13
Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama Hawaasaa Qajeelfama Walii Galaa Tola Ooltota Hawaasummaatiif Qophaa’e

Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

  • Upload
    others

  • View
    13

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama Hawaasaa

Qajeelfama Walii Galaa Tola Ooltota Hawaasummaatiif Qophaa’e

Page 2: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan
Page 3: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

Qajeelfamni Filipchaartii Kan qophaa’e gargaarsa mallaqaa uummata Ameerikaa irraa argameen, piroojectii ENGINE walii galtee lakk. AID – 663 – A – 11 – 00017 taasifameeni Qabiyyeen qajeelfama Filipchaartii Ejjennoo Dhaabbata Baraarsa Daa’immanii Addunyaa, Giraadii fi Maanof Giruupii yoo ta’u,ejjennoo gargaarsa addunyaa Ameerikaa yookaan mootummaa Ameerikaa kan ibsu miti.

Page 4: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

IBSA HAALA WALIIGALAA

GUYYOOTA 1000 JALQABAA1KUTAA

Page 5: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

1MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA

Mata-dureewwan guguddoo Kutaa kanaa Meeshaalee barbaachisan Kutaa i marii hawaasaa Gabbataa saddeettan(8) guyyoota 1000n jalqabaa

Guyyoota 1000n jalqabaafi sadarkaalee guddina abaaboo suufii

Sunsuma fayyadamuudhaan nyaatawwan idilee madaalamaa taasisuufi nyaatawwan abbaa urjii dabaluu

Poostara guyyoota 1000n jalqabaa

sadarkaalee guddina abaaboo suufii kan agarsiisu filippichaartii irraatii

Filiippi chaartii irraatii fakkii Sunsumaa sirna nyaataa haadholiifi daa’immanii agarsiisu

Gulantaa 1: Baga nagaan dhuftaniifi Ibsa Haala waliigalaa marii hawaasaa gabbataa

Akkas jedhaa: Hundi keessan baga leenjii Marii Hawaasaa Gabbataa (MHG) keenya kan jalqabaa waa’ee guyyoota 1000n duraarratti xiyyeeffatu kanaaf nagaan dhuftan.

1. “walumaagalatti guyyoota 1000n jalqabaa ilaalchisee kutaa saddeet (8) tu jiru. Torbee torbeedhaan waa’ee sirna nyaataa madaalamaa haadholii fi daa’immanii , daa’imman keenya ciccimoo, fayya-qabeessaa, dhiddheeraafi qareessa ta’anii akka guddatan, akkasumas dhimma dhibee qancaruu ittisuu irratti wantoota raawwachuu dandeenyu kan barannu ta’a.”

2. Maqaan koo_______________ jedhama. Ani marii hawaasa gabbataa guyyoota 1000n jalqabaa kana qindeessaan isin waliin tura.”

3. “Marii keenya keessatti, marii, taphoota qooda-fudhannaa, qoosaawwan, diraamaa fi seenaawwan namoota dhuunfaa fi kan kana fakkaatan wantoota nama hawwatan waliin raawwachaa turra.

Gulantaa 2: Ibsa Waa’ee Guyyoota 1000n Jalqabaa AKKANA JEDHIIN: “Daa’imman daa’imummaa isaaniitti nyaata madaalamaa fi kunuunsa sirrii ta’e hin arganne fayya-qabeessa, qareessafi nama jireenya isaanii keessatti milkaa’uu danda’an ta’anii

guddachuu dhiisuu malu.”

1. “Kutaa kana keessatti daa’imman keessan ciccimoo, fayya-qabeessaa fi qareessa ta’anii akka guddatan akkamitti akka gargaarru waliin baranna.” maalummaan Guyyoota 1000n Jalqabaas isa kana. Daa’imman jireenya umrii isaanii haala baay’ee gaarii ta’een akka Jalqaban taasisuudha.”

