12
Wirtu Haqa Leellisna! Odeeffannoon mana keessaa bahe akka ad- deessuttii ministeerri barnoota biyyattii Sab- ni Oromoo afaan Amaaraa Oromiyaa kees- satti kutaa 5ffaadhaa jalqabamuun uummata Amaaratiif kabaja dhabuudha jechuudhan barnoonni kun kan jalqabamuu qabu kutaa 3ffaadhaa ta’uu qaba jedhee biiroo barnoota Oromiyaatiif bifa dirqisiisaa ta’een xalayaa barreessee dabarsuun isaa dhagayame. Akka odeeffannoon kun addeessetti uummanni Oromoo wayita Afaan Oromoo Afaan fed- eraalaa yaa ta’u jedhee mormachaa jiru kanatti gaaffii saba kanaa deebisuu dhiisuun haadhaa waan fedha saba kanaa dhiibu bifa dirqisiisaa ta’een ammas lammaffaa qabata- nii waltajjiitti dhiyaachuun akka isaan jed- han san Amaara tuffachuu odoo hin taane bifa qabatamaa ta’een saba Oromootiif tuffii qabam mul’isaa jiraachuu isaaniit ibsa. Asirratti namoonni maqaan isaanii akka hin dhahamnetti yaada kana kutaa qophii leellootti himan akka jedhanitti haal duree tokko malee yaada kana hojiirra oolchu- un dirqama kaadiroota OPDOtti laatame ta’ee isaanis yaadicha akkatti fudhatanii Afaan Amaaraa Ammas lammaffaa Saba Oromoo irratti fe’amuuf jira. uummatatti bahan dhabuurraa kan ka’e mana keessatti waldhibdeen jiraachuu isaa ibsanii,ta’us dhim- micha akkuma kanaan dura baran uummatichi sababa kanaan waan ka’ee mormatuuf ammas dhiiga saba kanaa lolaasuuf adeemsa itti yaada- mee adeemamaa jiru ta’uu isaa xiyy- eeffannoodhaan ibsaniiru.jiraachuu dadhabuuti laata jedheen yaada. Sabni kun nutti bade jedhee odoo hin gaafatin ilmaan Minilik afaan isaanii nutti fe’uuf carraaqqii lafa jalaa go- chuun isaanii kun ammallee jarichi akka nurraa hin ciifne kan nutti mul’isu ta’uun olitti waan kun hojiir- ra kan ooluuf sababa fedhi eenyutiin akka ta’e wanti hunduu hubachuu qaba. Warri du’a afaan Amaaratiif akkana dhimmaman kunneen kan Afaan Oromoo san eessa suuqaniit jiraatu laata jedhanii ofis ta’ee nama biraa gaafachuun waan yeroon nama kamiyyuu kan dhimmi kun ilaallaturraa waan eeggamuudha. Oduu Fuula Keessaatti... UGGURTII FILANNOO DHABE Maaltu as adeemaa jiraa? Mootummaan ADWUI/EPRDF/TPLF uum- maanni Oromoo gaaffii walabummaa irratti akka murteeffatu dirqamaan dhiibaa jira! Ani Kannan jedhu.... Beelatu Hammaatemoo Kadhaatu Jabaatee?..... Lafa kana irratti uumamaan dhalli namaa oaalataadha. Wanti gaarin uumamuufi ta’ee mul’atu marti osoo nama bi- raa dhiisee isumaaf ta’ee filata... Waraana Nagayaa! Jechi waraana nagayaa jedhu qoosaa ykn maraatuu itti fakkaachuun hin hafu. Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 Guddina dimokiraasii Itoophiyaa Dimimmisa irraa gara cillimootti Milkeessaa Miidhagaa Gatii Qarshii 10 4 9 3 6 9 Fuula 2 Afaan Oromoo

Gatii Qarshii 10 Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 …ayyaantuu.net/wp-content/uploads/2015/11/Leelloo-PDF.pdf · 2017-06-20 · igalee bittaa walirraa qofa akka raawwatuufi

  • Upload
    others

  • View
    31

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

WirtuHaqa Leellisna!

Odeeffannoon mana keessaa bahe akka ad-deessuttii ministeerri barnoota biyyattii Sab-ni Oromoo afaan Amaaraa Oromiyaa kees-satti kutaa 5ffaadhaa jalqabamuun uummata Amaaratiif kabaja dhabuudha jechuudhan barnoonni kun kan jalqabamuu qabu kutaa 3ffaadhaa ta’uu qaba jedhee biiroo barnoota Oromiyaatiif bifa dirqisiisaa ta’een xalayaa barreessee dabarsuun isaa dhagayame. Akka odeeffannoon kun addeessetti uummanni Oromoo wayita Afaan Oromoo Afaan fed-eraalaa yaa ta’u jedhee mormachaa jiru kanatti gaaffii saba kanaa deebisuu dhiisuun haadhaa waan fedha saba kanaa dhiibu bifa dirqisiisaa ta’een ammas lammaffaa qabata-nii waltajjiitti dhiyaachuun akka isaan jed-han san Amaara tuffachuu odoo hin taane bifa qabatamaa ta’een saba Oromootiif tuffii qabam mul’isaa jiraachuu isaaniit ibsa. Asirratti namoonni maqaan isaanii akka hin dhahamnetti yaada kana kutaa qophii leellootti himan akka jedhanitti haal duree tokko malee yaada kana hojiirra oolchu-un dirqama kaadiroota OPDOtti laatame ta’ee isaanis yaadicha akkatti fudhatanii

Afaan Amaaraa Ammas lammaffaa Saba Oromoo irratti fe’amuuf jira.

uummatatti bahan dhabuurraa kan ka’e mana keessatti waldhibdeen jiraachuu isaa ibsanii,ta’us dhim-micha akkuma kanaan dura baran uummatichi sababa kanaan waan ka’ee mormatuuf ammas dhiiga saba kanaa lolaasuuf adeemsa itti yaada-mee adeemamaa jiru ta’uu isaa xiyy-eeffannoodhaan ibsaniiru.jiraachuu dadhabuuti laata jedheen yaada.Sabni kun nutti bade jedhee odoo hin gaafatin ilmaan Minilik afaan isaanii nutti fe’uuf carraaqqii lafa jalaa go-chuun isaanii kun ammallee jarichi akka nurraa hin ciifne kan nutti mul’isu ta’uun olitti waan kun hojiir-ra kan ooluuf sababa fedhi eenyutiin akka ta’e wanti hunduu hubachuu qaba. Warri du’a afaan Amaaratiif akkana dhimmaman kunneen kan Afaan Oromoo san eessa suuqaniit jiraatu laata jedhanii ofis ta’ee nama biraa gaafachuun waan yeroon nama kamiyyuu kan dhimmi kun ilaallaturraa waan eeggamuudha.

Oduu

Fuula Keessaatti...

UGGURTII FILANNOO DHABE

Maaltu as adeemaa jiraa?Mootummaan ADWUI/EPRDF/TPLF uum-maanni Oromoo gaaffii walabummaa irratti

akka murteeffatu dirqamaan dhiibaa jira!

Ani Kannan jedhu....Beelatu Hammaatemoo Kadhaatu Jabaatee?.....

Lafa kana irratti uumamaan dhalli namaa ofjaalataadha. Wanti gaarin uumamuufi ta’ee mul’atu marti osoo nama bi-raa dhiisee isumaaf ta’ee filata...

Waraana Nagayaa!Jechi waraana nagayaa jedhu qoosaa

ykn maraatuu itti fakkaachuun hin hafu.

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015

Guddina dimokiraasii Itoophiyaa

Dimimmisa irraa gara cillimoottiMilkeessaa Miidhagaa

Gatii Qarshii 10

4

9

3

6

9 Fuula 2

Afaan Oromoo

Oduu fi Ibsa Ejjenoo

Haallii kun bifa kanaan hojiirra kan oolu yoo ta’e adeemsa Haylasillaaseen bara 1943 erga Xaali-yaanii jalaa baqatee as deebi’ee booddee biyya kanarratti baase saniin akka walfakkatufi gochi kun fuula seenaa keessatti garagarcha waan bara san ta’ee akka ta’u wal yaadachiisuun bar-baachisaadha. Xaaliyaanonni bara biyya kana qa-batanii turanitti Afaan Oromoo afaan sabni kun ittiin of tajaajilu akka ta’u godhanii turuun isaanii ni yaadatama. Yaa ta’u malee isaan koloneessaa jedhamanii kana yoo heyyaman nugusni warra Habashaa deebi’ee Afaan Oromoo akka namni lama ta’eellee hin haasofne seera baasee labsiidhan dhoowwe. Kunis mana barnootaa keessatti Oro-moonni dirqiidhaan afaan Amaaraa akka bara-tan gochuu dabalatee namni tasa afaan Amaaraa yoo dogongore itti kolfanii ijoolleen mana bar-nootatii akka dheeffitu gochaa turuu isaanii sabni kun nama barate akka fedhaafibaay’ina isaatti akka hin horanne gochaa turaniiru. Dubbiin har’as bifa kanaan itti deemaa jiran kun kan daraan san caalu malee kan sanii gadii akka hin taane namuu beekee bineensa saba isaatti dhu-faa jira kana jala akka dhaabbatu waliin wal jabees-suun hireen kan Oromoo malee kan nama biraatii miti. Oromoon yeroo kanatti fedha isaa kan biraa guuttachuuf adeemuu malee waan duraan arga-terraa sharafaatii yeroo itti gatu akka hin taane warri biraatis beekutu irra jira. Dhaloonni kunis waan kanarratti cichee hojjechuun irraa eeggama.

Afaan Amaaraa Afaan ittiin hojjenne ykn ammoo Afaan ittiin bu’aa arganne odoo hin taane afaan ittiin gabroomne akka ta’e walitti himuun waan barbaachisu natti hin fakkaatu. Kanaaf afaan kana qabatanii labsiin tokkummaafi afaan kana wal-laaluun sabichi miidhame jedhanii nutti himuuf jedhan kun yoomuu kan nuuf hin liqimfamne ta’uu isaa beeku qabdu jedhee yeroon Oromoon deebii itti laatu amma. Namni yaada kana qabatee Oromootti dhufus kolonii irra deebii9Neocolonial move) adeemsisaa akka jiru akka beeku jala sara-rreet itti dhaamna jechuuniin barbaachisaadha. Haala kanaan yoo itti kan deemmamu ta’e Sabni Oromoo Amaarafis ta’ee Afaan Amaaratiif jibbi qabu dachaadhan dabalaa akka deemu;barachuun yaa hafuutii dongoreellee akka dubbachuu dhaabu beektanii yaada ajaa kana sammuu ajaa keessaa bahe san keessatti qofa eegdanii akka tursiiftan Oromoon sagalee takkaan dubbata.

Afaan Amaaraa Am-mas lammaffaa...

Achi-buuteen Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo wallaalame.

Hayyuun Oromoo "Argaa dhageettii" hundees-suudhaan ardii addunyaarra naanna'uun dhimma Oromoo barsiisuun beekamaan Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo hanga har'aa hin ar-gamiin jiru. Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo qaroo ganna 63 yogguu ta'an keeniyaa keessa ganna 35'f jiraataani jiru. Aadaa ,safuufi see-naa Oromoo guddisuu keessatti gahee ol aanaa kan taphataa turan Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo Fulbaana 27,2015 Keenyaa Naayiroo-bii keessatti ayyaana Irreechaa erga kabaja-nii booda achi buuteen isaanii dhabamee jira.

Biyya ollaa Keeniyaa jedhamtu keessatti hayyoonni Oro-moo maaliif barakaa dhaban gaaffiin jedhu ammallee gaaffii deebii hin argatiin jirudha. Waggootii darban kees-sas qareeyyiin Oromoo kanneen akka shaalaqaa Jaatanii Alii, bara 1992 rasaasaan keenyaa keessatti ajjeefamanii turan. Injineer Tasfaahuun Camadaafi Ing. Masfin Ab-babaa baqattummaadhaan biyya ollaa Keeniyaa jedham-tuma kana keessa osoo jiraatanii himata sobaa maqaa "shororkeessitoota" jedhuun walta'iinsa mootummaa Xoophiyaafi Keeniyaatiin ukkamfamanii biyyatti akka deebifaman taasifame. Dhaabni dahannoo mootummaa Ameerikaatiin hundeeffame "JOINT ANTI-TERROR-ISM TASK FORCE" jedhamu biyyoota Afrikaa keessaa biyyoonni akka Ugaandaa, Keeniyaafi Xoophiyaa mis-eensa itti ta'an dahoo maqaa shororkeessummaa adam-suufi dhabamsiisuu jedhuun ijoollee Oromoo roorroo baqattee bifa baqattummaatiin biyya ollaa jiraattu daldala siyaasaaf oolchee ture. Itti fakkeessa maqaa dhaaba JATT kanaan shororkeessitootni Gaanfa Afrikaa Finfinneetti qoratamuu qabu gaaffii jedhuun "JATT East African Main Branch Investigation In Addis Ababa" tiif qareeyyiin Oro-moo kunneen dabarfamanii akka keennaman taasifame. Qaxaleewwan kun osoo dabarfamanii hin kennamiin garee qorattoota FBI Ameerikaafi Keeniyaa "anti terror police unit" jedhamuun erga qoratamanii hidhata shoror-keessummaa tokkollee akka hin qabne mirkanaa'ee ture.

Haa ta'u malee bu'aa daldala siyaasaaf jecha Keeni-yaa maallaqa itti nyaattee jara kana lamaan dabarsitee kennuu dandeesseetti. Harkiifi iji qaroowwan kanaa hidhamee erga gara biyyaatti deebifamanii, murtii umurii guutuun kan adabame Inj. Tasfaahun Cama-daa reebichaan akka malee waan miidhameef bara 2013tti addunyaa kanarraa yeroo dhumaaf godaane.

Keeniyaan biyya hayyoonni Oromoo barakaa itti dhabde erga taatee bubbulteetti. Ammas taanan carraan duraan ijoollee Oromoo dhaqqabaa ture kun hayyuu Oromoo kana dhaqqabuu hin oolu sh-akkii jedhamutu jira. Sochii siyaasaa kam keessattuu hirmaanna taasisanii kan hin beekne Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo bakka buuteen isaanii dhabamuun isaa gaaffii guddaa kaasee jira. Amantaa ganamaa Oromoo (Waaqqeffannaa) irratti beekumsa gahaa qabaniifi Sirna Gadaa Oromoo barsiisuu keessatti gahee ol-aanaa bahachaa turaniiru, Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo. Dhabamuun hayyuu Oromoo kunis hinaaftota sirna Oromoo kanarraa jibbiinsa qabaniin ta'uu akka hin oolle shakkii bal'aatu jira. Barbaachi hayyuu oromoo kun dhaabbilee garaagaraafi hawaasa oromootiin itti fufee kan jiru yogguu ta'u ;du'aafi jireenyi isaanii hanga baramutti barbaachi isaanii cimee akka itti fufu nutis qopheessitootni gaazexaa "LEEL-LOO" gama keenyaan Uummata Oromoof dhaamna.

