19
4 KUTAA BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

  • Upload
    others

  • View
    35

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

4 KUTAA

BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

Page 2: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

Mata-dureewwan ljoo Kutaa Kanaa Meeshaalee Barbaachisan

• Waa'ee aanna harmaa hadha silga daa'imni dhalatee sa'aatii tokko osoo hin guutiin akka

argatan taasisuu

• Waa'ee harma qofa hoosisuu

• Waa'ee dhiqannaa harkaa sirrii

• Haala sirrii bobbaa daa'imaa itti gatamu/awwaalamu

• Daakuu lrdii

• TaphaArgannaafi Bitannaa, Kaardota Maallaqaa lstiikara BIQILTUU

• Ragaa dhuunfaa: yeroo harma hoosistutti gargaarsa abbaa manaa

• Waraqaa dadachaatuu: qajeelfama akkaataa jalqabbii sirrii harma hosisuun

Gulantaa I:Baga nagaan dhuftan

I. Marii hawaasa gabbataa afraffaa Guyyoota I OOOn Jalqabaa kanaaf baga nagaan dhuftan.

2. "Walgahii keenya kanarratti daa'imman keenya ciccimoo, fayya-qabeessaafi qareessa ta'anii akka guddatan wantoota addaa guyyoota I OOOn jalqabaa keessatti raawwachuu qabnu akka barannu ni

beektu jedheen abdadha:'

Gulantaa 2:Keessa deebii kutaa darbee

I. "MHG keenya isa darberratti, Mootiiwwan Kanniisaa keenyaaf yeroo ulfaa gara boodaarratti maal gochuu akka qabnu barannee turre. Mariiwwan manatti mari'annu fooyyessuudhaaf, tooftaalee

waliigaltee (koomunikeeshinii) gara garaa kan baranne yammuu ta'u, dandeettiiwwan kanneen fayyadamuullee shaakallee turre.

• Yeroo miseensota maatii keenyaa waliin haasofnu, akka leencaa dheekkamaa/tuu ta'uu, akka HARREE ofgataalofgattuu ta'uu, akka WEEN Nil/ DAMMAAFI BISHAANII ofitti amanaal

ofitti amantuu fi ejjenno-qabeessalqabeettii kan garalaafummaafi obsa waliin qabnu ta'uu.

2. "Poostara Akaakuu Nyaata madaalamee fudhatanii galtanii akka miseensota maatii keessaniitti agarsiistaniifi keenyaa manaatti fannistan hunda keessaniif kenneen ture. lsin keessaa mee nama

meeqatu/hagamiitu poostaricha abbaa warraa/haadha warraa yookan miseensota maatii keessaniitti agarse? Nama meeqatu poostaricha keenyaa manaatti dhoobe hoo?"

3. Akkasumas waa'ee "guyyaa guyyaan nyaatawwan abbaa URJII baay'inaan nyaachuu, lamaaf jedhanii nyaachuu,akkasumas yeroo hunda qoraanii fi bishaan waraabuun haadha warraa keenya

ni gargaarra kan jedhan muuxannooo namoota dhuunfaa gara mana keessanitti fudhattanii akka galtaniif hunduma keessaniif kenneen ture .Mee isin keessa meeqan keessantu mootiiwwan

kaannisaa akkaataa kaardii muuxannoo namoota dhuunfaa irratti ibsametti gargaaruuf kan irratti walii galtan

4. Akkasumas waa'ee Karoorayaadannoo sirna nyaata guyyee Haadholee akkamitti akka taphattanillee hunda keessan barsiiseen ture. Namni hundi nyaatawwaniifi tursiistuuwwan Mootiiwwan

Kanniisaa isaanii nyaatanitti nyaatawwan ABBAA URJII akkamitti makan hundi keessan mari'achuuf turtan. lsin keessaa mee nama meeqatu dhimma kana haadha warraalabbaa warraa yookan

miseensota maatii isaanii wajjiin mari'ate?"

5. Namoonni meeqa waan kana akka raawwatan, yaadannoofi unkaa gabaasaa keerratti BARREESSI.

6. "Gaariidha! Mee amma immoo yeroo isin wantoota kana manatti hojiirra oolchuuf yaalaa turtan haalota turan haa haasofnu.

• Waa'ee nyaatawwanABBAA URJII, Mootiiwwan Kanniisaa fi daa'imman SANYII maal maatiiwwan keessanitti himtan?

• Mootiiwwan Kanniisaa nyaata hundarratti nyaatawwanABBAA URJII 2 fi nyaatawwanABBAA URJII 3 guyyaa guyyaan makuun nyaachuu qabu.

• Mootiiwwan Kanniisaa guyyaa hunda keessumaayyuu wayita dahumsaatti siqan nyaata baay'ee nyaachuu qabu. Kanas yeroo nyaanni nyaatamu amma amma nyaachuudhaan yookan bifa

tursiistuun xixiqqeessanii nyaachuudhaan raawwachuu danda'u.

• Yeroo isin poostara Baay'ina Akaakuu Nyaataa Haadholee itti agarsiistan, abbaan warraa/haati warraa yookan miseensonni maatii keessanii maal isiniin jedhan yookan maal isin

gaafatan?

Page 3: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)
Page 4: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

• Yeroo isin barreeffama akkoordiyoonii " akkaataa qophii nyaata lukkuuwwanii" ibsu itti agarsiistan, abbaan warraa/haati warraa yookan miseensonni maatii keessanii maal isiniin

jedhan yookan maal isin gaafatan?"

• Waa'ee baay'ina nyaata a Haadholee Mootiiwwan Kanniisaa ta'aniifi jabeenya daa'imman SANYIIF barbaachisuu, isiniifi abbaan warraa/haati warraa keessan wayita waliin mari'attan

haalli gaariin ture maali?

• lsin keessaa nama meeqatu Kaalandara Yaadachiistuu Asidii aayiren Fooleetii manatti fayyadamee jalqabe?

• Mootiiwwan Kanniisaa nyaata dabalataa akka nyaataniifi nyaatawwan ABBAA U RJ II guyyaa guyyaan akka argatan gargaaruuf, Isin, abbaan warraa/haati warraa fi miseensonni maatii

keessanii murtiin murteessitan yookan tarkaanfiin fudhattan jiraa? Jira yoo ta'e, maalinni?