2. “Sababiin nuti Guyyoota 1000n jalqabaarratti xiyyeeffannuuf”:

“Jireenyi daa’imaa kan guyyoota 1000n jalqabaa keessaa adda. Guyyoota 1000n jalqabaarratti haadholeefi daa’imman keenyaaf kunuunsaafi xiyyeeffannoo barbaachisu yoo kennineef, daa’imman keenya ciccimoo, fayya-qabeessaa fi qareessa ta’anii guddatu.”

Guyyoonni 1000n jalqabaa wayita ulfi garaatti hafuu jalqabee hanga daa’imni waggaa lama guututti yeroo jiruudha. Kanaafi warri asitti argamtan keessaa kuun ulfa yookan miseensa maatii ulfa taate kan qabdan yookanis daa’ima xiqqoo warra manaa qabdan kan taataniif.

“Daa’imman hundi- magaalaa jiraatee baadiyyaa, hiyyeessaa haa ta’uu dureessa sirna nyaataa gaarii guyyoota 1000n jalqabaa keessatti yoo argatan ciccimoo, fayya-qabeessaafi qareessa ta’anii guddachuu danda’u.”

“Mariiwwan keenya ‘Guyyoota 1000n Jalqabaa’ irratti xiyyeeffatus maatiiwwan keenya jireenya umrii daa’imman keenya haala baay’ee gaarii ta’een jalqabsisuuf akkamitti akka danda’an barachuuf isaan gargaara.”

3. Yeroo baay’ee barbaachisaa ta’e kana haala gaariidhaan hubachuudhaaf, akka nama biqiltuu dhaabetti yaaduu qabna. Kanaanis sadarkaalee abaaboo suufii sirna nyaataa haadhaafi daa’imaa jennaan.

4. Fakkii sadarkaalee guddina abaaboo suufii arfan filiippi chaartiirratti nama hundatti agarsiisi.

Page 6: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan
Page 7: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

“Akkuma suufii, daa’imnis suuta suuta guddata. Daa’imman umrii isaanii keessatti keessumaayyuu guyyoota 1000n jalqabaa keessatti jaalala, kunuunsaa fi nyaata gaarii barbaadu.”

“Akkuma sadarkaalee biqiltuu, guyyoota 1000n jalqabaa keessas sadarkaalee guguddoo afuritu jiru.”

“Sadarkaan jalqabaa SANYIIDHA. Yeroon kun yeroo daa’imni hanga dhalatutti gadameessa haadhaa keessatti guddatuudha.”

“Sadarkaan lammaffaan sadarkaa biqiltuuti. Yeroon kunis dhalootaa hanga ji’a jahaatti isa jiruudha.

“Sadarkaa sadaffaan yeroo Kichuu/Xobbeeti. Yeroon kunis ji’a jahaa hanga ji’a 12itti kan jiruudha.”

“Sadarkaa afraffaan sadarkaa abaabooti. Yeroon kunis ji’oota 12 kaasee hanga ji’a 24 itti (yookan umrii waggaa 1 hanga 2 gidduu) isa jiruudha.”

5. “Mariiwwan keenya hundarratti waa’ee sadarkaalee afran kanneeniifi kunuunsaafi xiyyeeffannoo addaa sadarkaalee guyyoota 1000n jalqabaa keessatti taasisnu mari’anna.”

6. “marii hawaasaa kanarratti waa’ee sirna nyaataafi xiyyeeffannoo addaa haadholii fi daa’imman keenyaaf sadarkaalee hundarratti gochuu dandeenyu haasofna.”

Gulantaa 3: Tapha seensaa taphachuuAKKANA JEDHIIN: “Tapha taphachuudhaan of beeksifna.”

1. Miseensonni garee hundi maqaa isaanii akka beeksisaniifi warra yookan akkoo SANYII, BIQILTUU, KICHUU (XOBBEE) yookan ABAABOO ta’uu isaanii akka beeksisan gaafadhu. Fakkeenyaaf, “Maqaan koo Gannati. Ani haadha daa’ima kichuu ti.” Warri dhiironnis yeroo of beeksisan akkanumaan haa shaakalan. Fakk. Maqaan koo Geetuun jedhama. Ani abbaa “sanyii’ ti

2. Namni hundi fakkeenya kana fayyadamuudhaan akka of beeksisan gaafadhu.

AKKANA JEDHIIN: “Tapha kanarratti hirmaachuu keessaniif galatoomaa.”