Yoomiyyuu Mul'ataarraa

Liiban Dabbasaa Guyyoo

Fuula 1 irraa nanna’e

Oromoon dhugaan Waaqa dubbifti jedha. Dhugumaayyuu dhugaan Waaqa dubbifti. Namni dhugaa qabu waaqa yoo kadhate hin dhabu jechuuf malee dhugaan ofumaa deemtee Waaqan haasofti ykn am-moo Waaqayyoon qaaman mul’ateet itti dubbatamaaf akkas jedha miti sabni guddaan kun. Bara dhugaan akka malee itti gaaga’amte bara akka amma keessa jirruu kanatti ammoo maaltu Waaqa dubbisa yoo jettan dubbiin tun xiqqoo qaqallachuun ishii hin hafu. Kanaafis ammo ‘dhugaan ni qallatti malee hin cittu’jedha Oromoon. Sabni bal’aan kun baroota jaarraa tokkoof walakkaadhaa ol ta’uuf waan ak-kanaa kanaan gaaga’amee fiixee gahee deebi’aatii ammas gaaga’amaatii kan achas fulla’e ijaa dhugaa qabuufi malee silaa akka daba irratti hojjetameetii qaata bada ture. Dhugaa inni “Waaqa Dubbisti” jedhe santu Waaqa biraa gatii qabaatii daba irratti dalagamu mara dan-damatee akka jiraatu isa godhe. Galaalchaan(Gaazexaan) Leelloot-is dhugaa kana lallabuuf,afaan saba kanaa taatee dubbachuuf kan dhaabbatteedha. Namuu eenyutu bakka isin buusee? Jedhee yoo nu gaafate kun dhimma filamuufi bakka bu’uu odoo hin taane dhimma wanti Oromoo na ilaallata jedhanii mudhii hidhatanii socha’uuti jenneeniit deebifnaaf. Namni Oromoo ta’e kamiyyuu deebinifi ku-tannoon isaa kana ta’uu qaba jennet amanna. Dhugaan Oromoon barbaadu kana hundi keenya barbaannuudha. Nu ilaallata,keenyas nutuu hojjetas-Hunda keenya! Leelloon dhugaadhaaf dhugaa leellisti!

Wirtu

QopheessaaYaasoo Kabbabaa Hordofaa

Itti aanaa QopheessaaRobinaa Shumii Araarsaa

Gulaalaa olaanaaIfaa Gammachuu

Itti aanaa Gulaalaa Yoomiyyuu Mul’ataa Barreesitoota RogaaGammadaa Olaanaa

Milkeessaa MiidhagaaSanyii BalaachooAgaabaastoota

Mohaammad GammachuuFirehiwoot TaddasaaSaxaaxaa(Design)

Gammadaa OlaanaaSuuraa

Gammadaa OlaanaaDhaadhessitoota

Yoomiyyuu Mul’ataaMohaammad Gammachuu

Simboo…………Dhaabbata MaxxansaaMaltiimidiyaa Wirtuu

TeessooBuraayyuu

Bilbila: 0912 10 40 67 0913 01 60 57

Imeelii: [email protected]

Ibsa Ejjenoo

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 2

Namoota hedduutti jechi waraana nagayaa jedhu qoosaa ykn maraatuu itti fakkaachuun hin hafu. Dhugu-mas ammoo akka Oromoon‘yoo itti qoranii ilaalan tafkiin ijji soddoma’ jedhe san, yoo itti hubatan malee jechoonni kunneen lamaan warra walbiratti barreeffamuu mala-nii miti. Yeroo barri fide garuu harreen waraabun sod-doomti waan ta’eef waraana+nagaya jechuun ni jiraata. Waraanni nagayaa akkamiin adeem sifama? yoom adeem sifama? Maalif adeem sifama? Jedhaniitis yoo gaafa-tan adeemsa huba nnoo keessatti barbaa chisaa dha.

Waraanni nagayaa biyyoota hedduu keessatti amma dhi-hoo kana kan barame ta’ullee, bara duriitii eegalee itti fufee waan dhufe. Keessattuu fayyadama mee shaafi gatii meesh aaleetin wal qabatee dhimmi kun saboota hedduu biratti ho-jiirra ooleera; ammas itti jira. Rasaasa tokko odoo hin dhu-kaasin, lubbuu tokko odoo hin ajjeesin waraananii injifa-chuun moo’anii bilisoo muun akka danda’amu, gama seeraa, hawaas ummaa, dinagdeefi aadatiin yeroo adda addaa hog-gan toota tokko tokkoon as bahanii hojiirra oolanii turan.

Bara bilisummaa isaaniitti godaansa eegalan, warri Ameeri-kaa, meeshaa Ingiliiz onni gabaaf dhiy eess an bituufi Fayyad amuu diduudhaan kasaaraan diinagdee gama omisha shaay-etiin Ingiliizota muu date, mudoo bara sanii, madaa hanga har’aatti Ingliizonni hin daganne, injifannoo Ameerikaanon-ni ittiin boonanii. Kasaaraa gabaa shaayee irraan isaan quun-name kanaan waan omishanii harka isaanii ture bishaanitti lolaasuun, seenaan hanga har’aatti affeerraa shaayii “The tea party” jechuun bifa qoos atiin addunyaa-tti himaa, Ingiliizota ammoo qonya nyaa isaanii itti kaasa. Ingiliizonni, mudann- oo akkanaa kana biyya Hindiittis arganii saalfiin xumuraniiru. Gootni qabsoo abbaan waraana nagayaa, Mahatma Gubtaa Gaan diin, biyya isaa kolonii Ingiliizii jalaa bi-lisa baasuuf rasaasa tokkollee dhukaasuun akka hin bar-baachifne, lubbuun sababa kanaan darbuun akka irra hin jiraanne amanee amansiisuun sabni Hindii hundi wali-igalee bittaa walirraa qofa akka raawwatuufi Ingiliizotarra a homaa akka hin binnee dhaamsa dabarse.Oduma jen-nuu wanti sun hanga ammaattiillee itti fufee Hindootaaf aadaa ta’eefii jira. Ijaa kanaaf huccuun namni Hindii tokko uffatu kan biyya isaaniitti omishame qofa. Biyya kami-yyuu deemanii yoo dalagan galii argatanirraa % 70 ol bi-yya isaanitti erguun achitti hojiirra akka oolu godhu.Hindoonni Gaandii akka qaroo ofiitti waan jaalataniif isa hor-doofuun filannoo qofa odoo hin taane daandii sirrii tokko qofa waan tureef allama yaaduu odoo hin dhaqin waan inni jedhe hojiitti hiikan; milkaa’anis. Mahaatama Guuptaa Gandii ol jedhee “Satyagraha!” jennaan sagaleen miiliyoona hedd uun lakkaawwamu jalaa qabe. Halli kun Ingiliizoota ta’ee akka-naatiif muuxannoo qabanitti hin tolle. ‘Har’as moo ? jechuun waan bara rakkootiif guddiifatan, saree rasaasa dhukaasuufi kan qarrifaan nama ciffatu hiikanii uummatatti gadhi isan.

Alaa Mana

“Waraana Nagayaa!”Yaasoo Kabbabaa 0912 10 40 67 [email protected]

Hindoonni Gaandii akka qaroo ofiitti waan jaalataniif isa hordoofuun filannoo qofa odoo hin taane daandii sirrii tokko qofa waan tureef allama yaaduu odoo hin dhaqin waan inni jedhe hojiitti hiikan; milkaa’anis. Ma-haatama Guuptaa Gandii ol jedhee “Satyagraha!” jen-naan sagaleen miiliyoona hedd uun lakkaawwamu jalaa qabe. Halli kun Ingiliizoota ta’ee akkanaatiif muuxan-noo qabanitti hin tolle. ‘Har’as moo ? jechuun waan bara rakkootiif guddiifatan, saree rasaasa dhukaasuufi kan qarrifaan nama ciffatu hiikanii uummatatti gadhi isan. Lubbuu hin baasinaan Gaandii asitti qorame. Seenaan warra Hindii ammaas kan barreessuuf, oduun isaa-nii kan gabaasuuf rasaasa hin dhukaasinaa, sibiila hin kaasinaa…kan jedhu ture. Gaandii lubbuun akka hin banne, namni akka hin dune…Gaandii…! Dhuguma lubbuun gama Hindootatti du’ullee, isaan harkatti garuu hin banne. Kaan keessa darbuun mucaan warra Ingili-izii kan bara san umurii dargaggummaatirra jiru tokko waan ta’aa jiru sanitti dallanee dhaqee Gaandii mormar-ra dhiitee lafaan dhahe.Akka carraa lachuu walfaana kufan. Dhahamuu isaatti Hindoonni dallananii muci-cha kutanii darbuuf yoo jedhan Gaandiin dursee bak-ka kufee ka’ee gurbicha isa dhahe “Anaani hubamtee?” jechuun mucicha lafaa kaasee dhaabe. keessummaan manatti dhaqee, odoo abbaan biyyaa taa’uu maaliif naan ooddee jechuun ajjeechaa eegale. Duunus muufachuu eeny utu nu dhoowwaa? Waan isiin jettan odoo hin taane, kan abbaan keenya qufa’etu hiika qaba jechuun gurri isaanii kan Gaandii ta’e; sammuun isaanii Gaandii yaade, garaan isaanii Gaandii qofa ulfaa’e. Haalichi itti toluu didnaan Gaandii warri hindii jaalalaan hordofan san jala qabanii hidhaa keessa buusan. Yeroon gaariin sanatti aanee dhufe; hidhamuun Gaandii guutuu Hin-diitti, daangaas ce’ee dhagayame, sababni hidhaa isaatis faana futtaafate. kaayyoon Gaandii maal akka ture caal-atti hawaasni akka hubatu ta’ee ba’e. Ingiliizonni akka Oromoon mammaake san “sin balleesssaattin si bar-reessee?” waan jedhan fakkaata Gaandii hidhanii yaada isaa ukkaamsuun hawaasicha barruu harka isaanii kees-sa tursiifachuuf yaaliin godhan faallaa itti ta’uun bar-ruu isaan gubee hurgufachiise. Yaalin isaanii gamasiin qaawwinaan Gaan dii hidhaadhaa gadhiisuufi gadhiisuu dhabuun dhimma filannoo odoo hin taane gatii yaadu-ufi yaaduu dhabuu itti ta’e. Hanga kana hunda lammiin Hindii dhagaa hin kaasne, huuba hin luqqifne. Waadan waadaa harka maratanii, fuula haguugga tanii kan ofii qofa Fayyad amuufi of qofa qaruu tti adeeman. Gabaan warra Ingiliiz bulee hanguma oolu akka sharariitii dhaltuu ofumaa of keessatti waa uumee of nyaachuu ee-gale. Dubbiin warra Hindii ammoo madaa hadhaa, kan guyyaan misaa deemu ta’ee kutaa biyyattii waliin gahe.

Qabsoo mul’ata xiqqaa,

Aangoo kaayyoo maleessa ta’e

“One has amoral responsibility to disobey any unjust... ” Mathin Luther King

Yaasoo Kabbabaa Biyyi isaa Laayibeeriyaadha. Barri isaa ammoo bara 1960moota keessa. Yeroon kun ammoo seenaa keessatti yeroo biyyoonni Afrikaa kolo-nii jalaa heddumminaan itti bahan ture. Biyy-oonni Afrikaa hedduun isaanii koloniif jilbiif-fatanii gabrummaan isan fuursee waan tureef jinniinuu dhaqee odoo isaan bilisoomsee war-ruma adii jalaa yaa bahan malee wanti isaan cinqu tokkollee hin turre. Hanga waan dhufu sana hin arginetti waan haara’a dhufuuf deemu san deeggaruun filannoo isaaniti ture. Kanaaf hoggantoonni dhaabbilee siyaasaa uummata gurraacha bakka bu’an marti wantoota hunda bilisummaa uummata gurraachatiin walqab-siisanii kaasuu eegalan. kaan keessa darbanii nyaata yeroo nyaataniifi waa yeroo dhuganil-lee maqaa bilisummaa saba isaanitiifi dhaaba qabsoo isaanii dhahuun eegaluun waan bara-maatii dhufe ta’aa adeeme. Uummanni isaani-tis prooppaagaandaa siyaasaa isaan itti fe’an baachudhaan bilisummaan warra adiitirraa argatan, dhufaatii heggantoota gurraachaati-in biyya isaanii keessatti aduun baatee odoo hin dhihin hafti se’anii duukaa bu’an.

Biyyoota tokko tokko keessatti qabsoo mee-shatiin, qottoofi qonforaa, albeefi haamtu-unillee odoo hin hafin waraananii warra adii furxuuchan. Biyyi olla teenyaa keenyaan, ‘Harraambee’ waliin yaa hojjennu, wali-in yaa guddannu jetteetillee adii dheeffaa ture dhaabuu hin dandeenye. Biyyi akka Taanzaaniyaa(taangaanikaa) Gaanaa, Naayi-jeeriyaafaan ammoo daddafanii bulchiinsa adii, gurraachan bakka buusan. Afrikaan kib-baafi zimbaabuweenfaan ammoo bilisum-maa biyyoonni kaan goonfatan san arguuf adeemsa ulfaataa, imala dheeraa isaan gaafate. Wayittuu toora bara 1960- 70 jiranitti biyy-oonni Afrikaa % 90 ol bilisa bahanii turan.

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 3

Xiyyeeffannaa

Maaltu as adeemaa jiraa?

Mootummaan ADWUI/EPRDF/TPLF uummaanni Oromoo gaaffii walabummaa irratti akka mur-teeffatu dirqamaan dhiibaa jira!Jaalalaanis ta’u bifa biraan biyyattiin kun heera mootummaa tumattee, feder-aalizimiitiin erga buluu jalqabdee wag-goota kurnan lamaa ol lakkoofsisteetti.

Biyya sabaafi sablammiin waliin jiraatan kan akka Itoophiyaa har’aa kanaatti Fed-eraalizimiin sirna bulchiinsaa filatamaa ta’uu isaa irratti kan wal mormisiisu miti.Haata’u malee baroota kurnan lamaan agarre kana keessatti sirni Federaalizi-mii maqaaf malee sirnaan qajeellootti kan bu’urfames, kan hojiirra ooles miti. Akkuma buddeena abjuu ta’etti jira.Namoota dantaa mataa isaaniitiif dhaabbatan muraasa saboota hunda keessaa bocuun fakkeessuuf ijaaranii biyyittiin ofiin of bulchaa jirti haajed-han malee kan biyyattii bitaa jiru qaw-wee TPLF akka ta’e ifa galaadha.Qawween TPLF ammoo to’annaa hin qabu. Daangaas hin qabu, seeraafis heer-aafis hin bitamu. Abbaa barbaade ajjeesa. Maaliif jedhee kan isa gaafatus hin jiru. Seerri seeraa olii impaayerittii keessatti isa waan ta’eef dhaddachatti hin dhihaatu.Daangaa mootummaa naannolees ta’e, daangaa biyyoota olla isaas hin ka-baju. Dirree waraanaattis, yuunvar-siitii keessattis, gabaa keessattis ta’e bakkee waaqeffannaa, manneen kad-hataattis ta’e mazgiidatti, manneen jireenyaattis ta’e bakkee dalagaa qaw-ween TPLF eddee hundatti argama.

