Qormaata Lafaa Naannoo Finfinnee
I. Maqaa Investimantiitin Saamicha Lafa magaalotaa ilaalchisee:
A/ Haalli saamicha lafa magaala F/F fi naannawa F/F waliigalaan maal fakkaata?
Ummanni Oromoo naannaawwa magaala F/F jiraatan kan magaalaas ta’ee kan qarqara
magaalaa saamicha lafa maqaa Invastimentiitin isaanirratti ta’aa jiruun baay’ee
miidhamanii qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aa jiru. Fkn. Qonnaan bultoota Galaan
Guddoo (lafa seenaa qabeessa ujuba Tuulamaa) jiraatan maqaa “misooma magaalaa”
jedhuun lafti qonnaa fi qe’een irraa fudhatamee lafaa ijaarsa manneen magaalatiif
(Kondominiyemii fi ‘Real state’) fi iddoo balfaa fi xuraawaan magaalaa itti kuufamu
godhan.
Akkasumas Karra Erere , Garjii fi Boolee Bulbulaa ilaalchisee rakkoo hammaatan jiru
lafaa fi qe’een Oromoota naannoo kanaa maqaa ‘Real state’ fi kondoniyemii jedhamuun
beenyaa gahaa hin ta’iniin buqqa’an baayyeen isaanii dureeyyii kanaaf waardiyaa fi hojii
humnaa irratti bobba’anii akka jirantu hubatame. Kana irratti ragaa amansiisaa gochuuf
gaaffii fi deebiin namoota lama waliin godhameera. Suuraan haala iddoowwan kun irra
jiran agarsiisus hojjatamaniiru.
Hojjattoota humnaa manneen kondiniyeemii naannoo Aqaaqiitti Ganda Galaan
Guddoo ijaaramaa jiran irratti bobba’anii jiran keessaa gaaffii fi deebii namoota
lama waliin taasifame.
G/ Guyyaadhaan Meeqa isinii kaffaluu?
D/ Hojjataa dhaabbataa yoo ta’e, guyyaatti hanga qar. 30, 35, fi 45; akkuma humnaatti fi
akkuma muuxannootti garaagarummaa qaba. Fkn dubartiif guyyaatti qar. 30 hin darbu.
G/ Mee rakkoon isinii fi warra hojjachiisu jidduu jiru maal?
D/ Mindaa Yeroon namaaf hin kaffalan, hojjachiisanii kaffaltii dhoowwachuu fa’I yaalu,
walumaagalatti kaffaltii irratti baayyee nama rakkisu.
G/ Mee amma qarshii 30 tanaan jireenya akkasitti miyaa’e kanaan ciree nyaattanii,
laaqanaa fi irbaata nyaattanii kiraa manaa fi uffataaf maaltu irraa isiniif hafa?
D/ Nyaatuma qofaaf taati malee homtuu irraa nuuf hin hafu. Akkusumatti nyaannetuma
yaa bubbulluudhumaaf carraaqna malee kun jireenyaa miti.
G/ Namoonni abbaa lafa kanaa turan, kan amma lafti irraa fudhatamee jireenyaan
baayyee rakkatanii akkuma keessan kana hojii humnaarratti bobba’an jiruu?
D/ Jiru! Baayyeedha. Lafa isaanii waanuma xiqqootti shallagameefii har’a waan qotatanii
bulan dhabanii hojiidhuma humnaa kanatti bobba’anii jiru.
G/ mee lafti haala kanaan (ijaarsa manneen kondiniyeemiitiif) ganda qotee bulaa kanarraa
fudhatame hangamitti shallagama? Ganda meeqa ta’a?
D/ Nut akkasitti herreega isaa hin beeknu; garuu lafa baayyee bal’aadha; ganda
baayyeedha.
G/ Mana kondiniyeemii kana mootummaatu ijaarsisaa jira moo abbootii qabeenyaatii?
D/ Mootummaadha; nuun kan hojjachiisu garuu abbootii qabeenyaa warra mootummaa
irraa kontiraata fuudhaniidha. Isaan qarshii guddaadhaan mootummaa irraa fuudhaniitu
nuun immoo guyyaadhaan akkasitti nu hojjachiisu. Baayyee roorroo hamaadha. Warra
hojjachiisutu fayyadama malee kan hojjatu homaa hin fayyadamu; ciisee du’urraa
jechaadhumaaf malee… (Asirratti namoonni mootummaa irraa kontiraata fuudhanii
namoota naannoo gatii xiqqaadhaan hojjachiisaa jiran kunneen hundi isaanii
namoota/dhaabbilee konistiraakshinii mootummaa waliin hidhata qabanii fi kan ilmaan
Tigraay ta’uutu hubatame. Namoonni kunniin irra caalaan isaanii jala deemtota
mootummaan maqaa “Maayikiroo” jedhuun gurmeessee bobbaaseedha. Mootummaan
yeroo manneen kana ijaarsisu qar. Guddaadhaan namoota/dhaabbilee kanaaf kontiraataan
kenna. Sana booda isaan ummata naannoo isa lafti irraa fudhatamee jireenyaan raakamee
gara deemu dhabe kana walitti qabanii akka nama hin taanetti, akka immoo hin duunetti
kan guyyaan nyaatan qofa kaffalaniifi hojjachiisu. )
G/ Warri abbaa lafaa fi qe’ee tanaa turan dura loon isaanii asirra bobbaasu. Amma hoo
loon isaanii akkam godhan? Eessatti bobbaafatu?
D/ Amma loon maal qaburee??? Gurguranii fixaniiru.
Obbo Jireenya Agarsaa jedhamu Waardiyaa manneen Kondiniyeemii naannoo
Aqaaqiitti ijaaramaa jiruuti
G/ Gandi kun maal jedhamaa?
D/ Saalonnaagoraa jedhama
G/ Warri lafa kana gurguran amma jireenya akkamii keessa jiru?
D/ Jireenya hamaa keessa jiru. Qarshii beenyadhaan kaffalameef yoosuu fixan. Qarshii
xiqqoo waan taateef homaanuu hin godhanne. Amma Gutummaan guututti hojiidhuma
humnaa isaanif hojjatatanii jiraatu. Kuun immoo magaalaa gara biraatti baqateera.
G/ Yeroo sana lafa keenya hin kenninu jedhanii diduu hin danda’aniiyyuu?
D/ Dirqama ture. lafti kan mootummaati nuun jedhan. Kanaaf mootummaan lafa isaa
misooma barbaadeef oolchuu danda’a, waan nuun jedhameef hunduu jaallatee osoo hin
ta’in dirqameetu gadi lakkise. Ammas kunoo akkuma argaa jirtu kana lafti bal’aan
muul’atu kunis barana fudhatame. Kuun immoo asii achi kan muul’atu fuulduraaf itti
deemamaa jira.
Obbo Dabalee Malkaa jedhama; Qotee bulaa naannoo laga Aqaaqii jiraatan
keessaa nama tokko:
G/ Lagni kun hangam maasii keessan mancaasaa jiraa? Faalama naannoo hoo?
D/ kunoo akkuma agartu kana Peestaalii, hayilaandii kemikaala warshaa keessaa gadi
lakkifamani fi pilaastikii adda addaa maasii keessatti nu facaasee akka itti qonnu
rakkachaa jirra. Yeroo qonnu gindiitti rakkatee Sangaa/qotiyyoo baayyee dadhabsiisa.
Akkuma ta’etti balfa kana humna namaa itti baayyifnee (baasii hin barbaachifne baasnee
jechuudha;) yeroo yeroon qulqulleessina.
G/ Asi bira kunoo lafa bal’aa shiboodhaan ijaarametu/daangaa itti godhametu muul’ata
maalinni inni?
