Upload
others
View
144
Download
21
Embed Size (px)
Citation preview
1
2
Hiika
Islaamaa fi
Laa Ilaah Ill-Allah
Qophii: Jibriil Abdallaa (Sammubani.com)
3
QABIYYEE
Seensa ...................................................................................................................................................... 5
Hiika Jechoota Ijoo ............................................................................................................................... 6
Tawhiida .............................................................................................................................................. 10
Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah (Tawhiida Gooftummaa)- ................................................................. 10
Tawhiidu Al-Asmaa’a wa Sifaat (Tawhiida Maqaalee fi Amalootaa)- ................................... 11
Tawhiidu Al-Uluuhiyyah ............................................................................................................................ 11
Ulaagaalee (sharxiiwwan) Laa Ilaah Illallah ............................................................................. 14
Ulaagaa (Sharxii) 1ffaa-Beekumsa ............................................................................................................. 15
Sharxii 2ffaa: Yaqiina ....................................................................................................................................... 15
Sharxii 3ffaa-Al-Qabuul (Fudhachuu) ...................................................................................................... 16
Sharxii 4ffaa: Masakamuu (Al-Inqiyaad) ................................................................................................ 17
Sharxii 5ffaa-As-Sidq (Dhugaa Ta’uu) ...................................................................................................... 19
Sharxii 6ffaa-Ikhlaasa ...................................................................................................................................... 21
Sharxii 7ffaa-Jaallachu-Al-Mahabbah ....................................................................................................... 22
Sharxii 8ffaa-Wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hundatti amanuu diduu, mormuu fi
gabbaruu irraa fagaachu ................................................................................................................................ 23
Guduunfaa ............................................................................................................................................................. 24
Islaama jechuun Maal jechuudhaa? ............................................................................................. 27
Islaama-Karaa Qajeelaa .................................................................................................................................. 33
Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata .................................................................................................. 39
Kaayyoo Shari’aa Islaamaa ....................................................................................................................... 43
Islaamaa fi Mootummaa/Siyaasaa ........................................................................................................ 44
Islaamaa fi Diinagdee .................................................................................................................................. 47
Islaamaa fi Hawaasa..................................................................................................................................... 51
Islaamaa fi Maatii .......................................................................................................................................... 54
Islaamaa fi Namoota Dhuunfaa ............................................................................................................... 57
Hiika Laa Ilaah İll-Allah-Kutaa 1 ................................................................................................... 61
4
Rukni Laa Ilaah Illallah .................................................................................................................................... 64
Hiika Laa Ilaah İll-Allah-Kutaa 2ffaa ........................................................................................... 67
Tawhiinni Arraba Qofaan Wanta Jedhamuu miti ................................................................................ 73
Tawhiinni Dhimmoota Sadiin Galma Gaha .............................................................................. 77
Dhugaa Jireenyaa Keessatti Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii İrra Oolchanii Fi Qabatan87
Hiika Ibaadaa ....................................................................................................................................................... 91
Ibaadaa ilaalchisee hubannoo hanquu fi dogongoraa .................................................................. 93
Gosoota Ibaadaa Ragaa Waliin .................................................................................................................... 95
Tawhiinni ibaadaa hundaa Rabbiif qulqulleessuudha, shirkiin immoo ibaadaa kana irraa
wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuudha. ............................................................... 111
Dhimmoota lamaan kana akkamitti galmaan geenyaa: Rabbiin malee homaa gabbaruu hin
qabnuu, homaa Isatti hin qindeessinu? ................................................................................................. 113
Wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti amanuu diduu fi mormuun akkamitti guuttamaa?... 116
Rabbii Gadiitti Wantoota Sobaan Gabbaraman.................................................................................. 116
Shirkiin Rabbiin Waliin Gabbaramaa Godhachuudha ..................................................................... 123
Akkamitti wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti kafartaa? ..................................................... 126
5
SEENSA
Bismillah jennee imala jalqabnaa
Laa ilaah ill-Allah jennee ragaa baana
Muhammadan rasulullah jennee itti guuttannaa
Hiika Laa ilaah ill-Allah beekuf Mawlaa gargaarsifannaa
Ikhlaasaa fi sadaada akka nuuf kennu Isa kadhannaa
Dhimmi hundarra barbaachisan amanti ofii sirnaan beekuu fi odeefannoo gahaa
qabaachudha. Namni amanti ofii sirnaan yoo hin beekin, dukkana jireenyaa
keessatti kufun dhama’a. Rakkoon guddaan yeroo amma Muslimoota baay’ee
muudataa jiru hanqinna beekumsa amantiiti. Rakkoon kuni sababoota adda addaa
irraa burqa. Isaan keessaa: hanqinna hog-barruu Afaan Oromootin qophaa’an,
beekumsa Islaamaa barachuu irraa garagaluun beekumsaa duniyaa irratti of
gabaabsu fi kkf.
Kitaaba xiqqaa kana keessatti haala salphaa fi hubatamu danda’uun hiikni
Islaamaa, Laa ilaah illallah, ulaagaalee jecha tanaa fi akkaataa hojii irra oolchan
ibsamanii jiru. Namni galaa Aakhirah guduunfachuu fi adabbii jalaa bahuu
barbaadu, jireenya qormaata kana keessatti wanta isarraa eeggamu hojjachuun
isarra jira. Wanti guddaan jalqaba hojjachuu qabu amanti (aqiida) ofii
sirreessudha. Aqiida ofii sirreessuuf beekumsi barbaachisaadha. Kanaafu, kitaaba
kana osoo hin hifatin suuta suutaan osoo dubbisee isaaf gaariidha. Namni
“Maxxansee namoonni akka fayyadaman nan gumaacha. Mindaa kanaa Rabbiin
irraa abdadha.” jedhus yoo jiraate, balballi banaadha.
6
Hiika Jechoota Ijoo
Laa ilaah ill-Allah sirritti beekuu fi hubachuuf hiika jechoota barbaachisoo beekun
karaa laaffisa. Osoo hiika jechoota kanniini hin beekin takkamaan Laa ilaah ill-
Allah hiikutti yoo seenne hubannoo quubsaa osoo hin argatin hafna. Jechoota
armaan gadi haala salphaan akka hubatamaniif jalqaba akka lugaatti, itti aansine
akka shari’aatti ni ilaalla. Akka lugaatti yommuu jennu jecha Afaan Arabiffaa
keessatti beekkamudha. Shari’aan immoo jecha kanatti seeraa fi ulaagaalee kaa’un
hiika jecha kana ni bal’ise. Fkn, akka lugaatti salaata jechuun kadhaa (du’aayi)
dha. Garuu akka shari’aatti dhaabbata, ruku’a, sujuuda, zikrii fi seerota biroo kan
of keessaa qabuudha. Kanaafu, namni Islaama sirritti hubachuuf jalqaba jecha
akka lugaatti beeku, ergasii akka shari’aatti beeku isa barbaachisa.
Akka lugaatti: Islaama-jechuun Rabbii Tokkichaaf harka kennu, buluu fi Isaaf gadi jechuudha.1
Musliima-jechuun nama Rabbiif harka kenne, bulee fi Isaaf gadi jedhuudha.
Iimaana-jechuun dhugoomsu fi amanuudha.- (Ingiliffaan "iimaana-belief, faith")
Mu’mina- jechuun nama amanee. -(Ingiliffaan "Mu'mina-Believer")
Ihsaan-tola oolu
Ibaadaa-jechuun gadi jechuu fi of gadi qabuu- (Ingiliffaan "Ibaadaa-worship")
Tawhiida-tokkichoomsu (monotheism)
Kufrii- amanuu diduu, mormuu fi qananii waakkachuudha. Kufriin faallaa
iimaanati. Ammas kufriin faallaa “shukrii (galata galchuuti)”2 Ingiliffaan kufriin
"Disbelief" jedhama.
Kaafira-nama amanuu dide, mormuu fi qananii Rabbii olta’aa waakkatuudha.
Shirkii- jechuun walitti qindaa’u. Faallaan isaa tokkicha ta’uudha. Shirkiin
hiikota armaan gadiitiif itti fayyadaman: walitti makamu, walitti hiriyyoomu,
waliin hirmaachu (waliin qooda fudhachuu).
Hayyuun lugaa Arabiffaa ibn Faaris ni jedha: Ash-Shirkatu- wanti tokko wantoota
lama jidduutti ta’uudha, lamaan keessaa tokko kophatti wanta kana hin fudhatu.
(Lamaanu wanta kana keessatti waliin qooda fudhatu.) Ni jedhama: Shaaraktu
fulaanan fii shey’in-kana jechuun wanta tokko keessatti ebaluun waliin hirmaadhe.
1 Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 206, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii 2 Madda olii-fuula 675
7
Ashrakta fulaanan- (ebaluun hirmaachiste.) kana jechuun qooda kan fudhatu
(hirmaataa) taasiste.
Akkasumas, jecha shirkii jedhu hiika “wal-qixxeessu” jedhufis itti fayyadamu. Ibn
Munzir ni jedha: Xariiqu mushtariku-kana jechuun karaan nama hundaafu wal
qixa.3 (Namni hunduu karaa kana irra deema.)
Akka shari’aatti:
Shirkii jechuun akkuma Rabbiin gabbaran uumama (makhluuqa) gabbaruu,
akkuma Rabbiin ol-guddisan uumama ol-guddisuu, akkuma Rabbiin jaallatan
uumama jaallachuu, akkuma Rabbiin kadhatan uumama kadhachuu, akkuma
Rabbiif sagadan uumamaaf sagaduu fi gosa ibaadaa biroo uumamaaf gochuu
yookiin amala Rabbii qofaaf ta’e wanta biraatiif gochuudha. Fkn, Wanta hundaa
beekun, waa hundaa irratti danda’aa ta’uu fi wanta fedhe “ta’i” jedhee
argamsiisuun amaloota Rabbi qofaaf ta’uudha. Namni amaloota kanniin wanta
biraatif godhe shirkii hojjatee jira. “Ebalu wanta hundaa ni beeka, ebalu wanta
fedhe hojjata.” jedhe amanuun shirkiidha.4 Jecha shirkii jedhuuf hiika lugaati fi
hiika shari’aa jidduu hariiroo maalitu jira jedhamee yoo gaafatame, akkana
jechuun ni danda’ama: “Namni shirkii hojjatu (mushrikni), haqa Rabbii keessatti
wanta biraa hirmaataa Isaa godha. Kanaafu, “Wanta kanaaf haqa Rabbiif qofa
ta’e irraa qoonni ni jira.”5 jedhee namni kuni amana. Shirkiin faallaa tawhiida
(tokkichoomsuti). Gara funduraatti in sha Allah bal’innaan ilaalla.
Ingiliffaan “shirkii”- “Associating partners with Allah, polytheism” jechuun
hiikan.6
Namni shirkii hojjatu Mushrik jedhama. Ingiliffaan: polytheist jedhama.
Akka shari’aatti: Islaama
الإسلام هو الإستسلام لله بالتوحيد والإنقياد له بالطاعة والبراءة من الشرك وأهله
3 Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 113-115, Abu Bakr Muhammad Zakariya 4 Madda olii-fuula 119
5 Madda olii-fuula 116
6 https://www.almaany.com/ar/dict/ar-en/%D8%B4%D8%B1%D9%83/
8
“Islaama jechuun tawhiidaan Rabbiif harka kennu, ajajamuun Isaaf
masakamuu, shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa qulqullaa’udha.”
“tawhiidaan Rabbiif harka kennu” jechuun gabrichi Rabbiin tokkichoomsu fi Isa
qofa gabbaruun Isaaf harka kennu. “ajajamuun Isaaf masakamuu” jechuun wanta
Rabbiin ajajee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu. “shirkii fi warra shirkii
hojjatan irraa qulqullaa’u.” Jechuun shirkii irraa bilisa ta’uu fi fagaachu. Shirkii
irraa qulqullaa’un warra shirkii hojjatan irraayis akka qulqullaa’an barbaachisa.7
Islaamni utubaalee (arkaana) shan qaba. Isaaniis:
1. Laa ilaah ill-Allah Muhammadan rasulullah (Dhugaan gabbaramaan
Rabbiin malee hin jiru, Muhammad Ergamaa Rabbiiti)” jedhenii ragaa
bahuu.
2. Salaata sirnaan salaatu
3. Zakaa kennu
4. Ji’a ramadaanaa soomu
5. Namni hajju danda’u hajjii hajjuu
Hiika Islaama ilaalchise kutaa itti aanu keessatti ragaa waliin bal’inaan ilaalla.
Musliima jechuun nama Rabbiif harka kenne, buluu fi ajajamuudha.
Akka shari'aatti iimaana:
بالجوارح إعتقاد بالقلب وقول باللسان وعمل Iimaana jechuun “qalbiin amanuu, arrabaan dubbachuu fi qaamoleen hojii
hojjachuudha.”8
Iimaanni utubaalee (arkaana) jaha qaba. Isaaniis:
1. Rabbii olta’aatti amanuu
2. Malaykoota Isaatti amanuu
3. Kitaabban Isaatti amanuu
4. Ergamtoota Isaatti amanuu
5. Guyyaa Aakhiraatti amanuu
7 Sharih salaasatu usuul-fuula 68-69, Ibn Useymiin
8 Madda olii fuula 79, Explanation of the Three Fundamental Principles of Islaam, fuula 9, 65, Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 76, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii,
9
6. Qadaratti (wanta Rabbiin dursee murteessetti) amanuu
Utubaalee kanniin takka takkaan ilaaluuf barruu tana dubbisuun ni danda’ama:
https://www.sammubani.com/2019/01/20/guduunfaa-iimaanaa/#.XiC__sj7TIV
Mu’mina jechuun nama utubaalee iimaanaa jahan armaan olitti shakkii tokko
malee dhugaan amanee fi hojii gaggaarii itti ajajame hojjatuudha.
Islaamni fi iimaanni wal keessa seenu. Yeroo garii hiikni isaanii tokko ta’a. Yeroo
garii immoo gargar ta’a. Islaamni fi iimaanni bakka tokkotti yoo dhufan, yeroo
kanatti iimaanni qalbiin amanuu fi hojii qalbiiti. Islaamni immoo dubbii fi hojii
alaa qaamoleen hojjataniidha. Fakkiin armaan gadi kana hubachuuf nama gargaara
Islaamaa fi iimaanni bakka garagaraatti yoo dhufan immoo hiikni isaanii tokko
ta’a. Lamaan isaanitu hundee fi damee amantii guutuu, dubbii fi hojiwwan
keessaa fi alaa of keessatti qabatu. Bal’innaan barruu tana dubbisuun ni
danda’ama: https://www.sammubani.com/2018/06/09/islaama-fi-
iimaana/#.XiC2ksj7TIU
Ihsaanni tola ooludha. Faallaan isaa “Hamtuu (wanta badduu) hojjachuudha”
Ihsaanni waa lama of keessatti qabata:
1ffaa- Ibaadaa bareechisanii sirnaa fi qulqullinnaan hojjachuu. Ihsaana kana
ilaalchise, Ergamaan Rabbii (SAW) ni jedha: Akka waan Isa argituutti
Rabbiin gabbaruudha. Osoo ati Isa arguu baatteyyuu dhugumatti Inni si
10
arga.” Sahih Muslim 8 a Geengoo armaan olii keessatti ihsaanni barbaadame
ihsaana gosa kanaati.
2ffaa-Gabroota Rabbiitti tola oolu-kan akka qabeenya isaaniif kennu, beekumsa
isaan barsiisu, isaan gorsuu, toltutti ajajuu fi badduu irraa dhoowwu, fi kanneen
biroo.
Akka shari’aatti kufrii:
الكفر هو كل إعتقاد أو قول أو عمل ينافي الإيمان“Kufrii jechuun amanti yookiin dubbii yookiin hojii hunda iimaana
faallessuudha.” Damee fi sadarkaa adda addaa qaba.
Yookiin kufrii jechuun amanuu fi dhugoomsu diduudha. Kufriin faallaa iimaanati.
Akkuma duratti jenne iimaana jechuun Rabbitti, malaykoota, kitaabban Isaatti,
Ergamtootatti Isaatti, Guyyaa Aakhiratti, qadaratti dhugaan amanuu fi ifaa fi
dhoksatti wanta Nabiyyiin (SAW) fide hojii irra oolchudha. Kufriin amanti ykn
hojii ykn dubbii irraa wanta iimaana kana faallessuudha. Hundeen kufrii Rabbii
olta’aatti amanuu diduudha.9
Tawhiida
Jechi “Tawhiid” jedhu xumura, wahhada, yuwahhidu jedhu irraa kan
fudhatameedha. Wahhada jechuun tokkichoomse, tokkicha godhe jechuudha.
Akka shari’aatti tawhiida jechuun Zaataan, sifaataa fi hojiin Tokkicha ta’uu
amanuu fi dhugoomsu waliin ibaadadhaan Rabbiin tokkichoomsudha.”10
Gosoota tawhiida sadan yoo kaasne wanti armaan olii caalatti ni hubatama:
1ffaa- Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah, 2ffaa-Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat, 3ffaa-
Tawhiidu al-uluuhiyyah
Tawhiidu Ar-Rubuubiyyah (Tawhiida Gooftummaa)- jechuun wantoota
hundaa Kan uumu, sooru, jiraachisu, ajjeesu fi qindeessu Rabbiin qofa akka ta’e
amanuudha. Akkasumas, hojiwwan Isaa kanniin keessatti shariika (kan Isa
9 Madda olii-fuula 676 10 Sharih Taxhiiril Janaani wal arkaani an darani shirki wal kufraani-fuula 19
11
waliin qooda fudhatu) akka hin qabne mirkaneessudha.11 Gabaabumatti
hojiwwan Isaatiin Rabbiin tokkichoomsudha. Fakkeenyaf, Inni Uumaa, rizqii
Kan kennu ta’uu amanuu.
Tawhiidu Al-Asmaa’a wa Sifaat (Tawhiida Maqaalee fi Amalootaa)- gara hundaan amaloota gugguutuu fi gaggaariin kan guuttame Rabbii Tokkicha
qofa akka ta’ee amanuudha. Ammas, fakkaataa akka hin qabnee fi amaloota
hanquu hundarraa qulqulluu akka ta’ee amanuudha. Gara hundaan amaloota
guutuu Kan qabuu fi amaloota hanquu hundarraa qulqulluu kan ta’e Rabbii olta’aa
qofa.
Gosoota tawhiida lamaan kanniin sammubani.com irratti bal’innaan ilaalle jira.
Tawhiidu al-asmaa’a wa sifaat jalatti maqaalee Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa
sifaata of keessaa qaban 20 ol ilaalle turre. Ibsa Maqaalee hundaa barreessuuf
yeroon nutti gabaabbate. Boqonnaalee (suuraalee) Qur’aanaa yommuu ibsinu achi
keessatti maqaalee hafan waan hubannuuf gara gosa tawhiida sadaffaatti ce’uu
barbaanne.
Tawhiidu Al-Uluuhiyyah– jechuun “Ibaadaa keessatti Rabbiin
tokkichoomsuu fi amantii Isaaf qulqulleessudha.” Hiikni tawhiida kanaa jecha
“Laa Ilaah ill-Allah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)” kan
jettuudha.12
Ammaan booda hojiin keenya tawhiida gosaa kanaa sirritti hubachuudha.
Tawhiida gosa kanaa sirritti hubachuu jechuun hiika Laa ilaah ill-Allah fi faallaa
kanaa kan ta’e shirkii beekudha. Hubannaan namootaa garagara. Namoonni gariin
hiika jechaa yommuu ibsaniif yoosu hubatu. Gariin immoo faallaa jechaa yoo
ibsaniif maalummaa jechaa ni hubatu. Kanaafu, tooftaa hiikaa lamaan kanatti
fayyadamuun Laa ilaah ill-Allah hubachuuf ni yaalla. Mee hiika Laa ilaah ill-Allah
bal'innaan ilaalun dura tuqaalee lama ijoo haa ilaallu:
Faayda Laa ilaah ill-Allah Hojiin gaariin Rabbii olta’aa biratti fudhatama argachuuf namni Laa ilaah ill-
Allah tti amanuu fi dubbachuu qaba. Namni Laa ilaah ill-Allah tti qalbiin hin
11 https://www.sammubani.com/2019/06/19/gosoota-tawhiida-kutaa-1/#.XhogCMj7TIU 12 https://www.sammubani.com/2019/06/21/gosoota-tawhiida-kutaa-2/#.Xhop9sj7TIU
12
amannee fi arrabaan hin dubbanne hojiin isaa hundi jalaa bada. Laa ilaah ill-
Allah furtuu Jannataati. Namni furtuu tana hin qabne, Jannata seenu hin danda’u.
Bal’inaan faaydalee tawhiida jalatti waan ilaallef mata-duree kana hin
dheeressinu. Namni faayda Laa ilaah ill-Allah bal’innaan beeku barbaadu linkii
tana tuquun dubbisuu danda’a.
https://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/tawhiid-1.pdf
13
14
Ulaagaalee (sharxiiwwan) Laa Ilaah Illallah
Laa ilaah ill-Allah jedhanii ragaa bahuun furtuu Jannataati. Garuu Muslimoonni
baay’een arrabaan qofa Laa ilaah ill-Allah jechuun Jannata waan seenan isaanitti
fakkaata. Haa ta’uu malee arrabaan qofa Laa ilaah ill-Allah jechuun nagaha nama
hin baasu. Dhugumatti, munaafiqoonni “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan
akka hin jirre ragaa nan baha…” jechaa turan. Garuu Rabbiin kijibdoota akka ta’an
isaan ibse. Qilee Jahannam gadi aanaa keessa akka jiraatan dubbate.
Eeyyen Laa ilaah ill-Allah furtuu Jannataati. Garuu jecha tana jechuun ulaagaalee
murtaa’an qaba. Taabi’iin keessaa hayyuun Wahb ibn Munabbih jedhamu akkana
jechuun gaafatame: “ jechi Laa ilaah ill-Allah furtuu Jannataati mitii?” Innis
akkana jechun deebise, “Eeyyen! Furtuu Jannataati. Garuu furtuun hunduu ilkaan
qabdi. Furtuu ilkaan sirrii qabdu yoo fidde, balballi siif banama. Yoo ilkaan sirrii
hin qabaatin immoo balballi siif hin banamu.” Ilkaan kuni ulaagaalee
(sharxiwwan) Laa ilaah ill-Allah ti. Namni Laa ilaah ill-Allah jedhu ulaagaalee
kanniin yoo qabaate, balballi Jannata isaaf banama. Mee ulaagaalee kanniin
Qur’aanaa fi hadiisa irratti hundoofne haa ilaallu. Laa ilaah ill-Allah sharxiwwan
saddeet qaba. Isaanis: Beekumsa, yaqiina, fudhachuu, masakamuu, sidq (dhugaa
ta’uu), ikhlaasa, jaallachuu fi wantoota Rabbiin alatti gabbaraman
mormuudha. Mee ulaagaalee (sharxiwwan) kanniin ragaa waliin haa ibsinu:
15
Ulaagaa (Sharxii) 1ffaa-Beekumsa Namni yommuu Laa ilaah ill-Allah jedhee ragaa bahu, hiika Laa ilaah ill-Allah
beeku qaba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre beeki! Dilii
keetifis [Rabbiin] araarama kadhu, mu’mintoota dhiiraa fi dubartootaafis
[kadhu].” Suuratu Muhammad 47:19
Namni yommuu Laa ilaah ill-Allah jedhee ragaa bahu, wanta kalimaan (jechi)
Laa ilaah ill-Allah mirkaneessitu fi dhabamsiistu beeku qaba. Hundemaa “ragaa
bahuu (shahaada)” jechuun wanta beekanii fi itti amanan beeksisuudha. Namni
wanta tokko yoo hin beekin akkamitti ragaa bahuu danda’aa? Ragaan beekumsa
irratti hin hundoofne fudhatama hin qabu. Kanaafu, namni waa’ee Laa ilaah ill-
Allah sirritti beeku qaba. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: " دخل الجنة من مات وهو يعلم أنه لا إله إلا الل "
“Namni dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre osoo beekuu du’e
Jannata seene.” Sahiih Muslim 26
Kana jechuun namni “Laa ilaah ill-Allah” sirritti beekee fi itti amanee du’e
Jannata seene.
Sharxii 2ffaa: Yaqiina Yaqiina jechuun shakkii tokko malee dhugaan amanuu fi mirkaneessudha.
Yaqiinni faallaa shakkiiti. Ingiliffaan certainty, Amaariffaan irgixanyinat
jedhama. Namni yommuu Laa ilaah illallah ragaa bahu dhugaan itti amanu qabu.
Kana jechuun Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre hidda qalbii
irraa dhugaan amanuu fi mirkaneessu qaba. Shakkiin qalbii keessa yoo seene,
jechi Laa ilaah illallah nama hin fayyaddu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
mu’mintoota (warra dhugaan amanan) akkana jechuun ibse:
م ﴿ ين ٱلمؤمنون ٱاإن نوا ل ء ام ٱب ر سوللل دوا ي رت ابوا ل مثمۦو ه ج و لهم مو
نفسهمبأ
أ بيلفو هٱس ئك لل ل و
دقون ٱهمأ ﴾١٥لص
“Mu’mintoonni warroota Rabbii fi Ergamaa Isaatti amananii ergasii hin
shakkine, qabeenya isaaniitii fi lubbuu isaanitiin karaa Rabbii keessatti
16
qabsaa’aniidha. Isaan sun isaanumatu warra dhugaati.” Suuratu al-Hujuraat
49:15
Faallaa kanaa munaafiqonni warra qalbiin isaanii shakkitu akka ta’an akkana
jechuun ibse:
ا﴿ إنم ين ٱذننك ي ست ل يؤمنون ل ٱب همقلوبهمرت اب تٱو لأخرٱل ومٱو لل ف يبهمف دون ر ﴾٤٥ي ت د
“[Lola irraa duubatti hafuuf] hayyama kan si gaafatu kanneen Rabbii fi
Guyyaa Aakhiratti hin amannee fi qalbiin isaanii shakkite qofaadha. Isaan
shakkii isaanii keessa deddeebi’u.” Suuratu At-Tawbah 9:45
Akkuma hayyoonni baay’een dubbatanitti shakkiin namni qalbii isaa keessatti
akka qubatu hayyamu fedhii lubbuu caalaa iimaana namaa irratti balaa guddaa
fida. Sababni kanaas, namni fedhii lubbuu guuttachuun tarii boodarra tawbachuu
fi badii kana dhiisu danda’a. Gara biraatin immoo hanga namni dhumarratti
Islaama keessaa guutumaan guututti bahuutti shakkiin qalbii keessatti lixuu
danda’a. Yookiin yommuu shakkiin qalbii keessatti hidda qabatu, qalbii isaa
keessa iimaanni kan hin jirre ta’ee Islaama hordofuu danda’a. Kuni immoo homaa
nama hin fayyadu.
Shakkiif qorichi hundarra guddaan beekumsa. Beekumsa sirrii Qur’aanaa fi
sunnah qabaachuun shakkii hunda oofa. Namni maddoota kanniin qo’achuu fi
hubachuun yaqiina argachuu danda’a. Namni akkuma qo’atuu fi baratuun
yaqinni isaa cimaa fi jabaa ta’aa adeema.
Ulaagaalee kanniin galmaan gahuuf akka nama gargaaruuf jecha kitaabni, "IBSA
MAQAALEE FI SIFAATA RABBII (SUBHAANAHU)" jedhu websaayiti
www.sammubani.com irratti maxxanfamee jira.
Sharxii 3ffaa-Al-Qabuul (Fudhachuu) Namni Laa ilaah illallah sirritti beekee fi yaqiina (mirkaneefannaa) erga qabaate
booda qalbii fi arrabaan wanta Laa ilaah illallah agarsiistu hunda fudhachuu
qaba. Wanti Laa ilaah illallah agarsiistu Rabbiin qofa gabbaruu fi wanta Isaan ala
jiran gabbaruu dhiisudha. Namni Laa ilaah illallah dhugaa ta’uu osoo beekeyyuu
17
jecha tana yoo fudhachuu dide, inni kaafira. Fudhachuu diduun kuni of tuuluu,
waanyu fi sababoota adda addaa irraa kan madduudha. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
“Dhugumatti isaan yommuu, “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin
jiru.” isaaniin jedhamu, of tuulaa turan. “Sila nuti walaleessaa maraataa
ta’eef jennee gabbaramtoota keenya ni dhiifnaa?” jedhu.” Suuratu Al-
Saaffaat 37:35-36
Kuni warra Rabbii gaditti waan biraa gabbaran gara fuunduraatti Jahaannamiin
seenan ilaalchise dubbata. Yommuu “Rabbii tokkicha malee dhugaan
gabbaramaan hin jiru. Kanaafu Isa qofa gabbaraa.” jedhaman, ajaja kana hin
fudhatan. Kana irra, of tuulanii fudhachu didu.
Namni arrabaan Laa ilaah illallah jedhee wanta Laa ilaah illallah'n agarsiistu yoo
hin fudhatin, jechi tuni homaa isa hin fayyaddu. Akka fakkeenyaatti, warra Laa
ilaah illallah jedhanii qabrii gabbaran ilaalu dandeenya. Namoonni kunniin Laa
ilaah illallah haa jedhanii malee qabrii gabbaruu hin dhiisan. Qabrii bira deemanii
nama du'e kadhatu. Kanaafu, isaan hiika Laa ilaah illallah hin fudhannee
jechuudha.
Sharxii 4ffaa: Masakamuu (Al-Inqiyaad)
Kuni wanta Laa ilaah illallah'n agarsiistu hojii irra oolchu fi itti buluudha.
Masakamuu jechuun wanta ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman
dhiisudha. Namni yommuu farda masaku, fardi gara masakameetti deema. Nama
isa masake didee gara biraa hin deemu. Kanaafu, fardii kuni masakamaadha
jechuudha. Haaluma kanaan namni Laa ilaah illallah jedhee ragaa bahuus ajajoota
Gooftaa isaatiif kan masakamu ta’uu qaba. Kuni hiika Islaamaati. Islaama jechuun
“fedhii fi ajaja Rabbiitiif masakamuu fi Isa qofaaf gadi jechuudha.” Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
18
“Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaaf harka
kennaa (ajajamaa, masakamaa).” Suuratu Az-Zumar 39:54
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama ajaja Isaatiif bulu akkana jechuun faarse:
هيسلمو م ن۞﴿ ۥو جه ٱإل دمسن و هو لل ق ك ٱف ست مس ةٱب لعرو ىٱ لوثق ٱوإل قب ةلل مورٱع
﴾٢٢ل
“Namni toltuu osoo hojjatuu fuula isaa gara Rabbiitti kenne, dhugumatti
qabannoo cimaa qabatee jira. Xumurri dhimmoota hundaa garuma
Rabbiiti.” Suuratu Luqmaan 31:22
Wusqaa (qabannoo) jechuun wanta tokko qabachuuf caafi isaa irratti wanta akka
geengoo godhamuudha. Jookin qabannoo qaba, baaldin qabannoo qaba.
Akkasumas, wusqaan tushaa walakkaan isaa akka geengotti guduunfamee wanta
tokko ittiin qaban ykn fannisan ta’uu danda’a.13 Ingiliffaan jecha wusqaa jedhu
“handhold” jechuun hiikan
Jecha wusqaa (qabannoo) jedhu haala ergifannaatin amanti, yaada fi humna ijaan
hin mul’anne irraa wanta sirritti qabatan agarsiisuuf itti fayyadaman. Kanaafu,
asitti qabannoon cimaan kuni Laa ilaah illallah dha. Kana booda hiikni aayah:
Namni dubbii fi hojii isaa kan bareechisuu fi sirnaan hojjatu ta’ee ibaadaa isaa
Rabbiif qulqulleessee fi niyyaan isaa gara Gooftaa isaa ta’ee, qabannoo hundarra
cimaa jaalalaa Rabbii fi Jannatatti isa geessu qabatee jira. Namni qabannoo cimaa
kana qabate, qabannoon kuni ni cita jedhee hin sodaatu. Dhugumatti qabannoo
kufaatii fi kirkiruu irraa nagaha ittiin ta’u qabatee jira.14
“fuula isaa gara Rabbiitti kenne” jechuun imala qormaataa isaa keessatti nama
ajajoota Rabbii fi wantoota Inni dhoowweef filannoo ofiitiin masakamuudha.15
Jecha biraatin, jaalala Isaatii fi mindaa Isa bira jiru kajeelun wanta Rabbiin itti
ajaje hojjachuu fi wantoota Inni dhoowwe dhiisun Isaaf buluudha. “fuula isaa
13 Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-3/29, Ma’aariju tafakkuri-11/740 14 Tafsiiru muyassar-413, Tafsiiru Xabarii-18/569, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-21/177 15 Ma’aariju tafakkuri-11/741
19
gara Rabbiitti kenne” yommuu jedhu Rabbiin ala gara wanta biraa kan hin
mil’anne ta’uu agarsiisa. Kana jechuun hojii isaa hunda Rabbiif qofa godha.
Rabbiin ala nama irraa mindaa, faaruu, na jaja, na argaa fi wanta biraa hin
barbaadu. Hojii isaa guutuu Rabbiif qulqulleessa (ikhlaasan hojjata).