EPRDF tiif qawween waan hundumaati. Waan hundumaaf deebiin qawweedha. Furmaanni qawweedha. Malli qawweed-ha. Amantaafi abdiin qawweedha. Dhim-ma hundaaf qawwee. Bakka hundatti qawwee. EPRDF tiifi qawween addaan bahanii hin ilaalamani, garagaltoo fuula saantima tokkooti. EPRDF jechuun qaw-weedha; qawwee jechuunis EPRDF dha.Warri EPRDF ogumas ta’e ogummaa biraa hin qaban beekumsi isaanii qaw-wee qofa! Qawweef jiraata; qawweetiin jiraatan. Qawweetiin uumaman; qaw-weetiin badan. Qawween balleessan.EPRDF afaan isaa qawwee, qooqni isaa qawwee, yeedalli isaa qawwee, daa’imman irratti qawwee, maanguddoo irratti qaw-wee, luba irratti qawwee, sheekii ir-ratti qawwee, barattoota irratti qawwee, qonnaan bulaa irratti qawwee, paartii-lee siyaasaa irratti qawwee, afooshaalee irratti qawwee, gaazexeessitoota ir-ratti qawwee, aartistoota irratti qaw-wee waliifi walirrattis qawwee,….qaw-ween EPRDF eenyuufuu hin amanamu.

Ifaa Gammachuun(Xaliilee)Ilmeelii: [email protected]

Hundumaa qorxomsee nyaachuuf foolata.Barcumni isaanii qawweedha; qaw-weerra taa’u. Aangoon isaanii qaw-weedha; qawween tikfatu. Nyaanni isaa-nii qawweedha; qawween saammatu. Walumaa galatti sababii qawwee EPRD tiin Federaaalizimii biyyattii kana keessatti ho-jiirra oolchuun gonkumaa hin danda’amne.

Federaalizimiin sirrii Itoophiyaa kees-satti akka hin bu’urfamne kanneen agar-siisan keessaa muraasa isaanii yoo ilaalle:1-Taayitaan qawween malee filmaata sirrii ta’een hin argamu.2-Sirna harki irra jireessi qajeelfama kennuun otoo hin taane sirna murna qawwee hidha teen gaggeeffama. Fkn otoo Oromoon harki irra jireessi lammii biyyattii jiruu, murni xiqqaan Tigirootaa biyya hoggana.3-Afaan biyyattii keessatti guddaa kan jehamu Afaan Oromoo afaan biyyaalessaas ta’e afaan hojii biirolee mana hojii mootummaa feder aalaa hin taane.4-Mootummaan federaalaa seeraa ala taayitaa mootummaa naannoolee biyyattii keessa seena.5-Mootummoota naannoolee keessatti bulchi insota hin barbaachisne uumuun dhaalee bita. 6-Daangaa mootummoota naannoolee cabsee lafoota qonnaan bulaa saba Oromoo irraa fudhatee gurgurata….kkf

Kanneen olitti tuqaman kunneen qabxiilee muraasa federaalizimii biyya Itoophiyaa gaaffii keessa galchan yoo ta’an keessaafuu dhimmi daangaa mootummaa nannoo Oromiyaa cab-suun lafoota qonnaan bulaa Oromoo saamuuf yaaluun kuniifi dhimmi Afaan Oromoo gud-dicha afaan biyyaalessaa gochuu dhabuu kun akka malee uummata Oromoo mufachiisee jira.Mootummaan EPRDF gama isaatiin mufannaa uummataa kanaaf deebii inni kennu qawweed-ha. EPRDF deebii biraa hinqabu. Sammuun isaanii qawweedha; qawween qofa yaadu.Bara 2014 keessatti biyyattii kana keessatti wanti barattoota Oromoo irratti taasifameefi ammas hin dhaabbanne gochaa Naaziin lammiilee Israa’eel Jiwiishoota irratti fudhateetiin gadi miti.Kun ammoo Ormummaa EPRDF tiifi bit-taan Oromoo irra jiru hangam takka su-ukaneessaa akka ta’e kan agarsiisudha.

Kanaafuu anaanis EPRDF bor qaw-wee natti qabuu akka danda’u shak-kiin hin jiru. Ta’us, anis daangaan Oromiyaa cabee lafti Oromoo saamamuu isaa hanga lubbuunkoo dabartutti falmuuf warra murate keessaa tokko akkaan ta’eefi qaw-wee EPRDF akkaan hin sodaanne akka beekamuun barbaada.Ammas daballee kan akeekkachi-isuu feenu, EPRDF seeraafi heera biyyattiitiin otoo hogganame wayya.Adeemsa amma itti jiru kanaan bi-yyatti hokkora Soomaaliyaafi Su-daan Kibbaatti, achi bira darbeetuu kara hin barbaachifne waraana sanyii Ruwaandaa fi Buruundii keessatti gaggeeffametti nudhi-ibaa jiraachuusaa isaa ifatti bal-aaleffachuun barbaachisaadha!!EPRDF dhangala’uun dhiiga il-maan namootaa homaatuu waan isatti hin fakkaanneef kana gochuu irraa duubatti akka hindeebine kunoo ifatti ilaallee argaa jirra.Garuu, gochaa akkanaa irraa kan fayyadamu tokkollee akka hin jiraanne beekee EPRDF mas-ter plan lafa Oromoo saamuuf ba’e kana akka dhiisu gaafanna.

Harki EPRDF dhiiga ilmaan Oro-mootiin kan faalamedha! Ajjeechaafi hidhaan ilmaan Oromoo irraa hind-haabbanne. Erga mootummootiin Habashaa daangaa Oromoo cabsanii, mootummaa Oromoo diiganii, Aman-taa Oromoofi Afaan Oromoo ugguranii, dirqamaan afaan qawween Itoophiyaa ijaaranii hanaga har’aatti ajjeechaan il-maan Oromoo dhaabbatee hin beeku.Itoophiyaan Oromoof dachee da-raraati!! Itoophiyaan Oromoof dachee Jannabaa ta’uu isheerraa kan ka’e Oromoon dachee abbaasaa kan gan-amaa sana deebisee ijaarrachuuf akka kaka’u gochaan EPRDF har’a taasiaa jiru kun mirkaneessaa dhufaa jira!Mootummaan EPRDF/TPLF uumman-ni Oromoofi dacheen isaa dirqamaan federaala jala akka galan taasisuuf qaanii tokko malee yaalaa jira. Kun ammoo uummanni Oromoo gaaffii walabummaa akka finiinsu karra saaqaa jiraachuun hubatamuu qaba.

Kanaafuu EPRDF gaaffii uummata Oro-moof karaa nagaatiin deebisuu dhabu-unsaa filmaanni Oromoo walabummaa irratti akka xiyyeeffatu dhiibbaa gochaa jira. Kanarraa ka’uun ilmaan Oromoo qawwee kaasaa jiran barakachaa dhufaa jiru.Yeroo hundumaa gaaffii karaa nagaa ka’uuf deebiin EPFDF qawwee qofa yoo ta’e, ………. Uummannis gaaffiisaa qaw-ween dhiheeffachuu mala waan ta’eef TPLF gamanumaa otoo itti yaade hin-badu.Yeroo hundumaa qawwee irraa ammoo badiisa malee jireenyi hin argamu. Ka-naaf EPRDF daangaa Oromiyaa cabsuun isaa uummata keenya gara badiisaatti hogganaa jira jechuudha. Kun ammoo hoggansa sirrii miti. Qaama kamiinuu fudhatama hin qabu! “…Dhuma baraa irratti kan mana ijaaru malee, kan keessa jiraatu hin jiru!...” isa jedhamu saffisi-isuuf qofaa yoo ta’e malee.Yaada ofii ibsachuun EPRDF biratti akka qawween nama gaafachiisu nan beeka. Kanaafuu anaanis EPRDF bor qawwee natti qabuu akka danda’u shakkiin hin jiru.

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 4

Saalihaa Saamii Siinqee dhaalte.

Sadaasa 26 2015 galma geddu galeessa Itoophiyaatti Artistiin Oromoo beekkamtuun,Saalihaa Saamii harka artistii hangaftittii Halloo Daawwetiin Sabbanni hid-hameefi Siinqeen dhaaltummaa aartii laatameefii jira. Sirna Saalihaan eebbe VCD ishii haara’a kan uum-mata Oromoo Raayyaa irratti qoppheessite kanaan walqabatee dhiyaaterratti namoonni bebbeekkamoon akka Dr artist Alii Birraa,Halloo Daawwee, Zarihuun Wadaajoofaan kan argaman yoo ta’u artistoonni dar-gaggeeyyin hedduun dhaqanii hirmaataniiru. Kuataa biyyattii hundaa namoonni hedduun kan dhufan yoo ta’u namoonnii kuma tokkoofi dhibba shanii ol ta’an bakkichatti argamanii qophii san daawwatanii jiru.

Eebba VCD kanaa irratti wantoonni adda ta’an hed-duun kan mul’atan yoo ta’u qophiin sun qophii ateetee dubarotoota Oromootin Yaadatamee akka ooluuf jecha keessummeessudhaa eegalee sirboota waltajjii irratti qophaa’e mara kan dhiyeessan dubartoota qofa ture. Kana dhugoomsuuf jechas dhaadannoo ni dandeenya jed-hunn gara waltajjiittii kan bahan dubartoonni Oromoo dhugumaayyuu akka danda’an ifaan argisiisanii turan.

Artisti Saalihaa Saamii xiyyeeffaannoo Oromoota Raayyaatiif laatteni sirba ishii Raayyaa dhaquun na-moota ammaan tanallee Afaan Oromoo dubbatan kan aadaafi seenaa isaanii hin dagatin baadiyyaa keessa deemtee barbaaduun isaan faana shubbiftee hojj-echuun gamatti gaafa eebba VCD ishii kana baasii hunda ofii ishiitii haguugudhaan namoota Raayyaa kudha sadi fiddee uummata gaafas achi turetti dhi-yeessitee wal barsiiftee jirti. Haala gaafa san tu-reefi Oromoota Raayyaadhaa dhufanii waltajjiir-ratti haasawa taasisuun eebbaa laatan yeroo argan Oromoonni galmicha keessa turan hundi lafaa ka’ee harka dhahuudhan simannaa gaarii godhanii jiru. Miira yeroo san ture san too’achuu dadhabuurraa kan ka’e Oromoonni hedduun isaanii boo’aa turaniiru.

Bariituu sirna eebbaa kanaa gareen dargag-goo Oromoo Maqaa dhaabbata hodhaa Huccuu Ishoo jedhamuu Oromoota Raayyaa kana Saali-haa Saamii waliin baga nagayaan dhuftan jechu-udhan Affeerraa Laaqanaa Baariifi Restooraantii Urjiifi Hoteela Intarnaashinaala Ililliititti godheefi akkuma milkiin dhuftanii nutti makamtan milkiin qe’ee keessanitti gala jedhee eebbisee gaggeessera.Artisti Saalihaa Saamii boqonnaa seenaa kees-satti hordaa namuu buqqisuu hin dandeenye tokko dhaabdee akka darbiteefi kun qabsoo ee-nyummaa deebisanii ijaaruu keessatti gahee dor-gomaa hinqabne, ta’uusaa hirmaattotni dubbatan.

Sadaasanni 9, guyyaan yaadannoo guutummaa Oromiyaatti bifa garagaraan Kabajamaa jira. Sadaasni 9 Gaaffiin abbaa biyyummaa bifa haaraan bara 2005 waggoota 10’n har’aa akka jalqabame ni beekama.

Sadaasni 9 Kabajaan Yaadatamaa Jira.

Walgahii Leenjii Karoora Guddinaafi Tiraansfoormeeshinii Mootum-maan Godina Addaa Naannawa Finfinneetti kennu irratti Gaaffiin Mormii Ka’e.

Gaaffiilee uummanni kaase keessaa maqaa master plan Fin-finneetiin biyya ke,enyab irraa nufonqolchuun haadhaab-batu, gaaffii mirgaa isin gaafatnuuf deebiin sirrii nuuf haa laatamu, Afaan Oromoo afaan Federaalaa haa ta’u, daangaa Oromiyaa cabsuun balaa fida, OPDO’n dhaaba mirga uum-mata Oromoo kabajsiisuuf dhaabbate otoo hin taane dhaaba uummata keenya qe’eefi qabeenyasaa irraa foqolchiisisuuf dhaabbatedha, OMN miidiyaa uummataati maaliifidha mi-idiyaa diinaati hin dhaggeeffatiinaa nuun jettu kkf turan

Barattootni Oromoo Yuunvarsiitii Wallaggaa Bulchiinsaaf Gaaffii Dhiheessan

Yunivarsitii Wallaggaa keessatti barattoota tokko shanee-tin gurmeessuun akka too’annoofi basaasaaf tolutti ijaaruuf yaalaa jiraachuu eeranii, barattoonni garuu manni barnootaa dirree waraanaa otoo hin taane bakka sammuun itti qa-rooman waan ta’eef mooraan kun akkuma barreeffamee jiru dhugaadhaan siyaasarraa bilisa ta’ee dhimmi barnootaa qofti bakka itti adeemsifamu ta’uu qabaatii kun yoom akka dhu-goomuu akka itti himamu bulchiinsa isaanii gaafatanii jiru.

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 5

Oduu Gaggababoo

Sagalee DiddaaSanyii Balaachootiin0925 98 53 60

“Muuziqaan/sirbi waanta warreen bakka dhu-faatii fi eenyummaa keenya hin beekneef ittin of ibsinuudha(ittin waliin dubbaannudha). Muuz-iqaan dubbii/ergaa siyyaasaa dheeraa isaan(warreen eenyummaa keenya hin beekne) hanga ati sirbitee xumurtutti hin hubanne kan ittiin itti himtuudha. Yeroo ati sirbitee xumurtu garuu rifachuudhaan eessaa akka dhufte, maal keessa akka jirttu, maal gochuuf akka deemtu hubatu. Gaafas maqaa si balleessu, sidoorsisu, du’a sirratti labsu” Sifisu Ntuli Addunyaa irraatti sanyii duguuggaawwan gageeffaman keessaa gochi duguggaa hamaan ga-ra-jabeenyaan guutame warra adiin(Ingilizootan) ummata Afrikaa Kibbaa (AK) irratti gaggeeffame isa tokko. Sanyii duguuggaan kunis sirna apaar-taayidii jedhaama hiikaan kallattii isaas “ADDA BAASUU”(sababa sanyii ykn amaantiin namoota adda hiruu) jechuudha. Albuudoonni fi qabee-nyi uumamaa dachee AK keessaatti argaman ummatasanaaf bu’aa tokkollee hin buusne garuu diina nama nyaataa qe’ee isaanii irratii itti waame. Seerri apaartaayidiis ummata AK miliyoonotaan lakka’aman mirga lammummaa irraa mulquun qe’eef dachee abbaa isaanii irratti deegdoota/hiyy-eessota isaan godhee jira. Ummanni adiin xiqqoon safuu hin qabne saba guddaa biyyichaa baayina qabu dacheef qe’ee isaa irratti cunqursan/hacu-ucan, hidhaafi ajjeesaa turan. Gochaa isaanii kanas biyya keessaaf alaan diddaa cimaatu mudate, ajj-echaaf hidhaan ummata AK abdii hin kutachiisne, amileef humna itti horuun sochii warraaqsa ga-raagaraa, mormiif diddaa hanga qabsoo hidhan-nootti geessutti isaan oofe. Mormmii guddaa biyya sanatti tahe keessaa inni cimaaf olaanaan sochii ummanni gurrachi biyyattii dachee/qe’ee keenya irratti hidhamuu hin qabnu jedhanii diddaa cimaa godhaniidha. Waggoota 46’n apaartaayidiin/sirni gabroomsaa adiin ture keessatti qabsoowwan akka hiriira mormii fi qabsoo hidhannoo dabalatee sochii fi warraaqsa diddaa heedduutu biyya sana (AK) keessatti gaggeefame. Sadarkaaleefi sochii-wwan qabsoo bilisummaaf godhaman keessatti “SIRBOONNI BILISUMMAA/WALLEEWWAN WARRAAQSAA/(LIBERATION SONG)” gahee guddaa hangana hin jedhamne taphachaa turan.