D/ Inni iddoo xura’an mana fincaanii magaalaa F/F keessaa qulqullaa’u itti naqamuu dha.
Lafa kuusaa xura’aa mana fincaaniiti jechuudha. Bulchiinsa Mag. Finfinneetu ijaare.
G/ Wanti kun maarree laga kana hin faaluu? Laga kana qofa osoo hin ta’in akkuma
beektu lagni Aqaaqii kun laga Awaasitti dabalama, lagni Hawaas immoo hanga ummata
Affaaritti deema? Mee haala kana akkamiin ibsita?
D/ Ani akka yaada kootti Balfaan warshaalee keessaa bahuu fi xura’an mana fincaanii
laga kana faaluun balaa guddaa waan ta’eef osoo rakkoon qaama dhimmi ilaalun itti
yaadamee furmaata tokkorra gahamee gaarii natti fakkaata.
G/ guddaa galatoomi.
Karaa biraa naannoo kanatti daandii haaraa gara Adaamaatti baasu kan hojjatamaa
jiruun walqabatee saamicha lafaa dureeyyii biyya Turkiitiin godhamaa jiru fuuldureen
isaa hammaataa ta’uutu beekame. Kunis dureeyyin kunniin mirga guutuu
mootummaan kenneefitti fayyadamudhaan yaaddoo tokko malee iddoo isaaniif mijate
kamiittu uummanni akka irraa ka’uuf yoo gaafatan mootumman immoo “iddoon kun
misooma magaalatiif barbaadama...” jechudhaan dabballoota isaa ummata keessa
bobbaasudhaan namoota walga’ii yaamudhaan olola adda addaatin uummata akka
amansiisan taasisu; kan morme immoo mootummaan itti amannaan beenyaa malee
akka irraa fudhatamuu danda’u akeekkachiisu; olola dabballoonni itti fayyadaman
keessaa akka fakkeenyaatti: “…isinis akkuma warra biraa nama magaalaa taatanii
maallaqa beenyadhaan mootummaan isinii kaffaluun fooqii ijaarrachuu dandeessu;
konkolaataa bitattanii daldalatti seenuu qabdu; ummanni Oromoo hanga yoomitti
magaalaa keessaa baqatee jiraata?… “ fi kkf niin amansiisuuf yaalii godhaa akka
jiranii fi olola kanaan sobamees dirqisiifamees waggaa tokkoon dura beenyaa kan
fudhatan har’a kabaja/ulfina qaban mulqamanii warri manguddoo waardiyaa, warri
dargaggoo immoo hojjataa hojii humnaa isaanif ta’anii jireenya salphinaa keessa akka
jiran gaaffii fi deebiin namoota (qotee bultoota) waliin taasifame hubannoo gahaa
kenna.
Jiraattootin kun lafa irratti dhalatan gad-dhiisanii naannoo Dhedheessaa jedhamu
akka qubataniif mootummaan Federaalaa gaafii itti dhiyeessanii kan turan yoo ta’u,
ummanni yaada kana irraa fudhachuu dinnaan lafa omishaaf ta’uu irraa
saamanii(qe’ee irra jiraatan qofa dhiisaniifii maasii qonnaa irraa fudhachuun) sa’aa-
namaan karaa irra bobba’aani galani dhabanii, loon bakka dheedan dhabanii
rakkachaa lafa jireenyaa fi qonnaaf hin tolle, gaaraa fi qilee keessatti loonii fi
daa’imaa isaanii faana rakkachaa jiraatu.
B/ L
amm
Iddoo
fudha
Qotee
danda
beeku
C/ H
hang
Moot
Been
Feder
uumm
qar.1
alaatt
(Doo
rakki
Karaa
meeq
wagg
jiran
ta’an
Lafti seeraa
maa hangam
on xuraawa
atamee jiru k
e Bulaa sad
a’u dhufuun
u; kan gurgu
Haala kaffa
gamii? Gat
tummaa na
nyaa kaffalu
raalaa qofa.
mataaf kaffa
0 hin caalee
ti waan ta’
laran) waan
isu.
a biraa imm
qaa akka ta’e
gaa 10f, 15f
irraa caalad
dureessonni
an ala maq
mitti tilmaam
aa magaalat
kan kallattii
di jedhama.
n gurgurama
uratu Federaa
ltii akkami
ii mootum
annooti mo
uufis ta’ee
Ummataaf
alamu wagga
edha. Mootu
eef hirregni
n gurguram
oo Ummataf
e wanti beek
f, 20f… jedh
dhaan Hindii
i biyya kees
qaa investi
ma?
tiif jedhame
Boolee Bulb
Guyyuma
aa waan ta’
ala waan ta’
iitin gurgur
mmaan ittiin
oo Federaala
lafa gurgu
kan kafalam
aa sadi dura
ummaan kan
i isaa umm
muuf maalla
f beenyaan y
ksisan/itti hi
heetu wagga
i, Chayinaa,
saatis darbee
imantiitin s
ee fudhatam
bulaa, Karra
guyyaan, a
eef bulchaa
eef.
ramaa jira?
n gurguraa
a?
uruuf mirga
mu M2 dhaan
a qarshii 3 fi
gurguratu k
mataf iccitiid
qa guddaatt
yoo kennam
iman hin jir
aadhaan daa
, paakistaan
e darbee jiru
sooreyyiif g
mee fi iddo
Eerer fi naa
akkuma abb
an gandaatu
? Beenyaan
a jiru hoo
a guutuu k
n yoo ta’u,
i 4 yoo ta’u
kontiraaktaro
dha. Ta’us
ti akka gur
mu hanga bar
ru; mootumm
angessee gur
,Turkii, saw
u.
gurgurame
oon ijaarsa
annoo Garjii
baan qabeen
hangam ak
n ummataa
o? Kan gu
kan qabuu
, Beenyaan
, amma imm
oota fi inves
maallaqa b
rguratu tilm
ra meeqaatti
maan yoo gu
rgurata. Bi
wud Arabiya
kan hang
manneeniti
qofti Ganda
nyaa bitachu
kka ta’ee hi
af kaffalam
urguraa jir
mootumma
M2 tokkot
moo kaffaalt
staroota biyy
biyya alaatii
maamuun hi
ykn kan bar
urguru garuu
yyootni bita
aa fi kkf yo
ga
in
aa
uu
in
mu
ru
aa
tti
tii
ya
in
in
ra
u,
aa
oo
D/ Qonnaan bultoonni lafti irraa fudhatamaan jireenya akkamii keessa jiruu?
Hedduun isaanii qotatanii loon horsiisanii buluu malee jireenya biraa waan itti hin
beekneef akkasumas baruumsa qusannoo maallaqaaa waan hin qabneef qarshii beenyaan
isaaniif kanfalame sana oggasuma fixanii hiyyoomanii maatii isaanii bittinsanii magaala
keessatti hojii guyyaa qarshii xiqqoodhan lubbuu isaanii qofa tursiifachuuf hojjataa
jiraachaa jiru.
E/ Namoota lafa isaanii irraa buqqa’uu irraa kan ka’e jireenya gaddisiisaa
gaggeessaa jiran keessaa hanga tokko waliin gaaffii fi deebii taasisuun ragaa
amansiisaa walitti qabuu.