Namni Rabbiif hin masakamne (hin bulle) immoo adabbiin isaa akkami? Aayah
armaan olii irraa itti aanse ni dubbata:
“Nama kafare, kufriin isaa si hin gaddisiisin. Deebiin isaanii garuma
Keenya, ergasii wanta hojjata turan isaanitti himna. Dhugumatti, Rabbiin
Beekaa wanta qoma keessa jiruuti. Yeroo xiqqoof isaan qananiisna ergasii
gara azaaba (adabbii) cimaatti isaan dirqisiifna.” Suuratu Luqmaan 31:23-24
Nama Rabbitti amanuu dide, kufriin (amanuu diduu fi Islaama mormuun) isaa si
hin gaddisiisin. Sababni isaas, Guyyaa Qiyaamaa deebiin isaanii garuma Keenya
ta’a. Hojii fokkuu isaan addunyaa keessatti hojjataa turan isaanitti beeksifna.
Ergasii jazaa isaanii isaaniif kafalla. Dhugumatti Rabbiin wanta qoma keessa jiru
hunda beeka. Kan akka niyyaa, yaada gaarii fi badaa, kufrii namoonni qoma
keessatti dhoksan hunda beeka.
Warroota amanuu didanii fi ajaja Keenyaaf buluu didan addunyaa keessatti yeroo
xiqqoo isaan itti qanani’an ni tursiifna, wanta jaallatan isaaniif kennina. Ergasii
Guyyaa Qiyaamaa adabbii cimaa dirqamaan akka seenan isaan taasifna. Adabbiin
kunis ibidda Jahannami.16
Sharxii 5ffaa-As-Sidq (Dhugaa Ta’uu) Kana jechuun namni “Laa ilaah illallah” jedhee ragaa bahu, qalbiin isaa tan
dhugoomsite taatee jechuu qaba. “Laa ilaah illallah” itti qalbiin osoo hin amaniin
16 Gabaabbinnaan tafsiiru xabarii-18/570, Tafsiiru muyassar-413
20
arraba qofaan yoo jedhe, inni munaafiqa kijibaa ta’a. "As-Sidq (dhugaa ta'uun)"
faallaa "kijibaati".
Namoonni baay’een namoota “Laa ilaah illallah” jedhanii ragaa bahan dhagahanii
jiru. Garuu namoonni kunniin dhugaadhaan jecha tana hin jedhan. Jecha tanatti
hin amanan. Of eeguuf ykn faayda xiqqoo argachuuf qofa “Laa ilaah illallah”
jedhu. Isaan kuni munaafiqoota. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun
Qur’aana keessatti isaan ibse:
“Namoota keessaa nama, “Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti amanne.” jedhutu
jira, garuu isaan warra amananii miti. Rabbii fi warra amanan
gowwoomsuuf [carraaqu], hin beekanii malee isaan lubbuu ofii malee homaa
hin gowwoomsan. Qalbii isaanii keessa dhukkubatu jira. Rabbiinis dhukkuba
isaaniif dabale. Sababa kijibaa turaniif adabbii laalessaatu isaaniif jira.” Suuratu Al-Baqara 2:8-10
Namoota keessaa garee dhama’anii warra dhugaan amananii fi kaafirtoota jidduu
deddeebi’antu jira. Isaan kuni munaafiqota arraba isaanitiin Rabbii fi Guyyaa
Aakhirah (Qiyaamaa) dhugoomsine jedhaniidha. Garuu keessaan kijibdoota,
qalbiidhaan hin amanne. Wallaalummaa isaanii irraa kan ka’e iimaana mul’isuu fi
kufrii dhoksuun Rabbii fi warra amanan gowwoomsine jedhanii amanu. Garuu
isaan mataa ofii malee eenyullee hin gowwoomsan. Sababni isaas, xumurri
gowwoomsu isaan irratti deebi’a. Wallaalummaan isaanii daangaa darbuu irraa
kan ka’e of gowwoomsaa akka jiran isaanitti hin dhagahamu. Qalbiin isaanii waan
baddeef kuni isaanitti hin dhagahamu. Qalbii isaanii keessa dhukkuba shakkii fi
fasaada (badiitu) jira. Ma’asiyaa (cubbuu) adabbiitti isaan geessuun qoramanii
21
jiru. Rabbiin qalbii isaanii keessatti shakkii isaaniif dabale. Ammas sababa kijibaa
fi nifaaqa isaanitiif adabbii laaleessaa nama rakkisuu fi dhukkubsutu isaaniif jira.17
Islaamatti amananii osoo hin ta’in Muslimoota ta’uun faayda argachuuf qofa
namoonni Laa ilaah illallah jedhanii ragaa bahan, shahaadan (ragaa bahuun)
isaanii kuni Rabbiin biratti fudhatama hin qabu. Aakhiratti mindaa wayitu hin
argatan. Sababa kijibaniif adabbii laalessaa qunnamu.
Namni dhugaan qalbii isaatiin laa ilaah illallah tti amanuun laa ilaah illallah jedhe
ibidda irraa baraarama. Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
ر ق ل بهإلح قامن صد دار سولالل م م ن أ و ل إل إلالل ن
دأ ه دي ش ح
أ امن النارم عل هالل م
“Eenyullee ‘Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad
Ergamaa Isaati’ jedhee dhugaadhaan qalbii isaa irraa ragaa bahu hin jiru
Rabbiin ibidda irraa kan isa baraaru yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari-
128
Kana jechuun namni kamiyyuu dhugaadhaan qalbii isaatiin itti amanuun “Rabbiin
malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa Isaati” jedhee ragaa
bahe, Rabbiin ibidda irraa isa eega.
Sharxii 6ffaa-Ikhlaasa Kana jechuun makaa shirkii hunda irraa hojii qulqulleessuudha. Namni Laa ilaah
illallah Muhammadan rasulullah jedhee yommuu ragaa bahu, Rabbi qofaaf jechuu
qaba. Sababa biraatiif ykn nama tokkoof jedhee hojjachuu hin qabu. Haala kanaan,
hiikni ikhlaasaa faallaa shirkii ta’a. Gabaabumatti, namni Laa ilaah illallah jedhu
dubbii fi hojii isaa Rabbii olta’aaf qulqulleessu qaba. Ragaan kanaa:
ٱعبدٱف ﴿ ملصالل ين ٱل ﴾لد“Amanti Isaaf kan qulqulleessu ta’i Rabbiin gabbari.” Suuratu Az-Zumar 39:2
Ibaadaa kee hunda Rabbiif qulqulleessi Isa qofa gabbari. Al-Ikhlaasu Lillah
(Rabbiif qulqulleessu) jechuun hojii amanti hunda shirkii, na argaa, na dhagayaa
17 Tafsiiru muyassar-fuula 3
22
fi makaa biroo irraa qulqulluu fi dhinbiibamaa gochuudha. Akka lugaatti ni
jedhama, “Akhlasa fulaanu shay’a (Eebalu wanta tokko qulqulleesse)” kana
jechuun faalama (makaa) irraa qulqulleesse, dhinbiibe.
Mukhlis jechuun nama hojii fi niyyaa isaa faalama (makaa) irraa
qulqulleesseedha.18 Asitti faalamni ykn makaan shirkii, na argaa (riyaa), na
dhagahaa, na jajaa fi kkf dha. Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Qajeeltota amanti Isaaf qulqulleessan ta’anii Rabbiin qofa gabbaruu,
salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne.
Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5
Shirkii (Rabbiin alatti wanta biraa waaqefachuu) irraa gara iimaanatti dabuun [ykn
qajeeluun] ibaadaa isaaniitiin Fuula Isaatii fi Isatti dhiyaachuuf niyyachuun
Rabbiin qofa akka gabbaran, salaata sirnaan akka salaatanii fi zakaa akka kennan
malee homaattu hin ajajamne. “Kuni” kana jechuun Rabbiin Tokkichoomsu fi
amanti keessatti hojii Isaaf qulqulleessun (ikhlaasni) “amanti qajeelaadha.”
Amantiin qajeelaan kuni Islaama qananii Jannataatti nama geessudha. Islaaman
ala karaaleen hundi Jahiim (ibidda Jahannamatti) kan nama geessaniidha. 19
Sababni isaas, Islaaman ala amantiwwan jiran hundi Rabbii gaditti wanta biraa
gabbaruutti nama waamu. Fkn, Kiristaanni gara Nabii Iisaa (aleyh salaam)
waaqefachuutti nama waama. Namni Rabbiin ala wanta biraa osoo gabbaru
(waaqefatu) du’e gahuumsi isaa ibidda. Kuni murtii Gooftaan addunyaa guutuu
bulchu murteessedha. Murtii Isaa kan deebisu hin jiru. Faallaa kanaa namni
Rabbiin qofa gabbare immoo ibidda irraa fageefama.
Sharxii 7ffaa-Jaallachu-Al-Mahabbah Kana jechuun Laa ilaah ill-Allah, wanta jechi tuni agarsiistuu fi namoota jecha
tana hojii irra oolchan jaallachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
18 Ma’aariju tafakkuri-12/151-152 19 Tafsiiru Muyassar-598, Tafsiiru Sa’dii-1099
23
نلناسٱو من ﴿ تخذنم ٱدونمني ادالل ند يبون همأ حبد هٱك ين ٱو لل ل
نو ا دء ام ش اأ هحبد ﴾للد
“Namoota keessaa namoota Rabbii gadiitti andaada godhatanii akka jaalala Rabbii jaallatantu jira. Garuu warri amanan [isaan] caalaa sirritti Rabbiin jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:165
Andaada jechuun qixxaattota (equals), dorgomtoota.
Kana booda ibsi Aayah: Namoota keessaa gareen namootaa Rabbii gaditti
sanamoota, taabota, awliyaa’ota gooftaa godhatanii Rabbii olta’aaf qixxaattota
godhu. Jaalalaa fi ol guddisuu Rabbiif qofa malee homaafu hin malle wantoota
kanniiniif kennu. Jaalalli warri kafaran Rabbii fi wanta Isaa gaditti gabbaraniif
qaban caalaa jaalalli warri amanan Rabbiif qaban baay’ee cimaadha. Sababni
isaas, jaalalli warri amanan Rabbiif qaban qulqulluu kan ta’eedha. Akka Isa
jaallatanitti wanta biraa hin jaallatan. Jaalalli warra kafaranii immoo hirmaataa kan
qabuudha. Akka Rabbiin jaallatanitti wanta gabbaran jaallatu. Kuni immoo shirkii
fi jaalala hanquu ta’eedha.20
Sharxii 8ffaa-Wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hundatti amanuu diduu, mormuu fi gabbaruu irraa fagaachu Ragaan kanaa Qur’aana irraayyi:
ي كفرف م ن﴿ غوتٱب يؤمن لط و ٱب دلل ق ك ٱف ست مس ةٱب ٱلعرو لوثق ام نفٱل هص ا ﴾ل ه
“Namni xaaghuutatti kafaree Rabbitti amane, dhugumatti qabannoo jabaa
addaan hin cinne qabatee jira.” Suuratu Al-Baqara 2:256
Jechi Xaaghuut jedhu, jecha xughiyaan jedhu irraa kan fudhatameedha. Xughiyaan
jechuun daangaa darbuudha. Imaamu Ibn Al-Qayyim xaaghuuta akkana jechuun
hiike: “gabbaramaa, hordofamaa fi ajaja isaatiif kan bulan irraa wanta gabrichi
daangaa isaa ittiin darbuudha.”21
Sheyxaanni xaaghuuta. Sababni isaas, namni sheyxaanaaf ajajamuun daangaa
darba. Sheyxaanni Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaranii fi badiitti nama ajaja.
20 Tafsiiru Muyassar-25, Zaadul Masiir-99, Bidaa’u tafsiir-1/159-160 21 Shariih salaasati usuul-Ibn Useymiin-fuula 150
24
Namnis isaaf ajajamuun daangaa darba. Rabbii gadiitti sanamni (siidaan) fi
taabonni namoonni gabbaran (waaqefatan) xaaghuuta. Sababni isaas, namni
sanamaa fi taabota kanniin gabbaruun daangaa darba. Hayyoonni fi molokseen
yahuudotaa fi kiristaanota xaaghuuta. Sababni isaas, hayyoonni fi molokseen
wanta Rabbiin halaala godhe haraama godhu, wanta haraama godhe halaala
godhu. Kanaafu, namni isaan hordofuun daangaa darba. Ammas, moottonni abbaa
irree xaaghuuta. Namni ajaja isaaniitiif buluun ykn isaaniif ajajamuun daangaa
darba. Akkasumas, Xaaghunni raagdu, nama sihrii (falfala) hojjatu of keessatti
qabata.22
Kafaruu jechuun amanuu diduu, mormuudha. “Namni xaaghuutatti kafaree
Rabbitti amane” Kana jechuun namni xaaghuutatti amanu didee, mormee fi
Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu dhiisee Rabbiitti amanee, dhugumatti inni
qabannoo jabaa addaan hin cinne sirritti qabatee jira. Mujaahid ni jedha
qabannoon jabaan kuni iimaana. Suddiin ni jedha: Qabannoon cimaan Islaama.
Sa’iid ibn Jubeeyri fi Dahhaak ni jedhu: Qabannoon jabaan Laa ilaah ill-Allah dha.
Ibsi kunniin hundi sirriidha. Isaan jidduu wal diiggan hin jiru.23 Namni xaaghutatti
yoo kafaree Rabbitti amane, iimaana keessa seena, Laa ilaah ill-Allah jedha,
Islaama ni hordofa. Kanaafu, iimaana, Islaamaa fi laa ilaah illallah qabatee
jechuudha.
Namni ulaagaalee saddeettan kanniin guutuun hanga du’aatti itti fufuu qaba.
Kanaafu, akka sharxii dhumaatti hanga lubbuun nama keessaa baatutti “Laa ilaah
ill-Allah” qabachuudha jennee xumuruu dandeenya. Ragaan kanaa:
ي﴿ أ اي ين ٱه نوا ل قوا ٱء ام ٱت قلل اتهح ۦتق ل ت موتنو نتمإل
أ سلمون و ﴾١٠٢م
“Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa. Muslimoota
taatanii malee hin du’inaa.” Suuratu Aali-Imraan 3:102
GUDUUNFAA
22 Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Faatih-Baqarah-3/266, Madda olii-fuula 151, Zaadul Masiir-157 23 Tafsiir Ibn Kasiir-2/252
25
Wantoota armaan oli haala kanaan guduunfu dandeenya: Namni Laa ilaah illah
jedhu hiika Laa ilaah illallah beeku qaba. Ergasii shakkii tokko malee dhugaan itti
amanuudha (yaqiina). Erga hiika beekee fi itti amanee Laa ilaah illallah qalbii fi
arrabaan fudhachuun namarraa eeggama. Ergasii masakamuudha. Kana
jechuun wanta itti ajajame hojjachuu fi wanta irraa dhoowwame dhiisudha.
Ammas, namni Laa ilaah illallah yommuu jedhu, dhugaa ta'uu qaba. Dhugaa
ta'uu (sidq) jechuun qalbii fi arrabni walitti galuudha. Kana jechuun qalbiidhaan
Laa ilaah illallah tti amanuun arrabaan dubbachuudha. Dhugaa ta'uun faallaa
kijibuuti. Namni kijibuu wanta qalbiin itti hin amanne arrabaan dubbata. Kuni
immoo Rabbiin biratti nama hin fayyadu. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu
wanta qalbii keessa jiruu fi arraban dubbatan sirritti beeka. Namni Laa ilaah
illallah jedhu ikhlaasa qabaachu. Ikhlaasa jechuun hojii fi dubbii Rabbii olta'aaf
qulqulleessudha. Sharxiin 7ffaan, Laa ilaah illallah, wanta jechi tuni agarsiistu fi
namoota jecha tana qabatan jaallachuudha. Sharxiin 8ffaan, wantoota Rabbiin
alatti gabbaraman hundatti amanuu didu, irraa qulqullaa'u fi fagaachudha.
Ulaagaalee (sharxiwwan) kanniin ibsuuf kitaabban armaan gadiitti fayyadamee jira:
Aqiidatu Tawhiid-fuula 48-50, Sheykh Saalih ibn Fawzaan
Commentary on the Forty Hadith of An-Nawawi-Vol.1, fuula -282-289 .
Sharih Risaalatu Tadmuriyyah Fuula 61
26
27
ISLAAMA JECHUUN MAAL JECHUUDHAA?
Tawhiinni hundee amantiiti. Wanta jalqabaa namoota itti waamu qabnuudha. Yoo
tawhiida kana fudhatan wanta isa booda jiru kan akka salaata, zakaa fi kan birootti
ni waamna. Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu Mu’aaziin gara Yaman ergan
akkana jedhaniin:
“Gara Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi ani Ergamaa
Rabbii akka ta’e ragaa bahuutti isaan waami. Yoo isaan kana tole jedhan,
Rabbiin guyyaa fi halkan hunda salaata shan isaan irratti dirqama akka
godhe isaan barsiisi. Yoo isaan kana tole jedhan, Rabbiin qabeenya isaanii
keessatti zakaa dureeyyi isaan irraa fuudhamee hiyyeeyyi isaaniitiif kennamu
isaan irratti dirqama akka godhe isaan barsiisi.” Sahiih Al-Bukhaari 1395
Akkuma hadiisa sahiih ta’e kanarraa arginu wanti jalqaba namoota itti waamu
qabnu, Laa ilaah illallah dha. Sababni isaas, hojiin namni hojjatu laa ilaah illallah
irratti hundaa’a. Namni yoo laa ilaah illallah qabaate hojiin isaa fudhatama argata.
Ta’uu baannan, salaatee soome, zakaa kenne namoota rakkatoo gargaaree, hojiin
isaa Rabbiin biratti fudhatama hin qabu.
Kanaafu, tawhiinni hundee amanti waan ta’eef namni waa’ee isaa sirritti beeku fi
barachuu qaba. Islaamni amanti tokkicha tawhiida (Rabbiin tokkichoomsu) irratti
ijaarrameedha. Seensa irratti waa’ee iimaana fi Islaamaa haala wali galaatin
jechoota gabaaboon ilaalle jirra. Mee ammas itti fufuun hiika Islaamaa caalatti
ragaa waliin haa ilaallu. Hiika Islaamaa sirritti yoo hubanne laa ilaah illallah haala
salphaan hubanna. Ta’uu baannan, hiika laa ilaah illallah hubachuuf karaa dheeraa
deemna. Hiika Islaamaa ilaalchise wanti yeroo darbe ilaalle fi kan asi gaditti
ilaallu wanta wal jabeessan malee wanta wal faallessu miti.
Hiika Islaamaa24 Islaamni amanti Rabbiin ilma namaatiif filateedha, isaan ala amanti biraa nama
irraa hin fuudhu.
Hundeen jecha Islaamaa: jecha “aslama” jedhuudha.
Aslama jechuun harka kennu, masakamuu fi hojii qulqulleessuudha. Ingiliffaan
“submit, surrender”
24 al-Jaami'ul Mufiid liduruusi ta'allumi tawhiidi-fuula 33-38
28
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ي ﴿ غ ف ٱدينأ بغون لل ي ل سل م ۥو
نأ تٱفم و م رضٱو لس
ط ل و
رها ك هو عون وإل ﴾٨٣يرج “Samiiwwanii fi dachii keessa kan jiru hundi fedhiinis ta’i dirqamaan Isaaf
harka kennee osoo jiruu diinii Rabbiitiin ala kan biraa barbaadu? Isaan
hundu garuma Isaatti deebifamu.” Suuratu Aali-Imraan 3:83
Diinin Rabbii Islaama. Kan samiiwwanii fi dachii keessa jiran hundi fedhiinis ta’i
dirqamaan Rabbiif harka kennanii osoo jiranu sila namoonni amanti barbaadan
Islaaman ala amantii biraa ni barbaaduu? Kuni hin bareedu, isaaniif hin malu.
Sababni isaas, Islaaman ala amantiin bareedaa fi gaarii ta’e hin jiru. Samiiwwan fi
dachii keessa kan jiran hundi fedhiinis ta’i dirqamaan Rabbiif harka kennanii,
gadii jedhanii fi masakamanii jiru. Warri fedhii ofiitiin Rabbiif harka kennan, gadi
jedhanii fi masakaman, mu’mintoota (warra amananiidha). Warroonni dirqamaan
Rabbiif harka kennanii fi gadi jedhan immoo kaafirootaa fi uumamtoota biroodha.
Kaafironni murtii Rabbii jalaa gonkumaa bahuu hin danda’a. Yeroo rakkoo fi
du’aa Isaaf harka kennu, gadi jedhu. Yeroo adabbii cimaa argan akkana jedhu:
‘Rabbitti amanne, waan Isatti qindeessaa turrettis kafarre.’ (Ilaali suuratu
Ghaafir 40:84)
Guyyaa Qiyaamaa uumamtoonni hundu garuma Isaatti deebifamuun hojii
hojjataniif mindeefamu. “Isaan hundu garuma Isaatti deebifamu.” Kuni
Rabbiin irraa akeekachiisa. Gooftaa murtii Isaa jalaa dheessuun hin jirre, amanti
Inni itti ajaje irraa dabuun nama qaruuteef hin malu. Dirqamaan Rabbiif harka
kennuun dura filannoon Isaaf harka kennuutu isaaf caala.25 Namni filannoo ofiitin
Rabbiif harka kennee fi Isaaf ajajame, adabbii jalaa baha. Namni dide immoo
yommuu adabbii cimaa argu, dirqamaan waan Isaaf harka kennuuf, adabbii jala
bahuu hin danda’u.
Aayah biraa keessatti waa'ee hundee jecha Islaamaa kan ta'e aslama jedhu
ilaalchise akkana jedha:
25 Tafsiiru Sa’dii-143-144, Tafsiiru Muyassar-60, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-3/301
29
ق ال إذ﴿ بهۥل سلمه ۥر سل متق ال أ
أ ل مي ٱلر بد ﴾١٣١لع
“Yeroo Gooftaan isaa, “Harka kenni” isaan jedhe, innis “Gooftaa
aalamaatiif harka kenne” jedhe [yaadadhu].” Suuratu Al-Baqarah 2:131
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahimiin, “Harka kenni” jedheen. Kana
jechuun “ibaadaa naaf qulqulleessi, ajajamuun Naaf gadi jedhi.” Nabii Ibraahimis (aleyh
salaam) ni jedhe, “Gooftaa aalamaatiif harka kenne.” Kana jechuun uumamtoota hunda
Kan dhuunfate, too’atu fi qindeessuuf ajajamuun gadi jedhe, ibaadaa qulqulleesse. 26
Ammas aayah biraa keessatti waa'ee jecha aslama ilaalchise ni jedha:
ى﴿ نب ل سل م م هأ ۥو جه جره ۥف ل همسن و هو لل
بدهعند ۥأ ۦر ل و وف خ
ل يهم ع ل نون همو ز ﴾١١٢ي
“Eeyyen! Namni toltu kan hojjatu ta’ee fuula isaa Rabbiif kenne, mindaan
isaa Gooftaa isaa bira isaaf jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin
gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:112
Ibn Jariir Xabarii (rahimahullahu) tafsiira isaa keessatti akkana jedha: “fuula isaa
Rabbiif kenne” fuula kennu yommuu jedhu, Isaaf ajajamuuf of gadi qabuu fi ajaja
Isaatiif masakamuudha. Hundeen Islaamaa harka kennuudha. Sababni isaas,
“Isaaf harka kenne” kan jedhu irraayyi. Isaaf harka kennuu jechuun ajaja Isaatiif
of gadi qabuudha. Musliimni Musliima kan jedhameef qaamoleen isaa Gooftaa
isaatiif ajajamuuf waan gadi jedhaniifi. 27 Hiikni biraa “fuula isaa Rabbiif
kenne” jedhu, “hojii isaa Rabbiif qulqulleesse.” ta'a.28
Kana booda “Islaama” jechuun osoo itti hin qindeessinii fi of hin tuulin Rabbii
olta’aaf harka kennuu qulqulluu [harka kennuu] dha.
26 Tafsiiru Xabarii-2/581 27 Tafsiiru Xabarii-2/432 28 Tafsiiru Ibn Kasiir-1/566, Tafsiiru Sa’dii-56, Tafsiiru Tahriir wa tanwiir-1/675
30
Sheykhul Islaam ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Islaama jechuun
gabrichi wanta biraatiif osoo hin ta’in Rabbiif harka kennuudha. Namni Rabbii fi
wanta biraatiif harka kenne, mushrika ta’a. Namni Rabbiif harka hin kennine
immoo mustakbir (kan of tuulu) ta’a. lamaan isaanitu faallaa Islaamati.”
(Majmuu al-fataawaa 10/195)
Amantiin Islaamaa hiika lama of keessaa qaba, lamaan kanaan ala dhaabbachu
hin danda’u:
1-Harka kennuu, masakamuu, ajajamuu, hordofuudha. Faallaan kanaa “Of
tuuludha.” 2-Ikhlaasa (hojii qulqulleessu). Faallaan kanaa shirkiidha.
Islaamni osoo homaa Rabbiitti hin qindeessinii fi isaaf masakamuu irraa
of hin tuulin Rabbii tokkichaaf harka kennuudha. Of tuuluun ibliisa
(sheyxaana) Islaama keessaa baasee kaafira isa taasise. Rabbiin olta’aan ni jedha:
ةقلن اوإذ﴿ ئك ل م سجدوا ٱللم ا لأد دو ج إل ف س إبليس ب ٱو أ ن و ست كب كا
فرين ٱمن ﴾٣٤لك “Yommuu Malaaykotaan “Aadamiif sujuudaa” jenne [yaadadhu]. Ibliisa
malee isaanis ni sujuudan. [Ibliisni] didee fi of tuulee kaafiroota irraa ta’e.”
Suuratu Al-Baqarah 2:34
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aadamiin kabajuun Malaaykota akka sujuudaniif
ajaje. Ibliisa malee malaaykonni Gooftaa isaaniitif ajajamuun ni sujuudan. Garuu
ibliisni of tuuluu fi waanyu (hinaaffi) irraa kan ka’e sujuuda ni dide. Kanaafu,
warra Rabbii olta’aa mormanii fi ajaja Isaa faallessan keessaa ta’e.29 (Waa’ee
Rabbiif ajajamuu irraa of tuulu (istikbaar) fi adabbii namatti fidu ilaalchise ilaali
suuratu An-Nisaa 4:173, Suuratu As-Saaffaat 37:35, Suuratu Zumar 39:59,
Suuratu Ghaafir 40:60. Aayaat tanniin yoo itti xinxallite Islaamni osoo of hin
tuulin Rabbi olta’aaf harka kennuu, gadi jechuu fi masakamu akka ta’e ni argita.)
Rabbiin waliin wanta biraa gabbaruunis (shirkiin) namoota baay’ee Islaama irra
turan Islaama keessaa baase. Kunis, Rabbiin ala wanta biraatiif harka kennuu fi
masakamuun Islaama keessaa bahan. Akka fakkeenyaatti, Ummanni Nuuh
29 Tafsiiru Muyassar-fuula 6
31
yommuu Rabbiin waliin wanta sheyxaanni isaanitti miidhagse gabbaran
(waaqefatan) Islaama keessaa bahan. Araboonni yommuu Rabbii gaditti wanta
biraa gabbaranii fi namoota isaaniif seera tumu godhachuun hayyama Rabbii
malee seera isaanii fudhatan amanti Nabii Ibraahim keessaa bahan. Amantiin nabii
Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi nabiyyoota biroo hundi Islaama. Nabiyyoonni hundu
warra Rabbii tokkichaaf harka kennaniidha. Yahuudotaa fi Kiristaanonnis
yommuu hayyoota fi moloksee isaaniitiif ajajaman amantii Muusaa fi Iisaa
keessaa bahan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ا ٱ﴿ حب ار همت ذنو ن همأ رهب رب اباو
نأ ٱدونمد سيح ٱو لل ري م بن ٱلم ا م و م
ا مرو أ ا إل هال عبدو حداهإل ه ل و إل هإل ن ههو اۥسبح م ﴾٣١يشكون ع
“Rabbii gaditti hayyootaa fi moloksee isaanii gooftolee godhatan, akkasumas Masiih
ilma Mariyamis [gooftaa godhatan]. Gabbaramaa Tokkicha gabbaruu malee
homattu hin ajajamne. Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Wanta isaan itti
qindeessan irraa Inni qulqullaa’e.” Suuratu At-Tawbaa 9:31 Namoonni kunniin hundi Rabbii olta’aa dhiisanii namoota akka isaaniitiif harka kennanii
masakaman. Kanaafu, akkuma Rabbiin mirkaneessu hiikni sirriin Islaamaa: Isa qofa
gabbaruu fi Ergamaa Isaatiif ajajamuun Rabbii tokkichaaf harka kennuudha. Ragaan kana
jecha Rabbii olta’aati:
ٱض ب ﴿ ث للل كا ءفيهرجلم كسون ش ر جلمت ش ل ماو س للدر جل ث لهي ست وي انه هل مدٱم همب للل كث
أ عل مون ل ﴾٢٩ي
“Rabbiin gabricha shariikonni irratti wal mormanii fi gabricha namticha
tokkoof qofa ta’e fakkeenya dhiyeessa. Isaan lamaan wal-qixaa? Faaruun
hundi kan Rabbiiti. Garuu baay’een isaanii hin beekan.” Suuratu Az-Zumar
39:29
(Shariikota jechuun hojii ykn dhaabbata keessatti qooda waliin fudhachuuf
namoota ifaajee isaanii ifaajee namoota birootti ykn wanta qaban (qabeenya
isaanii) qabeenya nama biraatti dabalaniidha.) Fakkeenyi Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa asitti dhiyeesse garaagarummaa Muslima Gooftaa Tokkicha qofa
gabbaruu fi mushrika Rabbiin waliin wantoota waaqefataman biroo gabbaru ibsa.
Gabrichi bulchaa tokko qofaaf ajajamu akka Musliima Rabbiin malee homaayyu
32
hin gabbareeti. Kana keessa Islaamni Rabbii qofaaf harka kennu akka ta’ee ragaatu
jira.
Akkuma beekamu hariiroon gabrichaa fi bulchaa jidduu jiru, gabricha irraa
ajajamuu fi buluu, bulchaa irraa immoo ajajuu, dhoowwu fi qajeelchu irratti kan
hundaa’edha. (Bulchaan ni ajaja, ni dhoowwa, qajeelcha kenna. Gabrichi immoo
bulchaaf ni ajajama, ni bula.)
Gabrichi bulchaa tokko qofa qabu akka Muslima Gooftaa tokko qofa qabuuti.
Isaan ala wanta biraa hin gabbaru.
Gabrichi bulchaa tokkoo ol qabu immoo akka mushrika gabbaramaa tokkoo ol
qabuuti. Rabbiin waliin gabbaramtoota kanniin gabbara. Gabrichi bulchitoota
baay’ee qabu, bulchitoonni kunniin isarratti wal dhabu. Hundi isaanitu gabrichi
kuni isa akka tajaajilu barbaadu. Kunis koottu hojii kiyya hojjadhu, sunis koottu
hojii kiyya hojjadhu, kuunis koottu hojii kiyya hojjadhu jedhaan. Bulchaa tokkoof
gadi hin dhaabbatu. Oli gadi isa raasu. Gabrichi bulchaa tokko qofaaf ta’e immoo
kana hundarra nagaha ta’uun bulcha tokko qofaaf ajajama. Kanaafu, gabrichi
bulchaa tokkoof buluu fi gabrichi bulchitoota baay’eef bulu wal qixaa?
Amma mee itti xinxalli, Gooftaa tokkicha qofaaf gabra ta’uu wayya moo
gooftoolee baay’eef gabra ta’uu wayyaa? Dhugumatti Gooftaa tokko qofaaf gabra
ta’uu wayya. Namni Rabbii tokkichaaf gabra yoo hin ta’in wantoota biroo
baay’eef gabra ta’a. Kanneen akka sheyxaana, fedhii lubbuu, namoota, sanama,
taabotaa fi uumamtoota biroo. Kuni immoo kabajaa fi gammachuu akka dhaban
nama taasisa. Mee nama Rabbii tokkichaaf of gadi qabuu fi jaalala Isaa argachuuf
hojii gaggaarii hojjatuu fi nama Rabbiin ala wantoota biraatiif of gadi qabuu fi
jaalala isaanii argachuuf carraaqu wal bira qabi. Kamtu irra kabajaa fi tasgabbii
argataa? Dhugumatti Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi Jaalala Isaa qofa
barbaadun hojii gaggaarii hojjachuun jeequmsaa fi ba’aa baay’ee irraa nama
baraara. Kanaafu, Islaamni uumamtootaaf gabra ta’uu fi jeequmsa irraa nama
baraarun gara Gooftaa tokkichaaf of gadi qabuu fi harka kennuutti nama waama.
Kuni immoo bilisummaa dhugaati.
