16
Biyya sirna federaalawaa walqixxummaafi fayyadamummaa ummatootaa haqa qabeessa ta’e mirkaneesse ijaaraa jirtu-Itoophiyaa! Bara 23 Lakk. 19 Bitootessa 8 bara 2008 Gatiin qar. 1 Oromiyaa Jijjiirama hundagaleessaaf odeeffannoo sirrii! Bara 25 Lakk. 17 Guraandhala 29 bara 2010 Gatiin qar. 2 Fuula 5 Fuula 9 Fuula 13 Akka dhugeeffannaa Waaqeffannaatti ayyaana jechuun waan waaqaan uumamee ummanni hundi safuu eegee waldanda’ee waliin jiraatu kan to’atudha Qubattonni kunis yeroo ammaa kana hanqina bishaan dhugaatiin rakkoo hamaa keessa jiru. Kanaaf, qabsoo kana gaggeessuufi milkaa’ina argame itti fufsiisuuf hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kutannoofi yeroo osoo itti hinkennin hojjechuu qaba. Fuulawwan keessaatti Harkifannaa Piroojektoota . . . Tarkaanfilee malaammaltummaafi . . Ayyaannifi Ayyaantuun . . . gara fuula 14tti gara fuula 14tti gara fuula 14tti W.Dh.K.M.Magaalotaatiin Lammiilee sababa Oromummaasaaniitiin qofaan naannoo Sumaalee Itoophiyaatii qe’eefi qabeenyaasaaniirraa buqqa’an qubsiisuufi hojiitti galchuuf hojjetamaa jira.. Lammii kunneeniif sirni samannaa magaalota Bishooftuufi Dukamitti godhamuufi bulchiinsi magaalota kunneenii beekisaniiru. Lammiilee qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’an karaa waara’aan deebisanii dhaabuuf magaalota 12 keessatti manneen jireenyaa 7,806 ijaaruun kan eegalame yoo ta’u, manneen ijaaramuu eegalan keessaa 5260 yeroo ammaa xumuramanii tajaajilaaf qopha’aanii jiru. Haaluma kanaan, Magaalaa Bishooftuutti lammiileen buqqa’an 537 ta’an qubsiisuufi hojiitti galchuu har’a simannaan godhameeraafi. Sirna simannaa kanarratti Abba Gadaa Tuulamaa fi walitti qabaa gumii Abbootti gadaa Obbo Bayyanaa Sanbatoo akka jedhanitti Oromoota kanneeniin gara biyya Abbootii gadaa, Biyya Irreechaatti baga nagaan dhuftan jechuun, isin ijoollee keenya gara mana keessanii dhuftan waan ta’eef akka abbaafi haadhaatti isin bira dhabachuun isin gargaarra jedhan. Lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an qubsiisuufi hojiitti galchuuf hojjetamaa jira Yaa’ii idilee 7ffaa waggaa 3ffaa bara hoji 5ffaa Caffee Oromiyaa Guraandhala 30 hanga Bitooteessaa 1 gaggeeffama jedhamee ture yeroo hin murtoofneef darbarfamuusaa Waajjirri Caffee Oromiyaa hime. Yeroo gabaabaa keessattis guyyaan itti taa’amu kan beeksifamu ta’us ibse jira. Sadarkaa Itti-aanaa Itti-gaafatamaa Waajjira Caffeetti Daayreektara Dhimmoota Koominikeeshiiniifi Bulchiinsa Odeeffannoo Obbo Haabtaamuu Damisseerraa akka Caffeen yaa’ii idilee waamee ture darbarse Tarkaanfiin kontorobaandistoota saamicha albuudotarratti fudhatamaa jiru cime itti fufa jedhame Abbabaa Ejjetaatiin Naannoo Oromiyaatti tarkaanfiin kontorobaandistoota saamicha albuudotarratti bobba’anirratti fudhatamaa jiru cimee akka itti fufuBiiroon Bishaan Albuudaafi Inarjii Oromiyaa beeksise Hogganaan Biirichaa Obbo Asaffaa Dibaabaa akka himanitti, naannichatti karaa seeraan alaan dureeyyota maxxantoonniifi kiraasassaabdonni namoota fakkaattootasaanii waliin qindoominaan iddoo adda addaatti saamicha albuudaalee garaagaraarratti geggeeffamaa jiru, hambisuun karaa seeraafi haqa qabeessa ta’een misoomsuun ummanni bal’aan akka irraa fayyadamuu danda’u taasisuuf Ibsaa Xurunaatiin Naannoo Oromiyaatti ulaagaan qooddii galii gibiraa waggaa 20f utuu hin fooyya’iin turuun galii naannicharraa argamuu qabu walitti qabuuf akka isa rakkise .Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa ya’ii hoggansaa 3 ffaa galii tibbana magaalaa Adaamaatti taa’erratti beeksise Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Ahimad Tusaa sosochiin daldalaa naannichaa yeroo gara yerootti baay’achaafi akaakuuwwan daldalaa dabalaa jiru keessatti ulaagaan qooddii “Ulaagaan galii qooddii gibiraa galii naannichaa xiqqeesseera” Obbo Ahimad Tusaa gara fuula 14tti

Jijjiirama Oromiyaa hundagaleessaaf odeeffannoo sirrii! Oromiyaa... · hojjechuu qaba. Fuulawwan keessaatti Ayyaannifi Ayyaantuun . . . Harkifannaa Piroojektoota . . . ... Xiyyeeffannoon

Embed Size (px)

Citation preview

Biyya sirna federaalawaa walqixxummaafi fayyadamummaa ummatootaa haqa qabeessa ta’e mirkaneesse ijaaraa jirtu-Itoophiyaa!

Bara 23 Lakk. 19 Bitootessa 8 bara 2008 Gatiin qar. 1

OromiyaaJijjiirama

hundagaleessaaf odeeffannoo

sirrii!

Bara 25 Lakk. 17 Guraandhala 29 bara 2010 Gatiin qar. 2

Fuula 5 Fuula 9 Fuula 13

Akka dhugeeffannaa Waaqeffannaatti ayyaana jechuun waan waaqaan uumamee ummanni hundi safuu eegee waldanda’ee waliin jiraatu kan to’atudha

Qubattonni kunis yeroo ammaa kana hanqina bishaan dhugaatiin rakkoo hamaa keessa jiru.

Kanaaf, qabsoo kana gaggeessuufi milkaa’ina argame itti fufsiisuuf hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kutannoofi yeroo osoo itti hinkennin hojjechuu qaba.

Fuulawwan keessaatti

Harkifannaa Piroojektoota . . . Tarkaanfilee malaammaltummaafi . .Ayyaannifi Ayyaantuun . . .

gara fuula 14tti gara fuula 14tti

gara fuula 14tti

W.Dh.K.M.Magaalotaatiin

Lammiilee sababa Oromummaasaaniitiin qofaan naannoo Sumaalee Itoophiyaatii qe’eefi qabeenyaasaaniirraa buqqa’an qubsiisuufi hojiitti galchuuf hojjetamaa jira.. Lammii kunneeniif sirni samannaa magaalota Bishooftuufi Dukamitti godhamuufi bulchiinsi magaalota kunneenii beekisaniiru.

Lammiilee qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’an karaa waara’aan deebisanii dhaabuuf magaalota 12 keessatti manneen jireenyaa 7,806 ijaaruun kan eegalame yoo ta’u, manneen ijaaramuu eegalan keessaa 5260 yeroo ammaa xumuramanii tajaajilaaf qopha’aanii jiru.

Haaluma kanaan, Magaalaa Bishooftuutti lammiileen buqqa’an 537 ta’an qubsiisuufi hojiitti galchuu har’a simannaan godhameeraafi.

Sirna simannaa kanarratti Abba Gadaa Tuulamaa fi walitti qabaa gumii Abbootti gadaa Obbo Bayyanaa Sanbatoo akka jedhanitti Oromoota kanneeniin gara biyya Abbootii gadaa, Biyya Irreechaatti baga nagaan dhuftan jechuun, isin ijoollee keenya gara mana keessanii dhuftan waan ta’eef akka abbaafi haadhaatti isin bira dhabachuun isin gargaarra jedhan.

Lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an qubsiisuufi hojiitti galchuuf hojjetamaa jira

Yaa’ii idilee 7ffaa waggaa 3ffaa bara hoji 5ffaa Caffee Oromiyaa Guraandhala 30 hanga Bitooteessaa 1 gaggeeffama jedhamee ture yeroo hin murtoofneef darbarfamuusaa Waajjirri Caffee Oromiyaa hime. Yeroo gabaabaa keessattis guyyaan itti taa’amu kan beeksifamu ta’us ibse jira.

Sadarkaa Itti-aanaa Itti-gaafatamaa Waajjira Caffeetti Daayreektara Dhimmoota Koominikeeshiiniifi Bulchiinsa Odeeffannoo Obbo Haabtaamuu Damisseerraa akka

Caffeen yaa’ii idilee waamee ture

darbarse

Tarkaanfiin kontorobaandistoota saamicha albuudotarratti fudhatamaa

jiru cime itti fufa jedhameAbbabaa Ejjetaatiin

Naannoo Oromiyaatti tarkaanfiin kontorobaandistoota saamicha albuudotarratti bobba’anirratti fudhatamaa jiru cimee akka itti fufuBiiroon Bishaan Albuudaafi Inarjii Oromiyaa beeksise

Hogganaan Biirichaa Obbo Asaffaa Dibaabaa akka himanitti, naannichatti

karaa seeraan alaan dureeyyota maxxantoonniifi kiraasassaabdonni namoota fakkaattootasaanii waliin qindoominaan iddoo adda addaatti saamicha albuudaalee garaagaraarratti geggeeffamaa jiru, hambisuun karaa seeraafi haqa qabeessa ta’een misoomsuun ummanni bal’aan akka irraa fayyadamuu danda’u taasisuuf

Ibsaa Xurunaatiin

Naannoo Oromiyaatti ulaagaan qooddii galii gibiraa waggaa 20f utuu hin fooyya’iin turuun galii naannicharraa argamuu qabu walitti qabuuf akka isa rakkise .Abbaan Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa ya’ii hoggansaa 3ffaa galii tibbana magaalaa Adaamaatti taa’erratti beeksise

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Ahimad Tusaa sosochiin daldalaa naannichaa yeroo gara yerootti baay’achaafi akaakuuwwan daldalaa dabalaa jiru keessatti ulaagaan qooddii

“Ulaagaan galii qooddii gibiraa galii naannichaa xiqqeesseera”

Obbo Ahimad Tusaa

gara fuula 14tti

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 20102

Sirni federaalawaan heddummina keenyaan miidhage wabii haaromsa keenyaati!

Wayyeessaa Xibbiquu

Waa irraanfattuu? Yeroo tokko tokko irra deddeebitanii barreeffama sarara tokko dubbiftanii battalumatti irraanfattanii beektuu? Waan tokko yaadachuudhaaf

irraa deebitanii yaaddanii hin beektanii?Sababiin isaa hoo maali jettanii of gaafattanii beektuu? Oggeessonni waa’ee kanaa maal jedhu? Yoo rakkoon akkasii isin mudatee jira ta’e rakkinichaaf osoo gara furmaataatti hin seeniin dura maalummaa rakkinichaa beekuu barbachisa. Barruun kun ka’umsa, maalummaafi furmaatasaarratti qorannoo xiinsammuun mirka’aa irratti xiyyeeffata. Dubbisa gaarii!

Xiyyeeffannoo jechuun sammuun namaa yaada adda addaatiin qabamuun iddoo itti faffaca’ee ykn bittinaa’e keessaa butanii baasuun gara tokkotti qabuudhaan dhimma tokko qofaarratti akka qiyyaafatu gochuudha. Xiyyeeffannoon nama waantoota bay’eedhaan hatamuu danda’a. Dhalli namaa barumsaan, tapha hiriyoonni waliin taasisaaniin akkasumas wayita ofiin mari’atan xiyyeeffannoon nama iddoo tokko ta’u dhabuu danda’a. Kun ammoo sababoota garaa garaan umamuu danda’u. Dhimma kanarratti sababoota ka’umsaasaafi mallatoowwansaa oggeessonni akkas jedhu.

- Mukaa’uu/depression/: Mallattoowwan xiyyeeffannoo dhabuu isa jalqabaafi isa hangafa jedhamuun beekama. Mukaa’uun kan dhufu haala keessa jiraniif xiyyeeffannoo kennuu dhabuudhaani. Haala amma keessa jiran keessa bahanii haala kaleessa isaan mudate duubatti deebi’uun yaadu. Kun ammoo xiyyeeffannoosaanii yeroo ammaa jalaa hata.

- Hirriba gahaa dhabuu: Dhalli namaa guyyaatti hirriba gahaa yoo argachuu baate nama sana irra mallattoo dafee dafee dallanuu, hirriba hirriba jechiisuufi xiyyeeffannoo dhabuutu irraa mul’ata. Hirribni ammoo sammuun namaa sirnaan akka hojjatuuf meeshaa gargaarudha.

- Dhiphina: Sammuun dhala namaa akka kumpuutaraa banamaati. Appilikeeshenoota banaman yoo cufuu baanne hundisaanii walfaana hojjatu. Kun ammoo saffisa kumpuutaraa dhiibbaa uuma. Sammuun namaas yaadota adda addaa keessumeessuuf yeroo hunda banamaadha. Yaadni baayyeen gara sammuu keenya yeroo tokko yoo seenan samuun keenya hariitiifi dammaqaa akka hin taane taasisa. Kunis xiyyeeffannoo keenyarratti dhiibbaa uuma.

- Dhugaatii alkoolii: Dhugaatiin alkooliifi waantoonni sammuu namaa adoochan, akkasumas ajaja oggeessota fayyaa malee daawwaaleen fudhataman amala hojii sammuu dadhabsiisuu danda’u qabu. Fayyaa namaarrattillee dhiibbaa uumuun xiyyeeffannoo namaa balleessu.

- Haalawwan ykn hojjiirratti fedhii dhabuu: Dhalli namaa kan hin jaalanneefi hin barbaanne hojiis ta’ee barumsa yoo kennaniif xiyyeeffannootu itti hir’ate jedhu. Akkuma fedhettuu ta’ee of mo’atanii iddoosanatti argmuuf yaalanis yaada saanii iddoo tokkotti sasabuuf ni rakkatu.

Sababoonni furmaataa armaan olitti ibsaman kunneen kutaaleen sammuu namaa akka hin jeeqamne xiyyeeffannoo gochuun kan nu dandeessisan keessaa isaan muraasadha. Rakkoon xiyyeeffannoo dhabuu akkuma rakkoowwaan sammuu biroo yaaliifi shaakalaan fooyya’uu danda’a. Kanaaf ammoo maalgochuu akka qabnu qorattoonni damee kanaa qabxiilee armaan gadii kana kaa’aniiru.

· Callisaanii yaaduu (meditation): Gochi kun kaayyoowwan garagaraa ittiin raawwachuuf kan oolu ta’us, xiyyeeffannoo sassaabuufis ni fayyada. Kunis bakka jeequmsa hin qabne filachuun, teessuma qaamaaf mijatu irraa taa’uu, huccuu bal’aa miiraa dhiphina namatti hin dhageessisne uffachuufi qilleensa gara keessaafi alaatti fudhachuun waanta tokko qofaarraatti xiyyeeffachuuf yaaluudha.

· Waantoota nu jeeqanrraa fagaachuu:

- Kanneen akka TV, miidiyaalee hawaasaafi kanneen kana fakkaatan irraa fagaachuu,

- Boqonnaa fudhachuufi hirriba ga’aa rafuu,

- Alkooliif waantoota sammuu namaa hadoochan fayyadamuu dhiisuu fa’adha.

· Hojii keenyarratti xiyyeeffachuu: Hojii akkamiin akka hojjannuu karooraa baafachuu ykn hojii jaalannu hojjechuuf yaaluu,

· Boqannaa fudhachuu: Hojii itti fufinsaan hojjataman gidduuti sagantaa boqonnaa qabaachuu fknf; hojii daqiiqaa 25 gidduutti daqiiqaa 5 boqonna fudhachuu.

· Bashannanuu: kanneen akka muuziqaa, kilaasikaalii muziqaafi faarfannaafi k.k.f dhaggeeffachuun miiroota keenya kakasuu.

Kana hunda rawwachuun xiyyeefannoo gochuu yoo hin dandeenye, rakkoo cimaatu jira waan ta’eef oggeessa fayyaa gorfamuun barbaachisa.

Madda: Ministeera Saayinsiifi Tekinooloojii Federaatti, Wiirtu Odeeffannoofi tekinooloojii

Xiyyeeffannoo dhabuufi furmaatasaa

Wayyeessaa Xibbiquun

Kolleejiin poolisii Oromiyaa kaadhimamtoota qondaaltota poolisii yeroo jalqabaaf sadarkaa dipiloomaan, qorattoota yakkaa dubartootaafi konkolaachistoota leenjisaa ture tibbana eebisiise.

Pirezedaantii Itti Aanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Umar Huseen waltajjii eebbaa kanarratti haasaa taasisaniin miseensota Poolisii naannichaa gahumsaafi qulqullinaan ergama itti kenname bahachuu danda’an bay’inaan horachuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhanii.

Hawaasa haqa isaa dhabee miidhamaa jiru cinaa dhaabachuun nageenyaafi haqasaa aantummaan tiksuun yaboo dachaan sinitti kenname ta’uu beektanii dammaqinaan tajaajiluun sinirraa eegama jedhaniiru.

leenjii Saayinsii poolisii idileen argattan cinaatti dabalataan leenjii kanarraa barnnoonni isin argatan kun haala yakka walxaxaa yeroodhaa gara yerootti isin mudatu furuuf akka galaatti sin gargaara jedhaniiru .

kanaafis leenjii argattan kanatti kutannoofi quuqama ummatummaa qabdan itti dabaluun fedhii keessan dursisiisuu dhiisuun kan uummata dursuun hawaasa tajaajiluun sinirraa eegama jedhaniiru.

Daaraktarri itti aanaan Kolleejichaa gargaaraa Komishiinaraa Taammiraat Dhaabaa akka dubbatanitti Kolleejjichi poolisoota naamusa gaariifi gahumsa qaban baay’inaan horachuuf hojjechaa jira.

Humna raawwachiisummaa cimsachuufis leenjiiwwan adda addaa ogummaa poolisii gahoomsan kennamaa tureera ammas itti jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan Kolleejjichi kaadhimamtoota qondaalaa sagantaa Saayinsii poolisiitiin waggaa lammaaf leenjisaa ture yeroo jalqabaatiif dhiira 103fi dhalaa 9 waliigala 112 dippiloomaan, akkasumas qajeelchoota poolisii Godinaaleefi bulchiinsa magaalotaarraa qorattoota yakka dubartootaafi daa’immanirratti raawwatamu qoratan 107fi konkolaachitoota kanaan dura heyyama

konkolaachistummaa qaban miseensoota poolisii keessaa filataman dhira 154fi dubartii 1 ji’a lamaaf leenji’an eebisiisuusaanii himaniiru.

Komishiinerri jeneraalaa Komishiinii poolisii Oromiyaa Malaakuu Fantaa poolisiin rakkoo nageenyaa yeroodhaa gara yerootti mudatu kutannoodhaan fuldura dhabbatee wareegama kaffaluun nageenya naannichaa eegsisuun aantummaa ummatummaaf qabu qabatamaan agarsiisaa jira.

Hojii hojjechaa jiruunis ummata biratti amantaafi fudhatama argateera jedhan.

Kanarraa ka’uudhaanis ummatichi poolisiin Oromiyaa gaachana keenya jechuun waltajjiirratti beekamtii kennuu eegaleeraa jedhan.

Aantummaa ummatummaa kana gara fuuladuraattis kan yeroo kamiinuu caalaa nageenya eegsisuuf ummata waliin ta’uun kan hojjatu ta’uu Komishiinara jeneraalaa Malaakuun himaniiru.

Kolleejjichi poolisoota gahumsaaf naamusa qaban horachuuf hojjachaan jira jedhe

Kallacha OromiyaaGuraandhala 29 bara 2010 3

Sirni federaalawaan keenya bu’uura walqixxummaa, waldanda’uufi haaromsa keenyaati!

Dubbii Ijoo Ajandaa Fuulli kun dhimmoota siyaas–dinagdeefi hawaasummaarratti dubbistoonni yaada bilisaa isaanii kan itti kennanidha. Fuula

kanarratti dhimmoonni bahan ejjennoo qophii Gaazeexaa keenyaa miti

Bara 1986 hundeeffame Torbanitti al tokko guyyaa Kamisaa,

Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin maxxanfama

B/B Qindeessaa Gulaalaafi Qopheessaa Olaanaa Addunyaa HayiluuGulaalaafi QopheessaaOlaanaa Damee Mulaatuu Bil. 0115541807

Leyi’aawutiifi Dizaayinii Yewubnesh Kabbadaa Taaddalach Zarihun

Hordoffii To’annaa Raabsaafi Gurgurtaa Warqituu Ijjiguu Beeksisa Daraartuu Beekumaa

Faak

sii 0

11-5

54-1

8-14

Lakk.saan.pos.8741 E-mail [email protected] Website:http://www.oromiacom.gov.et Face Book:kellecha Oromiya Finfinnee Oromiyaa

Ji’oota muraasa dura koreen hojii raawwachiiftuu Adda Dimookiraatawaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa guyyoota kudha torbaaf walgahii taa’een haala qabatamaa biyyattiin amma keessa jirtu gamaaggameera. Akaakuuwwan rakkoolee biyyattii mudatanii, ka’umsaafi sadarkaa irratti argaman xiinxaleera. Kallattiiwwan furmaataas akeekeera. Qabeentaa marii guyyoota baayyee fudhate kanarrattis geggeessitoonni paartilee biyyaalessaa miseensota ADWUI arfan ibsa kennuudhaan iftooma uumaniiru.