Gaaffii fi deebii jiraataa Ganda Galaan Arrabsaa kan ta’e Ob. Galaan Hawaas waliin
taasifame keessaa yaadni muraasni: “…lafti teenya kan gurguramtu akka nuti feenetti
osoo hin taane, akka mootummaan barbaadetti; nuti gurguramuu isaatu kan beeknu
gaafuma chikaaliin irra dhaabbate malee wanti dursamee nuun mar’atamu tookolleen hin
jiru. Kanfalitii isaas yoo ta’e nama jabaatee falmatee ykn abukaatoo cimaa bitatetu
argachuu danda’a; kuun waaqatti boo’eetuma itti dhiisa. Erga lafti keenya nurraa
fudhatamee miidhaa malee faayidaan arganne tokkolleen hin jiru; isaanumaaf dallaa
ijaarree, mana fincaanii qonnee, dhagaa falaxnee of jiraachisaa jirra. Kan kana dadhabe
immoo biyyaa gadhiisee bade; kan yakka addaa addaan himatamee sababuma kanaan
mana hidhaa galee kan maatiin isaa jiraachiisuu dadhabee addaan faca’es xiqqaa miti….
” jedhan. (gaaffii fi deebii kana yeroof akka turu goone. Tarii fuulduratti itti fayyadamuu
dandeenya. Sababni isaa “Maaf waan akkasii goota mootummaan akka nu balleessufii
jedhanii namoonni waan na sossodaachisaniif anis waanan gaabbeef adaraa akka
“delete” naaf gootan jedhee akka malee waan nutti watwaateef yeroof tursiisuu filanne.)
F/ Ilmaan Oromoo marti rakkoo hamaa kana hubachudhaan Maal gochuutu irraa
eegamaa?
Abbootii qabeenyaa lafa isaanii maqaa Investiin irraa fudhatanii dabalataan immoo
ummata waan nyaatu dhabee rakkachaa jiru humna isaanii qarshii xiqqoodhaan saamaa
jiruuf kanfaltiin seeraa akka kennamuuf qaama mootummaa dhimmi ilaalutti gaaffii
dhiyeessuu; gaaffiin kunis: 1/ warri kallattiidhaan miidhamtoota ta’an (Qonnaan
bultoonni N/F/F) bifa barreeffamaatiin iyyata qopheeffatanii qaama mootummaa
dhimmichi ilaallatutti iyyata akka galfatanii gaafatan irratti ijaaruu; 2/ Ummanni Oromoo
eessayyuu jiraatu(kan biyya keessaa) carraa walga’ii mootummaan yaamtu hundatti
fayyadamudhaan dhimma kanarratti bakka hundaa gaaffii mootummatti kaasuu;
Ummanni Oromoo biyya alaa jiraatu sagalee uummata kana Miidiyaa adda addaa fi
dhaabbilee/biyyoota addunyaatti dhageessisuu; gaaffilee ka’eef deebii mootummaan
kennitu/tarkaanfii fudhattu/ irratti hundaa’uun ummanni mirgaa isaa karaa nagaatiin
gaafatee dhabe humnaan akka deebifatuuf dhaabni qajeelfama kennuu;
Gaaffilee ka’uu qaban keessaa:
1. Beenyyan gahaa ta’e irra deebi’amee akka isaanii kennamu gaafachuu,
2. Balfaa fi xuraawwaa magaalaa keessaa haramee naannoo jireenyaa isaani fi laga
sa’aa-namni isaanii itti fayyadamutti naqamaa jiru hatattamanni akka irraa
dhaabbatu gaafachuu;
3. Carraan hojii dhaabbilee lafa isaanii irratti ijaaramanii loogii sanyumaan ta’uun
hafee dursi ummata naannootiif akka kennamu gaafachuu.
4. Kun ta’uu baannaan karaa/daandii bobbaa fi galaa itti cufanii qabeenya lafa
isaaniirra jiru irraa ar’achuun maasii isaanitti deebi’uun qotachuu; qubattoota
naannoo biraa irraa dhufanii lafa isaanii irratti mana ijaarratanii isaan ergachaa
jiran fincilaan ofiirraa kaasuu filannoo dhumaa akka godhachuu malan
akeekkachiisan beeksisuu fi kkkf
G/ Ummanni kallattiidhaan rakkoon kun irra jiru (Oromoonni naannawa F/F)
tarkaanfii akkamii fudhachuu qabaa?
Tarkaanfii ummanni fudhachuu danda’u keessaa akka fakkeenyaatti:
1. Faaydaawwan magaalan F/F naannoo kanarraa argattu: fkn. bishaan dhugaatii
Laga Daadhii, Gafarsaa Burraayuu fi kkf ummaanni humnaan irraa kutuu;
2. Daandiiwwn gara magaalatiitti seensiisan cufuu;
3. Lafaa isaanirraa fudhatameef qaamni sadaffaan gadi fageenyan xiinxalee
kanfaltiin haaraan akka laatamuuf falmachuu fi hojiin dhaabbaataan isaan ittin
jiraachuu danda’an uumamee lafa isaanii irratti bilisaan akka jiraatan gochuuf
kallattii kamiinuu qabsoo gochuu.
H/ Walumaagalatti lafaa fi qabeenya Oromoo maqaa “investment”tiin Naannawa
Finfinnee saamamaa jiru irratti ragaa qabatamaa walitti qabuudhaan karaa
danda’ame hundaan akkamittiin/toftaa kamiin/mormii kaasuu fi kaasisuun
danda’amaa?
Lafootin naannoo magaalaa F/F jiran hedduun isaanii keessattuu Galaan, Ada’a,
Yerer, Abbichuu, Walmaraa, Sabbataa fi kkf lafa baay’ee gabbattaa kan omishaa
midhaanii gosa kamuu kennuu danda’uu fi qonnaaf mijataa ta’eedha. Har’aa yeroo
Addunyaan harki caalu, addatti immoo uummanni keenya guutun hanqina midhaan
nyaataan rakkachaa jirtu kanatti lafa omisha midhaanii biyyattii keessatti qooda
guddaa qabu kana qonnaan bulaarraa fuudhanii omisha habaabootiif oolchuu fi
magaalaa irratti ijaarun har’atti guddina magaalaa fakkaatuyyuu fuuldureen isaa kan
dhaloota miidhu ta’uun hubatamee gochaan kun akka dhaabbaatu qaamoolee
hawwasaa hundaan mormiin akka irratti ka’u waamicha godhuu.
_____________________________________________________________________
II. Lafa omisha Abaabootiin manca’aa jiru ilaalchisee:
A/ Tilmaamni lafa hangamii omisha kanaan akka qabamee fi miidhaan
waliigalaan hanga ammaatti geessise hangamii?
Lafti/iddoowwan Omisha kanaan qabaman Onoota Finfinneetti marsanii jiran
yoo ta’u, isaanis: Ada’aa(Bishooftuu), Liiban Cuqqaalaa, Caffee Donsaa,
Abbichuu, Sulultaa, Lumee (Mojo), Sabbataa Hawaas, Waliso, Alam Ganaa,
Walmaraa(Hoolota), fi Dandii fa’i.
Iddoowwan armaan olitti eeraman kanneenitti yoo xiqqaatee saayitii ykn toora omishaa
tokko keessaatti lafa gara hektaara 80ttii (saddeettama) tilmaamamutu omisha kanaan
qabamee jira.