Sirboonni walabummaa yeroo sana sirbaman sochii qabsoo gaggeeffama ture daran cimsuun/sochoosu-un, qabsoowwan bakka garaagaratti godhaman wal-itti fidanii utubuun ijaaruu keessatti gahee/qooda daran olaanaa tahe taphatanii jiru. Sabni biyyatti did-daaf quuqa qaban,qe’ee isaanii irratti mirga dhabuu, dhiitamuu, hidhamuu, lafa irraa buqqifamuu, biyya ari’atamuu, ajjeefamuufi dabawwaan hamoo warra adiin irra gahe walleewwan warraqsaa garaagaratti fayyadamuun dhaamsa waliif dhaamaa, wal jajjabees-saa fi rakkoo isaanii addunyaatti ibsachaa turan. Na-moonni seenaa biyya sanaa qoratan sochii muziqaan godhame kana “WARRAAQSA MUUZIQA/MUU-SIC REVOLUTION” jedhanii waamu. Yeroo sana sirbi matardureen isaa “Ndedemnyama we verwoerd” jedhu sirba beekamaa fi kan saba biyyattii cunqur-saafi gabrummaan itti hammaate hundaan sirbamaa tureedha. Qindeessan sirba kanaa MINI jedhama ture. Sirbi kun humna qabeessaafi sochii qabsoo ye-roo sanaa gurmeessaa kan tureedha, miidhaa yeroo sanaa sirriitti kan ibsuuf qabsaa’otaatti hamileef hum-na horaa kan tureedha. Sirbi sun “SIRBA QOOSAA /JECHAMA/ “FUN SONG” fakkaata ture garuu er-gaa fi iccitii guddaa humna qabu of keessaa qaba ture. Fakkeenyaaf ergaawwan sirboota isaa keessatti arga-man keessaa “kunoo namni gurraachi sitti dhufe yaa gabroomsaa guyyaan badiisa kee gahee jira” of keessa qaba. Wallisaan kun (Minin) booda hidhamee dara-raa guddaaan irra gahee jira, jaalleewwan isaa dabar-see kennuu wanta dideef lubbuun isaa mana hidhaatti harka gabroomsaan wareegamte. Erga inni du’ee boo-da sirbi kun guutummaa AK keessatti hanga yeroo dhi-hootti sirbamaa ture. Sirbitoota bara kanaa heedduun kanneen akka Miriam Makebe fi Afrika Bambaataati-in wellifamaa jira. Adeemsa keessa qabsoon ummata AK Africa national congress(ANC)dhaan gara qab-soo hidhannootti jijjirame. Hoggantootni qabsoo ka-naa kanneen akka Nelson Mandela fi warreen biroon mana hidhaatti yeroo darbataman qabsa’aan Tam-boo jedhamu immoo biyyaa godaanun biyya ollaa keessa taa’ee dura taa’aa ANC tahee hojjechaa ture.

Nama keeya seenaadhaanUGGURTII FILANNOO

DHABELafa kana irratti uumamaan dhalli namaa ofjaalataadha. Wanti gaarin uumamuufi ta’ee mul’atu marti osoo nama biraa dhii-see isumaaf ta’ee filata. Wanta hunda ofii isaaf too’atee, harka keessatti erga galfatee booda, warra firoota isaa harkisee akka isa hin caalletti wantoota ofii isaaf argate kan-neen keessaa hanga tokko bashaasuu fedha. Qaamni biraa kan inni diina/alagaadha jed-hee yaadu akka garee isaakana caalu hin fedhu. Garee isaa kana keessa taa’etuu, moot-in isa malee akka hin jirreetti of lakkaa’aa, sa’aa namni akka isaa sagadu barbaada. …Dubbii guddoon garuu garana jirti!! Addunyaa tana keessatti hanga uumam-netti, wanti addunyaa tana irra jiru yoo danda’amee danda’ame walqixa nuuf hiramuu qaba yaanni jedhu hunda biratti beekamuun bu’uura nagaa jireenya addunyaa tanaati. Inni harkaa dhabe kan osoo warra ollaa isaa hin tuqin nagaadhan jiraatu, hanga obsi inni garaadhaa qabu cuunfamtee hur-gufamtutti qofa akka ta’e warri beeku beeka!! Addunyaan nagaa buustee, dhalli namaa gam-machuufi kabajaan, akkasumas walqixxum-maan akka waliin jiraatee, wanta qabu waliif hiree, badus waliin badu, jiraatus waliin jiraatu, horus waliin horuufi deegus waliin deegu, … ilaalcha bilisaafi walaba ta’e kan addunyaa tana dhaalchise Uummata kabajamaa Oromooti!!! Dimokiraasin har’a addunyaa addaan cic-cirtee, haalafi tooftaa deemsa ishiitif ta’u itti dhoobdee ittiin bultu kun Bulchiinsa Sirna Gadaatin akka wal hin ginne hayyootaf fu-ulledha. Maqaa dimokiraasitiin gola golaa jeekkara dhuunfaa isaanii warreen jeekkaran duubatti deebi’anii, Gadaan Oromoo maal akka jedhu barachuun isaan barbaachisa.Gaafa Afrikaa keessatti uummanni Oro-moo wanti ittiin beekkamu inni guddaan, Bulchiinsa Sirna Gadaa, har’a kan waa’ee isaa beekus hin beeknes gaafa dhaga’u gurri akka waan lafti kirkiruutti hunkuramuudha. Yeroo sirnoonni bulchiinsa addunyaa ka-naa walxaxiinsa gaaga’amaa guddaa keessa turetti uummanni Oromoo sirna bulchi-insaa mataa isaa uummatee, isa jalatti hiri-irudhaan ilmaan isaa bulchiinsa haqaafi uummata isaa biratti fuullee ta’e dhaloota irraa gara dhalootatti daddabarsaa har’a ga’e. Dhaloota Oromoo kaleessa Sirna Gadaa uumaniif kabajniifi beekkamtiin akka ad-dunyaa kanaatti kennamuufiin osoo irra jiruu, har’a faana buutatota dhaloota san-aa reebanii bakka isaan jiraatanitti mirga isaanii mulquun, qaama kana raawwatuuf wanti akka ciminaatti ilaallamu jira jed-hee namni yaadu yoo jiraate, duubatti nu deebisee yaadan gara “Jabana doofummaa (Barbarism)”-tti nu geessun isaa hin oolu.

Nuti keessumaa Afrikaanonni saayinsiis ta’ee falaasama sammuu warra adii irraa qofa dhu-fu fudhannee deemun erga araada nutti ta’ee oolee bubbulee jira. Silaa kaa wanta namaaf ta’u fudhachuun duruu jiraa, isa namaaf hin taanes keessa makanii fudhachuutti muuxan-noo gaggaarii ofii addunyaaf osoo hin ken-nin, tuffiidhanis ta’ee osoo hin beekin lafarra harkisuun beekumsaafi wallaalummaa kees-saa kamitti akka nu maku isiniifan dhiisa.

Duwwummaan nama qaanessa!! Duwwaa ta’uun salphina malee kabajaa hin qabdu! Namni duwwaa ta’e bilisummaa sammuu dhaba! Qabaatanii qabatanii namatti dhi-yaachutu bilisummaa sammuu namaa olkaasa malee, dhabanii harka raasanii duwwaa maalii isaat’ namatti makatu!?

Uummanni Oromoos bulchiinsa sir-na Gadaa eenyuyyuu dirqamee osoo hin ta’in, jaalatee keessatti hirmaachuu danda’uufi aadaalee hedduu qabatee addunyaaf gumaache. Isaan kunis il-maan Oromoo har’aan tana bakka adda addaa jiran dadammaqiinsa guddaad-han walarkaa fuudhanii dhalootafi ad-dunyaatti daddabarsaa, kana qabnaa nuwajjin hirmaadhaa jechaa jiru! – Hayy-oonni adda duree ta’an osoo hin hafin!!Kabajamoo Hayyichi Obbo Dabbasaa Guyyoo Saaffaarootis, hayyuu Oromoo har’a adda dureedhan, akkuma hayyoota ad-dunyaa kan biroo, dhalootaf ofkennee hojii dhalootaa hojjechuu irratti argamuudha!!

Hayyuu kabajamoo Obbo Dabbasaa Guyy-oo, namoota nagaa addunyaaf lallabuu irratti dhamaatii adda addaa gaggees-sanii, dhuma irratti badhaasa Noobeelii (Nobel Prize) argataniin homaa adda hin jiru. Faarfataa nagaa bilisaa addunyaati!!

Gaazexaan Madda Walaabuu akka fuula interneetii isaa irratti seenaa Hayyuu kaba-jamoo kanaa ibsuuf yaaletti; Hayyichi kun kan dhalate, Taltaallee keessatti yoo ta’u, kan guddate, naannawa Yaaballoo Boora-naafi Liiban keessatti. Yeroo ijoollummaa isaa irraa kaasee, Gadaa Oromoo barachaa kan tureefi mootummaa Dargiitin dhiiba-mee gara Keeniyaa erga ba’ee waggaa sod-domii shan (35) lakkoosfiseera. Amma umriin isaa waggaa saddeettama ta’eera.Yeroo turtii isaa Keeniyaa keessatti, Gadaa Oromoo har’a akka hambaalee addunyaat-ti UNESCO irratti galmeeffamuuf adeem-sa irra jiru kanaafi aadaa, akkasumas duudhaa Oromoo yeroo isaa aarsaa go-chuun barsiisaa akka ture maddi ibsee jira

Waggaa kudha shan dura, Dhaab-bata Hambaa Aadaa Gadaa Oro-moo jedhu jaallewwan isaa waliin Keeniyaa keessatti bakka Dago-reettii jedhamu keessatti dhaabaniiru.Barumsa maalummaa Gadaa, aadaa Oromoo, sirnaafi afoola hambaa ken-naa turani. Hojiin isaa kun carraa gara Ameerikaa Kibbaa – Guwaatimala deemee, uummata Maayaa, Ameeri-kaafi Hindootafi Raashiyaanota, ak-kasumas, uummattoota Oromoodhan aadaa walfakkaataa qaban daaw’ateera. Akkasumas si’a lama gara Noorweey deemudhaan marii waltajjii barumsa aadaa irratti dhimma aadaa Oromoo dhiyeessee, Ameerikaa (US) keessa, bakkeewwan hedduutti barumsa waa’ee aadaafi duudhaa kennaa ture. Beekumsa isaatin nagaa addunyaaf lallabaa, waa’ee aadaafi duudhaa Oro-moo barsiisuu irratti kan xiyyeef-fate, hayyuun kun, miseensa siyaasa kamiituu akka hin taanefi Uum-mata Oromoo irra darbee addunyaaf nama dhaloota boruu qaraa jiruudha.Hojii hayyicha kanaa qaamni ar-geefi dhaga’e, badhaasa addunyaa namoota hojiilee gurguddoo addu-nyaaf gumaachaniif kennitu (No-bel Prize) akka argatuuf fuuldu-ratti hawwuun isaa waan hin hafne. Kuni ta’ee osoo jiruu garuu, hayyu-un kun Onkololeessa 27/2015 Naayiroobii keessatti uggura-mee, as buuten isaa dhabamee jira. Uummanni Oromoo gamaa gama-naa iyyii iyya dabarsii walitti lalla-bee, barbaacha Hayyuu kanaa irratti bobba’ee jira. Qaamni Hayyuu kana uggure immoo beeketis ta’ee osoo hin beekin, nama ugguruuf deemu keessa jalaa makamee yoo ugguramee jiraate gola isaa sakattaa’ee baasun dirqama lammummaati jenna!! Uummanni Oromoos ta’ee ad-dunyaan barbaacha hayyuu ka-naatif gamaacha gama isaanii akka godhan gamanumaa lallabna!!

Robinaa Shumii [email protected]

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 6

Yeroo kana qabsoon hidhannoo fi-niine daran itti cime, gabroomsaa taa’uuf ijaajjuu dhowwee, balaqqee bilisummaa mulisuu eegale. Gaafas muuziqaan “MEESHAA QAB-SOO/ WEAPON OF STRUGGLE” jedhamee waamamuu eegale. Sir-bitoonni quuqaa saba isaanii sir-buu eegalan, afaan sabaa ta’anii wellisan, dhaadatan, onnatanii wal onnachiisan, ka’anii wal kakaasan, faaruu warraaqsaa faarsan, geer-arsa xiiqii geeraran , gaafas sirbi meeshaa waraanaan qixa humna godhate. Qabsaa’onni ANC hami-leef humna kan ittin horachaa turan sirbi beekamaan yeroo sanaa “sobashiy ‘abazali’”jedhama ture, kunis “WE WILL LEAVE OUR-PARENTS”/ MAATII KEENYA DHIISNEE GARA DIRREE QAB-SOO DEEMNA akka jechuuti. *Buufatni sirba kanaas akka kanaa gadiiti: “we will leave our parents at home we go in and out of for-eign countries/ to places our fa-thers and mothers don’t know/ following freedom we say good by,good by, good by home/ we are going into foreign countries/ to places ourfathers and mothers don’t know following freedom”*Cuunfaatti ergaa kana fakkaatu qaba: “Bilisummaa barbaacha/hor-dofaa maatiif mana keenya dhiis-nee deemna, biyya keessaaf biyy-oota ollaatti godaanna/gara /bakka abbaaf haati keenya hin beeknatti sochoona. Bilisummaa hordofna nagaatti, nagaatti,nagaatti ma-naaf maatii koo godaanuutti jirra akka jechuuti” *Sirba warraaqsa oromoo tokko kanaan gutum-maatti dagadheef maqaa sham-marre wellistee ille dagadhe kan akkas jedhu tokko na yaadachiise:

Sagalee Diddaa...

Fuula 5 irraa nanna’e..