Rakkoowwan gamaaggamichaan adda baafaman keessaas: bulchiinsi gaariiniifi olaantummaan seeraa akkaataa barbaadameen mirkanaa’uu dhabuun, siyaas- dinagdeen kiraa sassaabdummaa babal’achaa dhufuun, Heerri biyyattii kabajamuu mirgoota namoomaafi dimookiraasiitiif iddoo guddaa kennuyyuu, hojiirra oolchuurratti hanqinni bal’aan jiraachuun, guddina dinagdee biyyattii keessatti galmaa’aa dhuferraa walqixa fayyadamaa ta’uu dhabuun, caasaa sirna federaalaa jiru keessatti hirmaachisummaan haqa qabeessiifi madaalawina qabu mirkanaa’uu dhabuun, aangoo ummataa badhaadhinaafi fedhii dhuunfaatiif seeraan ala fayyadamuun haala salphaa hin taaneen mul’achuun, kanaanis gochaaleen duudhaalee waliin jireenyaa ummatoota biyyattii faallessan mumul’achuu jalqabuun, daldalli kontorobaandii babal’achuun, heerri biyyattii sirni paartii hedduu akka dagaagu kan hayyamuufi gabbachuu sirna dimookiraasii biyyattiif barbaachisaa ta’uu kaa’us hirmaachisummaan siyaasaa jiru hanqina guddaa kan qabu ta’uun, ilaalchonniifi gochoonni farra dimookiraasii jiraachuuniifi kanneen kana fakkaatan xuqamuu kan danda’anidha.

Rakkooleen kunneen ummanni bulchiisa mootummaarratti amantaan qabu akka hir’atu, komiin ummataa akka heddummaatu, itti quufinsi lammiilee akka xiqqaatu godheera. Keessumattuu humna haaraa oomishaa ta’e, dargaggoof sadarkaa barbaadamuun carraa hojii uumuu dhabuuniifi hojii dhabdummaan yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun humna kana biratti abdii kutannaa uumuun darbee darbee jeequmsatti isa yommuu oofu argameera.

Asirratti rakkoolee olitti xuqamanis ta’an kanneen hin xuqamiin hedduu furuuf mootummaan tattaaffii guddaa gochaa tureera, gochaas jira. Rakkooleen baroota dheeraaf gangalataa as ga’an kanneen garuu al takkaan furuunis hin danda’amu. Yeroo fudhachuu, tooftaafi tarsiimoo cimaas kan gaafatan ni jiru. Kanaaf qaamni hawaasaa deebii barbaadu hundi kana hubachuufi qaama furmaataas taasisee of ilaaluutuu irraa eegama.

Rakkooleen har’a biyyattii mudatan hundi furamuu kan danda’an hunda dura nagaafi tasgabbiin ummataa yoo jiraatedha. Nageenyi hin jiru taanaan guddinni hin jiru. Gara fuul duraatti tarkaanfachuun hin yaadamu. Bakka yaaddoon nageenya jirutti lammiileen nagaan ba’anii galuu hojjetanii jiraachuu hin danda’an. Kanaaf yeroo kamiyyuu caalaa biyya kanatti mootummaafi ummanni nageenya biyyattii mirkaneessuudhaaf waliigalanii hojjechuu qabu. Nageenyi amansiisaan mirkanaa’uu yoo baate rakkoolee turan daranuu hammeesssa. Rakkoon caalu akka dhalatus godha. Dhooqinsa hawaasummaa sirnoota darban keessa biyyi kun addunyaa biratti ittiin beekamtutuu deebi’a.

Kun akka hin taane rakkoolee biyyattiis ta’e addatti akka naannoo Oromiyaatti mudatanii jiraniif furmaata sirrii barbaaduun dhimma booriif bulu miti. Rakkoofi furmaannis sirriitti walarguufi gaaffii lammiileef dhugumaan fala kan ta’u ta’uu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas gaaffiifi komoo ummataa dhaggeeffachuun deebii kennuuf akkuma kanaan dura ammas cimee hojjeta.

Pirezidaantiin bulchiisa mootummaa naannoo Oromiyaa xumura walgahii koree hojii raawwachiiftuu ADWUItii booda ibsa kennaniin “Har’a guyyaa guyyaatti namni harka keenyarratti du’aa ooluti jira, biyyi keenya haala yaachisaa keessa jirti” erga jedhanii booda qaamni hunduu biyyattii fayyisuuf miira itti gaafatamummaatiin hojjechuu akka qabu eeran. Giddugaleessi waan hundaa nageenya lammiileeti. Lubbuun nama kamiiyyuu akka laayyootti darbuu hin qabu. Kaayyoofi galmi sochii kamiiyyuu birmaduu lammiileetiif ta’uu qaba. Heerri Mootummaa Federaalawaa Dimookiraatawaa Rippaabilika Itoophiyaas namni kamiyyuu murtii malee lubbuusaa dhabuu akka hin dhabneefi mirgi namaa haala kamuu keessatti tikfamaa akka ta’e ifatti tumuunsaa kaayyoo kana galmaan ga’uufi. Kanaaf hunduu Heera kana kabajuudhaan karaa nagaatiin nageenya mirkaneessuuf gaheesaa bahuu qaba.

Olaantummaa Heeraa kabajuufi kabachiisuuf

hunduu gaheesaa bahuu qaba!

Rakkoon ummata keenyaa waan waggoottan dhiyoo as dhufe otoo hin taane, rakkoo rakkoo waggaa 100 oliiti. Waggoottan 26 daraban kana keessattillee bifa geeddaratee biyya kana keessatti itti fufee jira. Rakkoon kun hacuuccaawwan hedduu gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin akkasumas siyaasaatiin nu miidheera. Kanaaf qabsoo keessa jirra. Qabsoo Oromoon amma geggeessa jirru ammoo qabsoo haqaati. Qabsoo olaantummaan seeraa nuu haa mirkanaa’uuti. Sirna federaalawaa keessatti gahee madaalawaa haa jiraatudha. Diinagdee biyyaarraas hirmaannaa haqa qabeessa ta’e ha qooddannudha. Ummanni Oromoo mirgoota heeraan gonfate osoo jalaa hin qunxuramin hojiirra haa ooluufidha qabsoon keenya.Kun bu’uura qabsoo Oromoon geggeesseefi geggeessaa jiru isa olaanaadha.

Hoggansi Oromoo qabsoo ummanni Oromoofi qeerroo Oromoo eegalan kana hogganuuf imaanaa fudhatanii geeggeessuurratti argamanis qabsoo kana keessatti gahee hoggansaa ciminaan bahataa jiru. Fedhii ummata Oromoofi fedhii ummata biyya kanaa guutuuf Hoggansi Oromoo ittigaafatamummaa guddaa kana fudhatanii qabsootti seenaan kun humnoota gocha kana raawwatan faana kokkee walqabuurratti argamu. Qabsichi ammoo qabsoo xaxaa baayyee qabuudha.

Hoggansi haaromsaa qabsoo kana milkoomsuu kan dandaa’u, yoo abbaa dhimmichaa kan ta’e ummaticha hirmaachise qofaa ta’uu hubachuun ummaticha faana tokkoomee jira. Laphee dargaggoo Oromoofi ummaticha seenuunis gaaffii ummatichaa mirgaafi seera cabe iddootti deebisuu, dimookiraasii dhugaan akka dagaagu, mirgi namoomaa biyyattiitti akka kabajamu gochuu, hawwii ummanni keenyaas ta’e saabaafi sablammoonni biyyattii barbaadu galamaan gahuuf walumaa galatti Heerri biyyattii guutummaa guutuutti akka kabajamuuf qabsoo qeerroo Oromoofi hawaasichaa hogganaa jira.

Hoggansa haaromsaa kun naannoo Oromoo qofaaf itti gaafatamummaa kan fudhate miti. Ummattoota naannoo biraa wajjin shiraafi xaxaa ummatoota cunqurfamoorrattillee raawwatamaa jiru sirreessuun biyyattii kana tarkaanfachiisuudha. Kanaafuu galmi guddaan Oromoon barbaadu waliisaan tokkoomee sabaafi sablammoota biyyattii hunda faanallee tokkummasaa kana cimsachuudha.

Haala kanaan qabsoon kun humnoota kana faana Kokkee walqabuun sadarkaa amma irra gahee jiru kanarra gahameera. Kana booda waanni kun waan boodatti deebi’u miti. Kanaaf akka walii galatti qabsoon taasifamaa dhufe deemee galama gahuu gaheera. Haa ta’u malee ammas waan baayyeetu hafa. Kana keessatti gufuun qabsoo Oromoo baayyee ta’uunis hubachuutu barbaachisa.

Qabsoo Oromoon eegale kana gufachiisuuf ammallee shira hedduutu xaxamaa jira. Tooftaa hedduus fayyadamuun guyyaa guyyaan ajandaan uumamaa jiru danuudha. Qabsoo sadarkaa kanarra gahe galmaan gahuun ceesisuuf ammoo bilchina cimaan socha’uu gaafata. Qabsoon kana booda geggeeffamu miiraan ta’uu hin qabu. Qabsoo aarsaa guddaa itti kaffalamee asirraan gahame boodatti akka hin deebineef walhubannaafi waldhageettii cimaa barbaada.

Gama biroon qabsoon amma geggeessaa jirru akka galama hin geenyeef Oromoon akka waan biyya bulchuu hin dandeenye gochuunf naannummaadhaan qooduu, walirratti kakaasuu, amantiidhaan tokkummaasaa diiguu hedduutu hojjetamaa oola. Ajandaa bocuun dargaggoon Oromoo kaayyoosaa akka dagatu waa mara xaxamaa jira. Qeerroon Oromoo Ajandaa diinaa beekuunis barbaachisaadha. Walumaa galatti, haalli amma keessa jirru hammaataa ta’us, fuuldurri biyya kanaa ifadha, waangaariitu mul’ata. Kanaaf qabsoo kana injifachuuf ilaafi ilaameen waldhagahuufi bilchanaan geggeeffamuun barbaachisaadha. Horaa Bulaa!

Daani’el Gammadaa Maqiirraa

Qabsoon keenya kan galama gahu yoo bilchinaaan

geggeeffamedha!

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 20104

Saboonni, sablammoonniifi ummatoonni misoomaafi nageenya biyyasaaniif wabiidha!

Beeksisa

ArsiiObbo Nugusee Kaasaa waraqaan qabiyyee Lafaa (Kaartaa) harka isaanii jiru Lakk.Kaartaa isaa 3130 ta’e ganda Araadaa(09) keessatti ball’ina iddoo 215M2 irratti argamu Lakk.Iddoo--- tajaajila iddoo mana jireenyaa kan ta’e sadarkaa iddoo 1ffaa dheerina Gamoo--- kan ta’e waan jalaa badeef kan biraa bakka bu’ee akka naaf kennamu jedhanii iyyataniiru.haaluma kanaan faayila isaanii keessa dhoorki kamiyyuu kan hin jirre waan ta’eef beeksifni kun bahee guyyaa 30qilleensarraa edda oolee mormiin yoo hin jiraanne kaartaa kan biraa bakka buufinee kan kenninuuf ta’uu ni beeksifna.EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Shaashamannee.

Obbo Tasfaahuun Muluu waraqaan qabiyyee Lafaa (Kaartaa) harka isaanii jiru Lakk.Kaartaa isaa 2391 ta’e ganda Aleeluu keessatti ball’ina iddoo 300M2 irratti argamu Lakk.Iddoo10/20 tajaajila iddoo mana jireenyaa kan ta’e sadarkaa iddoo 2ffaa dheerina Gamoo G+0 kan ta’e waan jalaa badeef kan biraa bakka bu’ee akka naaf kennamu jedhanii iyyataniiru.haaluma kanaan faayila isaanii keessa dhoorki kamiyyuu kan hin jirre waan ta’eef beeksifni kun bahee guyyaa 30qilleensarraa edda oolee mormiin yoo hin jiraanne kaartaa kan biraa bakka buufinee kan kenninuuf ta’uu ni beeksifna.EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Shaashamannee.

Waldaa Shariikummaa Ijaarsa Daandii Baadiyaa Maku’aanintii Abuubakariifi Hiriyootaa isaaniitiifBakka JiranittiHimattuun Aadde Birhaanee Tafarraa fi himatamtoota isin jidduu falmii waliigaltee jiru ilaalchisee himatamttoonni himaatamuu keessan beektanii beellama gaafa 14/7/2010 dhiyaatanii deebii barreeffamaa akka dhiyeeffattan manni murtii ajajeera.M/M/Ol/Go/Arsii.

Obbo Tsaggaayee Seefuu jiraataa Magaalaa Arsii Nageellee ganda Malikaa Shaayitti keessa kan ta’an warqaa ragaa abbaa qabeenyumaa lafaa Lakk. isaa 4281/2000 ta’een galmaa’ee naaf kenname waan na jalaa badeef kan biraa bakka bu’ee naaf haa kennamu jedhanii iyyataniiru. Kanaafuu kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti akka dhiyaatu beeksisaa, edda guyyaan isaa darbee boodaa ragaan kun argamullee tajaajila kan hin kennine ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Ar/Nageellee.

Mana Amantii Prootestaantii Magaalaa Asallaa ganda 13 keessatti iddoo mana jireenyaa mirkinaa’eef qaban waraqaan ragaa abbaa qabeenyummaa Lakk. Kaartaa isaa 9196/37/85 ta’een galmaa’e kennameef waan nu jalaa badeef kan biraa akka nuuf kennamu jechuudhaan nu gaafataniiru.Kanaafuu namni ragaa kana arge ykn sababaa adda addaatiin qabadheera jedhu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee irraa kaasee guyyaa 20keessatti yoo dhiyaachuu baate ragaa abbaa qabiyyee kan biraa kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Magaalaa Asallaa.

Aadde Abarraash AsaffaatiifBakka JiranittiHimattuun Aadde Tigisti Asaffaa fi himatamtuun isin jidduu falmii qoodinsaa dhaalaa jiru ilaalchisee

himatamtuun himaatamuu ishee beektee baallama gaafa 03/07/2010 sa’aatii 3:00irratti dhiyyatee akka falmatu,yoo dhiyaachuu baate falmiin bakka isin hin jirretti kan itti fufuu ta’uu manni murtii ajajeera.M/M/A/Magaalaa Asallaa.

Obbo Yooseef Amaanu’eeliitiifAadde Tiyyintii BalaayiitiifBakka Jiranitti Raawwiin Himataa Geetuu Zawudeetiifi Raawwiin Himatamtoota isin jidduu falmii murtii raawwachiisaa jiruuf isin himatamtoonni akkaataa murtiitiin raawwattanii ykn sababa hin raawwanneef yoo qabaattan baallama gaafa 11/07/2010 dhiyaattanii akka ibsitan manni murtii ajajeera. M/M/Ol/Go/Arsii.

CaalbaasiiM/A/Mirgaa Obbo Jamaal Bashiir fa’aa N-4 fi M/A/Idaa Aadde Zaaraa She/Ahimad jidduu falmii waa’ee dhaalaa jiru ilaalchisee mana jireenyaa Magaalaa Diksiis ganda 01 keessatti maqaa obbo Bashiir Abdootiin galmaa’ee argamu ka’umsaa caalbaasii qar. 85,000tiin gaafa 30/07/2010 sa’aatii 3:00 ---6:00tti bakka qabeenyichi argamutti akka gurguramu Manni Murtii Olaanaa Godina Arsii waan ajajeef namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan qaamaan dhiyaattanii bitachuu kan dandeessan ta’uu ni beeksifna. M/M/O/G/Arsii.

BaaleeAadde Aliyaa Muhaammad Abduljaliil waraqaa abbaa Qabeenyummaa Lakk.Kaartaa isaa 1644/2004 ta’e maqaa isaaniitiin Magaalaa Roobee ganda Caffee Donsaa keessatti argamu na jalaa bade jedhanii iyyataniiru.kanaafuu qaamni nagahee kana arge ykn sababa adda addaatiin qabadheera kan jedhu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti WMML/Magaalaa Roobeetti akka beeksiftan, kana yoo hin taane ragaa biraa kan kennamuuf ta’uu ibsaa,beeksifni kun bahee yeroo jedhame keessatti yoo hin dhiyaatiin ragaan kun argamus kan hin tajaajille ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Roobee.

Aadde Ayinaalam H/Giyoorgiis mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 379M2 ta’e Obbo Jamaal Hasan Maammaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo Abdurahnaan Muhaammadiifi Aadde Ruuqiyaa Ibraahim mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 594M2 ta’e Obbo Muhaammad Ibraahimitti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo Molaa W/Aragaay mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Alii ganda 01 keessa qaban Obbo Dabalaa Yirgaa Ganamootti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Alii.

Aadde Warqinesh Dafaraa Gaaradoo mana daldalaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Alii ganda 01 keessa qaban Obbo Asfaawu Lammaa Mindaayeetti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormuu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Alii

Obbo Yaaleewu Tadilaa G/Madiihin mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 200M2 ta’e Obbo Mokonnin Geetaacheewutti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Aadde Baajabaa Ayyalaa G/Sillaasee mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 350M2 ta’e Obbo Indaashaawu Tarrafaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo Kadiir Muhaammad Abdullaahii mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 517M2 ta’e Obbo Ahimad Abdallaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo Bahaaruu Guddataa,Mandariin Bahaaruu fi Leencoo Bahaaruu mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 608M2 ta’e Obbo Aliyyii Ibraahimitti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo Salamoon Xaasowu W/Masqal mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 200M2 ta’e Aadde Tsadeey Mazmuuritti gurguradheera waan jedhaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo Muhaammad Bayyanaa Gabree Bakka Bu’aa Aadde Araggaash Mulaatuu Fayyisaa kan ta’an mana daldalaa Maqaa Aadde Araggaash Mulaatuu Fayyisaatiin Magaalaa Maliyyuu Burqaa keessatti galmaa’ee jiru ball’inni isaa 945M2 ta’e Obbo Abdurrahmaan Bayyanaa Gabreetti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin gurgurtaan manaa kan hayyamamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Burqaa.

Aadde Tsiggee Daffaraa kan ta’an mana jireenyaa maqaa isaaniitiin jiru Magaalaa Maliyyuu Burqaa ganda 01 keessatti ball’inni lafaa isaa 400M2 ta’e irratti galmaa’ee jiru Obbo Dachaasaa Dameetti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin gurgurtaan manaa kan hayyamamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Burqaa.

Kallacha OromiyaaGuraandhala 29 bara 2010 5

Haaromsa gadi fageenyaa eegalleen injifannoowwan sirnichi argamsiise sadarkaa olaanaatti ni ceesifna!

Abbabaa Ejjetaa

Ummata Oromoo amantii Waaqeffannaa hordofan biratti ayyaanniifi ayyaantuun ulfinaafi kabaja, akkasumas hiikaa garaagaraa qabu. Kabajaafi hiikkaa, akkasumas faayidaa isaan kennanis akkasuma.

Dhimma kanarratti odeeffannoo Kitaaba Ilaalcha Oromoo jedhu barreessaa Dirribii Damusee Bokkuun bara 2012 maxxanfamerraa arganne haala itti aanu kanaan qindeessineerraa; dubbisa gaarii.

Ayyaana:- Ayyaana jechuun waan hedduudha. Isaanis: guyyaadha, carraafi milkii fa’i.

Akka dhugeeffannaa Waaqeffannaatti ayyaana jechuun waan waaqaan uumamee ummanni hundi safuu eegee waldanda’ee waliin jiraatu kan to’atudha. Namni ayyaana qaba jechuunis eegduu kan isa tiksu qaba jechuudha. Karaa biraa ayyaanni waaqayyoo isarraa hin fagaatu isa waliin jira jechuudha.

Tulluun, malkaan, burqaan, mukni jiidhaafi uumamni biroon ayyaana qabu. Nama cubbame muka goggogaafi waan du’e yookiin lubbuu hin qabnerraa ayyaanni ni godaana jedha Oromoon.

Ayyaanni tokko tokko wanna addaa hordofa. Fakkeenyaaf maaram ayyaana hormaataati. Maaram akka waaqaa hin uumtu, isa uumame seeraan eegdee guddifti malee. Kanaaf, dubartiin waaqeffattuun dhala barbaadde tokko “yaa waaqi mucaa naaf kenni” jettee kadhatti malee maaram akka isheef kennitu hin kadhattu. Haata’u malee waan hawwite kana Waaqayyo dhaga’eefii mucaa yeroo ulfooftu milkiin kun fiixaan akka bahuuf waaqa ishee kan kadhattuun cinaatti “yaa maaram na eegi yeroo ulfaa kana keessa na dabarsi nagaadhaan na hiiki, mucaa kiyya waliin nagaa koo naa tiksi! Jettee kadhatti.

Maaram Waaqa miti. Garuu ayyaana hormaata to’attu taatee waan waaqaan eebbifamteef kabaja qabdi. Adeemsa keessa garuu namoonni Maaram Waaqeffataafi Maaramii warra Kiristaanaa yookiin Musiliimaa waliin namoonni walfakkeessan hedduu akka ta’e odeeffannoon kitaaba arganne ni ibsa.

Maqaafi hojiin isaanis hanga tokko walitti dhiyeenya ni qaba. Garuummoo adda addummaa guddaa qabu. Warri Kiristaanaa Maaramiin osoo durbummaan jirtuu Waaqayyo afuuraan akka isheen ulfooftu erga godheen booda Yooseefiin ishee hin shakkiin fuudhi jedhee itti himuun akka ishee fuudhu godhe jedhu. Da’umsa booda deebitee durba ta’uusheefis dhugaa bahuuf faaruu hedduu faarfatu.