K
la
g
K
k
ak
tu
q
W
f
O
j
o
g
h
A
G
q
D
to
G
D
sh
yk
Karaa biraa im
aggeenii fi m
ad xiqqaach
Keessayyuu k
eessa facaas
kka dhufee d
ure gara kum
ofatti akka g
Warshaa Ha
fi deebii qon
Obbo Tolasa
jiraattota ga
osoo xaafii i
guyyaa carra
hiree keenya
Ammayyuu x
G/ Warshaan
abeenyaa isa
D/ waggaa sh
orbaatama) b
G/ Warri lafa
D / Jireenya m
haniin dura j
kn immoo ir
mmoo Summ
maasitti nam’
aa dhufee fi
kemikala lag
saa jiran irraa
dubbatu. Fkn
mtaala 20 ol y
gadi bu’e dub
abaaboo Naa
nnaan bultoo
aa Dadhii fi H
anda 05 ti. La
irraa haamm
aqaniyyuu ji
a kan ganam
xiiqidhaan c
Habaaboo a
aa akkamiin
haniin dura M
beenyaa kaff
a kana beeny
maal qabu re
jechuudha) “
rraa isiniif ka
mii fi kemika
’a; sababaa k
matumaan b
ggeenitti gad
a kan ka’e O
n. Waggaa s
yoo ta’u bara
bbatu.
annoo Sabba
ota naannoo
Haadha war
afa qonnaa h
matanii argin
ireenya nam
maati jedhani
iniinnatanii
asii muul’ach
lafa hanga k
M2 tokkotti g
faleefii fudha
yaa hangasiit
ee??? Waan
“waggaa sha
aana waan ta
aalli warshaa
kanaan oyiru
baduu isaa n
di dhiifamudh
Omishni Xaff
adi dura Xaa
a darbee kan
ataa fi Alamg
kanaa walii
rraa isaanii,
hambaa war
ne. Akkasitti
mummaatti ba
ii rakkinaaf w
hojjataa jiru
haa jiru kun
kana qotee b
guddaa torba
ate.
tin gadi dhiis
qaban irraa
aniin booda i
a’eef deebita
a kana keess
uun namoota
namoonni he
haan laggeen
ffii fi garbuu
afin hektaara
na immoo ga
ganaatti arg
in taasifame.
Magaalaa s
rshaa habaa
dhirsaa fi n
ahuu hin dan
waan harka
u.
lafa bal’aa q
bulaa irraa qa
a, jechuun q
san sunneen
fudhatamee
irra deebi’am
anii qotachuu
saa ba’u kall
a hedduu om
edduun ni du
n immoo ma
baayyee gad
a tokko irraa
ara kumtaala
gaman ilaalc
.
sabbattaa ja
aboo irraa ha
iitidhaan ha
ndeenye. Ga
kennatan hi
qabatee jira.
abachuu dan
qar. 0.70 (sa
amma maal
… Yeroo sa
meetu isinii k
u dandeessu
lattiin gara
mishin akka
ubbatu;
aasii qonnaa
di xiqqaataa
a argamaa
a 12-15
chisee gaffii
alatti
afte wayii
alkanii
aruu kun
in fakkaatan
Mee abbaa
nda’e?
aantima
lirra jiruu?
ana (waggaa
kaffalama
u” nuun
a
a
n.
an
a
jedhanii turan; amma waggaan shan waan darbeef nuuf kaffalaa jedhanii gaafannaan
lafumarra butanii dhoowwatan. Hanga har’atti kaffaltii marsaa lammaffaa(kan
waggaa shanii boodaa kana) hin kennine! Nurraayis hin kaane; akkuma argitu kan
nurraa ka’an dhiisii caalattuu babal’ataa jiru; nurraa ka’uuf waan yaada qaban hin
fakkaatan.
G/ Abbootiin qabeenyaa Warshaalee habaaboo kunneen warra biyya eessatii?
D/ Warruma biyya kanaati. Finfinneedhaa dhufan nuun jedhan malee nuti iddoo irraa
dhufan sirritti hin beeknu.
G/ Hojjattoota humnaa warren warshaa habaaboo kana keessa hojjataniif guyyaadhan
hagam kaffaluufii?
D / Yeroo duraa sana guyyaan qar. 7 (torba) ture. Amma xiqqoo daddabalamaa
dhufee guyyaadhaan qar. 10 (kudhan) ta’eera.
G/ Yeroo ammaa jireenya akkasitti miyaa’e kanaan guyyaatti qarshii 10 argatanii
maal nyaatanii, maal uffatanii …. Akkamitti jireenya taatiif?
D/ Maal godhu ree? Ishumaan waanuma xiqqoo nyaatanii jiraatama.
G/ Duraan yoo qotataa tortanitti lafa kanarraa qarxii tokkotti xaafii kumtaala meeqa
argachaa turtan?
D/ Hanga kumtaala shaniitti ni argama ture.
G/ Mee amma isin ykn warri abbaa lafa kanaa turan duraan loon qabdan asirra
bobbaafattanii, kaan immo qotatanii jiraataa turtan har’a hoo hojii maal irratti
bobbaatanii jiraatu/jiraattu??
D/ Irra caalaan keenya isaanuma bira hojii humnaati fi waardiyaa hojjanna. Isaayyuu
kadhanneetu nu qacaru. Mindaa nuu dabalaa jennee yoo gafanne “yoo barbaaddan
hojjadhaa, yoo quuftan immoo namni hojjatu guuteera waan ta’eef deemuu
dandeessu” nuun jedhu takka takka tuffiidhafiiyyuu nu dubbisuuf hayyamamoo miti.
G/ Kanarratti ummanni homaa hin dubbatuuree? Akkanumatti lafa isaatis dhabee
humna isaatis fixate callisaa?
D/ Ummanni dubbatee homaa bu’aa buusuu hin dandeenye. Yoo dubbatan lafti kan
mootummaati nuun jedhu. Maal godhuu dandeenya?
G/Mee isin lamaan malee namoota lafti kun irraa fudhatame eenyu eenyu fa’i?
eessattin isaan arguu danda’a?
D/ Biyya/ganda kana guutudha kan irraa fudhatame; maal ebelu ebelu jedhama? Waa
manneen sitti muul’atu kunniin hundi kan lafti irraa fudhatameedha.
G/ karaa biraa immoo warshaan habaaboo kun tajaajilli ummataaf kennee jiraa? Fkn.
Daandii fi bishaan isinii baasudhaan, ibsaa isinii galchudhaan?
D/ Yeroo jalqabaa sana kunoo safara kanaaf qofa (manneen muraasaaf) bishaan
baasaniiru. Ibsaa fi daandii nuuf hin hojjanne. Garuu waadaa galanii ture.
Ammas naannuma Sabbataa kanatti qonnaan bultoota lama osoo maasii isaanii irraa
midhaan haamanuu itti dhufnee wajjin turre.
Maqaa: Baalcha Tuchoo fi Gurmu Birru
G/ Gandi kun maal jedhamaa?
D/ Ganda Waajituu jedhama.
G/ Warshaa habaaboo asii muul’atu kun kan eenyuuti jedhamaa?
D/ Inni kun Tsaggaa Abbabaa jedhama; Salaalee dhufe nuun jedhan. Inni sun immoo
Nugusee jedhama; nama biyya Tigreeti.
G/ M2 herreega meeqatiin fudhate yoo san?
D/ M2 tokkotti guddaa torba (qar. 0.7) ture. Dhiyeenya kana immoo qar. 4.50 jechaa
jiru. Ummanni egaa yeroo jalqabaa san kanumaan gowwometu qarshiin kun waan
guddaa itti fakkeeffamee baayyellee osoo hin mormin qarshii fudhatanii gadi dhiisan.
Har’a garuu gaabbanii waan godhan dhabanii jireenya hamaa keessa galeetu jira.
Rakkoo hamoo keessa jirra. Warra humna hin qabne Waardiyaa jedhanii halkan qorra
keessa bulchanii, guyyaa immoo balbala qabatee oolee ji’aan qarshii dhibba afurii fi
shan itti darbanii sanumaan jiraachaa jiru.
G/ Warri hojii humnaa hojjatu hoo guyyaan meeqa argatu?
D/ Dhiiraaf qar. 10n kaffalu dubartiif immoo qar. 7 kaffalu. Qoricha/kemikaala
habaaboo afuufuu yoo ta’e immoo guyyaatti qarshii 12 (kudha lama) kaffalu. Ani
fakkeenyaaf qoricha biifuu kanan hojjataa ture. Dura madaa xiqqoo wayiin miila irraa
qaban ture; achi osoon hojiirra jiruu qorichi biifu kun madaa sanarra na bu’ee akka
malee na dhukkube. Booda garuu dhibamaa ta’eetan yoon m/yaalatti ilaalamu
kemikaalan afuufaa turerraa dhibee cimaan garaa keessatti akka na uumame natti
himan. Anis achumanan hojicha dhiisee kan biraa gale. Haala kanaan nama bayyetu
qoricha isaanii kana osoo biifanii harkaa fi miilan ciccite.
