dhaabbileen Oromoo akka imaammataatti qabatanii turan galmaan gahuuf carraaqeera. Hundarraayyu bahaafi lixaan, kaabaafi kibbaan woreegama guddaa kafaleera.

Bara 2001 kaasee gara dhaabichaatiin wol qooduufi mul’inai dadhabbii raawwannaa kaayyoo ifaa bahaa kan dhufe yoo ta’u kunimmo ummata biratti jaalalaafi kabaja dhabuu akkasumas deggersa dhabuun haqa mul’ataadha. Kanaafuu hanga bara 2012tti gareen tokko (heddu gidduudhaa) jijjiirama kaayyoo qabatee bahutti haalli ture qabbanaahaafi kan ofirratti qabsaahuutti gadi ta’ee ture.

Biyya keessatti garuu OPDOniifi alagaan biyya dhuunfataa, qabeeyna saamaa, ummannis kaayyoon harkatti laafaa deemuun hin oolle. Alagaan tooftaa jijjiirrataa

7

Page 8: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

maqaa misoomaafi guddinaatiin ummata lafa isaarraa buqqisaa, biyya dhabsiisaa akka jiru dhugaa adduynaan marti beekuudha.

Bara 1992 irraa kaasee qabsoon kun lamatti qoodamee biyya keessaafi biyyaa alatti adda cituun isaa beekamaadha. Mee haala kana addaan baafnee ha ilaallu.

Qabsoo biyya alaa (baqaa)

* Gurmuun qabsoo Ummata keessaa baate Qurxummii bishaan keessaa baateedha. Atattamaan hin deebitu taanaan carraan isii hamaadha. Ala teessee milkoofti, bu’aas buufti jedhanii yaadun dogoggora. Jaarmiyaa biyyaa baate jechuun loltuu facate jechuudha. Loltuun facaanaan diina dura dhaabbachuu hin danddeessu. Hogganniifi hogganamaan addaan faca’anii haala wol dhageettiin badu, gurmuun laafuufi cabu keessa galu. Yaadnillee wolirraa fagaataa deema.

* Dhaabni biyyaa baanaan wiirtuu qabsootu biyyaa baha. Wiirtuun biyyaa baanaan hangamuu yoo dadhabame dhiibbaan inni biyya keessatti uumu kan jijjiirama fiduu danda’u hin ta’u. Hanga sochiin biyya irraa fagaateen afuurri inni ummata isaa woliin qabaatu qallataa, dadhabaa deema. Haala adda addatiin cituullee danda’a;

* Qabsoo biyya ambaa keessatti geggeeffamuun qabsaahonni kutaa lafaatiin wolirraa fagaatanii, haala jireeynaa xaxaa heddutti diramanii haala wol baruufi wol faana hiriiruun jabaatu heddu keessa waan jiraatanuufi gurmuu qindaaheefi jijjiirama uumuu danda’u dhugoomsuun hojii/ dalaga cimaadha;

* Kana qofa miti. Goonni kamuu baqachuu jalqabnaan ofirra garagalee diina dura dhaabbachuun itti jabaata. Diinnis faana bu’ee diiguufi balleessurraa hin deebi’u. Faca’insi wol dhageettii qofa osoo hin ta’in gotummaallee nama huba. Egaan kana keessa Onneen laaffataa, gootummaanis nama ganaa deemti;

* Kanarratti haalli jireeynaallee nama doorsisa. Kan biyyarraa fagaatee biyya

ambaa keessa faca’ee haala jireeynaa geeddarate dhiphuun biyyaa akka duritti itti dhagahamti jedhanii yaaduun nama rakkisa. Qabsoo keessatti dirqamni namuu bahatu akka isa gidiraa keessa jiruu ta’uu dhiisuun isaa ni mala. Kanaafuu duubatti deebi’ee woreegama guddaa bilisummaaf barbaachisu kafaluun dhimma akka yaadaa salphatu miti;

* Biyyooti mirga dhala namaatiif dhaabbanna jedhanullee dantaa biyyya jaraatii ni tajaajila ta’uu baannaan oduurra darbanii hojiidhaan mirga ummattoota dhiibamaniitii yoo falmanu hin mulatu. Kanaafuu Iyyi, hiriirriifi gaaffiin gargaarsaa biyya alaa keessatti geggeeffamu bu’aan isaa kan jijjiirama gahaa argamsiisu miti.

8

Page 9: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Sababa hedduun qabsoon biyyaa alaa rakkoo heddu qabaata. Carraan inni qabu tarii biyyoota bilisummaa qabanu keessatti mirga akka fedhanitti ijaaramuu, socho’uufi akka yaadanitti dubbachuu qabaachuuti. Kun qoftimmoo injifannoodhaa gahaa miti. Ijaarsi qabsoo gahaadhaan hin deggeramnemmoo suuraa qofa ta’a.

Haala kanaan yoo ilaallu qabsoon Oromoo bara 1992 si’a biyyaa bahu haala kana irraa adda ta’e qaba jechuun hin danda’amu. Miseensifi deggeraan biyyatti hafe dhaabichi qabsoo keessa jira- injifannoon deebi’a jedheeti eega. Abdiin ummataas kan hanga hin qabne dhaaba duukaa godaane. Gara biraatiin dhaabichi sababa biyyaa baheefuu kan ifatti hin ibsine yoo ta’uu haala gara garaatiin kan qabsoon alatti adeemaa jiru fakkeessee waan dubbatuuf biyyaafi alaa gidduutti dhugaa jirtu wol hubachuun rakkisaa ture.

Qaama ala jiruun akka toftaa qabsootti ilaalamaa kan ture keessa tokko karaa lolaatiin qabsoo biyyatti galchuu yoo ta’u kan ifa hin taane kaan tokkommoo namootaa biyya keessaa caasaa haraa naannoofi giddu galeessaa keessatti hirmaataa turan iddo isaanii irraa gadi dhiisanii akka bahanu gochuudha ture. Namooa godaansisuudhaan tarii siyaasa biyya keessaa dadhabsiisuun furmaata ta’a kan jedhu fakkaata.

Warra biyyaatiin dhiisaa keessaa bahaa jechuudhaan waamichi dhihaataa ture wamicha furmaata ta’uu hindandeeyne kan dhugaa jiru hin hubatin tureedha. Har’allee Oromoota casaa motummaa keessa jiranu yokaas angoo irratti hojjataa jiranu iddoo irraa godaansisuun injifannoodhaaf tooftaa ta’a jedhe hin yaadu. Otuma OPDOn jigeeyyuu oromoon yoo humna isaa jabeeffatee hin qabsoofne mirga isaa kabachiifachuu hin danda’u.

Barcuma Oromoon tokko irraa ka’es kan biraatu irra taa’a male duwwati hafa jedhanii yaaduun dhugaa miti. Fakkeynaaf ABOn guyyaa motummaa cehumsaa keessaa bahu ″ Mootummaan kun jigeera; ammaan booda seeraan ala″ jedhee dubbatuyyuu jechi kun mootummaa Woyyaanee jigsuu hin dandeeyne. Barcumni isaas duwwaatti hin hafne. Kanaafuu angoo irrayis ta’ee biyya irraa godaanuun /dhuunfaanis ta’ee akka dhaabaatti/ madaala kamiinuu injifannoodhaaf furmaata miti.

Fakkeyna salphaa tokko ha ha fudhannu. Bu’aa dhaabbileen Oromoo woggaa tokkoon mootummaa cehumsaa keessa turan buusaniifi kan isaan bara digdamman darbe keessa buusan yoo wol biratti ilaalle aangoo irraayis ta’ee biyyaa irraa fagaachuun gama siyaasaatiin hangam tokko madaalli isaa akka wol didu salphaatti hubachuu nama danddeessisa.

Bara digdamman darban kana biyya keessaa haalli jiru jijjiiramaa yoo deemu alaa garuu qabsoon bu’aa buusuu dadhabaa, wol dhageettiiniifi hariiroon laaffataa

9

Page 10: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

gara qoodumsaafi dadhabbiitti gale. Olee bulees haalli biyyaa ala jiru hammaataa deemuu male gara itti fooyya’u arguun hindanda’amne. Faca’iinsi kun har’a sadarkaa rakkisaafi gaddisiisaa keessa akka jiru firaafi alagaa duraa kan dhokatu miti.