Waaqeffannaa biratti waa’een Maaram saalqunnamtii waliin walitti qabsiifamee hin yaadamus, hin dubbatamus. Maaram durbummaa qabdi, hin qabdu hin jedhamu, kun safuu akka ta’e barreeffama kana keessatti ibsameera.

Maaram ayyaana, ayyaanni ammoo dubra. Durbi dubartiidha. Waaqni ni uuma malee hin ulfeessu, hin ulfaa’us. kanaaf waaqayyo ni ulfeessa jechuun safuudha.

Ayyaannifi Ayyaantuun Waaqeffattoota biratti akkamiin laalamu?

Ayyaantuun namoota

safuu Waaqaafi

lafaa beekan, warra obsa qabeeyyii,

warra kadhatanii waaqarraa

argatan,

Dhimma kanarratti barreessaa Reevid Bartilees akkaataa Oromoon Maaram itti ilaalu barreessuusaas barreessaa Dirribiin Kitaabasaa kana keessatti kaaseera.

Ayyaantuu:- ayyaantuun hiika hedduu qaba. Innis waan milkii qabu jechuudha. Namni waan hojjeteen yoo milkaa’u ayyaantome jedhamee fudhatama. Ayyaantuun Waaqeffannaa duriitis. Akkasumas Tulluun, Burqaan, mukeeniifi kan biroo ni jiru. Fakkeenyaaf Tulluu nam-durii, Burqaa Walaabuu, Odaa Nabeenfaan amantoota Waaqeffannaa biratti ayyaantuudha jedhamu.

Baroota dhiyoo keessa dogoggoraan ayyaantuun qaalluu jedhamee fudhatamaa jira. Adeemsa keessa dogoggoraan maqaan

kun walmake malee ayyaantuufi qaalluun tokko miti.

Ayyaantuun namoota safuu Waaqaafi lafaa beekan, warra obsa qabeeyyii, warra kadhatanii waaqarraa argatan, warra laguu eeggatan, warra yeroo ofii amantiidhaa kennan, warra urjii lakkaa’an ykn dhaha laalanii himan, warra milkii qaban, warra yeroo eebbisan Waaqayyo dhagahuufi kan kana fakkaatan warra ta’anidha.

Waaqeffataan Ayyaantuu malee qaalluu fagu hin beeku. Akka warri Qaalluus ta’ee ormi jedhanitti Qaalluun fagu bara 1800 booda naannoo warra Jijoo Gabataatti eegalamuusaa dhugaa kan bahan ta’uu Kitaaba kana keessatti ibsameera.

Kanarraa ka’uudhaanis umriin Qaalluun seenaa Oromoo keessatti diroo/dhaloota/ afur kan hin dabarra ta’uu himama.

Booranni ammoo Qaalluun Mootiidha jedheeti akka sanyii mootii warra aangoo dhaalaan walii dabarsuutti isaan fudhata malee ifa baasee hiikaa Qaalluu kennuurratti afaan keessa qabatu.

Bakka tokkotti Qaalluun mootiidha yoo jedhu bakka biraatti ammoo ija tuffiitiin Qaalluun gargaartuu Gadaa akka ta’e dubbatu.

Qaalluu faguun (qaracoon) maqaafi amala orma biraa gara ummata Oromoo dhufedha malee Waaqeffataan Maccaafi Tuulama keessatti ani Ayyaantuudha jedha malee ani Qaalluudha ofiin hin jedhu. Kan eenyummaa ofii himachuu danda’u ammoo abbaadha.

Akkaataa itti Qaalluun fagu orma(hamba) irraa gara Waaqeffattoota Oromoo dhufuusaa akkasiin ragaa baha.

Warri amma Qaalluun nutti dhalate jedhee fagu ayyaantuu Oromoo miti. Ayyaantuun Oromoo hin fagu. Warri amma ayyaanni natti dhalate jechaa fagaa jiran kun kan dhufe Qaalluun kun kan dhufe erga Oromoon Maccaa intala hambaa fuudheen booda. Ayyaanni Waaqarraa dhufe malee namarraa namatti hin darbu. Ayyaanni namatti hin dhalatu jedhu. Intalattiin ammoo Waaqeffattoota Oromoon ala bara ammaayyuu Ayyaantuun Booranaa hin fagu.

Ayyaantuun guyyaa jimaataa alatti ibidda bobeessaa bulee Waaqa kadhatee urjii ilaalee dhaha(kalaandera) qopheessa. Guyyaa Tulluu ykn Malkaatti qalamus hima.

Sagantaafi sirni Gadaa ittiin gaggeeffamuufi ogganamu qopheessa. Aadaan marti akka eeggamu gorsa, ofiifis waan lagatamuu qaburraa ni lagata.

Meeshaa waraanaa hin tuqu, lubbuu hin baasu(hin qalu), mana namaa hin seenu, meeshaa ormaatti hin nyaatu, hin dhugus, yoo haasa’us suuta dubbata, hin mufatu, nama hin ifatu, hin machaa’u.

Ayyaantuun nama dhimma amantii sirriitti hordofu seeraafi sirna Waaqeffannaa beeku; nama waan lagatamuu malan eeggatuufi lagatu; nama waaqayyo mul’ata itti mul’isu himatee himudha. Akkasumas Ayyaantuun hin sobu, hin hatu, hin loogu, afaaniin hamaa hin dubbatu, dhugaa Waaqaa dubbata malee nama safuu cabse gorsee, Waaqaafi namatti araarsa.

Akka kaayyootti Ayyaantuun waan gurguddoo lama hojjeta.

Isaanis: Tokkoffaa dhugaan Waaqaa aadaafi safuun akka hin banneefi hin maqne eega ykn tiksa. Karaa sirriis nama barsiisa.

Dhaha eeggatee aduu, urjii, addeessa ykn baatii laalee guyyaa ayyaanni kabajamuu malu murteessa. Akkanumas akkaataa itti Ayyaanni adda addaa ayyaaneffamuufi bakka itti ayyaaneffamuu malu hima.

Horiin ayyaanaaf qalamu guutuu ta’uusaa hubatee murteessa. Horiin ayyaanaaf qalamu bifa tokko ta’uu qaba malee bifa buburree ta’uu hin qabu. Sababiinsaas adda addummaa tokko malee yaadaafi qalbii tokkoon Waaqayyoon kadhachaa akka jiran

mul’isuufidha. Horiin ayyaanaaf qalamu kun kan falmii hin qabne ta’uutu irra jiraata. Gabaarraa kan bitame yoo ta’e ammoo namichi horiin kun irraa bitame nama yakka ajjeechaa, gantummaafi dubartii humnaan gudeedduu hin raawwatiin ta’uu qaba. Sirna kanarratti hanquufi dabdeen akka hin uumamne laalee kan murteessuufi to’atu ayyaantuudha.

Adaan ayyaantuudhaan ogganamuufi horii qalmaa filachuun ummata Afrikaa hedduu biratti beekamaadha.

Lammaffaan kaayyoon Ayyaantuu inni lammaffaan ammoo nama dogoggoraan cabse cubbuu seenee karaa inni balleesse ofii beekee hiikkatuufi falatu agarsiisa, gorse karaa qajeelaafi gaariitti deebisuufidha. Ayyaantuu jechuun nama irree araaraa, tola gaarii qabu waan ta’eef araara irratti yeroo hedduu ni milkaa’a. Waaqni Waaqeffattootaa ammoo Waaqa adabaa osoo hin ta’iin Waaqa araaraati. Kanaaf ayyaantuun nama dogoggoraan safuu cabsee cubbame gorsee karaa sirriitti deebisa. Ardaa jilaattiifi galmatti ummata (jila) eebbisa. Gadaas ni eebbisa.

Yeroo ammachiisaa ijoollee Waaqeffattootaa hammatee maqaa baaseefii gosaafi lammiitti dabala. Akka ilaalcha Waaqeffannaatti namni ammachiisaa booda nama lammii gosaa jedhama. Akka aadaa Waaqeffattoota Oromootti namni hin ammachiifamne lammiin Gumaa baasuuf hin dirqamu. Ayyaantuun waan armaan olitti tuqamaniifi kan biroo raawwata.

Mana ayyaantuun keessatti waaqeffatu Gimbii, Galmaafi Masaraa ummatatu ijaara. Gimbiin ayyaantuu kunis kabaja qaba. Garuummoo akka mana Waaqaatti hin waamamu.

Ayyaantuun himtee Waaqni hirriba keessa itti agarsiise ykn itti ibse hima malee Waaqa miti. Abbaa Muudaa ta’a malee Abbaa Gadaa hin ta’u. Eebbarratti Abbaa Gadaa dura kan eebbisu Ayyaantuudha. Garuu namni arrab-qareessi ayyaantuu caalaa bareechee eebbisuu danda’u yoo jiraate, ayyaantuun arrab-qareessi oofkalii eebbisi jedhee akka eebbisu oofkalchee itti dabarsa.

Ayyaantuun nama waan hedduuf fakkii gaarii ta’udha. Ayyaantuu Waaqatu eebbisee namaa kenna jedha Waaqeffataan Oromoo.

Ayyaantummaan abbaa irraa ilmatti darbuu ni danda’a. Garuu yoo akka abbaa ofii ilmi dandeettii dhabe ayyaantummaasaa Gadaan irraa mulqa. Yoo aduun guyyaadhaan dukkanooftes Oromoon Booranaa Ayyaantuu ni jijjiira. Nama Ayyaantuu ta’uu malus filatee kunuunfatee magarfata(guddifata). Haalli akkasii ammoo Ayyaantuu magarfachuu akka jedhamu barreeffamni Kitaaba barreessaa Dirribiirraa arganne ni ibsa.

Maddi:- Kitaaba Ilaalcha Oromoo (Barroo Aadaa, Seenaafi Amantaa Oromoo) jedhu

bara 2012 Finfinnee barreessaa Dirribii Damusee Bokkuutiin barreeffamerraati.

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 20106

Maddota kira sassaabdummaa qabsoo keenyaan ni gogsina!

Obbo Yirgaa Dinquu mana jireenyaa maqaa isaaniitiin jiru Magaalaa Maliyyuu Burqaa ganda 01 keessatti ball’inni lafaa isaa 200M2 ta’e irratti galmaa’e jiru kan kaarnii marraasaa 765012 ta’e na jalaa bade waan jedhaniif, namni arge ykn sababa adda addaatiin kan qabate yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin haftee koppiitiin kan keessummeessinu ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Burqaa.

She/Abdurahmaan Hajjii Cirqoo mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 340M2 ta’e Aadde Zeeynii She/Ibraahimitti gurguradheera waan jedhaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Aadde Warqee Jimaa Sanbaatoo mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 200M2 ta’e Obbo Jamaal K/Kadiitti gurgurachuu waan jedhaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo Abdurahmaan Abdulaziizii fi Zubeeydaa H/Saanoo mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qaban ball’inni isaa 400M2 ta’e Obbo Abdul-Majiid Huseenitti gurgurachuu waan jedhaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa.

Obbo A/Maaliik Awwal mana jireenyaa Aanaa Agaarfaa Magaalaa Agaarfaa ganda 01 keessa qabanAadde Tamiimaa H/Abddootti gurgurachuu waan jedhaniif kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee bultii 20 duraa yoo hin dhiyaatiin heeyyamni kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Agaarfaa

GujiiObbo Tasfaayee Sorsaa mana jireenyaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 02 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee ball’inni lafa isaa 200M2 ta’e irratti argamu dabarsanii Aadde Asteer Waqayyootti gurguradheera jedhanii iyyannoofiwaliigalte isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Obbo Mahaammadbirhan Ahimadiinii fi Aadde Faaxumaa H/Usmaan B/B Beezahun Taarraqanyi qabeenyummaa isaanii kan ta’e mana jireenyaa Lakk.

Kaartaa isaa 436/BMN/01/01/01 ta’e lafa kaaree meetira 200 ta’e maqaa isaaniitiin galmaa’ee ganda 01 keessatti argamu Lakk.manaa ---- ta’e Aadde Heelan Alamaayyootti gurguranneera waan jedhaniif,kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti haa dhiyaatu, yoo hin dhiyaanne gurgurtaan kun kan mirkanaa’uuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Nageellee.

Obbo Tafarii Mokonnin mana jireenyaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 03 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee ball’inni lafa isaa 200M2 ta’e irratti argamu dabarsanii Obbo Fitsum Balaachewutti gurguradheera jedhanii iyyannoofiwaliigalte isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Aadde Araggaashi Aargaawu mana daldalaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 01 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee argamu Lakk.manaa ---- ta’e ball’inni lafa isaa 117.98M2 ta’e irratti kan argamu dabarsanii Obbo Takkaa Neeriitti gurguradheera jedhanii iyyannoo fi waliigaltee isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Sheek Umaar Hamzaa mana jireenyaa Lakk.isaa Ad/G02/001/08 ta’e rammaddii tajaajila iddoo (zoning) daldalaa irratti Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa woyyuu ganda 02 keessatti argamu Lakk.Kaartaa isaa 448/2010 lafa ball’inni kaareemeetira M2492.4irratti argamu Obbo Tsaggaayee Dabbasootti waan gurguraniif waliigalteen akka ragga’uuf iyyannoo dhiyeefataniiru. Kanaafuu jijjirraa maqaa waan raawwanuuf qaamni mormu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee jalqabee guyyaa 20keessatti yoo hin dhiyaatiin waliigaltee dhiyaate fudhannee kan mirkanneesinuuf ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Adoolaa Woyyuu.

Aadde Meegoo Waree mana jireenyaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 01 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee Lakk.manaa---- ta’e ball’inni lafa isaa 597.67M2 irratti argamu dabarsanii Aadde Geexee Dulachaatti gurguradheera jedhanii iyyannoofi waliigalte isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Obbo Girmaa Dagafaa mana jireenyaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 03 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee Lakk.manaa192 ta’e ball’inni lafa isaa 84.5M2 irratti argamu dabarsanii Obbo Girmaa Mokkonninitti gurguradheera jedhanii iyyannoofi waliigalte isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Obbo Jaarraa Elemaa mana jireenyaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 03 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee argamu Lakk.manaa 248 ta’e ball’inni lafa isaa 392M2 ta’e irratti kan argamu dabarsanii Obbo Jaamboo Roobaatti gurguradheera jedhanii iyyannoo fi waliigaltee isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Obbo Girmaa Gabayyoo mana daldalaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 01 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee argamu ball’inni lafa isaa 750M2 ta’e keessaa ijoollee isaanii Obbo Darajjee Girmaatiif kaaree meetira 180 fi Obbo Baqqalaa Girmaatiif kaaree meetira 142.55 kenneenkenneeraaf jedhanii iyyannoo fi waliigaltee isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan

nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Obbo Zalaalam Tashoomaa mana jireenyaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 02 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee argamu Lakk.manaa-----ta’e ball’inni lafa isaa 261.25 M2 ta’e irratti kan argamu dabarsanii Aadde Amalawarqi Mokonninitti gurguradheera jedhanii iyyannoo fi waliigaltee isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo

Obbo Masaraat Abaatee mana jireenyaa Magaalaa Shaakkisoo ganda 02 keessatti maqaa isaaniitiin galmaa’ee argamu Lakk.manaa--- ta’e ball’inni lafa isaa 200M2 ta’e irratti kan argamu dabarsanii Obbo Margeetaa G/Masqalitti gurguradheera jedhanii iyyannoo fi waliigaltee isaanii wal-qabsiisanii waajjira keenyatti dhiyeeffataniiru.Kanaafuu jijjiirraa maqaa waan raawwannuuf kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti yoo dhiyaachuu baate maqaa kan nanneesinuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shakkisoo.

Iluu Abbaa BoorObbo Tamaam Takkaa mana jireenyaa Magaalaa Beddellee ganda 02 keessatti qabeenyaa hin sochoone maqaa isaaniitiin galmaa’e Lakk.kaartaa isaa 1119/2001 ta’e Obbo Indaalkaachoo Kabbadaatti waan gurguraataniif jijjiirran maqaa akka rawwatuuf iyyataniiru.kanaafuu kan mormu ykn mirga qabeenyaa kanarraa kan qabu yoo jiraate,guyyaa beeksifni kun bahee irraa eegalee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu. yoo hin dhiyaanne ta’e jijjiirraa maqaa kanaa kan rawwannuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Magaalaa Beddellee.

Aadde Ajjabuush Barrihuun mana jireenyaa Magaalaa Hurrumuu Zoonii bilbila ganda 01 keessaa qaban lafa kaaree meetira 168 irratti argamu Obbo Salamoon Dubbaleetti gurguradheera jedhaniiru.kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti haa dhiyaatu.DMML Magaalaa Hurrumuu.

Obbo Warquu Zargaa mana jireenyaa Magaalaa Hurrumuu Zoonii abdii borii ganda 01 keessaa qaban lafa kaaree meetira 200 irratti argamu Obbo Mollaa Taganyi Kaasaatti gurguradheera jedhaniiru.kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti haa dhiyaatu.DMML Magaalaa Hurrumuu.

Obbo Abrahaam Aar’aayaa mana jireenyaa Magaalaa Qumbaabee ganda 01 keessatti qabeenyaa hin sochoone maqaa isaaniitiin galmaa’ee jiru Obbo Galaan Raggaasaatti waan gurguraataniif jijjiirran maqaa akka rawwatuuf iyyataniiru.kanaafuu kan mormu ykn mirga qabeenyaa kanarraa kan qabu yoo jiraate,guyyaa beeksifni kun bahee irraa eegalee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu. yoo hin dhiyaanne ta’e jijjiirraan maqaa kan rawwannuuf ta’uu ni beeksifna.DMM/Lafaa Magaalaa Qumbaabee.

Obbo Fayyeeraa Qanaatee mana jireenyaa Magaalaa Hurrumuu Zoonii Abdii Borii ganda 01 keessaa qaban lafa kaaree meetira 200 irratti argamu Obbo Xurunaa Taaddasaatti gurguradheera jedhaniiru.kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee hanga guyyaa 20tti haa dhiyaatu.DMML Magaalaa Hurrumuu.

ShawaaObbo Charinnat IrqallootiifBakka Jiranitti Iyyattuun Aadde Taamanyinesh Tulloroo fi himatamaan isin gidduu falmii dhirsaafii niitii jiru ilaalchisee Waamamaan mana murtii Aanaa Adaamaa dhaddacha dhaabbii Wanjitti himatamuu keessan beektanii baallama gaafa 05/07/2010 sa’aatti 8:00irratti dhiyaattanii akka falmattan jechaa,kan hin dhiyaannee yoo ta’ee bakka isin hin jirretti falmiin kan itti fufuu ta’uu manni murtii ajajeera.M/M/Aanaa Adamaa Dhaddacha Dhaabbii Wanjii.

Kallacha OromiyaaGuraandhala 29 bara 2010 7

Dargaggoonni ilaalcha misoomawaafi dimookiraatawaa qaban haaromsa keenyaaf murteessoodha!

Aadde Zaayinaab Ahimad Kaartaa fi pilaanii Lakk.isaa S/15657/2000 ta’een galmaa’ee naaf kenname najalaa badeera jedhanii iyyataniiru. kaartaa fi pilaanii kana namnii idaadhaniis ta’ee haala biroon qabadheera jedhu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee eegalee guyyaa 30 keessatti tooftaa kaminuu yoo beeksifachuu baate, ragaan abbaan qabiyyee (kaartaan) biroo baafachuu kan danda’an ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa Bul/Magaalaa Sabbataa.

CaalbaasiiM/A/Mirgaa Tasfaanesh Birhaanuu fi M/A/Idaa 1ffaa Alamaayyoo Baqqalaa 2ffaaDirribaa Caalaa jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee mana jireenyaa Magaalaa Walisoo ganda 04 keessatti argamu ka’umsaa caalbaasii qar. 112,500 ta’een gaafa 1/08/2010 sa’aatii 3:00 --- 6:00tti bakka qabeenyichaatti argamuun bitachuu kan dandeessan ta’uu ni beeksifna. M/M/Aanaa Walisoo.

Obbo Isheetuu SanbataatiifBakka JiranittiIyyataan Geetuu Isheetuu fi himatamaan isin jidduu falmii murtii badiinsa jiru ilaalchisee himatamaan mana murtii kanatti himaatamuu keessan beektanii baallama gaafa 06/07/2010 sa’aatii 3:00 irratti akka dhiyaatu gaafachaa ,namni arge ykn bakka inni jiru beeku yoo jiraate beellamatti dhiyaatee akka ibsu beeksisaa dhiyaachuu baannann iyytaaaf murtiin badiinsaa kan kennamuuf ta’uu manni murtii ni beeksisa.M/M/A/Yaayyaa Gullaallee.

Obbo Girmaa Kaasaayee mana jireenyaa Magaalaa D/Tsiggee ganda 01 keessatti kaaree meetira 200 irratti argamu Aja/50 Tasfaayee Mokkonnin irraa bitatanii namni kun otoo jijjiirraa maqaa naaf hin raawwaatin waan badeef maqaa kootti naaf haa jijjiiramu jedhanii iyyataniiru.kanaafuu kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20 keessatti haa dhiyaatu.DMM/Lafaa Magaalaa D/Tsiggee.

CaalbaasiiM/A/Mirgaa Sh/Xaahir Qilxaa fi M/A/Idaa Addunyaa Sabbooqaa jidduu falmii siviilii raawwachiisa murtii jiruuf qabeenyi M/A/idaatiin galmaa’e jiru Hoteelli Booranaa jedhamu Lakk.kaartaa isaa 11907/2002 ta’e Magaalaa Adaamaa ganda 02 keessatti argamu ka’umsaa caalbaasii qarshii 928,715.26tiin gaafa 01/08/2010 sa’aatii 3:00 ---6:00tti caalbaasiin akka gurguramu manni murtii ajajeera.kanaafuu namoonni bitachuu barbaaddan iddoo qabeenyi argamutti dhiyaachuudhaan dorgommuudhaan bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ajajeera. M/M/W/O/Dh/Dh/Bahaa.

