10
Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4, 2020) Qar. 2.30 Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf! Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa! Maxxansa Addaa 1976-2012 Hacaaluu Hundeessaa “Haacaaluun faajjii qabsoo Oromooti” Fuula 4 Jirra jechaa jiraa waldhabne Fuula 2 Mee yoom nuuf bariha? Fuula 3 Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara

Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

  • Upload
    others

  • View
    29

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4, 2020) Qar. 2.30

Yaada Mo’ataa Injifannoo Caalmaaf!

Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa!

Maxxansa Addaa

1976-2012Hacaaluu Hundeessaa

“Haacaaluun faajjii qabsoo

Oromooti”

Fuul

a

4

Jirra jechaa jiraa waldhabne

Fuul

a

2

Mee yoom nuuf bariha?

Fuul

a

3

Seenaa Artisti

Haacaaluu Hundeessaa

Fuul

a

6

Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee)

Bara

Page 2: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 2

Maxxansa Addaa1976-2012

Hacaaluu Hundeessaa

Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa!

Waasihun Takileetiin

Waxabajji 22 halkantu dheerate, lafti bari’uu dide, simbirri dur bari’uu lafaa himuuf sagalee kiilolee nama

masakuun hirriba ganamaa mi’eessitu halkan itti dheeratee usteetti.

Ijji ifa lafa arguuf dunuunfatee bule halkan dimimmisaa hammaate kanaan liqimfamee garatti galagalu wallaaleera.

Anis dukkana dheerate kana waliin wal’aansoo walqabaa asiifi achi gaggalagalaa sagalee kiilolee simbiraa sana dhagahuu dhabuukootiin raata’ee akkasaa wallaaleera.

Dukkanni hamma fedhe dheeratus bari’uu hinoolu jedhanii mammaakanis inni Waxabajji 22 waggaa caalaa natti dheerate. Dhagaa caalaa natti ulfaate, garba daakuu caalaa irreefi mogolee nabuuse.

Halkan dheerate sun hammaatee bari’uu didus sagaleen ciccitaa simbirroo ciwwaa ciwwaa jedhutu walirraa cituu dide.

Anis taa’ee yaadaan masakamee sagalee simbirrootaa wayitan dhaggeeffadhu sagalee artistiifi aabsaa’aa Oromoo, Haacaaluu Hundeessaatu natti dhufe.

Eeyyee hindogoggorre simbirroonni sagalee ciccitaan ciwwaa ciwwaa jedhan marti artistii sagalee kiilolee kan sagaleen simbira mukarraa harcaasu, simbiras faarsu Haacaaluu Hundeessaa of biraa dhabuutti waan gaddan fakkaatu.

Haacaaluun goota aartiifi qabsoo uumama dinqisiifatu, mararfatuufi dhiira gaafa xiiqii kan dhaloota haaraaf galaa hindhumneefi kallattii qabsoo agarsiise ta’uusaatiin simbiraaf namaan masakaan dhaggeeffatama.

Silas eenyutti bahee badaree, ilma Oromtichaa, sanyii Jeneraal Taaddasaa Birruu, Baalchaa Abbaa Nafsoo, Tufaa Munaa, Luba Magarsaa Badhaasaa, warreen Xaaliyaanii dhukkee kaasuun jiraachuu Itoophiyaatiif bu’uura buusan keessatti dhalate.

Bara Itoophiyaan Xaaliyaaniin weeraramtu ilmaan qaalii Oromoo gootummaafi gara jabummaan diina dura dhaabachuun aarsaa hadhaa’aa kaffalanii biyya bilisoomsan, baandaawwan hedduu biyya ganuun alatti ya kottee nabaasi jechaa turan.

Abuna Pheexiroos (Magarsaa Badhaasaa) gootota qaaleyyii Oromoo addaafi addatti diina waliin dhaabatee ija jabummaan dubbate yoo ta’u, biyya koo hinweerarsiisu aarsaa barbaadame nan kaffala malee jedhee ilmaan galtuutiin rasaasaan reebamee du’e.

Kunniin hundi jaalala biyyaa Oromoon qabu kan calaqqisiisu yoo ta’u, dhalataan ammaas gootummaa kana dhaalee kan guddate waan ta’eef eenyummaasaaf kan jilbeeffatu osoo hintaane adda itti bahee loluun xoofoo dhufu kamuu fudhachaa tureera.

Goota akkanaa kana keessaa Artisti Haacaaluun isa tokko yoo ta’u, diinaaf osoo ija hinlaafiin akka akkashiifi maalummaashii ittimaa ichima dubbiin waraanee hanga hojjechuu qabu hojjetee aarasaa dhufu kamuu fudhachuuf qophaa’aa ta’uu yeroorraa yerootti kaasaa tureera.

Jirra jechaa jiraa waldhabne

Har’a simbira, allaattii, uumama lafaa kan boochise isa kanadha, goonni lubbuu hindheeratu, aggaamee hindeeffatu, sodaatee harka hinlaatu dhiigasaatu isa danfa, haqatu isa harqisiisa.

Haacaaluun dhiira garaan hinjilbeeffachiisne, diinaaf nyaara osoo hinlaatiin addaafi addaatti bahee gitashii ittimee Oromoofi Itoophiyaanonni kaan boquu ol qabatanii akka deeman goota qabsaa’eedha.

Simbirroon isaan faarfamtuufi sagaleeshii isaan saaqqattu, allaattiin samiirra barartu maaf isa hinfaarsiture? Har’a budaan dukkana uffatttee deemtu gaafa karaatti isa kuttu maaf hingaddituree?

Uumamatu sagalee kiilolee dur bare of biraa dhabe, isa kanatu simbira boochise. Isa kanatu allattii samiirra barartu hirqisiise.

Shira qindaa’aa xaxameen Artistii qaaliifi qabsaa’aa gameessa umriin ijoollee kana dhabuun hedduu nama dhukkubus Oromoof kan jalqabaa miti.

Dacheen Oromiyaa haadha gootota kumaatamaa yootaatu diina biyya seenu, alagaa daangaa cabsu, gantuu dhugaa dabsu, kan Oromoo mataa cabsuu barbaaduufi eenyummaasaatti dhufu kanaaf madda.

Artsiti Hacaaluunis madden kana keesaa isa ijoo yoo ta’u, hamma umriin jirutti dadhabe osoo hinjedhiin gaaraafi tabba bahee, waanta hintaane ta’ee Oromummaan ol ka’ee akka lallabamu, gadi galummaan galtummaafi baandummaa ta’uu ifatti kan dubbateedha.

Har’a Haacaaluu sareen nyaattus goota maqaansaa galmee tarree gootota Oromoorra qubatuufi yoomiyyuu laphee Oromootaa keessaa hinbaaneedha.

Tokkichi hamma kumaa Haacaaluun aarsaafi wareegama qaalii lubbuu kaffalus Oromiyaa keessatti Haaacaaluuwwaniifi Caaltuuwwan

kitilatti lakkaa’amaniif ulee qabsoo galaasee darbeera.

Dhimma kanarratti Lubni Balaay Mokonnon ibsa miidiyaaf kennaniin goonni lubbuu hindheeratu jedhu ture.

Akkuma bodee darbatanii jinfuu hinqabatan jedhamu Haacaaluun Sodaatees hin sassatu,bara dukkanaa keessas kan didamuu qabu diduun hunda akkaataa dhufaatiisaatti ofirraa qolachaa Oromummaafi sabboonummaa barsiisee darbee jira.

Artisti Hacaaluun Maalan jira jedhee quuqqaasaa ibsachaa dukkanni isatti dheerate gaafa ifuu jalqabummoo Jirra jirra jechaa,dafee barihuu diduusaafimmoo eessa jirra jechuuf isaa afaan banatu afaansaatu qabame.

Anis kanatu gaaffii natti ta’aa ture eessa jirraa? Bakki inniifi fakkaattonnisaa itti jiran akka itti jiran gaafachuuf isaa afaan saaqqatu huubatu qoonqoo isa qabe.

Egaa Artisti Haacaaluun hamma hojjechuu qabu hojjechuu keessatti takkaa hinwaakkanne, sodaadhe jedhees harka hinlaanne Finfinnee keessatti irra deddeebbiin yaaliin ukkaamsaa wayita irratti yaalamu garaa dhiirummaan itti bahee lolaa turuu viidiyooleen gara garaa ragaadha.

Kun ta’us Waxabajji 22 dimimmisa lafa sa’aatii hir’uu, 3:30tti guyyaa dukkanaa Wiixata galgala afaan waraabessa hin yuusnee bu’uun wareegama qaalii seenaansaa galmeerratti qalama warqeetiin barraahu galmeessiseera.

Yaa lammii mudannichi nama dhukkubuu hindhiisu, dhiirri garaatti booha akkuma jedhamu warraaqsaafi qabsoo artistichi eegale kana milkaa’inaan xumuruuf Oromoofi Oromiyaa hundarraa kan eegamu yoo ta’u, dursa nageenya ofiif waardiyyaa dhaabachuun murteessaadha.

Saba gumaa nyaatu ta’uus hinqabnu,

caalmaa yaadaan ceenee Oromoofi Oromiyaa ceessisuu, diina mataa Oromoo gadi qabuu barbaadu waloon ofirraa qolachaa gala qabsoo guduunfanne waliif laachaa jirra jirra jechuu qabna.

Jirra jirra gaafa jennu diinni mataasaatu akka mataa eebichaa gadi caba nuti garuu raafama qilleensaa kanaan yoo bololine gumaatu nyaatama, dhugaatu dhuguma.