7. Namoonni 3 hanga 5 ta'an gaaffilee kanneen akka deebisaniifi muuxannoo mana isaanii akka qoodan JAJJABEESSI.

8. "Muuxannoo keessan nuuf qooduu keessaniif galatoomaa!yaada haaraa yeroo haasofnuufi qoodnu yeroo tokko tokko maatii keenya keessaa rakkoo yookan mormiin ni ka'a. Mootiiwwan

Kanniisaa nyaata dabalataa nyaatawwan ABBAA URJII waliin akka nyaatan gargaaruu ilaalchisee marii maatiiwwan keessan waliin taasistanirratti rakkoo isin quunname isin keessaa namoonni

tokko tokko nuuf qoodduu?

9. Namoonni 3 hanga 5 ta'an gaaffilee kanneen akka deebisaniifi waa'ee baay'ina nyaata Mootiiwwan kanniisaa oduu haaraa jiru maatii isaaniif qooduuf wayita yaalan rakkoolee isaan quunnaman

akka qoodan JAJJABEESSI.

I 0. "Muuxannoo keessan nuuf qooduu keessaniif galatoomaa! Garee akkasii kana keessatti argamuun gaarummaan isaa, namoota biroo nu gargaaruu danda'an of biraa qabaachuu keenya. Mee

namoota rakkooleen quunname kana gargaaruudhaaf namni isin keessaa yaada furmaataa kennu jiraa?rakkoolee kana furuudhaaf namni tooftaalee waliigaltee (communication) fayyadame jiraa?"

II. Namoonni 3 hanga 5 ta'an rakkoolee miseensota garee biroo manatti quunnaman kana haala furuun itti danda'amu, yaada furmaataa fi yaada qaban akka qoodan JAJJABEESSI.

12. Gorsa gumaacha qabu kennuu yoo dandeesse gareef kenni. Gareen rakkoolee ati ofii keef waan furmaata ta'u kennuufi hindandeenye yoo kaasan, suupparvaayizara kee waliin irratti akka

mari'attan yaadannoo keerratti barreessi.

13. "Mootiiwwan Kanniisaa lubbuu lamaafi Jabeenyaaf kan nyaata ta'uu isaanii hindagatinaa. Jechuun guyyaa guyyaan nyaata baay'ee fi nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa nyaachuu qabu. Lubbuu

lamaafi jabeenya argachuuf jedhanii nyaachuun keessumaa yeroo gara dahumsaatti dhihaatan baay'ee barbaachisaadha. Kana yoo ta'e Mootiin Kanniisaas taate daa'imni ishee dhahumsarratti

nagaa ta'u."

14. "Sadarkaa SANYII irratti deeggarsi abbootii warraa fi kan miseensota maatii biroo baay'ee barbaachisaadha. Kunis kan inni of keessaa qabu:

• Mootiiwwan Kaniisaa nyaata baay'ee fi nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa akka nyaatan jajjabeessuu

• Nyaatawwan ABBAA U RJ II mootiiwwan Kanniisaa nyaatan horsiisuu, omishuu yookan bituu

• Mootiiwwan Kanniisaa sirriitti boqachuufi nyaachuudhaaf yeroo akka argatan hojiilee manaa isaan gargaaruu

• Mootiiwwan Kanniisaa Kiniinii Aayirenii yeroo hunda galgala galgala akka fudhatan yaadachiisuu

• Dhaabbilee fayyaatti nagaan akka ofkaltu waan barbaachisan duursanii karoorfachuu (Maallaqa geejjibaaf ta'u olkaawwachuu, kkf.)".

Gulantaa 3:Mata-duree har'aa beeksisuu:BIQILTUU (daa'imman dhalootaa kaasee hanga ji'a 6 jiran)

I. "Kutaa leenjii keenya har'aa irratti, waa'ee daa'ima BIQILTUU fi daa'imni BIQILTUUn kun qareessalttii, cimaa/cimtuu fi fayya-qabeessa/ttii ta'ee/taatee akka guddatu/guddattu gargaaruudhaaf

haadholeefi miseensonni maatii maal raawwachuu akka danda'an mari'anna.

• "Daa'imni BIQILTUUN maal akka ta'e/taate eenyutu nu yaadachiisuu danda'a"?

Da'imni biqiltuun daa'ima umrii dhalootaa hanga ji'a 6 gidduu jiru dha

2. "Baay'ina nyaataa madaalamaa haadholee harma hoosisaniif barbaachisullee ni mari'annar".

Page 5: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)
Page 6: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

3. Maatileen BIQILTUU, daa'ima BIQILTUU fi Haadhaaf maal gochuu akka qaban ni marii'anna

4. Qabxiilee kanneen cimsii ibsi :

• Daa'imman BIQILTUUN haaraan akkuma dhalataniin sa'aatii tokko keessatti silga jechuun aannan harmaa jalqaba bahu kennaafi

• Daa'imman BIQILTUUN aanna harma qofa dhuguu qabu.Aannan harmaa waan isaan barbaachisu hunda ni guutaaf- dhalatanii hanga ji'a jaha guutanitti nyaata yookan dhangala'aa biraa

nyaachuu yookan dhuguu hinqaban.

• Daa'imman BIQILTUUN hanga ji'a jaha guutanitti bishaan homaayuu isaan hinbarbaachisu: aannan harma gahaadha.

• Haati hanguma baay'inaan harma hoosistu, harmi ishees aannan baay'ee omisha. Kanaaf, halkanillee harma hoosisuun barbaachisaadha.

• Abbootiin warraafi maatiiwwan Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan baay'isanii akka nyaatan, sirriitti boqatanii daa'imman isaanii BIQILTUU hoosisuuf yeroo gahaa argatan

gargaaruu qabu. Haadholeen harma hoosisaa jiranillee lubbuu lamaaf jedhanii kan nyaatan ta'uu isaanii yaadadhaa!

Gulantaa4:Muuxannoowwan Hoosisa harmaa sirrii mari'adhaa

AKKANA JEDHIIN: " waa'ee harma hoosisuu qabxiilee nu fayyadan hedduu isaanii ibsa. Mee tokko tokkoon irratti haa mari'annu. Silga yookan aannan jalqabaa keelloo fakkaatu.