Obbo Caalaa Lammaa Waraqaa ragaa abbaa Qaeenyummaa (kaartaa) Lakk.isaa 2089/767/2001 ta’een galmaa’ee Magaalaa Sandaafaa Bakkee irraa naaf kenname waan na jalaa badeef kan biraa

naaf haa kennamu jedhanii iyyataniiru.kanaafuu kaartaa kana namni arge ykn sababa adda addaatiin kan qabate yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee kasee hanga guyyaa 30 keessatti yoo hin dhiyaanne kan biraa kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa BMS Bakkee.

Caalbaasii R/himataa Gazzany Gaashawu fi R/himatamaa Shibbiree Sandaafaa fa’aa N-2 gidduutti dhimma raawwachiisaa jiruuf qabeenyaan R/himatamaa kan ta’e mana Lakk.kaartaa TB/2463/96 ball’ina lafa 200M2 maqaa Obbo Bajigaa Tufaatti galmaa’ee jiru ka’umsa caalbaasii 150,000 Magaalaa Tullu Boollootti gaafa 18/7/2010 sa’aatii 3:00-6:00tti caalbaasiidhaan akka gurguramu waan ajajameef kan bitachuu barbaaddan hundi iddoo qabeenyichi argamutti dhiyaatee caalbaasicharratti dorgomee bitachuu kan danda’u ta’uu manni murtii ajajeera.M/M/Ol/Go/Ki/Lixaa

CaalbaasiiM/A/Mirgaa Obbo Dassaalenyi Igzee fi M/A/Idaa 1ffaa Aadde Simeenesh Birhaanuu fi 2ffaa Obbo Balaay Alamaayyoo jidduu falmii raawwii jiru ilaalchisee Qabeenya M/A/Idaa kanaa kan ta’e mana jireenyaa Magaalaa Baatuu ganda 02 keessatti maqaa M/A/Idaa 2ffaa Obbo Balaay Aalmaayyootiin galmaa’ee jiru ka’uumsa caalbaasii qarshii 718,980.89tiin gaafa 16/07/2010 sa’aatii 3:30 --- 6:30tti caalbaasii ifa ta’een akka gurgurmu ajajameera.kanaafuu namoonni bitachuu barbaddan guyyaa,sa’aatii fi iddoo ibsametti argamuudhaan calbaasicha dorgomuudhaan bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ni beeksifna M/M/O/Go/Sh/Bahaa Dh/Dhaabbii Baatuu

Obbo Hadis AfiraatiifBakka Jiranitti Iyyattuun Aadde Iteenash Taammiraatii fi himatamaan isin gidduu kan jiru falmii Siviilii jiru ilaalchisee himatamaan mana murtii kantti himatamuu keessan beektanii baallama gaafa 03/07/2010 sa’aatti 8:00 dura dhiyaattanii eeyyamsiisa akka dhiyeeffatan manni murtii ajajeera.M/M/Ol/Go/Adda Adaamaa.

Aadde Salamaawwit A/Raahiman Nagahee Lakk.isaa 1129362 ta’e maqaa isaaniitiin galmaa’ee kennameef waan najalaa bade jedhaniif ragaa bade kan bakka bu’ee akka kenninuuf waajjira keenya gaafataniiru. Kanaafuu namni mormu yoo jiraate, ykn dhimmi kun na ilaalaa kan jedhu beeksifni kun gaafa bahee kaasee guyyaa 30keessatti dhiyaachuu yoo baatee ragaa bade kana bakka buufnee kan kenninuuf ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Buraayyuu.

Aadde Dastaa Keelloo ragaa abbaa qabeenyummaa Lakk. Kaartaa isaa 3380/2008 ta’e maqaa isaaniitiin galmaa’ee Magaalaa Mojoo ganda 02 keessatti kennameef najalaa bade jedhanii iyyataniiru. Kanaafuu waraqaa ragaa kana namni idaadhaanis ta’ee haala biroon qabadheera jedhu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee eegalee guyyaa 20 keessatti tooftaa kaminuu yoo beeksifachuu baate ragaan abbaa qabbiyee (kaartaan) biroo hojjatamee kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa Magaalaa Mojoo.

Obbo Qumillaachoo Rattaa waraqaa ragaa mirkaneessaa abbaa qabiyummaa Lakk. Kaartaa isaa 11/2001 ta’e na jalaa badeera jedhanii iyyataniiru. Kanaafuu waraqaa ragaa mirkanneessaa abbaa qabiyyummaa mana jireenyaa kana namni arge ykn sababa adda addaatiin kan qabate yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti yoo dhiheessuu baatee ragaa biraa kan kenninuuf ta’uu ni beeksifna. DMM/Lafaa Magaalaa Shanoo.

Aadde Meetii Beellamaa Nagaheen lafa ittiin kaffale Lakk. isaa 2479358 ta’e na jalaa bade jedhanii WMML/Magaalaa Duukamitti waan iyyataniif Nagahee lafaa isaanii kana namni arge ykn sababa adda addaatiin kan qabate yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee irraa kaasee guyyaa 20keessatti yoo dhiyaattanii gabaasa gochuu baattan abbaa qabeenyaa kanaaf tajajilaa barbadan nagahee koppiidhaan kan keessummeessinu ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa Magaalaa Duukam.

Obbo Addunyaa Hayiluu kaartaa maqaa isaaniitiin galmaa’ee jiru kaartaa Lakk.isaa 323/A-143/2007 ta’ee naaf kenname waan na jalaa badeef kan biraa naaf haa kennamu jechuudhaan iyyataniiru. Kanaafuu kaartaa kana namni arge ykn fi sababa adda addaatiin kan harkatti qabate yoo jiraate, guyyaa beeksiifni kun bahee irraa kaasee guyyaa 20keessatti akka deebistan, yoo deebisuu baattan kaartaan biraa kan kenninuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Fiichee.

Aadde Haragawayiin Qalamuu mana jireenyaa Magaalaa Adaamaa ganda --- keessaa Lakk.kaartaa 4045/94 ta’e maqaa isaaniitiin galmaa’e jiru waan na jalaa badeef kan biraan akka naaf kennamu jechuudhaan nu gafaataniiru.kanaafuu namni ykn dhaabbanni kaartaa kana sababaa adda addaatiin qabadheera jedhu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee kaasee guyyaa 20keessatti yoo dhiyaachuu baate kaartaan bira kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa/Bul.Magaalaa Adaamaa.

Obbo Axaalee AsaggiditiifBakka JiranittiIyyattuun Aadde Warqee Mashaashaa fi Wamamaan isin jidduu falmi dhirsaa fi niitii jiru ilaalchisee wamamaan mana murtii kanatti himaatamuu isaa beekee baallama gaafa 05/7/2010 sa’aatii 3:00 irratti dhiyaate akka falmatu manni murtii ajajeera.M/M/Aanaa Barraak.

Obbo Guddinaa Qana’aa Waraqaan ragaa abbaa qabeenyummaa maqaa isaaniitiin Magaalaa Baatuu ganda 02 keessatti qabeenyummaa iddoo mana jireenya Lakk. Kaartaa isaa 75A/1027/83 ta’een naaf kenname waan na jalaa badeef kan biraa bakka bu’ee akka naaf kennamu jedhanii gaafataniiru. kanaafuu ragaa kana namni arge ykn sababa adda addaatiin kan qabate yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti yoo hin dhiyaanne kan biraa kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna.WMM/Lafaa Magaalaa Baatuu.

CaalbaasiiM/A/Mirgaa Obbo Geetaachewu Oobaa fi M/A/Idaa Aadde Haannaa Mokonnin jidduu falmii raawwachiisa murtii jiru ilaalchisee mana jireenyaa Magaalaa Adaamaa ganda bareechaa(11) keessatti maqqaa M/A/Idaa Obbo Hayiluu Antenehiitiin galmaa’ee argamu Lakk. Kaartaa isaa 560/87 ta’e gatii ka’umsaa caalbaasii qar. 800,000tiin gaafa 29/07/2010 sa’aatii 3:00 --- 6:00tti bakka qabeenyichaatti argamutti waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan qaamaan dhiyaattanii bitachuu kan dandeessan ta’uu ni beeksifna. M/M/O/G/A/Adaamaa.

W/Aksi/Mis/Din/Igzaaraab Waldaa Itti Gaafatamnisaa murtaa’e mana jireenyaa Magaalaa Adaamaa ganda oodaa keessaa Lakk.kaartaa 0400/89 ta’e maqaa isaaniitiin galmaa’ee jiru waan na jalaa badeef kaartaan kan biraan bakka bu’ee akka naaf kennamu jechuudhaan nu gafaataniiru.kanaafuu namni ykn dhaabbanni kaartaa kana sababaa adda addaatiin qabadheera jedhu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee kaasee guyyaa hojii 20keessatti yoo dhiyaachuu baate kaartaan bira kan kennamuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa/Bul.Magaalaa Adaamaa.

Obbo Biruuk MokonniniitiifAadde Eden SalamooniitiifBakka Jiranitti Himattuun Aadde Azeeb Birqaayyoo fi Himatamtoota isin jidduu falmii siviilii jiru ilaalchiseemana murtii kanatti qarshii miliyoona tokkoofi kuma dhibba tokkoon(1,100,0000)tiin himatamuu keessan beektanii baallama gaafa20/07/2010 sa’aatii 3:45 irratti dhiyaattanii akka falmattan manni murtii ajajeera. M/M/Ol/Go/A/Adaamaa.

CaalbaasiiM/A/Mirgaa Obbo Laggasaa Kafanii fi M/A/Idaa Obbo Qaasiim Abdoo jidduu falmii raawwachiisa murtii jiru ilaalchisee konkolaataa Isuuzuu Fe’umsaa Lakk. Gabatee 03-71390A.A ta’e ka’umsaa caalbaasii qar. 397,234tiin gaafa 29/07/2010 sa’aatii 3:00 --- 6:00tti Magaalaa Aadaamaa garaajii Obbo Quufaa Alamaayyoo keessatti waan gurguramuuf namoonni dorgomtanii bitachuu barbaaddan sa’aatiifi iddoo jedhametti qarshii tilmaamarraa ¼ fi waraqaa eenyummaa qabattanii qaamaan dhiyaattanii bitachuu kan dandeessan ta’uu ni beeksifna. M/M/O/G/A/Adaamaa.

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 20108

Nageenya amansiisaa keenya itti fufsiisuu keessatti lammiin hundi nageenyaaf waardiyyaa haadhaabbatu!

Damee Mulaatuu

Ummanni Afriikaa Kibbaa Ingiiziin osoo hin koloneeffatamin dura, ALA, bara 1652tti sabni Adiin ‘Boer’ jedhamu Hoolaandirraa dhufee humnaan lafasaarraa arii’atee ture. Ummanni Afriikaa Kibbaa qabeenyasaa saamuuf yaalii sabni adii kun taasisaa turan tole jedhee hin fudhanne. Hireesaas dabarsee kennee saba kana jalatti bulee hin beeku. Qabsoo hadhaawaa geggeessee ofiin of bulchaa ture.

Bara 1860tti ammoo mootummaan Inglizii itti duule. Mootummaan Ingilizii humna waraanaa guddaafi meeshaa waraanaa baraan weerara itti banus, ummanni Afriikaa Kibbaa harka hin laanne. Qabsoo weerartoota kana ofirraa qolachuutti seene. Haa ta’u malee, bara 1878titti humaan caalamee garbummaa Ingilizii jalatti kufuun hammeenya sirna appaartaayidii dhandhame. Qe’eesaarratti bifaan adda fo’ame. Hiree jiruufi jireenyaanis adda behe garba ta’e. Qe’eessaarrattis lammii lammaffaa ta’e.

Wayita kanas ummanni Afriikaa Kibbaa koloneeffattoota Ingilizii kanaan humnaan caalamee dhiittaa mirga namoomaafi dimookiraasii isarra gahaa ture callisee taa’aa hin turre. Ofirraa qolachuuf qabsaa’aa ture. Qabsoon kun bifa bittinaa’een waan tureef garuu injifannootti isaan hin akeekne.

Ummaanni gurraachaa Afriikaa walta’ee qabsoosaa gegggeessuu kan eegale bara 1911tti ta’us, Paartii siyaasaa Kongirasii Biyyaalessaa Afriikaa Kibbaa (KBAK)hundeeffachuun qabsoosaa daran karaa gurmaa’een finiinsuu kan eegale Amajjii 8, bara 1912tti. Mootummaan biyyattii garuu qabsoo ummanni gurraachaa Afriikaa karaa paartii siyaasaa kanaa taasisuuf beekamtii hin laanne. Inumaa bara 1913tti labsii gurraachi lafa dhuunfaasaa qabachuu akka hin dandeenye, mirga socha’uusaallee daangessu baase.

Paartiin Kongirasii Biyyaalessaa Afriikaa Kibbaa (KABK) dhiibbaa koloneeffattoonni Ingilizii irraan gahan dandamatee bara 1919

eegalee hanga bara 1925 warraaqsa qabsoo walqixummaa sabaa geggeesse. Keessumaa hojii daldalaafi industirii keessatti gurraachi adii qixa akka hirmaatuuf fincila diddaa hamaa geggeessuu danda’e. Bara 1944 tti Paartiin KBAK qabsoo diddaa geggeessu daran finiinsuuf jaarmiyaalee garaa garaa hundeessuun qabsoo fincila diddaa gabrummaa haalaan jabeessan hundeeffate. Jaarmiyaalee hundeeffaman keessaa tokko jaarmiyaa dargaggoo paartichaati. Wayita kana dargaggoota ciccimoo kanneen akka Neelsan Maandeellaafi hiriyootasaa Waalter Sisuluufi Oliiver Tamboo akksumas dargaggoota jaalleewwan qabsoo ijaaramanii qabsichatti makaman. Qabsoo paartichi geggeessaa ture daran cimsuun sabbonummaa saba Afriikaafi Koloneeffattoonni lafasaanii akka gafi dhiisaniif sochii ummataa bal’aa geggeessan. Wayita kana miseensota hedduus horatan. Haa ta’u malee koloneeffattoonni Ingilizii dhiibba ummata gurraachaarra geessisan daran hameessuun kaan hidhaa kaan ajjeesuu itti fufan.

Cunqursaa ummata gurraacharratti godhamu daran hammataa wayita dhufu, bara 1960 irraa eegalee garuu diddaan ummata gurraachaa kun akka malee itti jabaataa dhufte. Koloneeffattoonni hidhaafi ajjeechaasaanii daran hammeessani. Sharpevillee ajajaan poolisii ummata gurraacha harka qullaa jiru irratti dhumaatii hamaa geggeesse. Wayita kana namoonni 69 guyyaa tokkotti wayita du’an namoonni 186ammoo madaa’an. Guyyaan kun guyyaa dhumaatii ‘Shaarpevillee’ jedhamee seenaa Afriikaa keessatti beekama.

Qabsoon kara nagaa paartii KBAK taasisu milkaa’uu akka hin dandeenye mirkaneeffate. Kanumarraa ka’uunis bara 1961 tooftaa absoosaa humna waraanaan deggermuun murteessaa ta’uu ifoomse. Geggeessitoonni qabsichaa hedduunis biyyaa ba’uun biyyoota ollaafi bilisoomanirraa meeshaa barbaadutti ka’an. Hoogantoonni KBAK biyya keessatti hafan ammoo qabamanii mana hidhaa

Qabsoo Ummata Afriikaa Kibbaarra

maal baranna?Ummanni Oromoo qabsootti erga galee jaarraa tokkoo ol ta’eera. Qabsoosaa kana ammallee galma hinga’anne, ittuma jira. Qabsoo Oromoon amma geggeessa jiru qabsoo haqaati. Gaaffii olaantummaan seeraa haa mirkanaa’uuti. Gaaffii sirna federaalawaa ijaaramaa jiru keessatti gahee madaalawaa hirmaannaa haqa qabeessa ta’e jiraachuu qabaadha. Hiree ofii ofiin murteeffachuu, diinagdee biyyaarraas hirmaannaa haqa qabeessa ta’e qooddachudha. Walumaa galatti, ummanni Oromoo mirgoota heeraan gonfate osoo jalaa hin seseekkatin hojiirra haa ooludha.

Addunyaa kanarratti qabsoo hedduu aarsee guddaan itti kaffalame galama osoo hin gahin bade hedduutu jira. Aarsaa hedduun itti kaffalamee qarreerra gahee boodatti deebi’es danuudha. QabsoonUmmata Oromoo bu’aa ba’ii hedduu keessa cehamee har’arra gaheera. Aarsaa hedduunis itti kaffalamee xumurarraa gahaa akka jiru akeekeera. Qabsoo ummanni, qeerroofi qarreen geggeessaa jiru kun akkamiin goolabamuuf deema? Qabsoon Ummanni Oromoo aarsaa hedduu itti kaffalee qarreerra gahe kana kana galmaan gahuuf maaltu godhamuu qaba? Qeerroofi qarree akkasumas ummaticharraa maaltu eegama?Hoggansansarraahoo?

Barruun keenya har’aa kunis qabsoo Ummataa Oromoo faana kan walfakkaatu sochii qabsoo Afriikaa Kibbaafi Hogganaa qabsichaa hanga tokko qindeessineerra, dubbisa gaarii!

itti darbaman. Neelsan Maandellaa yeroo kana qabamee mana hidhaatti darbamuun adabbiin umurii guutuu itti murteeffame. Yeroo kanarraa eegalee sochiin qabsoo ummata gurraachaa sadarkaa olaanaatti ce’e. Biyya keessatti sochiin kun ummata baayyee dammaqsee akka diddaa garbummaa kana irraa gamataan qooda fudhatus godhe.

Haa ta’u malee KBAKiin waraana biyyaa alaa keessatti leenjifatee biyya galchuuf rakkina guddaatu isa mudhate. Bara 1985 fi 86 ummatni ka’ee bullchitoota adii mootummaa naannoo isaa jiru irratti tarkaanfii fudhachuunis eegalame. Keessumaa basaastotaa mootummaa adiif warreen hojjetanrratti tarkaanfii fudhachuu, qabeenyasaanii mancaasuu eegalan. Qabsoon bifa kanaan eegalame cimee wayita itti fufu labsii yeroo atattamaa bara 1986 hanga 1990 turu mootummaan appaartaayidii labse.Labsii kanaanis humni waraanaa biyyattii bulchuu eegale. Yeroo kanattis namoonni ajjeeffamanii kuma 300 ol tahan ammoo hidhaman.

Gama finciltootaatiin ammoo basaastota hedduu ajjeefamaniiru. Tarkaanfiiwwan hedduu aarsaa lubbuu ummata gurraacha Afriikaa kana kaffalchiise osoo duubatti hin deebisin qabsoosaa finiinse. Fincilli uummataa daran itti caalaa deeme. Ajjeechaafi hidhaa sodaatee uummatni of duuba hindeebine.

Qabsoon kun gara hin taanetti ce’uu wayita eegalu mootummaan Appartaayidii ummata faana araaraa buusuuf qophaa’uu beeksise. Paartii KBAK wajjin haala itti nagaan bu’uu danda’urratti mari’achuu eegale. Geeggeessitoota paartichaa hidhaman hiikuufi waliinis mariitti seene. Neelsan Maandeellaa dabalatee geggeesitootaa hidhaman nagaa akka labsan, gaaffii ummata gurraachaa kan tura deebisuus eegalan. Bara 1989 sirni appaartaayidii laafaa dhufe. Qabsoon kun fiixa akka bahuuf elaafi elaamee geggeessitootaafi ummata gidduu jiru daran cimaa dhufe. Maandeellaan gaggeessitoota Afrikaa Kibbaa kanneen sirna appaartaayidiirratti qabsa’an waliin walarguuf carraa argatan. Paartiin siyaasaa haaraa Konveenshiniin Demokraasii Afrikaa Kibbaa hundeeffames abdii qabeessa ture. Xumurarratti Guraandhala 11 bara 1990 Maandeellaan hidhaa waggoota 27 booda gadilakkifamnii ummata isaan jaalatutti makaman.

Filannoo biyyattiin bara 1994tti taasifteenis kongirasiin Maandeellaa sagalee %62 argachuun mo’ate. Maandeellaanis

pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta’uun hanaga Bara 1997tti tajaajilan. Ummanni adiin biyyattiis seera gurraachotaatiin buluu eegalan. Maandeellaan baay’ee dhukkubsatanii wal’aanamaa turuun waggaa 95 addunyaa kanarraa boqataniiru. Qabsoon ummata gurraachaa Afriikaa haala kanaan furmaata waaraa argate.

Qabsoon ummanni Oromoo taasisaa ture seenaa kana waliin kan walfaakkaatu waa hedduu qaba. Qabsoo ummatonni biyyattii aarsaa itti kaffalaniin sirni gita bittootaa biyyattiirraa gara galanis ilaalchonni gita bittootaa sirnoota darbanii garuu ittuma fufe jira. Amalaafi tooftaa jijjiirachuun qabeenya ummatichaa akka saamamu, hirmaannaan diinagdee haqa qabeessi akka hin jiraanne, Walumaagalatti mirgoota heera biyyattii wabii ta’e daangessuufi ququnxuruun hirmaannaan diinagdee haqa qabeessi akka hin jiraanne, olaantummaan seeraa akka hin kabajamne taasisaa jiru. Kun ammoo ummanni qabsoo kara nagaa geggeessu taasisee jira. Qabsoon karaa nagaa geggeeffamu kana garuu kallattii hin taanetti dabsuun qabsicha fashaleessuuf shiroonni garaa garaallee xaxamaa jira.