Haalli kun kan ummata filannoo wollaalchisee garaa garummaa kaayyoofi eeynummaa hoggantootaa gidduu jiruufi jiraachu qabu harkaa wol makeedha. Kaayyoo kamiin hordoftaan hafee eeynuun hordoftaan kan dursu fakkaata. Gariin dhaabbilee kan hoggana male kaayyoofi karoora qabsoo qabanuyyuu hin fakkaatanu. Kan hanga bilisummaatti fiigna jedhuufi lakki nutti hanga walabummaattii gadi hin dhaabbanuu jedhullee ummata heddufi kan ifa ta’e hin fakkaatu.

Kan dhaabbata jechuun nama dhibuufi kan bilisummaan isaa hangam nama jechisiisus hin badne. Hunduu garee garee isaatiin akka itti fakkaateen qabsootti /kaachuutti/ jira. Akka dubbatutti hunduu Oromoof dhiphata; Oromiyaaf dadhaba. Oromiyaa giddu galeessa taasifatanii wolitti dhufuun garuu salphaa hin taane. Martuummoo hegeree ummataaratti murteessuuf akka deemu beekamaadha.

Rakkoo qabsoo alaarratii mul’atu keessaa inni guddaaniifi hamaan tokko dhaabbilee yokkaas garreewwan gidduutti wol dhageettiifi kabaja wolii dhabuu yoo ta’u darbee darbees wol xinneessuutu mul’ata. Tokko tokkorraa waan ittiin caalu male kan ittiin hir’atu kan hubatu hin fakkaatu. Qabsoos, muuxannoos, gootummaas ofummaa dhuunfatanii kan kaanii madaala dhabsiisuu jechuun akka ″Harreen hunduu ba’aan kootu caala″ jetti jedhanu sana ta’a. Kanaafuu yaadaafi sochii qaama biraa jaallachuufiin yoo jabaate kabajuufiin dagatamuu hin qabu.

Kamiifuu dhibeen wollansa hin qabne hin jiru. Dhibee qabsoo kana hubatanii gadi dhaabbatanii qoratanii, maryatanii dhugaa jiru irratti xiyyeeffachuu dandeeynaan kan bades deebiee; kan dabes qajeelee wan karaa hin qabanneef hin qabu. Har’a yeroo gidiraan ummatarra gahaa jiru daran hammaatee diinni karaa hundaan carraa jiru cufee farrummaa isaa agarsiisaa jiruudha. Yeroon kun yeroo diinni dur ol deebi’uudhaa qaawwa argate hunda bal’ifachuudhaa tattaafataa jiruudha. Yeroon kan bitaa mirga jechuu dhiisanii dhimma ummataa giddu galeessa taasifatanuudha. Yeroo kayyoofi dhugaa irratti wol falmuu qabanuudha. Wol dhibanii alatti hafurra wolii galanii alaa galuutu caalaa.

Qabsoo biyya keessaa

Bara 1992 si’a jarmileen Oromoo kan bilisummaan dhaabbatanii bilummaadhaa qabsaahanu motummaa cehumsaa akkasumas biyya dhiisanii bahanu haalli ummanni keessatti kufe wol xaxaafi rakkisaa ture. Gar tokkoon woyyaaneefi OPDOn haala guma-bahannaatiin ummata yoo dorsisanu; miidhaa

10

Page 11: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

qaamaafi lubbuu yoo irraan gahanu; gara biraatiin sabni duraan aangoo mulqame caasaan federalaa haaraan akka hin diriirreefi jijjiirama kamuu gufachiisuuf dhiibbaa guddaa geessisuu itti fufe.

Keessattiiyyuu murtii seena qabeessa ilmaan Oromoo marti garaa garummaa male irraatti wolii galan- hundee Oromummaa, bu’uura sabboonummaafi furtuu jijjiiramaa kan ta’e afaan Oromoo ifatti bahee akka hin baratamne, akka afaan barnootaas hin taane gufachiisuuf woraana ifa ta’e irraatti banan. "Hafaan laga nama hin ceesifne" jechuudhaan tuffii qabanu ifatti dubbataa; barsiisonni, barattoonniifi maatiiwwan akka murtii kana dura dhaabbatanu kara hedduun qindeessuufi bobbaassuu yaalaniiru.

Akka fakkeeynaatti Hogganttoonniifi caasaan waldaa barsiisotaa dur akka kaayyoo dursaatti fudhachuudhaan woggaa heddu dhimma kana irratti duulaniiru. Har’allee ilaalcha dabaafi jibbaa afaan kanaa qabanu irraa hin deebine. "Dagaaginni afaan sabaafi sblammootaa tokkichummaa empayera Ityophiyyaa irratti dhiibbaa qabaata" yaada jedhullee akka qabanu dhoksuu hin dandeeyne.

Dhaabbileen siyaasaa maqaa empayera Ethiyophiyaatiin jaaraman hedduun jibbaafi xiyyeeffannaan jarri qabsoo mirgaaa ummataafi naannoo federala Oromiyaa irraa qabanu hundarra guddaafi isa dursaadha. Dhimma caasaa federaalaa yoo dubbatanullee guyyuu akka fakkii rakkinaatti kan kaasanu Oromiyaadha. Dhaabni angoo qabatee ummata kanan bulcha jedhus OPDOn, qaamaan ummata fakkaataa garaadhaan kan alagaa ta’uun isaa har’allee dhaaba kanaafi ummata Oromoo kan wol hubatuufi wolii dhimmu taasisuu hin dandeeyne.

Ummanni dhaabbilee jaallatuufi abdatu sana haala gaddisiisaadhaan of biraa dhabe sun OPDO qofa osoo hinta’in dhaabbilee Oromoo qobaatti dhaabbatanillee gammadee, simatee jala hiriruudhaaf heddu waan of qusateef wolumaa galatti sabaafi sablammoowwan biyya sanaa keessaa kan bakka bu’aa haqaa hin qabaatin jiraate ummata Oromooti jechuu nidanda’ama.

Dhaabbileen Oromoo tokkichummaa Ityophiyaa mirkaneessuudhaan dhaabbatan kunis daangaa mootummaan Woyyaanee daanggesseef kan yeroo yerootti dhiphataa deemu keessatti worraaqsi isaan godhanu akkuma hala wolii- gala biyyatti ta’ee irree motummaa jalatti kufaafi takaalamaa dhufuun isaa haqa ifa galaadha.

Akkumaan kanaa olitti tuqe haala rakkisaa heddu kana keessa ilmaan Oromoo kallacha hundaanuu rakkoo jiru danda’aa, haala jiru wojjin of qinddeessaa diina kaaraa hedduun itti ciche irraa qolataa kaayyoon ganama lafa ka’ame sun akka yaadameef hanga fedhame gahuu hafuuyyuu wixineen gurguddaan akka duubatti hin deebine hojii heddu hojataniru.

11

Page 12: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Asirratti kanan kaasuu fedhu tokko dhimma OPDOfi miseensota isaati. Dhaabni kun kan dantaa ummata Oromootii dhaabbate miti. Filannoo haqaa ummatichaas ta’ee hin beeku. Bara dhaabbileen bilisa ta’an jiranu sanas qaama jibbamaafi tuffatamaadha ture. Miseensonni isaas kan wojjin bosonaa dhufan yoo ta’u tarii waa xiqqoo kan kaa’aafi buqqisa isaa ifatti utuu hin hubatin itti siqan qofa akka ta’e beekamaadha. Wa’ee dhaaba kanaa haala kanaan yoon ibsu ilaalcha addaa waanan qabuufi yokaas jibbaa dhuunfaa irraa ka’uudhaan miti. Kun dhugaa nammootni dhaaba kana ijaaranii miilaan gadi dhaaban, kan fudhataniis biyyattiin galan, kan kursiitti ol- baasanii aanggessan, ni misas jedhanii kunuunsaa bahan kan dubbataniifi mikaneessaniidha.

Si’a jaarmileen kaan biyyaa bahanii ummatichi qobaatti saaxilamu dhaabni kun hojjattoota mindeeffamtoota mootummaa haala adda addaatiin akka dhaaba kana jalatti gurmaa’anu dirqisiisuu eegale. Gariinis akka dhabichaa wojjin jiran fakkeessanii kaayyoolee gurguddoo bu’uurfaman sana raawwachiisuudhaaf itti siqan. Kaanimmoo utuma miseensa hin ta’in itti dhihaataniituma wojjin hojjataa turan. Kanarattti garuu kan itti amananii seenan akkasumas kan dantaa dhuunfaatii jecha itti makaman hin jiranu jechuu miti. Kan maqaa moggaafatanii afaan dubbatanii hiree ol-aanaa qabatanis akka jiranu ummanni nibeeka. Kun hunduu wolitti ida’amee haalli qabatamaan amma jiru / ajaa-gaariin/ akka uumamu taasisuun isaa garuu dagatamuu hin qabu.