Haadholeen tokko tokko aanna kana daa'imman isaaniif kennuu sodaatu. Haata'u malee, kan inni uumameef daa'imman reefu dhalataniif. Silgi yookan aannan harmaa

jalqaba bahu daa'imman Keenya BIQILTUU reefu dhalataniif maaliif barbaachisaa fi baay'ee gaarii akka ta'e eenyutu beeka?"

I. Namoonni aannan harmaa jalqaba bahu kanaa ilaalchisee yaada qaban gaariis ta'ee yaraa lamaaniyyuu akka qoodan jajjabeessiti aannan kana kennuun maaliif gaarii akka ta'e qabxiilee ibsan kana

cimsi:

• Daa'immanirraa vaayirasootaafi baakteeriyaa dhukkuba fidan ittisa.Aannan kun taalaallii daa'immanii kan jalqabaati.

• Garaa daa'imaa qulqulleessa akkasumas ujummoo nyaanni itti daakamu (mari'maan/ xeerii) isaanii miidhamarraa eega.

• Nyaata, nyaatawwan gabbisaa fi bishaan daa'imaaf barbaachisan hunda of keessaa qaba.

AKKANA JEDHIIN: "Daa'imni keenya BIQILTUUN akkuma dhalateen sa'aatii tokko keessatti qaama haadhatti maxxanee harma akka qabatu taasisuun, daa'imichi aannan silga akka

luuggatu kan gargaaru yammuu ta'u, fayyaafi nageenya daa'imaafi haadhafillee baay'ee barbaachisaadha. Kun maaliif akkas akka ta'u sababa isaa kan beeku jiraa?"

2. Namoonni akka yaada isaanii qoodan JAJJABEESSI; Daa'imni BIQILTUUN akkuma dhalateen sa'aatii tokko keessatti harma qabsiisuun maaliif akka barbaachisu cimsii hubachiisi

• Kana raawwachuun haati reefu deesse dahumsa booda dhiiga ishee dhangala'uu malu hir'isuuf gargaara.

• Daa'ima hanguma daftanii harma qabsiistan, aannan harma keessaniis dafee bahuu jalqaba; daa'imni nyaataaf dhugaatii gahaa argata.

• Hanguma daa'imni baay'isee harma luuggate; harmis aannan baay'ee omisha.

• Daa'ima reefu dhalatellee du'aaf saaxilamuu jalaa baraara.

AKKAS JEDHIIN: "Daa'imman BIQILTUUN ji'a jaha guutanii hanga gara sadarkaa KICHUU itti cehanitti silgaan jalqabanii aannan harmaa qofa dhugaa turuu isaan barbaachisa. Kun

maaliif ta'a?"

3. Namoonni akka yaada isaanii qoodan JAJJABEESSI; Daa'imman BIQILTUUN ji'a jaha guutanii hanga gara daa'imman KICHUU itti cehanitti, aanna harmaa qofti maaliif akka isaan barbaachisu

qabxiilee ibsan kana cimsii:

• Aannan harmaa daa'imman BIQILTUUF nyaata baay'ee sirrii ta'eedha.Waan guddina qaamaafi gabbina samuu daa'imman BIQILTUUF barbaachisan hunda of keessa qaba.

• Aannan harmaa nyaatawwan gabbisaa surrii, ijaa fi guddina kutaalee qaamaa biroof gargaaru of keessaa qaba.

• Aannan harmaa faalamoota(ifeekshinoota) adda ad daa (garaa kaasaa, dhukkuba qaama argansuu kanneen akka michii sombaa(nimooniyaa),faalama gurraa fi morma gogsaa(mananjaayitsii)

daa'immanirraa ittisa; asumasni lubbuu baraaruu danda'a.

Page 7: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)
Page 8: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

• Daa'imman ji'a jaha osoo hinguutin aannan loonii, bishaaniifi nyaata biraa kennuufiin balaafamaadha. Sababiin isaas, wantoonni kun jarmoota daa'imman BIQILTUUN ofirraa ittisuu

hindandeenyeen sumaa'uu waan danda'aniifi.

• Dhangala'aan daa'imman BIQILTUUF barbaachisu aannan harmaa qofa- haalli qilleensaa hoo'aa ta'ullee, bishaan isaan hinbarbaachisu.

• Daa'imman BIQILTUUN aannan harmaa qofa fudhatan, daa'imman BIQILTUU nyaanni gara biraafi bishaan kennameef caalaa haala gaariin guddatu, yeroo baay'ee hindhukkubsatan,

barumsaanillee korma ta'u.

GulantaaS:Akkaataa sirriin Harma Hoosisuun Dhimma Maatiiti

AKKANA JEDHIIN: "Miseensonni maatii gara garaa daa'ima BIQILTUU maatii isaanitti haaraa makamu simachuuf gaheewwan addaa qabu. Mee yeroo daa'imni dhalatu waan uumamuufi

yeroo heduu waan miseensonni maatii raawwatan haa mari'annu."

I. Daa'imman BIQILTUUN haala gaariin harma akka hodhan mirkaneessuurratti maatii keessatti namoonni gumaacha qaban eenyu akka ta'e garee guddaan akka mari'atan MIJEESSI. Gaaffilee

kanneen gaafadhuuti, namoonni osoo hindhiphatin yaada qaban akka qoodan jajjabeessi:

• Dubartiin yeroo deessu yeroo baay'ee eenyutu ishee bira jiraata?

• Daa'ima BIQILTUU reefu dhalate eenyutu qaba?

• Haati daa'ima BIQILTUU reefu dhalate fudhattee baatti?

• Daa'ima BIQILTUU reefu dhalateef, wanti nyaatu yookan dhugu yoom kennamaaf?Maaliifi?Eenyutu kennaaf?

• Haati yoom harma hoosisuu jalqabdi? Akka hoosistu eenyu ishee gargaara yookan gorsa?

• Aannan jalqaba bahu (silgi) maal ta'a? Hadholeen yeroo hedduu daa'imman BIQILTUU isaanii reefu dhalataniif silga ni kennu moo indhangalaasu? Maaliif?

2. Gareen dhimmoota kana mariirratti akka mari'atu GARGAARI:

AKKANA JEDHIIN: ' Haadholeen dubartoota harma hoosisanii yookan amaatiiwwan isaanii yeroo isaan dahan yeroo baay'ee isaan waliin ta'u akkasumas deesisuudhanillee gargaaruu malu.