Karaa biraa immoo kemikaala Warshaa keessaa bahu lafa margaa irratti gadi dhiisanii
horiin ganda Waajituu akkuma jirutti dhume. Nama tokko jalaa iyyuu gara horii 6
ykn torbatu du’e.
G/ Mee nama qoricha kanaan miidhamee fi horii du’eef beenyaan kaffalamee?
D/ Kan namaa “hojiirratti miidhame waan ta’eef hin kaffallu” jedhanii didan; kan
horii dhumee garuu ummanni guutuun waan loleef hundumaafuu beenyaa
kaffalaniiru.
G/ Mee haalli jireenyaa hojjattoota warshaalee kanneen keessa hojjatanii waliigalaan
maal fakkaata?
D/ Kan nama dhibu hojjattootni asi keessaa kunneen qarshii kaffalamtuuf sanillee asii
fuudhanii hin ba’an. Asumatti gadi deebisu. Maalif yoo jette. Isaanumti warri abbaa
qabeenyaa kun Mana nyaataa fi mana shaayii achuma moora keessatti waan
daldalaniif hojjattootni immoo hanga mindaan torbee lamaa lamaan kennamuufitti
duubee akka nyaatan hayyamuufi. Hojjataan hunduu mindaa isaa torbee lama lamaan
waan argatuuf jalqaba hanga mindaa argatutti waan nyaatu waan hin qabneef dirqama
isaanuma biraa duubeedhaan nyaata; manatti galee waa bilcheeffatee nyaachuu hin
danda’u jechuudha. Kun egaa achi keessatti kanaan (duubedhaan) hidhamanii akka
taa’anifi. Achi keessatti hojjataan idaa ofirraa dhabe hin jiru.
G/ Ummanni lafa kana gadi hi dhiisnu jedhee hin mormannee yeroo sana?
D/ Kan morme hedduudha; garuu mormitee maal fidda? Lafti kan mootummaati yoo
beenyaa fudhattanis yoo fudhachuu baattanis gadi dhiisuun dirqama jedhamnaan
hunduu egaa beenyuma tanallee fudhachuu wayya jedhee gandatti deemee waliigaltee
mallatteessee beenya fudhatee itti dhiise. Yeroo san namicha kunoo mana nu fuuldura
jiru kanaatu ummata keessa fiigee dafaa gadi lakkisaa lafti isinirraa
fudhatamuufii….maal maal jedhee namni akka waliigaleetillee waa hin dubbatanne
afaan wal jala dabarsee namnis afaan tokko ta’uu hin dandeenye.
G/ Namichi jette kun eenyu inni? Aangoo mootummaa qaba moo?
D/ Shawaa Buzuu jedhama. Kunoo manni isaa kana. Aangoo hin qabu; garuu afaan
colleedha, afaanumaan isaan jala kaata. Kunoo akkuma argitu isaaf ibsaa galchaniifii
jiru. Isa malee namni ibsaa asiin darbee warshaa seenu kana galfate hin jiru.
G/ Namni kun dhalatadhuma biyya kanaatii?
D/ Inni asumatti dhalate; abbaan isaa garuu biyya Sidaamatii dhufe.
(Gaaffii fi deebin taasifame kun baayyee bal’aadha. Kan hafe DVD ergine irraa
dabalachuun ni danda’ama. Nuti hanqina yeroo qabnu irraa hanganuma barreeffamatti
jijjiirre.)
Obbo Girma Atawu jedhamu; jiraataa Naannoo magaalaa Sabbataa, Ganda
qotee bulaa Diimaa maanyeeti. loon isaanii gara itti bobbaasan dhabanii
yaadaan osoo leeyya’aa jiranii itti dhufnee xiqqoo haasofsiisne.
G/ Mee Warshaan habaaboo qe’ee fi lafa qonnaa isinirraa fudhatee jiru kun
jalqaba akkamitti isinitti dhufe? Akkamitti lafa kana hunda argachuu
danda’e?
D/ Jalqaba egaa dubbiin kan dhufte karaa bulchiinsa gandaatin. Ummanni
illee gurgura hin barbaadneeyyu; garuu bulchiisni gandaa lafti kun
habaabodhaaf barbaadamaa koottaa mallatteessatii waan mootummaan isinii
kaffalu fudhadhaa jedhame; nutis dirqama waan ta’eef gatiillee osoo waliin
hin dubbatin waanuma isaan nutti kennan (M2tti Saantima 70) fudhannee itti
dhiisne.
G/ Yeroo san kan waggaa meeqaa jedhaniitu kan isinii kaffalan?
D/ Kan waggaa shaniiti jedhani taran. Garuu amma waggaa shaan erga
darbee tureera. Dabalataan homaa hin kaffalle. Ummannis himannaa deemaa
turee homaa murtaa’uufii didnaan dadhabanii dhiisaniiru.
G/ Amma osoo habaaboon kun irraa isinii ka’ee lafti kun deebi’ee akka
duriitti margaa fi midhaan ni biqilchaa?
D/ Simintoo fi kemikaala adda addaa waan itti naqaniif kun sarana maal
biqilchuu danda’a jetteetu. Kanaaf waan akka duriitti nuuf deebi’u hin
fakkaatu. Tarii tutturee bara dheeraan booda yoo kemikaalaa fi simintoon
kun irraa ka’e akka duriitti waan deebi’u natti fakkaata.
(Guu
waan
danda
Aadd
Bish
naan
ta’an
wara
isaan
dhuf
utuu gaaffii d
n ta’eef gara
a’ama.)
Obbo Ob
Habaabo
jedhamu
Mooraa
mana fin
G/ M
de Buzuu Ba
haan duraan q
nnoo Alamga
niiru. Kanaaf
aabanii obaa
nii hin mada
fnee haasofsi
deebii gabaab
barreeffama
bbo Garoma
oo “Adaree B
u kun Habash
warshaa hab
ncaanii osoo
Mee hojii kan
adhaanee Aa
qe’eerra isaa
anaatti dhaab
f horiis ta’ee
suun dirqam
alle tokko ba
iisne.
bduu nu wal
aatti hin jijjii
a Bachoo jed
Bayyanaa” j
haadha. Amm
baaboo keess
qotanii itti d
naaf guyyaat
adde Dinqee
an yaa’u har
bbatanii waa
e nama bisha
ma ta’eera. A
aatanii bisha
liin taasisan
irre. Guutuu
dhamu; dhala
edhamu kee
ma garuu wa
sattii hiriyoo
dhufne.
tti meeqa isin
e jedhamu; M
’a erga wars
an summaa’a
aan lafa jalaa
Aadde Buzun
aan barbaach
dhimma kaa
isaa DVD ir
ataa Alamga
essa hojjata.
arra Hindiitt
ota isaa nam
nii kaffalu?
Manguddoo w
shaaleen add
aniif sa’aa-n
a jarikanidha
nis jarikaana
ha osoo deem
asaa tureen w
rraa argachu
anaati. Warsh
(Namich Ad
ti gurgurate j
ma lama walii
waggaa 70ti
da addaa
namatti diina
aan
human
manii itti
wal fakkaata
uun ni
haa
daree
jedhama.)
in boolla
.
a
aa
D/ Akkuma ulfaatina hojiitin garaagarummaa qaba. Kan guyyatti qarshii 5,
6, 7n oolu jira. Kan immoo qarshii 10 fi 13n oolus ni jira.