Qabsoo Oromoon amma geggeessa jiru qabsoo haqaati. Gaaffii olaantummaan seeraa haa mirkanaa’uuti. Gaaffii sirna federaalawaa ijaaramaa jiru keessatti gahee madaalawaa hirmaannaa haqa qabeessa ta’e jiraachuu qabaadha. Hiree ofii ofiin murteeffachuu, diinagdee biyyaarraas hirmaannaa haqa qabeessa ta’e qooddachudha.

Walumaa galatti, ummanni Oromoo mirgoota heeraan gonfate osoo jalaa hin seseekkatin hojiirra haa ooludha. Qabsoo kun aarsaa hedduun itti kaffalamee amma sadarkaa mayiirra gahee jira. Hoggansi ummata dhaggeefatee deebii hatattamaa laatu qabsicha hogganee humnoota gocha kanarratti bobbahanii wajjin kokkee walqabee jira. Haa ta’u malee qeerroofi qarreen kiyyoo humnoonni kun qopheessaniin aarsaa hin barbaachifne kaffalaa jiru. Kanarratti amma dammaquutu barbaachisa. Ajandaa guyya guyyaan bocamuun burjaaj’ee akeeka qabsoo baduu hin qabu. Aarsaan hanga ammaatti kaffalame asirraan gahamellee akkasuma. Gama biroon qabsoon karaa nagaa geggeeffamu qajeellootti hogganamuu barbaachisa. Hoggansaa cimaa ummata dhaggeeffatullee barbaada. Ummata kallattii hoggansi ka’u dhaga’uufi hojiirra oolchus barbaachisa. Walumaagala qabsoon milkaa’ina kan argatu elaafi elaamee qaama hogganuufi hogganmuu murteessaa. Horaa bulaa!

Kallacha OromiyaaGuraandhala 29 bara 2010 9

Misooma ariifachiisuuniifi nageenya eegsisuun hojii hundi dursa kennuufii qabudha!

Galaanaa Kumarraa

Heerri Mootummaa Rippaabilika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa keewwanni 43 lakkoofsa 2 irratti akka kaa’ametti lammiileen misoomatti hirmaachuu keessattuu, piroojektoota naannoosaaniitti hojjetamanirratti yaada akka kennan ykn itti hirmaachuufi gaafatamuuf mirga ni qabu.

Kana jechuun ammoo, ummanani pirojektootaas ta’e imaammatoota misoomaa naannoosaatti hojjetaman itti hirmaachuufi hordoffii taasisuun hojiinsaanii rakkoo yoo qabaate akka sirraa’aniif qeequu akkasumas bu’aasaarraas fayyadamuuf mirga ni qaba jechuudha. Sababnisaas, kan hojjetamaniif faayidaasaaf waan ta’eefi.

Gama kanaan, akka biyyaafi naannootti hojiin piroojektoota misoomaa garaagaraa faayidaa hawaasaa guddisuuf gumaachan bara baraan karoorfamanii ni hojjetamu, hojjetamaas jiru. Ummannis, waan danda’uun akka itti hirmaatuufi irraas fayyadamu taasifamaa tureera, taasifamaas jira.

Naannoo Oromiyaattis xiyyeeffannaa kennameen gama misooma dinagdeetiinis ta’e hawaasummaatiin hojiin pirojektoota misoomaa garaagaraa ummata fayyadan bara baraan karoorfamuun hojjetamaa turaniiru, hojjetamaas jiru. Kanaanis, bu’aalee jajjabeessoon hawaasni irraa fayyadamuu jalqabeera.

Haata’u malee, bu’aaleen argaman sadarkaa barbaadamuun ummata fayyadamaa taasisaniiru jechuuf kan dandeessisu miti. Sababanisaa, hojiileen pirojektoota misoomaa yeroo garaagaraatti karoorfamuun hojjetaman sababoota rakkoolee garaagaraatiin hedduun isaanii jalqabamanii yeroon xumuramanii tajaajila hawaasaaf osoo hin oolin waggoota dheeraa haala itti lakkoofsisantu mul’ata waan ta’eefi.

Wantoonni akka sababaatti eeramanis pirojektoonni baayyeen dizaayiniin isaanii rakkoo qabaachuu, kanneen ijaarsisaanii eegalames waggoota dheeraa harkifachuu, quqlqullina kan hin qabne ta’uufaadha. Xumuramaniiru kanneen jedhamanis iddoo baayyeetti karaa guutuu ta’een tajaajila kennuu kan hin dandeenyeefi yeroo gabaabaa keessatti kan diigaman ta’uudha.

Gama biraatiin adeemsa ijaarsa piroojektootaa keessatti kiraasassaabdummaan mul’atus salphaa miti. Rakkooleen kunneen ammoo walitti idaa’amanii hawaasni tajaajila argachuu qabu sadarkaa argachuu qabuun akka hin arganne taasisaa jiru. maallaqni qisaasamaa jirus salphaatti kan tilmaamamu miti. Kanaafis, ummanni yeroo garaagaraatti gaafachaafi komachaa tureera.

Rakkoowwan harkifannaa hojii ijaarsa pirojektoota misoomaa keessatti yeroo dheeraaf gufuu ta’an maqsuun ummanni tajaajila barbaadu akka argatu gochuuf haaromsaan as yaalii taasifamaa mul’achaa dhufeera. Haata’u malee, ammas komiin

Harkifannaa Piroojektoota misoomaa- rakkoo ammallee xiyyeeffannaa barbaadu

hawaasaa harkifannaa pirojektootaarratti jiru bal’inaadh.

Bara kanas, naannichatti pirojektoota sektaroota garaagaraa keessatti karoorfamanii osoo hin xumuramin waggoota dheeraa lakkoofsisan xumuramanii tajaajila hawaasaaf akka oolaaniif hojjetamaa jira.

Komiishiiniin Karooroofi Misooma Dinagdee Oromiyaas Sadarkaa ijaarsisaanii irra jiru hordoffii raawwii hojiilee sektaroota naannichaa bara kanaa kan kurmaana lamaan darbanii taasiseen rakkoolee adda baase tibbana gamaaggamuun kallattii itti furmaata argachuu qaban kaa’eera.

Hordoffii taasifameenis gama misooma hawaasummaanis ta’e dinagdeetiin pirojektoonni misoomaa fayyadamummaa hawaasa naannichaa guddisuuf qabamanii hojiinsaanii osoo hin xumuramiin waggoota dheeraa lakkoofsisan, quqlullina barbaadamuun hojjetamuu hafuu, kanneen xumuramaniiru jedhamanis qulqullinaan waan hin hojjetamneef tajaajila guutuu kennuu dhaabuun akka jiru gabaasa dhiyaaterraa hubatameera.

Komiishinichi hordoffii taasise kanaan rakkooleen hojii ijaarsa pirojektootaa keessatti xiinxale furmaata akka argatan kallattii kaa’eera. Rakkooleen kunneenis, rakkoo quqlullina dizaayinii prioojektootaa, hordoffiifi to’annoo cimaa itti fufiinsa qabu dhabuu, kaffaltiin yeroo barbaadametti kaffalamuu dhabuu, hanqina ga’umsa kontiraaktarootaafi kaan ammoo hojii addaan kutanii baduudha.

Keessumaa, sektaroota murteessoo akka fayyaa, barnootaa, bishaaniifi daandii keessatti tajaajila hawaasaa qixa barbaadamuun guddisuuf piroojektoonni hedduun sadarakaa naannoofi Godinaatti qabamanii hojjetaman yeroo karoorfamanitti xumuramuu dhabuun waggoota dheeraa lakkoobsisaniifi hanga ammaatti tajaajilaaf hin oolle. Kun ammoo, hawaasni ammallee tajaajila barbaadu waan dhabeef komii bal’aa akka kaasu taasiaa jira.

Akka fakkeenyaatti sektara fayyaa keessatati pirojektoonni ijaarsisaanii yeroo garaagaraa keessatti jalqabaman 246 ta’an bara kana hojiinsaanii geggeeffamaa akka jiran ragaan gaabasa xiinxala raawwii hojii sektarichaa bara kanaa kurmaana lamaan darbanii gamaaggama Komiishiinii Karooraafi Misoomaa Dinagdee Oromiyaatiin dhiyaate ibseera. Pirojektoota kanneen 184 buufataalee fayyaa yoo ta’an 25n qofatu xumuraman. Hospitaalota 56 keessaa ammoo 1 qofatu xumurame akka gabaasichi eeretti. Kun akka waliigalaatti yoo ilaalame kanneen xumuramanii tajaajilaaf hin oolle ammallee hedduu akka ta’anidha.

Hospitaalota jalqabamanii waggoota dheeraa lakkoobsiisuun hawaasi komachaa jiru keessaa hospitaalli Sabbataa isa tokko. Hospitaalli kun ijaarsisaa bara 2000 kontiraaktroota 4 (TNT, MAT, Milky PLC fi TT. GC jedhamaniin kan eegalame yoo ta’u, waggoota 10 lakkoofsisaa jira. Komishiinichi sadarkaa raawwiisaa bara kanaa yeroo daawwatetti ijaarsisaa % 50 irra akka jira gabaasni dhiyaate akka mul’isetti.

Rakkoon piroojetkii kanaas kontiraaktaroonni kaffaltii duraa fudhatanirraa deebisanii xumuruu dhabuu, sibiilli foddaafi balbalaa akkaataa waliigalteen ispeesifikeeshiinii ittiin hojjetame jedhame mm 2 yoo ta’u, kan ittiin hojjetame garuu 0.8fi 1.5 mm dha, qorqorroon ittiin ijaarama jedhames jijjiirameera; eegumsa waan hin qabneef innumti ijaarameyyuu horiin itti galuun fuulleen isaa caccabuun hubatameera.

Hospitaalli sadarkaa jalqabaa Xiroo Afataa/Diimtuu ammoo bara 2006 ijaaramuu kan eegale yoo ta’u, guyyoota 600 keessatti akka xumuramu karoorfamee ture. Ta’us, yeroo jedhametti xumuramuu waan hin dandeenyeef guyyoonni 90 dabalamaniiru. Bara kana kurmaana lammaffaa keessa yeroo komiishinichi hordoffii geggeesses raawwiin hojii fiizikaalaasaa % 85 irra jira. Rakkoon isaas hojiin isaa walitti fufiinsaan

Hospitaala Ganjii

hordofamaa hin jiru, harkifataadha.

Hospitaalli sadarkaa jalqabaa Ganjiis bara 2007 kontiraaktara BDM const. PLC jedhamuun ijaarsisaa eegalame. Yeroon itti akka itti xumuramuuf karoorfames bara 2009tti ture. Haata’u malee, Hojiin fiizikaalaasaa % 82, fayyadamni faayinaansiisaa ammoo % 72 ta’uudha xiinxalli gabaasa raawwii hospitaalichaa komiishinichaan dhiyaate akka eerutti. Ji’a Waxabajjii bara 2010 kanatti akka xumuramus waliigalameera.

Hanqinoonni pirojektichaas meeshaaleen ijaarsaa hamma barbaadamuun galuu dhabuu, humna namaa hojichaaf barbaachisu dhiyyeesuu dhabuufi harkifannaa qabaachuu akka ta’e xiinxalameera.

Piroojektiin ijaarsa hospitaala Baddeessaa ammoo bara 2004 kontiraaktara Kaasahun Abajjee jedhamuun eegalame. Raawwiin fiizikaalaa isaa %64 irra gahee kan jiru yoo ta’u, sababa hin beekamneen kontiraaktarri kun hojii waan dhaabeef waliigalteen addaan cite. Fulbaana bara 2008 kontiraaktara Dassaalenyi Yaalewu jedhamu waliin hojii %36 hafe xumuruuf waliigaltee 2ffaa galame. Yeroo hordoffii dirree geggeeffametti raawwiin fiizikaala isaa % 89 irrattii akka argamuufi hojii hafe %11 kana bara kana keessa hanga Caamsaa 2010 xumuruuf hojjechaa jiru.

Sababni harkifannaa pirojektii kanaa bulchiinsi kontiraataa kontiraaktarichaa dadhabaa ta’uu, kaffaltiin harkifachuufi daangaan lafa hospitaalichaa kabajamuu dhabuudha.

Pirojektoonni bishaan dhugaatiis rakkooleedhuma walfakkaatan waan qabaniif waggoota dheeraaf haala itti hawaasa komachiisutu mul’ata. Haaromsaan as xiyyeeffannaa kennameen keessumaa bara kana pirojektoota bishaanii rakkoo qaban xumursiisuun tajaajilaaf olchuuf yaalii godhamaa jiruun fooyya’insi gaariin argamaa jira.

Haata’u malee, iddoowwan baayyeetti ammallee xumuramuu dhabuu pirojektoota bishaaniitiin ummanni lakkoobsisaa salphaa hin taane rakkoo bishaan dhugaatii quqlulluu dhabuutiin dararamaa jira.

Komiishiiniin Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa hordoffii pirojektoota bishaan dhugaatiirratti taasiseen rakkoolee adda baafate gabaasa dhiyeesseen ibseera. Rakkooleen kunneenis, fakkeenyaaf Piroojektii bishaan Dhuugati Qubatoota Awaliloo Marsa II Aanaa Maruu furuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa baajata guddaa ramadee hojiin isaa eegalame. Ta’uus, kontiraaktaroonni qorannoofi hojii diizaayinii irratti hanqina qaba jechuun adda kutanii kan deeman ta’uu qaamooleen hawaasaa gaafatamaniifi komii ummataa irraa hubatamee jira. Qubattonni kunis yeroo ammaa kana hanqina bishaan dhugaatiin rakkoo hamaa keessa jiru.

itti fufa

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 201010

Heera mootummaa kabajuufi kabachiisuun dirqama lammiilee hundaati!

Obbo Ayyalaa Kaasanyi Kaartaa maqaa isaaniitiin galmaa’ee jiru kaartaa Lakk.isaa 3174/39/99/00 ta’ee naaf kenname waan na jalaa badeef kan biraa naaf haa kennamu jechuudhaan iyyataniiru. Kanaafuu kaartaa kana namni arge ykn fi sababa adda addaatiin kan harkatti qabate yoo jiraate, guyyaa beeksiifni kun bahee irraa kaasee guyyaa 20keessatti akka deebistan, yoo deebisuu baattan kaartaan biraa kan kenninuuf ta’uu ni beeksifna. WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Fiichee.

Himataan Dhaabbata Faayinaansii Xixiqqaa Isheet Damee Walisoo fi Himatamtoota 1ffaa Taarikuu Damisee 2ffaa Dajanee Dhaabasaa 3ffaa Amansiisaa Mokonnin 4ffaa Hayilamikaa’eel Hadoo 5ffaa Sanyii Caalaa jidduu falmii siviilii jiru ilaalchisee himatamtoonni mana murtii kanatti himatamuu keessan beektanii beellama gaafa 06/07/2010 sa’aatii 5:00irratti akka dhiyaattan manni murtii ajajeera.M/M/A/Walisoo.

Aadde Birqee TakiluutiifBakka JiranittiIyyataan Obbo Lammii Takkuu fi Waamamaan isin jidduu falmi ga’iilaa jiru ilaalchisee waamamtuun mana murtii kanatti himaatamuu ishee beektee baallama gaafa 06/07/2010 sa’aatii 5:00irratti akka dhiyaattu manni murtii ajajeera.M/M/Aanaa Ada’aa

Caalbaasii M/A/Mirgaa Aadde Maskaram Maammoo fi M/A/Idaa Obbo Salamoon Dassaalenyi jidduu falmii raawwii jiru ilaalchiisee mana jireenyaa Magaalaa Adaamaa ganda 14(Hangaatuu) keessatti aramu Lakk.kaartaa isaa 1533/2001 ta’e KM105 irra qubatee maqaa M/Aidaatiin galmaa’ee argamu Ka’umsaa caalbaasii qarshii 469,800.00tiin gaafa 28/07/2010 sa’aatii 2:30 --- 6:30tti caalbaasii ifaa ta’een waan gurguramuuf, namoonni mana kana bitachuu barbaaddan kamuu ifatti galmaa’ee akkataa seeraa caalbaasiin ¼ CPO maqaa mana murtii Aanaa Adaamaatiin namoota caalbaasii kana gaggeesanitti qabsiistanii qaaman dhiyaatanii dorgomuu kan dandeessan ta’uu manni murtii Aanaa Adaamaa ni beeksisa.Odeeffannoodabalata

WallaggaAadde Amaliseet Nugusee Magaalaa Innaangoo ganda 01 keessaa mana dhuunfaa isaanii Lakk.isaa 115 ta’e Obbo Umar Ibraahiim waliin qaban dabarsanii Obbo Heenook Indaaluutti gugurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20 keessatti haa dhihaatu. Mana Qopheessaa Magaalaa Innaangoo.

Obbo Mikaa’eel G/Igizaabiheer Magaalaa Innaangoo ganda 01 keessaa mana dhuunfaa isaanii Lakk.isaa --- ta’e Aadde Balaayinesh Waaqjiraatti dabarsanii gugurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20 keessatti haa dhihaatu. Mana Qopheessaa Magaalaa Innaangoo.

Obbo Tasfaayee Shiggux Ashaanaa mana jireenyaa Magaalaa Gimbii ganda 04 keessatti argamu Lakk.manaa---- Lakk.Kaartaa isaa 04/0509/010 ta’e Obbo Zalaalem Boggaalee Dagafuutti gurguurtaadhaan dabarsanii maqaa jijjiirrachuu waan barbaadaniif osoo maqaan hin jijjiriin kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.W/M/M/Lafaa/Bul/Magaalaa Gimbii.

CaalbaasiiRawwiin Himattuun Kuleelee Baaroo fi Rawwiin himatamaan Ifireem Mulaatuu gidduu walii falmii raawwachiisaa jiru fi mana jireenyaa Magaalaa Naqamtee kutaa Bilchiinsaa Calalaqii keessatti kan argamu ka’umsa caalbaasii qarshii.120,000tiin gaafa 17/07/2010 sa’aatii 3:00---6:00tti caalbaasiin waan gurguramuuf namoonni bitachuu barbaaddan qaamaan bakka qabeenyichaatti argamuudhaan dhiyaattanii dorgomtanii bitachuu kan dandeessan ta’uu manni murtii ni beeksisa.M/M/Magaalaa Naqamtee

Obbo Firoomsaa Ofga’aa mana jireenyaa Magaalaa Qaaqee ganda 01 keessaa qaban Lakk.Kaartaa isaa 203/WMMLMQ/2010 ta’e ball’inni lafaa isaa 400M2 irratti argamu Aadde Eelsaabeet Magarsaatti gurgurachuun maqaa jijjiirraa waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Qaaqee.

Obbo Girmaa Wadaajoo Qana’aa mana jireenyaa Magaalaa Najjoo ganda 04 keessaa qaban Lakk.haaraan -- Lakk durii -- Lakk.Kaartaa 1466/2008 ta’e Obbo Mangashaa Shifarraa Gammadaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifini kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Najjoo.

Aadde Hawwii Daagim mana jireenyaa Magaalaa D/Dolloo ganda Yabaloo keessatti argamu Lakk.Kaartaa isaa 7133/ EMMLM/08 ta’e ball’inni Lafaa 200M2 irratti kan argamu Obbo Hambaa Tolasaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, guyyaa beeksifin kun bahee jalqabee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafa Magaalaa D/Dolloo.

Obbo Fiqiruu Mokonnonii fi Hayinaalem Solomoon mana jireenyaa Lakk.isaa – ta’e ganda bubbee 01 keessaa qaban Obbo Disaasaa Baabuutti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 10gidduutti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/ Magaalaa Bubbee.

Obbo Dagafaa Tolaa mana jireenyaa Magaalaa D/Dolloo ganda Biiftuu keessatti argamu Lakk.Kaartaa isaa 7731/ WMMLM/09 ta’e ball’inni Lafaa 200M2 irratti kan argamu Obbo Ittaanaa Barakaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, guyyaa beeksifin kun bahee jalqabee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafa Magaalaa D/Dolloo.

Obbo Zarihuun Walduu mana jireenyaa Magaalaa D/Dolloo ganda Laaftoo keessatti argamu Lakk.Kaartaa isaa 10090/ WMMLM/2010 ta’e ball’inni Lafaa 200M2 irratti kan argamu Aadde Caaltuu Xurnaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, guyyaa beeksifin kun bahee jalqabee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafa Magaalaa D/Dolloo.

Aadde Daayituu Hiikaa mana jireenyaa Magaalaa Gimbii ganda 03keessatti argamu Lakk. Kaartaa isaa KMG/EMMLM/03/1051/2009 ta’e Obbo Addunyaa Dheeressaatti gurgurtaadhaan dabarsanii maqaa jijjiirrachuu waan barbaadaniif osoo maqaan hin jijjiriin kan mormu yoo jiraate beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Gimbii.

Aadde Gizeewarqi Taaddasee mana jireenyaa Magaalaa Haroo Sabbuu ganda 01 keessatti argamu Lakk.Kaartaa isaa WMMLMH/S 265/2010 ta’e ball’inni Lafaa 200 M2 irratti kan argamu Obbo Qabannaa Shifarraatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee jalqabee guyyaa 21kessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Haroo Sabbuu .

Obbo Haabtaamuu Abbashuu mana jireenyaa Magaalaa Gimbii ganda 01 keessatti argamu Lakk. Kaartaa isaa KMG/EMMLM/813/08 ta’e Obbo Lansaamuu Lammaatti gurgurtaadhaan dabarsanii maqaa jijjiirrachuu waan

barbaadaniif osoo maqaan hin jijjiriin kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Gimbii.

Obbo Alamaayyoo Raggaasaa mana jireenyaa Mgaalaa Gabaa Roobii Lakk. Kaartaa -- ballina Lafaa kaareemeetir 200 ta’e irratti kan argamu Obbo Solomoon Namarraatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifn kun ba’ee guyyaa 20gidduutti haa dhiyaatu. WMM/Lafaa Bul/ Magaalaa Gabaa Roobii.