33
Islaama-Karaa Qajeelaa30
Islaamni osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin osoo homaa hin gabbarin (hin
shaarrakin) Rabbiif harka kennu, gadi jechuu fi masakamu waan ta'eef amantii
Nabiyyoota hundaati. Nabiyyoonni hundi osoo of hin tuulinii fi Rabbiin waliin
waan biraa hin gabbarin (hin shaarrakin) Rabbiif harka kennanii jiru. Yommuu
Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa Nabii Ibraahimiin (aleyh salaam) akka Isaaf harka
kennuu fi ibaadaa Isaaf qulqulleessu ajaju Qur'aana keessatti haala kanaan
arganna:
ق ال إذ﴿ بهۥل سلمه ۥر سل متق ال أ
أ ل مي ٱلر بد ﴾١٣١لع
“Yeroo Gooftaan isaa, “Harka kenni” isaan jedhe, innis “Gooftaa aalamaatiif
harka kenne” jedhe [yaadadhu].” Suuratu Al-Baqarah 2:131
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahimiin, “Harka kenni” jedheen. Kana
jechuun “ibaadaa Naaf qulqulleessi, ajajamuun Naaf gadi jedhi.” Nabii Ibraahimis
(aleyh salaam) ni jedhe, “Gooftaa aalamaatiif harka kenne.” Kana jechuun
uumamtoota hunda Kan dhuunfate, too’atu fi qindeessuuf ajajamuun gadi jedhe,
ibaadaa qulqulleesse.31
Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Muhammad (SAW) akkana akka
jedhu ajaje:
وك ف إن﴿ ا ج قلح سل متف و جه أ نلل نىٱو م ين و قلتب ع وتوا لدل
لكٱأ ب ت
ٱو يد مدسل متمهن ل
أ سل موا ف إنء
دأ ق وا هٱف إنهت د وا و ل ات و ل يك ف إنم ٱع غهل ل
ٱو ب صي لل ﴾٢٠لعب ادٱب
“Yoo isaan si falman, “Fuula kiyya Rabbiif kennee jira, namni na hordofus
[akkasuma].” jedhi. Warroota kitaabni isaaniif kennamee fi dubbisuuf
30 al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 39-44 31 Tafsiiru Xabarii-2/581
34
barreessuu hin beekneen, “Harka kennitanii?” jedhiin. Yoo harka kennan,
dhugumatti qajeelanii jiru. Yoo garagalan, dirqamni sirra jiru ergaa geessu
qofa. Rabbiin gabroota Argaa ta’eera.” Suuratu Aali-Imraan 3:20
Ragaan isaan irratti erga dhaabbatee booda dhimma Iisaa (Iyyasuus) ilaalchisee
Kiristaanonni yoo si waliin falmanii fi kijibaan si morman, akkana isaaniin jedhi:
arraba, qalbii fi qaamolee kiyya hundaan Rabbiif masakamee jira, hojii Isa qofaaf
qulqulleesse, homaa Isa waliin hin gabbaruu (hin waaqefadhu). Haaluma kanaan,
namoonni na hordofaniis Rabbiif bulanii fi hojii qulqulleessanii jiru. Kiristaanota,
yahuudotaa, mushrikoota Arabaa fi kanneen birootiif akkana jedhi: “Harka
kennitanii?” Kana jechuun Rabbii tokkichaaf harka kennitanii fi ibaadaa Isa
qofaaf qulqulleessitanii jirtuu? Yoo Rabbiif masakamanii fi ibaadaa Isaaf
qulqulleessan, karaa haqaa qabatanii fi irra deemanii jiru. Yoo Islaama irraa
garagalanii fi amanti irra jiranitti gammadan, dirqamni sirra jiru ergaa itti
geessudha. Ragaan isaan irratti dhaabbate. Rabbiin gabroota kan arguudha.
Dhimma isaanii irraa homtu Isarraa hin dhokatu.32 Kana keessa akeekachiisatu
jira. Islaama didanii yoo irraa garagalan, Guyyaa Qiyaamaa adabbii isaaniif malu
isaan adaba.
Namni Islaama akka amantiitti qabate, shari’aa (seera) Rabbii ni hordofa, harka
kennaaf, ni masakamaaf, murtii isarraa barbaada. Rabbiin gabbaruu irraa of hin
tuulu, shari’aa Rabbiitiin ala wanta biraatiif harka hin kennu, hin masakamu, hin
hordofu, murtii irraa hin barbaadu.
Musliima jechuun nama Rabbii tokkichaaf harka kenne, shari’aa Isaa fudhachuu
fi Isaaf ajajamuun ibaadaa Isaaf qulqulleessee fi wantoota Isaan ala jiran didee fi
mormeedha.
Namni Rabbii fi wanta Isaan ala jiruuf harka kenne, gabbarrii (ibaadaa) Rabbii fi
wanta Isaan ala jiruuf godhe, hanga Rabbiin qofa gabbaruu, Isa qofaaf harka
kennuu fi wantoota Isaan ala jiran gabbaruu dhiisuutti namni kuni Musliima ta’uu
hin danda’u.
32 Tafsiiru muyassar-fuula 52, Tafsiiru Xabarii-5/286-287
35
Rabbiin ala kan biraa irraa seera ittiin bulmaataa fi seeraa ibaadaa ittiin hojjatan
fudhachuun Rabbiin ala wanta biraa gabbaruudha. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa ni jedha:
لكمٱإن﴿ إل ر لل م أ ل
ا أ هإل ت عبدو لك إياه ينٱذ يدمٱلد كنلق ل و
كث لناسٱأ عل مون ل ﴾ي
“Murtiin Rabbiif malee eenyufillee hin ta’u. Isa malee homaa akka hin gabbarre
ajajeera. Kuni amanti gadi dhaabbataadha. Garuu irra hedduun namootaa hin
beekan.” Suuratu Yuusuf 12:40
Ammas ni jedha:
ن﴿ أ او ذن طه هٱف مست قيماصر تبعوه ل بل ٱت تبعوا و ت لس ف ر ف
نبكم بيلهع س لكمهۦ ىكمذ لكمۦبهو ص ﴾١٥٣ت تقون ل ع
“Kuni karaa Kiyya qajeelaa ta’eedha, kanaafu isa hordofaa. Karaalee biroo
hin hordofinaa karaa Isaatirraa isin fottoqsuuti. Kuni muttaqoota akka
taataniif wanta Inni isiniif dhaamedha.” Suuratu Al-An’aam 6:153
“Kuni karaa Kiyya qajeelaa ta’eedha” Kana jechuun wanta Rabbiin isiniif
dhaame keessaa tokko Islaamni karaa Rabbii qajeelaa ta’eedha. Karaan kuni bal’aa
fi qajeelaa Rabbii fi Jannataatti nama geessudha. Kanaafu, karaa qajeelaa kana
keessa deemaa. Karaaleen karaa qajeelaa (Islaaman) ala jiran immoo karaalee
jallatoo bitaa mirga jiran ibiddatti nama geessaniidha. Karaaleen jallatoon kunniin
amanti akka yahuuda, kiristaana, majuusaa, budihizmi, bid'aa (wanta haarawa
amanti keessatti uumuu) fi karaalee biroo Islaama faallessan of keessatti qabatu.
Kanaafu, karaalee kanniin hin hordofinaa, karaa qajeelaa Isaatirraa isin
fottoqsuuti. Kana jechuun karaaleen kunniin karaa qajeelaa irraa kan bahanii fi
jallataniidha. Isin karaalee jallatoo kanniin yoo hordoftan, isin jallisuu, karaa
qajeelaa (Islaama) irraa isin fageessu fi bittinneessu. “Kuni muttaqoota akka
taataniif wanta Inni isiniif dhaamedha.” Wanta itti ajajamtan hojjachuu fi wanta
irraa dhoowwamtan dhiisun adabbii Isaa irraa akka of eegdaniif, “Kuni karaa
Kiyya qajeelaa ta’eedha, kanaafu isa hordofaa. Karaalee biroo hin
hordofinaa karaa Isaatirraa isin fottoqsuuti.” jechuun isiniif dhaame, itti isin
36
ajaje. 33 Namni karaa qajeelaa yoo hordofee fi karaalee jallatoo hordofuu yoo
dhiise, adabbii Rabbii irraa of eega. Sababni isaas, karaa qajeelaa keessa hojii
gaggaarii hojjachuu fi wanta gammachuutti nama geessutu jira. Karaa jallataa
keessa immoo wanta adabbii fi rakkoof nama saaxilutu jira. Kanaafu, namni karaa
qajeelaa yoo qabatee fi karaalee jallatan yoo dhiise, adabbii jalaa nagaha baha,
gammachuu zalaalami argata.
Abdullah ibn Mas’uud akkana jechuun gabaase: Gaafa tokko Ergamaan Rabbii
(SAW) lafarratti sarara tokko nuuf sarare. Ergasii ni jedhe: “Kuni karaa Rabbiiti.”
San booda bitaa mirgatti sararoota baay’ee sarare. Itti aanse ni jedhe: “Kun
karaaleedha. Karaa hundarra shayxaana itti waamutu jira.” San booda aayah
armaan oli qara’e (dubbise).” (Sunan Ad-Daraami 1/78, Musnad Ahmad 4142,
An-Nasaa’i 11109)
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ي ي بت غو م ن﴿ مٱغ سل ةٱفو هو منهيقب ل ف ل ندينال سين ٱمن لأخر ﴾٨٥لخ “Namni Islaaman ala amanti biraa barbaade, isa irraa hin fuudhamu. Inni
Aakhiratti warra kasaaran irraayyi.” Suuratu Aali-Imraan 3:85
33 Tafsiiru Muyassar-149, Tafsiiru Xabarii-9/669, tafsiiru tahriir wa tanwiir-8/173
37
Namni amanti Islaamaa Rabbiin namootaaf filateen ala amanti biraa barbaade,
hojiin isaa isarratti kan deebifamuudha, isarraa hin fuudhamu. Sababni isaas,
amantiin Islaamaa Rabbii tokkichaaf qofa harka kennuu, gadi jechuu fi
Ergamtoota Isaa hordofuu kan of keessatti qabateedha. Namni amanti kanaan hin
dhufne, wanta adabbii Rabbii jalaa nagaha isa baasu fi mindaa Isaa ittiin argatu
hin hojjanne.34 Kanaafu, Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte dhabuu fi ibidda
seenun warra kasaaran keessaa ta’a. Islaaman ala amantiiwwan jiran hundi baaxila
(soba). Sababni isaas, Islaaman ala amantiwwan jiran Rabbiin waliin waan biraa
gabbaruu (waaqefachuu) fi seera Isaatiin ala seera biraa hordofu irratti kan
hundaa’aniidha. Kanaafu, Rabbiin akkamitti nama Isaan ala wanta biraa gabbaruu
fi seera (shari’aa) Isaatin ala seera biraa hordofu hojii isaa irraa fuudhaa?
Ibn Al-Qayyim (rahimahullahu) ni jedha: Islaamni Rabbiin Tokkichoomsu, Isa
qofa gabbaruu, Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanuu, wanta inni ittiin dhufe keessatti
isa hordofuudha. Namni kana hin hojjanne, inni Muslimaa miti… Dirqamni
gabricha irra jiru, namni amanti Islaamaatiin ala amanti biraa hordofe kaafira akka
ta’e amanuudha.” (Xariiqul Hijrateyn wa baabu sa’aadateyn fuula 608)
Sheykh Muhammad ibn Abdulwahhaab ni jedha: Islaama jechuun tawhiidaan
Rabbiif harka kennuu, ajajamuun Isaaf masakamu, shirkii fi namoota shirkii
hojjatan irraa qulqullaa’uudha.” Salaasatu Usuul fuula 189
“tawhiidaan Rabbiif harka kennu” jechuun gabrichi Rabbiin tokkichoomsu fi Isa
qofa gabbaruun Isaaf harka kennu. “ajajamuun Isaaf masakamuu” jechuun wanta
Rabbiin ajajee hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisu. “shirkii fi warra shirkii
hojjatan irraa qulqullaa’u.” Jechuun shirkii fi warra shirkii hojjatan irraa bilisa
ta’uu fi fagaachu.
Kuni haala wali galaatin hubannoo Islaamati. Akkuma irranatti jenne hundeen
Islaamaa tawhiida. Tawhiinni kuni hiika jecha (kalimaa) ikhlaasa, “Laa ilaah
illallah” dha. Jechi tuni shahaadateyn (ragaa bahuu lamaan) keessaa kutaa tokko,
kutaan lammaffaan muhammadan rasuulullah kan jedhuudha. Namni yommuu
Islaama qabatu, ash-hadu an laa ilaah illallah wa ash-hadu anna muhammadan
34 Tafsiiru Sa’dii-144
38
rasuulullah jedhee ragaa bahuu qaba. Hiikni kanaa: Rabbiin malee haqaan
gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa nan baha.
Namni yommuu “Laa ilaah illallah (Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee
hin jiru)” jedhee ragaa bahu, "Rabbiif malee eenyufillee gadi hin jedhu, Isa
malee homaa hin gabbaru” jedhee ragaa bahaa jira. Ammas, “Muhammadan
Rasuulullah (Muhammad Ergamaa Rabbiiti.)” Jedhee yommuu ragaa bahu,
“fedhii ofiitiin ykn fedhii namoota sadarkaa qabaniitin osoo hin ta’in wanta
Ergamaan fideen Rabbiin gabbara. Jecha biraatin seera (shari’aa) Ergamaan
fideen Rabbiin gabbara.”35
Shahaadateyn (Ragaa bahuun lamaan) kunniin hundee amantii nabiyyiin xumuraa
ittiin dhufeedha. Kanniin lamaan malee amantiin hin mirkaneefamu. Ibn
Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: Dirqamni gabricha irra jiru, amantii Isaaf
qulqulleessuun Rabbiin gabbaruu fi Isa kadhachuudha. Haala kam keessattu kuni
isa irraa hin bu’u. Warra tawhiidaa malee Jannata kan seenu hin jiru. Warri Jannata
seenu warra Laa ilaah illallah qabataniidha. Kuni haqa Rabbiin gabroota Isaa
hundarraa qabuudha. Akkuma hadiisa sahiih Al-Bukhaari (7373) fi Muslim (30)
keessatti dhufe, Ergamaan Rabbii (SAW) Mu’aazin akkana jedhan: “Yaa
Mu’aaz! Haqni Rabbiin gabroota Isaa irraa qabu maal akka ta’e beektaa? Anis ni jedhe: Rabbii fi Ergamaan Isaa ni beeku. [Nabiyyiinis] ni jedhan: Haqni
Inni isaan irraa qabu, osoo homaa Isatti hin qindeessin Isa gabbaruudha.”
Azaaba (adabbii) Rabbii jalaa nagaha kan bahu hin jiru nama amanti, ibaadaa fi
du’aayi (kadhaa) isaa Rabbiif qulqulleesse malee. Namni Rabbiin waliin waan
biraa hin gabbarree, Rabbiin qofas hin gabbarre, akka Fira’awnaa fi fakkaattota
isaatti ibaadaa Rabbii fi kan biraa kan dhiise ta'a. Namni akkanaa mushrika caalaa
haalli isaa badaadha. Kanaafu, Rabbii tokkicha gabbaruun waan hafuu hin
qabneedha. Kuni nama tokkoon tokkoon irratti dirqama. Eenyurraallee kufu hin
danda’u. [Rabbii Tokkicha gabbaruun] Islaama wali galaa Rabbiin isa malee
amanti biraa hin qeeballee (hin fuunedha).” (majmuu al-fataawaa 14/476)
35 Risaalatu shirk wa mazaahiruhi-63
39
Islaamni Jireenya Guutuun Wal-Qabata
Kutaa darbe keessatti Islaamni karaa tokkicha qajeelaa gammachuu fi
milkaa'innaatti nama geessu jennee jirra. Karaan qajeelaan kuni dhimma dhuunfaa
irraa kaasee hanga mootummaa gahutti seeraa fi qajeelcha of danda'e kan
qabuudha. Karaan qajeelaan kuni nama tokko ykn saba tokkoof qofa osoo hin ta'in
hawaasa addunyaa guutuuf kan ta'uudha. Garuu namoonni baay'een waa'ee
Islaamaa ilaalchise yaada dogongora sammuu keessatti waan biqilchaniif Islaamni
karaa qajeelaa tokkicha gammachuutti isaan geessu ta'uu hin argine. Mee yaada
dogongoraa kana haa ilaallu:
Hubannoo dogongoraa sekulaarizimiin Islaamaf qabu Sekulaarizim jechuun amanti irraa adda bahuun addunyaa qofaan kan wal
qabatuu fi amantin sirna mootummaa irraa adda bahu qaba jechuun amanuudha.
Mata duree kana jalatti balaa guddaa namoota baay’ee Muslima ofiin jedhanii fi
kanneen biroo dhugaa amanti Islaamaa hubannoo badaa akka qabaatan isaan
taasisuu irraa akeekachiisu barbaanna. Balaan guddaan kunis: hubanno
sekulaarizimiin amantiif qabuudha. Warri sekulaarizimi amanti hariiroo gabrichaa
fi Gooftaa isaa jidduu jiruutti qofa daangeessu. Hojiwwan ibaadaa akka salaataa,
soomaa, zakaa, hajji fi kan biroo qofa irratti gabaabsu. Amanti sirna mootumma fi
dhugaa jireenyaa irraa adda baasu. Islaamni sirna ibaadaa fi amala gaarii qofa akka
ta’e, haala namootaa sirreessu fi jireenya isaanii laaffisuu waliin hariiroo homaatu
akka hin qabne godhanii namoota amansiisuuf garmalee carraaqu. Sababa kanaan
shari’aa Rahmaan irraa wanta daangaa darbitoonni bakka buusanii fi seera
Islaaman wal hin qabanne baasaniif namoonni akka hin dammaqne isaan
laamshessu barbaadu. Laamshessuu fi haqa dhoksuun gubbaan soba mul’isuu
kanaan addunyaa namootaa keessatti wanta fedhan murteessu, gara fedhan isaan
oofuu fi Rabbiin waliin gabroota ofii gochuu danda’anii jiru. Gubbaadhaa
Qur’aanni seeraa fi heera ummataati jedhu. Garuu isaan seera namtolcheetin
ummata bulchu.36
Seeraa fi heerri ajaju, dhoowwu, murtii fi danbii ittiin bulmaataa of keessaa qaba.
Seeraa fi heera namoonni ittiin bulan tumuu fi baasun harka namaa osoo hin ta’in
harka Rabbii olta’aa jira. Sababni isaas, Mootiin waa hundaa uume, haala
36 al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 48-49
40
uumamtootaa, wanta isaan fayyaduu fi miidhu sirritti beeku Rabbii Tokkicha.
Akkuma ibsa maqaa “Al-Malik (Mootii)” jedhu jalatti ilaalle, Mootiin kan ajaju,
dhoowwu, seera baasu fi murtii dabarsu, mindaa kennuu fi adabuudha. Rabbiin
Mootii haqaa waan ta’eef namoota uumee seeraa fi heera ittiin bulan osoo isaaniif
hin baasin hin dhiisne. Ni jedha:
﴿ ل أ هٱو ل لقٱل مر
ٱت ب ار ك ل لل ل مي ٱر ب ﴾لع
“Dhagayaa! Uumuu fi ajajuun kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’ee
tolti Isaa baay’ate.” Suuratu Al-A’araaf 7:54
Islaamni salaata, zakaa, sooma, hajjii fi ibaadaa biroo irratti kan daangeefamee
miti. Namni Islaamni gosa ibaadaa kanniin qofa irratti daangefame jedhee yoo
yaade dogongora guddaa raawwate jira. Garuu maaltu kana akka yaadan nama
taasisaa? Sababoota baay’etu jira. Isaan keessaa:
1-Islaamaa fi amantii biroo wal bira qabu- Islaamni amanti guutuu ta’e nama
dhuunfaa irraa jalqabee hanga mootummaa gahuutti seeraa fi heera ittiin
bulmaataa kan qabuudha. Amantiwwan biroo immoo akkanaa miti. Seerri
amantiwwan biroo keessa jiru harka namaatin kan baafame waan ta’eef gosoota
ibaadaa irratti kan daangefameedha. Awrooppaa keessatti yeroo Dark Age (Bara
Dukkanaa) jedhamu keessatti abbootin amantaa kiristaana seera fedhii ofii ittiin
guuttatan baasun uummata cunqursaa turan. Akkuma yeroon darbuun namoonni
cunqursaa kanatti finciluun abbooti amanti kiristaanaa jibbuu jalqaban. Ergasii,
amantii fi mootummaa addaan baasun amanti beetakiristaana qofarratti akka
daangeefamu godhan. Urga sanii kaasee yaada motummaa fi amantiin walitti hin
seenu jedhu addunyaa irra babal’isan. Addunyaa Muslimootaa keessattis
gowwoonni Awrooppaa akkeessan mootummaa fi amantiin wal keessa hin seenu
jechuun Islaamaa fi mootumma adda baasu jalqaban.
Islaamni amanti guutuu mootummaa fi hawaasni ittiin buluu danda’uudha.
Sababni isaas, seerri fi heerri isaa Rabbii olta’aa irraa kan bu’eedha. Amantiiwwan
biroo kan akka kiristaanaa immoo seerri isaa kan jallatee fi qeeysotaan kan
baafameedha. Kanaafu, akkamitti amantiin haqaa fi qajeelaa seerri isaa guutuu
amanti baaxilaa seerri isaa hanquu fi jallataa ta’een wal bira qabamuun Islaama fi
mootummaan walitti hin seenan jechuun danda’amaa?
41
Islaamni seerri fi heerri isaa Rabbii waa hunda uumee fi beekun kan baheedha.
Heerri mootummaa warri seekulaarizimi odeessan immoo nama dadhabaa fi
beekumsi isaa hanqu ta’een kan baheedha. Akkasumas, seerri fi heerri
mootummaan kuni baasu fedhii namoota muraasaa ykn saba tokkoo guutuuf kan
bahuudha. Addunyaa guutuu fi yeroo kam keessatti hin hojjatu. Kanaafu, seera fi
heera guutuu ta’een buluu wayya moo seera fi heera hanquu fi jallataa ta’een buluu
wayyaa?
Rabbiin guddaan olta’e ni jedha:
ف حكم ﴿ هليةٱأ هلج بغون ني نو م حس
ٱمن أ وم حكمالل ﴾٥٠يوقنون لدق
“Sila murtii Jaahiliyyah barbaadu? Namoota yaqiina qabaniif Rabbiin
caalaa eenyutu murtiin irra gaariidhaa?” Suuratu Al-Maa’ida 5:50
Murtiin jaahiliyyah murtii Rabbiin buuse faallessudha. Murtiin jaahiliyyah murtii
wallaalummaa fi fedhii lubbuu hordofuu irratti hundaa’edha. Namoota yaqiina
qabaniif murtii Rabbii caalaa murtii kamtu isaaniif irra gaariidhaa? Yaqiina
jechuun beekumsa guutuu shakkii hin qabneedha. Kanaafu, namoota yaqiina
qaban jechuun namoota beekumsa guutuu qabanii fi dhugaan amananiidha.
Namoonni yaqiina qaban murtii fi seerri Rabbii murtii fi seera kamiyyuu akka
caalu ni beeku. Kanaafu, itti amananii hordofu.
Kanaafu, namni amanti haqaa fi amantii baaxilaa wal bira qabuun dogongoruu hin
qabu. Amantiin haqaa amanti seeraa fi heera guutuu addunyaan guutuun ittiin bulu
dandeessu qabuudha. Amantiin baaxilaa immoo seera hanquu fi jallataa addunyaa
dhiisi maatiinu ittiin buluu hin dandeenye qaba.
2-Wanta wallaaltonni fi diinonni maqaa Islaamatin hojjatan ilaalu-
keessumaayyu yeroo amma kana keessa maqaa Islaamatin namoonni seera
Islaamaa hin beekne gochoota sukaneessaa Islaama faallessu baay'ee hojjatu.
Ergasii, namoonni kana ilaalan "Islaamni amanti shororkeessaati" jechuun
sammuu keessatti dogongora gurraacha maxxansu. Kuni dogongora guddaadha.
Mee of haa gaafannu, namni tokko konkolaataa haala bareedan hojjatame hir'inna
wayiitu hin qabne ni bita haa jennu. Garuu namni kuni sirritti konkolaataa oofu
hin danda'u. Konkolaataa kana oofu waan hin dandeenyeef namootatti yoo buuse,
eenyutu waqqafamaa? Nama moo konkolaataadhaa? Dhugumatti nama kana.
Seerri Islaamaa seera guutu ta'eedha. Kanaafu, namoonni maqaa Islaamatin waan
42
badaa yommuu hojjatan, maaliif Islaamatti quba akeeku? Namoota waqqasuu
dhiisanii maaliif Islaama waqqasuu? Gabaabumatti, namni Islaama beeku
barbaadu namoota osoo hin ta'in Qur'aanaa fi hadiisa banatee ilaalu qaba. Kanaafi,
Qur'aana keessatti ni jedha:
تطعوإن﴿ كث نأ رضٱفم
نيضلوك ل بيلع هٱس عون ي تبإنلل
نٱإل هموإنلظ رصون إل ﴾١١٦ي “Yoo irra hedduu namoota dachii keessa jiraniif ajajamte, karaa Rabbii
irraa si jallisu. Kan isaan hordofan shakkii qofa. Isaan kan kijiban malee
homaayyu miti.” Suuraa Al-An’aam 6:116
43
Kaayyoo Shari’aa Islaamaa
Akkuma irranatti kaasuuf yaalle Islaamni nama dhuunfaa irra darbee seeraa fi
heera addunyaa guutuu ittiin bulchu qaba. Sababni isaas, seeraa fi heera isaa
namni kan baase osoo hin ta’in Mootii addunyaa guutuu uumee fi bulchu irraa
kan bu’eedha. Islaamni jireenya ruuhi irraa kaasee jireenya ilma namaa guutuun
kan wal qabatuudha. Seerri Islaamaa fooyya'insa ilma namaa sadii bakkaan
gahuuf kan kaayyefateedha.
1ffaa- Badii ittisuuf-wantoota shan irraa Islaamni badii ittisa. Isaanis: amantii,
lubbuu, qabeenya, kabajaa fi aqlii (sammuu)dha. Fakkeenyaf, amantii ofii akka
hin gaggeessine nama namatti duule itti duulan. Lubbuu eeguf jecha nama osoo
beeku nama ajjeesse, ni ajjeessan yoo warri namni jalaa ajjeefame dhiifama
godheef malee. Zinaan kan dhoowwameef kabajaa fi sanyii namaa waan
balleessufi. Alkooli (kamrii) dhuguun kan dhoowwameef aqlii (sammuu) irratti
miidhaa waan fiduufi. Kanaafu, Islaamni ilma namaa badii irraa eeguf kan
kaayyefateedha.
2ffaa- Wanta gaarii fiduu- wanta ilmi namaa itti hajamu akkaata itti argatan
Islaamni seera lafa kaa'e jira.
3ffaa- Aklaaqa (amala gaarii) fi aadaa bareeda keessa namoota oofu- amalli
gaariin Islaamni itti nama ajaju amala bareedaa sadarkaa namaa olkaasu fi
gammachuu namaa guutudha.
Dhimmoonni sadan kunniin mootummaas ta’i, maatis ta’i, nama dhuunfaas ta’i
namootaa hundaan kan wal qabatuudha. Dhimmoota sadan kanniin mee itti
xinxalli, mootummaan Islaama irraa fottoqe (adda bahee) wantoota kanniin
galmaan gahuu danda’aa? Akkuma arginu galmaan hin gahu. Cunqursaa amanti,
lubbuu, qabeenya, kabajaa fi sammuu irratti raawwatamu wanta guyyaa guyyaan
argaa jirruudha. Warri dimookraasi jedhanii lallabaniiyyuu qabeenya biyya tokkoo
saamuuf lubbuu namoota meeqaa ajjeesu? Kanaafu, seera dimookraasi odeessan
keessatti lubbuu fi qabeenyi eeggamee jiraa?
Ammas mootummaa Islaama irraa adda bahe mee ilaali. Amalli gaariin namootaa
sadarkaa gadi aanaa irra kan gaheedha. Wantoonni fokkuun akka zinaa, alkooli,
hannaa fi kkf hawaasa keessa kan babal’ataniidha. Wantoonni kunniin yoo
babal’atan lubbuun namootaa ni baddi, dhibeen adda addaa ni babal'ata, qabeenyi
ni saamama, aqliin (sammuun) ni jeeqama. Islaamni kana hunda hanbisuuf seeraa
44
fi heera lafa kaa’e. Kanaafu, seera fi heera namtolcheetin buluu wayya moo seeraa
fi heeraa Gooftaa addunyaa guutuu irraa bu’een buluu wayyaa?
Islaamni jireenya ilma namaa guutuun akka wal qabatu ragaa agarsiisu fakkeenya
muraasaan haa ilaallu:
Islaamaa fi Mootummaa/Siyaasaa
Namoonni gariin Qur’aanni fi hadiisni waa’ema salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf
qofa waan of keessatti qabate isaanitti fakkaata. Kuni yaada dogongoraati.
Qur’aana fi hadiisa keessa seera jireenya ilma namaa guutuun wal qabatu jira.
Seera kanniin keessaa seera siyaasaa fi bulchiinsa mootummaati.
Muslimoonni jireenya keessatti humna lamaan bulu. 1ffaa-humna iimaanaa, 2ffaa-
humna mootummaati. Iimaanni isaan keessa jiru cimaa yoo ta’e, waan gaarii
hojjachuutti fiigu, waan badaa irraa of tiiksu. Humni mootummaa immoo seerota
Islaamaa hojii irra oolcha. Yommuu warri iimaanan dadhaboo ta’an hawaasa
keessatti yakka raawwatan, mootummaan seera yakkaa Islaamni lafa kaa’e hojii
irra oolcha. Fakkeenyaf, nama hate, harki isaa ni murama. Seera harka muruu hojii
irra kan oolchu mootummaa Islaamati.
Ergamaan Rabbii (SAW) gara Madiina erga godaananii booda mootummaa
Islaamaa dhaaban. Siyaasaa keessatti seera Rabbiin irraa bu’u hojii irra oolchaa
turan. Nabiyyiin erga du’anii boodas Abu Bakr Siddiiq, Umar ibn Al-Khaxxaab,
Usmaan ibn Affaan, Aliyyii fi namoonni isaan booda dhufan seeraa Islaamatin
addunyaa bulchaa turan. Seerri fi heerri isaan baasan hin jiru.
Qur’aanaa fi hadiisa keessa seeronni mootummaa fi siyaasan wal qabatan
baay’eetu jira. Akka fakkeenyaatti,
Waraana Yeroo waraanaa seera akkami hordofuu akka qaban Qur’aana keessatti bakka adda
addaatti ni arganna. Akka fakkeenyaatti aayah tana kaasun ni danda’ama:
45
“(60)-Diinota Rabbii, diinota keessanii fi isaaniin ala kanneen biroo isin hin
beekne [garuu] Rabbiin beeku ittiin sodaachistan, humnaa fi faradoo
waraanaa irraa wanta dandeessan isaaniif qopheessaa. Wanta kam irraayyu
wanti isin karaa Rabbii keessatti baastan, mindaan guutuun isiniif kennama.
Isin homaa hin miidhamtan. (61)- Yoo isaan nageenyatti daban, atis
[nageenyatti] dabi. Rabbiin irratti hirkadhu. Dhugumatti, Inni Dhagahaa,
Beekaadha. (62)-Si ganuu yoo barbaadan, dhugumatti Rabbiin siif gahaadha.
Inni gargaarsa Isaatii fi mu’mintootaan Kan si jabeessedha.” Suuratu Al-
Anfaal 8:60-62
Aayah biraa keessattis ni jedha:
تلوا ﴿ ق بيلفو ٱس ين ٱلل تلون كمل يق ل ا هو ٱإنت عت دو لل ل ﴾١٩٠لمعت دين ٱيب
“Karaa Rabbii keessatti warroota isiniin lolaniin lolaa. Daangaas hin darbinaa.
Dhugumatti Rabbiin daangaa darbitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:190
Aayaata armaan olii irraa akkuma arginu seera waraanaa lafa kaa’a. Gara duula
waraanaa bahuun dura, hanga danda’an humna waraanaa kan akka faradoo,
qawwee, taanki, xiyyaaraa, misaa’elaa fi kanneen biroo qopheessu akka qaban
46
ajaja. Waraana keessatti daangaa darbuu irraa ni dhoowwa. Kanneen akka
daa’imman, dubartoota fi namoota nagahaa lola keessatti hin hirmaanne ajjeessu
fi kkf daangaa darbuudha. Gochoota akkanaa irraa ni dhoowwa.
Waa’ee waraanaa ilaalchise bal’inaan suuratu Al-Baqara, Aali-Imraan, Al-
Anfaal, At-Tawbaa fi boqonnaalee biroo keessatti argachuun ni danda’ama.
Hadiisonni Nabiyyiis (SAW) akkaataa fi seera waraanaa ni ibsu. Namni gara
waraanaa deemu seerota kanniin beeku qaba. Seerota kanniin osoo hin beekin ykn
hogganaa seerota kanniin beeku osoo hin hordofin gara waraanaa deemun wanta
fedhe yoo balleesse, yakka/badii guddaa kan hojjatu ta’a.