Gulantaa 4: Marii waa’ee guyyoottaan 1000 jalqabaa“AKKANA JEDHIIN: Yeroo kana keessa maatiin hundi daa’ima isaanii guddachaa jiru dhibeerraa eeguuf wantoonni raawwachuu qaban hedduutu jiru. Isaanis harka dhiqachuufi daa’ima talaalchisuu

yammuu ta’an, kanamalees, fedhiiwwan sirna nyaataa addaa sadarkaalee hundarratti barbaachisan ni jiru.:

Daa’imman sanyiin gadameessa keessa jiru. Haadholeen isaanii nyaatawwan gabbisaa ta’an akka nyaataniifi ciccimoo akka ta’an fedhu.

Daa’imman Biqiltuun daa’imman dhalootaa hanga ji’a jahaatti jiraniidha. Harma haadhaa qofa argachuu barbaadu. Nyaata biros ta’ee bishaan isaan hinbarbnaachisu.

Daa’imman Kichuun/Xobbeen daa’imman ja’a 6-12 jiraniidha. Guddinaaf marqaa furdaafi waan hunda of keessaa qabuufi nyaatawwan daakkaman akkasumas nyaatawwan abbaa urjii isaan barbaachisa.

Daa’imman abaaboon immoo daa’imman ji’a 12-24 jirani. Nyaatawwan lallaafaa daddafanii nyaachuu akkasumas nyaatawwan abbaa urjii guyyaa guyyaan isaan barbaachisa.

Daa’imman guyyoota 1000n jalqabaa keessatti nyaata gabbisaa gaariifi kunuunsa hinargatin ciccimoo, fayya-qabeessaafi qareessa ta’uu hin danda’an.

Gulantaa 5: Waa’ee yaada ka’uumsaa Sunsumaa haasa’uuKANA GAAFADHU: Haadholeefi daa’immaniif nyaata madaalamaan barbaachisa yammuu jennu maal jechuu keenya? Haadholeen yeroo ulfaa yookan yeroo harma hoosisan nyaata akkamii

nyaachuu qabu? Maatiin daa’imman isaaniitiif nyaata gosa akkamii bituu qabu?

Page 8: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

Kuduraalee

Fuduraalee

Sunsuma Haadhaa Akaakuuwwan Nyaataa adda

addaa haadhaaniif

Nyaata idilee

Nyaata beeyiladoota irraa argaman

Akaakuuwwan Nyaataa adda addaa daa’immaniif

Nyaata idilee

Nyaata beeyiladoota irraa argaman

FuduraaleeKuduraalee

Zaayitaa � dhadhaa

Sunsuma Daa’immaniif

Page 9: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

1. “Haadholeefi daa’imman guyyoota 1000n jalqabaa keessa nyaata madaalamaa isaan barbaachi-sa.”

2. “Nyaata nyaannu madaalamaa taasisuu akkuma Sunsuma(gullichaa) wal qixxeessuutti ilaaluu dandeenya.

3. Nama hundatti fakkii sunsummaa haadhaa filiippichaartiirratti itti agarsiisi.

4. “Sunsumarra eelee guddaa buddeen itti tolchinuufi nyaata idilee biroo itti bilcheesinutu taa’a.

5. Nyaata idilee jechuun nyaata guyya guyyaan nyaannuudha. Isaanis nyaata akka buddeenaa, shi-roo, missira, qamadii, garbuu, qooccoo, misingaa, baaqelaa, shumburaa, atara(kikkii), boqqool-loofi barbarree/mimmixa.”

6. Eelee jala utubaawwan sadi kan eelee waliqixa baachuu danda’an ni jiru.

7. Suunsumman sadeen nyaatawwan abbaa urjii sadeen nyaachuu qabnu ibsa.

8. Suunsumman sadeen nyaatawaan abbaa URJII sadan nyaachuu qabnuun fakkeeffamu.Suunsum-man kunis akkamittiin nyaatawwan madaalamaa gochuu akka qabnu nu gargaaru.