B/Sa Darajjee Kumarraa fi Gabaayee Abarraa mana jireenyaa Lakk.isaa – ta’e ganda bubbee 02 keessaa qaban Aadde Feeneet Darajjeetti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 10gidduutti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/ Magaalaa Bubbee.

Obbo Yaadataa Gaarii mana jireenyaa Magaalaa Gimbii ganda 02 keessatti argamu Lakk. Kaartaa isaa 02/0489/10 ta’e Obbo Carraa Margaatti gurgurtaadhaan dabarsanii maqaa jijjiirrachuu waan barbaadaniif osoo maqaan hin jijjiriin kan mormu yoo jiraate beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Gimbii.

Obbo Abrihaam Amaanu’eel mana jireenyaa Magaalaa Gimbii ganda 04 keessatti argamu Lakk. Kaartaa isaa 04/0374/2010 ta’e Aadde Birhaanee Hambisaatti gurgurtaadhaan dabarsanii maqaa jijjiirrachuu waan barbaadaniif gara maqaan jijjiriin kan mormu yoo jiraate,beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Gimbii.

Obbo Gammadaa Dingataa mana jireenyaa Magaalaa Qaaqee ganda 01 keessaa qaban Lakk.Kaartaa isaa 357/WMMLMQ/2010 ta’e ball’inni lafaa 200M2 irratti argamu Obbo Injiguu Maammootti gurgurachuun maqaa jijjiirraa waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20 keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Qaaqee.

Aadde Balaayinesh Shifarraa mana jireenyaa Lakk.isaa – ta’e ganda bubbee 01 keessaa qaban Obbo Tolaa Bulchaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 10gidduutti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/ Magaalaa Bubbee.

Obbo Adimaasuu Tolasaa fi Aadde Nagaasee Namasaa mana jireenyaa Lakk.isaa – ta’e ganda bubbee 01 keessaa qaban Obbo Iddoosaa Tashoomaatti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 10gidduutti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/ Magaalaa Bubbee.

Obbo Taarikuu G/Mikaa’eel Nibee mana jireenyaa Magaalaa Gimbii ganda 03 keessatti argamu Lakk. Kaartaa isaa Gimbii/3078/2004 ta’e Obbo Haabtaamuu Abbdataatti gurgurtaadhaan dabarsanii maqaa jijjiirrachuu waan barbaadaniif osoo maqaan jijjiriin kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20keessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Gimbii.

Obbo Xibabuu Xilaahuun mana jireenyaa Magaalaa Haroo Sabbuu ganda 01 keessatti argamu Lakk.Kaartaa isaa 269/MMLMHS/2010 ta’e ball’inni Lafaa isaa 200 M2 irratti kan argamu Obbo Taaddasaa Awwaqeetti gurgurachuu waan barbaadaniif kan mormu yoo jiraate, guyyaa beeksifni kun bahee jalqabee guyyaa 21kessatti haa dhiyaatu.WMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Haroo Sabbuu .

Obbo Malaakuu Guddinaa mana dhuunfaa isaanii Magaalaa Q/Kaarraa ganda 02keessaa qaban Lakk.isaa P.1020 ta’eefi Lakk.Kaartaa 272 WMMLMQ/K 2010 ta’e Obbo Taaddalee Dinqinee Aschaalewutti waan gurgurataniif jijjiirraan maqaa akka ragga’uuf nu gaafataniiru. kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20 keessatti kan hin dhiyaanne yoo ta’e jijjiirraan maqaa kun kan raawwatuuf ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Q/Kaarraa.

Obbo Malaakuu Guddinaa mana dhuunfaa isaanii Magaalaa Q/Kaarraa ganda 02keessaa qaban Lakk.isaa P.1020 ta’eefi Lakk.Kaartaa 272 WMMLMQ/K 2010 ta’e Obbo Tasfaa Mokonnin Tolasaatti waan gurgurataniif jijjiirraan maqaa akka ragga’uuf nu gaafataniiru. kan mormu yoo jiraate, beeksifni kun bahee guyyaa 20 keessatti kan hin dhiyaanne yoo ta’e jijjiirraan maqaa kun kan raawwatuuf ta’uu ni beeksifna. EMM/Lafaa/Bul/Magaalaa Q/Kaarraa.

Kallacha OromiyaaGuraandhala 29 bara 2010 11

Hedduminnaa keessummeessuun keenya yaaddoo bittinaa’u jalaa nubaraara!

W.Dh.K.M.Godinichaatiin

Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaatti geggeessitoonni, hojjetoonni mootummaafi kontiraaktaroonni yakka malaammaltummaatiin qar.mil. 1 caalu qisaasan 16 adabamuusaanii Manni Murtii Olaanaa godinichaa beeksise. Himatamtoonni 1ffaa Jaafar Awwal Bulchaa Aanaa Limmuu Kossaa duraanii, 2ffaa Suleyimaan Mahaammad itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsa Aanichaa duraanii, 3ffaa Habtaamuu Fufaa itti Aanaa Bulchaa Aanaa duraanii, 4ffaa Ashannaafii Addunyaa itti gaafatamaa Waajjira Dhimma Dargaggoofi Ispoortii Aanichaa duraanii, 5ffaa Ahimad Naasir itti Aanaa itti gaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Aanaa Limmuu Kossaa, 6ffaa Tasfaayee Abaatee itti Gaafatamaa Waajjira Misooma Walta’insa Dinagdee Aanaa Limmuu Kossaa duraanii, 7ffaa Mahaammadnuur A/Simal itti Aanaa Misooma Walta’insa Dinagdee Aanichaa, 8ffaa Nagaash Rashiid itti gaafatamaa Waajjira Bishaan Albuudaafi Inarjii Anichaa duraanii, 9ffaa Yaziid Mohaammed itti Gaafatamaa Waajjira IMX Aanichaa duraanii, 10ffaa Tulluu Lammii Itti Gaafatamaa Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanichaa, 11ffaa Saadiq Sulee Mahamed Itti Aanaafi Mahaandisa Waajjira Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Aanichaa, 12ffaa Mokonnin Birraa

dura ta’aa Waldaa Misooma Oromiyaa Aanichaa, 13ffaa Abdusamad Yaasin Abbaa Adeemsa Bittaafi Bulchiinsa Faayinaansii Aanichaa, 14ffaa Dajanee Moggaa Qindeessaa gareefi ofiisara kaffaltiifi To’annoo herregaa Aanichaa, 15ffaa Abdataa Yaadataa ogeessa mahaandisaa, 16ffaa Mintesinoot Boggaalaa Kontiraaktara dhuunfaa yoo ta’an walumaagalatti himatamtoonni 16 maqaa Piroojektii Miinii Istaadiyoomii (Lafa oolmaa dargaggootaa Aanaa Limmuu Kossaa) ijaarsifna jedhuun Dizaayiniifi Ispeesifikeeshiinii seera qabeessa hin taaneen waliigaltee raawwatanii qar.1,097,553.31 aangoosaaniitti garmalee fayyadamuun faayidaa dhuunfaafi nama birootiif oolchuun qabeenya ummataafi mootummaa qisaasuusaanii Komiishiinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa Damee Kibba Lixaatiin irratti qulqullaa’eera.

Haaluma kanaan, Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaas dhaddacha gaafa 19/06/2010 ooleen himatamtoota 1ffaa hanga 9ffaa, 11ffaa,12ffaafi 15ffaa hidhaa cimaa waggaa 5fi adabbii qar.5000tiin, himatamaa 16ffaa hidhaa cimaa waggaa 5fi adabbii qar,30,000tiin akkasumas himatamtoota 10ffaa,13ffaafi 14ffaa ammoo hidhaa cimaa waggaa tokkoofi qar. 2,000n adabeera.

Geggeessitoonni, hojjetoonni mootummaafi kontiraaktaroonni qar. mil.

1 caalu qisaasan adabaman

Ibsaa Xurunaatiin

Abbaan Taayitaa Misooma Jallisii Oromiyaa pirojektoonni misooma jallisii hojiinsaanii harkifata turan yeroo gabaabaa keessatti xumuramanii tajaajila kennuu akka dandaa’aniif xiyyeeffannoo kennee hojjetaa akka jiru beeksise.

Abbaan taayitichaa kana kan beeksise gamaaggama raawwii hojii misooma jallisii marsaa tokkoffaa hoggansa sadarkaa godinaafi ogeessoota seektarichaa waliin magaalaaa Adaamaatti gaggeesserratti. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Jallisii Oromiyaa Obbo Seefaddiin Mahaadii pirojektoota jallisii jalqabamanii hanga ammaatti sababa garaa garaatiin hin xumuraminiifi madda komii ummataa ta’aa jiraraachuu eeranii, kanneen harkaa qabnu otuu hin xumuriin pirojektoota haaraa jalqabuuf waan nurakkisuuf pirojektoota harkifatan yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf xiyyeeffannaan addaa itti keennameera jedhan.

Keessattuu kontiraaktaroota hojii pirojektii qabatanii jiran wajjin faayidaadhaan

walitti hidhamuun qabeenyi ummataafi mootummaa akka qisaasa’u taasisaa warra jiranirratti qabsaa’uun saaxiluun kan seeraaf dhiyaatu seeraaf dhiyeessaa deemuun ajandaa tokkoffaa goonee hojjechuu qabna jedhan.

Rakkoowwan gama dhiyeessii xaa’oofi sanyii filatamaan wal qabatee jirus seektaroota dhimmicha isaan ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Gamaaggama hojii kurmaana lamaan raawwiin godinaalee kan yeroo biraarraa fooyyee qabaatus akka karoorfameefi yaadametti humna misoomaa jiru sochoosuun ammas sadarkaa misoomsuun dandaa’amuun raawwachuun hin dandaa’amnes jedhan Obbo Seefaddiin.

Gamaggama raawwii hojii ooggantoonni seekatara jallisii irratti hirmaatan kanarratti raawwiin hojii kurmaana lamaa dhihaatee mariin bal’aan kan irratti taasifame yoo ta’u kallattiin hojiis kennameera.

Abbaan taayitichaa

pirojektoota harkifataa

turan xumuramanuuf

hojjetaa jira

Galaanaa Kumarraatiin

Naannoo Oromiyaatti bara kana ji’oota jahaan darban keessatti maddoota galii garaagaraarraa qarshiin biliyoonni 7.915 caalu walitti qabamuun ibsame

Kun kan ibsame Komiishiiniin Karooraafi Misooma Dinagdee Oromiyaa raawwii hojii sektaroota manneen hojii naannichaa bara kanaa kan ji’oota jahan darbanii tibbana wayita qoratetti.

Xiinxalli gabaasa raawwii hojii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa Komiishiinichi dhiyeesse akka eeretti bara kana Abbaan Taayitichaa galii bara kana guddisuuf tilmaama galii guyyaa harcaatii malee hojiirra oolchuu, taaksii

kallattii hin taanerratti xiyyeeffannaan hojjechuu, hirmaannaa ooggansaafi hawaasaatiin ilaalchaafi gocha kiraa sassaabdummaa sektaricha keessatti calaqqisu xiqqeessuufi dandeettii raawwachiisummaa sektarichaa cimsuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Haaluma kanaan, bara kana ji’oota jahan darban keessatti galii idileefi mana qopheessaarraa galii qarshii biliyoona 8fi miliyoona 110,600 walitti qabuuf karoorfamee Biliyoonni 7fi miliyoonni 915,200 walitti qabameera.

Raawwiin Abbaa Taayitichaa bara kanaa kan ji’oota jahan darbanii kun % 97 olidha. Kunis, akka ciminaatti gamaaggamameera.

Ji’oota jahan darbanitti galiin qarshii Bil.7.9 caalu walitti qabame

Abbabaa Ejjetaatiin

Oromiyaa keessatti miidhaan dubartootaafi daa’immanirratti raawwatamu har’allee itti fufee akka jiru ibsame.

Kun kan ibsame gamaaggama raawwii hojii ji’a ja’aa miidhaafi gaaga’ama dubartootaafi daa’immanirratti yeroo garaagaraa raawwatamu hambisuuf Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa, Mana Murtii Waliigala Oromiyaa, Komishiinii Poolisii Oromiyaa, Biiroo Haqaa Oromiyaafi Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa qindoominaan hojjechuuf karoorfatan tibbana magaalaa Adaamaatti bakka dubartoonni miseensoti Caffee argamanitti adeemsifamerratti.

Miidhaa dubartootaafi daa’immanirratti raawwatamaa jiru xiqqeessuuf sektaroonni kunneen hojii qindoominaa hojjetaniin namoota yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf bu’aa ba’ii kanaan dura rakkisaafi walxaxaa ta’uurraa kan ka’e mirga dubartootaafi daa’immanii kabachiisuurratti qaawwa guddaan ture fooyya’aa dhufuunsaa raawwii hojii dhihaaterratti ibsameera.

Namoota yakka raawwatanis seeratti dhiyeessuun murtiin hidhaa salphaarraa hanga umrii guutuu irratti akka murtaa’u taasifamuusaa gabaasa gamaaggamaa kanarratti dhiyaateera.

Haata’u malee hirmaattootarraa yaada dhiyaateen miidhaan dubartootaafi daa’immanirratti raawwatamu ammallee itti fufee jira. Keessattuu fuudha

fuudharratti raawwachuu, daa’imman dirqisiisanii gudeeduu kan jiru ta’uu, dubartootarratti miidhaa qaamaafi ajjeechaa geessisuun, abbaan warraa qabeenya waliin horan dhoowwachuufi kan kana fakkaatu raawwatamaa waan jiruuf ammallee yaaddeessaadha. Kanaaf dhimma xiyyeeffannoofi kutannoon hojjetamuun irra jiraatu ta’uu qaba.

Dura Teessuun Kokasii dubartoota miseensota Caffee Oromiyaa Aadde Mastaawut Fayyisaa waltajjicharratti haasaa taasisaniin Yaadni hirmaattotaan ka’e dhugaa ta’uu kaasanii, miidhaa suukanneessaa dubartootaafi daa’imman keenyarra gahaa jiru kana dadhabsiisuuf sektaroonni shanan kun qindoominaan hojiin hojjechaa jiran rakkoolee turan amma tokko furuurratti fooyya’insa yoo qabaatellee ammas adeemsi dheeraan nu eeggataa jedhan.

Dhimmi kun fuula dura xiyyeeffannoo argachuun caalmaatti irratti akka hojjetamu koree bulchiinsaafi seeraaf qindeessuun kennuusaaniis himanii, koreen fooyya’iinsa sirna haqaa tajaajila kennu daran fooyyessuufi itti fufiinsaan hojjechuu akka qabu ni taasifamas jedhaniiru.

Dhimmichi tattaaffii qaamolee kanneenii qofaan furamuu waan hin dandeenyeef gumaacha qaamolee hundaa kan gaafatudhaa. Hawaasnis miidhaa qaamasaa gartokkoorra gahaa jiru dadhabsiisuuf harka walqabatee tokkummaan qabsaa’uu qaba jedhaniiru Aadde Mastaawut.

Miidhaan dubartootaafi daa’immanirratti raawwatamu

itti fufee jira jedhame

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 201012

Addunyaa Hayiluu

(Kan darberraa kan itti fufe)

Akaakuu mirgaa

Akaakuu mirgoota kallattii hedduun qooduun ni danda’ama. Kanarraa ka’uunis mirgoota guutuufi mirgoota dirbabaa jechuun lamatti qooduun ni danda’ama.

Mirgoota guutuu [Absolute rights] akka hima kanaatti mirgoonni gariinsaanii yeroofi haala mara keessatti kabajamuu qabu. Mirgoota akkasii ugguruun immoo cabsuudhaan qixxeedha. Fakkeenyonni mirgoota guutuu jedhaman kanaa immoo mirga lubbuun jiraachuu, dararaa irraa bilisoomuu, gabrummaarraa bilisoomuu, wal qixa ilaalamuu, iyyannaa, haqaan ilaalamuu jechuudha.

Mirgoota Dirbaba [Qualified rights] gama biraatiin mirgoonni gariin ammoo dirqama daangeffamuu qabu. Mirgoota daangessuu baannaan mirga kabajuun hin danda’amu waan ta’eef. Akka fakkeenyaatti, mirgi dubbii yoo daangaa dhabe kabaja nama biraa tuqa. Kabaja nama biraa tuquunsaa immoo jeequmsa uuma. Kanaafuu namni dubbachuuf mirga yoo qabaateyyuu nama arrabsuu garuu hin danda’u. Fakkeenyi muraasni mirgoota akkanaa immoo mirga sochii, mirga qabeenyaa, mirga hiriira nagayaa, mirga amantaa, mirga siyaasaafi kanneen kana fakkaatanidha. Mirgoonni akkuma akaakuu qaban daangaas ni qabu.

Daangaa mirgaa

Daangaan mirgaa wantoota hedduu hammata. Isaan keessaa muraasni mirgoota nama biraa kabajuu, nagaa biyyaa eeguu, safuu ummataafi nagaa ummataati. Nami gaafa mirga ofii fayyadamu mirga nama biraammoo sarbuu hin qabu. Mirga nama biraa kabajuun daangaa mirga ofiiti waan ta’eef. Jecha biraadhaan harka ofii diriirfachuun ni danda’ama ija namaa tumachuun garuu hin dandaa’amu jechuu dha.

Mirga hiriira nagaa

Hiriira nagaa jechuun namoonni kaayyoo waliiniif tuutaan bakka tokko dhaabbatanii ykn taa’anii ykn deemaa dhimma ummataarratti sirnaan yaada ofii ibsachuudha. Hiriirri nagaa dhimmoota ijoo shan kan qabu yemmuu ta’u isaanis:

Tuuta : tuutni namoota lama ykn lamaa ol hammata. Nami tokko qofaa hiriira hin bahu.

Kaayyoo waloo: namoonni wal faana hiriiraan kaayyoo tokko qabaachuu qabu. Kaayyoo waliiniitiif ta’uu baannaan jeequmsatu mudata.

Dhimma ummataa: kana jechuun hiriirri nagaa hiriiramu dhimma ummataaf malee dhimma dhuunfaatiif hin geggeeffamu jechuudha.

Sirna: hiriirri nagaa sirna ittiin bahamu qabaachuu qaba. Kana jechuunis hiriirri nagaa qaama oogganu, bakki

itti geggeeffamu, guyyaafi yeroonsaa beekamuu akka qabudha.

Yaada ibsachuu: kana jechuun hiriirri waa tokko mormuu ykn deggeruuf kan ba’amudha. Hiriirri ba’amu kun immoo haala lamaan ta’a.Isaanis:

-Hiriira Sirnataa: hiriira itti yaadamee karooraan ba’amuufi

-Hiriira tasaa: hiriira karoora malee geggeeffamu. Kan namoonni dallansuu ykn gammachuu tasa uumamu ibsachuuf karaatti bahanii hiriiranidha.

Gaarummaa / barbaachisummaa / hiriira

nagaa

Mirgi hiriira nagaa jiraachuun faayidaa hedduu qaba. Kanneen keessaa inni ijoon bulchiinsa gaarii tumsuuf shoora ol’aanaa qabaachuusaati. Haaluma kanaan mirgi hiriira nagaa jiraannaan

-Ooggansi akka hin komatamnetti of eeggatee akka hojjetu taasisa

-Itti quufinsa tajaajilamtootaa uuma

-Fudhatama mootummaa ummata biratti dabala

Akkasumas, mirgi hiriira nagaa jiraachuun rakkoos saaxila baasa. Ooggansi olaanaan hojiiwwan gara gadiitti hojjetaman baayyee gabaasaan dhaga’uu malee fuulaa fuulatti argee waliin ga’uu akka hin dandeenye ni beekama. Gabaasi haala akkasiitiin dhihaatu immoo kijiba qabaachuu ni mala. Yemmuu kana hiriira nagaa ba’uun komee dhageessisuun immoo dhugaa mullisa.

Kana qofa osoo hin ta’iin, hiriirri nagaa balaas dursee akeeka. Kana jechuun rakkoo xiqqoon guddattee bor balaa hamaa geessisuu dandeessu yoo mudatte hiriira nagaatiin xiyyeeffannoo argattee akka furmaata akka argattu gama taasisuutiin ga’een hiriiraa laayyoo miti.

Akkasumas, hiriirri ummanni akka aanga’uuf ni gargaara. Wayita hiriirri nagaa ba’amu namoota danuutu walitti dhufa. Kanaafuu, hiriirri ummata ijaaree humneessa jechuudha. Ummanni humnoome immoo waan isaaf tolu tolfatee waan isa miidhu ofirraa dhorka. Fakkeenyi kanaas, fonqolcha pirezidaantii Turkiirratti yaalamee ture ummanni fashaleessuudha.

Gama biraatiin hiriirri nagaa ajandaas ni kenna. Kana jechuun mootummaan hiriira irraa fedhii ummataa bara jechuudha. Mootummaan waan ummanni fedhu hojjechuufi waan ummanni hin feene immoo dhiisuudhaaf hiree kan argatu ta’uudha.

Haaluma wal fakkaatuun hiriirri nageenyas ni mirkaneessa. Kana jechuun mirgi hiriiruu jiraachuun akka namni ukkaafamee finciluun nageenya hin booressine taasisa. Akkuma beekamu waanti dhorkaan nama dharraasisa. Kun

Mirga hiriira nagaa ba’uufi daangaasaaakka hin taanetti namni karaa nagaan fedhii ofii akka ibsatuuf hiree kennuun immoo nageenyi akka bu’u taasisa. Walumaagalatti kanneen asiin olitti ibsaman waa’ee barbaachisummaa hiriira nagaa yemmuu ta’an mudoowwansaa immoo kanneen asiin gaditti tareeffamanidha.