Murtii
Siyaasaa keessatti murtiin waan hin hafneedha. Murtiin kuni bifa adda addaatin
dhufa. Nama yakka hojjate irratti murteessu, namoota wal morman jidduutti
murteessu, labsii adda addaa murteessu fi kanneen biroo murtiidha. Alhamdulillah
Islaamni murtii kanniinii fi kanneen biroo ilma namaatiif barbaachisan hunda of
keessatti kan qabateedha. Murtii yakkaa yoo ilaalle, nama daangaa darbuun yakka
gurguddaa hojjate, adabbii isaa ni murteessa. Fakkeenyaf, namni hate, harki isaa
ni murama. Namni osoo beeku nama nagahaa ajjeese, seera qisaasa jedhamuun ni
ajjeefama, yoo firri nama ajjeefamee dhiifama godheef malee. Kunniin hundii
hawaasa keessaa badii duguguu fi qulqulleessufi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa
ni jedha:
لن ا إنا ﴿ نز ك أ ٱإل ب لكت ا لناسٱب ي ل حكم ل قدٱب ك بم ى ر
هٱأ لل
ل ا ئني ت كنو صيمالدلخ ﴾١٠٥خ
“Wanta Rabbiin sitti agarsiiseen namoota jidduutti akka murteessituuf
dhugumatti Kitaaba haqaan gara keetti buufne. Gantootaaf falmaa hin ta’in.” Suuratu An-Nisaa 4:105
ا﴿ ء منفيهخت ل فتمٱو م ۥف حكمهش هٱإل لكملل ٱذ لل بد ر ل يه تع ك هت و نيبوإل
﴾١٠أ
47
“Wanta tokko irraa wanti isin keessatti wal dhabdan, murtiin isaa gara
Rabbiiti. Suni Allah Gooftaa kiyya, Isarratti hirkadhe, garuma Isaa
deebi’as.” Suuratu Ash-Shuuraa 42:10
Kanaafu, bulchiinsa mootummaa keessatti murtiin kan Rabbii olta’aati. Namoota
jidduutti seera Inni kitaaba keessatti buusen murteessan. Kanaan ala, seerri fi
heerri namtolche nama jidduutti ittiin murteessan seeraa xaaghuutati. Ilma namaa
kan miidhu malee fayyadu miti. Mee ilaali, seerri fi heerri namni baase kuni ilma
namaa akkamitti akka miidhu. Namni cunqurfame yommuu mana murtii deemu,
haqaan isaaf hin murteefamu. Namoonni haqa malee mana hidhaa keessatti
dararamanii fi ajjeefaman, qabeenyi isaanii saamamu seenaan haa lakkaawu.
Rabbiin guddaan olta’e ni jedha:
ف حكم ﴿ هليةٱأ هلج بغون ني نو م حس
ٱمن أ وم حكمالل ﴾٥٠يوقنون لدق
“Sila murtii jaahiliyyah barbaadu? Namoota yaqiina qabaniif Rabbiin
caalaa eenyutu murtiin irra gaariidhaa?” Suuratu Al-Maa’ida 5:50
Yaa’ii ykn marii (Shuuraa) Yaa’ii jechuun dhimma tokko irratti mari’achuuf wal gahuudha. Siyaasaa
keessatti waliin mari’achuun garmalee barbaachisaadha. Kanaafi, Qur’aana
keessatti itti xiyyeefachuun mariitti ni ajaja. (Ilaali suuratu Aali-Imraan 3:159,
Ash-Shuuraa 42:38)
Ergamaan Rabbii (SAW) yommuu gara duulaa deemanii fi dhimmoota
barbaachisoo mootummaan wal qabate irratti sahaabota waliin mari’achaa turan.
Islaamaa fi Diinagdee
Diinagdeen ykn qabeenyi namoonni harkaa qaban hundi kan Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa isaaniif kenneedha. Kanaafu, qabeenyi kan isaanii osoo hin ta’in kan
Rabbii olta’aati jechuudha. Qabeenyi kan Isaa erga ta’ee seerri diinagde ittiin
bulchan jiraachu qabaa miti ree? Seerri namoota qajeelchu fi daangeessu yoo hin
jiraatin akka gaala gadi lakkifamtee wantuma argite balleessitu ta’u. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa qabeenya erga isaaniif kenne, seera qabeenya kana ittiin
bulchan ni buuse. Qabeenya kana akkamitti itti fayyadamu akka qaban, mirgaa fi
dirqama isaan irra jiru, wantoota dhoowwamanii fi kanneen biroo ni ibse.
48
Mirgi nama qabeenyatti fayyadamu qabu, karaa Rabbiin hayyameen qabeenya
argachuuf tattaafachu fi haala sirrii ta’een itti fayyadamuudha. Dirqamni isarra jiru
immoo qabeenyi isaa hamma zakaa itti baasu yoo gahe, zakaa baasu; firoota
gargaaru fi kkf dha. Wantoonni dhoowwamaan qabeenya kana keessatti hojjachuu
hin qabne, qisaasessu, ribaa (dhala) nyaachu, mattaa kennuu fi fudhachuu, haqa
malee qabeenya yatimaa nyaachu, nama gowwoomsun qabeenya namoota
nyaachu fi kkf dha.
Kanniin armaan olii ilaalchise aayaata muraasa mee haa eerru:
ي ٱو هو ۞﴿ ل أ نش
نت أ ت ج عروش ي م ت و غ عروش رع ٱو لنخل ٱو م لز
كلهمت لفايتون ٱو ۥأ ان ٱو لز بهالرم ي مت ش به ىو غ منكوا مت ش ره إذ ا ۦ ث م
ر ثم هو ء اتوا أ ق ي وم ۥح اده ص ح هۦ ل ۥإنهتسفو ا هو ل ﴾١٤١لمسفي ٱيب
“Inni ashaakilti sireen godhamuu fi sireen hin godhamneef, muka temiraa,
midhaan firiin isaa garagaraa, zeytuuna fi ruummaana wal fakkaatu fi wal
hin fakkaanne Kan uumedha. Yommuu oomisha kennu oomisha isaa irraa
nyaadhaa, guyyaa haamaa isaas haqa isaa kennaa, hin qisaasessinaa.
Dhugumatti, Inni warra qisaasessan hin jaallatu.” Suuratu Al-An’aam 6:141
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ashaakilti sireen godhamuu fi sireen hin
godhamneef kan uumedha. Kan jechuun ashaakilti keessaa biqiltoota sireen
(baaxin) isaaniif godhamuun irratti hirkatanii fi firii isaanii rarraasantu jira. Kan
akka timaatimi. Timaatimiin yommuu firii baay’ee buufatu of baadachu waan hin
dandeenyeef baaxin ykn daasin irratti hirkatu ni godhamaaf. Biqiltoota keessaa
immoo osoo sireen hin godhaminiif ofiin dhaabbatee kan guddatu jira. Kan akka
burtukanaa. “midhaan firiin isaa garagaraa” Midhaan firiin isaa bocaan, bifaan,
dhandhamaa fi amaloota biroon garagara ta’e Kan uume Rabbii olta’aadha.
Zeytuuna fi ruummaana wal fakkaatu fi wal hin fakkaannes ni uume. Ruummaan
firaafiree akka burtukaanaa garuu garmalee diimaa kan ta’ee fi keessaan firiiwwan
diddimtu qabuudha. Ingiliffaan “pomegranate” jedhama.
49
Rummaana (pomegranate)
“Yommuu oomisha kennu oomisha isaa irraa nyaadhaa, guyyaa haamaa
isaas haqa isaa kennaa” Yommuu oomishni isaa gahee irraa nyaadhaa.
Akkasumas, Guyyaa haamaa fi oomisha isaa zakaa kennaa. Qabeenya baasu,
nyaachu fi kan biroo keessatti daangaa jidduu galeessa hin darbinaa. Bakka sirrii
ta’een alatti qabeenya baasun daangaa Isaa warra darban Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa hin jaallatu.37
Asitti diinagdeen namni harkaa qabu namni kan biqilche osoo hin ta’in kan
Rabbiin uume ta’uu ni mirkaneessa. Akkasumas, akkamitti itti fayyadamu akka
qaban nama qajeelcha. Nyaachu fi haqa diinagdee kennuutti ni ajaje. Haqni
diinagde keessa jiru zakaa dha.
“Kuni qote bultootaa fi warra biqiltoota guddisaniin kan wal qabateedha. Seerri
daldalaan ykn hojii mootummaatin wal qabatee jiraa?” jedhee namni tokko
gaafachu danda’a. Eeyyen sirritti jira. Bakki waan nutti gabaabbatufi malee silaa
ni dhiyeessina. Kana beektu laata Qur’aana keessatti aayan hundarra dheertu taate
aayah liqaa fi daldalaan wal qabattuudha. (ilaali suuratu Al-Baqarah 2:282) Hojii
mootummaatinis wanta wal qabate mee haa dhiyeessinu:
37 Tafsiiru muyassar-146
50
﴿ ل كلو ا و ل كمت أ مو
ب ين كمأ طلٱب تدلوا لب ا و به مٱإل لك
كلوا نف ريقال أ لمد مو
لناسٱأ ثمٱب نتمل
أ ﴾١٨٨ت عل مون و
“Sobaan qabeenya keessan jidduu keessaniitti hin nyaatinaa. Osoo
beektanuu qabeenya namootaa irraa garii cubbuun nyaachuuf jecha
abbooti seeraatti isaan hin dhiyaatinaa.” Suuratu Al-Baqarah 2:188
Karaa sobaatiin gariin keessan qabeenya garii hin nyaatin. Kan akka sobaan
kakachuun, hatuun, saamun, malaamaltummaan, dhalaani fi kan kana fakkaatin
qabeenya keessan wal jidduutti hin nyaatinaa. "Osoo beektanuu qabeenya
namootaa irraa garii cubbuun nyaachuuf jecha abbooti seeraatti isaan hin
dhiyaatinaa.” Kuni hiika lama qaba:
1ffaa-haraama ta’uu osoo beektanu qabeenya namootaa nyaachuuf ragaalee
sobaatiin gara abbooti murtii hin deeminaa. Fkn, namni tokko qabeenya nama
biraa irraa qaba haa jennu. Namni lammataa kuni qabeenya nama jalqabaa ni
waakkata/ni morma. San booda abbaa murtii bira deemun ragaalee sobaa
dhiyeessee qabeenya nama jalqabaa nyaachuf carraaqa. Kuni dhoowwamaadha.
2ffaa- haraama ta’uu osoo beektanuu qabeenya namootaa nyaachuuf jecha abbooti
seeraatiif mattaa (gubboo) hin kenninaa.38
Islaamni akkaataa itti daldaalan, daldala keessatti wantoota hayyamamanii fi
dhoowwaman ilaalchise seera guutuu qaba. Yeroo ammaa "Sirni dinagdee
Islaamaa (Islamic Finance)" babal'ataa fi fudhatama guddaa argataa jira.
Gabaabumatti, Islaamaa fi siyaasan, dinagdeen wanta addaan bahuu hin
qabneedha. Yeroma Islaamaa fi siyaasan, dinagdeen addaan bahan jireenyi ilma
namaa ni jeeqamti. Tarii gubbaadhaa qabeenya baay'ee walitti kuusu danda'u.
Garuu keessi isaanii tasgabbii hin argatu. Rakkoo cinqii (depression) warri
dhiyaati fi bahaa keessa jiraatan mee qoradhu. Dhalli (ribaan) Islaama keessatti
38 Tafsiiru Muyassar-29,Zaadul masiir-110 https://www.englishtafsir.com/Quran/2/index.html#sdfootnote197sym
51
dhoowwamaadha. Yommuu seera kana cabsuun dhalaan daldaalan, cinqiin isaan
itti seenan hangana hin jedhamu.
Islaamaa fi Hawaasa
Islaamni nageenyaa fi tokkummaa hawaasummaatiif xiyyeefanno guddaa kenna.
Wanta hawaasa jeequu fi miidhu karaa adda addaatin ittisuuf yaala. Karaalee
kanniin keessaa, waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, gara
tokkummaatti namoota waamu, daangaa darbitoota irratti tarkaanfi barbaachisuu
fudhachuu fi kkf dha. Kanaafi, Qur’aana keessatti ni jedha:
ٱب بلعت صموا ٱو ﴿ يعالل ج ل قوا هو ر ذكروا ٱو ت ف ٱنعم ت ل يكملل كنتمإذع ا ءأ عد
لف صب حتمقلوبكمب ي ف أ
تهف أ ناۦ بنعم كنتمإخو و اعل ف ة ش ن حفر لنارٱمد
كم ذن نق هف أ ا نه لك مد ذ ك ٱيب يد تهل كملل لكمۦء اي ﴾١٠٣ت هت دون ل ع
“Haada Rabbii hunda ta’aa qabadhaa, adda addas hin bahinaa (hin
faca’inaa). Yommuu isin diinota walii turtanii qalbii keessan wal simsiisuun
qananii Isaatiin obboleeyyan taatan; qarqara boolloo ibiddaa irra turtanii
ishii irraa isin baraare, qananii Rabbii isin irra jiru yaadadhaa. Akka
qajeeltaniif Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif addeessa.” Suuratu
Aali-Imraan 3:103
Hundi keessanu Kitaaba Gooftaa keessanii fi qajeelcha Nabiyyi keessanii sirritti
qabadhaa. Addaan faffaca'utti wanta isin geessu hin hojjatinaa. Qananii guddaa
Rabbiin isin qananiise yaadadhaa: Yaa mu’mintoota yommuu isin Islaama dura
diinota walii turtan, Rabbiin Isa jaallachuu fi Ergamaa Isaa jaallachuu irratti qalbii
teessan walitti qabe. Wal-jaallachuu qalbii teessan keessatti darbe. Kanaafu, tola
Isaatin obboleeyyan wal jaallattan taatan. Qarqara ibidda jahannam irra turtan.
Islaamaan isin qajeelchee ibidda irraa isin baraare. Akkuma mallattoolee iimaanaa
sirrii isiniif ibse, akka karaa qajeelaatti qajeeltaniif, hordoftanii fi irraa hin
jallanneef wanta fooyya’iinsi keessan keessa jiru hundas isiniif ifa godha.39
39 Tafsiiru Muyassar-63
52
“Isin keessaa gareen namootaa gara wanta gaarii ta’e hundatti waaman,
wanta sirrii ta’etti ajajanii fi wanta badaa irraa dhoorgan haa jiraatan.
Warri sun isaanumatu milkaa’odha. Akka warra ragaaleen ifaa erga isaaniif
dhufanii booda addaan faca’anii fi wal dhabanii hin ta’inaa. Warra san
adabbii guddaatu isaaniif jira.” Suuratu Aali-Imraan 3:104-105
Yaa warra amantan! Isin keessaa gareen namootaa (jama’aan) gara khayrii
waaman, ma’aruufatti ajajani fi munkara irraa dhoowwan haa jiraatan. Asitti
khayrin (wanti gaariin) wanta gara Rabbii olta'aa nama dhiyeessu fi dallansuu Isaa
irraa nama fageessu hundadha. Ma’aruuf jechuun bareedaa fi sirrii ta’uun isaa
sammuu fi shari’aan kan beekkameedha. Kan akka namootaaf tola oolu,
haqummaan hojjachuu fi kkf. Munkar jechuun immoo fokkuu ta’uun isaa shari’aa
fi sammuun kan beekkamedha. Kan akka shirkii, zinaa, hanna, zulmii (cunqursaa
fi miidhaa) fi kkf.
Aayah tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Muslimoota keessaa gareen
gara karaa Isaatti waamanii fi namoota gara Islaamatti qajeelchan akka jiraatan
ajaja. Garee kana keessa, beektonni amanti Islaamaa namoota barsiisan, daa’iwan
namoota Islaaman ala jiran gara Islaamaa seenutti waaman, namoota jallatan akka
qajeelan waaman, namoonni karaa Rabbii keessatti qabsaa’anii fi kanneen biroo
ni seenu.40
Itti aanse addaan bittinnaa’u fi gargar ta’uu irraa ni dhoowwa. Yaa warra amantan!
Akka abbooti kitaabaa (yahuudotaa fi kiristaanotaa) diinummaa fi jibbummaan
isaan jidduutti uumamuun garee gareen addaan faca’anii fi erga haqni ifa isaaniif
40 Tafsiiru Sa’dii-149
53
ta’ee booda hundee amanti isaanii keessatti gargar ta’anii hin ta’inaa. Warri kuni
adabbii guddaatu isaaniif jira.41
Addaan bittinnaa’un, garagar ta’uu fi wal dhabuun tokkummaa fi jabeenyaa
hawaasaa dadhabsiisa. Diinotaf karaa bana. Badii fi jeequmsi akka baay’atuu fi
gaarummaan akka xiqqaatu taasisa. Islaamni kana hanbisuuf gara tokkummaatti
waama. Garuu, “Tokkummaa hawaasaa” yommuu jedhamu, “namoota amanti
biroo hordofan waliin tokkoomu qabna” jechuudhaa? Kuni tuqaa baay’ee
barbaachisaa qorannoo fi ibsa bal’aa barbaadudha. Ammaf mata-dureen kuni
bal’aa waan ta’eef itti hin seennu. In sha Allaah yoo ajalli hin dhufin, mata duree
al-walaa’u walbaraa’u jedhamu jalatti ilaalun keenya hin oolu.
Ammas, Islaamni nageenya hawaasatiif xiyyeefannoo kenna. Wantoota nageenya
hawaasaa booressan keessaa tokko oduu sobaa ykn oduu dhokfamu qabuu ummata
keessa facaasudha. Qur’aana keessatti warra oduu nageenya hawaasaatiin wal
qabatu facaasan ilaalchise akkana jedha:
ا ء هموإذ ا﴿ مر ج ن أ منٱمد
ول
ذ اعوا ل وفٱأ
بهأ ل وهۦ وهو ر د لرسولٱإل
لوإل و مرٱأ
همنهمل لم ين ٱل ع منهمهۥي ست نبطون هل ل ول ٱف ضلو لل
ل يكم ر ح تهع ۥو ن ٱتب عتمل يط لش ﴾٨٣ق ليلإل“Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi wayii isaanitti dhufe, [namoota
keessa] tamsaasu. Osoo gara Ergamaa yookiin isaan keessaa abbooti
dhimmaa (taaytaatti) deebisanii, silaa kanneen isa irraa xumura sirrii baasan
ni beeku turan. Osoo tolti Rabbii fi rahmanni Isaa isin irra jiraachu baate,
muraasa malee silaa sheyxaana hordoftanii turtan.” Suuratu An-Nisaa 4:83
Yeroo oduun tasgabbii yookiin sodaan wal-qabatu namoota iimaanni qalbii isaanii
keessatti hidda hin qabannetti dhufe, oduu kana namoota keessa ni raabsu.
Fakkeenyaaf, yeroo lolaa Muslimoonni yoo moo’ataman ykn miidhaman,
namoonni iimaanni isaanii dadhabaa ta'ee fi jarjaran, oduu kana ni tamsaasu.
Ergasii hawaasa keessatti sodaa fi jeequmsi ni uumama.
41 Tafsiiru Muyassar-63
54
Osoo namoonni jarjaran kunniin tamsaasun dura oduu dhagayan gara Ergamaa
Rabbiitti (SAW) yookiin gara beektotaa fi abboota taaytaatti deebisanii, silaa
warroonni xinxallanii fi qoratan, dhugaa oduu sanii ni beeku turan. Erga beekanii
booda xumura oduu kanaa ilaalanii fooyya’iinsi keessa yoo jiraate ni labsu. Ta’uu
baannan ni dhoksu. Osoo Rabbiin tola isin irratti ooluu fi rahmata isiniif gochuu
baate, isin keessaa namoota muraasa malee sheyxaana hordoftanii turtan.
Kana keessa qajeelfama bu’uura naamusaatu jira. Innis, dhimmoota keessaa
dhimma tokko qorachuun barbaachisaa yoo ta’e, namni kanaaf malu akka hojjatuu
gochuudha. Namoonni dandeetti qaban ni hojjatu, isaan dursuun hin barbaachisu.
Sababni isaas, namoonni dandeetti qaban dhimma san yoo qoratanii fi hojjatan,
xumurri isaa gara sirriitti dhiyoo ta’a, dogongora irraa ni fagaata.
Ammas kana keessa, dhimma ykn oduu tokko akkuma dhagayaniin tamsaasu irraa
dhoowwutu jira.42 Namni oduu tokko yommuu dhagahu raabsun dura, oduu kana
keessa fooyya’insi ni jiraa? Miidhaan oduu kana raabsun dhufu maalidha? Jedhee
itti yaadu fi xinxalluu qaba. Keessumayyuu, oduu maatii fi hawaasan wal qabate
akkuma argan tamsaasun balaa guddaa fida. Osoo namoonni soshaal midiyaa fi
karaalee biroo fayyadamuun oduu akkuma argan hafarsanii namoota irratti miidha
fidan, aayah tana beekanii hojii irra oolchanii maal qabaa!
Islaamaa fi Maatii
Maatiin hundee hawaasni fi biyyi ittiin ijaarramuudha. Maatiin yoo tole ijoolleen
gara hawaasaa bahan ni tolu. Kanaafu, haala wali galaatin hawaasnis ni tola.
Islaamni maatittis xiyyeefannoo guddaa kenne. Seerota maatiin wal qabatan
baay’ee lafa kaa’e. Kan akka seera fuudhaa heerumaa, wal dhaalu, guddinna
ijoollee fi kanneen biroo. Maatii gaarii ijaaruf tooftaa akkami fayyadamu akka
qaban nama qajeelcha. Tooftaa kanniin keessaa, niiti/abbaa manaa gaarii filachuu,
ijoollee amanti fi naamusa Islaama barsiisu fi kanneen biroo eerun ni danda’ama.
Fuudhaa heeruma keessatti akkaataa dubartii itti kaadhimatan, cidha qopheessan,
naamusa wal qunnamti fi kanneen biroo ni arganna. Abbaa fi haati manaa yoo wal
42 Tafsiiru Muyassar-fuula 91, Tafsiiru Sa’dii-205
55
ta’uu dadhaban wal hiikuf seera hordofuu qaban lafa kaa’a. Kana ilaalchise gara
jalaatti liinkin ni jira.
Seerotaa fi naamusoota baay’ee maatiin wal qabatan Islaama keessatti ni arganna.
Naamusa gaarii namoonni baay’een xiyyeefannoo itti hin kennine tokko
dhiyeessun mata-duree kana haa xumurru:
“Yaa warra amantan! Kanneen harki mirgaa keessan qabatee fi isin keessaa
kanneen umrii saalfannaa hin geenye yeroo sadii isin haa hayyamsiisan:
salaata fajriin dura, walakkaa guyyaa yommuu uffata keessan ofirraa
baastanii fi salaata ishaa’i booda. [Kunniin] yeroo sadii qullaa itti
taataniidha. [Yeroo sadan] kanaan alatti [hayyama malee yoo walitti
seentan], isin irras ta’ee isaan irra diliin hin jiru. Isin irra kan naanna’an waa
ta’aniif; gariin keessan garii irra [naanna’a]. Akka kanatti Rabbiin
keeyyattoota isiniif addeessa. Rabbiin Beekaa, Ogeessa.” Suuratu An-Nuur
24:58
"Kanneen harki mirgaa keessan qabatee” jechuun gabroota ykn tajaajiltoota
keessan. "Isin keessaa kanneen umrii saalfannaa hin geenye” immoo ijoollee
umrii saalfannaa (buluugha) hin geenyedha. Ijoolleen dhimmoota afran kanniin
keessaa tokkoon umrii saalfannaa gahu: (1)-yeroo hirribaa maniyyii (dhangala’oo
saalaa) dhangalaasu yookiin sababa kanaan alaatiin maniyyi dhangalaasu,(2)-
rifeensi gaggabaan naannoo qaama hormaatatti biqiluu, (3)-umriin isaa/ishii
waggaa 15 (kudha shan) gahuu. (4)-Dubartii yoo taate heeydi (laguu) arguu.[1]
56
Kana booda ibsi aayah: Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitanii seera
Isaatti bultan! Yeroo sadii isin kophaa fi qullaa itti taatan keessatti yommuu isinitti
seenan akka isin hayyamsiisan gabroota keessanii fi ijoollee umrii saalfannaa hin
geenye ajajaa. Yeroon sadan kuni: (1)-Salaata fajrii (subii) dura-sababni isaas,
yeroon kuni yeroo uffata hirribaa baafatanii uffata biraa itti uffataniidha. (2)-
Boqonnaaf walakkaa guyyaa yommuu uffata baafatanii fi (3)-Salaata Ishaa’i
booda. Sababni isaas, yeroon kuni yeroo hirribaati. Yeroon sadan kunniin yeroo
kophaa itti taatanii fi nafa ofii haguuguun itti xiqqaatudha. (Yeroo sadan kana
keessatti uffata ofirraa baasuun qullaa ta’uu waan danda’aniif, namni gola isaanii
seenun dura hayyama gaafachu qaba. Balbala rukutuun, “Seenu danda’aa?” jechuu
qaba.)
“[Yeroo sadan] kanaan alatti [hayyama malee yoo walitti seentan], isin irras
ta’ee isaan irra diliin hin jiru. Isin irra kan naanna’an waa ta’aniif; gariin
keessan garii irra [naanna’a].”
Yeroo sadan kanaan ala tajaajiltonni fi ijoolleen umrii saalfannaa hin geenye
hayyama malee yoo isaanitti seenan homaa rakkoo hin qabu. Sababni isaas,
gabroonni isaan tajaajiluuf yeroo baay’ee isaanitti deddeebi’u. Gariin garii irra
naanna’a. Yeroo hundaa hayyama gaafachun ni ulfaata. Garuu gabrootaa fi
ijoollee xixiqoo umrii saalfannaa hin geenyeen ala namoonni jiran isaanitti
seenuuf yeroo hundaa hayyama gaafachu qabu. Itti aanse ni jedha:
لٱب ل غ وإذ ا﴿ طف للم ٱمنكمل اذننوا ف لي ست م ٱك ن ست ٱذن منين ل
بلهمه لك ق ذ ك ٱيب يد تهل كملل ء اي ٱو هۦ ليم لل كيم ع ﴾٥٩ح
“(59)-Isin keessaa ijoolleen umrii saalfannaa yommuu gahan, akkuma warri
isaaniin duraa hayyamsiifatan isaaniis haa hayyamsiifatan. Akka kanatti
Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif ibsa. Rabbiin Beekaa Ogeessa.” Suuratu An-
Nuur 24:59
Kana jechuun akkuma namoonni gurguddoon mana seenuun dura hayyama
gaafatan, ijoolleen umrii saalfannaa gahaniis seenuu yommuu barbaadan yeroo
hundaa hayyamaa haa gaafatan.43
43 Tafsiiru muyassar-357-358
57
Gola ykn kutaa ciisichaa keessatti namni uffata jijjirata. Namni akka isatti seenu
hin barbaadu. Kanaafu, ijoolleen umrii saalfannaa erga gahanii booda gola isaanii
seenuun dura yeroo hundaa hayyama gaafachu qabu. Seenun dura hayyama
gaafachu keessa faayda baay’eetu jira:
1ffaa-Namni yommuu qullaa ta’u namni biraa isa arguu irraa ni jibba, garmalee
saalfata. Kanaafu, hayyama gaafachuun jibbummaa fi jeequmsi akka hin
uumamnee fi salphinni akka namatti hin dhagahamne taasisa. 2ffaa- Tarii namni
gola keessatti haadha warraa waliin ciisu danda’a. Namni biraa hayyama malee
yoo seenee gocha kana argu, qormaanni guddaan ni uumama. Keessumayyu,
ijoollen fedhiin isaanii cimaa ta’ee yoo kana argan garmalee qoramu. Kanaafu,
balbala fitnaa (qormaataa) cufuuf hayyama gaafachuun baay’ee barbaachisaadha.
Maatii ilaalchisee murtiwwan, seeronni fi naamusonni baay’een karaa sirritti nama
qajeelchanii fi badii irraa maatii tiiksan Islaama keessa guutanii jiru. Dhugumatti,
maatii gaarii gammachuu qabu ijaarrun kan danda’ama Islaama hordofuu qofaani.
Islaamaa fi Namoota Dhuunfaa
Namni Islaama irraa yoo adda bahee jireenyi isaa jireenya hin jedhamtu. Jeequmsi,
dukkanni, gaddii fi yaaddon gara hundaan isa haguugu. Rabbiin subhaanahu wa
ta’aalaa namoota hundaa kan uume Isa. Nafsee isaanii, wanta isaan fayyaduu fi
miidhu sirritti beeka. Kanaafu, qajeelcha nafsee namaa fooyyessuu fi badii irraa
eegu ergamtoota erguu fi kitaabban buusun ni ibsee. Namni qajeelcha Isaa
hordofe, warra gammachuu qabanii fi milkaa’an keessaa ta’a. Namni dide immoo
warra rakkatanii fi kasaaran keessaa ta’a. Aayah lama asitti dhiyeessun mata-duree
kana haa xumurru:
اٱق ال ﴿ اهبط يع اهمنه هل عضب عضكمج دود اع تي نكمف إمي أ ند هدىمد
ن م ب ع ٱف اي ت هد ي ضلف ل ل و ﴾١٢٣ي شق “[Rabbiin] ni jedhe ‘Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanu
walumaan ishee (Jannata) keessaa [gara dachiitti] gadi bu’aa. Ergasii Ana
irraa qajeelfamni yoo isinitti dhufe, namni qajeelfama Kiyya hordofe hin
jallatus, hin rakkatus.” Suuratu Xaahaa 20:123
58
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aadamii fi Hawwaan akkana jedhe: Isin lamaanu
ibliisa waliin Jannata keessaa gara dachiitti bu’aa. Isin lamaani fi ibliisni
(sheyxaanni) waliif diina. Yoo Ana irraa qajeelchi fi ibsi dhufe, namni qajeelchaa
fi ibsa Kiyya hordofee fi hojii irra oolche, addunyaa keessatti ni qajeela, hin jallatu.
Aakhirattis adabbii Rabbiitin hin rakkatu.44
ن﴿ و م عر ض نأ ف إنذكريع ةۥل عيش نكم هض ش ن ةٱي وم ۥو م لقي عم
﴾١٢٤أ
"Namni yaadanno Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo ta’etu isaaf
jira. Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa Kaafna” Suuratu Xaahaa 20:124
Namni ajaja Kiyyaa fi wanta Ergamaa Kiyya irratti buuse faallesse, irraa garagalee
fi dhiise, addunyaa tana keessatti jireenya dhiphoo fi ulfaattu taatetu isaaf jira.
Osoo warra tolaa fi badhaadhinna qaban fakkaateyyu qomni isaa tan
dhiphatteedha, tasgabbii hin qabu. Qalbiin isaa yaqiina fi qajeelcha qulqulluu
hanga qabaattutti malee, inni jeequmsa, dhama’iinsaa fi shakkii keessa jiraata.
Kuni jireenyi dhiphoo ta’uudha. Erga du’ee boodas qabriin isatti dhiphatti, achi
keessatti azzabama (adabama). Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa kaafna.45
Islaamni qajeelcha guutuu addunyaan, biyyi, hawaasni, maatii fi namni dhuunfaa
hundii ittiin qajeelu kan of keessatti qabateedha. Namni qajeelcha kana hordofe,
gammachuu barbaadu ni argata, rakkoo jalaa ni baha. Namni Islaama hodofuu
irraa of tuule immoo gammachuu dhabuun jireenya dhiphoo jiraata. Adabbii
cimaaf of saaxila.
Haala kanaan Islaamni jireenya ilma namaa guutuun akka wal qabatu
mirkaneefachu ni dandeenyaa jechuudha.
Gaafi: "Islaamaa fi Musliima jechuun maal jechudhaa?" jedhamte yoo gaafatamte
deebiin kee maalidhaa?
Jechoota gabaaboon, “Islaama jechuun osoo of hin tuulinii fi itti hin qindeessin
(hin shaarrakin) Rabbii olta’aaf harka kennu, gadi jechuu fi ajajoota Isaatiif
buluudha.”
Itti qindeessu ykn shaarraku jechuun Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu
44 Tafsiiru Muyassar-fuula 320 45 Tafsiir ibn Kasiir-5/315, madda olii
59
(waaqefachuudha). Kan akka Isa waliin waan biraa kadhachuu, Isaan ala wanta
biraatiif gadi jechuu, sagaduu, garmalee ol-guddisuu, sodaachu fi ibaadaa biroo
wanta biraatiif gochuu. Kuni hundi shaarraku waan ta’eef Muslimni irraa
fagaachu qaba.
Muslima jechuun nama osoo of hin tuulinii fi hin shaarrakin Rabbii Tokkicha
qofaaf harka kennu, gadi jedhuu fi ajajoota Isaatiif buluudha.
Namni waa’ee fuudhaa heerumaa Islaamaa beeku barbaadu kitaaba Gaa'ila
Islaamaa jedhu dubbisuu danda’a. Seera nikah itti buusanis Islaama keessatti
akkam akka ta'e asirraa argachuun ni danda'ama:
https://islaama.files.wordpress.com/2020/01/nikah-buusu.pdf
60
61
Hiika Laa Ilaah İll-Allah-Kutaa 1
Akkuma kutaa darbe keessatti jenne hundeen Islaamaa Rabbii olta’aa tokkicha
qofa gabbaruu fi wantoota Isaa gadi jiran hundatti amanuu diduu, mormuu fi
gabbaruu irraa fagaachudha. Jecha biraatin, “Laa ilaah illallah” dha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ergamtoota Isaa hundaa jecha Laa ilaah illallah tiin
erge. Ni jedha:
ا ﴿ لن او م رس بلك منأ رسولمنق هنوح إل نهإل
ه ل ۥأ ن ا إل إل
﴾٢٥عبدونٱف أ
“[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa tokkooyyuu hin ergine, “Ana malee dhugaan
gabbaramaan hin jiru; kanaafu, Ana [qofa] gabbaraa” [jechuun] wahyii (beeksisa)
gara isaatti kan buufnu yoo ta'e malee.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:25
Kana jechuun Ergamtoota si dura dhufan hundatti “Dhugaan Gabbaramaan Ana
malee hin jiru. Kanaafu Ana qofa gabbaraa” jechuun beeksifne.