9. “Nyaatawwan abbaa urjii: fayya-qabeessa ta’uufi jabeenya argachuuf nyaatawwan hunda dura nyaata guyya guyyaan nyaannutti makuu qabnuudha.”

10. “Namni hundi nyaata abbaa urjii nyaata idileetti makuun guyya guyyaan nyaachuu qaba.”

11. “Nyaatawwan abbaa urjii nyaataa idileefi tursiistuutti dabalanii nyaachuun keessumaa haad-holeefi daa’immaniif guyyaa 1000n jalqabaa keessa baay’ee barbaachisaadha.”

12. Sunsuma tokko sirna nyaataa haadholeef, kan biraa immoo sirna nyaataa daa’imaaf akka fayy-adamnu ibsiif. Yaadni ka’umsaa nyaata madaalamaa laman isaanifiyyuu tokkuma ta’ullee, gara-agarummaan jiru, daa’imman coomafi zayita dabalataa kan barbaachisu ta’uu isaa qofa. Kanaafi, utubbaan tokko coomaafi zayitaa kan bakka bu’e kanaafi.

Waa’ee nyaatawwan madaalamaa sunsumaa fi nyaatawwan abbaa urjii fayyadamuudhaan mariihadhaa:a. Sirna nyaataa haadholee ulfaaf:

Suunsuma diimaa: nyaatawwan abbaa urjii 3 bakka bu’a. Nyaatawwan kunneenis beeyiladarraa kan argaman yammuu ta’an isaanis: hanqaaquu/buuphaa, aannan, baaduu, itittuu, foon, lukkuuwwan,

Suunsuma Magariisa: nyaatawwan abbaa urjii 2 bakka bu’a. Isaanis kanneen akka raafuu, qoosxaa, dabaaqula(buqqee), kaarotii, timaatima, dinicha dammee(maxaaxisa)fi fosoliyaa fa’i.

Suunsuma Keelloo: nyaatawwan abbaa urjii 2 bakka bu’a. Isaanis fuduraalee kanneen akka burtukaana, paappayyee, muuzii, maangoo, abukaadoo, zayituuni, anaanaasii fa’i. b. Sirna nyaataa daa’imaaf: Sunsuma Daa’imaaa Filiippichaartii keerraa itti agarsiisi

Suunsuma diimaa: nyaatawwan abbaa urjii 3 bakka bu’a. Nyaatawwan kunneenis beeyiladarraa kan argaman yammuu ta’an isaanis: hanqaaquu/buuphaa, aannan, foon, foon orgaanii, lukkuuwwan, qurxummii.

Suunsuma Magariisa: nyaatawwan abbaa urjii 2 bakka bu’a. Isaanis kuduraaleefi fuduraaleeti- raafuu, qoosxaa, dabaaqula(buqqee), kaarotii, timaatima, dinicha dammee(maxaaxisa)fi fosoliyaa fa’i.

Suunsuma Keelloo: nyaatawwan abbaa urjii 1 bakka bu’a. Isaanis dhadhaafi zayitiiwwan: zayita, dhadhaa, suufii, sanyii nuugii, talbaafi zayita kuduraaleerraa bahani. Daa’imaaf annisaa dabalataa kennuu waan danda’aniif, nyaata isaaniif qopheessinuti naquu qabna.

AKKANA JEDHIIN: Wayita waa’ee nyaata madaalamaa haasofnu, waa’ee nyaata isaan kanaati..Nyaata yeroo qopheessinutti yeroo hunda itti dabalamuu qabu.