Kanaaf jirra Jirra jechaa diina jiraachuu keenya jibbee nu ukkaamsuuf yaalu jiraa dhabamsiisna.

Dacheen Oromiyaa dhiigaafi lafeen ijaaramte dhiigaa hafuu hinqabdu, lafeen Oromootaa harca’aa deemuu hinqabu, qabeenyi barbadaahuu hin qabu,mudhii hidhannee hadha’aa nu keessa seene of keessaa dhabamsiisuun imala Artisti Haacaaluu Hundeessaa fiixaan baasuun dirqama Oromummaati.

Boohaa hafuun boohicha dabaluudha, madaa babal’isuudha, Oromiyaa dhiigsuudha, kunimmoo gaaga’ama guddaa qaqqabsiisa kan garaa garaatu beeka dhiis dubbii akkuma jedhamu isa jiruuf dhaabachuun dirqama dhalootaa ta’uu qaba.

Wareegamuu Haacaaluun aaree golee afran Oromiyaarraa akkasumas alarraa kan ka’aa jiru kitila ta’us Haacaaluu deebisuun kan hindandahamne waan ta’eef imalaafi leegaasii inni jalqabe galmaan gahuun barbaachisa.

Artisti Hacaaluun biyya keessaafi alatti sagaleesaa kiilolee sanaan jiraachuu Oromoo jirra jirra jedhee lallabaa tureera, nus biyya keessaafi alaan quuqama Oromummaa warreen qabnu Oromiyaa fuulduraratti tarkaanfachiisuun jiraachuushii agarsiisuuf tumsuun barbaachisaadha.

Qabsaahaan kun kennaasaa osoo hingudunfatiin, lubbuusaatiif osoo hinwaakkatiin walabummaa lammisaatiif qabsoo hadhaa’aa taasisaa osoo jiruu karaatti citus kan ittifufsiisu dhaloota kana.

Jirra jirra jedhee barii lafaa arguuf kan abjoote Artisti Haacaaluun bahee galuu dhabuunsaa barii akka hinagarre isa godheera. Ammas bari’uu lafaa sana osoo hinargiin darbuusaatu nama aarsa malee barihuunsaa waan oolu miti.

Artistoonni Oromoo Qaaleyyiifi qaroo ta’an manaa bahanii barihuu lafaaf carraaqaa osoo jiranii dukkanaan nyaataman waraabessa hin yuusneen alanfatamanii nyaataman Haacaaluu dabalatee hedduudha.

Artisti Eebbisaa Addunyaa, Artisti Usmaayyoo Muusaafaafi gootota akka Hayilee Fidaa, Taaddasaa Birruu maqaa dhahuun danda’ama.

Kaleessi seenaadha irraa baratamaa jedhamee kunuunsi hayyoota qaroo ta’aniif taasifamu jiraachuu dhabuunsaammoo kan nama komachiisu yoo ta’u, fuulduratti xiyyeeffannoon gama kanaan taasifamu fooyya’uu mala.

Walumaagalatti halkan barihuu didee, jiraa walnudhabsiisaa jiru kana jalaa walbaraaruuf, allaattiifi simbira samii sagalee bariituu lafaa himuu didan kana masakuuf Haacaaluuwwan kitilatti lakkaawaman hundeessuun kaayyoo inni itti wareegame sana galmaan gahuun dirqama Oromummaa ta’uu qabaata.

Artistiifi Qabsaa’aa Haacaaluu Hundeessaa Boollakee daadhiin haa guutu!

Bara

Page 3: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012

Maxxansa Addaa1976-2012

Haacaaluu Hundeessaa

Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa! Bara

Waasihun Takileetiin

Abbaan du’us gumaa ilmatu baasa jedhe artistiifi qabsaa’aa siyaasaa Haacaaluu Hundeessaa, maatiisaaf osoo hintaane goota onneen barbadaa umriisaa gabaabduu keessatti seenaa hindabarre katabeedha.

Goonni umrii gabaabduu kennameefii keessatti seenaa hindabarre galmee seenaarra kaahee kan darbu yoo ta’u Artisti Haacaaluun seenaa miidhagaa qalama warqeen katabee darbeera.

Seenaan inni katabee darbe kunis akka isa kaanii ekeraan kan faarfamu osoo hintaane seenaa afaan baasee dubbatudha jechuun dandahama.

Qabsoo Oromoo finiinsuuf jecha rasaasa akka abiddaa bobahu keessa dhaabatee sodaafi ija laafina tokko malee ifaaf ifatti qabsaa’ee Oromoon mataasaa akka ol qabatu godheera.

Qabsoon Oromoo ammallee akka hin xumuramne himaa kan ture Artisti Hacaaluun inni wareegamus kaayyoosaa milkeessuun ergama Hacaaluuwwan kitilatti lakkaawamaniiti.

Hacaaluun warraaqsa qabsoo keessa osoo jiruu rasaasa ilmaan galtuun nyaatamus turtii qabsoosaa keessatti fakkaattotaasaa hedduu horachuu danda’eera.

Sirna awwaalchasaa dheengadda Magaalaa Amboo, Bataskaana Iyyesuusitti gaggeeffamerratti dubbii dubbatameen artistichi qaroo ilmaan Oromoo ta’ee hojjechaa yeroosaa fixeera.

Haa ta’u garuu inni lubbuun darbus aartii Oromoofi kallattii qabsoo Oromoo fuulduraarratti seenaa cululuqaa kaahee darbeera.

Dukkanni rakkinaa kan dhaloota nyaatu akka risaa butee guddattuu dhidhimsu namamoo bineensa kan kutee liqimsu

an waansaan wallaale eenyu kan naaf ibsu.Dukkanni rakkinaa kun yoom nuuf bariha Xiqqaaf guddaan hundi maaliif nu ariha?Eengadda nu cabsu akka muka hanxaxii,kaleessa gumgumna usnee dhabnee gatii har’a ajjeefamna akka ilma buutii.Hayyoota qaaleyyii baay’ee aarsaa goone ni hammanne malee mee orma maal goonee?Dukkana eengaddaa uumamatu gadde agartuu oromoo ijasaatu badegoota qaalii kanaaf hundumatu gaddeAllaattiin ni boosse samiirra barartee simbirroonis wacce boossee mankaraarteeurjii ilma Oromoo goota qaalii dhabdee. Hacee gaafa xiiqii si’eessituu onnee quuqama lammisaaf kan lubbuu hinqusanne har’a gaddineerraa of biraa sidhabnee.

Mee yoom nuuf bariha?Ati wareegamtus aarsaa qaalii baastee dhaloonni siinboona qabsoo hidhachiisteen.Simbirroo barrisi atis ya allaattii haceetiin naaf faarsi daangaa hamma daangaatti.Haceen jirra jechaa jiraa nurraa lufeehulaa furtuu hinqabne diinni isatti cufee kanilmoo qalatu budaa maaltu dhufe bultus gumaa taati gaafa barri dhufe.Hacee leenca biyyaa sagaleen kiilolee gaafa hunduu riphe situ diina lolee .Dukkana uffattee, yoo sinyaattes galtuun mayikii qabattee yoo waltajjii raastu diinni kufaa turte jecha ati baastuun. sidhore ya gantuu siingodhiin foon Hacee dhoksaan dhidhimsite goota sanyiin qaccee .Hin boohiin ya aayyoo kan hacaaluu deesse du’a dhalakeetii cituusaa dhageessee Hacee kuma qabda dachaa dachaa deessee.

Rasaasa siyaasaafi artii Oromoo rasaasni galtuu nyaate

Seenaan cululuqaa inni kaahee darbe kun kan kaleessaa, kan har’aa akkasumas kan boruu hammatee kan jiru yoo ta’u galaa warraaqsa qabsoo dhalootaa ta’ee tajaajilaa jira.

Dhaloonni har’aas isa fakkeenya gaarii godhachuun cimee waliin dhaabachuu akka qabu Mootummaa Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun sirna awwaalchaarratti kan argaman Hoogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa himaniiru.

Obbo Dhaabaan haasaa taasisaniin artistichi ofiif osoo hintaane ummatasaaf jiraachaa akka ture dubbataniiru.

Warraaqsa qabsoo Oromoo finiinsaa kan ture Haacaaluun ijoollummaasaarraa kaasee yoo ta’u ittihidhamaa, reebamaa, hadhaahaa dhufu kamuu liqimsaa nama jirra jechaa turedhas jedhaniiru.

Haacaaluun har’a lubbuun darbus hojiileensaa jiraatoo yoomiyyuu agarsiistuusaa ta’anii akka jiraatan Obbo Dhaabaan dubbataniiru.

Injifannoo ummanni Oromoo galmeessise keessattis Artisti Haacaaluun dura hiriiiruun gootummaasaa ifatti kan calaqqisiisedhas jedhanii, injifannichi kansaa ta’uus himaniiru.

Obboleeyyan Artisti Haacaaluu gamasaaniin dubbii dubbataniin Haacaaluun goota ofiif caalaa Oromummaasaaf quuqama guddaa qabudha jedhaniiru.

Kan qaburraa qoodee namoota gargaaruu keessatti akkasumas quuqama lammiisaaf qabuun arjooma gara garaallee taasisaa turuu dubbatu.

Misooma Amboon walqabatee rakkina mataasaa osoo hincaalchifatiin goota qarshii kuma 100 gargaareedhas jedhu.

Kan daare yoo arge ofirraa baasee uwwisa, kan beela’e afaansaarraa fuudhee nyaachisa, Haacaaluun lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleerraa buqqa’aniif birmachuufis karaa dheeraa deemee hamma humnasaa arjoomuusaa kaasaniiru.