G/ Mee qarshii hanga tanaa guyyaan argattanii, jireenya yeroo ammaa
hammaate kanaan akkamitti jiraattu?
D/ Maal goonu ree??? Waanuma goonu dhabne. Kaleessaa fi dheengadda
hajjattootni hundi nuuf haa dabalamu jennee walga’ii irratti jeequmsa goonee
turre. Garuu warri maanajarootaa faranjichi (abbaan qabeenya) yaa dhufuuti
gaaffii keessan itti isinii dhiyeessinaa hangasitti hojjadhaa nuun jedhanii
akkasitti beellamaan jirra. Ani warshaa kana keessa ergan galee waggaa jaha
guute. Garuu homaa guddina tokkollee naaf hin daballe. Warra na duuba
dhufan kan muuxannoo homaa hin qabne anaa olitti kan ol guddisan
hedduudha. Addaan nama qoodu.
Alamu Waaqo jedhama. Ijaallee waggaa 12 ti. Lafa warra isaa jalaa
fudhatamee yeroof hojiin irratti hin eegalamin irratti loon tiksaa jira. Rakkoo
Investimantiin walqabatee isaanitti dhufe kana umurii isaa xiqqoo tanaan
akkassitti dhukkubsatee yoo dubbatu garaa nama nyaata.
G/ Lafti kun kan keessanii?
D/ Kan keenya ture. Amma nurraa fudhatameera.
G/ Eenyutu isinirraa fudhate?
D/ Mootummaadha.
G/ dirqiidhumaan moo waa isinii kaffaleeti?
D/ Dirqama waan ta’eefi malee warri koo gadidhiisuu hin barbaanne. M2
tokkotti qarshii 5.50 isinii kennama jedhaniitu abbaa koo fi haadha too
mallattesisan.
G/ Qarshii kana isinii kennaniree?
D/ Hin kennine; ammasitti egaa loon irra bobbaafachaa jirra; gaafa asii
deemaa nuun jedhan deemudha kaa!
G/ Gaafas loon kana akkam gootu egaa?
D/ ni gurgurra malee maal goona ree? Bakka geessinu kan biraa hin qabnu.
G/ Mee kemikaala warshaa habaaboo kana keessaa margarratti gadi
lakkifameen naannoo kanatti loon baayyetu dhume jedhama; loon tiksaa jirtu
kana keessaa kan isin jalaa du’e hin jiruu?
D/ Kemikaala margarratti gadi nam’e nyaatanii horii torbatu nu jalaa du’e
(Alamaayyoon waan baayyee dubbate; nuti garuu hanganuma gara
barreeffamaatti deebisne)
Loon laggeen summiin kun itti dabalame dhugaa jiraatan dhibee qaamaa isaanii
mammadeessuu fi citteechee huqqisuuf saaxilaman hedduudha; kan dhumanisi
akkasuma baay’eedha. Sababa faalamuu laggeen kanaan bakkoota hedduu miidhan
kun kan qaqqabe yoo ta’u, dhimmi kun qorannoo bal’aa barbaadaa waan ta’eef
tilmaamuun nu rakkiseera. Ta’us gaaffii fi deebii ta’e irraa hanga tokko yaada
argachuun ni danda’ama.
Magaalaa Bishooftuu fi Duukam jidduu Ganda Qotee Bulaa Qurquraa jedhamutti
Dhaabbata “East Afrika” jedhamu kan lafa walakkaa ganda tokkoo ta’u qabatee jirutu
jira. Dhaabbanni kun xurii/kemikaala maasii qonnaa fi marga loonii irratti gadi
lakkisuun miidhaa hamaa ummatarraan gahaa akka jiru hubanne. Kanarratti gaaffii fi
deebii namoota waliin taasisne kunooti.
Obbo Getacho Aragga jedhamu; jiraataa Ona Ada’aa, Ganda Qurquraa lakk.2 ti.
G/ Amma dhaabbata East Afrikaa kana keessa hojjataa jirtuu?
D/ Amma gara biraatin hojjadha, duraan garuu asuma keessan hojjataa ture.
G/ Dhaabbata kana keessatti maal maaltu omishamaa?
D/ Saamunaa, Ajaaksii, Buskutii, Faaffa, Dibata/cosmetics/, Kaartonii, mana daakuu
midhaanii fi maxxansa adda addaati.
G/ Mee Warshaan kun erga dhaabbatee tajaajilli inni ummataaf fide jiraa?
D/ Dura yoo lafa kana bilisaan bulchiinsa gandarraa fudhatu (lafa hangana bal’atu
kana hin binne, bilisaan kennameef jedhu; ganda keenyaaf waan baayyee waadaa
gale. Garuu waan waadaa gale hin hojjanne.
G/ Maal waadaa galeeyyu?
D/ Fkn Kilinikii, ibsaa, Bishaani fi ibsaa isiniin galcha jedhee ture. Kana keessaa
boolla bishaanii kunoo asii muul’attu tana qofa nuuf baase. Ishiinuu eegumsa dhabdee
kinoo caccabaati jirti.
G/ Ummanni hin gaafaturee waan waadaa galan kana akka isiniif guutan?
D/ Bara baraan gaafachuu hin dhiisne. Garuu qaamni furmaata kennu hin jiru.
G/ Dhaabbanni kun erga asitti hundaa’ee waggaa meeqa ta’e?
D/ waggaa 14 (kudha afur)
G/ Dhaabbanni kun xuriin gadi naqu hin jiruu? Yoo jiraate hangam of
eeggannoodhaan akka sa’aa-nama hin miinetti gadi naqu?
D/ Xurii/kemikaala kunoo duuba sanaan sulula keessa gadi dhiisanii lafa margaa fi
maasii namaa keessa faca’a. Sababa xurii achi keessaa bahee margarra faca’en loon
marga sana nyaatanii dhuman hedduudha.
G/ Loon haala kanaan dhuman kanaaf beenyan kaffalame jiraa?
D/ hin kaffalamne; eenyu gaafatu? Kan nama dhagahu hin jiru.
G/ Abbaan qabeenyaa dhaabbata kanaa eenyu jedhamaa? Lammii biyya alaati moo?
D/ Buzaayyoo Taaddasaa jedhama.
Shamarree Alamii Dassaalany jedhamti.
G/ Dhaabbata East Afrika kana keessa hojjattaa?
D/ Dura achin hojjadha ture. Amma dhiiseera; barnootattin deebi’e.
G/ Kaffaltiin isaanii hojjattoota humnaatiif guyyaan hangami?
D/ Guyyaadhaan qarshii 10 (kudhan) kaffalu. Isayyuu ganama sa’aatii tokkotti
seentee galgala sa’aatii 11tti yoo baateedha. Sa’aatii 2tti seentee 11tti kan baatu
yoo ta’e immoo guyyaatti qar. 7n oolama.
G/Mee haalli hojjataa fi hojjachiisaa dhaabbata East Afrika kana keessatti maal
fakkaata?
G/ Hojiin asi keessatti nu hojjachiisan fayiduma isaanii qofaaf akka ta’utti
humna namaa nyaatu malee akka ati jireenyaan of dandeechu si hin godhan.
Kana malees kemikaalli namoota hedduu miidhaa jira. Namni baayyee
dhukkubsataa ta’eera. Kuun dhukkubni isaallee maalirraa akka ta’e osoo hin
beekin du’u. (gaaffii fi deebiin kun hedduudha. Kan hafe DVDrraa ni argattu.)
B/ Ba
1. Ha
dhiqa
2. Bin
jireen
Laga
3. Sab
gurgu
ilmaa
dhum
Kun i
alaga
dhiise
4. La
hanga
Obbo Ob
G/ Bisha
beelladar
D/ sirritt
fixe.