Mudoo hiriira nagaa

Mirga namoota biraa danquu: gaafa mirga hiriiraa kabajan mirga namoota biraa daangessuun dirqama ta’a. Kana jechuun immoo mirgi hiriira nagaa hiriirtotaaf kabajamee gaafa hiriira ba’amu kanneen baanetti daandiin kan cufamu ta’uudha.

Nageenya biyyaa gufachiisuu: kana jechuun,mormiin birmadummaa biyyaa rakkoorra buusu yoo ka’e nageenyi biyyaa gufachuu ni danda’a jechuudha.

Nageenya ummataa: bifuma walfakkaatuun hiriirri nagaa jeequmsatti jijjiiramee lubbuu namaa, qaama namaafi qabeenya miidhuu mala dhimmi jedhus mudoo hiriira nagaa isa biraadha.

Safuu ummataa: wayita hiriirri nagaa ba’amu wanti safuu ummataa cabsu mudatee rakkoo biraa uumuu kan danda’u ta’uusaati.

Baasii guddaa gaafata: kana jechuun immoo gaafa hiriirri ba’amu karaan hojii dhaaba, ramaddiin humna nageenyaa ni dabala. Sababa kanaanis baasiin dabalee galiin immoo kan gadi bu’u ta’uudha.

Hiriira nagaa sirneessuu

Hiriirri nagaa bu’aafi miidhaa qaba. Miidhaasaa salphisanii bu’aasaa gabbisuuf sirna qabsiisuun barbaachisaa yammuu ta’u sababiinsaas

-Mirga namoota biraa tiksuuf waan

gargaaruuf

-Nagaa hiriirtotaa mirkaneessuuf waan gargaaruuf

-Nagaa ummataa tiksuuf waan gargaaruuf

-Nagaa biyyaa eeguuf waan gargaaruuf

-Akkasumas seeraafi tartiiba kabachiisuufis hiriira nagaa sirneessuun baayyee barbaachisaadha jechuu dha.

Ulaagaan sirneesuusaatii kunis seeraafi danbii ifaa qopheessuun kan sirnaa’uudha. Kana jechuun immoo; qaamni / Abbaan / hiriira waamu jiraachuu qaba. Hiriirri abbaa hin qabu taanaan rakkoodha. Yoo akkas ta’e abbaa argetu maqaa hiriira nagaatiin jeequmsa uumee ummata miidha. Fakkeenyi kanaa shira barana qabsoo Naannoo Oromiyaa gufachiisuuf jeequmsa kaasaa turedha.

Hiriira ba’uuf dursanii beeksisuun barbaachisaadha. Hiriira nagaa dursanii beeksisuun wantoota sadiif tola. Isaanis:

-Qaami dhimmi ilaallatu argamee deebii kenna. Durseetu mariidhaan fixate jechuudha.

-Qaamni nagaa eegu dursee akka qopheeffamu ta’a.

-Namoonni biraan hiriirri jiraachuu beekanii daandiirraa akka gorsiifamaniif fayyada.

Seenaa mirga hiriira nagaa

Akka Heera Amerikaatti

Mirgi hiriira nagaa jalqaba Amerikaatti beekamtii argate. Heera Amerikaatu ummanni karaa nagaan bahee yaada ofii ibsachuuf mirga guutuu kan qabu ta’uu labse. Kun immoo bara 1779 tti ta’e. Ganna kudhan booda ammoo mirgichi caalaatti jabeeffame. Fooyya’insisaa jalqabasaas mirga hiriira nagayaa ilaallata. Fooyya’insi gama sanaan taasifame kongirasiin seera mirga hiriira nagaa ugguru baasuu akka hin dandeenye dubbata. Mirgichi dimookiraasiidhaaf dhimma ijoo ta’uus irraa hubachuun ni danda’ama.

Waadaa Addunyaa

Dhimmi ijoon waadaa kanaa waraana Addunyaa lammaffaa yommuu ta’u, sababiinsaa immoo mirgi namoomaa akka malee sarbamuu, nageenyi Addunyaa jeeqamuu, Jarmaniifi Itaaliin Abboota irree ta’uun miidhaa geessisaa turuurraa kan ka’e biyyoonni Addunyaa nagaafi dimookiraasii dhugoomsuun mirgoota lammiilee kabajuudhaaf waadaa waliif seenan. Waadaan isaan waliif seenan kunneenis, Waliigaltee Mirga Dhala Namaa Idil-Addunyaa ( UDHR - Universal Declaration Of Human Right )

Waliigalteen kun waadaa bara 1948 waliif seenamedha. Waliigalticha keewwata 20 jalattis namuu mirga hiriira nagaa qabaachuurratti waliif galaniiru.

mirgoota nama biraa kabajuu, nagaa biyyaa eeguu, safuu

ummataafi nagaa ummataati. Nami gaafa mirga ofii

fayyadamu mirga nama biraammoo sarbuu hin qabu. Mirga nama biraa kabajuun daangaa mirga ofiiti waan

ta’eef.

Kallacha OromiyaaGuraandhala 29 bara 2010 13

Aangoo mootummaa kan ummata ittiin tajaajilan qofa gochuuf ni hojjenna!

Masfin Tasfaayee

(Kan darberraa kan itti fufe)

Hudhaalee qabsoo farra malaammaltummaa

ammas jiranHaaromsa duraafi yeroo haaromsaa boodas rakkooleen gurguddoon ammas hudhaa ta’anii itti fufaa jiran gurguddaan adda bahanii jiru. Humni raawwachisummaa Komishinii Naamusaafi Farra malaammaltummaa rakkoo human namaafi lojistiksii, Komishinichi dameewwan dabalatee humni qoratotaafi abbootii alangaa qabu nama 50 kan hin caalle yammuu ta’u, kun ammoo kuufama eruufi galmee ammaa jiru wajiin gonkumaa wal hin simu.

Dabalataanis komishinichi rakkoo loojistiksii adda addaa kan qabu ta’uufi keessattuu gamoon komishinichi keessa jiru hojiidhaaf kan hin mijoofne ta’uu keessumaa dhiphinni iddoo hojii (Waajjira) akka waliigalaatti jiru baay’ee hammaataa dhufuusaatiin galmeeleen kooridariirratti kan taa’aa jiruufi raawwattoonnis dabareedhaan wal teessisaa hojjechaa kan jiran ta’uusaati.

Manneen hojii mootummaafi dhaabbileen misoomaa Mootummaa akkaataa danbiifi qajeelfamaatiin qondaala naamusaatiin ramaduu dhabuun,isaan ramadamanis hojiitti galchuu dhabuun, bakka tokko tokotti isaanis kutannoodhaan qabsicha cimsuurraa ittiin bulinnaa keessa galuun rakkoodha.

Gamtaa Farra Malaammaltummaa hundeessuun akkasumas deggersa barbaachisaa ta’e gochuuf qaamolee adda addaa bira harkifannaan jiraachuufi darbee darbee fedhii dhabuunis ni jira.

Rakkooleen malaammaltummaafi hojimaata badaa haaromsa keessatti adda bahaniif manneen hojii mootummaafi Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa sadarkaan jiraniin adda bahan baay’eensaanii bifa barbaadamuun gara hojii qabatamaatti jijjiiramaa kan hin jirre ta’uusaanii xiinxala dookimantii bifa adda addaatiin sassaabamerraa hubachuun danada’ameera.

Ragaa sobaa (lafaan, barnootaan, galiin, daldalaan, ijaarsaan walqabatan) sirni hordoffiifi deggersaa laafaa ta’uu, rakkooleen sirna bittaa keessatti ammas komiin hojimaata badaa akka jiru, kenninsa tajaajila haqaatiin walqabatee rakkooleen al-naamusummaa irraa maddan haqaa jallisaafi malaammaltummaan adda adda akka jiru xiinxallii adda addaa ni agarsiisa

Kallattii fuula duraaQabsoon farra malaammaltummaafi rakkooleen haaromsaan adda bahan kan furamuu danda’an hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kaka’umsa ol’aanaadhaan ilaalchaafi gocha malaammaltummaafi hojimaata badaarraa of bilisa ta’uudhaan, hojjetootaafi hawaasa bal’aaf fakkeenya gaarii ta’uudhaan qabsicha ajandaa yeroo hundaa godhachuun kutannoon gaggeessuu yemmuu danda’edha. Kanaaf, qabsoo kana gaggeessuufi milkaa’ina argame itti fufsiisuuf hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru kutannoofi yeroo osoo itti hinkennin hojjechuu qaba.

Hoggantoonnifi hojjatoonni sadarkaa sadarkaan jiran, kallattii misoomawaa qofa hordofuun misooma diinagdee ariifataa,

ittifufiinsa qabuufi ummanni keenyaa irraa fayyadamaa ta’u, rakkoowwan yeroo yeroon muudatan hunda hojii guyyaa guyyaa keessatti qaawwa jiru cufaa, sakatta’aa, sirreessaafi fooyessaa deemuun karoora qabame galmaan gahuu akka danda’an; haala qabatamaa manneen hojiitiin leenjii ilaalchaafi dandeettiisaanii bifa itti fufinsa qabuun jijjiiruu danda’u kennuurratti qaamolee dhimmi ilaallatu hundi dirqamasaanii bahuu qabu.

Qabsoon farra malaammaltummaa kan galma gahuu danda’u hojii qaamni mootummaa hojjatu qofaan osoo hin taane hirmaannaa qaamolee mit- mootummaa, Dhaabbileen Amantaa fi Abbootii Gadaa gahee ol’aanaa qaama qaban waan ta’aniif hojichaaf xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan duudhaalee naamusa gaarii hawaasa keenya barsiisuun hawaasa malaammaltummaa lagatu umuu keessatti gahee isaanii gumaachuutu irraa eeggama.

Miidiyaan naannoo keenyaa OBN hanga ammaatti qabsoo kana keessatti shoorri inni taphachaa ture akkuma eegametti ta’ee, yeroo itti kennuun hubannoo qabsoo farra malaammaltummaa naannicha keessatti babal’isuu, gaazexessummaa qorannoo (investigative journalism) cimsuun ilaalchaafi gochaa kiraa sassabdummaa dadhabsiisuu, rakkoowwan gama kanaan jiran beeksisuufi saaxiluutu irraa eegama.

Walumaagalatti, Komiishiinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa naannoo Oromiyaafi dameeleensaa humnaafi dhaqqabamummaasaa cimsachuun, hojiin naamusa dagaagisuufi qabsoon farra malaammaltummaa karaa qindaawaa, tarsiimawaa, hirmaachisaa, itti fufinsa qabuufi naamusa olaanaan akka geggeeffamu yeroo kamiyyuu olitti hojjechuutu irra jiraata.

Tajaajiloota mootummaan manneen hojii keessatti kennamu ilaalchisee ergama, mul’ata, aangoofi gahee hojii mana hojichaarraa ka’uun tajaajiloota gurguddoo mana hojichaatiin kennaman, istaandardiifi haaldureewwan

tajaajilli mana hojichaa itti kennamu adda baasuun maammiloonni ykn lammiin hundi hubannoo akka argatu gochuudha.

Seektaroonni mootummaa jijjiirama siyaas diinagdee misoomawaatiif gahee qulfii qaban kanneen akka seektara misoomaa, bulchiinsa lafaa, galii, daldala, bittaa, ijaarsa,…kkf, akkasumas seektaroonni olaantummaa seeraa kabachiisuuf gahee guddaa qaban kan akka qaamolee haqaa hundi qorannoo saayinsaawaafi muuxannoo biyya keessaafi alaa haala qabatamaa naannichaatiin sirna hoggansa isaanii sakatta’uun cimsuu, humna namaa, ijaarsaa/gurmaa’insaafi hoji-maata isaanii haala guutuu ta’een gubbaa kaasee hanga gadiitti cimsuun, karaa iftoominaafi itti gaafatamummaa qabuun gahee isaanii bahuun aantumma ummatummaa mirkaneessuudha.

Haala qabatama manneen hojiitiin meeshaaleen jijjiiramaa ykn rifoormiwwaan qorataman hundi kenniinsa tajaajila ariifachiisuuf, hojimaata badaa sirreessuuf, si’oominaafi bu’a qabeessummaa dabaluu, iftoominaafi ittigaafatamummaa mirkaneessuuf waan ta’eef meehsaaleen jijjiiramaa hojiirra oolchuun; hordoffii, deeggarsaafi gamaaggama addaan hin cinne geggeessuudha.

Manni hojii mootummaa, Dhaabbilee misooma Mootummaafi jaarmiyaaleen ummataa naamusa gaarii dagaagsuun malaammaltummaafi hojimaata badaa ittisuuf dambiiwwan, qajeelfamootaafi hoji-maata jiru irratti hundaa’uudhaan qondaaltota naamusaa ramadachuufi raayyaa jijjiiramaa sadarkaa sadarkaan ijaaruun ilaalcha, beekumsaafi dandeettii isaanii cimsuun murteessadha. Hordiffii, deeggarsaafi gamaaggama itti fufiinsa qabu gaggeessuun tarkaanfii sirreeffamaa yeroon fudhachaa deemuun bu’a qabeessummaa qabsichaafi mana hojichaa mirkaneessutu irraa eeggama.

Akka naannoo Oromiyaatti sanadni tarsimoo qindaawaa Ittisa Malaammaltummaa Manneen Hojii Mootummaafi Dhaabbilee Misooma Mootummaa keessatti hojii irra ooluu qabu Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaatiin qophaa’ee mootummaa naannootiif dhiyatee akka hojiirra oolu taasifameera. Haata’u malee sababoota adda addaatiin akkaataa barbaadamuun hojiirra oolaa hin jiru.Kanaaf Karoora Tarsimoo kana dhaabbileen mootummaa hundinuu kaawunsilii manneen hojii keessatti ijaarame cimsuun, hojii irra oolchuun yakka malaammaltummaafi kiraa sassaabdummaa ittisuu qabu.

Bu’a qabeessummaa qabsoo Farra malaammaltummaatiif hirmaannaan qaama hundaa kan si’a tokko hoo’ee yeroo kaan qabbanaa’u osoo hin taane, kallattii itti fufiinsa, qindoomina, kutannoofi hirmaannaa qabuun qabsicha finiinsuudhaaf gurmaayinni Gamtaa Farra Malaa Maltummaa cimee itti fufuu qaba.

Kanaaf, Gamtaa Farra Malaammaltummaa ol’aantummaa seeraafi aantummaa ummataa kallattii hundaanuu dhuguhoomsuuf gahumsaafi dandeettii barbaachisaa ta’e horachuun ummata malaammaltummaafi hoji-maata badaa hadheeffatee irratti qabsaa’uufi saaxilu akkasumas jibbu uumuudhaan fayyadamummaa hawaasa bal’aa mirkaneessuuf hojii qabsoo farra malaammaltummaa abbummaan hogganutu

irraa eeggama.

Hojiiwwan ilaalchaafi gocha malaammaltummaa maqsuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf gargaaran karaa adda addaatiiniifi hirmaannaa qaama gara garaatiin akka hojjatamuu qabu gubbaatti ibsamaa dhufeera. Hojiin kun kan galma gahu sirni hordoffii, deeggarsaafi to’annoo itti fufiinsaan yoo jiraateedha.Manneen marii ummataafi koreen dhaabbii sadarkaa sadarkaan jiran ergama qaama seera raawaatuufi hiikuu toowachuufi hordofuun heeran isaanii kenname naamusa hojii cimaataiin akka hojjatan taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuufi olaantummaa seeraa kabachiisuuf imaanaa ummanniifi mootummaan itti kenne harcaatii tokko malee hojiirra oolchuu qabu.

Hojiirra oolmaafi bu’a qabeessummaa bajataafi qabeenya mootummaa mirkaneeffachuuf odiitii raawwii geggeessuun kallattii itti fayyadama qabeenyaa sirreessaa deemu. Akkasumas hojii ooditii kan keessaafi alaa cimsuun, bu’aalee ooditiin dhiyaatan kamiyyuu geggeessaaf dhiyaatanii mariin ifaafi bilisa ta’e irratti geggeeffamee ejjannoofi murtiin itti kennameera. Dhimmoonni sirraa’uu qaban akka sirreeffaman isaan kaan immoo tarkaanfiin barbaachisaan qaama dhimmi ilaallatuun akka fudhataman taasisuuf kallattiin kaa’ameera.

Komishiiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa naannichaas yeroo kamuu olitti humna isaa cimsachuun qaamolee haqaa biroo waliin qindoomuun hojii ol-aantummaa seeraa mirkaneessuufi tarkaanfiiwwan seeraa fedhachuu cimsuu qaba. Kanaan alattis, qabeenyi malaammaltummaan qisaasames akka bakkatti deeb’uuf karaa ummata hirmaachiseefi qaamolee biroo waliin qindoomuun akka mootummaafi ummataaf deeb’u cimee hojjetutu irra jiraata.

Dabalataanis, qaamoleen haqaafi nageenyaa hundinuu olaantummaa seeraa mirkaneessuuf gaheen isaan qaban sadarkaan murteessummaa wal haacaalu malee dhimma bakka bu’insa hin qabnedha. Kanaaf qaamoleen haqaa akkaataa gahee murteessummaa ykn seera kabachiisuuf qabaniin haqa dhugaafi ragaarratti hundaa’uun malaammaltummaafi hojimaata badaarratti tarkaanfii seeraa fudhachuu qabu

Mootummaan Naannoo Oromiyaa malaammaltummaafi kiraa sassaabdummaa ummata keenya miidhaa tureefi jiru bu’uurarraa hiikuun murteessaa akka ta’e ummata keenyaaf waadaa galeen; barii haaromsaa hojii qabatamaa keessa galee tarkaanfilee gorgoddoo fudhachuu isaatiin gama tokkoon ummanni bal’aan Oromoo abdiifi amantaa yeroo horatan gama birootiin qaamoleen qabeenyaafi horataalee ummata keenyaa xuuxuudhaan karaa qaxxaamuraatiin durooman shira adda addaa xaxuudhaan kanuma naannicha keessatti facaasuuf(mootummaafi ummata walitti buusuuf) dhagaan isaan hin fonqolchine, gaarri isaan hin deegne hin turre. Garuu akka isaaniif hin milkoofne mootummaafi ummanni keenya harka walqabachuun faaydaa isaanii kabachiifachuuf tokkummaan socho’aa kan jiran ta’uusaa, Kana malees yeroo ammaa malaammaltummaafi hojimaata badaan sadarkaafi tooftaa isaa jijjirachuudhaan karaa hammayaa’een qabbeenyaafi mirga uummata keenyaa iratti miidhaa hammataa qabatamaan geesisaa akka jiru hubachuun barbaachisaadha.

Tarkaanfilee malaammaltummaafi hojimaata badaarratti fudhataman, rakkoolee ammas jiraniifi kallattii furmaataa

Kanaaf, qabsoo kana gaggeessuufi

milkaa’ina argame itti fufsiisuuf hoggansi sadarkaa

sadarkaan jiru kutannoofi yeroo osoo

itti hinkennin hojjechuu qaba.

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 201014

Sirna heera mootummaa gabbisuuf mootummaafi ummanni waliin hojjechuusaanii ni cimsu!

Kantiibaan Magaala Bishooftuu Aadde Gannat Abdallaa gamasaaniin Ummata Oromoo sababa Oromummaasaaniif qe’eefi qabeenya isaaniiraa buqqa’an simachuuf bulchiinsi magaalichaa hojii bal’aa hojjecha tureera jedhan.

Ajajaan Poolisii magaala Bishooftuu Komaandar Shifarraa Guutuu akka jedhanitti Aadaa boonsaa, wal jaallachuu, wal kabajuu jaalala hojii ummani Harargee qabu magaala Bishooftuutti calaqqisiisu akka qaban dargaggoota magaalichatti simatamaniif dhaamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun buqqa`an 294 ta`an Bulchiinsa Magaalaa Duukam dhufan qubachiisuufi gara hojiitti galchuuf simannaan taasifameefi jira.

Dargaggoonni kunniinis leenjii argataniin yeroo dhihoo keessatti hojii keessa galchuuf qophiin xumuramuu isaa beekamee jira. Dargaggoonni simataman tokko tokko yaada kennaniin akka jedhanitti Magalaa Duukam dhufuu isaanitti kan gammadan ta`uu himuun haala mootummaan isaanii mijeessetti fayyadamuun hojjatanii of jijjiiruuf qophii ta`uu isaanii himanii jiru.

Lammiilee qe’eefi. . .

hojjetamaa jira.

Oromiyaan albuuda gatii jabeessa kanneen akka albuuda ijaarsaa, induustiriifi kan birootiin badhaatuu ta’uukan ibsan, injiiner Asaffaan qabeenyi uumamaa kun seeraan misoomee faayidaa ummataafi galii misooma naannoofi biyyaatiif akka oolugochuun cinaatti dhaloota itti aanutti darbuu qaba jedhaniiru.

Kiraasassaabdota seeraan ala hojii saamichaa kanarratti bobba’an dhaabsisuuf bara kana baatiiwwan ja’an dabran keessatti tarkaanfii fudhatameen dureeyyii ulaagaalee hojiin invastimentii gaafatu guuttatanii akkaataa waadaa galanii hojiitti seenaniin hojjetaniifi warra rakkoo qaban hojii damee kanaarratti hojjetameenis eeyyamni Albuudaa 715 calaluun 122 hayyamnisaanii akka haqamu kan taasifame yoo ta’u, 250f of eeggannoo kennuun, tokko ammoo kan uggurame ta’uu eeraniiru.

Lafti albuudaa hektaarri 14,

559deebi’siisuun dargaggoonni 50,000 ol akka irratti gurmaa’an ta’eera jedhaniiru.

Gochi kiraasassaabdummaadamee Albuudaa keessatti hidda gadifageeffachuun faayidaaummanniifi mootummaan irraa argachuu qabu dhabsiisuun dinagdee biyyaarrattillee miidhaa qaqqabsiisaa jira. Kana qulqulleessuuf tarkanfii irra deebii hin qabne fudhachuun mana hojii keessaafi alatti jalqabamuusaa himaniiru.