Mee har’a hiika Laa ilaah illallah haa ilaallu.
Jalqaba jecha jechaan Laa ilaah ill-Allah haala waligalaatiin haa hubannu.
Laa-hin jiru, asitti ilaah- dhugaan gabbaramaa, illa-malee, Allah-Rabbiin
Amma jechoota kanniin walitti fiduun Laa ilaah illAllah gara Afaan Oromootti
yommuu hiiknu, “Dhugaan (haqaan) gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru” ta’a.
Mee amma “Laa ilaah illallah (Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru)”
gadi fageenyaan haa ilaallu:
Gabbaramaa jechuun maal jechuudhaa? Sheykhul Islaam Ibn Taymiyyaan ni
jedha: “Gabbaramaan (ilaah) jaallatamaa qalbiin jaalalaan gabbartu, isaaf gadi
jettu, isa sodaattu fi kajeeltu, yeroo rakkoo gara isaatti deebitu, wanta ishii
barbaachisu keessatti isa kadhattu, faayda ishii keessatti isarratti hirkattu, gara
isaatti kan dheessitu, zikrii (Isa yaadachuun) tasgabbii kan itti argattu, jaalala
Isaatti kan tasgabbooftudha. Kuni Rabbiif qofa malee eenyufillee hin ta’u.
Kanaafi, Laa ilaah illallah'n jecha hundarra dhugaa taatedha.46
Asirraa ka’uun haala gabaaban gabbaramaa (ilaah) jechuun kan garmalee
jaallatamu, kabajamu, ol-guddifamu, kan isaaf of gadi xiqqeessanii fi of gadi
qaban, ajajaman, sodaatan, waan hundaa irraa kajeelan, kadhatanii fi irratti
46 Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 53-54, Abu Bakr Muhammad Zakariya
62
hirkataniidha. Gabbaramaan (ilaah) kan gabbaramu erga ta’ee hiika gabbarri
(ibaadaa) beekun nu barbaachisa.
Al-Azhariyyi ni jedha: akka lugaatti ibaadaa jechuun of gadi qabuun
ajajamuudha. Karaan yeroo baay’ee irra deddeemun yoo qaacca’e “Xariiqu
mu’abbadu” jedhama.
Ammas hayyuun lugaa Arabiffaa Al-Jawhariyy ni jedha, “Hundeen ibaadaa al-
Khuduu’u (gadi of qabuu) fi az-zillatu (xiqqeenya)dha.”
Akka shari’aatti ibaadan hundee gadi of qabuu fi of gadi xiqqeessu irraa kan
fudhatamee fi yaada bal’aa kan of keessatti qabuudha. Hayyoonni Ibaadaf hiika
garagaraa kennanii jiru. Garaagarummaan hiikaa kuni gara wanta lamaatti deebi’a:
1ffaa jechi ibaadaa jedhu hiika “at-ta’abbud (gabbaruu)” jedhu qaba. Asitti at-
ta’abbud jechuun Rabbiin jaallachuu fi ol-guddisuun (garmalee kabajuun) wanta
Inni itti ajaje hojjachu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isaaf of gadi qabuudha.
2ffaa-Jechi ibaadaa jedhu hiika “al-Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran)”
ta’a. Hikni kanaa akkuma sheykhul Islaam ibn Taymiyaan (rahimahullahu) jedhe,
“maqaa waligalaa dubbii irraa, hojii keessaa fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi
itti gammaduudha.”
Mee kanniin lamaanif fakkeenya haa dhiyeessinu: salaata salaatun ta’abbud
(gabbaruu) ta’a. Salaanni mataan isaa wanta Rabbiin ittiin gabbaraniidha (al-
Muta’abbad bihi)47
Gabaabumatti at-ta’abbud sochii qalbii, arrabaa fi qaamaa namni raawwatu
agarsiisa. Al-Muta’abbad bihi immoo maqaa hojiiti. Namni yommuu salaatu, gadi
of qaba, sujuuda bu’a, du’aayi godha. Kuni hundi sochii inni raawwatu waan ta’eef
at-ta’abbud jennaan. Salaanni hojii ibaadaa keessaa beekkama kan ta’eedha.
Kanaafu, salaanni al-muta'abbad bihi.
Hiika jalqabaati fi kan lammataa akkamitti gargar baasu dandeenya jechuun namni
gaafachu danda’a. Hiika jalqabaa irratti ibaadaa jechuun jaalalaa fi of gadi qabuu
guutuudha. Namni wanta tokko garmalee yoo jaallatee fi of gadi qabeef wanta san
gabbaraa jiraa jechuudha. Akka hiika lamaffaatti immoo ibaadaa jechuun
47 Qawluul mufiidi fi sharih kitaabu tawhiidi-1/10, Muhammad Saalih Useymiin
63
wantoota Rabbiin itti ajajeedha. Fkn, kan akka salaata, zakaa, sooma, hajjii fi kkf.
Namni wantoota kanaan Rabbiin gabbara. Kanaafu, hiikni ibaadaa lamaan kunniin
wal keessa kan seenaniidha. Namni dhugaan Rabbii olta'aa gabbaru jaalala fi of
gadi qabuu guutuun wanta Inni itti ajaje hojjata.48
Gosoota ibaadaa Gosoota ibaada muraasa gara dhumaatti bal’innaan ilaalla. Ammaaf gosoota
ibaadaa haala wali galaatin haa ilaallu. Ibaadaa irraa qalbiin kan hojjatamu, qalbii
fi arrabaan kan hojjatamu, qalbii fi qaaman kan hojjatamu, qabeenyaan kan
hojjatamuu ykn qaamaa fi qabeenyaan kan hojjatamutu jira.
Ibaadaa qalbiin hojjatamu: sodaa, jaallachuu, tawakkula (irratti hirkachuu),
kajeellaa, obsa fi kkf.
Ibaadaa qalbii fi arrabaan hojjatamu: Du’aayi, Rabbiin faarsu, qulqulleessu, ol-
guddisu (Allahu Akbar jechuu). Alhamdulillah (Faarun hundi kan Rabbiiti),
Subhaanallah (Rabbiin Qulqullaa’e) jechuu fi zikriiwwan biroo.
Ibaadaa qalbii fi qaaman hojjatamu: kan akka salaataa, somaa fi kan biroo
Ibaadaa qabeenyaan hojjatamu kan akka zakaa, sadaqaa kennu, qalma qaluu,
Ibaadaa qaamaa fi qabeenyaan hojjatamu: kan akka jihaada, hajjii
Kanneen armaan olii kunniin ibaadaa keessaa akka fakkeenyaatti dhiyeessine.
Ibaadan gosa hanganatti qoodama ykn lakkoofsa hanganaa qaba jedhanii
daangeessuun hin danda’amu. Akkuma sheykhul Islaam jedhe ibaadan maqaa wali
galaa hojii keessaa fi alaa Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa jaallatu fi itti
gammaduudha. Ibaadan gosoota hojii gaarii jedhaman kan qalbiin, arrabaa fi
qaaman hojjataman of keessatti qabata. Kanneen akka zikrii, faarsu, Qur’aana
qara’uu (dubbisuu), salaata, zakaa, sooma, hajjii, jihaada, waan gaaritti ajajuu fi
waan badaa irraa dhoowwu, firoota, yatimoota, hiyyeeyyi fi karaa deemaatti tola
oolu, Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuu, Rabbiin sodaachu, hojii Isaaf
qulqulleessu, obsa, shukrii (galata galchuu), Isarratti hirkachuu fi kkf ibaadaa
irraayyi.
Yoo Rabbitti dhiyaachuuf niyyate, ibaadan hojii mu’minni hojjatu hunda
of keessatti hammata. 49 Mu’minni (namni dhugaan amane) hojii gaarii
kamiyyuu Rabbitti dhiyaachuuf yoo niyyate ykn Rabbitti dhiyaachuuf na gargaara
48 https://www.sammubani.com/2019/05/26/ilmi-namaa-maaliif-uumamee/#.XhoyFcj7TIU 49 Aqiidatu tawhiid-fuula 57, Sheykh Saalih Fawzaan
64
jedhe niyyachuun hojiin inni hojjatu hundi akka ibaadatti lakkaawama. Ammas,
hojii badaa Rabbiif jedhe yoo dhiise, hojii kana dhiisun isaa kuni akka ibaadatti
lakkaawama. Garuu hojiin inni hojjatu kuni shari’aan kan wal simatuu ta’uu
mirkaneefachu qaba. “Kuni hojii gaarii Rabbitti ittiin dhiyaatan” jedhee wanta
shari’aa keessa hin jirre yoo hojjate, hojiin isaa kuni bid’aa (wanta haarawa
uumame) ta’a. Bid'aan immoo fudhatama hin qabu.
Ibaadaan bu’uura lama irra naanna’a: Jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee fi of gadi
xiqqeessu daangaa ol'aana irra gahe. 50 Kana jechuun namni yommuu gosoota
ibaadaa armaan olii hojjatu Rabbii olta’aa jaallachuu fi qalbiidhaan Isaaf of gadi
qabuu qaba.
Kana booda jecha, “Laa ilaah illallah” hubachuun nama hin dhiibu miti ree?
“Laa ilaah illallah” jechuun:
لا معبود بحق إلا الله
Laa ma’abuud bihaqqin ill-Allah-Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin
jiru.51 Ibaadaa haqa kan godhatu Rabbiin malee hin jiru.52
Jecha biraatin: Kan jaalalaa fi ol-guddisuun gadi jedhaniif, gadi of xiqqeessaniif,
garmalee sodaatan, waa hundaa irraa kajeelan, yeroo rakkoo itti dheessan,
kadhatan, irratti hirkatan, sujuudaniif, sagadaniif Rabbiin malee hin jiru.
Gabaabamutti ibaadan hundi Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u.
Rukni Laa Ilaah Illallah Rukniin (utubaan) laa ilaah illallah lama. Isaanis: Nafiyy fi isbaat
Nafiyy jechuun dhabamsiisu ykn “hin jiru” jechuu.
İsbaat jechuun immoo mirkaneessu ykn wanti kuni ni jira jedhanii itti
amanuudha.
Jecha laa ilaah illallah bakka lamatti yoo qonne, kutaan tokkoffaan nafiyy,
kutaan lammataa immoo isbaat ta’a.
50 Ma’aarijul qabuul-541, Al-Ubudiyyah-Sheykhul Islaam ibn Taymiyyah-fuula 24 51 Ma’aarijul qabuul-516, Haafiz ibn Ahmad al-Hakamii 52 https://www.as-salaf.com/article.php?aid=13&lang=ar
65
Laa ilaah (Haqaan gabbaramaan hin jiru) kan jedhu nafiyy (dhabamsiisu) ta’a.
Illallah (Rabbiin malee) kan jedhu immoo isbaat (mirkaneessu) ta’a.
Namni yommuu laa ilaah illallah jedhu wantoota Rabbiin alatti gabbaraman
hunda irraa ibaadaa dhabamsiisuu fi Rabbii qofaaf ibaadaa mirkaneessu qaba.
Jecha biraatin Rabbiin qofa gabbaruu fi wantoota Isaan ala gabbaraman hunda
mormuu fi irraa fagaachu qaba. Ragaan rukni laa ilaah illallah aayah tana:
"'Rabbiin gabbaraa, xaaghuut irraa fagaadhaa' [jechuun] ummata hunda
keessatti ergamaa erginee jirra.” Suuratu An-Nahl 16:36 Xaaghuut sheyxaana, raagdu, sanama, taabota fi wantoota biroo Rabbii gaditti
gabbaraman (waaqefatamanii)dha.
As keessatti "xaaghuut irraa fagaadhaa" kan jedhu nafiyy (dhabamsiisuudha).
"Rabbiin gabbaraa" kan jedhu isbaat (mirkaneessu) ta’a. Kanaafu, namni rukni
lamaan kanniin yoo guute Musliima dhugaa ta’a. Namni nafiyy godhee isbaat yoo
hin godhin, eetist (atheist) ta’a. Kana jechuu laa ilaah (dhugaan gabbaramaan hin
jiru) jedhee illallah yoo hin jedhinii fi itti hin amaniin eetisti ta’a. Ammas, namni
isbaat godhee nafiyy yoo hin godhin mushrika ta’a. Kana jechuun haqaan
gabbaramaan Rabbiin akka ta’e ni mirkaneessa, garuu Isa waliin wanta biraa
gabbara. Kuni mushrik jedhama.
Guduunfaa
☝Ilaah (Gabbaramaa) jechuun kan qalbiin jaalalaan gabbartu, gadi jettuuf,
yeroo rakkoo itti dheessitu, haajaa irra kadhattu, kajeeltu, irratti hirkattu, sodaattu
fi ibaadaa birootiin itti dhiyaattudha.
☝Laa ilaah illallah jechuun Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru.
Kana jechuun jaallachuu fi ol guddisuun kan gadi jedhaniif, sagadaniif,
kadhatan, kajeelan, irratti hirkatan, sodaatani fi ajajamaniif Rabbiin malee hin
jiru. Gabaabumatti, ibaadaan kamiyyu Rabbii olta'aaf malee homaafu hin ta'u.
☝Ibaadaan hiika lama jalatti guduunfamu danda'a:
1ffaa- At-Ta'abbud (gabbaruu)-kana jechuun jaalala daangaa ol’aanaa irra
gahee fi of gadi xiqqeessu daangaa ol’aanaa irra gaheedha.
2ffaa- Al-Muta’abbad bihi (wanta ittiin gabbaran) -kuni maqaa hojii ibaadaati.
66
☝Kanaafu, jaalala daangaa ol'aanaa irra gahee fi of gadi xiqqeessu
daangaa ol'aanaa irra gaheen hojiin hojjatamu hundi Rabbii
olta'aaf malee eenyufillee hin ta'u.
67
Hiika Laa Ilaah İll-Allah-Kutaa 2ffaa
Laa ilaah illallah'n nama fayyaduuf sharxiwwan guuttamu qaban keessaa
beekumsaa fi yaqiina jennee jirra. Namni waa'ee laa ilaah illallah yoo hin baratin,
beekumsaa fi yaqiina argachuu danda'aa? Laa ilaah illallah rukni lama akka qabdu
kutaa darbe keessatti ilaalle jirra: Nafiyy (dhabamsiisuu) fi isbaat
(mirkaneessu)dha. Mee itti xinxalli, namni beekumsa malee kanniin lamaan
beekun hojii irra oolchu danda'aa? Kanaafu, namni milkaa'uu fi azaaba jala nagaha
bahuu barbaadu, sirriitti laa ilaah illallah beekuuf carraaqu qaba. Takkamaan hiika
laa ilaah illallah sirritti hubachuu dhiisu dandeenya. Garuu akkuma barreefama
dubbisnuu fi ibsaaf ragaa dabalataa ilaalluun sirritti hubachaa adeemna.
Rabbiin ala wanti gabbaramu (waaqefatamu) hundi baaxila (soba). Baaxila
jechuun haqa kan faallessuu fi hundee hin qabneedha. Rabbii olta’aa gaditti wanta
nama hin fayyannee gabbaruun (waaqefachuun) hundee qabaa? Gonkumaa
hundee hin qabu. Ragaan Rabbiin irraa bu’ee fi ragaan sammuu hin jiru. Akkamitti
wanta ofuyyuu fayyaduu fi miidhaa ofirraa deebisu hin dandeenye gargaarsaaf
kadhatanii?
Kanaafu, Rabbiin ala ibaadan wanta biraatiif godhame shirkii fi jallinna
guddaadha. Rabbii Tokkicha Injifataa ta’eef malee ibaadan eenyufillee hin malu.
Uumuun, too’achuu fi ajajuun kan Isaati. Namni Rabbiin qofa gabbaree fi gabbarri
keessatti Isa tokkichoomse, haqa Isaa isarra jiru bakkaan gahee jira. Namni
Rabbiin ala wanta biraa gabbare immoo Rabbiin waliin ilaah (gabbaramaa)
godhatee fi Rabbiif shariika (hirmaataa) godhee jira. Namni wanta tokko gabbare
wanti suni isaaf gabbaramaadha.
Al-Uluuhiyyah'n ibaadaadha. Ibaadaan haqa Rabbii qulqulluu ta’ee gabroota Isaa
hundarraa qabuudha. Ibaadaan Rabbiin tokkichoomsun malee sirrii hin taatu.
Namni ibaadaa Rabbii fi uumamtoota Isaa jidduutti qoode, Rabbiin hin gabbarree,
haqaan gabbaramaan Isa qofa akka ta’ettis hin amanne.
Sheykh Muhammad ibn AbdulWahhaab (rahimahullahu) ni jedha: “Rabbiin Isa
gabbaruuf akka si uume erge beekte, kana beeki: akkuma xahaaraa (qulqullinna)
waliin malee salaanni salaata hin jedhamne, tawhiida waliin malee ibaadan
68
ibaadaa hin jedhamtu. Ibaadaa keessa shirkiin yoo seene, ibaadan ni bada. Akkuma
Rabbiin olta’aan jedhe:
ا﴿ ن م نللمشكي ك عمروا أ جد ي س ٱم هدين لل ش نفسهمعل
أ رىلكفٱب
ئك ل و تأ بط لهمح عم
فأ ون هملنارٱو ل ﴾١٧خ
“Osoo of irratti kufrii ragaa bahanuu masjiidota Rabbii ijaarun mushrikotaaf hin
malu. Isaan sun dalagaan isaanii badde. Isaan ibidda keessa yeroo hundaa
jiraatu.” Suuratu At-Tawbah 9:17 (Al-Qawaa’idul Arba’ati-199)
Mushrikoota jechuun namoota Rabbii olta’aa gaditti wanta biraa gabbaraniidha.
Ibaadan isaanii Rabbii qofaaf waan hin taaneef ni bada, Guyyaa Qiyaamaa mindaa
wayitu hin argatan.
Fakkeenyaaf, salaanni ibaadadha. Namni Rabbiin tokkichoomsu fi homaa Isatti
hin qindeessinee, salaanni isaa fudhatama argata. Salaanni isaa kuni ibaadaa fi
wanta gara Rabbii ittiin dhiyaatu ta’a. Namni Rabbitti waa qindeesse immoo,
salaanni isaa fudhatama hin argatu. Salaanni kunis Rabbiif ibaadaa hojjatame hin
jedhamu. Sababni isaas, Rabbitti waa qindeessun isaa ibaadaa isaa jalaa balleessee
jira. Akka nama wudu’a malee salaate salaanni isaa ni bada. Rabbiin subhaanahu
wa ta’aalaa ni jedha:
د﴿ ل ق وح و ك أ إل ين ٱوإل بلك منل ل ئنق كت ش
نأ لك ل حب ط م ع
ل كون ن سين ٱمن و ﴾٦٥لخ “Dhugumatti gara keetii fi gara warra siin duraatti “Yoo Rabbiin wajjiin
waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata.”
[jechuun] beeksisni godhame.” Suuratu Az-Zumar 39:65
Yaa Rasuula dhugumatti gara keeti fi ergamtoota siin dura turaniitti akkana
jedhamuun beeksifame: Rabbiin waliin waan biraa yoo gabbarte, hojiin kee ni
bada. Warra badanii fi kasaaran keessaa taata. Sababni isaas, shirkii waliin hojiin
gaariin fudhatama hin argatu.53
53 Tafsiiru Muyassar-481
69
Tawhiidul Uluuhiyyaan tawhiida ibaadati. Kana jechuun Rabbii tokkicha shariika
hin qabneef ibaadaa qulqulleessuu fi wanta Rabbiin ala gabbaramu hundarraa
bilisa ta’uudha. Laa ilaah illallah’n Rabbi qofaaf ibaadaa mirkaneessiti, Isaan ala
wanta jiran hundarraa immoo ibaadaa ni dhabamsiisti. Eenyullee haa ta’u, nabiyyi
ta’i, malaykaa ta’i, sheykha ta’i, waliyyi ta’i, jinni ta’i, muka ta’i, dhagaa ta’i,
qabrii ta’i, sanama ta’i, taabota ta’i fi uumamtoota hundarraa ibaadaa ni
dhabamsiisti. Ibaadaan uumamtoota keessaa eenyufillee hin ta’u.
Warri Laa ilaah illallah qabatan, ibaadaa, gadi jechuu fi harka kennuu irraa homtu
Rabbiin ala wanta biraatiif akka hin taanee amanti dhugaa ni amanu, hojii fi
dubbiinis ni agarsiisu. Ibaadan, gadi jechuu fi harka kennuun Rabbi qofaaf akka
ta’e sirritti amanu. Kuni dubbii qofaan ykn hojii malee dubbii fi amanti qofaan
galma kan gahuu osoo hin ta’in amanti jala muraatin, dubbii dhugaatin, hojii
qulqulluun galma akka gahuu sirritti beeku.
Rabbiin tokkichoomsun kan mirkanaa’u yoo wanta Laa ilaah illallah’n
mirkaneessite mirkaneessanii fi wanta Laa ilaah illallah’n dhabamsiiste
dhabamsiisan qofaadha. Dhabamsiisuun qofti tawhiidaa miti. Akkasumas,
mirkaneessun qoftis tawhiida ta’uu hin danda’u. Tawhiinni dhabamsiisuu fi
mirkaneessu bakka tokkotti kan qabateedha.
Akkasumas, Uumaan, rizqii kan kennuu (raaziq), too'ataan, dhimmoota hundaa
Kan qindeessu, jiraachisaan, ajjeesaan, kan nama fayyadu fi miidhu Rabbiin malee
hin jiru jedhanii amanuu qofaan Rabbiin tokkichoomsuun hin mirkanaa’u. Kuni
qofti Islaama keessa seenuuf gahaa miti. Dhugumatti kaafiroota keessaa nama,
Uumaan, rizqii kan kennuu (raaziq), too'ataan, dhimmoota hundaa Kan qindeessu,
jiraachisaan, ajjeesaan, kan nama fayyadu fi miidhu Rabbiin malee hin jiru jedhee
amanutu jira. Garuu inni Rabbiin qofa waan hin gabbarreef Musliimaa miti.
Uumaan, dhimmoota kan qindeessu, too’atu, ajjeesu, jiraachisu Rabbiin malee
hin jiru jedhanii amanuu waliin "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru,
wantoonni Isaan alatti gabbaraman hundi baaxila (soba)" jedhanii amanuun
dirqama.
Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) Qureeshotaan, “Laa ilaah illallah jedhaa ni
milkooftaniiti.” Jedhu, wanta Qureeshonni itti deebisan itti xinxalli. Akkana
jechuun deebisan: “Sila gabbaramtoota gabbaramaa tokko godhee?
Dhugumatti kuni wanta ajaa’ibaati.”
70
Qureeshonni Rabbiis ni gabbaru wantoota biroos Isa waliin ni gabbaru (ni
waaqefatu). Jechi Ergamaan Rabbii (SAW) isaan itti waamu hiika, “Wantoonni
isaan Rabbiin waliin gabbaran hundi baaxila (soba), gabbaruun hin ta’u. Wantoota
kanniin Rabbiin waliin waan gabbaraniif jallinna irra jiru. Ibaadaan kan ta’u
Rabbii tokkicha qofaafi.” Jedhu akka qabdu Qureeshonni ni beekan. Kanaafu, yoo
Laa ilaah illallah jedhan Rabbiin malee wanta gabbaramu hunda ni dhiisu.
Kanaafi, baay’een isaanii jecha tana jechuu ni didan, Rabbiin tokkichoomsu irraa
of tuulan. Rabbiin olta’e ni jedha:
هم﴿ نو ا إن ه ل همل قيل إذ اك إل ٱإل ون لل ي قولون ٣٥ي ست كب ئناو ل اركو ا أ
تن ا اعر ء اله نون لش ﴾٣٦م“Dhugumatti isaan yommuu, “Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin
jiru.” isaaniin jedhamu, of tuulaa turan. “Sila nuti walaleessaa maraataa
ta’eef jennee gabbaramtoota keenya ni dhiifnaa?” jedhu.” Suuratu Al-
Saaffaat 37:35-36
Kana waliinu isaan:
➦Kan uumu, razzaqu, jiraachisu, ajjeesu, isaanii fi wantoota isaan gabbaran
dhuunfatee fi too’atu Rabbii tokkicha ta’uu hin shakkan.
➦Wantoota gabbaran kanniin “Rabbiitti akka nu dhiyeessaniif ykn jaarsummaa
(shafa’aa) nuuf ta’aniif malee homaafu isaan hin gabbaru” jechuun yaadu.
➦Ammas, wantoota kanniin gabbaruun (waaqefachuun) haqa, amanti Rabbiin
gammachiisu keessaayyi jedhanii yaadu.
➦“Amanti Ibraahim osoo hin jijjirin itti fufne” jechuun yaadu.
➦Muhammad (SAW) amanti haarawa kan fideedha jechuun yaadu. Akkuma
Rabbiin isaan ilaalchise jedhe:
ل ق ٱو ﴿ ٱنط ل نمنهملم
وا ٱو مشوا ٱأ صب تكمهعل اإنء اله ذن ء ه ل ش
اد ا٦ير معن ام اس ذن ةٱلملةٱفبه ا إنلأخر ذن ه ق ٱإل ﴾٧ختل Isaan (mushrikoota) keessaa namoonni gurguddoon deemanii, “Deemaa,
gooftolee keessan [gabbaruu] irratti obsaa, dhugumatti inni kuni wanta
barbaadamudha. Amanti gara dhumaa keessatti kana hin dhageenye. Kuni
wanta haarawa uumame malee homaa miti.” [jedhan]. Suuratu Saad 38:6-7
71
“Amanti gara dhumaa keessatti kana hin dhageenye.” Kana jechuun amanti
gara dhumaatti dhufe keessatti Rabbiin qofa gabbaraa kan jedhu hin dhageenye.
Amantin gara dhumaa isaan jedhan kuni amanti akka isaanii shirkiin guuttame
amanti Kiristaanati. Kiristaanonis Rabbiin waliin waan biraa gabbaru
(waaqefatu).
Sheykh AbduRahmaan bin Hasan Aali Sheykh (rahimahullahu) ni jedha: Osoo
[mushrikoonni Laa ilaah illallah] jedhanii, sanamaa fi taabota gabbaran
(waaqefatan) akka dhiisan isaan irraa eeggama. Kanaafu, amanti isaanii dhiisun
waan isaan irraa eeggamuuf Laa ilaah illallah jechuu ni didan. Rabbii gaditti wanta
gabbaran irraa ibaadaa hin dhabamsiifne. Kanaafi, Laa ilaah illallah jechuu didan.
Mushrikni dhumaa ummata kanaa immoo hiika Laa ilaah illallah wallaalanii jecha
qofa jedhan. Awsaanaa fi sanamoota54 gabbaruu irraa wanta Laa ilaah illallah’n
dhabamsiifte isaan hin dhabamsiifne. Awsaanaa fi sanamoota gabbaruun yeroo
ammaati fi naannoo kan haguugedha.” (Ad-Duraru Sanniyat fii ajuubati
najdiyyati-12/315)
Kuffaarri Qureeshaa jecha Laa ilaah illallah sirritti kan beekan ta’uu yoo beekte,
kuffaara Qureeshotaa caalaa wallaalaa ta’uu irraa of eegi. Jecha Muslimootaa fi
mushrikoota gargar baastu tana beekuuf carraaqi.
Hiikni Laa ilaah illallah Rabbiin malee wanta hundarraa ibaadaa dhabamsiisuu fi
ibaadaa hunda Rabbii tokkichaaf mirkaneessu akka ta’e beeki. Ibaadan Rabbii
tokkicha qofaafi. Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) soba.
Akkuma laa khaaliqa illallah (Rabbiin malee uumaan hin jiru) yommuu jettu
hiikni isaa, uumamtoota kan uumuu Rabbiin malee hin jiru, kana keessatti
54 Asnaama hedduminna (plural) sanamaati. Awsaan immoo hedduminna wasanaati.
Sanama baay’een asnaama (sanamoota) jenna. Wasana baay’een immoo awsaana
jenna. Sanamni siidaa dhaabanii ykn suuraa kaasanii wanta gabbaraniidha
(waaqefataniidha). Wasanni suuraan osoo hin kaafamin ykn hin bocamin wanta
waaqefatamuudha. Fkn, qabrii. Garuu sanamaa fi wasanni bakka garagaraatti yoo
dhufan hiika tokko qabaachu danda’u. Bakka tokkotti yoo dhufan immoo hiika
armaan olii qabaatu.
72
eenyullee Isa waliin hin hirmaatu. Malaykaan dhiyeefame, Ergamaan ergamee fi
kan biroo Isa waliin uumamtoota uumuu keessatti hin hirmaatu.
Ammas akkuma laa raaziqa illallah (Rabbiin malee raaziqni hin jiru) yommuu
jettu, hiikni isaa rizqiin hundi Rabbii tokkicha irraayyi.
Isa qofaaf ibaada qulqulleessuudha. Kana jechuun Isa qofa gabbaruudha.
Uumamtoota Isaa keessaa eenyullee ibaadaa keessatti Isa waliin hin hirmaatu.
Kitaaba wabii: Al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 62-69
Akkuma kana, Laa ilaah illallah (Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan
hin jiru) yommuu jettus, hiikni isaa: Rabbiin malee ibaadaa haqa kan
godhatu hin jiru. Rabbiif malee ibaadan eenyufillee hin malu.
73
Tawhiinni Arraba Qofaan Wanta Jedhamuu miti
Laa ilaah illallah jecha arrabaan qofa jettu akka hin taanee beeki. Kana irra,
Rabbiin malee homaa akka hin gabbarree fi wantoota Isaan alatti gabbaraman
hunda mormuun ragaa baatu fi mirkaneessituudha. (Kana jechuun Laa ilaah
illallah jecha namni arrabaan jedhu qofa osoo hin ta’in, qalbiin haqaan
gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre amanuu fi wantoota Isaan alatti
gabbaramu (waaqefatamu) hundatti amanuu diduu fi mormuudha. Namni qalbii
isaa keessatti kana erga mirkaneesse booda arrabaan Laa ilaah illallah jedhee ragaa
baha. Kanaan ala, arrabaa qofaan Laa ilaah illallah jedhe, garuu qabrii bira deemun
nama du’e yoo kadhate, yookiin jinniif qalma qalee, kuni waan hin taanedha.
Kanaafi, arrabaan qofa Laa ilaah illallah jechuun gahaa miti. Namni Laa ilaah
illallah jedhu Rabbiin qofa gabbaruu fi wantoota Isaan ala jiran gabbaruu irraa
fagaachu qaba.)
Jechi Laa ilaah illallah qalbii, arrabaa fi qaamolee keetin Rabbiif harka akka
kennituu waadaa cimtuu taatedha. Jechi tuni amanti Rabbiif ittiin bultuudha. Si
waliin nama amanti kana irra jiruu ni jaallatta, Islaama isaaf murteessita. Nama
amanti kanaan ala jiru immoo irraa qulqulloofta, kaafira jettaan, ni jibbita. Jechi
Laa ilaah illallah karaa jireenya kee guutuu irra deemtudha, mallattoo si fi
mushrikoota, kaafirota addaan baasudha.
Namni baay’een hiikni Laa ilaah illallah haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin
jiru akka ta’e ni beeka. Garuu jireenya isaa keessatti kana hin hordofu. Laa ilaah
illallah’n “sanamoota gabbaruu dhiisi” qofa waan jettu isatti fakkaata. Kanaaf,
wantoota Rabbiin waliin gabbaraman hunda hin mormu. Qabrii gabbaruun
Rabbiin tokkichummaan gabbaruu akka faallessuu hin ilaalu. Sababni isaas,
namoonni qabrii keessatti awwaalaman Rabbiin biratti sadarka qabuu jechuun
waan amanuuf qabrii gabbaruu akka hojii gaarii Rabbitti nama dhiyeessutti ilaala.
Warra qabrii kana jaallachuun, isaan kadhachuun, isaaniif qaluun, isaaniin baraka
barbaadun gara Rabbiitti dhiyaataa akka jiru amana. Isaan Rabbii fi uumamtoota
Isaa jidduu giddu-galaa (intermediary) akka ta’anitti amana. Namni wallaalaan
74
kuni hojii fi amantiin isaa kuni hojii ummanni Nuuhi fi kuffaarri Qureeshota
hojjatan ta’uu ni dagate.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota yeroo ammaati fi yeroo durii
“awliyaa’onni Rabbiitti nu dhiyeessu” jechuun qabrii fi sanama gabbaran akkana
jechun ibsa:
ين ٱو ﴿ ول ا ء ۦدونهمنت ذنوا ٱل اأ ن عبدهمم بون ا إل رد لق ٱإل لل ٱإنزلف كملل ي
افب ين هم هفيههمم ت لفون ٱإني لل هديل ني ذنب هو م ار ك ف ﴾ك
Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu
dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu]. Dhugumatti Rabbiin waan isaan
keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu isaanitti ni murteessa. Dhugumatti
Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Suuratu az-Zumar 39:3
“Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan.” Kana jechuun warri Rabbii gaditti wanta
biraa gabbaramtoota (gooftota) godhachuun gabbaran (waaqefatan). “Godhatan”
jechuun wanta haqaan wal faallessu mataa ofiiti uuman jechuudha. Wantoonni isaan
gabbaran homaa akka hin uumne, faayda namaaf fiduu fi miidhaa namarraa deebisu
akka hin dandeenye isaaniif erga ifa ta’ee booda falmii fi mormiif jecha, “Gara
Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].” Kana
jechuun awsaana55 irraa wantoonni nuti gabbarru amala gooftummaa ni qabu jennee
isaan hin gabbaru. Garuu Rabbiin biratti sadarkaa guddaa fi shafa’aa (jaarsummaa)
fudhatama qabu waan qabaniif Isatti nu dhiyeessan jennee isaan gabbarra.”56
“Dhugumatti Rabbiin waan isaan keessatti wal dhaban ilaalchise jidduu
isaanitti ni murteessa.” Kana jechuun Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa wanta namoonni
keessatti wal dhabanii fi gargar itti ta’an ilaalchise isaan jidduutti ni murteessa. Namni
haqa irra jiruu fi namni soba irra jiru Guyyaa san addaan baafamuun namni haqaa
mindaa gaarii argata, namni sobaa immoo ni adabama.