Kana malees gahumsa artii horateen konsartii muuziqaa qopheessuun sirna galii sassaabbii lammiisaaf raawwatee bayyanachiiseera jedhu.

Artisti Haacaaluun ogumma artii jalqabeen dargaggoonni gahumsa qaban akka maddaniifis nama ijoo ta’ee tajaajilaa turuu himama.

Gama kanaan Artisti Galaanaa Gaaromsaa dubbii dubbateen Haacaaluun madda gahumsasaa ta’uu eereera.

Keessumaa gara Finfinenetti dhufeen artiidhaan akkan guddadhu na cimseera kan jedhe Artisti Galaanaan Haacaaluun of caalaa namaaf kan jiraatu ta’uu himeera.

Har’a rasaasni ilmaan galtuu dirrasaa nyaatus seenaa hin nyaatamne galmeessee dhalootas hidhachiisee darbeera.

Hidhannoo seenaa kana galaafachuun ergamaafi kaayyoo inni itti wareegame galmaan gahuun dirqama dhaloota haaraati.

3

Page 4: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 4

Bariisaan Guraandhala bara 1969 hundaa’e.

Torbanitti al tokko, guyyaa Jimaataa,Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin

maxxanfamaa ture. Waxabajjii 1,2011 irraa eegalee Sanbata maxxanfamaa jira.

Gulaalaan Charinnat Hundeessaa

Lak.Bilbilaa [email protected]

[email protected]:Kutaa Magaalaa Nifas Silki

Laaftoo, Aanaa 12

Qopheessitootni:Saamraawit GirmaaNatsaannat TaaddasaaTashoomaa QadiidaaTakkaalliny GabayyooBayyanaa IbraahimWaasihuun Takilee

Ethiopian Press Agency

Ijoo Dubbii

Adeemsisaa Hojii Bil. 011-126-42-22Kutaa Beeksisaa:

Bil. 011-156-98-65Raabsa Gaazexaa Bil.011-157-02-70

Faaksii Kutaa Qophii 251-011-1-5698-62

L.S.P [email protected]

Dhaamsa Bariisaa

GumaachitoonniHamiltan Abdulaaziiz Dachaasaa Roorroo Alamaayyoo Hayilee Zarihun GabreeDoktar Gurmeessaa Hinkoosaa

Qabsaa’aan kufus qabsoon ittifufaQabsaa’aan bilisummaafi walabummaa Oromoo, akkasumas falmaan mirga dhala namaa Artisti Hacaaluu Hundeessaa Boonsaaa Waxabajjii 22 bara 2012 gartuulee yartuutiin rasaasa qawwee itti dhukaafameen lubbuunsaa darbeera.

umrii ijoollummaasaarraa kaasee ogummaa aartii daran kan jaalatu waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti aartii Oromootti makamuun seenaa guguddoo hojjechaa tureera.

Akkuma Oromoon, “Jibichi korma ta’u aadnaasaa irraa beekama” jechuun mammaaku Haacaaluun umrii kichummaasaarraa kaasee ogummaan aartiitiin fudhatamee guddate. Yeruma daa’imummaasaarraa qabee kiraaraafi masiinqoodhaan qarree fincaa’aa lagaafi burqaa bishaanii taa’ee ofumasaatiin ofjalaa qabee weeddisaa ture.

Mallattoon dhiirummaafi gootummaas ijoollummaasaarraa kaasee ijaafi addasaarraa mul’achaa kan ture yoo ta’u, akkuma qorumsa biyyaalessaa kutaa 11fa xumureen Adoolessa bara 1994 waan fincila diddaa gabrummaa keessatti hirmaateef hidhame.

Gootichi ija barbadaafi kutataan dhiiraa Artisti Haacaaluu Hundeessaa yeroo hidhaa karchallee Amboo turetti hiriyootasaafi dhalattoota Oromoo mana hidhichaa keessatti carraa barnootaa hinargatiiniif hoggantoota mana sirreessaa waliin ta’uun barnootni bu’uuraa akka banamuuf taasiseera.

Karchallee Ambootti walaloofi yeedaloo uumamaa keessoosaatii waraabamee

hindhumneen si’a jalqabaatiif weelluu albamiisaa, “Sanyii mootii” jedhu walaleessee xumure.

Onneefi xiiqiin Artisti Haacaaluu keessa ture kan gootummaa waan tureef akkuma mana hidhaatii gadi lakkifameen harka maratee hinteenye. Cunqursaa ummata Oromoorra gahaa ture caalaatti finiinsuuf walaloofi yeedaloosaa qabatee gara Finfinneetti qajeele. Amboofi Finfinnee gidduu marmaaruun barumsasaa kutaa 12fa milkiidhaan xumure. Kabajama eenyummaafi mirga Oromoofis giitummaafi kutattummaan finiinsuu ittifufe.

Akka Ministirri Mummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad jedhanittis, Haacaaluun jijjiirama yeroo ammaa galmaa’aa jiruufis bu’uura ture. Haacaaluun waan itti amane tokkotti haala salphaa ta’een weelluudhaan ibsachaa kan ture yoo ta’u, kunis yaadaafi laphee tokkoon tokkoon ummattootaa keessa akka galu taasiseera.

Artisti Haacaaluun haqa jallate sirreessuuf xiiqiifi onneedhaan falmaa ture. Hundarra ammoo nama Oromoof jiraachuun lubbuusaa kenneedha. Qaamoleen badiisaa garuu wayita biyyattiin muddama keessa jirtutti yeroofi haala eeggatanii lubbuu goota kanaa galaafataniiru.

Egaa qabsaa’aatu darbe malee qabsoon waan ittifufuuf ummanni Oromoo ajjeechaa gootasaarratti raawwatame akka xiiqiitti fayyadamee yeroo kamuu caalaa tokkummaasaa cimsee akeeka Haacaaluun addasaa kennee qabsaa’aafii ture ittifufsiisuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa dhimma ajjeeffamuu Artisti Haacaaluu Hundeessaarratti ogeessa aartii, miidiyaafi bakka bu’aa ummataa kan ta’an Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) gaafatee isaanis yaada ittaanu nuu kennaniiru.Artisti Haacaaluu nama guddaa dhabne. Haacaaluu jechuun dhugaa dubbachuuf faajjii qabsoo Oromooti. Fakkeenya dhaloota haaraati. Alaabaa aadaafi aartii Oromooti. Namni kun nama tokko miti, inni nama sadii afur ta’ee bakka bakkatti kan uumame ta’ee natti mul’ata. Inni tokkicha akka kumaa, akka miliyoonaati. Ummataaf dhalate, jiraate, rakkate, sagalee ummataa ta’ee tajaajile. Haacaaluun onnachiisaa, barsiisaa, gorsaa, agarsiisaa egeree, ummata keenya fuuldura dhaabatee karaa agarsiisee qabsoon Oromoo sadarkaa har’aarra akka ga’uuf nama qooda guddaa gumaacheedha. Namuu mataa gadiqabatee rakkooleen adda addaa, roorroowwan Oromootti dhufeef otoo lubbuusaa hinmararfatiin dirreetti bahee, kanan ta’a jedhee otoo hinsodaatiin nama gootummaa olaanaadhaan sagalee Oromoo dhageessiseedha. Nama umriidhaan ijoollee hojiidhaan ammoo baay’ee fagoo, barnootaan jiddugaleessa ta’ee beekumsaan ammoo daran guddaa ta’e, fageessee yaadu dhabne. Haacaaluun walitti qabaadha. Nama qabsoo Oromoo karaarra buusuuf hojjete, eenyunuu bakka buufamuu hindandeenyeedha.Oromoo gootota danuu horateerfa. Waanti kan Haacaaluu adda taasisu garuu namni kun nama walaloo sirbaa ofumaaf baafatu, yadaloo ofumaaaf yadaleeffatu, weellisu, qabsaa’aa, nama dandeettii uumamaan kennameef qalbeeffatee mirga, faayidaa, bilisummaafi haqa Oromootiif oolcheedha. Kunis Artisti Haacaaluu adda taasisa. Otoo diinni karaawwan adda addaatiin akka isa barbaadu beekuu du’us ummata kootiifin du’a jedhee otoo duubatti hinjedhiin sho’aa waan tureef inni aartii Oromootiif

“Haacaaluun faajjii qabsoo Oromooti”- Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee)

Charinnat Hundeessaatiin bakkalcha. Yoomiyyuu mul’ataadha. Umriisaa gabaabduu keessatti hojii namni waggaa 90 olii hojjechuu hindandeenye hojjetee, hojii hindulloomne, hinduune, dhaloota dhufaa darbaaf ta’u hojjetee darbeera. Kanaaf inni yeroo mara laphee Oromoo keessatti yaadatamaa jiraata. Ajjeechaan isarratti raawwatameen dhugaa dubbachuuf kan Haacaaluu qofa miti, rasaasni isa rukute kan mirgaafi bilisummaa Oromoorratti dhukaafameedha. Haacaaluun ummataaf wareegame. Inni nama cimaadha. Nama dirree qabsootti kufe jechuudha. Kana irratti ilaalanii, irratti yaadanii nama eenyuyyuu caalaa Oromoo biratti jaalatamu kana galaafachuun isaan qabatanii rakkoolee adda addaa uumuuf gocha kana irratti raawwatan waan ta’eef, Oromoofi Oromummaa waan guddisuuf, waan Itoophiyaa olqabaa deemuuf, nama qaamni siyaasaa kamuu asii achi oofuu hindandeenye, nama ummatasaa jiddugaleessa godhatee deemu ture. Gaaffiinsaa faayidaa ummataati. Tokkummaa Oromoo cimsuuf qabsaa’e. Rakkoon tokkummaa humnoota Oromoo jidduutti uumamee Oromoo jejjeeqaa jiru kun daran isa yaachisa ture. Tokkummaa dhabuun humnoota siyaasaa badii akka qabu nama argee ifatti irratti dubbachaa tureedha. Kanaaf inni jireenyasaa gabaabdu tana keessatti waan guddaa hojjeteera. Har’a darbus waan hindabarre hojjete. Darbuusaas kan nu onnachiisu malee kan duubatti nu deebisu miti. Isa ammoo siyaasaaf fayyadamuuf waanti dhaga’amaa jiru daran nama gaddisiisa.