Rakkoolee wal xaxaa hoji misooma albuudaa keessatti mul’atan sirreessuuf hojiin jalqabame kun jajjabeessa ta’uu Obbo Asaffaan himaniiru.

Tibbana humnoota maxxantoota maqaa misooma albuudaatiin naannicha saamaa turan irratti tarkanfiin ararama hin qabnne fudhatamuu eegaleerakan jedhan Obbo Asaffaan fuula durattis maxxantoota Albuuda naannichaaseeraan ala saaman adda baasuun tarakanfii sirreefamaa fudhachuun cimee akka itti fufus dubbataniiru.

Tarkaanfiin kontorobaandistoota. . .

odeefaneetti haalli nageenyaa naannoon keenya keessa jiru tasgabbaa’aa waan hin-taaneef yeroo hin-murtoofneetti darbarfameera jedhaniiru. Yaa’ichi yoom akka taa’amu ful-duratti miseensoota Caffeef waamichi kan taasifamuu taha.

Caffeen yaa’ii. . .

galii gibiraa yeroo yeroon fooyya’aa deemuu dhabuun rakkoo ijoo jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti dhaabbileen dhuunfaa teessoonsaanii naannoo Oromiyaan ala ta’uu, kaan ammoo naannoo lama keessatti waan hojjetaniif akkaataa qoodiinsa galii gibiraarratti rakkoo uumuu, abbummaa gibira galii kiraa gamoorratti murtiin kennamuu dhabuu, dabarsi galii maallaqa gibiraa harcaatii qabaachuun rookkoolee galii gibiraa naannicha dhabsiisaa jiran keessaa isaan ijoodha jedhaniiru.

Dhaabbileen dhuunfaafi warshaalee gurguddoon lakkofsaan 230 ta’an Oromiyaa keessatti hojjetanii waajjirasaanii Oromiyaan ala taasifachuun gibirasaanii bakka biraatti kaffalaa jiran galii olaanaa nannoon Oromiyaa argachuu qabu dhabsiisaa akka jiran Obbo Ahimad eeraniiru.

Rakkoo kana furuufis tarkaanfii akka naannootti fudhatamaa jirun dhaabbileen muraasni teessoosaanii gara nannoo Oromiyaatti akka jijjiiratan taasifamaa jira. Gara fuulduraatti ammoo dhaabbileen/PLC/naannicha keesatti hojjetan hundi teessoosaanii naannoo Oromiyaa taasifachuun dirqama ta’as jedhaniiru.

Daballii miindaa hojjetootaafi tilmaama galii gibiraa haaraa baheefi hojii hubannoo uumuu hojjetameen sassaabiin galii gibiraa fooyyee agarsiisus sadarkaa godinaatti garuu hamma karoorfamee gadi raawwatamuun hojii yeroo itti aanutti xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu daarektarichi hubachiisaniiru.

Akka gabaasni raawwii hojii bara kanaa kan ji’oota jahan darbanii abbaa taayitichaa eeretti bara bajataa 2010tti maddoota galii garaagaraarraa qarshii biliyoona 6,535.8 sassaabuuf karoorfamee qarshii biliyoona 6,573 sassaabuumuun danda’ameera. Kun ammoo, kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalamu garaagarummaa qar. bil. 1.7 caalmaa agarsiiseera.

Ulaagaan galii qooddii. . .

Gaaddisee Ittaanaatiin

Naannoo Oromiyaatti waggoota shanan dhufan keessaatti Abbootii warraa kuma 9,026 fayyadamtoota Baayoo Gaazii taasisuuf hojjetamaa jiraachuusaa Biiroon Bishaan Albuudaafi Inarjii Oromiyaa beeksise.

Qindeessaan garee Baayoo Gaazii Oromiyaa Obbo Kadiir Adam akka dubbatanitti, Akka naannoo oromiyaatti, Teknooloojiin Baayoo gaazii kun erga hojiirraa oolee waggaa saddeet guutee jira. Wooggoottaan kana keessaattis abbootii warraa kuma afuriifi 600 ta’an fayyadamtoota baayoo gaazii ta’aniiru.

Teknooloojii kanas, babbal’isuudhaaf deeggarsa dhaabbata mit-mootummaa Gaamtaa Awuroopaa irraa argame qarshii miliyoona 100fi miliyoona 26n woggoottan shanan dhufan keessatti abbootii warraa kuma 9,026 ta’an fayyadamtoota baayoo gaazii taasisuudhaaf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Teknooloojiin kunis godinaalee shawaa kaabaa, shawaaa lixaa,Jimmaa,Arsiifi Wallaggatti hojiirra kan oolan yoo ta’u, Muuxannoowwan godinaalee muraasa keessaatti argama godinaalee hundaa keessaatti babbalisuudhaaf hojjetamaa akka jiruus obbo Kadiir himaniiru.

Qindeessaan Adeemsa Hojii Baayoo gaazii gdina shawaa kaabaa Obbo Masfiin Nebelbaal akka dubbatanitti, godinichi aanaalee 13 qabdu keessaa aanaalee 11 keessaatti abbootiin warraa 460 ta’an fayyadamtoota baayoo gaazii ta’aniiru.Aanaalee sadii hafan keessaatiis waliin ga’uudhaaf hojjetamaa kana jiru ta’uusaa himaniiru.

Bifuma walfakkatuun godina shawaa

Abbootii warraa kuma 9,026 fayyadamtoota Baayoo Gaazii taasisuuf hojjetamaa jira

lixaa manaalaa gudaritti abbootiin warraa fayyadamoo baayoo gaazii ta’uusaanitti bu’aa argachuusaanii himanii,bu’aasaan argatan kunis, baayoo gaaziitti fayyadamuusaanitti baratoonni barumsasaanii kuaaziidhaa yeroo qayabatanii dhibee tiraakoomaaf saxilamaa akka turan himanii, yeroo ammaa kana ibsa baayoo gaazitti fayyadamuun yero dheeraa qayabachuun qabxii garii argachaa akka jiran dubbataniiru

Qonnaan bultoonni godina shawaa kaabaa aanaa Hidhabuu Abbooteefi aanaa waacaalee akka dubbatanitti, kanaan dura osoo teknooloojiin kanatti fayyadamu hin eegaliin rakkoo garaa garaaf saaxilamaa akka turan himanii, yeroo ammaa kana garuu itti fayyadama baayoo gaazii eerga ta’anii qulqullina naannoosaanii eegamuu,faalamnii qileensaa hirachuufi yeroosaanii seeraan akka itti fayyadaman taasiseera.

Akkasumaas, haftee baayoo gaazii

kanaan lafa oomisha qonnaa isaanirraatti xa’oo umammaa fayyadamuudhaan kuduraaleefi muduraalee garaa garaa fayyadamuusaanittiin bu’aa guddaa argachaa akka jiran dubbataniiru.

Kallacha OromiyaaGuraandhala 29 bara 2010 15

Milkaa’inni gama misooma dinagdeetiin galmaa’e bulchiinsa gaarii mirkaneessuutiinis ni dabalama!

Gaaddisee Ittaanaa

Maatiin ilmisaanii umriinsaa cidhaaf gahe bultoo akka qabaatuuf maatiinsaa duudhaafi aadaa nannoosaanii guutuun intala ilmasaaniif ni taati jedhan barbaadanii fuusisuuf warra /maatii intalaatti intala keessan ilma keenyaaf jechuun gaafatu.

Maatiin intalaas akkuma warri gurbaa maatii mucayyoofi amala mucayyoo qorachuun ilmasaaniif gaafatan, warri intalaas gamasaaniitiin qorannoo barbaachisu taasisuun deebii jaraaf kennaniin akka intalasaanii kennan beeksisuun beellama qabatanii adda ba’u.

Kuni ta’ee waggaa tokko booda guyyaan beellamaa cidha raawwachuuf qabame gaha. Misirroon lamaan akkuma aaddaasaaniitti warrasaaniifi namoota isaan dabaalaniin dabaalamuun gara bakka sagantaan cidhaa raawwatamuu gahu.

Misiroonni lamaan kanaan dura ijaan walarganii hin beekani. Yeroo jalqabaaf guyyaa cidhaa sana ture kan wal argan. Misirroon ogeessa fayyaa ta’e Dr. Raavii Kumaar jedhamu kun intala warrisaa dubbatanii kaadhimmataniif waliin bultoo ijaarrachuuf guyyaa cidhasaatii hawwii guddaan eegaa ture gaafa guyyaansaa gahu uffata aadaan faayamee intala kaadhimasaa ta’uun waggaa tokkoof turte yeroo jalqabaaf ijaan arguufi waliin jireenya

eegalu fuudhuuf qophaa’ee argama.

Misiroonni kara karaan warrasaniifi firootaan dabaalamanii bakka sagantaan cidhaa raawwatutti argaman akka aadaa biyyaattiitti nagaa wal gaafatanii namoota saganticharrati argamaniin simatamanii bakka isaaniif qophaa’e wal cinaa ta’u. Kana gidduutti kabaja namoota cidhicharratti argamaniif jecha misirrichi marata mataatti maratee ture wayita ofirraa fuudhu mataansaa mooluu ta’uu kan argite misirrittiin rifachuufi aaruun waan hin eegamne raawwatte.

Kunis bakka ta’anii ka’anii dhangaa fudhachuuf deemu jedhamee wayita eegamutti misirrittiin attamittiin nama mataa moluutti na heerumsiiftu jechuun fiigdee galma sagantichaa keessaa ba’uun gara manasheetti qajeelti. Maatiifi namoonni biroon faana fiiguun sossobuu yaalanis hin sarmineef.

Dr. Raaviinis guyyaa cidhasaa waggaa tokkoof hawwii guddaan eeggataa tureefi gammachuun guyyaa sana fuulasaarraa argamaa ture gocha misirrittiin gaddaatti jijiirameera. Taatee kanaanis hedduu gadduun haadha manaa fuudhee manatti deebi’uuf ba’us ammas akkuma kaleessaa qofaasaa manatti deebi’uuf dirqameera.

Misirroo guyyaa cidhasaatti nama

biraa fuudhe

Gocha misirrittiin Dr. Raavii qofa osoo hin ta’iin maatiinsaafi nammoonni saganticharratti argaman marti baayyee gadduusaaniirraa kan ka’e waan fala jedhan barbaaduuf marii ta’ani. Marii kanaanis fala kan jedhame yaada guyaadhuma cidhaa kana shamarree kan biroo barbaaduun fuusisuu jedhurratti walii galani.

Namoonni naannoosaa jiraataniifi firoonnisaa mandara naannoosaaniitti dhihoo jirutti qajeeluun intala namticha qonnaan bulaa beekamaa mandarichaa naamusa gaarii qabduufi bifaan bareedduu taate warrashee haasofsiisuun akka kennan amansiisuun intala fudhatanii deebi’uun garaagarummaa sa’aatii muraasaa keessatti sagantaa addaan citee ture raawwachuu dandaa’aniiru.

Maatiifi firoonni gurbaas ilmasaanii gaddaan rukutamee ture intala bareedduu

misirroo ishee waggaa tokko eegamte caaltu fuusisuun gammachuusaa bakkatti deebisaniiru. Gaddisaas gammachuutti geeddarameera. Intalli inni fuudhe kunis jiraattuudhuma naannoosaatii taatee osoo jirtuu wal hin beekan ture.

Guyyaa cidhasaatiittis intala kaadhimmate osoo hin ta’iin intaluma guyyaa sana argamte Neehaam jedhamtu fudhuun hawwiisaa dhugumftus misirrittiin garuu tasa osoo hin eegiin nama hin beekneti heerumusheetiin gammachuun guyyaa cidhaa fuulasheerraa hin mul’au ture.

Dr. Raaviin intala qophoofteef fuudhuu baatus haadha warraa bareedduu argate fuudhuun bultoo dhaabbateera. Intalli sababa moluu ta’uusaatiif isa dhiiftee deemte dargaggeessa rifeensa jigaa argattee fuudhuuf wabiinshee maali akka ta’e wanti beekamu hin jiru jedha odeeffannoon Odiitii Seentiraal.

Afaan Baadeeshi kana dura baadiyyaa sulula kaaba Paakistaan tulluuwwaniin marfame keessatti bal’inaan haasa’amaa ture. Garuu amma badaa jira.

“Ethnologue” kan afaanoota addunyaa hunda galmeessu, dhaloota sadiifi isaan oliif namoota afaan kana dubbatan hinarganne. Garuu sululawwan Bishigram keessatti jaarsoliin afaan Baadeeshi kana hanga ammaatti dubatan jiru. ‘’Jaarraa tokkoon dura afaan Baadeeshi mandara gutuun haasa’amaa ture,’’ jedhu Raahim Gul. Hangam akka dullooman garuu hinbeekna. Yoo ilaalaman nama umuriin 70 fakkaatu.

‘’Haadha warraa mandara biraa lafa Afaan Torwaalii dubbatamurraa fune. Ijoolleenis afaan haadha isaan waan dubbataniif, kan keenyaa badaa deeme.’’ Amma naannichatti afaan Torwaalii baliinaan dubbatama. Haa ta’u malee inni mataansaa afaan Paashtootiin dhiibbaan irra gahaa jiraatus, afaan Baadeeshi hari’achuun gara sulula kana keesstti hudheera.

Amma ijoolleen keenyaafi ijoolleen ijoollee keenyaa afaan Torwaalii dubbatu,

Afaan namoota sadiin qofa dubbatamaa jiru

kan jedhan Guul, ‘’kanaafuu afaan keenya eenyu waliin haa dubbannu ree?’’ jedhaniiru. Naannichatti carraan hojii hin jiru. Kanaafuu jarreen kunneen lafa hojii itti argachuu danda’an wayita deemanitti afaan Paashtoo baratan.

‘Baayyeen gadda’ Sababii afaan Baadeshitti fayyadamuuf carraan hinjirreef, jarreen sadan kunneen mataansaanii afaanicha irraanfachaa jiru. Wayita walitti dubbatanis

Raahm Gulfi Sayid Gul yeroo hunda jacha lamaafi sadii ta’u ni irraanfatu. Erga warra kaan gaafatanii booda yaadatus.

Raahim Gul ilma qabu. Ilmisaaniis ijoollee shan godhateera, garuu hundisaanii Afaan Torwaali dubbatu.

“Haati kiyya afaan Torwaalii dubbatti ture. Kanaafuu maatiin kiyya mana keessatti Baadeeshi hindubbatan turan. Ijoollummaa kyyaatti carraan itti baru

hin turre. Jechoota muraasa beeka garuu afaanicha hin danda’u. Ijoolleen kiyya hundis afaan Torwaalii dubbatu. Ani umriin kiyya 32 waan ta’eef kana booda barachuuf carraa hinqabu. Afaan kun umrii abbootii keenyaarratti dhaabbachuusaatiif baayyeen gadda.’’

Saagaar Zaamaan dhaabbata miti motummaa ‘Foram for Language Inshetive’ waliin qorataa afaaniiti. Dhaabbatichis afaanoota Paakisitaan badaa jiranii baraaruufi beeksisuurraatti xiyyeefate keessa hojjeta. “Sulula kana keessa yeroo sadiin imale. Garuu jiraattoonni afaan kanaan ana biratti dubbachuuf baayyee of qabu,’’ jedheera.

Warreen afaanToorwaali f Paashtao dubbatanis afaan Baadeshi ni tufattu. Kanaafuu, afaan kana haasa’uun qollifannaa of keessa qaba. Tarii afaan kana baraaruuf yeroon kan dhihe ta’a, garuu yoo xinnaate jechoota muraasa barachuun afaanicha sammuu namaa keessa akka jiraatu taasisuun ni danda’ama,’’ jedha.

Maddi:- BBC Afaan Oromoo

Kallacha Oromiyaa Guraandhala 29 bara 201016

Dhaabbata Birihaaninnaa Salaamitti Maxxansame

Ibsaa Xurunaa

Oromiyaan burqaa atileetotaa ta’uun maqaa biyyattii sadarkaa addunyaatti waamsisuu bara Abbabaa Biqilaafaarraa eegaltee har’as atileetonnishee dargaggoonni itti fufsiisuun lafee dugdaa atileetksii biyattii ta’uun sadarkaa addunyaatti waamsisaa jiru.

Oromiyaan akkuma teessoo siyaasaafi dinagdeen wiirtuu biyyattii taate kallattii hundaan adda durummaan ispoortii keessattis gahee lencaa qabachuun itti fuftee jirti.

Wal dorgommii shaampiyoonaa fiigicha mana keessaa 17ffaa biyya Ingilizii magaalaa Barmiingihaamitti adeemsifamerratti meedaalyaawwan Itoophiyaan galmeessiste shan keessaa atileetonni Oromiyaa meedaaliyaawwan warqee afuran argamsiisuun Itoophiyaan shaampiyoonichaan Ameerikaatti aanuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaan Afriikaarraammoo 1ffaan akka xumrtu taasisaniiru.

Shaampiyoona kanarratti Atileet Ganzabee Dibaabaa sa’a 48 keessatti yeroo 2ffaaf injifachuun meedaaliyaa warqee lama argamsiifteetti. Ganzabeen waldorgommii fiigichaa mana keessaa meetira 1500 geggeeffameen

fageenyicha xumuruuf daqiiqaa 4 sakandii 05 fi maayikiroo sakandii 27 itti fudhateera. Ganzabeetti aanuudhaan 2ffaan kan xumurte atileeti lammii Ingilzi Laawuraa Muur 4:06.23 kan xumurte yoo ta’u, Neezerlaandiif kan fiigdu dhalootaan Itoophiyaa kan taate atileet Siifan Hasan 4:07.26 sadarkaa 3ffaa qabattee xumurteetti.

Wal dorgommii warraa dhiiraanimmoo atileet Yoomiif Qajeelchaa fageenya meetira kuma sadiin tokkoffaa ta’uun meedaaliyaa warqee biyyasaaf argamsiiseera. Fageemyicha xumuruufis daqiiqaa 8 sakandii 14 fi maayikiroo sakandii 41 itti fudhateera. Atileet Saamu’eel Tafarraa fageenya meetira 1500n warqee kan biraa argamsiiseera. Meedaaliyaa tokkicha hafemmoo atileet Solomoon Baaraggaa Yoomiif Qajeelchaatti aanuun sadarkaa 2ffaan xumuruun meedaaliyaa birrii argamsiiseera.

Shaampiyoonaan Atleetiksii Mana-keessaa Addunyaa 17ffaa Ingilizii Barmiinghaamitti guyyoota afuriif geggeffamaa tureen Itoophiyaani Addunyaarraa 2ffaa, Afriikaarraa ammoo 1ffaa ta’uun akka xumurtu kan taasisan jilli atileetiksii Itoophiyaa gara biyyaatti wayita deebi;anittis simannaan ho;aan taasifameeraaf.

Shaampiyoonichaan Ameerikaan warqee 6, birrii 10 fi meetii 2 argachuun addunyaarraa 1ffaa ta’uun xumuruu dandeesseetti. Keeniyaan meetii 1 qofaan sadarkaa 11ffaan xumurteetti. Atileetonni Oromiyaa har’as akkuma kaleessaa gootummaafi olaantummaa atileetiksiin qaban mirkaneessuurratti argamu, gara fuulduraattis itti fufu!

Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana keessaa addunyaa 17ffaa kanarratti Itophiyaan atileetota muraasaan wal dorgommii muraasa qofarratti hirmaachuun biyyoota atileetota hedduufi gosa wal dorgommii hedduun hirmaatan waliin morkachuun qabxii boonsaa galmeessisuun dandaa’ameera.

Kaka’umsiifi qabxiin amma atileetiksii keessatti mul’achaa jiru qabsoo hojimaata badaafi ilaalcha kiraasassabdummaa filannoo atileetotaan wal qabatee jirurratti atileetonni Oromiyaa taasisaa turaniin kan galmaa’aa jirudha.

Filannoon atileetota gahumsaafi dandeettii qabanirratti hundaa’uun hojimaata loogiifi faayidaa dhuunfaarraa bilisa ta’een kan raawwatamu taanaan olaantummaa biyyattiin gama atileetiksiin qabaachaa turte deebisuuf fagoo hin ta’u.

Atileetonni Oromoo maqaafi alaabaa biyyattii ammas waamsisaa jiru

Atileetiin Oromoo Caalaa Addunyaa jedhamu shaakalliirratti balaa elektirikaa irra ga’een addunyaa kanarraa du’aan boqachuusaa Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera. Atileeti Caalaan dorgommii fageenya dheeraa ykn maaraatooniin kan dorgomu yoo ta’u, yeroo dheeraaf dhuunfaan dorgomaa tureera. Dandeettiifi gahumsasaa kan arge kilabiin atileetiksii Amala Sirreessaa Oromiyaa ofitti makachuun kilabicha jalatti ammatamee hojjechaa tureera. Dorgommii maaraatoonii biyya Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti dhiyeenya gaggeeffamerratti

fageenyicha sa’aatii 2, daqiiqaa 11 fi sakandii 47n xumuruu danda’eera. Fageenyuma walfakkaatuun biyya Jarmanii magaalaa Haanoovaritti dorgommii maaraatoonii gaggeeffameen ammoo sa’aa 2 fi daqiiqaa 09 fi sakandii 42n xumuruun sa’aa fooyya’aa dhuunfaasaatii galmeessisee ture.

Atileet Caalaa Addunyaa gahumsa agarsiisaa dhufeen dorgommii maaraatooniin biyyasaa bakka bu’uun aakuma atileetota Oromiyaa kanneen biroo maqaa biyyattii waamsisa jedhamee nama abdiin guddaan irra kaa’ame ture.

Atileet Caalaa Addunyaa balaa irra gaheen boqate

Atileet Caalaa Addunyaa