“Dhugumatti Rabbiin nama kijibaa akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.” Kana
jechuun nama niyyaan isaa Rabbiin irratti kijibuu ta’ee fi qalbiin isaa mallattoolee,
55 Akkuma duratti jenne Awsaanni yoo sanama irraa adda bahuun kophaa dhufee, siidaa, suuraa fi qabrii namoonni gabbaran (waaqefatan) of keessatti hammata. 56 Ma’aarij tafakurri wa daqaa’iqu tadabburi 12/152-153
75
keeyyattoota fi ragaalee Rabbii osoo beektu fudhachuu diddu, Rabbiin gara
qajeelinnaatti ykn haqaatti isa hin qajeelchu.57
Ammas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
مندون﴿ ي عبدون ٱو ؤل ءلل ه ي قولون عهمو ي نف ل ي ضهمو ال م ؤن اعند ع هٱشف لل تن بد
قلأ ٱون عل مفلل ي ال تٱبم و م فو لس ل
رضىٱ ن هل ايشكون ۥسبح م ع ل ت ع ﴾١٨و
“Rabbii gaditti wanta isaan hin miinee fi hin fayyanne gabbaru. Ni jedhus,
“Isaan kunniin Rabbiin biratti jaarsummaa (shafa’aa) nuuf ta’u.” Jedhi,
“Sila isin wanta Inni samiiwwanii fi dachii keessatti hin beekne Rabbiitti
himtuu?” Wanta isaan Isa waliin gabbaran irraa Inni qulqullaa’e olta’e.”
Suuratu Yuunus 10:18
Namoonni Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran (waaqefatan) wanta isaan hin
miinee fi addunyaa fi Aakhiratti isaan hin fayyanne waaqefatu. Kan nuti isaan
gabbarruuf Rabbiin biratti jaarsummaa akka nuuf ta’aniifi jedhu. Jedhi, “Sila isin
wanta Inni samiiwwanii fi dachii keessatti hin beekne Rabbiitti himtuu?”
Kana jechuun wanta samii torbanii fi dachii keessatti ta’uu hin dandeenye Rabbitti
ni beeksiiftuu? Kunis, wantoonni isaan gabbaranii fi kadhatan, samiiwwan
keessattis ta’ee dachii keessatti Rabbiin biratti jaarsummaa isaaniif hin ta’an.
Mushrikoonni, “wantoonni nuti gabbarruu fi kadhannu kunniin Rabbiin biratti
shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u” jechuun odeessu. Rabbiin nabiyyii Isaatiin
(SAW) akkana jedhi jedhaan:“wanti samii fi dachii keessatti jaarsummaa hin taane
nuuf jaarsummaa ni ta’uu” jettanii Rabbitti ni beeksiftuu? Kuni soba dhugaa irraa
fagaateedha. Wantoonni isin gabbartan eenyufillee jaarsummaa hin ta’an, nama
hin fayyadan, hin miidhanis.58
57 Tafsiiru Ibn Kasiir 6/439 58 Tafsiiru Xabarii-12/142-143
76
Ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Namni malaykoota yookiin nabiyyoota
giddu-galaa (intermediary) gochuun isaan kadhatu, isaan irratti hirkatu, wanta
nama fayyadu argachuu fi wanta nama miidhu ofirraa deebisuuf isaan kadhatu,
fakkeenyaf, araarama cubbuutiif, qajeelcha qalbiitif, rakkoon akka deemuuf,
hiyyummaan akka namarraa ka’uuf isaan kadhate, akka wali galtee Muslimootatti
inni kaafira.” (Majmuu’ al-fataawaa 1/124)
Gabaabumatti namni Rabbii gaditti wanta biraa gabbare ni kafara. Nabiyyii ta’i,
malaykaa ta’i, sheyxaana ta’i, qabrii ta’i, awliyaa ta’i, Rabbii gaditti uumama
kamiyyuu yoo gabbare ni kafara. Ragaan kanaa Qur’aanaa fi hadiisa keessa
guutee jira. In sha Allaah gara fuunduratti gosoota ibaadaa tokko tokkoon
yommuu ilaallu ragaalee kanniin ni dhiyeessina.
Tawhiinni Akkamitti Galma gahaa? Tawhiinni asitti barbaadamee Tawhiidu Al-Uluuhiyyah (Ibaadaa keessatti Rabbiin
tokkichoomsu) dha.
77
Tawhiinni Dhimmoota Sadiin Galma Gaha
Akka Rabbiin azza wa jalla barbaadutti namni Rabbiif harka kennuu fi Laa ilaah
illallah’tti amanuu barbaadu, wantoota armaan gadii guutuun isarraa eeggama:
Rabbiin qofa gabbaruu Homaa Isatti qindeessu hin qabu (homaa Isa waliin gabbaruu hin qabu) Rabbii gaditti gooftolee fi wantoota gabbaraman birootti amanuu
diduu, mormuu fi isaan gabbaruu irraa fagaachu
Kana ilaalchisee Qur’aanaa fi hadiisa irraa ragaalee baay’eetu jira.
Qur’aana irraa ragaaleen kana agarsiisan:
“Rabbiin gabbaraa, xaaghuuta irraa fagaadhaa” [jechuun] ummata hunda
keessatti ergamaa erginee jirra.” Suuratu An-Nahl 16:36
Rabbiin azza wa jalla Ergamaa tokkoyyuu hin ergine, jalqabni waamicha isaa gara
Rabbii tokkicha gabbaruu fi wantoota Isaa gaditti gabbaraman itti amanuu diduu
fi mormuutti ajajuu yoo ta’e malee. Ergamtoonni Rabbiin erge hundi waamichi
isaanii jalqabaa, “Rabbii Tokkicha gabbaraa, wantoota Isaa gadiitti gabbaraman
dhiisaa.” kan jedhu ture. Kufrii irraa gara Islaamatti darbuun hin guuttamu,
hundeen kuni yoo mirkanaa’e malee. Akkuma beekkamu, Rabbii tokkicha
gabbaruu fi wantoota Isaa gaditti gabbaraman mormuu fi irraa fagaachuun dubbii
qofaan kan mirkanaa’u miti. Kana irra, dubbii fi hojiin jiraachu qabu.
Xaaghuutni- sheyxaana, raagdu, sanama, taabota fi wantoota biroo Rabbii gaditti
gabbaramaniidha. Rabbiin gabbaruun nama hin fayyadu hanga wanta isaan
ala jiran gabbaruu irraa fagaatanitti malee.
Da’awaan (waamichi) Ergamtootaa inni jalqabaa gara Rabbii tokkicha gabbaruu
fi wantoota Isaan ala jiran dhiisutti waamu akka ta’e Qur’aana keessatti haala
kanaan arganna:
78
“Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa, Isaan ala gabbaramaan biraa
isiniif hin jiru.” Suuratu Al-A’araaf 7:59, 7:65, 7:73, 7:85
Kuni hiika Laa ilaah illallah’ti. Isbaat (mirkaneessu) fi nafiyy (dhabamsiisuu) kan
of keessatti qabateedha. Isbaat (mirkaneessun): “Rabbiin qofa gabbaraa” nafiyy
(dhabamsiisuun) immoo: Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.”
Mushrikoonni wanta Ergamtoonni Rabbii isaan itti waaman sirritti beeku. Deebii
isaan nabiyyootaaf deebisan kan Rabbiin subhaanahu hime yoo qorattee dhugaa
kana ni beekta.
Yommuu Nabii Nuuh “Rabbiin qofa gabbaraa, Isaan ala gabbaramaan biraa
isiniif hin jiru.” Jedhee isaan waamu, deebiin ummanni isaa deebisan kana ture:
و ق الوا ﴿ رنل ت كمت ذن اله ء ل رنو ات ذن دد و ل و ا سو ل ي غوث و ي عو او ن س ﴾٢٣و
“Gabbaramtoota keessan hin dhiisinaa; akkasumas, Wadda, Suwaa’a, Yaghuus,
Ya’uuqa fi Nasra hin dhiisinaa [waliin] jedhan.” Suuratu Nuuh 71:23
Kunniin maqaalee sanamaa ummanni suni gabbaraa turaniidha.
Ummanni Huudis akkana jechuun deebii deebisan:
“’Rabbii Tokkicha akka gabbarruu fi wanta abbootin keenya gabbaraa
turan akka dhiifnuuf nutti dhuftee?’ jedhan.” Suuratu Al-A’araaf 7:70
Ummanni Nabii Saalihis akkana jechuun deebii deebisan:
لحق الوا ﴿ ص ق دي افين اكنت رجود بل م ا هق ذن ن ا ه ى ت نه نأ
انعبد أ عبدم ﴾ء اب ا ؤن اي
"'Yaa Saalih! Kana dura ati nu keessatti nama abdatamu turte. Sila wanta
abbootin keenya gabbaran gabbaruu irraa nu dhoowwitaa?' jedhan."
Suuratu Huud 11:62
79
Kana jechuun Yaa Saalih! "Rabbiin qofa gabbaraaa, Isa malee gabbaramaan
biraa isiniif hin jiru" nuun jechuun dura, ati nu keessatti hogganaa taata jennee
abdataa turre. Sila wanta abbootin keenya gabbaraa turan gabbaruu irraa nu
dhoowwitaa?59
Ummanni Nabii Shu’aybis akkana jechuun deebii deebisan:
“’Yaa Shu’ayb! Sila salaata keetu wanta abbootin keenya gabbaran akka
dhiifnu si ajajaa?’ jedhan.” Suuratu Huud 11:87
Ummanni Nabiyyii keenyas (SAW) akkana jechuun deebisan:
ل ﴿ ع ج ة ٱأ هالأله حداهإل اإنو ذن ء ه اب ل ش ﴾٥عج
“Sila gabbaramtoota gabbaramaa tokko godhee? Dhugumatti kuni wanta
ajaa’ibaati.” Suuratu Saad 38:5
Ergamtoonni hundi waamichi (da’awaan) isaanii:
Namoonni Rabbii Tokkicha qofa akka gabbaran Homaa Isatti akka hin qindeessine Isaa gaditti wantoota gabbaraman (waaqefataman) irraa akka
bilisoomanii fi dhiisaniidha.
Kuni Islaamaa amanti sirrii fi qajeelaa ta’eedha. Garuu namoonni baay’een durii
fi ammaa kana hin beekan.
Ammas akka ragaatti jecha Rabbii olta’aa:
“Gooftaan kee Isa malee homaayyu akka hin gabbarree murteessee jira.” Suuratu Al-Israa 17:23
59 Tafsiiru Xabarii-12/454
80
“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36
Hiikni "Laa ilaah illallah (Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru)"jedhu,
Rabbiin malee homaa gabbaruu dhiisuu fi homaayyu Isatti qindeessu dhiisudha.
Yommuu Ergamaan Rabbii (SAW) warra kitaabaa gara Islaamaa waamu
barbaadu, ergaa aayah tana of keessaa qabdu ergaaf:
Jedhi, “Yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuu fi isin jidduutti wal-qixa taatetti
koottaa: Rabbiin malee homaa akka hin gabbarre, homaa Isatti akka hin
qindeessine, Rabbii gaditti gariin keenya garii gooftoolee akka hin
godhanne." Yoo garagalan, nuti Muslimoota akka taane ragaa bahaa
jedhaan.” Suuratu Aali-Imraan 3:64
Yaa Kiristaanotaa fi Yahuudota! Gara jecha haqaa nuu fi isin wal qixa itti taanutti
koottaa. Jechi tunis:
Rabbiin malee homaa hin gabbarru Homaa Isatti hin qindeessinu- Rabbiin waliin waan biraa hin
gabbarru (hin waaqefannu). Taabota, sanama, masqala, malaykaa, nabiyyii fi uumamtoota biroo hin waaqefannu.
81
Gariin keenya garii gooftoolee hin godhannu. Kana jechuun gariin keenya Rabbiin faallessu keessatti gariif hin ajajamnu. Gariin keenya gariif hin sagannu ykn gadi hin jennu.60
Aayan tuni jecha (kalimaa) tawhiidaatiif hiika sirrii ibsiti. Jechi wal-qixaa fi haqa
taate Laa ilaah illallah dha. Eenyullee jecha tanatti dhugaan hin amanu, nama
wanta sadan armaan olii mirkaneesse malee.
Aayah armaan olii tana keessa wanti jenne sirrii ta’uu agarsiisu ragaa ifaa fi gahaa
ta’etu jira. Akkuma Rabbiin barbaadutti namni Rabbiif harka kennuu fi Laa ilaah
illallah’ tti amanuu barbaade, kana gochuun isarra jira:
Rabbiin malee homaa hin gabbaru Homaa Isatti hin qindeessu Gooftoolee fi wantoota Rabbii gaditti gabbaraman hundatti amanu
diduu, dhiisu fi mormuudha.
Sunnah fi seenaa Nabiyyii (SAW) irraa ragaa wantoota armaan olii agarsiisu Da’awaan (waamichi) Nabiyyii (SAW) addunyaa guutuuf ergaa wali galaa kan
ta’eedha. Waamicha ergamtoota isa dura dhufanii kan faallessu hin turre.
Dhugumatti, amanti Ibraahim (aleyh salaam) kan hordofu ta’ee karaa isaanii
hordofa. Ummanni isaa Rabbiin qofa akka gabbaran, homaa Isatti akka hin
qindeessinee fi Rabbii gaditti wanta abbootin isaanii gabbaraa turan akka dhiisan
isaan waamaa ture. Wantoota kanniin hunda jecha laa ilaah illallah’tin ibsa.
Mushrikoonnis wanta gabbaran dhiisun isaan irraa akka eeggamu ni beekan.
Isaan ilaalchise Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ي قولون ﴿ ئناو تن ال اركو ا أ اعر ء اله نون لش ﴾٣٦م
“Sila nuti walaleessaa maraataa ta’eef jennee gabbaramtoota keenya ni
dhiifnaa?” jedhu.” Suuratu Al-Saaffaat 37:36
Wanta jennee ilaalchise hadiisa irraa kunoo ragaalee haa dhiyeessinu:
Ragaan 1ffaan-Hadiisa sahiih ta’e keessatti hadiisa Sa’iid ibn Musayyab abbaa
60 Tafsiir ibn Kasiir 2/359
82
isaa irraa gabaasedha:
Yommuu duuti Abu Xaalibitti dhuftu, Ergamaan Rabbii (SAW) ni dhufan. Isa
birattis Abu Jahli fi Abdullah ibn Abi Umayyah ibn Al-Mughiirah arge.
Nabiyyinis (SAW) Abu Xaalibin ni jedhan: Yaa Abbeeraa koo! Laa ilaah illallah
jedhi, jecha tanaan Rabbiin biratti ragaa siif baha.” Abu Jahli fi Abdullah ibn Abi
Umayyah ni jedhan, “Amanti Abdul Muxxalib ni dhiistaa?...” Sahiih Al-
Bukhaari-1360, Sahiih Muslim 24
Sheykh Abdurahmaan ibn Hasan (rahimahullahu) ni jedha: Hadiisa kana keessa,
isaan lamaan (Abu Jahli fi Abdullah ibn Abi Umayyah) hiika laa ilaah illallah kan
beekan ta’uu ragaa agarsiisutu jira. Sababni isaas, osoo Abu Xaalib jecha tana
jedhee silaa amanti Abdul Muxxalib irraa qulqulluu akka ta’u ni beekan. Amantin
Abdulmuxxalib ibaadaa keessatti Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (shirkii)
dha.” Fatih al-majiid sharih kitaabi tawhiid-fuula 402
Hadiisa sahiih ta’uun isaa irratti wali galame kana keessatti, eenyullee laa ilaah
illallah hin jedhu nama amanti hunda hundeen isaa shirkii ta’ee irraa qulqullaa’e
malee. Kana jechuun namni laa ilaah illallah jedhu amanti hundeen isaa shirkii ta’e
dhiisuu fi irraa qulqullaa’u qaba. Wanti Ergamaan Rabbiin (SAW) jecha laa ilaah
illallah’tiin isaan irraa barbaade dubbii qofa akka hin taanee mushrikoonni
beekanii jiru. Kana irra, dubbii, amanuu fi hojiidha. Jechi laa ilaah illallah amanti
abbooti isaanii shirkii irratti hundaa’e irraa guutumaan guututti akka qulqullaa’anii
fi dhiisan isaan irraa barbaaddi.
Ragaa 2ffaa-Nabiyyiin kuni maalitti akka waamu yommuu Hiraql, Abu
Sufiyaanin gaafatu, Abu Sufaayinis wanta waamicha (da’awaa) Nabiyyi irraa
hubate ni deebise. Hadiisni sahiih keessatti kan mirkanaa’edha. Hiraql ni jedhe:
Maalitti isin ajajaa? Ani (Abu Sufiyaan) ni jedhe: inni (Nabiyyiin) ‘Rabbii
tokkicha gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa, wanta abbootin keessan jedhan
dhiisaa.’ Jedha.” Sahiih Al-Bukhaari 7
Ibn Hajar (rahimahullahu) ni jedha: jechi isaa, “wanta abbootin keessan jedhan
dhiisaa” jettu, yeroo wallaalummaa (jaahiliyyah) keessatti wanta irra turan hunda
akka dhiisaniif, jecha wali galaati.” Fatih Al-Baarih Sharih Sahiih Al-Bukhaari
(1/36)
Gabaasa sahiih ta’e kana keessatti ifa akka aduu ife itti xinxalli:
83
Rabbii Tokkicha gabbaraa Homaa Isatti hin qindeessinaa (wanta biraa Isa waliin hin gabbarinaa
(hin waaqefatinaa)) Wanta abbootin keessan jedhan dhiisaa (kuni wanta mushrikoonni
akka amantiitti qabatanitti amanuu diduu fi mormuudha.)
Kuni Islaama Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassalam) itti waamaa turedha.
Ragaan 3ffaan-Sahiih Muslim keessatti hadiisa Amr ibn Abasata As-Sulmiyy
gabaasedha:
Amr ibn Abasata ni jedha: Ani yeroo wallaalummaa namoonni jallinna keessa
akka jiranii fi homaa irra akka hin jirre godhee yaadaa ture. Isaan sanama (siidaa
harkaan bocan) gabbaruu. Makkaan keessatti namticha oduu wayii himuu
dhagayee. Anis geejjiba kiyya irra taa’e isatti dhufe. Yeroo sanitti Ergamaan
Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) jireenya waan itti jabeessaniif ummata isaa
irraa dhokataa ture. Hanga Makkaan keessatti isatti seenutti suuta jedhe. Anis isaan
ni jedhe, “Ati eenyudhaa?” Innis ni jedhe, “Ani Nabiyyiidha.” Anis ni jedhe,
“Nabiyyin maalii?” Innis ni jedhe, “Rabbiitu na erge.” Anis, “Maaliidhaan si
erge?” jedheen. Innis, “Rahimummaa akka sufuun, sanama akka caccabsu,
Rabbiin akka tokkichoofamuun, homtu Isatti akka hin qindeefamneen na erge”
Sahiih Muslim 832
Hadiisa kana keessattis itti xinxallaa:
Rabbiin akka tokkichoofamuun homtu Isatti akka hin qindeefamneen sanama caccabsuu
Kuni waamicha Ergamtoonni hundi irratti waligalaniidha. Waamicha kanaan
uummata isaanii faalleessan, isaan jidduutti sababa kanaan diinummaan uumame.
Namoonni warra amananii Rabbiin tokkichoomsanii (muwahhidiin) fi warra
kafaranii Rabbiin tokkichoomsu didan (mushrikiin) ta’uun garee lamatti
qoodaman.
Namni Muslimootaa keessaa ta’uu barbaadu, amanti isaanii keessa balbala isaan
ittiin seenaniin haa seenu. Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi
Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa haa bahu.
84
Shahaadan (ragaa bahuun) isaa ragaa dhugaa ta’uu qabdi. Kunis kan ta’u, hiika
wanta ragaa bahanii yoo beekanii fi dubbii fi hojiin yoo hojjatan qofaadha. Rabbiin
malee homaa hin gabbaru, shari’aa Isaatin qofa Isa gabbara, Isatti homaa hin
qindeessu, wantoota Rabbiin alatti gabbaraman hundatti hin amanu, ni morma,
isaan gabbaruu irraas ni fagaata. Kuni hiika Rabbiin malee haqaan gabbaramaan
akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa nan baha jedhuudha.
Namni "laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)" jedhee
ragaa bahuu, "Rabbiin qofa gabbara, wanta biraa Isa waliin hin gabbaru (hin
waaqefadhu), wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti hin amanu, isaan gabbaruu
irraa nan fagaadha, nan morma." jechaa akka jiru haa yaadatu. Ammas,
"Muhammadan Rasuulullah (Muhammad Ergamaa Rabbiiti)” jedhe yommuu
ragaa bahu, wanta Nabii Muhammad (SAW) ittiin dhufeen Rabbii olta’aa gabbara.
Nabiyyiin (SAW) seera ibaadaa ittiin hojjatan, ibaadaa akkami hojjachu akka
qaban Rabbii olta’aa irraa fide jira. Kanaafu, namni ibaadaa akkaataa fedhii
lubbuutin kan hojjatu osoo hin ta’in akkaataa Rabbiin ajajeen hojjata. Ergamaan
Rabbii (SAW) akkana jedhan:
ما من أ مه الل صدقا من قلبه إلا حر دا رسول الل وأن محم عل النار حد يشهد أن لا إله إلا الل“Eenyullee ‘Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa
Isaati’ jedhee dhugaadhaan qalbii isaa irraa ragaa bahu hin jiru Rabbiin ibidda
irraa kan isa baraaru yoo ta’e malee.” Sahiih Al-Bukhaari-128
Kana jechuun namni kamiyyuu dhugaadhaan qalbii isaatiin itti amanuun “Rabbiin
malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad Ergamaa Isaati” jedhee ragaa
bahe, Rabbiin ibidda irraa isa eega.
Rabbiin warra Laa ilaah illallah qabatan keessaa nu haa taasisu
Kitaaba wabii:
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 81-89
85
Guduunfaa
86
87
Dhugaa Jireenyaa Keessatti Akkaataa Laa İlaah İllallah
Hojii İrra Oolchanii Fi Qabatan
Akkuma yeroo darbe jenne Islaama keessa kan nama seensisu tawhiidul
uluuhiyyah dha. Tawhiinni kunis: Rabbii olta'aa Tokkicha gabbaruu, homaa Isatti
hin qindeessin, wantoota Rabbii gaditti gabbaraman hundatti amanuu diduu fi irraa
fagaachudha.
Ammas, Islaamni karaa Rabbii qajeelaa Muslimni hanga Rabbiin azza wa jalla wal
qunnamutti daangaalee Isaa qabachuun irra deemudha jennee jirra. Islaamni
tooftaa bultii guutuu ta’ee akka Rabbiin azza wa jalla barbaadutti jireenya sirnaa
fi karaa sirrii qabsiisuudha. Hariiroo gabrichi Gooftaa isaa waliin qabu qofarratti
kan daangefamee miti. Kana irra, sirna guutuu roga jireenyaa hunda of keessatti
hammatuudha. Namoonni wanta ijaan hin mul’annetti amanuu fi mallatoolee
ibaadaa irratti Islaama daangeessanii fi jireenya biroo irraa haaqan, Islaama hin
hubanne, hordofaas hin jiran. Kana irra, dhugaadhaan isaan seekulaarizimitti
bulan, Islaama ni didan. Namni dhugaadhaan Islaama hubatee fi itti bulu, nama
akkuma Rabbiin daangaa Islaamaa murteessetti hubatuu fi akkuma Rabbiin (azza
wa jalla) barbaadutti buluudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
Jedhi, “Dhugumatti Gooftaan kiyya gara karaa qajeelaa, amantii sirrii karaa
Ibraahim haniifa ta’etti na qajeelchee jira. Inni mushrikoota irraa hin
turre. Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi
duuti tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifi. Shariikni Isaaf hin jiru.
Isuma kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati. Jedhi, "Inni Gooftaa
88
wanta hundaa ta’ee osoo jiru ani Rabbiin ala gooftaa biraa nan
barbaadaa?” suurat Al-An’aam 6:161-164
Warroota Rabbiin waliin waan biraa gabbaraniin (waaqefataniin) akkana jedhi:
Dhugumatti Rabbiin kiyya karaa qajeelaa Jannata Isaatti nama geessutti na
qajeelche. Karaan qajeelaan kunis amanti Islaamaa dhimma addunyaa fi
Aakhiraatiin dhaabbateedha. Amanti tawhiidaa amanti Ibraahim (aleyh salaam)
kan ta’eedha. Haniifa jechuun shirkii irraa gara tawhiidaatti kan dabeedha. Jecha
biraatin, Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu irraa gara Rabbiin qofa gabbarutti
kan qajeeledha. Nabii Ibraahim wantoota Rabbii olta’aan alatti gabbaraman
dhiisun Rabbii tokkicha waan gabbaraa tureef mushrikoota irraa hin turre.
Mushrikoota jechuun namoota Rabbiin waliin waan biraa kadhatan, sagadaniif,
qalma qalanii fi ibaadaa biroo hojjataniidha.
"Dhugumatti sagadni kiyya, qalmi kiyya Rabbii qofaafi. Sagadni fi qalmi kiyya
sanamaaf (siidaaf), taabotaaf, namoota du’aniif, jinniif fi wanta biraatifi miti.
Jireenyi fi duuti tiyyas Rabbi qofaafi. Hojiin ani jireenya keessatti hojjadhu Rabbii
qofaafi. Yoo du’es Rabbii qofaaf du’a. Gabaabumatti, haalli fi hojiin kiyya hundi
Rabbii Gooftaa aalamaa ta’ee qofaafi." isaaniin jedhi.
Aalamaa jechuun uumamtoota hunda. Samii, dachii fi uumamtoonni isaan keessa
jiran hundi aalama.
“Gooftaa aalamaa” sifata (amala) Rabbii sababa hojiin hundi wanta biraatiif osoo
hin ta’in Isaaf qofa ta’uu akka qabu agarsiisuudha. Sababni isaas, Rabbiin ala
wanti biraa uumamtoota irratti qananii isaan argamsiisu hin qabu. Kana jechuun
Rabbiin ala uumamtoota kan uume, jiraachisu, nyaachisu, obaasu fi qananii adda
addaa kennuuf hin jiru. Kanaafu, ibaadan hundi kan nama uumee, jiraachisu,
nyaachisu, obaasu fi qananiisuf qofa ta’uu qaba. Akkasi miti ree? “Shariikni Isaaf
hin jiru.” Akkuma uumamtoota uumuu fi bulchuu keessatti Isa waliin qooda kan
fudhatu hin jirre, Isa gabbaruu keessattis shariikni hin jiru.
Shariika jechuun hirmaataa, qooda kan fudhatu. Ingiliffaan, partner, Amaariffaan
ተጋሪ jechuun hiikan. Inni Tokkicha waan ta’eef Rabbiin waliin gabbaramaan hin
jiru.
89
“Isuma kanatti ajajame” kana jechuun salaata, qalma, ibaadaa, jireenyaa fi du’a
kiyya Rabbii qofaaf gochuutti ajajame. Isaa qofaaf akka sagadu, qalma qalu, hojii
ibaada biroo hojjadhu Rabbiin kiyya na ajaje. Aayah keessatti jecha nusk jedhu
mufassiroonni hiika “ibaadaa” jedhuunis hiikanii jiru.
“ani jalqaba Muslimootaati.” Nabii Muhammad (SAW) ummata isaatti ergaa
Rabbii kan geessu waan ta’eef, ummata kana keessaa nama jalqabaa Rabbiif harka
kennu fi buluudha.61 Muslima jechuun nama Rabbiif harka kenne, gadi jedhuu fi
ajajamuudha. Namni wanta tokkootti namoota waamu jalqaba kan ofii hojjatu
ta’uu qaba. Ergamaan Rabbii (SAW), “akkuma ajajametti ani jalqaba Rabbiif
bulee fi Isa qofa gabbaraa jira. Kanaafu, namoota biroos akka Isa qofa gabbaranii
fi Isaaf ajajaman nan waama.” jechuun mushrikootatti labsa.
Jedhi“Inni Gooftaa wanta hundaa ta’ee osoo jiru ani Rabbiin ala gooftaa
biraa nan barbaadaa?”
Rabbiin Gooftaa wantoota hunda uume, bulchuu fi qindeessu ta’ee osoo jiru, Isaan
ala gooftaa biraa sagaduuf, kadhadhuu fi irratti hirkadhuu nan barbaadaa?
Kanaafu, Rabbiin malee homaa irratti hin hirkadhu, gara Isaa malee homattu hin
deebi’u (hin dheessu). Sababni isaas, Rabbiin Gooftaa fi Mootii waan hundaati.
Uumuu fi ajajuun kan Isaati.62
Wantoonni Rabbiin ala jiran hundi uumamtoota Isatti hajamaniidha. Argamuuf,
lubbuun jiraachuuf Isatti hajamu. Uumamtoonni nama biraa fayyadu dhiisiti mataa
ofiitifu of danda’anii jiraachu hin danda’an. Kanaafu, wanta ofiyyuu hin
dandeenye akkamitti sagadaaf, irratti hirkadhaa, faaydaa akka naaf fidu fi miidhaa
akka narraa deebisuu akkamitti kadhadhaa? Rabbiin immoo Of danda’aa wanta
hundaa uume, too’atu, waan barbaadan namaaf fidu, rakkoo namarraa oofudha.
Kanaafu, Kan ani sagaduufi qabu, irratti hirkachuu fi waan barbaadu irraa
kadhachuu qabu Rabbii Tokkicha.
Kanarraa ka’uun, namoonni dhagaa, muka, qabrii kadhatan, sagadaniif, qalma
qalaniif badii guddaa hojjatanii jiru. Akkasumas, namoonni Nabii Iisaa (aleyh
61 Tafsiiru Muyyassar-150, Tafsiir Sa’dii-317, Ma’aariju Tafakkuri-11/494-495, Tafsiir Tahriir wa tanwiir 8/203, Zaadul Masiir-481 62 Maddoota olii sadan jalqabaa fi tafsiir ibn Kasiir-3/655
90
salaam), haadha isaa Mariyam, Malaykoota, awliyaa’otaaf sagadanii fi kadhatan
karaa qajeelaa irraa jallatanii fi badii guddaatti kufanii jiru. Sababni isaas,
uumamtoonni isaan sagadanii fi kadhatan kunniin homaa isaaniif gochuu hin
danda’an. Isaan gargaaru dhiisi kadhaa fi sagada isaanitu hin dhagahan. Namni
sammuu qabu akkamitti wanta isa hin dhageenye fi haala isaa hin beekne
kadhataa? Rabbii isa uume, haala isaa hunda sirritti beekuu fi dubbii isaa
dhagayu dhiisee akkamitti wanta isa hin dhageenye fi haala isaa hin beekne
kadhataa?
Barnoota keenya kana keessatti dhugaa jireenyaa keessatti akkamitti tawhiida hojii
irra akka oolchanii fi qabatan gargaarsa Rabbiitiin ni ilaalla.
Tawhiida galmaan gahuun (mirkanessuun) dhimmoota sadii: “Rabbiin malee
homaa hin gabbarru, homaa Isatti hin qindeessinu, wantoota Isaa gaditti
gabbaaraman hunda ni dinna, ni mormina” jedhan irratti waan hundaa’uf, haasofti
keenya ammaa dhimmoota jalqabaa lama irratti ta’a. Rabbiin malee homaa akka
hin gabbarree, homaa Isatti akka hin qindeessinedha. In sha Allah barnoota
dhumaa irratti dhimma sadaffaa ni ilaalla.
Akkaataa dhimoota lamaan kanniin hojii irra oolchan beekuuf jalqaba, ibaadan
Rabbiif malee eenyufillee hin malle kuni maalidhaa? Gosoonni isaa hoo?
Kitaabban wabii: al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 97
91
Hiika Ibaadaa63
Hiika ibaadaa (gabbaruu, gabbarrii) irra deddeebi'uun bakka adda addaatti ilaalle
jirra. Garuu namoonni hubannoo garagaraa waan qabaniif namoonni gariin haala
tokkoon hubachuu yoo dadhaban haala biraatin carraan itti hubatan guddaadha.