Warrii Ingliizii sanaan dura qabeenya qabeenyarratti kuu san, kan sabicha duuganii sabicha walitti buusan, tasa kasaaraa kasaararratti tuulan, hanga sandura gammadan deeb i’anii gaddan. Daldaltoonni gurguddoon fedha saanitiin biyyatti keessaa waan qaban baafachuu eegalan. Warrii biyya Ingili-izii keessatti waamanii mootummaa dhageechisuu danda’an ammoo haala jiru san itti siquun afaan beekaniin mootii isaanitiif ibsan. Wanti gochuu qaban uummaticha waan barbaadu guutufii qofa akka ta’e hubatan. Hin-dootas maal akka fedhan gama adda addaatin qoratanii hubachuun bili-summaan fedha isaanii kan jalqabaatis kan dhumaatis ta’uu argan meeshaa isaanii marachuu qofatu karaa isaa-nii kan jalqabaatis kan dhumaatis ta’uu argan. Meeshaa isaanii marachuu qo-fatu karaa isaan dabarsa. Sunis yoosuu raawwachuu qaba. Godhan-Waraanni nagayaa Ingiliizoota biyyaa baasee, Hindoota bilisoomse, du’anis hin ajj-eefne; waraana walitti hin banne; jaalala dhabanis jibba hin qaban, kunoo san-iif har’a waliin daandii tokkorraa dee-mu; akka ollaatti buna waliin dhugu.Biyyoota kan biroo bakka bilisummaan isaanii afaan qawweetiin mirkanaa’e kan akka keenyaafaatti Ingilii zonni ka-bajaa hin qaban. Ingiliizota qofa odoo hin taane adiin kamiyyuu hin kabaja-mu. Bakka deeme maratti “Simanguru” jechuun nadoo arrabsoo itti buufatu.Isaanis waan akaakoon isaanii god-hanitti yeroo gariin saalfatu, yeroo garii ammoo beenyaa kanfaluun akka jiraatan godhamu. Biyya keenyatti namni adiin tokko taaksii uummanni gurraachi keessa taa’an keessa seene gatii walfakkaatu kanfaluun hin bu’u; dachaa ykn dacha lama irraa fuudhu. Kun waan jarichi harkaan fidatani.

Sabni keenya akka Afrikaatti saba gud-daa lammii tokko ta’eedha. Akka addu-nyaa ttille taanan lammilee gosa tokko keessaa bahanii lakkoofsan toora mili-yoona shantama keessa gahan kudha sadan keessaa tokko. Sabni kun gaaffii bu’uraa Impaayera Itoophiyaa irra qabu keessaa tokko gaaffii olaantum-maa siyaasaati. olaantummaan siyaasaa ammoo bilisummaa sabaati fi wal-abummaa biyyaat nama gaafachiisa. San fiduu keessatti ammoo diinagdeen qabsaa’uun bara ammaa kana kees-satti siyaasaan qabsaa’uun adda bahee deemuu hin qabu. Qabsoo kana raaw-wachuuf malliifi falli labanni kun hor-dofuu qabu mala “waraana Nagayaati”Mala kanaan dhimma bahuuf uumam-ni waan hunda tolcheefii jira. Kanneen keessaa tokko teessuma lafaati; kan biraa lakkoofsa sabaati. Teesuma lafaa kaas-nee yoo ilaallee sabichi kaabaa hanga kibbaa; bahaa hanga dhihaatti qubatee argamuun gamatti qubanni isaa wal-itti fufaadha. Kanaan ammoo too’annoo sochii dinagdee kamirrattu dhiibbaa akka geechisuu danda’uufi dhiibbaan ku-nis dursee isa fayyaduun qofa kan biraa akka qaqqabu gochuu ni danda’a. kanar-ratti magaalaan guddittiin siyaasaafi di-nagdee biyyattii Finfinneen gidduugala biyyattiitti argamuufi magaalattiin tun Oromoo fayyaduus baattu, handhuura dachee Oromootti argamuun akkuma magaalaa bulchinsa mootummaaf wiir-tuu taate, dinagdee biyyattiitiifis sarara tamsa’inaa waan taateef Oromoon kana akka cobsiifatu haala bilchaatatu jira. Kun egaa waan mara bakka jirutti ofii walirraa fayyadamuun erga kan fedhe raawwatee qofa dabarsuu bakkaafi haala qabaa, yeroofi omisha dhiyaatuufis ta’ee kan dhiyeessuu mara itti yaadee dhiyees-suun dinagdee dafqa isaatiin qa’ee ofii qi-cee nyaachuun abboomuudhaan dhufa.Kan biraa lakkoofsa saba isaatti dhimma bahuun waan xixiqqoo jedhamanii ilal-laman kan akka kophee dibsiififachuufi rigaa bitachuutii ka’ee hanga warshaalee gurmii guddaan dhaabutitti walbar-baaduufi akka tokko yaaduun dinagdee ofii gabbisaa of bilisoomsaa,biyya wala-boomsuun salphaafi barbaachisaadha. Jarri saba kanaan gamatti jiranis wan-toota Oromoon godhuufi gochuuf jiru ilaaluun deebii badaa laachuuf yoo kan yaalan ta’e dhagaa buqqisuun dura nyaaranii kan gandaatti garagaranii cabsachuun gara ofiitti garagaranii li-qimsuun waan yeroon nu gaafattu. Ka-naan yoo wal moone boru tarii buna walwaamuu dandeenya; akka Hin-diifi Ingiliizotaa.San darbinaan garuu quba baafannaadhan beenyaa wal-gaafanna; akka Keenyaafi Ingiliizotaa!Egaa nyaachuufi baachuu ab-baatu filataa… Nagayaan! Ana Yaasoodha.

Asumatti muran ulee taati jedheet bulchuu eegale. Uummanni tak-kaafoo filannoo hin qabne sun cal-lisee waan itti aanee dhufuu malu dhaggeeffachuun ala waan god-huufi waan jedhu dhabee taa’e.Gurbichi waan hedduun hir’ina qaba ture. Akkuma aangootti baheen umuri-in isaa waggaa 26 qofa waan tureef waan hunda dura manneen bashannanaa hal-kanii deemuun shubbisuuf dursa late.Meeshaalee qaalii jedhaman bitu-ufi faaya baay’ifachuuttis bobba’e. Shamarranni biyyasitti dhalattes lak-koofsafuu isa hin hafne. Bara dhalatee kaasee hanga achi gahutti abbaa isaa kan hin beekne waan tureef nama ab-baadhaf gatii tokko hin laanne ture. Gaafa inni pirezidaantii ta’u namichi tokko ani abbaa keeti jedhee dhaqnaan ajjechaa isarraa eegale. Sanaan achi biyyattii dhiigan booresse. Dhaloota abbaa malee hambise. Biyya san-atti waan kamii ol duuti salphaa ta’e. Gurbaan kun waan qabu maraan sir-buufi gammaduun ala waa’een ka-roora baasanii biyya bulchuu gaafa tokkollee sammuu saatti dhufee hin beeku. Kanaan bira barnootarraa bi-lisa waan tureef hanga biyya bulche tilmaamumaan godhe ture. Gaaftok-ko akkuma amala isaa daansiif gara baarii deemee yoo deebi’u masaraan inni keessatti maarraxe, teessoon inni irratti warqee hammaarrate dabaree ishiitin harka nama biraa galtee jirti. Kan nama ajaayibu ammoo fonqolcha san raawwatanii isa ajjeesuuf ykn am-moo qabanii hidhuufillee dhamaatiin baay’een hin godhamne ture. Innis kaayyoo malee waan masaraa seenee tureef hin mormine. Yoosuu galaana qaxxaamuree UK seene. Uummanni inni itti makame warra adiiti; isaan ammoo warra baratani. Biyya dhaqe kanatti waan kamiyyuu keessa galuuf barnoonni barbaachisaadha. Kana dhuunfachuuf mana barnootaatti qa-jeele. Achitti ammoo mucaa inni ab-baa irraa ajjeesee ishii biyyaa baase takkatu itti dhufee iyyee biyya saniiyis isa ariisise. Sanaan achi hireen isaa bi-yyatti deebi’ee adabbii isa eeggatu fud-hachuun achuma turuu ta’e. Deebi’eet hanga tokko hidhamee gadhiifame. Mana hidhaatii erga bahee booddee jireenyi isaa akkuma dura bare daan-dii gubbaa ta’ee hafe kun egaa kaayyoo malee, mul’ata xiqqoodhan aangoo qabachuun kan dhufu. Hamoommiin uummanni gurraachi bilisummaaf godhan kanallee hanqaaqeet ture.

Bilisummaa saniin tokkorraa bilisa ba’anii,tokkoof bilisa ta’anii akka malee akka dhiibbaman; karraafi karaa itti saaqe. Uummanni akka uummata biyya Afrikaa giddu galeessaa kan warri Far-ansaay koloneessaniin ol lammii isaanii-Bookaasaadhaan ajjeeffamanii foon irraa muramee waaddamee bineensi raqeesse.Id- Amiin Daadaa ugaandaatti gurraacha ta’ee gurraacha lafarraa haxaaye. Gaanaa, Giinii Naayjeeriyaafi Liibiyaa akkasumas Laayibeeriyaa hunduu carraa walfakkaatu arganii gubaan gubaa itti caale uleen firaa kan diinatirra itti jabaate. Bilisummaan isaan yaadaa turan, kan cubbuu itti gab-baran, gabrummaa daran kan dura keessa turan san caalu baatefi dhufe.Jiruun Afri-kaa ittuu dukkanaa’e. Biyyoonni hedduun bilisummaa guyyaa waaqa kadhachaafii turan san halkan abaarutti debi’an. Wan-ti hundi faallaa itti ta’e. Hedduun isaanii fincilanii waliin wal waraanuufi walir-raallee bilisummaan foxxoquu eegalan, kan milkaa’eef foxxoqanii bahan. Bulchi-insi achitti isaan eegellee sanirra waan fooyya’e tokkollee dhabu dubbiin itti fufe. Biyyoota hedduu keessatti ammoo tur-tii waggaa 20 keessatti fonqolchi aangoo mootummaa 65 keessatti raawwate. Af-rikaan bara 1960-1990 fonqolchoota 65 ta’an yaaltee mootota haarawa muudde. kanneen keessaa tokkollee kan siiviiliin fonqolfame hin turre. Hunduu garee lol-tuutin raawwate. kana jechuun ammoo loltoonni masaraafi mataa isaanii akka eeganiif jarreenuma bulchaniin leenji’an isaanuma fonqolchuurratti bobba’an. Bi-yyoonni hireen waan gaaritti baste kan akka keenyaafi Tanzaaniyaa ammoo warruma bilisoomsaniin duratti ejjetan.Warreen aangoo mootummaa dhiisa-nii, teessoo mataarra turanirraa fanqolfa-man bulchuu hin dandeenye,cunqursaa guddiftan kaayyoofi karoora ittiin biyya bulchitan hin qabadan jedhamuudhan ture kan ari’aman. Wanti heddu nama gaddisiisu ammoo warri isaan fonqol-chan kunneenis waan isaanirra wayyu-ufi fooyya’u tokkollee odoo hin qabaatin dhaqanii isaan fonqalchuu isaaniti. Kana keessaa gurbaa dargaggeessaa yeroo tokko biyya Laayibeeriyaatti fonqolcha raawwa-tee tokko kaasuun barbaachisaadha. Gur-baan kun maatii hiyyeessarraa dhalate.Guddinni isaatis haadhasaa waliin moose affeellamaa daandirratti gurguraatidha. Boodderra ammoo gartokkee isaa mana haadhaa dhiisee bahuudhan achuma karaarratti guddate. Jireenya daandiir-raa wal’aansoo qabaa odoo jiruu loltum-maa qacaramee achi keessa tajaajiluutti ka’e. Gaaf tokko masaraa eegaa odoo jiruu tasa fonqolcha aangoo yaadannaan garee hogganu muraasa amansiisee itti seenuun fonqolchuu isaa kan bulchaa ture ajjeesee kan bulaa turetti ammoo karaa raadiyoo biyyattiitin labse. Kanumatu biyya bul-chuudha; akkanumatti aangoon qabama!

Qabsoo mul’ata xiqqaa...

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 7

Fuula 5 irraa nanna’e..

Ka’ee lafaa hidhadhee qawwee kiyya *2 Nagayyaan naaf jiraadhaa yaa ob-boleewwan kiyya*2 Walleewwan war-raaqsaa yeroo sanaa saboota biyyicha keessa jiran jajjabeessuu irra darbee tokkummaa saba sanaa kan qoqqood-daa gabroomsaaf daba waljibbiinsaa warri adii gidduu isaaniitti facaasan ir-raa kahuun holola wal irratti oofaa turan diiguu irratti ga’ee guddaa taphatee jira.Muuziqaan jijjiirama siyaasaa hin fidu, garuu namni akka jijjiirama sana fiduuf gahee guddaa taphata. Ummatatti hami-lee horuudhaan ejjannoo fi murtoow-waan boonsaa ta’an gabroomsaa irratti akka fudhataniif kakaasaa tureera. Ga-raagarummaa ilaalchaa saboota gidduu jiru diigee riqicha tokkummaa gidduu isaaniitti ijaaree jira. Kanaaf muuziqaan qabsoo diddaa karaa nagaaf hidhan-noodhaan gabroomsaa irratti gagge-effamu keessatti gahee daran olaanaa taphata. Maarree sabni Oromoos dur ganama osoo humna nafxanyaan hin ca-biin duraa kaasee gaddaaf gammachuu isaa, miira itti dhagahame mara sirboota garaagaraan ,walaloon,geerarsaan,oduu duriin ,ciigoon, jechamootaaf kkf fayy-adamuun ibsachaa tureera ibsachaas jira.

Sagalee Diddaa...Fuula 5 irraa nanna’e..

Fuula 8...

Warana Nagaaya....Fuula 3 irraa nanna’e...

Fuula 3 irraa nanna’e...