• Kanamaleesn haadholeen dubartoota harma hoosisanii yookan amaatiiwwan isaanii miseensota maatii dubartoonni dahan daa'ima BIQILTUU reefu dhalate akkamitti akka harma

hoosisan gorsaniifi gargaarsallee isaaniif taasisaniidha.

• Maatiiwwan tokko tokko daa'imman isaanii BIQILTUU reefu dhalataniif aannan harmaa kennuun dura, dhadhaa arraabsisu yoon bishaan shukkaaraan kennuuf. Sabaabiin isaanis,garaa

daa'imaa jiisallaaffisa jedhanii waan yaadaniifi.

• Barmaatilee kana yeroo baay'ee aadaadha jechuun kan jajjabeessan akkoowwani. Maatiiwwan tokko tokko immoo aannan harmaa inni jalqaba bahu (silgi) xuriidha yookan summiidha

jedhanii yaadu. Kanaaf, aannan kun kan gatamu malee, daa'imaaf kan kennamu miti jedhanii yaadu:'

AKKANA JEDHIIN: "Akkoowwan daa'ima BIQILTUU reefu dhalatee, daa'imichaaf waan ta'uu keessatti gahee guddaa akka qaban argina.Akaakilee isaanii baay'ee jaallatu waan ta'eef, waan

baay'ee gaarii ta'e isaaniif hawwu."

3. "Haata'u malee, akkoowwan tokko tokko, aannan harmaa jalqaba bahu (silgi) daa;imaaf baay'ee gaarii akka ta'e, oduu isaa Hojjettoota Eksiteenshinii Fayyaa fi narsootarraa hindhageenye ta'a.

Namoonni tokko tokkobifti aannan kana keelloo ta'uu isaa jibbu.Aannan jalqabaa kun xuraa'aadha yookan jibbisiisdha jedhanii yaadu."

IBSI: "Dhugumaan bifti aannanichaa keelloo ta'uun isaa yookan bifa addaa qabaachuun isaa akka warqii waan mi'aawaalqaalii ta'uu isaa mul'isa. Aannan kun nyaata gabbisaa daa'imaaf faayidaa olaanaa

qabuun kan guutame waan ta'eef, keennaa jaalalaa isa jalqabaafi guddaa, maatiiwwan daa'imman isaanii BIQILTUU reefu dhalataniif kennuu danda'aniidha :•

4. "Silgaafi aannan harmaa qofa kennuufiin faayidaa daa'imman BIQILTUUF qabu hubachuu kan dandeenyu ta'ullee, dhimmoota kana abbaa warraalhaadha warraa fi akkoowwan daa'imman

BIQILTUUF ibsuurratti rakkooleen nu quunnamuu danda'u. lsiniif maatiiwwan isin beektan silgaafi aannan harmaa qofa daa'imman BIQILTUUF kennuu wayita yaaltan rakkooleen muraasni

qunnaman maali?"

5. Namoonni yaada isaanii akka ibsan JAJJABEESSI; odeeffannoo waa'ee silgaafi aannan harmaa qofa hosisuu miseensota maatiif ibsuurratti rakkoolee baraman ilaalchisuudhaan qabxiilee

qophaa'an kanneen cimsii qaabachiisi

Dhimmoota armaan gadii kaasuun irratti mari'adhaa!

Page 9: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)
Page 10: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

I. Abbaa warroonnii fi abbooliin akkaataa jalqabbii harma hooisuu isa sirrii akka isaan hin mari'anne rakkooleen isaan mudatu maal fa'i?

AKKANA JEDHIIN: Rakkoolee barataman:

• Akka abbootii warraafi akka abbaatti, waa'ee gochaalee hoosisa harmaa, haadholee warraa yookan haadholee keenya waliin mari'achuun nu qaanessa; maalifi yoo jedhame, dhimmi

kun "dhimma dubartootaa" ta'ee waan ilaallamuufi."

• Akkoowwan isin nu guddisnu, yeroo ijoollee keenya guddisnu gochaalee aadaadhaan baraman hordofnee kunoo haala gaariidhaan guddattaniirtu- kanaafwaan durii kaasee raawwachaa

turre kana maalif hoo amma akaakileewwan keenyarratti jijjiirra isiniin jechuu danda'u.

• Akkoowwan maanguddoota keenya, haadholee keenya waan ta'aniif nutti akka ilmaan isaanitti isaan kabajuufi waan isaan nu gorsan raawwachuu qabna.

2. Hadha manoonnii fi haadholiin akkaataa jalqabbii harma hoosisuu isa sirrii tahe akka hin marii'anneef rakkoolee isaan mudatan maal fa'i?

AKKANA JEDHIIN: Rakkoolee barataman:

• haadholeen warraa, abbootiin warraa yaada isaanii kan fudhatan itti hin fakkaatu.Sababiin isaas.Abbaa warraa waan ta'aniif, daa'imman isaanii haaluma haadholeen isaanii durii kaasee

raawwachaa turaniin gochoota aadaan kunuunsa akka argatan barbaadu jedhu.

• Haadholeen/ amaatiiwwan keenya ijoollee dhiiraa fi durbaa isaanii haala gaariidhaan guguddatan gochaalee aadaa keessatti baramaniin guddisne- kanaaf, maaltu bade amma gochoota

kana akaakileewwan keenyarratti jijjiirra jechuu danda'u.

• Akkoowwan maanguddoota keenya, haadholee keenya waan ta'aniif nutti akka ilmaan isaanitti isaan kabajuufi waan isaan nu gorsan raawwachuu qabna.

• Gaheen dubartootaa fudhachuufi raawwachuu ta'uun isaa waan nutti dhagahamu. Kanaaf, Sirrii ta'uu dandeenyullee, dubbachuufi yaada adda ta'e tokko kennuun ulfaataadha.

• Maatiiwwan keenya tole jedhanillee, hojiin waan qabamnuuf yeroo tokko daa'imman keenya Bl Ql LTU U miseensota maatii keenyatti dhiisuu qabna.Yeroo nutty hinjirre daa'imni yoo

beela'e, filannoon biraa waan hijirreef bishaaniifi nyaata biroo kennuufin hinoolu.

3. Akkoowwanii fi Amaatiin akkaataa jalqabbii harma hoosisuu isa sirrii tahe akka hin marii'anneef rakkoolee isaan mudatan maal fa'i?