G/ Rakko
D/ Bulch
furmaata
(Bal’na i
adiin geessis
aalli kun akk
achuufillee r
neensota, qu
nyi isaanii so
Sabbataa, k
baba loon ba
urudhaan wa
an isaanii da
maa waan jiru
immoo dhal
aa ta’ee akka
ee orma fakk
afti omishni a
a meetira 10
bbo Boolee W
aan xuraa’an
rratti balaa h
i fida malee
oo kana qaam
hiinsa ganda
a nuu kennuu
isaa DVDrra
suuf deemu
kanaan itti fu
rakkisaa ta’a
urxumiiwwan
odaachisaa fi
kan xura’aa W
akka dheeda
aan haphisan
alchisan hin
uuf gama ka
oota fuula du
a jiraatu taasi
kaatee akka j
abaaboo irra
0 gadi qotam
Worqu jedha
n dhaabbata k
hin fiduu?
; nama harka
ma ilaallatut
keenyaatti y
u didan.
aa argattu)
u immoo ham
ufnaan lagge
.
nii fi sa’aa-n
fi suukkanne
Warshaa Ara
an dhabuutiin
niif gara fuul
jiraatu. Laft
anaanis hand
uraa bakka j
isuu fi Umm
jiraatu taasis
atti babal’ach
mee keemikaa
amu.Jiraataa
kana keessaa
aa fi miila ku
tti hin iyyann
yeroo heddu
mmeenyum
en Oromiyaa
nama laggee
essaa ta’a.
aqee keessaa
n qonnaan bu
lduraatti akk
fti qonnaatis
dhuraan ilma
jireenyaa dh
manni Oromo
suuf kan yaa
haa jiru kunn
ala fi siminto
a Ona Ada’aa
a gadi yaa’u
ukkutee citte
nee?
uu deddeebin
mmaan isaa a
a hedduun is
en kanatti fay
a bahuun faa
ultoonni N/F
ka aadaa Oro
maqaa inves
aan isaanii dh
absiisudhaan
oo daangaa F
adameedha.
neen omisha
oodhaan, akk
a ganda Waa
kun namaa
eessa; horiis
nee iyyannee
akkamittiin
saanii dhugu
ayyadamani h
alamee loon
F/F loon isaa
omootti hand
stmentiitin h
haalchisan h
n biyya abba
F/F aadaa isa
a abaabotiif j
kasumas wa
ajituuti.
fi
s baayyee
erra. Homaa
n ibsama?
uun hafee
hundaaf
fixaa jiru.
anii
dhuraan
harkaa
hin jiraatu.
aa isaa irratti
aa gadi
jedhamee
antoota akka
i
cirrac
kun d
tekin
kana
gamm
tilma
chaa wayiitii
deebi’ee qon
oolojii amm
deebisee qo
moojjummaa
aamuun nama
in waan guu
nnaa fi biqiltu
ma keessa jiru
nnaaf oolchu
a babal’isudh
a hin rakkisu
utamuuf osoo
uu biqilchuu
uun lafa mee
uu hin danda
haan lafa jire
u.
o bar tokko o
uf hin ta’u. S
etira 10 gadi
a’u. Kun imm
eenyaaf hin m
omisha isaan
Sababni isaa
fagaatee biy
moo gara fu
mijanne taas
nii irraa kaaf
a qotee bulaa
yyoon isaa ir
uula duraatti
sisuu akka d
fatanillee laf
an
rraa manca’e
danda’u
fti
e
Warshaa Habaaboo naannoo Sabbataa jiran keessaa
C/ Qonnaan bultoota hangam ta’anitu dhimma kanaan lafa isaa irraa buqqa’ee?
1. Godina addaa magaalaa F/F jala jiraan keessattii qofa yoo xiqqaatee ganda tokkoo
keessaatti namoota 50 olitu lafti irraa fudhatame.
Haala jireenyaa amma irra jiran?
1. Irra caalaan isaanii hojii guyya guyyaatiin kaffaltii qarshii 12 hin caalleen warshaa
habaaboo kana keessa hojjatanii of jiraachisu. Fuuliin kemikaala omisha kanaaf itti
fayyadamanii summii waan ta’eef, kanarratti of eeggannoof waan qaama isaanii irraa
ittisu waan hin tolfamneef namoonni, keessayyuu shamarran hojii humnaatiin iddoo
omisha abaaboo kana keessa hojjatan baayyeen isaanii dhibee Asmii fi garaachaatiin
rakkachaa akka jiranitu bira gahamera.
III. Faalama laggeen Finfinnee fi naannawa Finfinnee:
Laggeen xixiqqoon Finfinnee keessa darbanii yaa’ani fi sa’aa-nama Oromooo naannawa
Finfinnee jiraatu jiisan hedduu turan. Har’a garuu laggeen kunniin kuun isaanii xura’aa
warshaa keessaa bahuun faalamanii sa’aa-nama irratti miidhaa hamaa geessisaa kan jiran
yoo ta’an kanneen hafan immoo cirumti isaanituu gogee sululli isaan keessa yaa’aa turan
dhagaa qofa hammatee hafeera.
A/ Imaammata Mootummaan Wayyaanee Oromoo fi Oromiyaa lafarraa balleessuf yaalaa
jirtu keessa toftaan kun isa tokko ta’uun hubatamee waliigalaan maaltu godhamuu qaba?
Hanga ammaatti sa’aa-nama hangamiitu rakkoo kanaan miidhame? Omisha midhaanii
irratti rakkoo geessiseen walqabatee diinagdee ummatichaa dadhabsiisuu irratti gahee
hangamii qaba?
Obbo Galatu Birbir jedhama; Jiraataa Ona Ada’aa, Ganda Daalotaa fi Qaallittiiti.
G/ Lagni kun maal jedhamaa?
D/ Laga Waddeechaa jedhama. Tulluu Erer irraa ka’eetu laga Mojootti dabalama;
lagni Mojoo immoo laga Hawaasitti dabalama.
G/ Horiin ni dhugaa laga kana? Namni hoo?
D/ Horiin kanuma dhuga. Duraan namnis ni dhuga ture, amma garuu warshaalee
Habaaboo kunneen erga dhufanii namni dhuguu dhaabe.
G/ Maal Habaaboon erga dhufee booda maaf dhuguu dhiisanree?
D/ Warshaalee Habaaboo naannoo kanatti muul’atan kunneen hunduu kemikaalaa fi
xurii warshaa isaanii keessaa bahu laga kanatti waan gadi dhiisaniif amma
summeessaniiru.
G/ Maarree lagni faalame/balfame kun horiin yeroo dhugu hin miidhuu?
D/ Horiidhaaf filannoon biraa hin jiru. Yeroo yerootti loon dhukkuba adda addaatiin
dhuman hedduudha. Garuu irraa eeganii hin danda’amu waan ta’eef kuun
dhumaatuma kuun immoo akkasumatti dhugaatuma jiraachaa jiru.
G/ Mee qotee bulaan jalqaba lafa hangana guddaa ta’e kana akkamitti warra warshaa
Habaaboo kanaaf gadi dhiise?
D/ Jalqaba lafti kun gadi ciisaa waan ta’eef ganna ganna bishaan laga waddeechaa
irra gara galee sanyii fi xaa’oo maasii irraa jalaa haratee akka malee qotee bulaa
boochisaa ture. Bishaan kun/lagni kun bishaan guddaa waan ta’eef human qotee
bulaatiin ofirraa jal’isuun hin danda’amne ture. Kanarraa kan ka’ee dubbiin
Habaaboo kun waggaa shaniin dura yoo dhufu ummanni carraa gaarii itti
fakkaatetuma waanuma xiqqoo kaffalamteef sana fudhatanii lafa gadi dhiisan. Amma
immoo bishaan kunis daandii argatee yaa’uu waan eegaleef osoo kennuu baannee
jedhanii baayyee gaabbaa jiru. Qarshiin kennamteefis homaanuu hin godhanne. Har’a
ijoollee waggaa 10 fi 11 irraa jalqabee isaanuma biratti hojii humnaa hajjataa of
jiraachisaa jirra.