Irra guddaan miseensota dhaaba kanaa miseensotaafi deggertoota dhaabilee Oromoo bilisa ta’anii kan turan waan ta’eef qaamaan male yaadaan wojjin ta’anii hin beekanu. Xiqqaan kan dantaa dhuunfaatii jecha itti makamanimmoo kan lafaafi qabeeyna Oromoo gurgurachuudhaan biyya abbaa ofii saamaafi saamsisaa jiranuudha.

Haala kamiinuu miseensas ta’anii dhiisanii garuu qaamni ol-aanttonni mootummaa abbaa irree/ Woyyaaneen/ dhala Oromoo kamirrattuu amantaa qabaatanii hin beekanu. Kabajas qabaataniifii hin beekanu. Miseensonni dhaabichaas sadarkaa kamittuu salphachuufi miidhamuurraa hafanii hin beekanu. Tuffiin mootummaan Woyyaanee dhaaba kanaa qabus har’allee itti caale male humaa kan foyyaa’eefi jijjiirame miti. Muudamni angoo baranaas fakkii mul’ataadha.

Irra guddaan ummataafi dhaabbileen biyyaa ala jiranuu garuu kan dhaaba kanatti makaman wolumatti qabanii ija tokkoon ilaaluudhaan jibbaafi abarsa irraan gahaa akka turan kan dagatamu miti. Kanaafuu miseensonni dhaaba kanaa lammi birattis alagaa birattis kan dhagahama hin argatin, kan ija mamiitiin ilaalamaa turaniidha. Gaaffiin guddaan maal hojjattanii osoo hin ta’in eeynuu wojjin ooltan kan jedhus fakkaata. Kannarraa ka’uudhaan fakkaata jaarmileen biyyaa ala jiranus

12

Page 13: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

yeroo heddu dhaaba kana dadhabsiisuun mootummaa Woyaanee nijigsa yaada jedhuun ta’a namoonni akka dhiisanii keessa bahanuu waamicha godhaafii turan.

Miseensota OPDOtiin aangoo dhiisaa bahaa jechuun furmaata fida natti hin fakkaatu. Kan ta’uu qabu:- Diinummaa dhaabichaa barsiisuudhan akka dhalli Oromoo itti hin ida’amne ittisuu; kanimmo haala adda addaatiin itti makamaniin mirga keessan falmadhaa, ummata keesan haqaan tajajilaa, oromummaa dursaa, iccitiifi shira diina saaxilaa, gad aantummaa mormadhaa, bilisummaan dirqama dhala namummaa ta’uu hindagatinaa, kanafis falmadhaadha.

Haala kamiinuu har’a dhaabni OPDO jedhamu kun miseensota baay’inni isaa baay’ina ummata Tigray irraa waa xinnoo hir’atu qaba. Dhaaba tokko tuffachuuniifi xinneessanii ilaaluun yoo ofii biratti cimanii hin argamne bu’aa buusuu hin danda’u. Silaa mooraa alagaa keessaa nama ofii qabachuun akka carraa tokkootti ilaalamuuyyuu qaba. Namoota qaamaan male yaadaan dhaaba kana wojjin hin jirre addaan baafatanii karaa barbachisaa ta’een itti gargaaramuu male wolumatti qabanii abaaruuniifi akka keessaa godaananu wamicha gochuufiin akkamitti furmaata ta’a? Baqataan ni mohataa? Angoorrayis ta’ee biyya irraa godaanuun kufaatii male injifannoo nama hin goonfachiisu. Oromoon wolii galee diina isaa dura hin dhaabatu taanaan OPDO dadhabuun hafee yoo jigellee bilisumma fiduu danda’aa? Kan kana mormu yoo jiraate OPDOtu biyya bulchaa jira jedhee fudhachuu qabaata.

Gara biraatiin kara ummataatiin jiru woggoota digdamman darban kana keessa dallansuu barattootaa kan qindahinaafi deggersa gahaa hin qabne; kan raawwiin isaas miidhama barattootaa ta’e male sochiin gurmaa’insa qabu haala biraatiin mul’ate jechuun nama rakkisa. Innis sochii itti fufiinsa hin qabne kan akka ifa calanqee tureedha. Sochii irra guddaa dhaabbilee barnootaa keessatti daanga’e kanarraa dargaggoonni maal baratanii bahan yoo jenne, hiriiranii mirga gaafachuu male ijaaramanii falmachuu hin turre. Dhaloota mirga gaafatu male kan falmatu horachuu hin danddeessifne. Kunuummoo guyyaa mooraa dhaabbata barnootaa keessaa bahanu ulaa irratti raawwata. Yemmuu hawaassatti makamanu qolee cabsatanii, sagalee dhoffatanii jiraachuun ala filannoo biraa hin qabanu. Aadaan worraaqummaa wojjin hin guddanne.

Shira OPDO fi mootummaa EPRDFiin erga jaarmiyaan Oromoo seena qabeessi Woldaan wolgargaasaa Macaafi Tuulamaa diigamee kaasee silahuu ummanni Oromoo haala ittiin wolitti deemu waan dhabeef addaan faca’uun dirqama itti ta’e. Bar kana hunda garuu sabni kun shakkamuu, jibbamuu, hidhaa sababa hin qabne, miidhama qaamaa hamleefi qabeeynaa, biyya irraa godaanfamuufi ajjeechaa sukanneessatu erra gahaa ture. Akka wolirraa faca’ufi adda dhaabbatu itti murteessuudhaan haala kamiinuu mirga isaa falmachuu akka hin dandeeyne taasifamee har’allee gidiraan isaa itti hammaachuutti jira.

13

Page 14: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Haalli biyya keessaa ijaaramanii seeraan qabsaa’uudhaa kennattaa miti. Ulaan mirga namummaa hunduu cufaadha. Garu kan qabsaa’amuufuu ulaa kana bansiisanii mirga kana jiraachisuudhaaf. Kanaafuu filannoon jiru yokaa lola yokaas fincila. Karaa lolaatiin yaaliin hanga har’aatti ture waan milkaahe qaba hin fakkaatu. Haalli biyyoota ollaas kennataa miti / yokaas xaxaa heddu qabaata/. Biyyootiin ollaa martuu dantaa diinagdeetiin mootummaa woyyaanee woliin hidhata cimaa waan uumaniif daangaan biyyattii haalaan cufaadha jechuu ni danda’ama. Hata’u male haala qabatamaa irratti hundaahee lolli filannoo osoo hin ta’in dirqama.

Dhihootti tarii carraan jiru tokko fincila ummataati. Kanaafimoo ijaarasa cimaa barbaachisa. Kara alaatiin degersi gaariin jiraachuu qabaata. Kanaammoo kan ala jiru kaayyoofi tooftaa irratti wolii galee qoqqoodumsa dhaabee isa biyyaatiif fakkii gaarii ta’uu qabaata. Diina duratti meeshaan guddaan tokkummaadha. Yoo tokkummaan hin jiraanne humni argamuu hin danda’u. Laga cehan hundatti wol qooduudhaan giddu galummaa Oromummaa dagataa deemuun yoo itti fufe galmi gahuu yaadame sun fagaataa karaan isaas dadabaa deemuun kan hin oolleedha.

Qabsoon biyya alaa kan biyya keessaatii silaa deggersa guddaa ta’uu qaba. Haala amma jiru yoo laalle garuu kan alaa isa biyyaati gufuu akka hin taane nama yaachisa. Aadaan biyya alaatti dagaagaa jiru kan akka fedhanitti wol qooduufi wol facaasuu kun gara biyyaatti akka hin qilleesofnellee of eeggachuu barbaachisa. Uummani Oromoo filannoo sagal hin qabu. Kanaafuu sababa gahaa hin taaneen sagalitti wol qooduun dinaaf male nuu humaa bu’aa hin qabu.