AKKANAJEDHIIN: Rakkoolee barataman:

• Nuti akkoowwan ijoollee keenyaaf, aadaa keessatti akka barame (silga dhangalaasuu, daa'imman reefu dhalatan dhadhaa nyaachisuu yookan bishaan shukkaaraan) raawwachaa turre.

lsaanis haala gaariidhaan guddatan jennee yaadna. kanaaf, maaltu bade amma gochoota kana akaakileewwan keenyarratti jijjiirra jechuu danda'u.

• Nuti angafoota maatii keenyaa waan taaneef waan dur ture kana ni eegna:Amma yoo daandii barame kanarraa gore, namoonni biroo maal nuun jedhu?

Gulantaa 6:TaphaArgannaa fi Bitannaa

Qajeelchi: "TaphaArgannaa fi Bitannaa" (Fayyadama maallaqaafi karoora bajataa). Geemii kana taphachuuf hirmaattota gareelee xixxiqqaa 3 itti qoodaa. Gareen tokkoon tokkoon wantoota taphicha taphachuuf

oolan argachuu qaba(afata geemii I fi kaardota maallaqaa 56 boorsaa xiqqaadhaan jiru). Miseesnonni gareelee afata marsanii lafa yookan teessoorra taa'uu qabu.

I. Tapha Argannaafi Bitannaa kana taphachuudhaaf, qajeelchitoonni afata geemichaa lafa afuu qabu. Miseesnonni gareelee afata geemichaa marsanii lafa yookan teessoorra taa'uu qabu.

2. Meeshaalee manaa, nyaatawwan ABBAA URJII, meeshaaleen/oomishaaleen qonnaa afata geemichaa karaa alaatiin tarreeffaman wantoota maatiiwwan BITANI.Afata geemichaa karaa keessaatin

immoo iddoo gabaa bakka maatiiwwan omishaalee qonnaa itti GURGURATANI. Kaardonni maallaqas lafa gabaa kana keessa kaa'amu.

IBSI:

Taphicha taphachuudhaaf, taphataan hundi omishaalee maallaqa baasan gabaatti GURGUREE maallaqa itti gurgure argachuu qaba. Taphattoonni maallaqa ARGATANIIN, wantoota afata geemichaa

karaa alaatin tarreeffaman keessa kan barbaaddan BITACHUU danda'u..

3. Taphataan jalqabaa dabaree isaa taphatee erga xumureen booda, kaardota maallaqaa hunda taphataa itti aanuuf afata geemichaarraa kaa'aa.Taphataan hundi maallaqa isaanii waan barbaadan

bitachuuf fayyadamuu danda'u. Namoonni biroo immoo wayita kana taa'anii filannoowwan isaanii daawwatu.

4. Taphataan hundi dabareedhaan 'Argannaafi Bitannaa' erga taphataniin booda, gareelee xixiqqaan immoo taphattoonni waan dura aansaniifi bitatan mari'atu.

Page 11: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

I

Nyaatawwan

ABBAA URJII-2

bitaa

Nyaatawwan

ABBAA URJII-3

bitaa

I

I

I

ARGACHUU

Nyaatawwan ABBAA URJII-2

bitaa

Nyaatawwan

ABBAA URJII-3

bitaa

Page 12: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

Gaafadhu: Miseensonni gareelee nyaatawwan akkamii Mootiiwwan Kanniisaa, Kichuuwwaniifi Abaaboowwan isaaniif bituu akka barbaadan akka mari'atan gaafadhu. Gareeleerra naanna'iiti

tapahattoonni maallaqa argataniin omisha manaa kam akka bitan ilaali.

5. Nyaatawwaniifi meeshaalaa manaa maatiwwan dura aansuun barbaachisaa ta'erratti mari'achaa garee waliin bashannanaa. Gareeleen hundi sirna nyaataa Mootiiwwan Kanniisaa, daa'imman

Kichuuwwaniifi Abaaboowwan isaanii fooyyeessuuf, maallaqa argatan akkamitti baasuun akka irra ture itti agarsiisi.

6. Miseensonni gareelee waan bitachuu danda'anifi waan gabaatti gurguratan akkamitti akka karoorfatan yaaduu akka qaban jajjabeessi. Kana yoo ta'e yeroo itti aanu maallaqa argachuufi nyaatawwan

ABBAA URJII bitachuu akkasumas filannoowwan gaggaarii ta'an filachuu danda'u.

Gulantaa 7:Muuxannoowwan Qulqullina Gaarii Maatiiwwan BIQILTUUF Barbaachisanirratti Mari'achuu

AKKAN JEDHIIN: "Daa'imman BIQILTUUN jaalalaafi xiyyeeffannaa hedduu haadholee abbootii, akkoowwaniifi obboleewwan isaaniirraa argatu. Miseensonni maatii kun hundi isaanii

daa'imman BIQILTUU baachuufi kunuunsuudhaan gargaarsa gumaachuuf gaheefi ittigaafatamummaa qabu.Waa'ee harma hoosisuu mari'annee jirra. Mee waa'een

qulqullinaa hoo akkami? Miseensonni maatii hundi qulqullina qaama daa'imman BIQILTUU, qulqullina iddoo rafiitiifi taphaa isaanii eeguuf gahee qabu:'

I. "Namoonni hedduun bobbaan/albaatiin daa'imman BIQILTUU miidhaa hinfidu jedhanii yaadu. Kuni maaliif ta'e?"

2. "Namoonni hedduun bobbaan/albaatiin daa'imman BIQILTUU miidhaa hinfidu jedhanii maaliif akka yaadan ibsa akka kennan GAAFADHU.Qabxiilee kunneen mariirratti yoo hinka'in ofii kee

itti dabali:

• Namoonni tokko tokko daa'imman BIQILTUU N aannan harmaa qofa waan dhuganiif bobbaan isaanii miidhaa hinqabu jedhanii yaadu

• Namoonni tokko tokko bobbaan daa'imman BIQILTUU foolii gadhee waan hinqabneef miidhaa hinqabu jedhanii yaadu

• Namoonni tokko tokko daa'imman BIQILTUUN homaa kan hinbeekneefi kan nama hinmiine waan ta'aniif, bobbaan isaaniis homaa kan hinbeekneefi kan nama hinmiineedha jedhanii

yaadu.