Kana hubannoo keessa galchuun hiika ibaadaa warra beekumsaa (ahlal ilm) irraa
asitti ni dhiyeessina. Ibaadaa sirritti beeku fi hubachuun laa ilaah illallah sirritti
akka beekanii fi hubatan nama gargaara.
Sheyni mufassirootaa kan ta’e imaamu Xabarii (rahimahullahu) ni jedha: “hiikni
ibaadaa- ajajamuun Rabbiif of gadi qabuu fi of xiqqeessuun Isaaf gadi jechuudha.”
Ammas ni jedha: Araboota hunda biratti ubuudiyyaan (gabrummaan) hundeen isaa
Az-Zillah (xiqqeenya). Karaan qaaca’aan miilli irra deemtu mu’abbad jedhamuun
moggaafame… Ammas, gabrichi gabricha kan jedhameef bulchaa isaatiif waan
gadi of xiqqeessufi.
Akkasumas, Fira’awni akkana jechuun Nabii Muusaa fi Haarunitti akka dhaadate
Rabbiin olta’aan ni hima:“Ummanni isaan lamaanii nuuf gabroota” (suuratu
Al-Mu’minuun 23:47) Imaamu Xabariin ibsa kanaa ilaalchisee ni jedha: Kana
jechuun: isaan (ummanni) isaaniif kanneen ajajamaniidha, of gadi
xiqqeessaniidha, ajaja isaaniitiif ni ajajamu, isaaniif bulu.
Arabni nama mootiif bule hunda, "inni gabricha isaati" jechuun moggaafti…”
Tafsiir Xabarii-1/69,160-18/25)
Ibn Kasiir (rahimahullahu) ni jedha: “Akka lugaatti ibaadaan [hundeen isaa] az-
zillah (xiqqeenya) irraa kan ta’eedha. Ni jedhama: xariiqu mu’abbadu, ba’iiru
mu’abbadu. Shari’aa keessatti [ibaadaan] jecha, “jaalala, gadi of qabuu fi sodaa
guutuu” of keessatti qabateedha.” (Tafsiiru Qur’aanil Aziim 1/26)
Imaamu Baghawinis (rahimahullahu) jecha Rabbii olta’aa “Iyyaka na’abudu (Si
qofa gabbarra)” jedhu ilaalchise akkana jedha: kana jechuun gadi of qabuun Si
tokkichoomsina, Siif tole jenna. Ibaadah jechuun gadi of xiqqeessuu fi gadi of
qabuu waliin ajajamuudha. Gabrichi gabricha kan jedhameef sababa xiqqeenyaa
63 al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 98-113
92
fi masakamuu isaatiifi. Ni jedhama: xariiqu mu’abbad-kana jechuun karaa
laaffifamee (qaacca’e)” (Tafsiiru Baghawi-1/55)
Ammas, hayyuun An-Nahaas jedhamu akkana jedha: “Akka lugaatti Ibaadaa
jechuun gadi of xiqqeessuu fi of gadi qabuu waliin ajajamuudha.” (ma’aanil
Qur’aani 1/46)
Jecha Rabbii olta’aa “Sheyxaana hin gabbarinaa” (suuratu Yaasin:60) jedhu
keessatti jecha “ibaadaa (gabbarri)”jedhu, beektonni baay'een “ajajamuun” ibsan.
Kana jechuun shayxaanaaf hin ajajaminaa. Haaluma kanaan, ibraahim abbaa
isaatiin akkana jedhe, “Yaa abbaa koo! Sheyxaana hin gabbarin” (suuratu
Mariyam:44) jedhu keessatti "ajajamuun" ibsan.
Ibn Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: “Ibaadaan dubbii fi hojiwwan keessaa
fi alaa irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduu hundaaf maqaa wali
galaati.
Salaanni, zakaan, soomni, hajjiin, dhugaa dubbachuun, amaanaa deebisuun,
haadha abbaa tola oolun, firummaa (rahimummaa) sufuun, waadaa guutuun, wanta
sirriitti ajajuu fi wanta badaa irraa dhoowwuun, kaafirotaa fi munaafiqotatti
qabsaa’un, ollaaf, yatimaaf, miskiinaaf, karaa deemaaf tola ooluun, du’aayin,
zikriin, Qur’aana qara’uu fi kkf ibaadaa irraayyi.
Akkasumas, Rabbii fi Ergamaa Isaa jaallachuun, Rabbiin sodaachuu fi gara Isaatti
deebi’uun, amanti Isaaf qulqulleessuun, murtii Isaatiif obsuun, qananii Isaatiif
galata galchuun, murtii Isaatti gammaduun, Isarratti hirkachuun, rahmata Isaa
kajeeluun, azaaba Isaa sodaachuu fi kkf ibaadaa irraayyi.”64
Sheykh Abdullah Abu Baxiin (rahimahullahu) ni jedha: “Wanta kana ifa godhu
keessaa tokko shari’aa keessatti daangaa ibaadaa beekudha. Wanti Rabbii fi
Ergamaan Isaa ajaja dirqamaa ykn jaallatamaa itti ajajan hundi ibaadadha. (Kana
jechuun wanti dirqamaa Rabbii fi Ergamaan Isaa namoonni akka hojjatan itti
ajajan ibaadadha. Wanti jaallatamaan akka hojjatan itti ajajanis ibaadadha.)
64 Al-Ubudiyyah- Ibn Taymiya, fuula 19
93
Beektonni gariin, “ibaadaan ajajamuudha” jedhu. Kanaafu, wanta itti ajajaman
hojjachuu fi wanta irra dhoowwaaman dhiisu of keessatti hammata. Wanta Rabbiin
subhaanahu itti ajaje keessaa tokko du’aayi fi Isa kadhachuudha. Ni jedha:
بكمدعوا ٱ﴿ ر هت ض ۥإنهو خفي ة ل ﴾٥٥لمعت دين ٱيب
“Gooftaa keessan gadi of qabuu fi dhoksaan kadhaa. Dhugumatti, Inni
daangaa darbitoota hin jaallatu.” Suuratu Al-A’araaf 7:55
Gabrichi ajaja Gooftaa isaatti yoo bulee fi mukhlisa ta’uun Isa kadhate (du’aayi
godhe), kuni isa irraa Gooftaa isaatiif ibaadadha. Yoo Rabbiin ala kan biraa
kadhate (du’aayi godhe) immoo, wanta kana gabbarree jechuudha. [Hadiisa]
sunana keessatti Nabiyyii (SAW) irraa: “Du’aayin ibaadadha.” Jechuun dhufee
jira. Hadiisa biraa keessattis, “Du’aayin dhuka ibaadati” jedhamee jira.
Nabiyyiin (SAW) du’aayi ibaadaa jechuun moggaase. Du’aayin mataan isaatu
ibaadadha. [Gadi of qabuu fi jaallachuun] wanti kadhatamu hundi
gabbaramaadha.” (Risaalatu ta’asiis At-Taqdiisi fi kashfi talbiis Daawud bin
Joorjiis-fuula 91-92)
Hiika ibaadaa ilaalchisee wanta beektonni kunniin asi olitti kaasan kutaa darbe
wanta lama jalatti guduunfine jirra. Namni barbaadu duubatti deebi'ee "Hiika Laa
ilaah illallah-kutaa 1ffaa" ilaalu danda'a.
Ibaadaa ilaalchisee hubannoo hanquu fi dogongoraa
Namoota keessaa nama ibaadaa hubannoo hanquu fi cinaa hubatetu jira. Isa biratti
ibaadan mallattoolee gabbarri agarsiisan kanneen akka salaataa, zakaa, sooma,
umraa, hajjii, zikrii, Qur’aana qara’uu… irra hin darbu. Huduuda, adabbii yakkaa,
murtiwwan waliin hojjachuu, waraanaa, wali galtee, wal dhaalu fi kan biroo irraa
seerri Rabbiin azza wa jalla kaa’ee fi baasee maqaa ibaadaa keessa hin seensisan.
Kuni hubannoo dogongoraa wanta Rabbiin murteesse faallessuudha. Yommuu
hubannoo dogongoraa sekulaarizimiin amantiif qabu dubbannu gara kanaatti
akeekne jirra.
Ibaadaa ilaalchise hubannoon sirriin, amantiin guutuun ibaadaa keessa seena.
Sheykhul Islaam Ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Amantiin (diiniin)
guutuun ibaadaa keessa seena… Diinin hiika of gadi qabuu fi xiqqeessu of
keessatti hammata… Ni jedhama: yadiinu Allah, wa-yadiinu lillahi- kana jechuun
94
Rabbiin gabbara, Isaaf ajajama, Isaaf gadi jedha. Diinin Rabbii: Isa gabbaruu, Isaaf
ajajamu fi Isaaf gadi jechuudha.”65
Kanaafu, wanti Rabbiin azza wa jalla itti ajaje hundi ibaadaa keessa
seenaa jechuudha.
Rabbiin azza wa jalla Isaaf hojii qulqulleessuun dirqama akka ta’ee ibaadaa fi
wanta biraa keessatti addaan hin baasne. Kana irra, Isa qofa gabbaruu fi wanta
Isaan ala jiran gabbaruu dhiisutti ajaja walii galaa ajaje. Gosoota ibaadaa keessaa
gosa tokko kanaan adda hin baasne. Salaatas ta’i, du’aayis ta’i isaan lamaan alatti
gosa ibaadaa adda baasun “gosa ibaadaa kana keessatti ikhlaasni ni barbaachisa,
gosa biraa keessatti hin barbaachisu” hin jenne. Kana irra, ibaadaa hunda keessatti
hojii Isaaf qulqulleessutti (ikhlaasatti) ajaje. Ammas, gosoota ibaadaa keessaa gosa
tokko shirkiin itti hayamamuu filatee adda hin baasne. Kana irra, ibaadaa hunda
keessatti shirkii irraa ni dhoowwe. Amantiin Rabbiif qulqulluu ta’uu hin danda’u
hanga ibaadaan gosa kamiyyuu Rabbiif qulqulluu ta’utti malee.
65 Madda olii-fuula 24
95
Gosoota Ibaadaa Ragaa Waliin
Hiika ibaadaa keessaa tokko “gadi of qabuu, of xiqqeessu fi jaalala waliin
ajajamuudha.” Mee amma itti haa xinxallinu, gadi of qabuu, of xiqqeessuu fi
jaallachuu waliin ajajamuun ykn hojii tokko hojjachuun eenyuf ta'aa? Kan akka
sanamaaf (siidaaf), qaxxaamura sibilaa fi taabotaaf gadi of qabuun nama
kabajamaa aqlii (sammuu) qabu irraa ni tolaa? Nama akka isaa dandeetti waa
hunda irratti hin qabneef gadi of qabuu fi of xiqqeessuun ni ta'aa?
Hundemaa, kan gadi of qabanii fi of xiqqeessaniif humna cimaa fi amaloota
guutuu kan qabuufi. Akkasi miti ree? Humna cimaa fi amaloota guutuu kan qabu
Rabbii olta'aa malee jiraa? Dhugumatti Isa malee hin jiru. Kanaafu, of gadi
qabuun,of xiqqeessuuni fi jaallachuun ajajamuun ykn hojii tokko hojjachuun
Isaaf malee hin ta'u. Jecha gabaaban, ibaadaan Rabbii olta'aaf malee hin ta'u.
Sababni isaas, namni wanta isaa gadiitiif kan akka dhagaatii fi mukaatiif ykn
wanta isaan wal qixaa kan akka ilma namaatiif yoo gadi of qabee fi of xiqqeesse,
isaaf salphinna. Mee itti yaadi, ati umriin kee 25 ta'ee osoo jiru mucaa umriin
isaa waggaa 10 ta'eef yoo gadi of qabde salphinna akkamiitu sitti dhagahamaa?
Ajaa'ibni kana caalu immoo dhagaa fi muka hin dhageenyef namni yoo gadi of
qabe, kuni salphinna akkamiiti? Gadi of qabuun dhugaa qalbiidhaan of gadi
qabuudha.
Kanaafi, irra deddebi'uun ibaadaan Rabbii olta'aaf malee hin ta'u jenna. Hima
kana keessatti bakka jecha "ibaadaa" jedhu, hiika ibaadaa armaan olii yommuu
bakka buusnu, himni kuni akkana ta'a: "gadi of qabuu, of xiqqeessu fi jaalala
waliin ajajamuun ykn hojii tokko hojjachuun Rabbii olta'aaf malee hin ta'u."
Namni Rabbii Mootii Guddaa amaloota guutuu qabuuf qofa yoo gadi jedhe
(ibaadaa godhe ykn gabbare) kabaja guutuu argata. Ta'uu baannan, Rabbii
olta'aaf gadi jechuu yoo dide, wanta isaa gadiitif ykn isaan wal qixa ta'een gadi
jechuu fi of xiqqeessun salphinna guddaatti kufa. Dhugaa armaan oli ifa gochuuf
mee gosoota ibaadaa haa ilaallu.
Gosoonni ibaadaa baay’eedha. Isaan keessaa mee muraasa haa ilaallu: sujuuda,
rukuu’a, salaata, qalma qaluu, xawaafa, nazrii, birmaanna barbaadu, gargaarsa
barbaadu, kakachuu, tawakkula fi kanneen biroo.
Amma gosoota ibaadaa muraasa ragaa waliin haa ilaallu:
96
1-Sujuuda fi rukuu’a Akkuma beekkamu sujuuda jechuun Gabbaramaaf of gadi qabuun kallachaan
lafa tuquudha. Ingliffaan prostration jedhama. Rukuu’a jechuun immoo
Gabbaramaaf of gadi qabuuf mataan gadi jechuudha. Ingliffaan bowing
jedhama. Ragaan sujuuda fi ruku’uni ibaadaa ta’uu agarsiisan keessaa:
ا﴿ ه ي أ ين ٱي نوا ل عوا ٱء ام بكمعبدوا ٱو ٱسجدواو رك لوا ٱو ر ل ي ٱفع
لكم ﴾٧٧۩تفلحون ل ع “Yaa warra amantan! Ruku’a bu’aa, sujuudaa, Gooftaa keessan gabbaraa,
waan gaarii hojjadhaa akka milkooftaniif.” Suuratu Al-Hajj 22:77
Ruku’a fi sujuunni ibaadaa waan ta’aniif Rabbii olta’aaf malee homaafu hin
ta’an. Taabotaaf, sanamaaf, qabriif, qeeysif, mootii namaatii fi uumamtoota
keessaa eenyufillee ruku’a (mataan gadi hin jedhan), sujuudas hin bu’an.
Sujuudaa fi ruku’uni Rabbii Tokkicha qofaaf ta’u. Wanti biraatiif sujuudu fi
ruku’a gochuun shirkiidha.
2-Salaataa fi qalma Ragaan salaanni fi qalmi ibaadaa ta’uu agarsiisan keessaa jecha Rabbii olta’aa:
“Jedhi, “Dhugumatti, salaanni kiyya, qalmi kiyya, jireenyi tiyyaa fi duuti
tiyya Rabbii Gooftaa aalamaa hundaatifii. Shariikni Isaaf hin jiru. Isuma
kanatti ajajame, ani jalqaba Muslimootaati.” Suuratu Al-An’aam 6:162-163
Ammas ragaan biraa:
“Gooftaa keetif sagadi, qaliis. Dhugumatti, kan si jibbu isuma qacceen kan
cittee (waan gaarii hundarraa kan cite).” Suuratu Al-Kawsar 108:2-3
97
Kana jechuun salaata hundaa Rabbii keetiif qulqulleessi, wareega keetiis Isaaf
wareegi, maqaa Isaa qofaan qali.66
Qalmii (wareegni) ibaadaa ta’u, wanta qalmi qalamuuf ol-guddisuuf, isaaf
gadi jechuu fi isatti dhiyaachuuf qalma qalamuudha. Kuni Rabbiif malee
eenyufillee hin ta’u. Kana Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun shirkii guddaadha.
Qalmii gosoota qaba: kan shari’aan karaa godhee fi itti ajaje, hayyamamaa ta’ee
fi haraamaa ta’ee.
Qalmii shari’aan karaa godhee fi itti ajaje: kan akka yeroo hajjii qaluu
(uduhiyyah), Rabbiif waadaa galuun qaluu, aqiiqa (yeroo daa’imni dhalatu
qaluu), yeroo cidhaa qaluu, keessummaan yommuu namatti dhuftu qaluu,
Rabbiif jedhanii sadaqachuuf qaluu…
Hayyamamaan immoo: kan akka nyaataaf qaluu, gurguraaf qaluu
Haraamni (dhoowwamaan) immoo: kan akka sanamaaf qaluu, jinniif qaluu,
qabriif qaluu, hujubaaf qaluu, irraa dhuguun dura biirii (boolloo bishaanii)
haarawaatiif qaluu, jinni ittisuuf jecha yommuu misirroonni (mushurroonni)
mana seenan qaluu. Kuni hundi shirkii guddaadha.
3-Sooma Soomni ibaadaa ta’uu ragaan agarsiisu:
ا﴿ ه ي أ ين ٱي ل يكمل ع كتب نوا ي امٱء ام لصد عل اكتب م ين ٱك منل
لكمت تقون بلكمل ع ﴾١٨٣ق “Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif jecha soomni akkuma warra
isiniin duraa irratti barreefame isin irrattis barreefamee jira.” Suuratu Al-Baqarah
2:183
4-Nazrii fi xawaafa Nazrii jechuun namni tokko hojii shari’aan dirqama isarratti hin goonee of irratti
dirqama gochuudha. Fkn, akkana jechuu, “Rabbiif jedhe kana nan hojjadha.”
Rabbiin yoo na fayyise, kana nan godha.” Jechuu. Nazriin Afaan Oromootin
66 Tafsiiru Muyassar-602
98
naannoo tokko tokkotti “silati”, naannoo biraatti “qodhaa” jedhamuun beekkama.
Amaariffanis silat jechuun hiikan. Ingliffaan “vow”.
Akka lugaatti xawaafa jechuun wanta tokko irra naanna’uudha. Akka shari’aatti
immoo Xawaafa jechuun ibaadaa hojjachuuf jecha “Ka’abaa irra naanna’uudha.”
Nazrii fi xawaafni ibaadaa ta’uu ragaan agarsiisu:
ث همل قضوا ثم﴿ لوفوا ت ف وفوا نذنور همو ل ط و تيقٱل يتٱب ﴾٢٩لع “Sana booda xuriiwwan isaanii haa dhabamsiisan, qodhaa (silati) isaaniis
haa guutan, Mana duriis (Ka’abaa) haa naannawan (xawaafa godhan).” Suuratu Al-Hajj 22:29
Hajjaajonni sirna hajjii irraa wanta hafee haa guutan: ihraama keessaa bahu fi
hiikkachu. Kunis kan ta’u: xurii irraa wanta qaama isaanii irratti walitti qabame
oofu, kottee (qeensa) isaanii muruu, rifeensa isaanii haadu (dubartii yoo taate
rifeensa hamma ta’e muru). Hajji, umraa fi kennaa irraa wanta of irratti dirqama
godhan (nazrii) haa guutan. Ka’abaa irras haa naannawan (xawaafa haa
godhan).67
Kanaafu, nazrii fi xawaafni ibaadaa waan ta’aniif Rabbii olta’aaf malee hin ta’an.
Ka’abaan ala bakka biraatti xawaafa gochuun hin danda’amu. Rabbiif ala wanta
biraatif nazrii (silati) gochuun hin danda’amu. Awliyaa’otaaf, saalihootaaf nazrii
gochuun hin ta’u. Akkasumas, qabrii isaanii irra naanna’uun hin ta’u. Akkuma
wallaaltonni qabrii Jaylaani, Huseen, Badawii, Dusuuqi, fi kan biroo irra
naanna’an qabrii saalihota fi awliyaa’ota irra naanna’un hin danda’amu. Kuni
shirkii ta'uun isaa wanta shakkii hin qabneedha.
Namoonni beekumsa hin qabne amanti keessatti wanta haarawa uuman baay’een
isaanii saalihotaaf nazrii (silati) seenu. Gariin isaanii galoo galaan Arabaa irraa
Iraan keessatti qabrii awliyaa jedhanii odeessaniif qabeenya ergu.
67 Tafsiiru muyassar-fuula 335
99
Haaluma kanaan Hindoonni fi Paakistaanonni baay’een AbdulQaadir Jaylaanif
qabeenya baay’ee silati seenu. Qabrii isaatiif qabeenya ergu. Kan kana godhu
"nuti warra sunnaati (ahli sunnah)" warra ofiin jedhu irraayyi.
Shi’aan hindii, paakistaanii fi iraan immoo iddoolee An-Najafa, Karbalaa’a,
Khurasaan jedhaman keessatti qabrii ahli Baytiif qabeenya silati seenu. Qabrii
tanniin irra naanna’uuf (xawaafa gochuuf), nama achi keessatti awwaalame irraa
birmannaa fi gargaarsa barbaaduuf, haajaan akka guuttamu barbaaduu fi rakkoon
akka deemuuf, naannoo adda addaa irraa gara qabrii kanniinii fe’aa fe’atanii itti
deemu.68 Kuni hundi shirkiidha.
5-Kakachuu (Al-Halif) Kakachuunis gosoota ibaadaa keessaa tokko. Ragaan kanaa hadiisa Ibn Umar
Nabiyyii (SAW) irraa gabaasedha: “Namni Rabbiin ala wanta biraatin kakate
shirkii hojjate.” Sunan Abu Daawud 3251
Wanta tokkoon kakachuun wanta san ol guddisuudha. Garmalee ol-guddifamuu
fi ittiin kakatamu kan qabu Rabbii olta’aadha. Kanaafu, Isaan ala wanta biraatin
kakachuun shirkiidha.
6-Isti’aanaa (Gargaarsifachuu) Isti’aanaa jechuun gargaarsa barbaadu ykn gargaarsifachuudha.
Gargaarsifachuun ibaadaa ta’uu ragaan agarsiisu:
﴾٥ن ست عيوإياك ن عبدإياك ﴿
“Si qofa gabbarra, Si qofa gargaarsifannas.” Suuratu Al-Faatiha 1:5
Gargaarsifachuun gosoota qaba:
1ffaa- Rabbiin gargaarsifachuu- kuni gargaarsifachu haala guutuu ta’een Isaaf of
gadi qabuu fi of xiqqeessu, dhimma gara Isaatti deebisuu fi Inni namaaf gahaa
akka ta’e amanuu of keessatti qabata. Gargaarsifachuun dhimmoota kana of
keessaa qabu Rabbii olta’aaf malee eenyufillee hin ta’u. Rabbii olta’aan ala
wanta biraatiif namni gadi of qabuu fi of xiqqeessuun, dhimma gara Isaatti
68 Sharih Taxhiiril Janaani wal arkaani an darani shirki wal kufraani-fuula 59
100
deebisuu fi wanti suni isaaf gahaa akka ta’e amanuun yoo gargaarsa irraa
barbaade, shirkii hojjatee jira.
2ffaa-Dhimma hojjachuu danda’u irratti uumamtoota gargaarsifachuu-kuni nama
gargaarsa irraa barbaadan irratti hundaa’a. Hojii gaarii irratti gargaarsifachuu yoo
ta’e, gargaarsa barbaadun ni hayyamama, akka gargaarus namni ni jajjabeefama.
Ragaan kanaa: “Toltuu fi taqwaa (Rabbiin sodaachu) irratti wal gargaaraa”
Suuratu Al-Maa’ida 5:2
Badii irratti yoo ta’e immoo gargaarsa kan gaafatu fi kan gargaaru irratti haraama.
Ragaan kanaa aayah armaan olii irraa itti fufa: “Badii fi daangaa darbuu irratti
wal hin gargaarinaa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:2
3ffaa-Nama lubbuu qabuu fi nama bira jiru garuu dandeetti hin qabne irraa
gargaarsa barbaabu- kuni lagwiidha. Lagwi jechuun dubbii fi hojii faaydi hin
qabneedha. Fakkeenyaf, nama dadhabaa ba’aa ulfaataa akka isatti baachisuuf
gargaarsa gaafachuun wanta laghwi ta’eedha.
4ffaa-Namoota du’an irraa gargaarsa kadhachuu ykn namoota lubbuun jiranii
garuu dhimma fagoo fi dhokataa isaan dhaqqabuu hin dandeenye irratti gargaarsa
kadhachuu. Kuni shirkiidha. Sababni isaas, nama “namoonni kunniin samii fi
dachii keessatti too’annaa dhokataa qaban” jedhee amanu irraa malee
gargaarsifachuun akkanaa hin argamu. 69 Samii fi dachii keessatti too’annaa
guutuu kan qabu Rabbii Tokkicha malee hin jiru. Kanaafu, namoota du’an irraa
gargaarsa kadhachuun shirkii guddaadha.
7.Al-Khawf (Sodaa) Ragaan sodaan ibaadaa ta’uu agarsiisu, jecha Rabbii olta’aa:
ا﴿ لكمإنم نٱذ يط ول ا ء هي ودفلش ۥأ افونت افوهمف ل ؤمني كنتمإنو خ ﴾١٧٥م
“Suni sheyxaanaa deeggartoota isaa [isin] sodaachisuudha. Kanaafu, isaan
hin sodaatinaa, Mu’mintoota yoo taatan Anuma sodaadhaa.” Suuratu Aali-
Imraan 3:175
69 Sharih salaasatil usuul-fuula 62-63
101
Sodaan gosoota qaba: sodaa ibaadaa fi sodaa uumamaa
Sodaan ibaadaa ta’e sodaa sodaatamaa ol-guddisuu fi jaallachuun keessa
jiruudha. Kuni sodaa dhoksaati. Sodaan akkanaa Rabbiin ala wanta biraatiif hin
ta’u. Wanta biraatiif gochuun shirkiidha. Fakkeenyaaf, nama qabrii keessatti
awwaalame sodaachu, waliyyi ykn raagdu isarraa fagoo ta’ee fi homaa isa
gochuu hin dandeenye sodaachu.70 Namni awwaalame ykn waliyyi fi raagdun
isarraa fagoo ta’ee osoo jiru, “Inni na argaa ykn na dhagaya” jedhanii sodaachun
shirkiidha.
Sodaan umamaa kan akka bineensa, ibidda, bishaaniin nyaatamu fi kkf irraa
sodaachudha. Kanaaf namni hin komatamu. Kuni sodaa uumamaa too’annaa
isaatin ala waan ta’eef badiin isa irra hin jiru.
8-Tawakkula (irratti hirkachuu) Ragaan tawakkulli ibaadaa ta’uu agarsiisu:
“Mu’mintoota (dhugaan warra amanan) yoo taatan, Rabbuma irratti
hirkadhaa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:23
Haqiiqaan tawakkula wanta hayyamame hojjachuu waliin faayda amantii fi
addunyaa keessatti hirkannaa dhugaa gabrichi Rabbii olta’aa irratti hirkachuudha.
Rabbiin irratti hirkachuu jechuun wanta fayyadu fiduu fi wanta miidhaa qabu
ittisuu keessatti Inni siif gahaa akka ta’e amanuun Isa irratti hirkachuudha.
Tawakkulli iimaanni guuttamu irraa kan ta’ee fi mallattoo isaati (iimaanni guutuu
ta’u agarsiisudha.)71
9-Istighaasa (Birmannaa barbaadu) Istighaasa (birmannaa barbaadu) jechuun rakkoo fi badiinsa irraa baraaramuuf
gargaarsa kadhachuudha. Namni yommuu rakkootti küfe, “Naaf birmadhu”
70 Madda olii-fuula 57, Sharih Taxhiiril Janaani wal arkaani an darani shirki wal kufraani-fuula 65 71 Maddoota olii
102
yommuu jedhu, rakkoo kana irraa na baraari ykn na baasi jechuu isaati. Ragaan
birmannaa barbaadun ibaadaa ta’uu agarsiisu:
بكمت ست غيثون إذ﴿ ٱف ر اب ل كمست ج ند كمأ ممد لف
ن بأ ةٱمد ئك ل لم
﴾٩مردفي “Yeroo isin Gooftaa keessan irraa birmannaa barbaaddanii Innis,
“Dhugumatti, Ani malaykota kuma tokko wal hordofaniin isin gargaara”
jechuun isiniif deebii deebisee [yaadadhu].” Suuratu Al-Anfaal 8:9
Rabbii olta’aa irraa birmannaa barbaadun hojii hundarra gaarii fi guutuu ta’e
keessaa tokko.
Namoota du’an yookiin namoota lubbuun jiran garuu nama bira hin jirree fi nama
baraaru hin dandeenye irraa birmannaa barbaadun shirkiidha. Sababni isaas, nama
“Namoonni kunniin samii fi dachii keessatti too’annaa qaban” jedhe amanuu
malee namni namoota du’an ykn namoota fagoo jiran irraa birmannaa barbaadu
hin jiru. Yommuu namni kuni namoota du’an ykn namoota fagoo jiran irraa
birmannaa barbaadu, namoota kanniin Gooftummaa keessatti qooda isaaniif
godha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴿ ل ٱدونمنت دعو الل م عك ل ي نف ل هو ك ف إني ض لت ع ن إذاف إنك ف مدلمي ٱ ﴾١٠٦لظ
“Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi si hin miine hin kadhatin. Yoo akkas
goote, dhugumatti yoosan ati zaalimoota keessaa taata.” Suuratu Yuunus 10:106
Sanamas ta’i, nama du’es ta’i, wanta si hin fayyannee fi hin miine kamiyyuu
Rabbii olta’aa gaditti hin kadhatin. “Yoo akkas goote” kana jechuun yoo wanta si
hin fayyannee fi hin miine kadhatte, warroota nafsee ofii miidhanii fi balleessan
keessaa taata. Sababni isaas, Rabbii olta’aa gaditti wanta nama hin fayyannee fi
hin miine kadhachuun shirkii waan ta’eef, kasaaraa guddaa fi azaaba (adabbii)
cimaatti nama geessa.
103
Namoota lubbuun jiranii fi birmachuu danda’an irraa birmannaa barbaadun ni
danda’ama. Seenaa Muusaa keessatti Rabbiin olta’aan ni jedha:
ث هٱف ﴿ يٱست غ تهمنل ۦشيع يٱعل منل ه دود ز هۦع ك ۥف و موس ض ل يف ق ﴾ه ع
“Garee isaa irraa kan ta’e diina isaa irraa kan ta’e irratti birmannaa isa
irraa barbaade. Muusaanis abbootteen rukutee [dogongoraan] ajjeesee.” Suuratu Al-Qasas 28:15
10-Isti’aazaa (maganfachuu) Isti’aazaa (maganfachuu) jechuun eeggumsa barbaadudha. Isti’aazaan ibaadaa
ta’uu ragaa agarsiisu keessaa:
عوذقل﴿ أ ﴾١لناسٱبر بد
Jedhi, “Gooftaa namootatti maganfadha.” Suuratu An-Naas 114:1
Rabbitti maganfachuun Isatti hajamuu guutuu, Isatti dheessu, akka namaaf gahaa
ta’ee fi wanta hundarraa nama eegu amanuu of keessatti kan qabateedha.
Namoota du’an, jinni fi namoota lubbuun jiran garuu nama biraa hin jirree fi
eeggumsa namaaf gochuu hin dandeenye irraa eeggumsa barbaadun shirkiidha.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
نه﴿ أ ن ۥو ال ك ن رج نسٱمد عوذون ل ال ي ن برج ندٱمد ادوهمل قاف ز ﴾٦ر ه
“Dhugumatti, dhiironni nama irraa ta’an dhiirota jinnii irraa ta’anitti
maganfataa turan. Kanaafu, ba'aa [qofa] isaaniif dabalan.” Suuratu Al-Jinn 72:6
11-Istighfaara fi tawbaa Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha. Tawbaan immoo badii irraa
buqqa’anii gaabbuun gara Rabbii olta’aa deebi’uudha. Istighfaara fi tawbaan
ibaadaa gurguddoo keessaa tokko. Ragaan kanaa:
بكمست غفروا ٱو ﴿ هىتوبو ا ثمر إنإل بد دود ر حيم ر ﴾٩٠و “Gooftaa keessan araarama kadhaa, ergasii gara Isaatti deebi’aa.
Dhugumatti Gooftaan kiyya, rahmata godhaa, jaallataadha.” Suuratu Huud
11:90
104
Istighfaara fi tawbaan ibaadaa waan ta'aniif Rabbiin ala wanta biraatiif hin
godhamu. Akka suufiyyoota garii shekha isaaniitiif godhanii fi akka kiristaanota
qeeysi isaaniitif godhanii istighfaaraa fi tawbaa wanta biraatiif gochuun shirkii ifa
baheedha. Sababni isaas, badii hunda kan araaramu Rabbiin malee hin jiru.
Shekonni suufiyyi ykn qeeysonni kunniin badii araaramu danda'u? Kanaafu,
namni namoota qabeenya namarraa saamanitti istighfaaraa fi tawbaaf itti deemu
hin qabu. Namoonni kunniin amantiis addunyaas nama jalaa saamu.
12-Du'aayi Du’aayin (kadhaan) ibaadaa hundarra guddaa ta’eedha. Gosoota ibaadaa armaan
olii of keessatti hammata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ق ال ﴿ بكمو ست جبدعون ٱر ين ٱإنل كمهأ ون ل ني ست كب عب اد تع
ي دخلون نم س ه اخرين ج ﴾٦٠د “Gooftan keessan ni jedhe, ‘Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.’” Suuratu Ghaafir 40:60
“isiniifan awwaadhaa.” Kana jechuun du’aayi (kadhaa) keessan isiniif deebisa.