Aartii fi Aadaa

“ Kisaaraa Birriitifi kisaaraa Seenaa keessaa filachuun kan abbaati” Sime Tufaa

Simee Tufaa

Kutaa 1ffaaQophii aartii keenya kan har’aa keessatti turtii barreessaa walaloofi Yaadaloo sirboota Afaan Oromoo Simee Tufaa walii taasifnu isin muuxachiifnatii kunoogarasuu deemna. Leelloo: Simee akkami?Nagayaa?Simee: Rabbi guddaa huubni ija hin bu’in .Leelloo: Baga nagayaan dhufte?Simee: Isintu dhufeem( Seeqa dheeraa)Leelloo: Mee simeen eenyu jennu?Simee: Simeen ana!( Amms seeqa dheeraa)Leelloo: Ati hojii walaloofi yaadalootiin aartistoota Oromoo hedduu bira jirta.Akkamiin gara aartii dhfte?Simee: Anatu gara aartii dhufe odoo hin taane aartitu gara koo dhufe.Leelloo: Maal jechuudha?Simee: namni lafa kanarratti waa qabatee dhufa. Inni sun kan gara isaa dhufuudha. Ana aartitu gara koo dhufe jechuufani!Leelloo: gaafa jalqabdee kaastee hanga har’aatti sirboota meeqa hojjette?Simee: Sirboota 386Leelloo: Sirboota kana hunda hojjattee mee hawaasummaa keessatti maal fakkaatta?Simee: Anuman fakkaadha!(Kolfa dheeraa!)Leelloo: Mee nuuf ibsi.Simee: Ani dureessa; maatii Oromoo hundan qaba.Dureessa ta’uu maallaqa lakkaa’uu miti.Leelloo: Kan san dursutu jira jechuudhaa?Simee: Eeyyee! Seenaa hojjechuun waan san dura dhufuu qabuudha. Manaafi konkolaataa na gaafachuuf taanan sun waan sa’aatii walakkaa keessattiraawwatu. Seenaa Hojjechuun garuu waan umurii guututti dhufuudha.Leelloo:Kanaaf seenaa dalaguun dursa jechuu keetiiree?Simee: Gaaffii tokko malee! Ani waan biraa hojjedhee jiraachuu nan danda’a. Garuu san yoo hojjedhe hawaasa koo keessaa muraasa qofan tajaajiluu danda’a. Waan aartii amma hojjedhu kanaan garuu takkaattan saba guutuu bira gaha.Leelloo:Simee sirbi siif maali? Saba Oromootifhoo maal buuse jettee yaadda?Simee:Sirbi qabsoodha; dhukaasa sagaleen sammuu kan fedhuu bilisoomsee, isa kan jibbuu ammoo gombisu. Sirbi saba Oromootiif barsiisaa;qabsaa’aa kan leenjii kaadiree tokko malee kutaa biyyattii guutuu takkaatti dammaqse meeshaa guddaa saba kanaaf laatameedha. Torban itti fufa…

Bara 2000 teessoo paarlamaa 70tu harka paartilee mormituufi dhuunfaa gale. Bara 2005 immoo paartileen mormituu teessoo paarlamaa keessaa teessoo 175 mo’atani. Qidoominni Tokkummaafi Dimokiraasii (CUD) paarlamaa hin galu jedheetu diigame. Dr. Mararaafi Obbo Bulchaan waggaa shaniif paarlamaa sana keessatti fooliin dimokiraasii akka dhufu dhama’aniiru. Bara 2010 immoo teessoo lama irraan kan hafe ADWUIfi Miiltoleen isaa hundashee dhuunfatani. Tokko harka Madrek galte; tok-ko dhuunfaatu fudhate. Bara 2015, bara baranaa kana immoo ADWUIfi Miiltoleen isaa guutummaa guutuutti (irran deebi’a guutummaa guu-tutuutti) teessoo paarlamaa fudhatani. Parsantii 100n mo’ataa namni?

Kanaafuu, bara 1992 kaafnee filannoo dimokiraasii biyya Itoophiyaa yoo ilaalle, paartilee mormituutti karaan cufamaa yoo deemu, AD-WUIfi miiltoleen isaa immoo baldhifataa dhufuun parsantiin dhib-baan cufani barana. Dimokiraasiin gadi guddate jechuudha. Ad-dunyaan balbala dimokiraasii mormituuf saaqaa yeroo deemtu, Itoophiyaan cirumasaa itti cufte. Hubadhaa, baruma baranaa kana ji’a Eblaa keessa biyya Naayijeeriyaatti paartiin mormituun filan-noo mo’achuun aangootti yeroo dhufu, paartiin biyya bulchu immoo mo’amuun dabarsuun gara mormitutti ce’eera. ADWUIn 100% Mi-iltolee isaa waliin duuchuun karaa kamiinuu yoo madaalle filannoon hin turre jechuudha. Biyyaaf qaaniidha kun! ADWUIfi Miiltoleen isaa gargaarummaa tokkollee hin qabaniim. Walumaa galatti, filannoon dimokiraasii Itoophiyaa dimimmisee ture deebi’ee dukkana cillimoo ta’e.

Filannoo dimokiraasii paarti-daneessa (multi-party) jechuun baay’ina paartilee mormituu paarlamaa keessa jiranii irratti hundaa’a malee, maqaaf kan hundaa’anii jiraatan miti (Huntington, 1991). Paarlamaa keessa mormituun teesso tokkollee hin qabu taanaan biyya bulchi-insa paarti-tokkee (single-party rule) jedhama. Kanaafuu, amma Itoophiyaan akkuma bara Dargii biyya paarti-tokkee taateetti. Bara Dargii keessas MIESON, ECHAT, fa’a paartii biyya bulchaa ture, Paartii Dafqaan-bulaa Itoophiyaa (WPE) waliin dalaguuf yaalaa tu-rani. Deemee deemee paarlamaan Itoophiyaa akkuma bara Dar-gii Shangoo Biyoolessaatti yoo deebi’u kun eenyuufu qaaniidha.

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 8

Erga harqoota kolonii jalatti kufee kaasees miira isaa sirbootaaf geer-arsa garaagaraan ibsachaa jira. Qabsa’aan bosona jiru,barataan, barsiisaan,daldalaan,dafqaan bulaan,qonnaan bulaan,xiqqaa guddaan sirbaaf geerarsaan miira isaa ibsachaa tureera am-mas haalaan ibsachaa jira.Sirbis tahe geerarsi humna gud-daa qaba, tokkummaa cimsa ,dhaamsaaf ergaa garagaraa da-barsa, quuqqaa garaa keessaa, dhiittaaf saamicha biyya kees-saa gamaa gamanatti dabarsuun riqicha walii galtee tahee gar-gaara. Kallatiinis tahe al-kal-lattiin sirbbi goota faarsa ,diina aarsa, gadhee maqaa balleesa, gantuu gurra balleessa , seenaa dabarsa, qabsooniifi hamileen ummataa duratti akka tarkaan-fatuuf shoora olaanaa taphata.

saaqa, of duuba nama hin deebisu kanaaf yaa gow-waa abdii kee muradhu, yaa gantu dafii faladhu, holola isaan irratti ooftu dhiisi diddees hoomaa miti “GUBATTEE HIN ARGINEE ABIDDATTI GAMTI “jedhan turee siif gala. Warri wellistoota keenya wara sagalee isaa-niitiin akka meeshaa hid-hannootii nu tajaajilaa jiran kanatti quba qabdan qubni inni gara keessan-itti galagalee jiru baayye tahuu isaa hin dagatii-naa. Bari’uun hin ooluu dagattanii hin rafiinaa! Waaqni qalbbii isinitti haa horu maatiif saba kees-sanitti isin haa dabalu. Horaa bulaa deebanaa!

Dhaloonni qubees galfata hin nyaanne caalaatti war-raqsaa aartii karaa hundaan finiinsaa jiru. Keessumatti weellistoonni keenya ”WAR-RAAQSA MUUZIQAA/MUSIC REVOLUTION” gaggeessa jiru. Sirboota mim-midhagoof onnee namat-ti horaniin asbahaa jiru.Kan isaan doorsisuuf maqaa isaan balleesu fogootii hin dhufu kan nama dhibu “BUSAAN OKKOTEE JA-LAA NAMA QABDI” jedha Oromoon gaafa mammaaku. Yaa ijoolle sila’oo isa afaan baremoo isuma kankeenyaati inni isaanitti gamu kun, dor-sisaaf maqa balleessi hunde hin qabneen kan isaa qocco-lu. Doorsifamuuf rakkachuun ittu nama cimsa, nama xiiqes-sa, warreen biroon illee du-ubaan akka dhufaniif daandii

Sagalee Diddaa...Fuula 7 irraa nanna’e..

Kutaa 1ffaa

Afaan Dalgaa

Ani Kannan Jedhu Beelatu Hammaatemoo Kadhaatu Jabaatee?

Guyyaa Kamisa darbe ganamaan ka’een gara ho-jiitti deemuuf qajeeleera. Daandii gubbaa dhaab-badhee taaksii Finfinnee kana daqiiqawaan 30 oliif hiriira qabadhee eeggadheen akkuma isaatti seen-era. Haata’u malee taaksiiwwan kun nama namar-ratti fe’uu waan baraniif achi siqiif jedhaniituma ak-kuma narratti fe’uu namicha gudeelcha tokko ana cinaa kaa’an. Hiriira jennaan waa yaadadhe ani ka-naan jedhu biyya kana keessatti wanti nuti hiriira itti dhabbanuuf heddumaateera, dhugaa Waaqaan isiin jedha. Keesumaa warra Diyaasfooratiif sababiin isaa guyyaa ayyana diyaasfooraa irratti biyyi guddateet ti, dinaagdeen jabaateera, fooqiin ijaarameera…. Jechaa waan turtaniif. Haata’u malee nuti taaksiif ni hiriirra, Zaayitiif ni hiriirra, Sukkaaraaf ni hiriirra, bishaaniif ni hiriirra, Ibsaaf ni hiriirra, Wajjira mootummaa deemnee tajaajilamuuf ni hiriirra, Gibira kanfaluuf illee ni hiriirra, hiriira! hiriira! hiriira! ….Hiriira nagaa qofa hiriiruu kan hin dandeenye! Qis qis qis safuu abbaakoo! Isa yoo kajeelees taaksiif hiriirree mukuu baana malee maal godhu haadhakoo?! Yoo kaan ammo akka arabootaa onnee horanneetuma…

Garuu waan nama dhibu hiriirri taaksii gidduu ka-naa maaliif dabalee jennaan warra taaksii oofuufi gargaaraa isaanitu ayyaana masqalaaf galee jedhan, maal akkam jennaan? Isaan harki caalaan isaanii ummata kibbaa irraa godaananii waan dhufaaniif ayyaana kana kabajachuu galaniiruu jedhan eelaa eegaa bakka kanatti maal argituu taaksilee kan Fin-finnee keessaa oofaa kan jiruu saba birooti jechu-udha. Oromoon Taaksii oofullee maaliif Finfinnee keessaa dhabee yoon jedhame ammoo, ni maraatee Oromoon hojii guyyaa (qansiraa) yoo ta’e malee akka-mitti waan kanatti siqaa akka naan jettan beeka, aniis akkasumatti garaatu na didee malee isas hin daganne.Eegaa kana hundumaa dabarsee yeroon gara mana hojiikoo naannoo Boolee, jiruutti otoon cece’u nam-ichi tokko fuldurakoon natti dhufee qabee na dhaabe.

Namicha: Orominyaa allee?(afaan amaaraan na-dubbisuusaati)Ana: Eeyyee Oromoodha Afaan Oromoos beeka.Namicha: Maaloo yaa obboleesakoo nan rakkad-hee haadha manaa tiyya mana haakiimaa fideen daa’ima argannee qarshii of harkaa qabu hundumaa fixadheera maaliif ana hin gargaartuu?Ana: Gargaarsa akkamitii?Namicha: Amma hospiitala Leenca Gurrachaa (Black lion hospital)ti baaseen nama biraa qarshii taksii fudhachuu dhufee manaa dhabe maaloo qar-shiidhuma taaksii naaf kenni?Ana: Eessa deemuufii? Namicha: Burrayyuudhaan fira qaba hanguma achii kan na geessu naaf kenniAna: Hayyee (Qarshii 20 baaseen itti kenne)Namicha: Maaloo yaa obboleessa kiyya ija nama biraa ana hin ilaalsisiin hanga Burrayyuuti nutti nama sadii qarshii 38 fudhata taaksiin? Nuti warra kadhatulee hin ture…Ana: Maalii atoobisiin (city bus) hin deemtanii qarshii hangana argannan?Namicha: Maaloo obboleessakoo ilma Oromoo daa’ima qabannee jirra bar atoobisiin nuuf hin mi-jatu Afaan Amaaras hin beeku adaraa na gargaari ija nama biraa nan hin argisisiin?Ana: Hayyee (Qarshii 50 baaseen kennef)Namicha: Galatoomii Yaa Ilma OromooAna: Hoomaa miti nagaati

Gidduu kana eegaa yeroon yaadu maal dhii-roo Oromoon beela kanatu itti hammatee jen-nan kadhaaf ba’emoo dhuguma rakkatee jedhee sammuu kiyya waliin walmorkaan ture. Biyya kana keessa kan mootummaan kan amane na-moota Miliiyoona 8 oltu beela’ee jira harki caal-aan ammo Oromoo ta’uu illee gabaasni kun ni addeesa. Ani garuu ka nana dhibee aanaleen duraan magaariisaa ummata Oromoo mitii ormayyu sooran maaliif beela’anii? Beelli kan beekamuu dur nannoo warra kaabaa kana maal amma akkamitti nutty dhufee? Kanaafuu tarii beela kanatu gara daandiitti baaseera-moo dhuguma rakkatee laata namichi kun jed-heen yaadaa ture. Dhiyeenya kana magaalaa Finfinneetti kan mul’achaa jiru waan addaati.

Keesummaa qarqara daandiiwwan Finfinnee gubbaatti namootni ani argu kadhaadhaf kan ba’an bayyee nama ajaa’iba dur akka beeknu namoota qamaan midhamoo ta’aniifi umuriin jaaran daandii gubbatti ba’anii maqaa taabotaa guyyaa guyyaan jijjiranii kadhatu ture. Ye-roo ammaa garuu muusilimni, kiristaanni fi kan biroos daandii gubbaa jiru ani akkan il-aaleti Kunis dhimma beelaafi jireenya bara ka-naa jiraachuu dadhabuuti laata jedheen yaada.

Mee gara namichakoo gaafa kamisaattan isin deebisa. Guyyaan isaa kibxata ture ammas akku-ma barame taaksii irraa bu’ee taaksii biroo qaba-chuudhaaf otoon cecce’uu namoota lama ta’anii waliin dubbatan arge. Yoon sirritti hubadhee gara galee ilaalu tokkichi namichakoo gaafa kamisaati. Suuta jedhee itti siqee yoon dhaggeeffadhu Afaan Oromoon itti haasawaa jira. Rakkina waayitu na quunamee gara Sabbataan deemaa jira maloo ana gargaarii yaa obboleessa kiyyaa jedhee gaafachaa jira. Dhaabbadheen yaade. Amma namicha kanati himumoo callisee darbu laata? jedhee yaadee dhuma irratti itti himuuf murteesse.

Namicha ani guyyaa dheengadaa nan rakad-hee jettee qarshii siif hin kenninee maal taatee nama biroo kadhataa? Ati sobduudha hoomaa hin taane maqaa Oromoo balleesitaa? jedheen Innis nahee lafa lixu dhabee fiigee ana biraa deeme. Amma eegaa kan naaf gale namichi kun tooftaa kadhaa jabduu baafatee akka dhufeefi callisee dhaabbatee kadhattuu jedhamuu hin barbaadne malee edaa kadhataadha. Tooftaa isaa garuu xiqqoo jaalladheera gamnummaa kana ijjoolee Finfinnee akaayii (qorsoo) qarshii 5 bitatanii meeshaa guddatti qabatanii ba’anii bakka dhoqqee (raaree) wayii barbaaddatanii sobaanii kufuudhaan akaayii/qorsoo sana la-fatti gadi naqanii dhabbatanii boo’uun qarshii namni gaddee walitti qabuuf funaannatanii manatti galanii irraa waan barate natti fakkata. Namichikoos waamalee daandii gubbatti hin baane ‘Ani nama namaaf kennu malee nama kadhatu hin turree’ nan jedhee ture gaafa darbe ammawoo maaltu dhufnaan namichikoo daan-dii gubbatti ba’ee mala gamnummaa kana baratee kadhaatti ka’ee laata? Deebii isaa hunduma kees-saniif dhiiseera. Dhugumayyuu eegaa , ani kanan jedhu beelatu hammaatemoo kadhaatu jabaatee? Wayyoo Sabnikoo waan hin taane keessa seenaa jira! Nan bade.Oromoo salphanne maal wayya?!...