IBSI: "daa'imman BIQILTUU keenya kan homaa hinbeekne, harma qofa kan hodhan, bobbaan isaanii foolii gadhee kan hinqabne ta'ullee, bobbaan isaanii miidhaa kan hinfidne miti. Sababiin isaas, waan

fedhes ta'u bobbaan kun jarmii yoo liqimsame daa'imaafi namoota biroo miidhuu danda'an ofkeessaa qabu."

AKKANAJEDHIIN: "Wanti kun akka isin ajaa'ibsiisuufi namoota biroofillee oduu haaraa ta'u nan beeka.Ta'us mee jarmoonni akkamitti akka tamsa'an taphaan haa agarsiisnu:'

Tapha Tatamsa'ina Jarmii Taphachuu

Tapha kana qajeelchuudhaaf e daakuu lrdii isin barbaachisa:

I. ANamoonni lama fedhiidhaan ka'anii akka dhaabbatan GAAFADHU. Daakuu lrdii xiqqoo harka mirgaa namoota fedhiin ka'aniitti facaasi. Daakuun lrdii kun harka mirgaa isaanii walgahuu isaa

mirkaneessi. Sana booda, namoonni lamaan sun miseensota garee biro akka harka qaban gaafadhu: Namni tokko miseensota garee gartokkee harka mirkaa qaba. Namichi lammataa immoo,

miseensota garee kan hafan harka mirgaa qaba. Namni hundi harka fuudhamee erga walgaheen booda, namoonni hundi harka mirgaa isaanii akka ilaalan gaafadhu.

AKKAN JEDHIIN: "Amma namoonni hundi namoota fedhiin ka'an lamaan harka fuudhaniiru. Harka keessan mirgaa ilaalaa. Mee waan isinitti mul'atu natty himaa:'

2. Namni ta'e harka isaalishee mirgaarratti daakuu lrdii akka argu/argitu deebii akka kennu/kennitu taasisi. Sana booda, wantoota itti aanan kanneen ibsii:

• Jarmoonni wantoota ijaan hinmul'anneefi dhukkuba fidaniidha. ljaan isaan argguu hindandeenyu; garuu bobbaa daa'imman reefu dhalatanii, bobbaa daa'imman jabataniifi kan nama

guddaa akkasumas kosii beeyiladootaa keessa guutaniiru.

• Bobbaa yoo tuqne harki keenya jarmoota kanaan faalama.Yoo harka namaa qabne immoo jarmoota kana akkuma daakuu lrdii kana harka tokkorraa gara harka biraatti dabarsina.

Daakuu lrdii kana ijaan arguu kan dandeenye keelloo waan ta'eefi.Jarmoota garuu ija keenyaan arguu hindandeenyu.

• Harki keenyas fuula keenya tuqu, ija keenya rirriitu yookan yeroo nyaannu hidhiifi afaan keenya tuqu.

• Daa'imman keessumaa harka isaaniin afaan isaanii dabalatee waan baay'ee tuttuqu.

Page 13: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)
Page 14: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

GeeMII JARMOOTA DHUKKUBA NAMATTI FIDANII

Page 15: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

• Daa'immaniifi miseensonni maatiiwwan isaanii yeroo bobbaa tuttuqan, jarmoonni bobbaa sana keessa jiran gara afaaniifi ijaatti faca'anii dhukkuba fidu jechuudha.

IBSI: "Namoonni bobbaan daa'immanii miidhaa hinqabu jedhanii waan yaadaniif, osoo hingatin turuu danda'u. Haata'u malee, bobbaan daa'immanii akkuma bobbaa daa'imman jabaataniifi bobbaa nama

guddaa dafee gatamuu/awwaalamuu akka qabu hubanneerrra:'

3. "Daa'imman BIQILTUU fi maatiiwwan keenya jarmootaafi dhukkuboota jalaa baraaruudhaaf, bobbaa mana fincaanii keessa buusuu yookan boolla qonnee awwaaluu qabna. Boolli itti awwaalamu

kunis manarraa, iddoo omisha kuduraafi muduraarraa yookan madda bishaaniirraa fagaachuu qaba."

IITTIFUFI: "Bobbaa daa'imman BIQILTUU ofeeggannoon qabnee erga awwaalleen booda, wanti gochuu qabnu:

• Daa'imman BIQILTUUN erga bobbaa taa'anii/alba'anii booda, teessoo/hudduu fi harka isaanii bishaaniifi saamunaadhaan sirrriitti dhiquu;

• Harka keenyas saamunaafi bishaaniin dhiqachuu.

4. "Daa'imni baatamaa yoo hinjiraanne iddoo isa/ishee keenyullee ofeeggannoo gochuu qabna. Daa'imman BIQILTUUN huccuu yookan afata qulqulluurra kaa'amuu qabu. Kanamalees, kosiiwwan

beeyiladaafi titiisota jarmoota bobbaa baatan isaanirraa eeguu qabna."

Gulantaa 8:Harka dhiqannaafi bobbaatii daa'immanii dhabamsiisuu/awwaaluu ilaalchisee rakkoolee jiraniifi karaa furamuu danda'an mari'achuu

I. "Daa'imman BIQILTUUN bobbaa akka hintutuqne eeguuf rakkoolee isin yookan hiriyaa keessan quunnamaa jiran gareelee xixiqqaadhaan haa mari'annu.

2. Gaaffilee kanneen sadan irratti mari'achuudhaaf garee bakka xixiqqaa 4 tti akka qoodaman gaafadhaa.Namootni akka taa'an erga taasiftanii xiqqoo gaaffilee marii irra deddemuun ilaalaa.

3. Gaaffileen marii muraasni kunooti:

• Maatiiwwan bobbaa daa'imman BIQILTUU mana fincaanii keessa buusuuf yookan awwaaluuf rakkooleen muraasni isaan qunnaman maali?

• lsin yookan maatiiwwan biroon bobbaa Daa'imman BIQILTUUN erga qabdanii booda harka saamunaafi bishaaniin dhiqachuudhaaf rakkooleen quunnaman maal maali?

• Rakkoolee kanneen furuudhaaf, furmaanni nuti addaan baasnee keenye maal fa'i?

4. Gara daqiiqaa 20n booda namni hundi gara garee guddichaatti akka walitti dhufan gaafadhu. Gareelee hunda keessaa nama rakkooleefi furmaata garee isaaniin adda baasan dhiheessu gaafadhu.