Hunda caalaa ummatatu haqaafi dhara adda baafachuu wollaala. Kan deggeru kaayoo ta’eefi nammoota ta’uu akka qabu harkaa bada. Yeroodhaa yerootti dhaaba tokko irra gara dhaaba biraatti ceccehumsatu guddata. Kunimmoo galma siyaasaa qofa osoo hin ta’in jireeyna hawaasa irrattillee dhiibbaa hamaa qabaata.

Waa xixinnoo irratti wol diddaan jiraatuyyuu dhimmoota ijoo irratti wolii galuu danda’uu qabna. Wolii galteen dhaabbilee Oromoo kan bara 1992 dhimma barnootaa ilaalchisee irra gahame hangam tokko hawaasa, barsiisotaafi ogeessota barnootaa hojii barnootaa irratti tokkichummaan akka bobbaasee bu’aa qabatamaas akka argamsiise akka fakkii guddaatti fudhatamuu danda’a.

Wol maryachuuniifi wol dhagahuun har’a lafa taaytaaniifi faaydaan hin jirretti salphata. Osoo achi hin gahinis aadaa dimokrasii guddifachaa deemuun filannoo utuu hin ta’in dirqama ta’uu qaba. " Qotiyoon faallaa qottu lafa hin buruqsitu" akka jedhanu, hangamu yoo qonne faallaa qonna taanaan lafti keeynas hin misu omishnis hin jiraatu.

14

Page 15: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Kanaafuu ummanni biyya keessa jirus yaadaafi gumaacha qabsoo bilisummaa isaatii laatu hunddayuu kan giddu galummaa Oromoo iratti hundaahu tasifachuu qabaata. Qilleensi biyya alaa jiru kunis gara biyyaatti yoo qilleensa’a ta’e haaluma qaqqabeen hawwachhrra qulqullina isaa hubachuun dagatamuu hin qabu. Haala qabatamaa yeroo hubataa gumaatichi qabsoos kan itti fufiinsa qabu akka ta’utti fagootti yaada adeemuu qabaata.

Haala qabatamaa yeroo

Haalli biyya keessa heddu yaaddessaadha. Diina moofaa kan karaa kaabaatiin beeknu qofa osoo hin ta’in huumni haaraan karaa kibbaatiinillee ijaaramuutti jira. Diinni moofaanillee keessaa alaan of ijaaruufi wol ijaaruu irraa of hin qusanne. Yeroo ammaa kan fira hin qabne ummata Oromooti. Kanarratti ummaticha qoqqooduudhaaf tooftaa heddutu yaalamaa jira. Fakkeeynaaf rakkoo amantaadhaan wol qabatee ka’een kan irratti dulamaa jiru saba kamirrayyuu ummata Oromooti.

Gar tokkoon cinaa ummatichaa (muslimootan) shororkitoota jechuudhaan miidhaan qaamaafi lubuu akkasumas jiruufi qabeeyna isaa irra gahaa kan jiru yoo ta’u, gara biraatiin ummanni amantaa isaaratti xiyyeefachuudhaan giddu galeessummaa Oromumma dagataa gaaffii mirga siyaasaa irra akka of fageessu kan itti yaalame fakkaata.

Dhaadanno falmii mirga amantaataa geggeeffamu keessa tokko "Nuti gaaffiifi siyaasaa hin qabnu, mirgi bilisummaa amantaa keeynaa nuuf ha kabajamu" kan jedhu yeroodhaa yerootti ummata keessa akka deemu godhamaa jira. Kunimmoo hanga tokko gaaffii ummanni mirga siyaasaa isaatii kaasaa ture har’as kaasuu qabu gara biraatti dhiibuudhaan hundee hacuuccaa kan ta’e gaaffi rakkoo siyaasaa dagachiisuuf hiree qabaata. Kana keessas ummanni Oromoo giddu galummaa Ormummaa isaarra gara tokkummaa amantaatti akka hirkatu taasisuuf jiraata.

Rakkoo kana fakkaatu duratti wolii galteen murteessaadha. Diina duratti wol qooduun bu’aa hin qabaatu. Namuu tokkummaan akka barbaachisu yaadaan numa fudhata. Kanaammoo wareegama dursaa ta’e kafaluu qabaata. Namuu yaada qabu bilisummaan geggeessu danda’a. Akka fedheti ijaaramuu, kan fedhus deggeruu yokaas balaaleffachuu danda’a. Garuu bu’aafi badii isaa madaaluu qaabaata. Garaa garummaan jiraatus diina duratti wol danda’uun / wol obsuun/ dirqama.

Yeroo ammaa gareen Woyyaanee kara hedduun muddamaa yoom irrayyuu jibbamaa kan jiru yoo ta’u haalli adda addaa biyya keessaa mul’atus qaama kana dura dhaabbachuu akka danda’amus agarsiisaa jira. Ummanni biyya keessaa diina kanaaf jibbaa guddaa akka qabu ifatti mul’ata jira. Yeroo kana ummata Oromootii tokkichummaafi wol dhageettiitu barbaachisa. Hawwiin keeyna bilisummas ta’ee wolabummaa murtiisaa ummataa ol keeyne har’a diina mofaa kana cunqursuu

15

Page 16: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

irratti osoo wolii gallee. Mee garee garee keessa deebi’uun hafee wolitti baane kan wol fakkaatu irratti maryannee kan wol nu dichisiisu irratti falmannee wol ha’ijaarru.

Woggoottan darban keessa ummanni biyya alaa jiraatu dhimma siyaasaas ta’ee kan jiruu hawaasaa irratti yoo wolgahu galma gurguddaa guutee, lafa ta’uyyuu dhabee guyyaa guutuu ijaajjee, wol- gammadee, wol dhaggeeffatee, hawwisoon bashannanee, aadaa isaa yaaadatee, da’imman barsiifatee gala ture. Har’a gruu firii wol-qoodumsaa ta’ee haala gaddisiisaadhaan yoo wol-geettiin dhimma kamuu waamame mamoota tarii abdii hin kutatin kan qubaan lakkaahamantu galma xixiqqoo kan akka kutaa barntaa keessatti fuula dhiphtaa gaddaadhaan mul’atan. Baay’inni ummataa waan hir’ate hinqabuu kan hir’ate wol jaalala. Kana deebisuudhaammoo hunduu itti yaaduu qaba.

Kaayyo tokko raawwachiisuu keessatti qabeeyni huumna namaa daran murteessaadha. Har’a qabsoo Oromoo keessatti dhaloota sadarkaa barnootaafi muuxannoo isaatiin garaa gar ta’e kan heddu wol gargaaree qaawwa barbaachisaa ta’e hunda cufee dirqama seenaa kana bahachuu danda’utu jira. Mee qabeeyni humna namaa keeynaa maal fakkaata? Ciminaafi dhibeesaas halaallu. Dhaloota Oromoo har’a qabsoo keessa jiruu yokaas qabsahuu danda’u haala sadiittan hubadha. Kunis:-

* Tokkoffaan dhaloota duraan qabsoo bilisummaa kana haala qindaaheen jalqabeedha. Dhaloonni kun kan yeroo dammaqinni gahaan hin turre keessa worraqummaadhaan qabsootti bahe, kan woreegama heddu kaffale, kan jijjiirama gama siyaasaafi dagaagina dhimmoota hawaasaa amma mul’atu kanaaf bu’uura ta’eedha. Hojii hin dagatamne kan hojjateedha; bu’uura hin buqqaane kan dhaabeedha. Kan silaa tokkichummaan dhaabbatee aadaa isaa worraaqummaafi sabboonummaa miidhagaa sana dhaloota boodaatiif dhaalchisuu qabuudha. Garuu rakkoon dhaloota kanaa tarii qabsoo worraaqsa jabaadhaan eegalame kana akka ka’umsa isaatti eegee dhaloota itti aanutti dabarsuu dadhabuufi gariin fedhinnaa ta’ytaatiin hanga gadaa isaa dhumte dabarsee laachuu dadhabuu kan gaheedha. Dhaloonni kun yoo hir’ina isaa fooyyeffatee bahe qabsoo kana keessatti akka barsiisaafi gorsaatti qooda guddaa bahachuu danda’a.