Otoo isaaf hingaddiin reeffasaa kabajaan kaa’uun hafee, reeffasaa bubbunnee isaan fayyadamna jechuun waanti yaalame, karaa sirrii hintaane, qaamolee gocha kana raawwatan tajjaabbii seenaarra buuseedha.Gochichatti guddaa gaddineerra. Seenaa keessatti namoota akka Haacaaluu danuu dhabneerra. Namoonni tokko tokko maatiisaaniirraa du’u, tokko ganda ykn ollaarraa du’a. Kan akka Haacaaluu ammoo biyya ykn ummatasaarraa du’a. Haacaaluun nama biyyarraa du’eedha. Haacaaluun addunyaa jalaa du’e. Kanaaf warri isarratti yakka suukanneessaa kana raawwatan warra ummata keenyarratti jibbiinsa guddaa qaban akka ta’an kan namatti agarsiisuudha. Garuu kun of duuba nu hindeebisu. Haacaaluu dhabuun yeoodhaaf nu miidha. Aartii keenyarratti ifaa guddaa tokkotu dhaame. Odaa guddaatu jige. Laayibirarii guddaatu gubate. Ta’us haalichi kan ummata duubatti deebisu miti. Oromummaan dagaagaa deema. Waanti inni jalqabe, kufaatiinsaa, dhiignisaa, namoota akkasaa kumootaan, miliyoonotaan horachaa kan deemu waan ta’eef kanumaan jajjabaanna.

Page 5: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 5

Page 6: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 6

Maxxansa Addaa1976-2012

Haacaaluu Hundeessaa

Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa! Ba

ra

Qabsaa’aan bilisummaafi walabummaa ummata Oromoo, akkasumas falmaan mirga dhala namaa Artisti Hacaaluu Hundeessaa Boonsaaa Waxabajjii 22 bara 2012 gartuulee yartuutiin rasaasa qawwee itti dhukaafameen lubbuunsaa darbeera. Garuu Artisti Haacaaluun eenyu ture?

Artisti Haacaaluu Hundeessaan haadhasaa Aadde Guddattuu Horaafi abbaasaa Obbo Hundeessaa Boonsaarraa naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, magaalaa Amboo Ganda Torban Kuttaayeetti bara 1976tti dhalate.

Gootichi ija barbadaa, Artisti Haacaaluu Hundeessaa akkuma umriinsaa barnoota sadarkaa tokkoffaaf gaheen bara 1981tti mana barumsaa Iddoo Liibaniifi Carii jedhamutti barachuun xumure.

Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo mana barumsaa Amboo (Mana Barumsaa Qophaa’ina Amboo har’aa)tti barate. Hacaaluun akka maatiinsaafi hiriyyootnisaa isa waliin guddataniifi jiraatan jedhanitti, umrii ijoollummaasaarraa kaasee ogummaa aartii daran kan jaalatu waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti aartii Oromootti makamuun seenaa guguddoo hojjechaa tureera.

Akkuma Oromoon, “Jibichi korma ta’u aadnaasaa irraa beekama” jechuun mammaakutti Haacaaluun umrii kichummaasaarraa kaasee ogummaan aartiitiin hawwatamee guddate. Yeruma daa’imummaasaarraa qabee kiraaraafi masiinqoo fudhachuutiin qarree fincaa’aa lagaafi burqaa bishaanii taa’ee ofumasaan ofjalaa qabee weeddisaa ture.

Mallattoon dhiirummaafi gootummaas ijoollummaasaarraa kaasee ijaafi addasaarraa mul’achaa kan ture yoo ta’u, akkuma qorumsa biyyaalessaa kutaa 11fa xumureen Adoolessa bara 1994tti hiriyyootasaa jaha waliin sababa fincila diddaa gabrummaa yeroo sanaa barattootaafi dargaggoota Oromoon dhohe keessatti waan hirmaateef qabamuun hidhame.

Kanaanis Hacaaluufi hiriyyootni isaa afur hidhaa waggaa shanii booda bilisa jedhamuun gadi lakkifamanis, hiriyyootasaa sadeenitti ammoo hidhaan dabalataa itti murtaa’e.

Gootichi ija barbadaafi kutataan dhiiraa Artisti Haacaaluu Hundeessaa yeroo hidhaa karchallee Amboo turetti hiriyootasaafi dhalattoota Oromoo mana hidhichaa keessatti carraa barnootaa hinargatiiniif hoggantoota mana sirreessaa waliin ta’uun barnootni bu’uuraa akka banamuuf taasiseera; waggaa lammaffaasaatti ammoo Waajjira Barnootaa Amboorraa eeyyama argachuun akka cimu gochuu nama danda’e ture. Barnootni yeroo san mana hidhaa keessatti jalqabame haalaan

babal’achuutiin har’a hanga sadarkaa digrii jalqabaa kennuutti gaheera.

Jaalalli ogummaa aartii Haacaaluu ijoollummaasaarraa kaasee kiraara qabachuutiin keessa isaatti uumame karchallee Ambootti dagaaguun mul’ate. Achuma keessa taa’uunis walaloofi yeedaloo uumamaa keessasaatii waraabamee hindhumneen si’a jalqabaatiif weelluu albamiisaa, “Sanyii mootii” jedhu weellisuun xumure.

Onneefi xiiqiin Artisti Haacaaluu keessa ture kan gootummaa waan tureef akkuma mana hidhaatii gadi lakkifameen harka maratee ta’uu hinbarbaadne. Cunqursaa ummata Oromoorra gahaa ture caalaatti finiinsuuf walaloofi yeedaloosaa qabatee gara Finfinneetti qajeele. Achittis Artist Taammiraat Kabbadaa waliin walarguudhaan miseensa Baandii Hora Amboo duraanii ta’uun shaakalliisaa ittuma fufe.

Yeroo ji’a jahaa keessattis hojii maastarii albamiisaa xumure. Albamiisaa sanas mana muuziqaa Abbaa Gadaatti gurguruudhaan guyyoota afur keessatti Oromiyaa guutuu akka walgahu gochuu danda’eera. Innis yeroo gababaa keessatti gurraafi qalbii ummata Oromoo keessa seenuurra darbee sabootaafi sablammoota Itoophiyaa hunda biratti jaallatame.

Sirbootni isaas daangaadhaa hanga daangaatti ce’uutiin biyya alaatti jaallatummaafi dinqisiifannaa guddaa argachuu danda’an. Hacaaluun wayita albamisaa hojjetutti jaalala barnootaaf qaburraa kan ka’e barumsasaa addaan kutetti deebi’ee osuma Amboofi Finfinnee gidduutti marmaaruu barumsasaa kutaa 12fa milkiidhaan xumureera.

Erga albamiinsaa, “Sanyii mootii” jedhu baheen yeroo muraasa booda Artisti Jaamboo Jootee waliin walta’uudhaan ‘VCD’ maxxansiisuun baasaniiru. Sirbootni Hacaaluu, “Sanyii mootii, hunda

dandeessuu koofi sabboontuu Oromoo” jedhaman ‘VCD’ Jaamboo waliin maxxansiisan keessatti hammatamuun ammoo ittumayyuu jaalatamummaa Hacaaluu dabalan.

Kana boodas jaalatamummaa Haacaaluu dabalatee artistoota Oromoo kanneen akka Jaamboo Jootee, Addisuu Furgaasaafi Adnaan Mohaammadfaa waliin ta’uudhaan Jimmatti jalqabee Oromiyaa naanna’uudhaan konsartii muuziqaa qopheessuuf murteeffatanii ka’an.

Konsartii muuziqaa Jimmatti qophaa’erratti namootni kuma 35 kan hirmaatan yoo ta’u, erga milkiidhaan xumuranii booda osoo gara magaalaa Baddalleetti imalanii balaa konkolaataa laga Dhedheessaarratti isaan mudateen Haacaaluufi hiriyyootnisaa waan miidhamaniif konsartichi addaan cite.

Balaan konkolaataa isaanirra gahes ulfaataa waan tureef Artisti Haacaaluun gara waggoota sagaliif waltajjii muuziqaafi qophiilee addaddaarraa akka fagaatu ta’eera. Haa ta’u malee Haacaaluun jaalalli ogummaa aartiifi gootummaa keessasaatii waan onnatu tureef harka maratee hinteenye. Yeroo sanas albamiisaa lammaffaa, “Waa’ee keenya” jedhu hojjechaa kan ture yoo ta’u, akkuma xumureen Ameerikaa (‘USA’) irraa viizaan dhufeef.