5. qabxiilee kanneen marii garee guddaarratti cimsii hubachiisi:

Harka dhiqachuufi bobbaa Daa'imman BIQILTUU of eeggannaan awwaaluuf rakkoolee baraman Furmaata ta'uu kan danda'an

------------------------------------------------------------------- - - '

Maatiiwwan tokko tokko mana fincaanii hinqaban

• Manni fincaanii akkamitti akka ijaaramu HEF yookan HEQ gorsa gaafachuu

• Boolla bobbaan daa'immanii itti gatamu mana iddoo fuduraafi muduraa fi madda bishaaniirraa fagees­

sanii qotuu. Bobbaa boollatti gatame foolii isaafi tittiisa irra qubatu hir'isuuf daaraa irraan naquu.

• Ollaa mana fincaanii qabu waliin waliigaluudhaan, bobbaa daa'immanii mana fincaanii isaaniitti gatuu

• lddoo saamunaan gatii bushaa'aan/rakasaan argamu HEF gaafachuu.

Saamunaan hinjiraatu yookan maatiiwwan gatiin saamunaa mi'aa/qaaliidha jedhanii yaadu

• Galii maatiin argatu keessaa muraasa saamunaa harkaa dhiqachuuf, teessoo/hudduu dhiqquufi

huccuudaa'immanii miiccuuf ta'u bituuf ramaduu ilaalchisee abbaa warraa/haadha warraa waliin

mari'achuu

• Haala gaariin qulqullina eeguudhaaf saamunaan mana jiraachuu isaa qulqulleessuu

•Saamunaan yoo hinjiraanne bakka saamunaa, daaraa qulqulluu yookan Andoodee fayyadamuu

Page 16: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)
Page 17: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

Bishaan qophaa'ee hinargamu yookan darbee darbee fayyadamuu qabna

• Bantuufi cuftuu bishaanii(iddoo dhiqannaa harkaa bishaan qusatu) akkamitti akka tolchan barachuu

• Meeshaa bishaan qabu saamunaa waliin iddoo yeroof harka dhiqachuuf mijatu kaa'uu

AKKA JEDHIIN: "Hundi keessan ulfaadhaa! Maatiiwwan keenya karaa fayyaafi jabeenya daa'imman BIQILTUU eeguu danda'an adda baasneerra.lsaanis bobbaa erga tuqneen booda, harka

keenyaafi kan daa'imman keenya bishaaniifi saamunaadhaan dhiquudhaan daa'imman BIQILTUU jarmoota jalaa baraaruu,akkasumas bobbaa of eeggannoodhaan boollatti

gatuudha:'

Gulantaa 9:Waa'ee sirna nyaataa Haadholee Daa'imman BIQILTUU harma hoosisanii irratti mari'achuu

AKKAN JEDHIIN: "Marii keenya xumuruudhaaf, Mootiiwwan kanniisaa keenya harma hoosisaa jiraniifi amma haadha ta'anitti haa deebinu. Maatiiwwan hedduun haadholee reefu dahaniif

yeroo saan bayyanataa jiran, kunuunsa addaafi nyaata addaa kennuufidhaan hojii gaarii hojjechaa jiru. Mee haadholeen reefu dahan bayyanatanii akka

jabaatanii wantoonni maatiiwwan keessan raawwachaa jiran maali?"

I. Namoonni gara garaa wantoota maatiiwwan isaanii haadha reefu deesseef(araasiidhaaf) gochaa jiran akka himan gaafadhu. Fakkeenyi tokko tokko kanneen itti aanan kana ta'uu danda'u:

• Abbootii warraa, haadholiin yookan amaatiiwwan isaanii hojii manaa irraa fuudhanii akka boqatan gargaaru

• Abbootiin warraa re'ee, hoolaa yookan lukkuu qalanii akka isheen bayyanatuufi jabaattu foon nyaachisu

• Haati dubartii deesse yookan amaatiin ishee dhugaatii addaa naqanii, marqaa marqanii, mooqa/bulluqa yookan nyaata biraa hojjetanii akka isaan jabaataniifi miidhaganii ka'an taasisu

• Haadholeen reefu dahan harmi isaanii akka aannan qabaatu, dhugaatii addaa dhugu; mooqa/bulluqa gaarii dhugu.

IBSI: "Wantoonni kun hundi haadholiif gaariidha. Haati reefu deesse akka jabaattuufi fayyaan ishee deebi'u gargaaruun daa'ima BIQILTUUFILLEE baay'ee gaariidha."

2. "Haati deesse yeroon isheen ciistee maatiidhaan arrasamaa turtu naannoo naannotti adda adda. Maatiiwwan tokko tokko turban tokko qofaaf kunuunsa addaa kana isheef taasisuu mala.

Maatiiwwan tokko tokko immoo ji'a tokkoof kunuunsa. Haalli kun kan maatii keessaniin walfakkaataa? Muuxannoon keessan maal fakkaata?"

3. Haala maatii isaanii keessa jiruun kan walfakkaatu akka ta'e namoonni fudhachuu isaanii ilaali. Namoonni hinfudhanne yoo jiraatan, haalli maatii isaanii keessa jiru maal akka ta'e gaafadhu.

AKKANA JEDHIIN: "Walgahii keenya darbeen, Mootiiwwan kanniisaa wayita ulfaa'an sirna nyaataa gaarii isaaniif barbaachisu barannee turre. Mootiiwwan Kanniisaa erga dahaniin boodas

lubbuu lamaaf jedhanii nyaachuu itti fufu. Sababiin isaas, bayyanachuufi daa'imman isaanii harma hoosisuu qabu. Mootiiwwan kanniisaa kun nyaata baay'ee guyyaa guyyaan

nyaachuu qabu. Kanamalees, guyyaatti yoo xiqqaate nyaatawwan abbaa urjii -3 tokko (nyaata madda beeyiladootarraa argaman) nyaatawwan abbaa urjii lamaa

(fuduraaleefi muduraalee) nyaata hundarratti argachuu qabu."