* Lammaffaan dhaloota bara dargii keessa guddateedha. Dhaloonni kun bara ilaalcha siyaasaa qar-tokkee keessa kan guddate ta’uun danda’a gama worraaqummaatiin waa heddu irraa hin mul’atu. Irra guddaan dhaloota kanaa kan gara bilchilaafi hojiitti dhufe kufaatii dargiifi jijiirama sirna siyaasaa keessa waan ta’eef hirmmaannan isaas guddaan gama birokraasiiti. Dhaloota kana mootummaan woyyaanee kan heddu dhimma itti baate yoo ta’u irra guddaansaammoo kan sirna kana jalatti gidirameefi jibbaa guddaa sirnicha irraa

16

Page 17: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

qabuudha. Dhaloota kana keessaa kan aangoo mootummaaatti hin bahin baheemmoo kan shira woyyaaneetiin salphina hin dhandhamatin yoo jiraate heddu xiqqaadha. Irra guddaan dhaloota kanaa kan ammas caasaa keessa jiru waan ta’eef lafa jirutti hiree ummata isaatii falmachuudhaan, shiraafi tooftaa diinaa saaxiluudhaan qabsoo kanaaf bu’aa buusuu kan danda’uudha. Dhaloonni kun aadaa worraaqummaa guddifatee jijjiiramaafi of kaasuu qaba. Muuxannoo birokraasiis waan guddifateef gara fuula duraatti hiree guddaa qabaachuullee kan danda’uudha.

* Sadaffaan dhaloota haaraa sirna amma jiru keessa guddateedha. Dhaloonni kun dhaloota qubee kan lammeen duraarraa haala addaa keessa guddateedha. Dhaloota seena Minilikiifi sirna bittaa Amaaraa usuu hin ta’in seenaafi sirnaa Abbaa gadaa barataa guddateedha. Dhaloota Oromummaa isaatii galaa gahaa qabuudha. Dhaloota seenaan dimokraasii gadaa maal akka fakkaatu haalaan quba qabu, sirni kun qabeeyna isaa awwaalame ta’uusaa kan ganamaan barateedha. Kan faaruu bilisummaa faarsaa guddateedha. Gabaabaatti dhaloota firii qabsoo dhandhamateedha. Hata’u male dhaloonni kunis akka hangafa isaa kan harka woyyaaneetti kufeefi kufaa jiruudha. Garuu kan yoo fucha argate finciluufi bittaa alagaa diduu danda’u dhaloota haaraafi ho’aadha.

Egaan dhaloonni Oromoo martuu qabsoo kanaaf gumaacha guddaa buusuudhaan jijjiirama fiduu kan danda’uudha. Qabsoo ummataa galmaan gahuudhaa hunduu kan qabu laachuu, kan beeku dabarsee barsiisuufi farda qabsoos dabaree gulufuu qabaata.

Qabeeyni humna namaa, muuxxannoon bara dheeraafi fedhiin guddaan osoo jiruu tooftaa galmaan geessisu irratti wolii galuu dadhabuudhaan yokaas wolitti dhihaatanii maryachuufi wol deggeruu dadhabdhaan injiffannoon fagaatee gidiraan dheerataa jira. Wol didaan ilaalchaa jiraachuun dhimma uumama namaati. Hata’u male wol diddaan diinummaa miti. Dhiphisuun jabaatanus balleessun ni dnda’ama. Mee akkamitti?

Mariifi falmii

Qabsoon ummata Oromoo foyya’ina dhabuudhaan har’a sadarkaa kufatii irraa ol ka’uun isa dhibu irra gahee mullata. Dhaabni bara dheeraa akka bilisa baasaatti ilaalamaa tures addaan faca’uu guddina fakkii tokkummaafi sabboonummaa ta’uun hafee kan ummanni ittiin saalfatu ta’uun isaa haala gaddisiisaadha. Kanarrayyuu darbee dhaabni /dhaabbileen/ kun kan ummata kana wolitti fidanu osoo hinta’in kan qoqqoodanu ta’anii mul’ataa jiran. Kunimmoo rakkoolee ammaan dura turaniifi har’allee jiranuuf furmaata laachuun hafee dhaloota boriif danqaa guddaa itti uumuun isaa kan hin oolleedha. Qoqqoodamni

17

Page 18: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

jarri alatti uumanii furmaata laachuufii dadhaban gara biyyaatti saynii facaafachuullee jira.

Dhaabbileen (Gareewwan) har’a maqaa adda addaatiin sosso’anu gariin :- kaayyoo, tooftaafi tarsiimoo ifa ta’e kan ummaticha amansiisee of

duubaa hiriirsuu danda’u qabaachuu dhabuudhaan rakkachaa maqaafi fedii qofaan kan jiraatanu;

- gariin kan gadaa ofii male aango-fedhinnaan aadaa dimokrasii hubuudhaan sirna jibbamaa Abbaa-irree ummata irratti ijaaruuf fedhii qabanu;

- kaanimmoo haala qabatamaa jiru (Biyyaa- alaan) dagachuudhaan seenaa qofatti rarra’ani kan jiranuudha;

Akka toofttaattis malirratti hundaahuu, eeynuu wojin dhaabbachuu, garamiifi akkamitti deemuu akka barbaachisu haala qoranna yokaas marii irratti hundaaheefi amansiisaa ta’e qabaachuu dhabuudhaan jarjara ka’anii heddu gufachuu; lafa gahanitti adda bahuufi yaada wolii kabajuu dhabuun bal’inaan kan irraa mul’atuudha.

Ummanni kun ummata woliin cabe, kan woliin mirga isaa dhabee woliin bitamaa jiruudha. Fedhiiniifi dhiphuun isaas bittaa kana jalaa bahuudhaaf. Iddoo fedhe sana gahuudhaammoo karaa achiin gahu irratti woldiddaan uumamuun; yaadni wol hin simne sanas darbee yaadni faallaan jiraachuun waan nama ajaa’ibuus gaddisiisuus miti. Kan nama gaddisiisuu yoo jiraate obsa wolii qabatanii gadi dhaabbatanii maryachuu; yaada wol hin gitne irrattis falmii namusa qabeessa gaggeessuufi furmaata qaroomina irratti hundahe laachuu dadhabuudha.

Namni hindogoggorre nama waa hin hojjanne. Yaada kamiinuu, sochii kamiinuu keessa dogoggorri jiraachuun uumama ilma namaati. Jaarmiyaa kamis ta’ee miseensi tokko kan biraa dura of ilaalee, of qoratee gamoo ofii jabaafi dadhabaa hubatee kan balleesses ceephuu ofii buufatee ummata siifan dhaabbadha jedhu duratti of qulqulleessaa deemuun akka aadaatti baramuu qaba. Woggootta digdamman darban keessa hir’inni heddu akka raawwatame ha dubbatamu male jaarmiyaa/garees/ ta’ee hogana yokaas miseensi tokko kan anatu kana balleesse jedhu mul’atee hin beeku. Kan akka aadaatti fudhatamee irratti leellifamu badii qaama biraa yokaas hogganaafi miseensa biraa saaxiluu qofa. Kunimmoo barnootas hin ta’u wol ijaaruus miti.

Haala kamiinuu yaadaafi tarkaanfii wol dadhabsiisu wolirratti deemsisuun wol diiguu male wol ijaaruu ta’uu hin danda’u. Hogganoonni jaarmiyaa yokaas garee kamiiyyuu yaada qaama biraatiin geggeeffamu

18

Page 19: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

kabajanii, hubannaas laataniifi garaagarummaa qabuufi ijjannoo ofii irratti dubbachuu fi falmachuudha qaban.

Namusni gaariin hogganoota biraa mul’atus miseensotaafi deggerttoota biratti barnoota guddaa ta’uudhaan dagaagina aadaa dimokraasiif bu’uura milkeessaa ta’a. Kanaa achi jechhoonni xixiqqaan wolitti darbatamanu yemmuu ummata keessa gadi bu’aa deeman babal’ataafi hammaataa firiin isaas qoodumsaafi jeequmsa ta’uun waan hin oolleedha. Asirratti meeshaa sab-qunnamtii kan akka Pal-Talk irratti naamusaan wol maryatanii yookaas falmatanii kaayyoofi karoora ofii wol barsiisuun hanguma danda’amu hunda yeroo heddu garuu yaada wol xinneessufi wol diigu waan mul’atuuf heddu of qusannaa fudhachuun gaariidha. Yaada wol ijaaru yoo hin qabaanne wol abaaruurraa calisuutu caala.

Hir’ina hubbanna furuudhaaf akkasumas garaagarummaa ilaalcha adda addaa giduu jiruu dhiphissuudhaaf jaarmileen/ gareewwan/ keessa isaanittis ta’ee gidduu isaaniitti maryachuun bu’aa heddu qabaata.