Gulantaa 6: Waa’ee Omishuufi Horsiisuu Haasa’uuAKKANA JEDHIIN: Hedduun keenya qonnaan bultoota waan taaneef, dubartoonni ulfaa yookan dubartoonni keenya harma hoosisan akkasumas daa’imman keenya nyaatawwan ABBAA URJII

argachuu isaanii karaawwan gargaarru keessaa tokko, nyaatawwan kana omishuu yookan horsiisuudha. Mee maatiiwwan nyaatawwan ABBAA URJII gosa kami omishaa yookan horsiisaa akka jiran harka baasuudhaan nutty himaa.”

Page 10: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

ARGACHUUFI BITACHUU

OOMISHUUFI HORSIISUU

OMISHUUFI HORSIISUU

ARGACHUUFI BITACHUU

Page 11: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

1. Gaaffilee itti aanan kanneen hirmaattota gaafadhu:a. “Maatiin keessan nyaata abbaa urjii gosa kam omishaa yookan horsiisaa jira.”b. Mee isin keessaa nama meeqatu/hagamitu nyaatawwan abbaa urjii omishaa fi horsiisaa jira?” Mee harka baasaa nutty agarsiisaa.c. Nyaatawwan abbaa urjii keessaa gosa kam kam omishaafi horsiisaa jirtu? (tarreessaa)

Gulantaa 7: Waa’ee Argannaafi Bitannaa haasa’iAKKANA JEDHIIN: Maatiiwwan keenya keessumaayyuu dubartoonni ulfaafi harma hoosisan akkasumas daa’imman keenya nyaataafi tursiistuuwwan nyaatan keessaa nyaatawwan ABBAA URJII

akka hindhabamne karaan taasisuu dandeenyu kan biroon, galii omisha qonnaa keenyarraa argannu fayyadamuudhaani. Omishoonni gurguraman kanneen akka boqqoolloo, qamadii, garbuu, xaafii, dammaa, shumburaa fi bunaa maatii keenyaaf maallaqa baay’ee fiduu danda’u. Maallaqa kana keessaayis muraasni nyaatawwan ABBAA URJII maatiiwwan keenyaa bituuf ooluu danda’u.

1. Gaaffilee kanneen gaafadhu:a. “Maatiin keessan omishawwan gurguraman (maallaqa fidan) gosa kam oomishu?”b. “Mee isin keessaa nama meeqatu omisha qonnaa omishtaniifi horsiistan galii argachuudhaaf fayyadamaa jira?”c. Galiin isin hojii biro hojjechuun argattan jiraa?d. Isin keessa namoota meeqatu galii argattan keessaa nyaatawwan abbaa URJII bite namni beeku?

Page 12: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

Daa’imni reefu dhalate akka biqiltuuti. Daa’imni keenya guyyaa dhalatee kaasee hanga ji’a jahaa guututti aannan harmaatin ala waan biraa isa/ishee hinbarbaachisu. Haadholiin keenyaa wanti akka raawwatan isaan hubachiisnu:

• Dahanii sa’aatii tokko keessatti daa’ima isaanii harma hoosisuu jalqabuu

• Aannan harmaa keelloo kan jalqaba bahuu yookan silga daa’ima isaaniitiif kennuu. Aannan keelloon kun daa’imman keenyarraa dhukkuba ittisuuf, daa’imman fayya-qabeessa, ciccimmoo, dheedheeroo fi qareessa ta’anii akka guddatan gargaara

Ji’a jahaa kaasee daa’imni keenya akka Kichuuti. Daa’imni keeya Yeroo kanatti Marqaa furdaadhaan nyaata lallaafaa ta’an nyaachisuu jalqabaa. Wanti suuta suutaan raawwachuu qabnus:

• Nyaataawwan lallaafoofi daakamaan marqaa furdichatti makuu jalqabuu

• Foon lallaafaa yookan foon lukkuu daakuudhaan yookanis jajii foonii goge tumuun daakuu isaa marqaatti makuu

• Daa’ima keenya guyyaa guyyaan yeroo 2 hanga 3 nyaachisuudha.