Kanaanis maastarii hojiisaa hiriyyaasaa Hingiduu Cimsaatti dhiiffatee gara Ameerikaatti imaluuf dirqame. Albamicha galgala tokko osoo teenyuu yaada, “Dubbiin keenya yoo itti dhiisan nama hindhiisu, dubbii keenya akka hintaane, osoo jirruu akka hinjirree akka hintaane” jedhu dubbatee achumaan walaloo barreessuutti taa’e. Kanumaanis albamiisaa lammaffaa hojjechuu danda’e jechuudha. Sirboota albamichaa keessattis jaalalaafi kutannoo mirgi ummata Oromoo akka kabajamuuf hawwu haalaan

ibsachuu danda’eera.

Haacaaluun jaalatamummaa galaana qaxxaamure ce’eef kan caalaatti beeksisuun deggaraa ture, “Shawaa entertainment Promotion” jedhu yoo ta’u, artistoota Oromoo bebbeekamoo kanneen akka Jaamboo Jootee, Abbush Zallaqaafi Nugusuu Taammiraatfaa waliin ta’uun Ameerikaatti si’a duraatiif konsartii muuziqaa qopheessuu danda’anii turan.

Sanaan boodas affeerraan yeroowwan garagaraatti dhiyaateefii dhuunfaasaatti bulchiinsa Isteetotaa Ameerikaa 33 keessatti ogummaafi miidhagina aartii Oromoo hawaasa idiladdunyaatti beeksiseera.

Kana malees biyyoota Afrikaa, Awurooppaafi giddugaleessa Eeshiyaa hedduu keessatti sirbootasaa dhiyeessuutiin maqaa ummata Oromoofi Oromiyaa leellisuu danda’eera. Konsartiiwwan muuziqaa irratti hirmaate hundarratti eegumsi taasifameefiin kabaja guddaadhaan sagantaaleesaa xumuraa tureera. Kunimmoo seenaa qabsoofi aartii Oromoo keessattis kabajaan galmeeffamuun akka yaadatamu ta’eera jechuudha.

Artisti Haacaaluun yeroo haalli nageenya biyya keessaa rakkisaa turetti Ameerikaa deemuudhaan hawaasa Oromoo dubbisaa tureera. Isaanis, biyyatti deebi’uu akka hinqaqbne gorsuun kadhataniyyuu, “Biyya abbaa koorraa eessattan hafaa?, achumatti galeen du’a!” jechuudhaan diinaan wal’aansoo qabuuf gara biyya abbaasaa, Oromiyaatti deebi’e. Innis jaalala ummatasaaf qabu nama afaaniin qofa otoo hinta’iin gochaan jiraachuun agarsiiseedha.

Haacaaluun dubbiifi ogummaasaatiin taateewwan har’a mudatan osoo hinta’iin kan boriifi iftaaniis raajuun ummata Oromoo dammaqsaa, gorsaafi akeekkachiisaa nama tureedha. Yaadotni inni kaasuun falmaafi mormaa ture hedduunis raawwatamanii argamaniiru. Sagaleesaa kiilolee sanaan qawwee caalaa lolee lolchiiseera.

Maallaqa bu’aa bahii hedduu keessa darbuun argachaa tures hojiilee misooma hawaasummaafi namoota harka qal’eeyyii ta’an deggaruuf osoo hinqusatiin gumaachaa ykn arjoomaa tureera. Keessumaa ammoo waggoota lamaan dura keessa yeroo ummatni Oromoo miliyootni tokko naannoo Sumaalerraa buqqa’an hiriyyootasaa waliin ta’uun hanga buufata Hammarreessaa deemuudhaan lammiisaaniif gargaarsa kennuu danda’aniiru. Quuqama lammiisaaniif qabanis imimmaan isaanii lolaasanii aantummaa qaban gochaan mul’isaniiru.

Sanaan boodas gargaarsa hawaasni Oromoo Ameerikaa qarshii kuma 600 taasisan qindeessuudhaan lammiileen buqqa’an akka dandamataniif haala mijeessaafii ture. Dabalataanis lammiilee

Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Takkaalliny Gabayyootiin

Gara fuula 9 tti

Page 7: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 7

Maxxansa Addaa1976-2012

Hacaaluu Hundeessaa

Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa!

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Ajjeechaa Waxabajjii 22 bara 2012 artisti Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatame ilaalchisuun Ministirri Muummee mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad Kibxata darbe ibsa kennaniiru.

Haala kanaanis wareegamuu artisti Haacaaluu Hundeessaatti daran gadduusaanii ibsanii, maatiisaafi ummata Oromoo bal’aaf, akkasumas ummattoota Itoophiyaa maraaf jajjabina hawwaniiru. Akeekni qaamolee badiisaa garuu gootota qaroo ummataa ta’an ajjeesanii ummattoota nagaa walficcisiisuu waan ta’eef, yoomillee milkaa’uu akka hindandeenye ibsaniiru.

Artisti Haacaaluu Hundeessaatiin dhiyeenyatti kan beekan ta’uu himanii, jijjiiramoota yeroo ammaa galmaa’aa jiraniifis bu’uura ture jedhan. Haacaaluun waan itti amane tokkotti haala salphaa ta’een weelluudhaan ibsachaa kan ture yoo ta’u, kunis yaadaafi laphee tokkoon tokkoon ummattootaa keessa akka galu gochuusaas dubbataniiru.

Artisti Haacaaluun haqa jallate sirreessuuf xiiqiifi onneedhaan falmaa ture jedhanii, hundarra ammoo nama Oromoof jiraachuun lubbuusaa kenneedha. Qaamoleen badiisaa garuu wayita biyyattiin muddama keessa jirtutti yeroofi haala eeggatanii lubbuu gootaa galaafachuu danda’uusaaniis himaniiru.

Akka ibsasaaniitti, kaayyoon qaamolee badiisaa kanneenii jijjiiramoota siyaasaafi dinagdee biyyattii galmaa’uu jalqaban gufachiisuutiin ergama badiisaa qabatan milkeessuudha. Keessumaa ammoo tooftaa itti hariiroofi tokkummaa ummattootaa diiganirratti hojjechaa waan turaniif, gootota qaroofi miidhagina ummataa ta’anirratti ajjeechaa garagaraa raawwachaa turaniiru. Ajjeechaan Artisti Haacaaluu Hundeessaarratti raawwatames qaamuma ergamasaanii ta’uus eeraniiru.

Ergamni qaamolee kanneeniis bal’aa yaa ta’u malee galmisaa tokkuma kan jedhan Doktar Abiyyi, kunis karaa qaxxaamuraatiin aangoo ummataa ofharka galfachuun qabeenya ummataa saamuudha. Kunimmoo yoomillee galma gahuu waan hindandeenyeef abjuu ta’ee hafa jedhan.

Hariiroofi tokkummaan sabootaa, sablammootaafi ummattootaas bu’uura hinsochoonerratti kan ijaarame waan ta’eef, salphumatti diigamuu akka hindandeenye dubbataniiru. Haa ta’u malee hubannoon kutaalee hawaasaa garagaraa walfakkaataa waan hintaaneef gartuuleen badiisaafi gochootni isaanii haalaan beekamuu qabu jedhan.

Kanaafis gocha suukaneessaa Artisti Haacaaluurratti raawwatame adda baasuuf qaamoleen nageenyaa naannoo Oromiyaafi federaalaa walta’insaan hojjechaa akka jiran himaniiru. Bu’aan qorannoos yeroodhaa yerootti ummataaf ibsamaa kan deemu ta’uus eeraniiru. Hangasitti garuu hawaasni

marti obsaafi tasgabbiitiin eeggachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Pirezidaantiin BMNO, Obbo Shimallis Abdiisaas ergaa dheengadda guyyaa awwaalcha Artisti Haacaaluu dabarsisaniin, yeroowwan rakkoofi xiiqii diina fuuldura daabatee fedhiifi faayidaa ummatasaatiif qabsaa’aa ture shira xaxameen Haacaaluu dhanbeerra jedhan.

Sirni awwaalchaasaa haaluma maatiinsaa gaafataniin sirnichi Magaalaa Ambootti raawwatameera. Gochoonnu erga lubbuunsaa darbee as raawwatamaa jiran qaanessaafi shira diinonni keenya xaxaa turan kan saaxileedha ta’uus eeran.

Gochoonni raawwataman duudhaafi aadaa Oromootiin ala kan ta’eeda. Erga lubbuunsaa darbee booda reeffisaa Fnfinneetti Garuu maatiin qe’eessaatti awwaaluuf murteeffate.

Reeffa geggeeffamaa ture meeshaalee waraanaa 20 oliin deggaramuun reefficha hatanii gara Finfinneetti deebisan. Kuni gopcha qaanessaafi laphee nama cabsuudha. Du’aati Haacaaluu du’a lammaffaa kan godhes gochuma kana. Namni kun kabaja maluuuf argachuu hindandeenye.

Warri reeffa hatan qaamolee nageenyaarratti tarkaanfii fudhachuun Waajjira Badhaadhinaa Oromiyaa keessatti lubbuun humna nageenyaas darbeera. Hunda tasgabbiifi bilchinaan keessa bahuuf mootummaan obsa olaanaa taasise.

Erga reeffisaa Roobii darbe Ambo qaqqabee boodas humni Shanee hidhatee socho’u ‘TPLF’ wajjin ta’uun magaalattii boombiifi meeshaalee waraanaa birootiin deggaramuun

mana maatii Haacaaluutti haleellaa gaggeessaniin eessumasaa ajjeesuun qaamolee nageenyaa hedduus ajjeessaniiru. Kana dabalatee Haacaaluun du’a sadii du’e jechuun ibsan.

Haacaaluun otoo Oromoof qabsaa’ee jiruu daldala siyaasaafi faayidaa dhuunfaatiif jecha Haacaaluun du’a sadii akka du’u taasisan jedhan.