Dhimma gamtaa irratti maryachuu jechuun :-- Kan beekan jabeeffataa kan hin beekne barachuudha;- Ba’aa ol fudhachuu yaadan tokko utuu ol fuudhanii jalatti hin kufin

ulfina isaa lafatti tilmaamuu danda’uudha;- Ba’aa ol fudhachuu yaadan tokko utuu ol fuudhanii hin harcaasin

lafatti guduunfaa isaa jabeefachuudha;- Ba’aa gamtaadhaan baatanu tokko akkamitti akka wolii qabanuu

tolfachuu jechuudha. Kanaafuu yaada ballifatanii maryatanii hubannaa guddifachuun ofiifis kan biraatiifis bu’aa qaba. Maryatan dhuugaatti bahan. ‘Maryataan gowwaa hin qabu’ jedhan mitii.

Bara yaadni addaan faca’aa deemuu guddate marii qofa osoo hin taanee falmiinille heddu barbaachisaa ta’a. Kan maryatee wolii galuu dadhabe kaayyo isaa irratti hundaahee ummata duratti bahee yaadaafi dhugaa qabu irratti falmatee mohatu fudhachiisee mohatamus fudhatee dhugaan ifatti bahuu qabdi.

Ummanni Oromoo filannoo bilisummaa yokaas wolabummaasaa gidduu jiru irratti wol mormuun ni mala. Namuu haala itti fakkaateen ijaaramee socho’uu /qabsaa’uudhaa/ miraga ni qabaata. Hata’u male kanuma itti fakkaate gadi luqifatee ummata qoqqooduufi karaa harkaa gatuu hin qabu. Kan dhugaa qabu, kan dogoggoree dogoggorsufi Kan beekaa dogoggorsus yoo jiraate woltajjiitti bahe ummata dura dhaabbatee kan yaade ifa baasee, ijjannoo isaa irratti falmatee akka ummanni dhugaafi dhara jiru addaan baafatu carraa laachuufii qaba. Kanaa achi

19

Page 20: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Ulaa ofii cufatanii keessatti jaallewwan qofti wol faarsuun siyaasa bu’a qabeessas injifannoos ta’uu hin danda’u.

Hayyoonis ummata karaa badee rakkataa jiru kana akkasumas jaarmilee/ gareewwan/ karaa sagal irra tamsa’an kana seenaa darbe, haala qabatamaa Adduynaa har’aa akkasumas dhugaa lafarra jirtu barsiisuudhaan yoo xinnaate akka ummanni kun filannoo isaatti hin rakkanne gargaaruu qaban.

Ummanni of gidduutti maryachuufi haqa qabu irratti falmachuu hin dandeeyne akkamitti saba biraa/ ummata biraa/ wojjin tarii hafaan biraas dubbatee wolii galu danda’a? Gaafa injifannee bilisoomne kan keeynatti deebina jedhee kan yaadus yoo jiraate of gowwoomsuu ta’a. Hunduu karaa itti fakkaateen haqabsaahu jechuunis yaada xiqqeeyna. Mariinis falmiinis kan salphatu har’a lafa gaaffiin aangoo hin jirretti mijaaha. Gaafa kun jiraate woldiddaaniifi wolirraa fageeyni dachaan dabala. Wol dhagahuun, wolii galuun hin jiraatu taanaan abjuu male kan hafus hin jiraatu.

Dhaabni kamuu ummata tokko giddu galeessa godhatee ijaarame taanaan qaccee adda addaa qabee wol harkkatti harkisuu dhiisee; dantaa dhuunfaafi garee dursuu dhiisee dhugaa qaba jedhuun wolitti bahe rakkoo ofii/wolii furee kan ummataatti cichuu qaba.

Hiree hayyootaa

Hayyoonni ibsaa hawaasaa, hirkoo guddinaatis. Dhimma siyaasaa, hawaasaafi diinagdee keessatti dirqamni hayyootaa ol- aanaa akka ta’e kan wol gaafachiisu miti. Hayyoonni Oromoo seenaa darbe, haala qabatamaa amma jiru akkasumas deemsa gara fuulduraa xiinxaluufi barsiisuu irratti dirqama guddaa qaban. Ummanni jireeyna isaa beekumsaafi hubannoo gahaarratti yoo hin hunddeeffanne gufuutu itti heddummaata. Kufaatiitu bay’ata. Kanarraa baraaruudhaammoo qoodni guddaan kan hayyootaa ta’a.

Ummanni Oromoo seenaa miidhagaa, seeraafi sirna jireeynaa haqa ta’e, aadaa kabajaafi wol dhageettii guddaa akka qabu beekamaadha. Aadaan kun kan guddachuufi dhalati darbuu qabuudha. Kunis erra guddaa hiree hayyootaa akka ta’e ifaadha.

Gabaabumatti kanan kaasuu barbaadu yeroo ammaa yeroo ummanni Oromoo haala rakkisaa keesa seenu kana hayyoonni dirmatanii basuu qaban jechuun fedha. Hayyoonnis akkuma ummata kaanii gama siyaasaas ta’ee jireeyna hawaasaatiin ilaalchaafi ijjannoo mataa isaanii qabaachuu danda’u. Hata’u male dhimma kamirrattu obsaafi kabajaan maryataas ta’ee falmataa wolii galtee uumuufi wol diddaa jiru dhiphissuu danda’ani.

20

Page 21: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

Woltajjii adda addaa umuudhaan ummata barsiisuu, wol maryachiisuu, dhugaan jiru maal akka ta’e akka baratu gargaaruun yoom irrayyuu barbaachisaa ta’aa jira. Hogganttoota jaarmilee yokaas garee siyaasaa wolitti fidanii maryachiisuu kan yaadaan wol didan falamchiisuun jaras dhugaatti baasaa ummannis haqa jiru barataa akka inni filannoo isaa qajeelfatu gargaara.

Kaayyoo irrattis ta’ee tooftaa qabsoo irratti garaa garummaa jiru akka jireeyna hawaasaatti jaarsummaan hiikuun rakkisaa ta’a. Muuxannoon bara dheeraas kan nu garsiiseedha. Akka seenaa dur yaadannuttimmoo jeequmsa yokaas irreen akka hiikamu callisanii ilaaluun yokaas borii lafa kaa’uun furmaata fudhatamuu hin qabneedha. Egaan namoota osoo hin ta’in kaayyoo, karooraafi tooftaa akkasumas dhugaafi shira jiru ummata duratti baasanii wol falmisiisuudhaan akka ummanni dhugaa jiru hubatee kan dhara ta’e gatu hojjatamuu qaban jedha. Kanmmoo akka qooda hayyootattan ilaala.

Galma Qabsoo

Galmi qabsoo Injifannoodha. Injifannoon waanjoo bittaa alagaa cabsanii saba walaboome, dhala birmadoome ta’uudha. Biyyafi mirga ofiirratti murteeffachuu danda’uudha. Ummata mirgi isaa sarbame aangessuudha. Gadaa badde deebisanii dhaabuudha. Wolumaa galatti murtteessaa hegeree ofii ta’uudha.

Ummanni Oromoo lafa kana gahuudhaaf kallacha hedduun falmataa tureera. Falmataas jira. Galmasaa hin geeyne male karaa heddus deemeera. Galmi isaa bilisummaa yokaas Walabummaa ta’uun ni mala. Kamiifuu murtteessaan ummata. Gaheeniifi dirqamni qabsoo/ qabsaahaa/ ummata lafa murtii hegereetiin gahuudha.

Karaa hafe xumuruudhaa fedhiif filannoo daandii irratti wol diddan mul’ataa jiru yaraa miti. Filannoon jiru garuu lamuma. Lammanuummoo kan guduunfaa argatu murtii ummataatiin. Namuu har’a carraafi hegeree ummataa irratti murtteessuudhaa mirga hin qabu. Kanaafuu wol diddaan yaadaa jiraattuyyuu hanga wol dararanutti waan deemamuuf hin jiru.

"Ummanni keeyna walabummaa male filannoo biraa qabaachuu hin danda’u" jennee kan yaadnu yoo jiraanne har’uma ummata bakka buunnee murtteessaa jiraachuu keeyna hubachuu qabna. "Lakki umata keeynaa bilisummaan ni gahaa" kan jennus yoo ta’e bilisummaa booda filannoon yokaas murtiin jiraachuu akka qabu amannee ifatti lafa kaayachuun dirqama dagatamuu hin qabneedha.