Waggaa tokkon booda da’imni keenya akka abaabooti.Daa’imman abaaboon kunis kana nyaachuu qabu:

• Nyaatawwan baay’ee nyaachuu• Nyaatawwan daakaman caalaa, nyaatawwan

xixiqqeessamanii mummuramanii qophaa’an nyaachuu • Nyaatawwan beeyiladootaa irraa argaman keessaa yoo

xiqqaate guyyaatti tokko nyaachuu• Kuduraaleefi fuduraalee guyyaa hunda nyaataafi tursiistuu

waliin guyyaatti si’a 3 akka nyaachuu qaban ni taasifna.

Ji’a 9 fi guyyaa 5 yeroo ulfaa

Dhalootaa(Da’umsaa) – ji’a 6 tti

Ji’a 6 – ji’a 12 tti

Ji’a 12 – ji’a 24 tti

Walii galatti

275 Guyyaa

180 Guyyaa

180 Guyyaa

365 Guyyaa

guyyoota 1000

DAA’IMNI KEENYA JIR

EENYA

ISAA/ISHEE HAALA BAAY’EE GAARII

TA’EEN AKKA JALQABU/JA

LQABDU

GUYYOOTA 1000N JALQABAA

IRRATTI GUMAACHA OLAANAA

TAASISNA.

Ji’a 0-6 Ji’a 6-12

Daa’imni gadameessa keessa jiru akka sanyiiti. Kanaaf haadholeen ulfaa wanti isaan raawwachuu qabu jennee mirkaneessinuuf:

• Nyaata beeyiladootarraa argaman guyyaa guyyaan nyaachuu.

• Kuduraaleefi fuduraalees nyaata isaanii hundatti makuun nyaachuu

• Nyaata madaalamaa sadiifi tursiistuuwwan lama guyyaatti nyaachuudha.

Ulfa Ji’a 12-24

Page 13: Filiipichaartii Marii Hawaasaa Gabbataa kan Hojjettoota Jijjiirama … · 2017-12-06 · MARII HAWAASA GABBATAA (MHG) KUTAA 1: IBSA HAALA WALIIGALAA GUYYOOTA 1000 JALQABAA 1 Mata-dureewwan

Gulantaa8: Gaaffilee gaafachuu fi deebii kennuu1. “Wantoota hanga ammaatti ilaalle ilaalchisee gaaffilee qabduu?

2. Gaaffilee hirmaattotni gaafataan sirriitti dhaggeeffadhaa?

3. Akkas jedhaa: “Gaaffilee keessan deebisuun yaala.”gaaffilee deebisuu dandeessan deebisaa

4. Akkas jedhaa: Gaaffileen ani har’a deebisuu hindandeenye yoo jiraatan, marii keenya itti aanuurratti deebii isaa isinii fideen dhufa.”

5. Gaaffilee ofii deebisuu dandeessu deebisi. Gaaffilee ofii deebisuu hindandeenye barreessuudhaan, supparvaayizara, hojjettuu eksiteenshinii fayyaa yookan hojjetaa/ttuu misooma qonnaa waliin irratti mari’achuun deebii isaa argadhu. Deebii argattes, marii itti aanurratti gareelee Maree Hawaasaa Gabbataa ibsi.

Gulantaa 9: Meeshaalee fi hojiilee manatti fudhatanii galaman Akkas jedhaa: “ji’oottan dhufan keessa yeroo walgeenyu, waliin haasofna; ni taphanna, ni baranna. Haata’u malee, waaan baranne manatti gallee raawwachuufi haadholeefi daa’imman keenya

guddachaa jiran kunuunsuu “dhimma maatii keenyaa” godhachuu qabna. Waan kutaa leenjii kanarraa argattan galtanii miseensota maatii keessaniitiif akka qooddan abdachuudhaan, meeshaalee muraasa fudhattanii galtan isinii kenna.”

a. Hirmaattota hundaaf poostara Guyyoota 1000n Jalqabaa kenniiti; akka isaan maatii isaaniif qoodan itti himi.

Gulantaa 10: Cufiinsaa. Mariin itti aanu yoom akka ta’e nama hunda yaadachiisi.

Akkas jedhaa: “Marii bareedaa goone kanaarratti hirmaannaa cimaa taasistaniif ulfaadha!”