Kamisa darbes sirni awwaalchaasaa akka hinmilkoofne gochuuf yaalii goddaan taasifamee turuu eeranii, ummanni Oromoo aarsaa guddaadhaan as ga’e borus arsaa guddaadhaan ittifufa jedhan.

Aarsaa kanfaluun goota kanaa xiiqiidhaan aarsaa biraatiif nu qopheessa. Injifannoos nuu dabala malee duubatti nu hindeebisu. Ijibtiifi humni finxaalessummaan Finfinnee keessatti maraatee walta’uun biyya keenya diiguuf hojjechaa jiru.

Kanaaf ammoo Haacaaluum meeshaa godhanii ittifayyadamuuf hojjechaa jiru. Haacaaluun torban dura miidiyaa tokkorratti dhiyeessanii, “Dur Oromoo jirtuu jechaa har’a ammoo feerroo jirtaa” jetta jedhaniin. Haacaaluun gaafa hunduu dheessee ala ture otoo faayidaadhaaf hinjilbeeffatiin qabsaa’aa dhufe har’a cabsuuf qopheessan jedhan Obbo Shimmallis.

Akka waan inni Oromoo ganee taasisanii dhiyeessaa oolan. Goota kana qalmaaf qopheessan. Haacaaluu akka hiriyaatti nan beeka, akkan nama wajjin barateetti nan beeka. Haacaaluun kallattiilee hundaan nama faayidaa Oromootiif hojjechaa tureedha. Haacaaluun aarsaa malee

“Artisti Haacaaluun haqa jallate sirreessuuf xiiqiifi onneedhaan falmaa ture” - Doktar Abiyyi Ahmad

faayidaa dhuunfaatiif dhaabatee hinbeeku. Haacaaluun faayidaa ummata Oromootiif malee gandaaf dhaabatee hinbeeku.

Haacaaluun, walqixxummaafi bilisummaaf obbolummaatiif malee faallaa dhala namaa dhaabatee hinbeeku. Haacaaluun eenyumaafuu hinergamu. Warri ergachuu barbaadan olii gadi sukkuumaa bahan. Akkuma guyyaa tokko na ajjeesu jedhette du’e. Haacaaluu irra deddeebi’anii ajjeesan. Kana kan godhaniif ummata Oromoo diiguuf, sabootaafi sablammoota walnyaachisuuf kana raawwatan.

Haacaaluun gaafa ummanni Oromoo buqqa’e gaafa hunduu sodaatee kirkiru, fuulduratti bahee Oromoo injifannoon kan keetii injifadhu jedhee labse. Nama gaafas taankii hinsodaanne, madfii hinsodaanne, fuuldura dhaabatee aarsaa kanfale.

Nama kana karaa deemaafi jireenya dhuunfaasaa jireechaa jiru hundi kabajaan gara biyyaatti gale hundi diineffate, waan Hacaaluun dhugaadhaaf dhaabateef. Haacaaluun hunda keenya fuuldura dhaabatee waan dhugaa dubbatuuf. Kabaja inni Oromoo biratti qabu cabsuuf hojjetanii isa booda tarkaanfii irratti fudhatan. Humni Shaneefi ‘TPLF’ qindaa’anii badii kana raawwatan. Biyya diiguufi injifannoo kana duubatti deebisuuf. Oromoo addaan bittinneessuuf. Warra qaaniifi salphinaa nu gochuuf.

Yaa Oromoo tasgabbaa’ii qe’ee kee eegi. Saba kamuu faana walitti hinbu’iin. Amantaadhaanis walitti hinbu’iin. Dhaabadhuu qalbiidhaan dubbii ilaali. Araarama tokko malee olaantummaa seeraa ni kabachiinsa. Hanga yoonaatti ibsineerra.

Kana booda obsi fixanneerra. Humna finxaalessaas ta’e Oromiyaa dirree jeequmsaa gochuu barbaadu kamuu haxoofnee sirreessina. Gonkumaa hinsalphattu. Waan aarsaa kanfaltee argatte ergamuu Wayyaaneefi sirna tortoree badeetiin hinsalphatu.

Humna faallaa Oromoo deemu kamuu karaatti galchina. Olola kamiifuu gurra kennuu hinbarbaachisu. Gandaafi qe’ee keessan tasgabbeessaa. Jaarsi biyyaa, Abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, salphina nutti aggaamame kana salphina diina keenyaa ni goona jechuun ibsan.

Qaamonni Haacaaluu ajjeesan kan milkaa’an gaafa saboonniifi sabalammoonni walfixaniidha. Yoo Oromoon gandaafi amantiidhaan walitti deebi’eedha. Kaayyoosaanii kana ifatti waan labsaa bahaniif harkatti fashaleessuu qabna.

Kanaafuuu tasgabboofnee shiira diinaa kana dhabamsiisuu qabna. Akka lamuu deebi’ee sirratti hinijaaramneef harka walqabannee cimnee haa hojjennu. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Federaalaa wajjin ta’uun aggaammii Oromoorratti dhufe qolachuuf ni hojjeta. Qolachaas jira. Tarkaanfiis fudhachaa jira. Obsi sodaa miti. Garaa jabaachuus ta’e injifachuus itti beekna. Maqaa obsaatiin biyyi akka diigamtu hingoonu.

Bara

Page 8: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 8

Boordiin Daarektarotaa, Maanejimantiifi Hojjettoonni Baankii Daashan du’a Artisti Hacaaluu Hundeessaatti gadda guddaa itti dhagahame ibsaa, maatii, jaallattootaafi dinqisiifattoota isaaf akkasumas ummattoota Itoophiyaa hundaaf jajjabina hawwa.

Baankii Daashan

Page 9: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

Maxxansa Addaa1976-2012

Haacaaluu Hundeessaa

Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa!

Qabsaa’aan mirga dhala namaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa Wiixata darbe rasaasaan ajjeeffamuun walqabatee gaddi mana tokkoon tokkoon ummata Oromoo seeneera. Sabootni, sablammootniifi ummattootni Itoophiyaas gochichatti rifachuun balaaleffataniiru.Haacaaluun ijoollummaa isaarraa kaasee gara ogummaa aartii Oromootti dhufuun weellisaa kan ture yoo ta’u, kanaanis yeroo gabaabaa keessatti laphee ummata Oromoo bal’aafi ummattoota biyyattii keessa galuun jaallattoota danuu horachuu danda’eera. Sirboota isaatiinis guddina aartii Oromoof gumaachuurra darbee caalaatti onnee guutuudhaan haqa ummata Oromoof falmaa ture.Artisti Haacaaluun mallattoo qabsoo ummata Oromoo ta’uusaa kan hubatan qaamoleen badiisaa rasaasa qawwee itti dhukaasuutiin ajjeesaniiru. Kaayyoon isaaniis nagaafi tasgabbii ummatni Oromoo sabootaafi sablammoota waliin qabu diiguudhaan karaa qaxxaamuraan aangoo qabachuuf yaadanii ture. Walta’insa sabootaafi sablammootaan garuu fashalaa’uu danda’eera.

(1976-2012)

Ummatni Oromoo amartii gatii jabeessa harkasaa dhabe

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 9

“Ummanni nageenyasaa tikfachuu qaba’’Ajjeefamuu Artisti Haacaaluu Hundeessaatiin lammiilee biyyattii hundi gadduufi ummannii qaamolee nageenyasaa booressuuf wixxirfatanirraa of eeguu akka qabu Ministirri Nageenyaa gaafatan. Ministirittiin Aadde Mufariyaat Kaamiil akka jedhanitti, ummanni qaamolee nanyasaa booressuuf munyuuqan cimsee ofirraa ittisuu akka qaba. Haacaaluun abbaa hojii onnee hunda keeenyaa keessa jiruudha.

Yeroo ittaanutti hojiin haqa mirkaneessuu qindoominaan ni raawwatamas jedhanii, Itoophiyaa ilmashii cimaa dhabuushiis eeraniiru. Haacaaluun dachee Oromiyaafi gadameessa Oromoo keessaa argamuus hojiinsaa onnee lammiilee biyyattii hunda keessa jira jechuunis himaniiru. Gochi irratti raawwatame daran gaddisiisaa ta’us hojii haqa mirkaneessuus qindoomina qaamolee haqaafi nageenyaatiin kan adeensasaa eeggatee kan hojjetamu ta’uu beeksisaniiru.