Kan bilisummaan sabaafi sablammoota biraa wojjin biyyoomnee jiraachuu ni danddeeyna jennus akkamitti akka wojin jiraannu ifatti lafa kaayachuu, ummannis

21

Page 22: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

akka sirriitti beekkatu carraa laachuufii barbaachisa. Tokkuummaa Ityoophiyaa mirkaneessuu jechuun haala kamiin ?

- Impayera jiru dhugoomsanii, aangoo qooddatanii itti makachuumoo?,- Sirna Ol-aanttummaa Oromoo mirkanneessu uumanii dabaree Bituumoo?, - Sirna mirga lammii /amba/ biyya sanaa hunda dhugaatti kabachiisuu kan dimokraasiin dhugaa keessatti ragga’u dhugoomsanii wojjin jiraachuu?

Filannoon jiraachuu qabu ifa fakkaata. Kan haqaan sabaafi sab lammoota woliin jiraachisuu danda’u karaa nagaa, karaa haqaafi wol qixxummaati. Kanaafimmoo dura dursee bilisummaan of danda’anii gadi dhaabbatanii sana booda kan wojjin jiraachuutti amanu woliin qixxee dhaabbatanii maryachuu barbbaachisa.

Kana keessa worra bu’aa qabsoo hamma har’aatti argame kan akka mootummaa federaalaa, seera mootummaa kan murtteeffannaa hiree ummataa hanga wolabummaatti jedhuufi mirgoota dhala namummaa, siyaasaa, hawaasaafi diinagdee gara garaa mormanu wojjin hariiroon akkamii jiraachuu akka qabu gadi faggeessanii ilaaluun dirqama. Kana jechuun kan hanga har’aatti argame eeggataa, ittis tajaajilamaa kan hanqate barbbaaddachuu jechuudha. Worra mirga ummataa saamuu bare irraa of eeguudha.

Seerri mootummaa amma jirus hir’ina qabaatuyyuu kan woreegama ilmaan cunqurffamtootaatiin argame, akkasumas keeyyattoota gaaffii sabaa deebisuu danda’anu heddu kan of keessaa qabu waan ta’eef akka hin jirretti ilaaluu dhiisanii raawwannaa isaatiifi hanqina isaa guutuu irratti cimuudha. Worra seera kana cabsee irreedhaan itti tajaajilamaa jiru irraa kaasuu danda’uudha. Worra seera kana balleessee mirgoota hanga har’aatti argaman awwaaluu kaatu irraayis of eeguudha.

Yaada guduunfaa

Yaadakoo kanan kaase kana guduunfuudhaa qabxxiiwwan ijoodha jedhu akkanatti kaasuun fedha.

-Ijaarsi dhaabaa kamuu Oromummaa giddu galeessa taasifatee wolitti dhiheeyna namummaafi naannummaarraa akka bilisa ta’u of eeggannaa fudhachuu qaba. Miseensonnis wolitti dhiheeyna namaa woliin qabanurra kaayyoo irratti xiyyeeffachuufi hubannaa gaarii qabaachuu yaaluu qaban;

- Kan dhaaba ofiin jechuu male kaayyoo ifa ta’e yokaas seeraafi heera ittiin bulanullee ummataafi waan ifa ta’e kan hin qabaatiin akkasumatti carraa ummataa dura dhaabbatanii haala qabsoo booressuurraa of qusatanii,

22

Page 23: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

ummataafis kabaja laatanii caasaa yokaas garee qabna jedhanu diiganii gufuu qabsoo salphisuu;

- Ummanni Oromoo filannoo heddu akka hin qabaanne hubatanii dhaabbileen garaagarummaa qabanu dhiphisuudhaa wolitti dhihaatanii maryachuu. Kan yaadaan wolirraa fagaatan ummata duratti bahanii wol falmanii dhugaa jiru ummanni akka baratu gargaaruu qaban;

- Dhaabni dhageetti ummataa hin qabne, kan tuffii male kabaja ummataa hin beekne, kan itti himnaan hin dhageeyne yoo jiraate ummanni saaxiluu qabaata. Dura dhaabbachuufi shira isaa gufachiisuu danda’uu qaba. "Hima dido…" akka jedhan kan itti himnaan hin dhageeyne ummanni kabajaan ofirraa geggeessuu danda’uu qaba;

- Badii Ibiddaa baruudhaa gubatanii arguun dirqama miti. Qaroomina yokiis abshaalummaas miti. Badii qoqqoodamni fiduu jiruus qoodamanii arguun kanarraa adda hin ta’u. Badii wol qoodumsi uumu ummattoota ollaa keeynaa kan akka saba Sumaalee irraa heddu barachuu danda’ama. Kanaafuu namuu deemsa qoodumsa uumu hundeen isaa maaluu ta’u balaalefachuufi dura dhaabbachuu qabaata;

- Hayyoonni yeroo akka ammaa kana ummanni haala wol xaxaa keessa seenu duratti bahuudhaan seenaa qabsoofi rakkoowwan ummata kana mudatan ilaalcha garummaarraa bilisa ta’anii barsiisuu qaban. Dhaabbilee kaayyoon wol fakkaatus ta’ee kan garaa garummaa bal’aa qabanu akka jiranu ifa waan ta’eef kanneen martuu wolitti bahanii wol diddaa jaraa ifatti mariifi falmiidhaan akka hiikkatanu yokaas dhiphifatanu gargaaruu dirqama seenaafi sabumma waan qabanuuf utuu yeroon darbaa haalli hammaataa hin deemin irratti boba’uu qaban. Kan ammaan dura dhimma ulfoo akkanaatti hirmaataa turanis bu’aan bar darbee milkaahus baatus hamilee cimsatanii itti fufuu qaban;

- Hogganaan, dabballeen, miseensiifi deggeraan dhaaba kamiituu dhalli Oromoo martuu mirga isaatii falmachuudhaa mirgas dirqamas akka qabanu hubachuudhaan ilaalchaafi adeemsa koo qofatu qajeela kan jedhu ofittummaa ilaalchaa irraa of bilisoomsuu qaba. "Manni morkii banaa bula" jedha Oromoonii yaadniifi fedhiin kamuu kaayyoofi tooftaa qabatamaa dhugaa kan furmaata addaa fidu ta’uu baannaan hojiin keeyna yoomuu hojii morkii akka hin taane of eeggachuu;

-Dhaabni tokko yokaas hoganoonni yaada, kaayyoofi tooftaa qaama biraatii kabaja laachuu qaban. Qeequufi ceephoon adda addaas yo jiraate namarratti osoo hin ta’in kaayyoo irratti akka ta’u of eegachuu. Miseensonni dhaaba kamiituu kaayyoo qaama biraa jaallachuu yoo dadhaban kabajuun dirqama

23

Page 24: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

aadaa dimokrasii ta’uu beekuu. Safuu Oromoos kabajanii hafaan caba namatti dubbachuurraa of qusachuu;

- Sabniifi dhaabileen biyyaa ala jiranu hireen buusuu qabanu jiraachuunsaa beekamaa taee, garuu akka abbaa bilisummaatti of ilaaluudhaan ummata biyyaatiif abdii daangaa darbe laachuurra of qusachuu. Ummanni ballaniifi dirreen qabsoo biyya ta’uu osso hin dagatin diddaafi qabsoo ummanni biyya keessatti geggeessuf degeraa dhugaa ta’uu danda’uu;

- Dhaabni siyaasaa jarmiyaa gamtaati. Gamtaa miseensotaati. Seeraafi heera irratti hundaahuu qabaata. Seeraafi heera isaa kabajuus qabaata. Murtii wol ta’iinsaa yokaas murtii sagalee ol’aanaatiin buluun dirqama. Yaadni sagaleen mohatame murtii qaama sagalee ol-anaatiin buluu yokaas bitamuun dirqama. Kanaa achi lafa yaadni wol didetti seera dimokraasii cabsanii hiree ofii fudhatanii wol cinaatti dhimma qaamaan male qabiyyeen adda hin ta’in geggeessuun / qoqqoodamaa deemuun/ ofittummaadha. Qaroominas miti hafuu qaba;