Gammadaa [email protected]

Guddina dimokiraasii Itoophiyaa: dimimmisa

irraa gara cillimoottiMilkeessaa Miidhagaa,

Kaadhimamaa PhD, Kolleejjii Seeraafi Bulchiinsaa, Yunivarsitii Finfinnee.

Barruun gabaabduun kun filannoowwan bara 1991 hanga har’aatti ta’an sakatta’uun, guddinni dimokirasii Itoophiyaa waggoota digdamii afran darban keessa ta’e dimimmisa irraa gara cillimmoot-ti ta’uu isaa agarsiisa. Itoophiyaan ammayyaa kun kan isheen ijaar-amte dhuma bardhibbee 19ffaa (1880-1900) humna waraanaatiini. Impaayera waraanaan walitti qabamtedha. Waraanni warra Abisi-iniyaa gargaarsa qawwee warra Awurooppaa irraa argataniin sab-oota mootummaa mataa isaanii qaban Laga Abbayyaa gaditti lafa ofiirra turan weeraruun bakka addaa addaatti duguuggii sanyii erga raawwatanii booda impaayerri kun ijaaramteetti (Teshale Tibebu, 1994; Asafa Jalata, 2005). Hubadhaa, bara armaan olitti caqasame kana dura saboonni hunduu bulchiinsa mataa mataa isaanii qabu ture. Kanaafuu, hundeen hawaasummaa ijaarsa biyya kanaa wal-qixxummaa sabootaa utuu hin taane walcaalmaa sabootaati, wal-caalmaa afaaniiti, walcaalmaa aadaati, walcaalmaa eenyummaati, walcaalmaa amantiiti, walcaalmaa namummaati: gita-bittaadha.

Erga waggaa 120n har’aa humnaan gadi suuqamtee, sirni nafxenyaa jiruufi jireenya saboota biyya kanaa, keessattu saba baldhaa biyy-attii kan ta’e Oromoo garmalee gaaga’e. Sirna suukkanneessaa sana keessa erga darbitee booda impaayerri kun bara 1991 harka Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI) galte. ADWUIn loleetu Dargii irraa aangoo siyaasaa humnaan fud-hate. Dhaabni aangoo qabate kun dhaabilee lakkoofsaan gara 25 ta’an ABO dabalatee “Konfiransii Adoolessaa” jedhamuun waama-mu bara 1991 gaggeessuun Chaartara Mootummaa Ce’umsaa rag-gaasisan. Manni Marii Mootummaa Ce’umsaa teessoo 87 qaba. Teessoo kana keessaa ADWUIn walumaa galatti 32 yoo qabaatu, ABO teessoo 12 qaba, paartileen hafan immoo teessoo tokko ykn lama ykn sadii akka isaan geessetti argataniiru. Hubadhaa, tees-soo 87 keessaa ADWUI teessoo 32 qofa qaba. Mootummaa kan ijaarrate ADWUI ta’us paartileen kaanis aangoo garaa garaa hanga ministeerummaatti qooddatanii ture (Asnake Kefale, 2009). Waxabajjii bara 1992 filannoon mootummoota naannoof ta’e. Filannoo kana irratti paartileen 25 jenne baay’ee isaanii dhuk-keetu irraa ka’e. Paartileen akka ABOfi Qindoomina Dimokiraata-waa Uummattoota Kibbaa (SPDC) waluma jalaan Mootummaa Ce’umsaa keessaa bahuu isaanii ibsani. ADWUI naannolee ir-ratti kophaasaa dorgomeetu mootummaa ijaarrate. Bara 1994 Heera Biyyattii akka raggaasisaniif Gumiin Heeraa filatame; filan-nichis dhimma ADWUI qofa ta’e. Heerris ni ragga’e; impaayerat-tiinis maqaa federaala jedhu argatte. Caamsaa bara 1995 Filan-noon jalqabaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa (HoPR)tiif godhame. Paartileen mormituu tokko tokko keessaa bahani-yyuu, ADWUI fi Miiltoleen isaa teessoo 547 keessaa teessoo 471 mo’atani. Teessoon 75 harka paartilee addaa addaa gale. Fak-keenyaaf Addi Bilisummaa Biyoolessa Ogaaden (ONLF) tees-soo sadii, Addi Tokkummaa Bilisummaa Oromoo teessoo 4 mo’achuun paarlamaa galani. Paartileen kaanis fuufunaannatan.

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 9

Labsiin magaalota Oromiyaa "maaster pilaanii qindaa'aa" jedhamu sanaaf haal-duree mijeessa

Yoomiyyuu Mul'ataarraa [email protected]

Bara 2014 maaaster pilaaniin, kan namoonni "master killer'' ittiin jedhan sun hojiirra ooluuf yogguu jedhu lubbuu namoota baay'ee galaafate.

Dhimmicha maaster pilaanii kanaaf kaadi-roonni naannoo Oromiyaallee keessummaa turan. Kanaafuu itti cichanii falman jedha-ma. Xoobbeewwaan waa'ee addunyaa kanaa quba hin qabnee kaasee hanga manguddoo gadamoojiitti wareegamni lubbuu kaffalame. Shamarraan keenya barachuuf galaa guduuf-fatanii manaa bahan gamoorraa furguuggifa-manii galaafatamanii reeffa isaanitu warraaf kenname. kaan barnootarraa ari'atamanii jiru. Dukkanni gaashiree mootummaa biyyattii ijoollee Oromoo lakka'aanii itti bahuun hin danda'amne sababuma pilaanii kanaaf dhi-dhimsee jira. lafeen ilmaan Oromoo danuun hanxa'ee hurraa'ee qoraan ta'eera. warri sababa dhimma sanaan arii'atamanii gammoojjii biyy-oota adda addaa keessatti dhumanis lakkoof-sa hin qaban. Wareegama lubbuu kaffalame miidiyaaleen adda addaafi Qeerroon akka gabaastetti lakkoofsaan torbatama darbee jira. boris, iftaanis hanga saamichi sun dhaabba-tutti qabsoon ilmaan Oromoo jabaatee itti fufa.

Maaster pilaaniin qindaa'aa jedhamu kun Oromoof rakkoo akkamii qaba gaaffii jed-huuf hayyoonni Oromoo xiinxala armaan ga-dii lafa kaa'u. Inni duraa pilaanichi hanguma babal'ataa deemuun dachee Oromoo bak-ka lamatti addaan qooduu danda'a. Gaafas Oromiyaan Bahaafi Dhihatti addaan qoo-damti jechuudha. sababni isaa lafa pilaan-ichaan daangefame keessa kan qubachiifamu saba biraati. Sabni achirra qubatu sun im-moo eenyummaa Oromoo qabatee qubata osoo hin ta'iin eenyummaa matasaa waliin dachee sana dhaala jechuudha. Akka pilaanii kanarraa xiinxaluu dandeenyutti Oromiyaan Kaabaan naannoo Amaaraatti, KIbbaan im-moo naannoo sabaafi sab-lammootaafi Uum-matoota kibbaatti cituu dandeessi jechuudha.

Rakkoo inni guddaafi ijoon immoo waa’ee eenyummaati. Babal’inni magaalaa armaan dura turanis kan amma labsiidhaan itti deemaa jiranis saba biraa kan qubachiisan-idha. Hanguma magaalli babal’ataa adeemu Oromoon lafasaa dhabaa deema. sababni isaa kan laficha dhaalu saba biraati. Sabichi dhu-fee lafa sanarra qubatu immoo aadaa, see-naafi duudhaa matasaa qabatee dhufa. kana jechuun Oromoon aadaa, afaan, seenaafi du-udhaasaa waliin lafasaa gadhiisa jechuudha.

Rakkoo guddaa inni dabalataan ka'u dhimma diinagdeeti. Oromoon lafti-saa labsiidhaan irraa fudhatame haa hafuutii armaan duras osoo labsii itti hin baasiin laftisaa hedduu irraa fudhatamee jira. Dur bara abboota isaanii humnaan Oromoo magaalaa keessaa arii'anii uummata mataasanii qubachiisaa turan. kanaafuu magaal-onni Oromiyaa baay'een isaanii yeroo ammaa kana bullukkoo Habashummaa haguuggatanii kan jiraniif. Erga labsii-wwaan akka liiziifaa dhufaniii immoo waan addaa argaa jirra. Lafti oromoo yeroo irraa fudhatamu beenyaan ga-han akka hin kaffalamne beekamadha. Namni tokko ( keessattuu qonnaan bulaan )erga laftisaairraaa fudhata-mee maal ta'uu danda'a waan jedhu timaamuun nama hin rakkisu. Lafti inni qabu irraa fudhatameera. Ittiin jiraachuuf beenyaan kaffalamte hahaa miti. Kanaafuu abbicha lafasaa ir-raa fudhateef karra warshaa yookaan mana jireenyaa eeguuf dirqama jechu-udha. Ijoolleen yookaan maatii nama lafa dhabe sanahoo maal ta'u isa je-chuuf ammas haqa jiru lafa kaa'uu ni danda'ama. hojjetaa nama lafa dhaal-eefi dafqaan bulaa ta'u yookaan biyya arabaatti godaanu ( yoo carraa arga-tan ). Ta'uu baannan gammoojji biyya ambaatti irbaata allatti ta'u jechuudha.

Gara ijoo dubbii barreeffama ka-naatti isin haa deebusu. Gidduu kana "caffeen oromiyaa labsii haaraa baaseen haal-duree maaster pi-laanii qindaa'aa finfinneefi godina adda oromiyaa naannawaa finfinnee mijeesee" jedha gumgummiin ha-waaasa bal'aa keessaa burqaa jiras. Keessumattuu labsii kana jalatti kee-wwattota tumaman keessaa balaa guddaa kan qaban keewwata sagal ( walitti makamiinsa magaalotaa ), kewwata kudhan ( jijjiirraa maqaa magaalaa ) fi keewwata shantamii sa-gal ( waa'ee pilaanii magaalaa ) dha.Mata dureen labsichaa akkas jedha "labsii magaalota mootummaa naan-noo oromiyaa hundeessuuf bahe lakk. 65/1995 irra deebi'uun fooyyes-suuf bahe, labsii lakk. ____/2008"Mee keewwata sagal irraa haa jalqab-nu "walitti makamiinsa magaalotaa". Keewwata 9(1) "kenna tajaajilaafi ho-jiiwwaan bulchiinsaatiif mijaa'aadha jedhamee kan itti amaname yoo ta'e fedhiifi waliigaltee jiraattotaa irratti hundaa'uun..... Magaalota daangaa waliirra jiran walitti makuun ni danda'ama. Keewwata 9(2) murti-in kennamus qaamni kamiyyuu hojiirra oolchuuf dirqama qaba.

Akkuma keewwaticharraa hubachuu dandeenyutti magaalota daangaa walirra jiran walitti makuun aan-goo jiraattotaati. Magaalli kan walitti makamu fedhiifi waliigaltee jiraatto-taa irratti hundaa’uudhaan akka ta’e tumaan kun mul’isa. Armaan olitti ibsuu akka yaaletti magaalaa Oromi-yaa keessa eenyufaatu jiraata isa jedhu ilaaluun barbaachisadha. Uummanni Oromoo durii kaasee mootum-mootaa abbaa irreetiin magaalaa keessaa dhibamee akka bahu taas-ifamaa turee jira. Ammas taanan warruma yeroo sana magaalaa kees-sa qubachiifatetu sanyii mataasaatii babal’ifatee magaalaa keessa jiraataa jira. Dhibba durii kaasee Uummata Oromoo irratti adeemsifamaa tureen, yeroo ammaa kana immoo Oromoo sochii diinagdee magaalaa keessatti adeemsifamuu ala akka ta’u godha-mee jira. Sochii diinagdee magaalaa keessatti adeemsifamu keessatti kan qooda fudhachuu hin dandeenye im-moo waan lama qofa gochuuf dirqa-ma. Yookaan magaalaa sana keessaa qarqaratti bahuu. Yoo kana tahuu baate immoo ergama warra biraa ta’ee magaalaa keessa jiraata. Namni diinagdeedhaan dadhabe immoo dhibbaa kamuu taasisuuf humna hin qabu. Haala qabatamaa amma jiruu-nis Magaalota Oromiyaa sochiin diinagdee bal’inaan keessatti mul’atu keessaa Oromoon dhiibamee bahee jira. Yoo jiraates sochii diinagdeen ala ta’ee waan jiruuf sagaleen isaa magaalaa keessatti hin dhagahamu.

Kana waliin walqabateeti labsiin kun fedhiifi waliigaltee jiraatto-ta magaalaa yeroo jedhu fedhiifi waliigaltee sana keessaa Oromoon qooda hin qabu. sababni isaa Oro-moon magaalaa keessaa baafamee waan jiruuf. Fakkeenyaaf, magaalli Sabbataa magaalaa Finfinneetti makamuu barbaaddi haa jennu. Magaalaa Sabbataas ta'e magaalaa Finfinnee keessa qubatee kan jiru immoo saba biraati. kanaaf, labsiin magaalota Oromiyaa keewwatni 9(1), (2) fi keewwatni 10(2) mirga guutuu erga jiraattotaaf kennee, mirgi sun kan Oromoo osoo hin ta-hiin kan qubatootaa ta'a jechuudha. Muraa labsii kanaa jalatti keewwat-ni 10(1) immoo akkana jedha- "jijji-irraa maqaa magaalaa:- jijjiirraan maqaa magaalaa kan taasifamu fe-dhiifi waliigaltee jiraattota magaal-ichaa irratti hundaa'ee mana maree magaalaa dhimmichi ilaallattutti dhiyaatee yoo murtaa'eedha". jiraattotni magaalaa daangaa wal-irra jiran akka walitti makamaniif fedhiifi waliigaltee taasisan haa jen-nu. Kana booda maqaa magaalota walitti makamanii jijjiiruuf aangoo guutuu qabu jechuudha. Jiraat-totni magaalota Oromiyaa keessa jiraatan armaan dura osoo labsiid-haan hin eeyyamamiinis akka bar-baadanitti maqaa ofii barbaadaniin waamaa turaniiru. Amma immoo aangoo dabalataa waan argataniif waanti duubatti isaan deebisu tok-kollee hin jiru. Maqaan Mogga'us kan Oromoo ilaallatu akka hin taane tilmaamuun nama hin rak-kisu. "Armaan durayyuu quba naciniinte, amma erga kana argat-tee morma nakutuu keeti" jedhe namtichuu. Oromoon kan Fin-finnee karaa deebifatuu dhabee osoo boo'uu aggammii biraa dhagahachuunsaa rakkoo addaati. Kutaa sagalfaa tumaa labsii kanaa jalatti ”waa'ee pilaanii magaalaa-tu" tumamee jira. keewwata 59(2) jalatti ”adeemsa qophii pilaanii keessatti magaalotni qajeeltow-wan bu'uuraa, qajeelfamootaafi sadarkaalee qophii pilaanii naan-nichaafi kan mootummaa Fed-eraalaa kabajuuf dirqama qabu" kan jedhutu tumamee jira. Adeemsa qophii pilaanii kees-satti magaalotni qophii pilaanii Mootummaa Federaalaa kabajuuf dirqama kan jedhu labsii kana keessaa fudhannee haa ilaallu.Bara darbe, 2014 dhimma "Maaster pilaanii qindaa'aa Finfinneefi Go-dina Addaa Naannawaa Finfinnee" ilaalchisee magaalaa Adaamaatti wayita mariin adeemsifame mormii cimaan tokko mudatee ture.