Rakkoo uumames waldhaggeeffannaafi suuta hiikaa deemuun ni barbaachisa kan jedhan ministirittiin, yeroo hamaa kana akkuma kan kanaan duraa wajjummaan dhaabachuun bira dabuun adeemsa sirrii ta’uu eeraniiru.Haati Alangaa Waliigalaa Federaalaa Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniitiin dhimma ajjeechaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa walta’uufi tasgabbaa’uudhaan qulqulleessina jedhan. Kanaaf ummanni hanga tokko lama jennee ibsinutti obsaan

nu dhaggeeffachuu qaba jechuun dubbatan.Haalli yakkichi itti raawwatame walxaxaa ta’uu kan himan ammoo Kimishinara Poolisii Federaalaa Indaashaawu Xaasawu. Ta’us shakkamtoonni muraasni to’annoo jala ooluu himaniiru. Komishinarri Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaas, shakkamtoota keessaa namoonni lama qabamuufi ammas warreen hafan qabuufis poolisiin Oromiyaa, Finfinneefi Federaalaa qindoominaan hordoffii taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Seenaa Artisti…qe’eesaaniirraa buqqa’an dandamachiisuuf sagantaa konsartii muuziqaa karaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’errattis akka hirmaatuuf waamichi dhiyaateef.Waamichichas osuma karaarra deemaa jiruu fudhachuutiin gara magaalaa Dirree Dhawaatti deebi’uutiin galgaluma sana walaloo qopheeffachuu danda’ee ture. Walaloosaattis yeedaloo baafatee quuqama garaasaa, roorroo sabasaarra gahaa tures qabatee sagantaa galma barkumeetti qophaa’erratti argamuun waltajjii qabate. Achirrattis ‘jirtuu’ jedhee ummata Oromoo maraa garaa raase, ‘jirra’ jedhee diina rifachiise, onnee sabaas kaase, kiiloo afuritti situ aane jedhee isa karaarra jiru abdii itti hore; xiiqii keessas galche.“Yaa ijoollee biyya kootii hundumtuu haadhoo kootii,Manni keenya holqaaree tulluu gubbaadha malee,Oromoon biyya diigaaree biyya ijaara malee!” jechuun geeraree hunda garaa raasee, hundas qalbii kaase, dhugaa ummata Oromoos firaafi diinatti agarsiise.Saganticha boodas garaan firaa aannan dhugee qabbanaa’us kallattii addaddaan garuu diinota hedduu horachuu danda’ee ture. Qaamoleen fayyadamummaafi walqixxummaa ummatootaatti hinamannes caalaatti

ilkaansaanii akka ciniinnatan kan taasise yoo ta’u, gara ji’a tokkoo oliif adamsamaa tureera.Gootichi Haacaaluu Hundeessaa artistii qofa osoo hinta’iin, qabsaa’aa seenaa, walqixxummaafi bilisummaa sabootaafi sablammootaaf halkaniif guyyaa osoo aara hingalfatiin hojjechaa turedha. Haqa ummata Oromoo biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti cunqurfamuun awwaalamaa ture aartiidhaan deggaruun nama cichee hojjechaa ture. Kanaafis sirna kabaja Adwaa bara 2011rratti seenaa sobaa gareen muraasni ittiin faarfamaa ture saaxiluutiin kan saboota Itoophiyaa maraa, keessattu kan gootota Oromoo hedduu ta’uusaa sagantaa inni addabaabaayii masqalaatti qopheesse yoomillee kan hindagatamnedha.Fardeen Oromoo 500 ta’an Jalduufi Amboorraa walitti qabuun konsartii muuziqaa inni qopheesse dhugaafi shoora Oromoon biyyattii ijaaruu keessatti qabaachaa ture ifatti mul’isuun saaxiluu danda’eera. Kanaanis injifannoo Adwaa sabni tokko ittiin ofleellisaa ture kan ummata bal’aa ta’uu mirkaneesseera. Kanas, “Nuyi miti fardeen keenyaa ni beeku bareechaniiGaafa gaarreen Adwaa, gaafa Maqalee sanii!” jechuun dhugaa ture ifatti baasuun geerare. Kanaanis yeroo lammataatiif qaamolee sobaan biyya ijaarra jedhaniin akka ilkaan itti

ciniinnatamu ta’eera.Haacaaluun nama dhugaa itti amane sodaa malee dubbatuufi ofis dhiisee ummataaf jiraatu ture. Maallaqa albamiisaa isa duraatiinis maatiisaaf mana ijaaruuf jalqabee ture. Misooma waliigalaa magaalaa Amboo jalqabame deggaruufis qarshii kuma 100 gumaachuus danda’eera. Rakkattoota gargaaruunis amala Haacaaluu ture.Haacaaluun ilma sabaa waan ta’eef yeroo hedduu hojii idileesaarraa ummatasaa gargaaruuf yeroosaa aarsaa gochaa tureera. Gaafa quuqama sabaa ibsu, “Maalan jira” jedhe, gaafa lammiisaa jajjabeessu ammoo, “Jirra, jirra…” jechuun onnachiisee abdii itti hore.Fulduratti ammo sirboota baay’ee baasuuf qophiirra osoo jiruu Waxabajjii 22 bara 2012tti lubbuunsaa kiyyoo adamsiitootaa galtee rasaasaan rukutamee wareegame. Hanga gaafa du’uutti guyyaa tokkoofillee harka kennatee hinbeeku ture. Hattootaafi gantootaan garuu yeroo dhumaatiif lammiisaatti nagaa dhaammate. Hanga har’aattis albamii lamaafi sirboota qeenxee, “Maalan jiraa, jirra jirraa, nan hima waa’ee keenya, nan hima waa’ee kee Oromiyaa, cabsaafi Aggaaroo” jedhan jaallattootasaaf gumaacheera.Haacaaluun qaruuxee qaruuxee caalus ture. Artistii ta’uurra darbee qabsaa’aa mirga

dhala namaas ture. Beekaafi abbaa ogummaa hedduus ture yoo jedhame sirriitti isa ibsa. Nama sagalee qofaan weellisaa ture osoo hintaane kiraara, gitaaraafi kiiboordiifaan taphachuutti beekdha. Hiriyyootasaafis ogummaasaa qooduufiirratti gita hinqabu ture. Kanaanis hiriyyootasaa biraa galataafi jaalala horateera.Gama jireenya dhuunfaasaatiinis hiriyyaasaa waggoota digdamaaf waliin turan Aadde Faantuu Damissoo waliin waggoota shanan dura gaa’ila hundeeffachuun jiraachaa kan turan yoo ta’u, ijoollee durbaa sadii waliin argataniiru. Wabii daa’ima umrii waggaa shanii, Milkii daa’ima waggaa lamaafi walakkaafi Giiftii kan ji’a tokko dura dhalatte haadhasaafi ummata Oromootti dhiisee addunyaa kanatti nagaa dhaammateera.Jireenya ofiifi maatiisaa fooyyessuuf barana qarshii miiliyoona kudhan Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaarraa liqeeffachuun sibiilota addaddaa alatti erguuf biyya keessatti galchuuf hojii jalqabuunsaas kan yaadatamuudha. Hojii kanas osoo galmaan hingahatiin dhiisee godaaneera. Ummatni Oromoo bal’aas ilmasaa kana du’aan ofbiraa dhabuusaatti lapheensaa cabeera. Seenaasaa yaadannee, akkasumas dhugaasaa qabannee kaayyoosaa galmaan gahuun dirqama hundaa ta’uun hubatamuu qaba.

Bara

- Hoggantoota hojii

Page 10: Bara - 43 Lak. 20 Bariisaa Waxabajjii 27 Bara 2012 (July 4 ......Seenaa Artisti Haacaaluu Hundeessaa Fuula 6 Obbo Mahaammad Ahmad (Qophee) Bara. BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 27 Bara 2012 1

Maxxansa Addaa1976-2012

Haacaaluu Hundeessaa

Qabsa’aan kufus qabsoon itti fufa!

Natsaannnat Taaddasaatiin

Obboleessi keenya Artisti Haacaaluu Hundeessaa Wiixata darbe galgala sa’aatii 3:30tti Finfinnee naannawaa Galaanitti rasaasaan rukutamee addunyaa kana irraa erga boqotee kaasee ummatni Oromoo hundi gadda olaanaa keessa jira.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shiimallis Abdiisaa ibsa gaddaa Kibxata darbe kennaniin akka jedhanitti, gootiiniifi qabsaa’aan mirga namummaafi bilisummaa Artisti Haacaaluun umuriisaa waggaa 36 keessatti dhimmoota tulluu raasan biyya jijjiiraniifi rakkoo ummataa, sabaafi biyyasaa hundaaf kan labsaa kan ture mallattoo injifannoo jijjiiramaafi qabsoo ummata Oromooti.

Tarkaanfii sukkanneessaa diinni goota kana irratti fudhateen lubbuunsaa darbeera. Darbuun lubbuu goota kanaa ummata Itoophiyaafi Oromoo biratti bara baraan seenaa gurraacha ta’ee jiraata.

Keessumaa qabsoo ummatni Oromoo sirnoota waggoota 150f darbaa dabarsaan dhufan ofrraa faccisuuf taasisaa ture keessatti Hacaaluun akka hayyuu, gorsaafi qabsaa’aa mirga namaafi dimokiraasii tokkootti ijoollummaa isaa irraa kaasee ummata isaaf aarsaa cimaa nama kaffalaa tureedha.

Arsaa Hacaaluufi jaalleewwan hedduu isa dura turan kanneen akka Taaddasaa Birruu, Haageree Tulluu, Haayilamaariyam Gammadaa, Waaqoo Guutuu, Hayiluu Fidaa, Nigusuu Diidaa, Bakar Waareefaa itti kufan, kan qeerroofi qarreen kuma shanii ol itti dhumaniin injifannoofi jijjiiramni kun dhufe.

Jijjiirama kana gufachiisuuf waggoota lamaan darban ummata buqqisuudhaan, waraana erganii masaraa to’achuuf yaaluudhaan, hoggantoota naannoofi biyyaa ajjeesuudaan yaaliiwwan gara garaa taasifamaa turaniin jijjiiramichi bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee as gaheera.

Qabsoon Hacaaluufi jaalleewwan biroo ummata Oromootiif injifannoo haa fidu malee injifannoo kana sirna godhanii fedhiifi faayidaa ummata keenyaa kallattii hundaan kabajchiifnee injifannoo olaanaatti ceesisaa deemuudhaaf qabsoon eegalamus xobbeedha.