- Wolta’iinsi heddu barbaachisaadha. Garuu salphaa miti. Hawwii qofaanis kan argamu miti. Hunduu itti dhiphachuufi dadhabuu qaba. Seenaa qabsoo bara dheeraa darbe keessa rakkoon wol ta’iinsa dadhabsiise heddu jiraachuun ni mala. Akka jirus ni mul’ata. Kan seenaa kana keessa darban biratti wol ta’iinsi yaada rakkissaa ta’uus danda’a. Dhaloonni haaraan garuu dhibee kana irraa bilisa. Godaannisa wohiis hin qabu. Kanaafuu kan dur suphuun yoo jabaate inni haaraan dhimma wol ta’iinsaa irratti heddu xiyyeeffatee hojjachuu qabaata.Adda adda dhaabbannee milkoofnaan gamnummaadha. Jilbbeenfatus ka’us wol faana male Miilli tokko jilbbeenfatee tokko ijaajjuu hin danda’uu;

- Ummanni biyya jiru kan alaatu qabsaahee furmaata fida jechuudhaan akka duranii of dagachuurraa / hawwii bu’aa hin qabne hawwuurraa/ bahee haala barbaachisaa ta’een qabsootti bahuu qaba. Kan siyaasa keessa jiru, kan aangoo qabu, kan minddeeffamaa mootummaa ta’e akkasumas kan humna Poolisiifi raayyaa woraanaa keessa jiru martuu lafa jirutti aangoo isaatti abbummaa isaa jabeeffataa, mirga kursiin isaa laateef guutummaatti akka mirga saba isaatii ta’utti itti tajaajilamuu yaaluu;

- OPDOfi miseensonni isaa alagaa biratti amantaas kabajas qabaatanii hin beekanu. Akka namtichi dubbatetti ″OPDOn akka lotorii atattamaati, yoo dugda isii soqan keessi isii ABOdha″ kan jedhe namuu ni beeka. Ummaniifi dhaabileen Oromoo kaan biratti wolumatti qabaan akka muka ajaa xuqeetti xireeffachuun akka aadaatti fudhatamee tureera. Ilaalchi kun dhaabichaafi miseensota isaa akka bobaa alagaa jalaa hin baane dhiibbaa guddaa qabaachuu

24

Page 25: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

hin oolle. Har’a dhala Oromoo milioona sadihii ol kan qabsoo bilisummaatii bu’aa ol-aanaa buusuu danda’antu dhaaba kana jalatti qabamanii yokaas dirqamaan miseensomanii jiran. Kun huumna guddaa dagatamuu hin qabneedha. Namoota keessaa godaansuun dhaaba kana diigna kan jedhu ilaalchi ammaan dura ture akka bu’aa hin qabne hubatamee karaa ummanni kun kan danddeettii qabu carraa heddus qabu lafa jirutti ta’ee qabsoo bilisummaatiif bobba’u irratti yaadamuu qabaata;

- Kan caasaa dhaabbata OPDO keessa jiranus aangoon dhaaba kanaatiifi mirgi ummata Oromoo kan yoomuu wol madaalee hin beekne yeroo ammaammoo haalaan wol faallessaa deemaa akka jiru ni hubatan. Hedduun miseensa dhaaba kanaas dirqama adda addaatiin miseensome male akka deggeraa dhugaa dhaabichaa hin taane beekamaadha. Xinneeyni ummataa akka yeroo ammaa mul’ataa jirus dhaaba kanaafi miseensota isaa seenaa keessatti akka gaafahiisu hin dagattanu. Kanaafuu dhiphuu ummanni dhiphataa jiru irra caalaattimmoo gidiraa hamaa ummata irra gahaa jiru hubatanii shiraafi tooftaa diina saaxiluudhaan, sirna saba keessan miidhu kamuu dura dhaabbachuudhaan, gadi aantummaafi xinnummaa diduudhaan midhaan hanga har’aatuu darbaadha jechuu danda’uu qaban. Kanaanis itti gaafatama seeraafi seenaa keessaa of baasuun injifannoo ummata Oromoo gargaaruu qaban;

- Ummattoota dhiibaman biraa woliin qabsaahanii wojjin bilisoomuun yaadas tooftaa gariis akka ta’u kan wol gaafachiisuu miti. Wojjin jiraachuunis filannoo ummataa ta’uu danda’a. Akka adeemsaatti hubannaafi of eeggannaan garuu dagatamuu hin qabu;

- Yoom irrayyuu amma gaaffiin mirgaa haala hedduun deemaa jira. Gama amantaa, mirgaa dubbachuu, ijaaramuu, kan fedhan deggeruufi kan hin feene mormuu kkf. Kun martuu qaama mirga dhala namummaati. Tokko deebi’ee tokko hanqachuun furmaata miti. Kan wolii galatti deebisuu danda’ummoo bilisummaa mirga siyaasaati. Gaafiin kamuu ka’u gaaffii mirga siyaasaa golguus gufachiisuus hin qabu. Ummanni mirgaa isaa kamiifuu yoo falmatu guduunfaa kan ta’e gaaffii mirga siyaasaa dagachuu hin qabu;

- Seenaa qabsoo ummata Oromoo keessatti dhaloonni tokkoffaan aangoo qabate dabarsee laachuu dhabuu isaatiin heddu komatama. Hata’u male dhaloonni lammafaaniifi sadaffaan / dhaloonni haaraan/ qabsoo kana harkaa fuuchuudhaa / itti darbuudhaa/ gahaatti worraaquu dhabuun isaa akka hir’ina yoo ilaalamu hin mul’atu. Dhimmi Oromoo dhugaa adduynaa kanaa irraa adda miti. Hawaasa qaroome keessattuu taanaan aangoo kan fudhatutu falmatee fudhata male kan kennutu kadhatee lata miti. Kanaafuu tarii dhaabbilee hanga ammaatti turanirraa kan dhaalamu yoo jiraate dhaloonni haaraan dabaree fudhachuudhaa of kaasuu qaba. Dhaabbileen jiran jedhamanummoo kan waan

25

Page 26: (Faaruu artisticha kabajamaa Dr. Ali Birraa) · -Ummanni Oromoo kan dirqamaan facaafamee daangaa alagaan daanggesseen qoqqoodamee jaarraa tokkoo ol wol harkaa badee jiraate akka wol

dabarsanii laatanu hin qabne (dhaalamus miidhaa male bu’aa hin qabne) yoo ta’animmoo furmmaata akkamii fudhachuu akka qabu dhaloonni haaraan kun (biyyaa alaan) itti yaaduu, maryachuufi carraa ofii irratti murteeffachuu danda’uu qaba. Seenaa qabsoo Oromoo irraa waa hedduus qorachuu akka qabu dagachuu hin qabu. Kan darbe abaaruun qofti kan itti aanu hin miidhagsu kan darberraa baratee / badiis toliis/ kan boruuf of qopheessu barbaachisa. Dhaloota mirga gaafatu utuu hin ta’in kan falmatu ta’uu qaba;

- Qabsoo mirgaa keessatti hireen ummataa hundeedha. Murtteessaadhas. Ummanni wolakkaa jaarraa tokkootii ol qabsaahaa ture hanga tokko firii qabsoo isaa akka argaa jirus kan dhokatu miti. Hata’u male dhimmi murtteessan kan akka mirga aangoo siyaasaa har ‘allee gaaffii guddaa keessa jira. Gaafii kana deebisuudhaa yokaas mirga kana goonfachuudhaa jaarmiyaan dhugaa irratti hundaa’e barbaachisaa akka ta’e hunda huumni ummattaa heddu barbaachisaadha. Kara jaarmileetiin hir’inni yokaas dadhabbiin heddu mul’atuyyuu ummanni garuu abdii kutachuufi duubatti jechuu hin qabaatu. Dhaabbileen kaayyoofi tooftaa ifa ta’e qabanu, hanga tokko bilisallee ta’an akka jabaatanuufi qindaahanu dhugaa irrattis akka hirkatanu dhiibbaa geessisuu qaba. Iddoo barbaachisaa ta’ettis gargaaruu qabaata. Hanga hiree isaa murtteeffachuu gahutti of dagachuufi gadi dhaabbachuu hin qabu. Karaan tokko numa jirtii. Sissiqaas goobanaa.

Tokkummaan Ummata Oromoo ha dagaagu.Injifannoon kan Ummata Oromooti.Murtteessan hegeree Oromiyaa Oromoodha.

Waan dubbiftaniif galatoomaa.

Na ofolchaa.

Qunnamtiidhaa:- [email protected]

26