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 10

11

Mormii mudate sanatti kan gubate qondaalli mootummaa tokko “jaallatanis jibbitanis maaster pilaaniin kun hojiirra nii oola” jechuun dhaadate. Ergasii lubbuu danuutu rasaasan nyaatame. Xiqqoo ture erga dubbiin sun akka qabbanaa’uu ta’ee dhimma sana itti jiraachuu isaanii beek-sisuuf fakkaata qondaalli kan biraa (Abbay Tsa-haay) “warreen pilaaniin kun akka lafarra harki-fatu godhan iddootti galu” jechuun dhaadannoo dhageessise. Doorsisni akka kanaa humnaan itti deemuu akka danda’an mul’isuuf jedhame. Haa ta’u malee, akka yaadametti Oromoon mirgasaa dabarsee waan kennuu dideef karaa jijjiirata-nii dhufan jechuudha. Mormii kana dahannoo labsiitiin salphaatti bira darbuuf fakkaata kan mootummaan naannoo Oromiyaa Yaa’ii Caffee Adaamaatti taa’een kan labsii kana raggaasise. Lab-sichi Maaster pilaanii jedhamu sanaaf haal-duree mijeessa kan jechisiisu immoo keewwata sadeen armaan olitti ilaalledha. keessattuu keewwatni 59(2), “magaalli kamuu qophii pilaanii mootum-maa naannichaafi federaalaa kabajuuf dirqama qabu” waan jedhuuf mootummaan federaalaa pilaanii akka barbaadetti baasee magaalotni akka hojiirra oolchaniif dirqisiisuu danda’a jechuudha. Sababni biraa labsiin magaalota mootum-maa naannoo Oromiyaafi maaster pilaaniin qindaa'aa sun hidhata qabu yookaan haal-duree waliif mijeessu jechisiise immoo erga Caffeen Oromiyaa labsii magaalota mootummaa Naan-noo Oromiyaa hundeessuuf bahe raggaasisanii leenjiin bifa haaraa ta'een qophaa'ee namootni sadarkaa itti gaafatama adda addaarra jiran leenjii sana fudhachaa jiraachuu isaaniiti. Tor-banoota darban kana keessa Soodareefi Magaal-aa Hawaasaatti leenjii kun kan kenname yoo ta'u:_ Qabiyyeen leenjichaafi ibsi kennamaa jiru kun maxxansa itti aanu keessatti akka isi-niif dhiyaatu gamanumaan waadaa isiniif seena.

FALMII QAALA’INSA JIREENYAA Yoomiyyuu Mul'ataarraa

[email protected]

Wiixata dhimma tokkotu manaa nabaase. Fuulakoo golboo sanallee sirnaan osoo hin dhiqatiin bishaan maqumaaf itti facaaseen sussukaa bahee qajeele. Hangaan geejiba ar-gadhutti sardameen jira. Ganama barii sanaan osoo qaamni dafqa natii-fuu daandii geejibaatti bahe. Gee-jiba argadhee bakkaan deemuu bar-baadu dafee dhaqqabuufan ture. Hin milkoofne. Namoota hedduutu hiri-irarraatti timee geejiba eeggachaa jira. Geejibni garuu hin jiru. Carraa biraa hin qabu. Filannoonkoo hiriira sanatti makamuudha.Humnaa ol muddamee waanan jiruuf hangaan geejiba argad-hutti ijakoo asiifi achi facaasaan jira. Fuuldurakoo ga’eessa tokkoofi dar-gaggeessa maddii shunturaa tok-kotu hiriiree jira. Kana gidduutti sa-galeen ‘amma yoomiitti’ jettu gurra keessa ‘xoph’ najette. Keessikoos ‘amma yoomiitti’ jechaa waan tureef qalbiinkoo dhimma jara lamaaniif gurra waan ergise natti fakkaata. Ee-ssaa akka jalqaban hin beeku malee falmiin isaanii waa’ee rakkoo uum-mataa fi qaala’insa jireenyaa ta’uusaa hubadheen jira. Dabaree argachuuf yoo xiqqaate gara sa’a tokkoo eeg-nee jirra. Falmiin jara lamaanii sirri-itti nahawwatee waan jiruuf dhimma na’ariifachiisu sana akka dagachuu ta’eera. Akkuma akkasaatti dabareen keenya gara geejibni jirutti dhihaachaa deeme. Amma yaaddoonkoo dhimma manaa nabaaseef ariifachuu osoo hin tahiin teessoon geejiba kanaa jara lamaan kanarraa adda nabaastii laat-adha. Carroomeera. Jarri lachuu gara dudduubaa taa’an. Anis teessoo nama afuriif taatu keessaa nama sadaffaa ta’een jara sana waliin taa’e. haasaan isaanii hawwataadha. Haasaa isaaniitti makachuu barbaadeen “maal kun jar-jartuun naan jedhuu laata” jedheen cal-lisee dhaggeeffachuu filadhe. Ka’umsi keenya magaalaa Buraayyuu ture. Gara magaalaa Finfinnee deemaa jir-ra. Dargaggeessichi “amma yoomiitti rakkoo qaala’insa jireenyaan gubachaa jiraannaa?”jedha. Ga’eessi sun immoo “yeroo ammaa jireenyi namootaa fooyya’ee jira”jedha. Ga’eessichi dar-gaggeessa sanaaf carraa waan laate fakkaata. Rakkoolee fi haala qaala’insa jireenyaa uummaticha mudataa jiran akka armaan gadiitti tarreesse.

Waan hundumtuu ija siyaasaan kan ilaal-amu biyyattii keessatti lammiileenshee rakkoo jiruu fi jireenyaa ulfaataadhaan rakkachaa jiru. Rakkoolee yeroo am-maa biyya kana keessatti mul’achaa jiran tokko lama osoo hin tahiin rog-mara. Akka fakkeenyatti rakkoolee hamtuu biyya kana mudachaa jiran keessaa mu-raasni:- rakkoo bu’uuraalee misoomaati. Daandiin biyyattii keessatti mootum-moolee darbaniin ijaaraman yeroor-raa gara yerootti suphamuu irraan kan hafe, akkaataa baay’ina uummata san-aan sirraa’anii daandiin haarofti ijaara-muu hin dandeenye. Kan suphamanis haala gaariin osoo hin tahiin faayidaa si-yaasaa argachuu qofa taha. Haalli ijaarsa daandii biyyaattii fi dhiyeessi geejibaa baay’ina uummataa waliin waan wal-gituu dadhabeef rakkoo cimaatu uum-amaa jira. Fakkeenyaf, baadiyaa Oromi-yaatti godina ykn Aanaarraa ka’anii gara Finfinnee dhufuuf yerootti namni daba-ree torban tokko magaalaa taa’ee eegutu jira. Magaalaa Finfinnee fi magaalaalee gurguddoo jedhaman keessattis bakkaa bakkatti socho’uuf hiriirarra sa’a 1 hanga 2 dhaabbachuun dirqama. Kunoo kana haala amma keessa jirutu nuuf mirka-neessa. Erga argattees akka meeshaatti walirratti fe’amtee deemta. Keessattuu hojjetaa mootummaa fi dafqaan bul-tootni rakkoo kanaaf daran saaxilamu.

Rakkoo inni biraan rakkoo mana jireen-yati. Waggootii 1 dura manni jireenyaa qarshii 300-500tti kireeffamaa ture ye-roo ammaa kana qarshii 1000- 1300 tti kireeffamaa jira. Kun iyyuu naannoo Finfinnee keessa yoo tahe malee Fin-finnee keessa jiraachuun gonkumaa dadhabamee jira. Kana kan taasisemoo mootummaa maqaa deebisanii haar-omsuu jedhuun magaalaa Finfinnee keessaa manneen hedduu diigee osoo iddoo hin buusin waan hafeef na-moonni gara naannoo Finfinneetti baqachuuf dirqamaniiru. Kun uum-mata rakkoo lamaaf saaxilee jira. Rak-koo geejibaa fi rakkoo mana jireenyaa.

Inni biraan rakkoo humna ibsaa fi bishaa-niiti. Magaalaa Finfinnee bakka muraasaa fi magaalota naannawwaa Finfinnee jed-haman bakka hundatti rakkooleen kun daangaa darbanii jiru. Keessattuu erga bara darbe master-pilaaniin uummataan didamee uummata kana amansiisuuf jecha waan hedduun adabaa turan.

Filannoon dhihaatee ji’a shanii fi jahatti yeroo galu rakkoolee kun waan salphatan fakkaatanii turan. Haa ta’u malee, filannoo bulee dheebuu fi dukkanni uummata kanatti hammaataniiru. Bishaan torban, torban lamaan yeroo tok-ko tokko immoo ji’atti dhufti. Ib-saan dur guyya tokkoo fi lamatti dabareen dhufu yeroo ammaa kana torbanitti achi ceheera.

Rakkoon addaa inni uummata kana mogolee buusa jiru hanqina dhiheessii zayitaa fi sukkaaraati. Sukkaarri fi zayitni mootum-maa biratti gatiin baheefii ture. Haa ta’u malee, daldalaan it-tiin tujaaruuf jecha mana isaa dhoksee harka wayyaa jalaan gatiisaa dachaatti olkaasee it-tiin tujaaraa jira. Fakkeenyaaf gatii zayitaa qarshii 71.75 ture qarshii 150.00tti. Gatiin suk-kaaraa qarshii 15.60 ture hanga qarshii 25.00 tti gurguramaa jira. Kana kan taasisu daldalaa fi qaama mootummaa dhimma sana irratti hojjetanidha. Yoo gaafataman immoo irraa hafee namni bitatuyyuu hin jiru jedhu.

Akka waliigalatti, hojii dhab-dummaa, qaala’iinsa jireen-yaa, rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa(daandii, humna ib-saa, bishaan, geejiba) fi kan kana fakkaataniin uummatni biyyat-tii sadarkaa jiraachuu dadhabu-urra gahee jira jedhee yaadasaa goolabe. Birbirsa Gooroo gee-nyee addaan baane. Ga’eessichi garaa isa hanqatee jira. Rak-koo qaala’insa jireenyaatu hin jirumoo maaliif ga’eessi kun gumgumaa nurraa adda ba-hee? Ani yaada dargaggeessi-chaa deeggareen jira. ga’eessichi yeroo dhabne malee guutum-maan guututti yaadicha falmee jira. Warri yaada nama kanaa deeggartan yookaan namni kun yoo barreeffama kana argattanii dubbiftan ragaa quubsaa waliin yaada keessan akka dhiyeeffa-tan isin affeerra. Maxxansa itti aanutti iji nagaan wal nu’argu!

Waggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 11

Labsii Magaalootaa....Fuula 10 irraa nanna’e...

Luwiis Siwaareezi Eenyu?

Kilaabii: LiveerpuuliiBakka taphaa: Taphataa fulduraaBakka Dhalootaa: Saltoo, UraagayiLammummaa: UraagayiDheerina: 181cmUmurii isaa 14 garee dargaggoota biyyaalessa biyyaa Uraagayi kan inni seene. Umurii isaa 19tti ammoo biyyaa Nezeerlandii kila-bii Girooniger jedhamu yuuroo 800,000n bitame. Biyyaa Awur-rooppaa kanatti jireenya isaati baruu dadhabee xiqqoo rakkateera haata’uu malee gargaarsa hiriyoota isaatiin wal baruu danda’eera. Siwaareziin waantootni maqaa dhoofsisaan keessa amala badaa inni yeroo taphaa dirree irratti agarsisuuni innis baayyina golii inni galche caalaa addabbii inni kardii keelloo fudhateetu irra caala jed-hama. Turtii isaa Girooniger keessatti taasiseen taphoota 29 hirire keessatti gooliwwan 10 lakkofsisee kilabiin isaa ligii Ereedivizee jedhamuu bara 2006/07tti sadarkaa 8ffaa argatee akka xumuru taasiseera. Bara 2007tti kilaabiin Ayaaksi jedhamuu yuuroo mili-yoona 7.5 waggoota shaniif mallateesisee fudhachuu danda’eera. Barri 2010 ammoo bara dandeettin Siwaarezii itti odeefameedha innis bara taphaa 2009/2010 keessati taphoota 49f hiriree gooliw-wan 48 lakkofsisuu danda’eera. Bara 2010 Kubbaa millaa Addu-nyaa Afrikaa kibbaa irratti qophaa’een biyyaa isaaf hiriruun tapha biyya Ganaa waliin taasisaan irratti balleessa balleesen kardii dii-maa argachun biyyi Ganaa rukkutaa addabbii akka argatu taasi-seera. Gara Ayaaksitti deebi’ee bara 2010-11 keessati taphoota 97 taphatee gooliwwan 74 lakkoofsisuu danda’eera. Bara 2011 qalbii kilaabi Liveerpuulii harkisuun isaanitti makamuu danda’eera. Ba-ruma sana biyyaa isaa Uraagayiif tapha Koppaa Ameerikaa jed-hamuun gooliwwwan 17 lakkoofsisuun taphataa addaa jedhamee badhaafameera. Bara 2012/13tti ammoo gooliwwan inni kilaabii Norwiich irratti haatirikii hojjetten maqaan isaa yoo olka’eyyuu balleessa fi arrabsoo sanyii inni taphataa Manchistarii Yunaayi-tidii Evraa irratti dubbateen taphoota saddeet irraa adabamuu danda’eera. Haata’uu malee kilaabii isaa waliin waligaltee isaa haareffatee itti fufuuf hin rakkanne. h t t p : / / e s p n f c . c o m / p l a y e r / _ / i d / 1 2 5 0 8 8 / l u i s -su%C3%A1rez?cc=3888

Gara olii fi gaditti lakkoofsonni 1-9 jiraan bakka duwaaa san-

duuqa sana keessa jiruutti guutuu

Fuula 12

Isidookuu

Gammadaa Olaanaatiin

BeeksisaNamootni Gaazexaa Keenya Leelloo Irratti oomishaa fi tajaajila keessan beeksifachuu barbaadan akkasumas raabsuu fi gurguruu feetan karaa lakkoofsa bilbila keenyaa nu qunnamuu dandeessu.Bilbila: 0912 10 40 67 0913 01 60 57

IspoortiiWaggaa 1ffaa Jildii 1 Jimaata Sadaasa 13,2015 12

Gazeexaan Leelloo torbaaniti yeroo hundumaa Jimaata dhaabbata maxxansaa Matimiidiyaa Wirtuun maxxanfamee kan ba’uudha