I BSI: "Walgahii keenya darberratti nyaata mootiiwwan kann iisaa ulfaa nyaatan karaa dabaluu dandeenyu mari'annee turre. Haalli kun maaotiiwwan kanniisaa harma hoosisaniifi tokkuma. Kunis:

• Tursiistuuwwan nyaachuu

• Nyaata maatiirratti nyaata dabalataa nyaachuu

• Yeroo bilcheessan nyaata dhamdhamuu

4. "Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan nyaatawwan ABBAA URJII dabalataa nyaachuufi boqannaafi harma hoosisuuf yeroo gahaa argachuu qabu.Yeroo ulfa turan deeggarsa maatii akkuma

barbaachisu, wayita harma hoosisanis gargaarsa maatii barbaadu. Karaawwan muraasni abbootiin warraafi maatiiwwan Mootiiwwan kanniisaa harma hoosisan gargaaruu danda'an:

• Yeroo gahaa argattee boqachuufi nyaachuu akkasumas daa'ima ishee harma hoosisuu akka dandeessu, hojiilee manaa ishee gargaaruu

• Akka boqattuufi nyaata baay'ee nyaattu jajjabeessuu

• Abbootiiwwan warraa nyaatawwan ABBAA U RJ II dabalataa horsiisuufi omishuuf lafaafi qabeenya barbaachisu ramaduu danda'u;

Page 18: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

Maqaan koo Hinsann w Fallaqaati.Haaolhormeenkoo yeroo dJutu aro W<@&aa sadeetin ture.Abbaan koo

haadla kiyya haala gaariin hin kunuunsu ture.Yeroo ba,Yee IShee dlaana. Sababun dJ' a IShees Lubbuun

ishee darbwn Ji'a 2 dJra Sababii reebam teef ture. Sana booda abbaan koo mana firaaai galee al<k<n

ddadlu na geese.Anihaadla m alee waanan ddadleef,haala IJOollum maan dabarse s<na daalmm an

kiyyaaf goonkum a hinhawwu. Abbaa wan-aafi abbaa gaan ta'wdlaaf har'a odoo hintaane

daa'imummaad:'Alma kiyyartin murtee;se.Kanaaf, har'a haao warraa koo yeroo ulfoofte yookan yeroo

isheen harma hoosistu, akka Mooti kanniisaatt1n IShee kunuunsa. Kunuunsa barbaachisu hunda nan

taasisaaf akkasum as nyaatawwan abbaa urpillee nan b1taaf.Kanam alees,hOJIIIee m anaa hojjechuudhaan nan

ishee furam alee, hojiilee ulfaatoo ta'an akka isheen hojjettu h1nheeyyamu. Gocha koo kanaaf hiriyoonni

koo naai qoosuu yaalanillee, ani garuu gam machuu guddaan argadhe. Sababiin isaas, hojii koo kanaan,

daa'im man fayya-qabee;saafi q;ree;sa ta'an akkasum as haadha warraa na jaallattuufi na kabajju

badhaafam eera waan ta'eefi.

Page 19: BIQILTUU (Dhalootaa hanga ji’a 6)

• Abbootiin warraafi maatiiwwan yeroo mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisaniif kunuunsa addaa taasisan dheeressuu danda'u. Haadholeen kun ofifi daa'imman isaanii BIQILTUU

kunuunsuuf yeroo barbaadu.

• Abbootiin warraa maallaqa nyaatawwan ABBAA URJII mootiiwwan kanniisaa nyaatan bituuf oolullee ramaduu danda'u.

IBSI: "Mootiiwwan Kanniisaa harma hoosisan erga dahanii boodas hanga ji'a sadi guutanitti kiniinii Aayirenii galgala galgala rafuun dura fudhachuu itti fufuu qabu. Kiniiniin Aayirenii haadholeen reefu dahan

dafanii akka bayyanataniifi jabaatan gargaara:'

Gulantaa I0:Meeshaalee fi Hojiilee gara manatti fudhatanii galan

I. lstiikara BIQILTUU maatiiwwan daa'imman BIQILTUU qabaniifi akkoowwan isaaniif tokko tokko qoodi. lstiikarri BIQILTUU maatiiwwan daa'imman isaanii BIQILTUUN ciccimoo, fayya­

qabeeyyii fi qareeyyii ta'anii akka guguddata gargaaruu akka qaban yaadachiisuudhaafi.

a. lstiikaricha keenyaa manaatti akka maxxansan itti himi.

b. lstiikara BIQILTUU kana namoota biroof akka ibsan itti himi

2. Barreeffama dadachaatuu akkaataa jalqabbii hoosisa harma isa sirrii ibsu kenniifiti irratti mari'adhaa.

3. Kaardii muuxannoo/wabii nama dhuunfaa:Mootii kaannisaa koo nan jaalladha;Hojii mana keessaas nan gargaara jedhu hirmaattotaa hundaaf kennaa.

Wantoota maatiiwwan biqiltuu raawwachuu qaban nama garee yaadachiisuu gaafadhu.Qabxiilee kana cimsii hubachiisi:

• Daa'imni BIQILTUUN erga dhalateen booda sa'aatii tokkon jalqabaa keessatti coraa haadhatti maxxanee harma akka qabatu taasisna

• Silga akka kennaa jaalalaa isa addaa jalqaba daa'ima keenyaaf kenninuutti isaaf/isheef kennina.

• Daa'imman BIQILTUUN hanga ji'a jaha guutaniifi gara KICHUUTTI cehanitti, aannan harmaa qofa malee, bishaanis ta'ee nyaata biraa fudhachuu hinqaban.

• Mootiiwwan kanniisaa harma hoosisan sirriitti akka boqatan nyaata nyaataniifi daa'ima isaanillee harma hoosisan hojiilee manaa gargaaruu qabna.

• Mootiiwwan Kanniisaa keenya harma hoosisan nyaata dabalataa akka nyaatan, nyaatawwan ABBAA URJ II dabalanii guyya guyyaan akka nyaatan gargaaruu qabna. Lubbuu lamaaf nyaatu

waan ta'eef jechuudha.

4. Waa'ee muuxannoowwan harma hoosisuu gaggaarii ta'an maria'chuu shaakalleerra jechuun garee yaadachiisi.

GAAFADHU: Namoonni haala manaa ture walgahii itti aanuurratti gabaasuudhaaf fedhiin harka baasan:

5. Dhimmoota olitti ibsaman kanaaf naoonni meeqa akka harka baasan lakkaa'iiti; baay'ina isanii yaadannoo keerratti barreessi.

Gulantaa I I:Cufiinsa

I. Walgahiin ltti aanu yoom akka nama hundaa yaadachiisi.

2. "Hirmaannaa ho'aa taasisaniif hunda isaanii galateeffadhu!"