Qabsoo ummata keenyaa xobbee kana yeroo gabaabaatti kutuudhaaf yaalii bal’aan taasifamaa tureera. Warren aangoo dhaban ‘TPLF’ nageenya Oromiyaatu nu yaaddessa jechuun dirree qabsootti deebifna jechaa turan.

Akkuma dhaadachaa turan baandaawwan keessaafi warra miila isaanii iddoo lama kaa’an waliin ta’uudhaan ajjeechaa suukkanneessaa Artisti Hacaaluu irratti raawwataniiru. Kana kan raawwatanis injifannoo ummatni keenya waggoota 150 booda argate kana utuu lafa hinqabatin akka dafee goguufi duubatti deebi’u, biyyi hoggansa Oromoo harkatti akka diigamuufi Oromoo walitti deebi’ee akka wal nyaatu taasisuudhaafi.

Akkasumas sabootaafi sablammoota jaalalaafi tokkummaadhaan waliin jiraatu waitti buusuuf yaadanii karoorfataniiti ajjeechaa

kana kan raawwatan. Waggoota lamaaf walakkaa darban keessa karoora akkasii baafachuudhaan yaaliiwwan gara garaa taasisaa turaniiru. Haaluma kanaan Artisti Hacaaluu kan gara fuulduraattis ummata isaaf qabsaa’uufi barsiisu karaatti hambisaniiru.

Akkuma Jaarraa Abbaa Gadaa “Qabsaa’aan ni kufa, qabsoon ittifufa” jedhe qabsoon Hacaaluufi ummatni Oromooaarsaa itti kaffale sekondii tokkoof boodatti hindeebi’u. Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaas injifannoo, faayidaa, fedhii, maqaafi kabaja ummata Oromoo milkeessuuf halkaniifi guyyaa aarsaa barbaachisaa hunda kaffaluudhaaf qophaa’aadha.

Qabsoon Oromoos duubatti hindeebi’u. Goomattuufi warroonni Ijibtiif baandaa ta’anii tajaajilaa jiranis qabsoo Oromoo duubatti deebisuufi nu diiguu hindanda’an. Ummatni Oromoo harka walqabatee qabsoofi injifannoosaa itti fufsiisuu qaba.

Ummatni Oromoo ajjeechaa Artisti Haacaaluurratti raawwatame balaaleffachuufi gaddasaa ibsachuuf iddoowwan gara garaatti hiriira ba’eera. Loote galtoonni ummata gaddasaa ibsachuuf ba’e gidduu seenuudhaan lubbuun ilmaan Oromoo dabalataan akka darbu taasisaniiru.

Akkasumas sabaafi sablammootni sanyiidhaan, amantiidhaan akka walitti bu’an taasisaa jiru. Rakkoolee sababuma kanaan bakkeewwan gara garaatti mudataniin lubbuun lammiilee darbeera. Kanaafis mootummaan naannoo Oromiyaa gadda itti dagahame ibsuu barbaada.

Wantoota raawwatan tasgabboofnee adda baasuun qaamolee saboota walitti buusuuf socho’an dura dhaabbachuutu nurra jira. Ummati keenya yeroo kaabaafi kibbaa, bahaafi dhihaaa, keessaafi alaa nutti duulaafi qormaata cimaa keessa nu galchanii jiran kanatti obsaafi bilchina cimaadhaan injifannoo isaa tikfachuu qabu waamicha koo isiniif dhiyeessuun barbaada.

Geggeessaa goota keenya Haacaaluu

Hundeessaatiin walqabatee mootummaan naannoo Oromiyaa maatii goota kanaa waliin guyyaa walakkaadhaaf marii bal’aa geggeessuun mootummaan Finfinneetti akka awwaalamuuf gaafatus maatiinsaa bakka dhalootasaatti akka awwaalamu filataniiru.

Haaluma kanaan Kibxata darbe reeffi goota keenyaa utuu gara Amboo deemaa jiruu Magaalaa Buraayyuu erga darbee booda aadaa, safuufi duudhaa Oromootiin ala akka gara Finfinneetti deebi’u taasisuudhaan waanti qaanessaan raawwatameera.

Mootummaan naannoo Oromiyaas ittigaafatamummaa guutuu fudhachuudhaan reeffi goota keenyaa kabaja olaanaadhaan bakka maatiinsaa barbaadutti akka boqotuuf Magaalaa Amboo akka dhaquufi awwaalchi gootaa akka taasifamuuf taasiseera. Akkasumas mootummaan naannichaa Kibxata darberraa eegalee alaabaan naannicha keessatti fannifamu kamuu gad siqee akka fannifamuuf murteesseera.

Kaayyoo goonni keenya itti wareegame xiinxaluudhaan ummata keenya qabsoofi aarsaa ittaanuuf qopheessinee fuulduratti tarkaanfachuu qabna. Haacaaluu gootni gaafa xiiqii dhabneerra. Kaayyoo bilisummaa, walqixxummaafi obbolummaa dhugaa inni qabsaa’aafii ture milkeessuudhaafi fakkeenyummaa isaa akka itti fufsiifnuuf asumaan waamicha koo isiniif dhiyeessuun barbaada.

Qaamoleen sabootaafi sablammoota sabaafi amantiidhaan walitti buusuudhaan Oromiyaa dirree waraanaa gocuuf, injifannoo ummatichaa duubatti deebisuufi saamicha ummata kanarratti diriirsanii turan deebisanii lafa qabsiisuuf socho’an fuuldura dhaabanna.

Dhiigni Haacaaluus akkasitti dhangala’ee hinhafu. Poolisiin Finfinnees qaamolee ajjeechaa Artisti Haacaaluurratti raawwatan qorachaa jira. Ragaaleen qorannoodhaan argamanis ummataaf ni ibsamu.

Qaamoleen yakkicha raawwatanis seeraan ni adabamu. Rakkoon walfakkaatu uumamee

jijjiiramni kun boodatti deebi’ee iddoo biraadhaa akka hinjalqabne gochuuf hundi keenya jabaannee hojjechuu akka qabnu asumaan waamicha koo isiniif dabarsuun barbaada.

Abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa rakkoo uumamuu karaa duudhaa Oromummaatiin sirreessuun karaatti deebisaa. Miidiyaaleen diigumsa kana babal’isuuf hojjetanis jiru. Isaan kanarratti mootummaan naannoo Oromiyaa araarama tokko malee kan qabsaa’u ta’uu asumaan hubachiisuun barbaada.

Qaamolee kana keessatti hirmaatanis seeratti ni dhiyeessaa ni deema. Ummatni Oromoo iddoo hundatti gaddasaa ibsachuudhaan, gaddicha keessatti ammoo qabsoosaa yaadachuudhaan injifannoo jiru itti fufsiisuun fedhii ummata keenyaa akka murteessinuuf waamicha koon isinii dabarsuu barbaada.

Qaamoleen duudhaa nama nyaachuu, biyya balleessanii ofii jiraachuu malee waan biraa hinqabne, warra walqixxummaan afaanii isaaniif hingalle qaanessinee sirni federaalawaa dimkiraatawaa ijaaraa jirru akka duubatti hindeebineef harka walqabannee akka tarkaanfannuuf asumaan waamicha koo dhiyeessuun barbaada.

Qabsaa’aan ni kufa qabsoon ittifufa. Galatoomaa!

Kantiibaa Ittaanaa magaalaa Finfinnee Injineer Taakkalaa Uumaas ibsa gaddaa dabarsaniin, ummatni Oromoo, jiraattota magaalattiifi biyya keenyaa du’a Artisti Haacaaluutiin keessi keenya daran gaddus kanneen akka Haacaaluu hedduu waan qabnuuf abdii qabna.

Daandiin amma jalqabnes sekondii tokkoofillee duubatti hindeebi’u. Hariiroon obbolummaafi tokkummaan waliin jireenyaa sabootaafi sablammoota waliin qabnus ittifufa.

Mootummaa Federaalaafi bulchiinsa magaalaa Fifinneefi naannoo Oromiyaa waliin taanee qaamolee lubbuufi dhiiga obboleessa keenyaatiin qumaara taphatan sakattaanee gingilchinee seeratti ni dhiyeessina.

Qabsaa’ota baay’ee gabbarre, aarsaa guddaa kaffallee as geenyeerra. Gaaffiilee ummata Oromoo Haacaaluun kanaan dura waltajjiiwwan gara garaarratti kaasaa tures obbolootaafi dargaggoota keenya waliin taanee galmaan ni geenya. Warri du’aafi aarsaa kaffaluu obboleessa keenyaatti gammaddan yoo jiraattan qabsoofi imalli keenya sekondii tokkoofillee duubatti hindeebi’u.

Goototaafi qabsaa’ota akka Haacaaluu baay’ee dhabnee as geenyeerra. Ammas taanaan goototaafi qabsaa’ota kanneen akka Haacaaluu hedduu waan qabnuuf fuuldurri keenya ifaadha, imalli keenyas tasumaa duubatti hindeebi’u.

Siidaa yaadannoo isa madaalus walakkeessa magaalattiitti maatiifi hiriyootasaa wajjin taanee ni ijaarra.

Ummata biyya keenyaa, Magaalaa Finfinnee, naannoo Oromiyaa, magaalaa Amboo akkasumas haadhaafi abbaa Artisti Haacaaluufi firoota Artisti Haacaaluutiif jajjabina hawwa fuuldurri keenya ifaadha.

“Siidaan goota kana madaalu walakkeessa Finfinneetti ni ijaarama”- Injineer Taakkalaa Uumaa

Artisti Haacaaluun ijoollummaa

isaa irraa kaasee

ummata isaaf aarsaa cimaa nama kaffalaa

tureedha.

10

Bara