L
Ij
h
H
G
D
G
D
A
G
D
h
d
G
D
(G
jij
Laga Waddee
Adde Gaad
kanarratti o
xurii qaam
(Yaad
barree
oollee naan
aasofsiisne.
Habaaboo “R
G/ Amma erg
D/ Eeyyee am
G/ Lafti kun y
D/ Kontiraata
Amma kan w
G/ Amma laft
D/ Cirracha, S
ojjataniif ka
oozarii fi hu
G/ Shallaggii
D/ Qarxii (de
Gaaffi fi dee
ijjiirre. Guutu
echaa Kemik
ddisee Tullu
osoo huccuu
ma isaanii hin
dota hanga am
effamaatti hi
nnoo laga W
Hanga tok
Rain Bow” j
ga gaabbani
mmayyuu ga
yeroo san wa
a waggaa 15t
waggaa 10 be
fti kun osoo i
Simintoo fi k
na irraa kaas
umna maashi
hangamitin
ebisa sangaa
ebiin kun bal
uu isaa DVD
kaala W/Hab
u jedhamu, ji
u miiccaa jira
n wayyuu laa
mmaa ka;an
in deebisne)
Waddeechaarr
kko erga h
edhamu kee
i booda umm
aaffidhumatti
aggaa meeqa
tin mallattee
eenyaa kenna
isaan irraa k
kemikaala ad
suun humna
inii gurgudd
yeroo sana
a tokko) tokk
l’aadha; yaad
D irraa argatt
baabootiin fa
raattuu Gand
anii itti dhuf
ata jechaa ya
n waan addaa
raa horii tik
haasofsiisnee
essaa gara la
manni lafa ke
i jirama. Him
aaf jedhame
essisan. Kaff
aniiru.
ka’anii deebi
dda addaa la
qotee bulaa
aadhaan yoo
beenyaan ka
kotti qar. 3,0
da ijo ijoo ta
tu).
aalamee dhii
da naannoo
fne. Xurii wa
aada keessa g
a waan hin q
ksaa laga ka
e booda idd
aga waddeec
eenya nuu d
mannaarra ji
eetu kan kaff
faltiin immo
’ee qonnaaf
afa jala aww
atiin waan da
o buqqa’e m
an kennamee
000 (kuma sa
a’an qofa gar
iga fakkaate
laga waddee
arshaa habaa
gallee itti go
qabneef gara
ana irra taph
doo kemika
chaatti daba
deebisaa jedh
irama.
falameef?
o waggaa 5
f ta’uu danda
waalanii waan
anda’amuu m
malee.
ef?
adi)
ra barreeffam
.
echaa ti. Lag
aboo kanarra
orre.
hatan argine
aalli warsha
alamuun akk
hee gaafatee?
5niin.
a’aa?
n irratti
miti. Tarii
maatti
ga
a
ee
aa
ka
?
nutti agarsiisan gaafannee isaanis nu geessan. Hanguma gara iddoo kemikaalli kun
lagatti dabalamuutti dhiyaachaa deemnuun bishaan dhiiga fakkaatutti dhufaa deemne.
Yeroo iddoo boyii/sulula kemikaala warshaa gara lagaatti yaasu bira geenyu, waan
dhiiga fakkaatuti lagatti gadi yaa’a. (waraabbiin haala kana agarsiisu DVDrra jira.
Naannoo magaalaa Sabbataa fi Alamganaatti Xurii Warshaalee keessaa bahuun
laggeen faalaa jiranii fi miidhaa hanga ammaatti qaqqabsiisan ilaalchisee gaaffii
deebii bal’aa namoota sadi waliin taasisne kunooti.
Maqaa: Obbo Qitessa Badhasoo
Jiraataa Magaala Sabbataa
G/ Lagni kun maal jedhamaa?
D/ Laga Sabbataa jedhama.
G/ laga kana maaltu akkanatti xureesse/summeesse?
D / Xurii “Warshaa Araqee Biyyoolessaa Sabbataa” jedhamu kan asitti argamu
keessaa xurii/balfa gadi lakkifamutu laga kana akkanatti xureessee “zayitii” lafarra
yaa’u fakkeesse.
G/ Mee lagni kun akkas ta’udhaan balaan inni geessise maal?
D/ Lagni kun tokkoffaa summii fi kimikaala warshaa kanaatiin faalame waan ta’eef
loon naannoo kanaa immoo filannoo biraa waan hin qabneef isuma dhugu,; kanaanis
loon hedduutu dhume. Karaa biraa immoo lagni kun lafa margaa fi maasii midhaanii
irratti dhangala’udhaan margaa fi biqiltoota gubee balleesse loon waan dheedan kan
dhabsiise yoo ta’u maasiin midhaanitis omisha gahaa akka hin kennine taasisaa jira.
G/ Rakkoo kan ummanni qaama ilaalutti hin iyyannee?
D / Yeroo adda addaatti iyyatatuma turan; ammas ummanni himataatuma jira.
Mootummaan isinirraa dhaabsibsna jechuun abdii kennuudhan alatti hanga ammaatti
furmaata fideef hin jiru.(gaaffii fi deebiin kun bal’aadha; kan hafe viidiyoo
ergamerraa argachuun ni danda’ama.)
Naannoowwan balaa kanaan akka malee miidhamaa jiran lafoota lageen keessaa
darban hunda yoo ta’u, caalatti immoo jiraatoota naannoo laga Aqaaqii, laga
Sabbataa, laga Duukam, laga Mojoo, laga Gafarsaa fi Hawwaasi yoo ta’uu balaan kun
immoo jiraatoota naannoo F/F irraa jalqabee hangaa Ummata Oromoo Karraayyuu fi
ummataa Afaaritti deema.
Balfaawaan garaagaraa keessayyuu kanneen akka pilaastiikii fi peestaalii yeroo
laggeen guutanii faca’an maasii fi qe’ee namaa irratti faca’uun lafti akka homaa hin
biqlchine godhuu fi summeessu akkasumas dhukkubni isaan(laggeen kunniin)
baatanii qe’eetti fidaniin kan dhibee adda addaatiif saaxilames laayyoo miti! Loonis
marga waliin waan sana nyaatanii du’aaf kan saaxilaman hedduu ta’uutu himama.
Laggeen kunneen babal’ina magaalaa F/F fi naannawaa, akkasumas warshaalee
naannoo kanatti ijaaramanii faalama guddaa laggeen kanarran ga’aa jiru. Faalamni
laggeen kanneenii immoo uumama Oromiyaarraa jiran mara bakka jiranitti miidhaa
guddaa irran ga’aa jiruf sa’aa-nama balaa kanaan miidhaa jiruuf furmmaanni
hatattamaa akka godhamuuf uummata itti dammaqsuu;
Balfaa fi xuraa’aa Magaalaa Finfinnee keessaa bahuni fi warshaalee ‘maal na
dhibdeedhaan’ Summii fi xurii warshaa keessaa bahu laggeenitti gadi lakkisudhaan
sa’aa-nama naannawa Finfinnee miidhaa jirani hatattamaan gochaa kana irraa akka
dhaabbatan gaafatamee badii kanaan dura gaheef namoota miidhaan kun irra gaheef
beenyaan akka kaffalamu qaama mootumma dhimmi ilaalutti iyyata galfachuun
gaafachu; deebii kennamu irratti hundaa’udhaan jeequmsaa fi fincila kaasuu.