Namoonni ibaadaadhaan Ana tokkichoomsu irraa of tuulan, salphattoota fi
xiqqaattota ta’anii Jahannamiin ni seenu.
Hadiisa keessattis, “Du’aayin ibaadadha.” Jechuun dhufee jira. (Sunan Abu
Daawud 1479)
Namni wanta Rabbiin malee eenyullee hojjachuu hin dandeenye argachuuf
Rabbiin ala wanta biraa kadhate, inni mushrika kaafira ta’a. Namni kadhatamu
jiraataa ta’i du’aa ta’ii tokkoma. Namni nama lubbuun jiru wanta inni danda’u
irratti yoo kadhate, kuni rakkoo hin qabu. Fakkeenyaaf, “yaa ebalu na nyaachisi,
yaa ebalu na obaasi” yoo jedhe, homtu isarra hin jiru. Garuu kadhaa akkanaatin
nama du’ee ykn nama fagoo jiruu yoo kadhate, inni shirkii hojjatee jira. Sababni
isaas, namni du’e ykn fagoo jiru wanta inni kadhate kana hojjjachuu hin danda’u.
Nama kana kadhachuun “samii fi dachii keessatti namni du’ee ykn fagoo jiru
too’anna qaba” jedhee amanuu isaa agarsiisa. Sababa kanaan nama shirkii hojjate
ta’a.
105
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ٱدعوا ٱف ﴿ ملصي لل ين ٱل ل ولد ره و فرون ٱك ﴾١٤لك “Osoo kaafironnii jibbaniillee, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin
kadhaa.” Suuratu Ghaafir 40:14
Yaa warra amantan Rabbii tokkichaaf ibaadaa fi du’aayi qulqulleessaa.
Mushrikoota adeemsa isaanii keessatti faallessaa. Osoo kuni isaan
dallansiiseyyuu, isaaniif dantaa hin kenninaa.72
Gosoota ibaadaa keessaa kan biraa “rajaa’a (abdachuu)” dha. Abdachuu jechuun
namni dhimma dhiyoo dhaqqabuu danda’an argachuuf dharra’uudha. Tarii
dhimmi kuni fagoo ta’uu danda’a garuu dhiyoo akka ta’etti ilaalun abdatamu
danda’a. Abdachuun of gadi xiqqeessu fi of gadi qabuu of keessatti qabatee Rabbii
olta’aaf malee hin ta’u. Rabbiin ala wanta biraatiif yoo godhame shirkiidha. Haala
qalbii namtichaa irratti hundaa’e tarii shirkii guddaa ykn shirkii xiqqaa ta’uu
danda’a.
Ammas, gosoota ibaadaa keessaa tokko ragbata (kajeelu)dha. Kajeellaan of gadi
qabuu fi of xiqqeessu of keessaa qabu Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u.
13-Al-Mahabbah (Jaalala) Ammas gosoota ibaadaa keessaa tokko Al-Mahabbah (Jaalala)-Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴿ تخذنمندونلناسٱو من ني ٱم لل حبد ادايبون همك ند هٱأ ين ٱو لل ل
ه حبداللد د ش أ نو ا ﴾ء ام
“Namoota keessaa namoota Rabbii gadiitti andaada godhatanii akka jaalala
Rabbii jaallatantu jira. Garuu warri amanan [isaan] caalaa sirritti Rabbiin
jaallatu.” Suuratu Al-Baqarah 2:165 (Andaada jechuun qixxaattota (equals),
dorgomtoota.)
72 Tafsiiru Muyassar-468
106
Jaalalli ibaadaa ta’u jaalala jaallatamaaf of xiqqeessuu fi gadi o f qabuun
keessa jiruudha. Kuni Rabbii olta’aaf malee homaafu hin ta’u.
Sheykhul Islaam ibn Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: “Ibaadan itti ajajaman
hiika xiqqeenyaa fi hiika jaalalaa of keessatti kan qabateedha. Ibaadan jaalala
fiixee dhumaa irra gaheen isa jaallachuu waliin Rabbii olta’aaf of xiqqeessuu
fiixee dhumaa irra gahe of keessatti qabata. (Kana jechuun ibaadaan Rabbii
olta'aa garmalee jaallachuu waliin Isaaf garmalee of gadi xiqqeessu of keessatti
hammata.)
Dhugumatti sadarkaalee jaalalaa keessaa inni dhumaa gabbaruudha. Sadarkaan
jalqabaa jaalalaa, itti rarra’uudha. Qalbiin jaallatamatti rarraati. Ergasii
dharra’uudha. Itti aanse "al-gharaam"-kana jechuun jaalala qalbitti maxxanee fi
irraa addaan hin baane. Ergasii Al-Ishq (jaalala daangaa darbe). Marsaan jaalalaa
isa dhumaa, “at-tatayyum” Kana jechuun gabbaruudha. Ni jedhama: taymullahi
kana jechuun Gabricha Rabbii. (Hundeen jecha tatayyum jedhu, jecha isaanii
kana irraayyi: “tayyamahul-hubbu” kana jechuun jaalalli isa gabroomse, gadi
xiqqeesse.)
Namni nama tokko osoo jibbu gadi of qabeef, isaaf gabricha hin ta’u. Akkasumas,
wanta tokko jaallattee garuu yoo isaaf gadi of hin qabin, wanta kanaaf gabricha
hin ta’u. Kan akka ilma isaa, hiriyyaa isaa jaallachu. (Namoota kanniin ni jaallata
garuu isaaniif gadi of hin qabu. Kanaafu, isaaniif gabricha hin ta’u jechuudha).
Kanaafi, Rabbiin gabbaruu keessatti isaan lamaan (jaalalaa fi gadi of qabuu)
keessaa tokko qofti gahaa miti. Kana irra, Rabbiin subhaanahu wantoota hunda
caalaa gabricha biratti jaallatamaa ta’uu fi wantoota hunda caalaa isa biratti
Rabbiin guddaa ta’uu qaba. Dhugumatti, jaalallii fi gadi of xiqqeessuun guutuun
Rabbiif malee hin ta’u.73
Kanaafu, jaalalli jaallatamaaf of gadi qabuu fi of xiqqeessu of keessaa qabu Rabbii
tokkicha qofaaf ta’a. Isaan ala wanta biraatiif jaalala akkanaa gochuun shirkiidha.
73 Al-Ubudiyyah-24-25
107
14-Nafsee fi qabeenyaan karaa Rabbii keessatti qabsaa’u Nafsee fi qabeenyaan karaa Rabbii keessatti qabsaa’un ibaadadha. Rabbiin
subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Yaa warra amantan! Daldala azaaba (adabbii) laalessaa irraa isin
baraarutti isin qajeelchuu? Rabbii fi Ergamaa Isaatti ni amantu, karaa
Rabbii keessatti qabeenya keessanii fi nafsee teessaniin ni qabsooftu. Yoo
kan beektan taatan, kanatu isiniif caala.” Suuratu As-Saff 61:10-11
Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan! Daldala azaaba garmalee nama
dhukkubsuu irraa isin baraarutti isin qajeelchuu? Daldalli kunis: Rabbii fi
Ergamaa Isaatti amanuu itti fuftu, diinii Isaa gargaaruuf qabeenyaa fi nafsee
qabdaniin karaa Rabbii keessatti ni qabsooftu. Miidhaa fi faayda wantootaa kan
beektan yoo taatan, daldala addunyaa caalaa daldala kanatu isiniif caala. Itti
aansee bu’aa daldala kanaa ni dubbata:
“Badiiwwan keessan isiniif araarama, Jannata jala ishii laggeen yaa’anii fi
Jannata Adn keessatti iddoo jireenyaa gaarii ta’e isin seensisa. Suni
Milkaa’inna Guddaadha. Wanta biraas kan isin jaallattan [isiniif kenna]-
Gargaarsa Rabbiin irraa ta’ee fi baniinsa dhiyoodha. Mu’mintoota (warra
amanan) gammachiisi.” Suuratu As-Saff 61:12-13
108
Yaa warra amantan! Wanta Rabbiin itti ajaju yoo hojjattan, badii fi cubbuu keessan
isiniif haguuga, irra darba. Jannata gamoo fi mukkeen ishii jala laggeen yaa’an isin
seensisa. Akkasumas, Jannata Adn (qubannaa yeroo hundaa keessa turan) keessatti
iddoo jireenyaa qulqulluu fi bareedaa ta’e isin seensisa. Kuni milkaa’inna
guddaadha. Yaa warra amantan qananiin biraa isin jaallattan: gargaarsa Rabbii
isiniif dhufuu fi baniinsa (injifannoo) harka keessan irratti guuttamuudha. Yaa
Nabiyyicha! Addunyaa keessatti gargaarsaa fi injifannoon, Aakhiratti immoo
Jannataan mu’mintoota gammachiisi.74
Kanaafu, karaa Rabbii keessatti qabsaa’un (jihaanni) ibaadaa gurguddoo keessaa
tokko. Karaa Rabbii keessatti qabsaa’un haala shari’aan ajajuun diinotatti duulu,
beekumsa Islaamaa babal’isuu, wanta Islaamaa fi Muslimoota fayyadu hojjachuu
of keessatti qabata. Qabsoon (jihaanni) ibaadaa waan ta’eef Rabbiif qulqulleessu
(ikhlaasa) barbaachisa. Qabsoo keessaa diinotaan loluun iddoo guddaa qaba.
Abu Muusaa Al-Ash’aariyy (radiyallahu anhu) akkana jechuun gabaase: Qotee
bulaan tokko Nabiyyi (sallallahu aleyh wassallam) akkana jechuun gaafate:
Namtichi tokko boojiif lola, namtichi biraa immoo akka faarfamuuf lola, namtichi
sadaffaan immoo sadarkaan (gootummaan) isaa akka mul’atuuf lola. Kanniin
keessaa eenyutu karaa Rabbii keessatti lolaa? Nabiyyinis (SAW) ni jedhan:
Namni jechi Rabbii ol’aantu akka taatuuf lole, inni karaa Rabbii keessatti
lolaa jira.” Sahiih Al-Bukhaari 3126
Namni yommuu gara waraanaa bahuu niyyaa adda addaa qaba. Namoota kanniin
keessaa namni karaa Rabbii keessatti qabsaa’a jira jedhamu nama jechi Rabbii
ol’aantu akka taatuuf qabsaa’udha. Haaluma kanaan nama beekumsa baratuu fi
barsiisuus kanaan wal bira qabuun ni danda’ama. Namni karaa Rabbii keessatti
beekumsa barata ykn barsiisa jedhamuus nama niyyaan isaa Islaamni akka ol’aanu
ta’eedha.
15-Wanta Rabbiin buuseen namoota jidduutti murteessu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
74 Tafsiiru muyassar-552
109
“Wanta Rabbiin buusen jidduu isaaniitti murteessi. Fedhii lubbuu isaaniis
hin hordofin.” Suuratu Al-Maa’ida 5:49
16-Murtii Rabbii fi Ergamaa Isaa bira barbaadu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Yoo waan tokko keessatti wal mormitan gara Rabbii fi Ergamaa deebisaa,
yoo Rabbii fi Guyyaa Aakhiraatti kan amantan taatan. Kuni irra caalaa fi
xumurris bareedadha.” Suuratu An-Nisaa 4:59
Yaa warra amantan! wanta tokko irratti yoo wal mormitanii fi wal dhabdan,
dhugaadhaan Rabbii olta’aa fi Guyyaa Qiyaamaatti kan amantan yoo taatan, murtii
wanta irratti wal mormitan kanaa gara Kitaaba Rabbii fi Sunnah Ergamaa Isaa
Muhammad (SAW) deebisaa. Wanta irratti wal dhabdan gara Qur’aanaa fi Sunnah
deebisuun kuni wal mormuu fi yaadan dubbachu caalaa gaariidha. Akkasumas,
dhumti isaa bareedadha.
17-Wanta halaala godhee fi wanta haraama godhee keessatti Rabbiif
ajajamuu, Huduuda Isaa hojii irra oolchu keessatti Rabbiif ajajamuu fi
kanneen biroo Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kitaaba Isaa keessatti ibsee fi
Ergamaa Isaa irratti buuse ibaadaa irraayyi.
Kanaafu, ibaadaan wanta Rabbiin guddaan olta'e itti ajaje hunda of keessatti
qabataa jechuudha. Wanti Rabbiin olta'aan itti ajaju hundi hojii gaarii ta'eedha.
Kanaafu, hojiin gaariin hundi ibaadaa keessa seena. Garuu hojiin gaariin
kamiyyu ibaadaa ta'uuf nama hojii san hojjatu irraa maaltu eeggamaa? Hojii
gaariin kamiyyuu ibaadaa ta'uu fi Rabbii olta'aa biratti fudhatama argachuuf
ulaagaaleen sadan kunniin guuttamu qabu:
1ffaa-Namni hojii san hojjatu haala sirriin Rabbii olta'aatti fi wanta Isarraa dhufe
hundatti kan amane ta'uu (iimaana sirrii qabaachu).
2ffaa-Hojii yommuu hojjatu ikhlaasa qabaachu (Rabbii olta'aaf jedhe hojjachuu)
3ffaa-Haala shari'aan itti ajajeen hojjachuuudha.
Namni ulaagaalee sadan kanniin guutuun hojjate hojiin isaa ibaadaa ta'a. Hojiin
110
isaa ibaadaa erga ta'e immoo Rabbal aalamina biratti mindaa guddaa argataa
jechuudha. Hundemaa Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ibaadatti kan ajajeef
faaydaa Ofiitiif osoo hin ta'in faaydaa fi fooyya'insa gabrichaatif. Kanaafu,
namni ibaadatti kan ajajameef nafsee isaa fayyaduu fi fooyyessuuf qofa akka ta'e
dagachuu hin qabu.
Kitaabban wabi:
Sharih Taxhiiril Janaani wal arkaani an darani shirki wal kufraani-fuula 69-...
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 115-117
Guduunfaa
111
Tawhiinni ibaadaa hundaa Rabbiif qulqulleessuudha, shirkiin immoo ibaadaa kana irraa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuudha.
Maalummaa ibaadaa fi gosoota isaa erga beekne booda, tawhiidu uluuhiyyah
jechuun gosoota ibaadaa hundaan Rabbii olta’aa tokkichoomsu fi wantoota Isaan
ala jiran hundarraa ibaadaa dhabamsiisuudha. Faallaan kanaa, gosoota ibaadaa
irraa hojii tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuudha. Kuni Rabbii olta’aatti
qindeessu (shirkiidha).
Ibaadaa irraa wanta tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun hin hayyamamu.
Namni ibaadaa irraa hojii tokko Isaan ala wanta biraatiif godhe, uluuhiyyah
(ibaadaa) keessatti Rabbiif shariika (hirmaataa) godhee jira. Ibaadaa irraa hojii
tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun akka ibaadaa hunda wanta saniif
gochuuti. Laa ilaah illaallah’n gosoota ibaadaa hunda wantoota Rabbiin ala jiran
irraa dhabamsiisti, gosoota ibaadaa hunda Rabbii tokkicha shariika hin qabneef ni
raggaasisti (mirkaneessiti).
Amantiin Islaamaa Rabbii tokkichaaf harka kennuu, Isa tokkichaaf gadi of qabuu
fi gosoota ibaadaa hundaan Isaan ala homtu akka hin gabbaramneedha.
Amanti qulqulleessu (ikhlaasu diin) jechuun gosoota ibaadaa hunda Rabbii
tokkicha shariika hin qabneef gochuudha. Kunis, wanta ilmi namaa hojjachuu
hin dandeenye irratti Rabbiin malee homtu kadhatamu hin qabu, Isarraa malee
birmannaan barbaadamu hin qabu. Rabbiif malee qalmii hin ta’u. Isa malee kan
sodaatamu fi abdatamu hin jiru. Dhimmoota hunda keessatti Isarratti malee
hirkachuun hin jiru. Ibaadaan hundi Rabbii olta’aa qofaafi. Ibaadaa irraa homtu
Malaykaa dhiyeefameef, Nabiyyi ergameef, ykn isaan lamaaniin ala uumama
kamifiyyuu hin malu. Kuni mataan isaa tawhiida uluuhiyyah Islaamni irratti
hundeefamee fi Muslimni kaafira irraa ittiin adda bahuudha. Hiika shahaadaa "Laa
ilaah illallah"ti.
Akkuma yeroo darbe jennee Laa ilaah illallah’n arrabaan qofa kan ta’u miti. Kana
irra, namni warra Laa ilaah illallah keessaa ta’uu barbaade, hiika jecha tanaa
beekuu, amanuu, ragaa bahuu fi hojii irra oolchuun isarraa eeggama.
Yeroo ammaa namoonni baay’een laa ilaah illallah jedhan hiika jecha tanaa hin
beekan. Tawhiidaa fi shirkii addaan hin baasan. Rabbiin ala wanta biraa
112
kadhachuun ykn irratti hirkachuun ykn itti maganfachuun ykn wanta saniif
wareegu fi silatii seenuun shirkii jechaa laa ilaah illallah diigu fi balleessu ta’uu
hin beekan. Akkasumas, shari’aa Rabbiitiin ala seera biraa hordofuu fi ittiin
murteessuun shirkii ta’uu hin beekan. (Dimookraasin isaan leellisan shirkii akka
ta'e hin beekan. In sha Allah gara fuunduraatti dimokraasin akkamitti shirkii akka
ta'e bal'innaan ni ilaalla.)
Yaa gabricha Rabbii tawhiidaa fi shirkii irraa wanta isa faallessuu fi diigu
barachuuf itti futi. Kuni dirqamoota jalqabaa keessaa tokko. Hanga tawhiida jechi
laa ilaah illallah agarsiistu fi wanta dhabamsiistu fi mirkaneessitu beektutti malee
Islaama beekuu hin dandeessu.
In sha Allah kuni ulfaataa miti. Rabbiin gargaarsifadhu, hin dadhabin.
Tawhiinni Rabbii tokkicha gabbaruu yoo ta’u, shirkiin immoo Rabbiin ala
wanta biraa gabbaruudha. Fakkeenyaaf: salaanni ibaadadha. Rabbii qofaaf salaatun tawhiida. Rabbiin ala
wanta biraatiif salaatun shirkiidha.
Muwahhid (Namni Rabbiin Tokkichoomsu) nama Rabbii tokkichaaf qofa
salaatudha. Namni Rabbii fi wanta biraatiif salaate mushrika ta’a. Gosoonni
ibaadaa biroos akkanuma.
Namni Rabbiin ala wanta biraatiif yoo salaate ykn ruku’a bu’e ykn sujuude,
Rabbiin gabbaruu keessatti Isaan ala wanta biraa hirmaachisee jira. Haaluma
kanaan, itti dhiyaachuuf jecha namni Rabbiin ala wanta biraatiif wareege (qalma
qalee), ykn Rabbiin ala wanta biraa kadhate (du’aayi godhe), Rabbiin gabbaruu
keessatti Isaan ala wanta biraa hirmaachisee jira.
Kana yoo beekne, hundee amantii Muslimaa fi kaafira, Islaamaa fi kufrii addaan
baasu ni beeknaa jechuudha.
Dhimmoota baay’ee barbaachisoo beekkamu qaban: Kanniin beekun nurraa eeggama:
Rabbiif hojii qulqulleessuun ibaada tokko qofa keessatti osoo hin ta’in
ibaadaa hunda keessatti ni barbaachisa.
Tawhiinni sirrii hin ta’u hanga ibaadaan hundi Rabbiif ta’utti malee
113
Shirkiin ibaadaa tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun ni argama, osoo
ibaadaa hafan keessatti shirkii hojjachuu baateyyu.
Ibaadaa malaykaaf ykn nabiyyiif ykn jinniif ykn sheyxaanaaf ykn dhagaaf
ykn mukaaf ykn sheykhaaf ykn abbaa murtiif gochuu keessa
garaagarummaan hin jiru. Kuni hundi isaanitu shirkiidha. Namni
malaykaa, nabiyyoota, saalihoota gabbaree fi namni sanama, jinni, aduu,
ji’a gabbare wal qixa. Kunniin hundi isaanitu mushrikoota.
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ن ف م ن﴿ ا ء ي رجوا ك بدهلق لۦر لف لي عم م لحاع ص ل ةيشكو بدهبعب اد د اۦ ر ح ﴾أ
“Namni qunnamti Gooftaa Isaa abdatu, hojii gaarii haa hojjatu, Gooftaa isa
gabbaruu keessattis eenyullee hin qindeessin.” Suuratu Al-Kahf 18:110
Asitti “eenyullee” yommuu jedhu, Rabbiin ala wantoota jiran hunda gabbaruu
akka hin qabne agarsiisa. Ammas ni jedha:
“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36
Akkuma yeroo darbe jenne laa ilaah illallah’tti amanuun dhimmoota sadiin galma
gaha: Rabbiin malee gabbaru hin qabnu, homaa Isatti qindeessu hin qabnu,
wantoota Isaa gaditti gabbaraman hundatti amanuu diduu, mormuu fi irraa
fagaachu. Kunnin sadan amanuun, dubbii fi hojiin ta’u.
Dhimmoota lamaan kana akkamitti galmaan geenyaa: Rabbiin malee homaa gabbaruu hin qabnuu, homaa Isatti hin qindeessinu?
Ibaadaa hundaan Rabbii olta’aa malee homaa gabbaruu hin qabnu. Rabbiin qofa
yoo gabbaree fi wanta biraa gabbaruu yoo dhiisne, nuti mawahhiduun (warra
Rabbiin tokkichoomsan), Laa ilaah illallah’tti amanan taana. Yoo Rabbiin
gabbarree fi wanta biraas gabbarre, mushrikootaa laa ilaah illallah’tti hin amanne
taana.
114
Amma akkamitti tawhiida hojii irra akka oolchinuu fi shirkii irraa qulqulloofnu
beekuuf himoota armaan olii keessatti jecha “gabbaruu” jedhu gosoota ibaadaa
kutaa darbe keessatti tarreessineen bakka haa buusnu.
Salaata: Fakkeenyaaf saganni ibaadadha.
*Tawhiinni- Rabbiif malee homaafu hin sagannu, Isaan ala wanta biraatiif hin
sagannu. Rabbii Tokkichaaf sagaduu
Rabbii qofaaf yoo sagannee fi wanta biraatiif sagadu yoo dhiisne, nuti warra
Rabbiin tokkichoomsan, laa ilaah illallah’tti amanan taana.
*Rabbiif yoo sagannee fi Isaan ala wanta biraatifis yoo saganne, mushrikoota
warra laa ilaah illallah’tti hin amanne taana.Kanaafu, Rabbiin alatti wanta
biraatif sagaduu hin qabnu (Isatti homaa hin qindeessinu)
Du’aayi: Du’aayin ibaadaadha.
*Tawhiinni - wanta Rabbiin malee namni dandeetti irratti hin qabne argachuuf
Rabbiin irraa malee homaayyu kadhachuu dhiisudha. Rabbii Tokkicha
kadhachuu Rabbiin qofa yoo kadhannee fi wanta biraa kadhachuu yoo dhiisne, nuti warra
Rabbiin tokkichoomsan, laa ilaah illallah’tti amanan taana.
* Wanta Rabbiin malee namni dandeetti irratti hin qabne argachuuf yoo Rabbiin
kadhannee fi Isaan ala wanta biraatis kadhannee, mushrikoota warra laa ilaah
illallah’tti hin amanne taana. Wanta Rabbiin malee namni dandeetti irratti hin
qabne nama irraa kadhachuun mushrika nama taasisa. Fakkeenyaf, nama du’e
kadhachuun mushrika nama taasisa. Kanaafu, Rabbii gadiitti wanta biraa hin
kadhannu (isatti homaa qindeessu hin qabnu.)
Ibaadawwan biroos haala kanaan ilaalu dandeenya.
Guduunfaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
﴿ ل ٱدونمنت دعو الل م عك ل ي نف ل هو ك ف إني ض لت ع ن إذاف إنك ف مدلمي ٱ ﴾١٠٦لظ
115
“Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi si hin miine hin kadhatin. Yoo
akkas goote, dhugumatti yoosan ati zaalimoota keessaa taata.” Suuratu
Yuunus 10:106
Sanamas ta’i, nama du’es ta’i, wanta si hin fayyannee fi hin miine kamiyyuu
Rabbii olta’aa gaditti hin kadhatin. “Yoo akkas goote” kana jechuun yoo wanta
si hin fayyannee fi hin miine kadhatte, warroota nafsee ofii miidhanii fi
balleessan keessaa taata. Sababni isaas, Rabbii olta’aa gaditti wanta nama hin
fayyannee fi hin miine kadhachuun shirkii waan ta’eef, kasaaraa guddaa fi
azaaba (adabbii) cimaatti nama geessa.
Kitaaba wabii: al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 118-124
116
Wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti amanuu diduu fi
mormuun akkamitti guuttamaa? Akkuma kutaa darbee keessatti jenne laa ilaah illallah’tti amanuun dhimmoota
sadii nurraa barbaada: Rabbii Tokkicha gabbaruu, homaa Isatti qindeessu dhiisuu
fi Rabbii gaditti gooftolee fi wantoota gabbaramanitti amanuu diduu, mormuu fi
irraa fagaachudha.
Dhimmoota jalqabaa lamaan akkamitti dhugaa jireenya keessatti hojii irra
oolchinu ibsinee jirra. Amma barnoota kana keessatti gargaarsa Rabbiitiin
dhimma sadaffaa irratti haasofna: Rabbii gaditti wantoota gabbaramanitti
amanuu diduu fi mormuu.
Rabbii Gadiitti Wantoota Sobaan Gabbaraman
Rabbii gaditti wantoota gabbaraman (waaqefataman) bakka gurguddaa lamatti
qoodu dandeenyaa: aaqila fi aaqila kan hin taane. Aaqila jechuun uumama waa
hubachuu danda’uudha. Kanneen akka ilma namaa, jinnii fi malaykoota. Aaqila
kan hin taane immoo waa hubachuu kan hin dandeenyedha. Kan akka siidaa,
muka, aduu, ji’aa fi kkf.
Ammas aaqila kan ta’an bakka lamatti qoodamu: isa gabbaruutti kan gammaduu
fi kan hin gammanne.75
1-Isa gabbaruutti kan gammaduu- kuni nama namoonni akka isa gabbaranii fi
ol guddisan barbaadu fi itti gammaduudha. Kuni kan akka fira’awnaa, iblisaa fi
daangaa darbitoota irraa kanneen biroo. Kunniin warroota isaan gabbaran waliin
ibidda keessa ta’u. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:
75 Ma’aariju al-Qabuul-fuula 606-607, Hafiiz ibn Ahmad Al-Hakamii
117
“(166)-Yeroo warri hordofaman warra hordofan irraa qulqullaa’an, azaaba
arganii fi hariiroon isaanii hundii citu. (167)-Warroonni hordofanis ni jedhu,
“Osoo carraan nuuf jiraatee, silaa akkuma isaan nurraa qulqullaa’an nutis
isaan irraa qulqulloofnaa turre.” Akka kanatti Rabbiin hojiwwan isaanii
isaan irratti gaabbii godhee isaanitti mul’isa. Isaan ibidda keessaa kan
bahanii miti.” Suuratu Al-Baqarah 2:166-167
Yeroo azaaba (adabbii) Aakhirah argan matootin hordofaman, shirkii fi kufrii
keessatti namoota isaan hordofan irraa ni qulqullaa’u, ni fagaatu. Hariiroon hundi
addunyaa keessatti isaan wal qabsiisaa ture ni cita. Kan akka wal jaallachuu, wal
gargaaru, firummaa fi hariiroon biroo warra kafaran jidduu jiru Guyyaa Qiyaamaa
addaan cituun diinummaan isaan jidduutti uumama. Kanaafi, hordoftoonni akkana
jedhu, “Maal qaba osoo gara addunyaatti deebi’uu carraa arganne, silaa akkuma
isaan nurraa qulqullaa’an nutis isaan irraa qulqulloofna.” Rabbiin akkuma ciminna
adabbii Isaa Guyyaa Qiyaamaa isaanitti agarsiisu, hojii isaanii sobaa isaan irratti
gaabbii godhee isaanitti agarsiisa. Isaan ibidda keessaa gonkumaa hin bahan.76
Kuni haa beekkamu: Hojiin hanga fedhe gaarii haa fakkaatu, hojiin kuni yoo
Rabbii olta’aaf hin ta’inii fi shirkiin keessa seene, hojiin kuni baaxila (soba).
Hariiroon namoota kanniin jidduu jiru Rabbiin ala wanta biraatiif waan ta’eef
yeroo garmalee itti hajamanitti isaan irraa cita. Akka addunyaa irratti wal
gargaaran, Aakhiratti wal gargaaru hin danda'an.
2-Isa gabbaruutti kan hin gammanne-kunniin warra Rabbiif ajajamanii fi
namoonni akka isaan gabbaran kanneen hin barbaanne fi itti hin gammanneedha.
Kan akka Nabii Iisaa, haadha isaa Mariyam, Malaykoota fi namoota birooti. Isaan
76 Tafsiiru Muyassar-25 fi tafsiira biroo
118
kunniin namoota isaan gabbaran irraa qulqulluudha. Nabii Iisaa (Iyyasuus) (aleyh
salaam) ilaalchise Qur’aana keessatti:
“(116)-Yeroo Rabbiin “Yaa Iisaa ilma Mariyam! Sila situ namootaan ‘Anaa
fi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa (gooftaa waaqefatamu) lama
taasifadhaa’ jedhee?” jedhu [yaadadhu]. Innis ni jedha, “Ati Qulqulloofte!
Ani wanta haqa naaf hin taane jechuun naaf hin ta’u. Yoo ani san kan jedhu
ta’e, dhugumatti Ati beektee jirta. Wanta lubbuu kiyya keessa jiru ni beekta,
ani waan nafsii Kee keessa jiru hin beeku. Dhugumatti Ati sirritti beekaa
waan fagoo fi hin mul’anneeti. (117)-Waan Ati itti na ajajje, “Rabbii Gooftaa
kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa” jechuu malee waan biraa isaaniin
hin jenne. Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol na
fuutee booda, Ati isaan irratti Tiiksaa turte. Ati waan hundaa irratti
ragaadha. (118)-Yoo isaan adabde (azzabde), gabrootuma Keeti. Yoo isaaniif
araaramtes, Ati Simatu Injifataa Ogeessa.” Suuratu Al-Maa’ida 5:116-118
Malaykootas ilaalchise akkana jedha:
119
“Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee, ergasii malaaykotaan, “Sila isaan
kun isin gabbaraa (waaqefataa) turanii?” jedhu, [yaadadhu].”
[Malaaykonnis] ni jedhu: “Ati Qulqulloofte! Gargaaraan keenya isaan osoo
hin ta’in Sima qofa. Lakki, isaan Jinnii gabbaraa (waaqefataa) turan. Irra
hedduun isaanii isaanitti amanu.” Suuratu Saba 34:40-41
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa malaykoota, Iisaa fi haadha isaa Mariyam,
uzeyri fi namoota gaggaarii biroo Isaa gaditti gabbaraman hunda ilaalchise
akkana jedha:
“(17)-Guyyaa isaanii fi wantoota isaan Rabbii gadiitti gabbaran walitti
qabuun, “Isintu gabroota Kiyya kanniin jallisee moo isaantu [mataa ofiitin]
karaa irraa jallatee?” jedhu, [yaadadhu]. (18)-Isaaniis ni jedhu, “Ati
Qulqulloofte! Sii gadiitti awliyaa’a godhachuun nuuf hin malu. Garuu
hanga yaadannoo dagatanii fi ummata badan ta’anitti isaanii fi abbooti
isaanii ni qananiifte.” (19)-Dhugumatti, isaan wanta isin jettan keessatti isin
sobsiisanii jiru. Kanaafu, [adabbiis] deebisuu hin dandeessan, gargaarsas
120
hin argattan. Nama isin keessaa miidhaa hojjatees adabbii guddaa isa
dhandhamsiifna.” Suuratu al-Furqaan 25:17-19
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Guyyaa Qiyaamaa namoota Isaan ala waan biraa
gabbaranii fi wantoota gabbaraa turan bakka tokkotti walitti qaba. Ergasii warra
gabbaraman (waaqefataman) kanaan akkana jedha: Gabroota Kiyya kanniin isintu
karaa haqaa irraa jallisee akka isin gabbaran isaan ajajee moo isaantu mataa ofiitiin
jallatanii fedhii nafsee ofiitiin isin gabbaranii?
Rabbii gadiitti warroonni gabbaraman ni jedhu: "Yaa Rabbii! Wanta warroonni
kuni hojjatan irraa Ati qulqulloofte! Siin ala wanta biraa awliyaa’a (gargaartootaa
fi tiiksota) godhachuun nuuf sirrii hin ta’u. Garuu namoonni kunniin hanga
yaadannoo Kee dagatanii Si waliin waan biraa gabbaranii fi ummata badan
ta’anitti isaanii fi abbooti isaanii qabeenyaa fi fayyaan qananiifte." Ergasii
namoota Rabbii olta’aan alatti wanta biraa gabbaraniin (waaqefataniin) akkana
jedhama: Wanta isin isaan irratti odeessitan ilaalchisee namoonni isin gabbartan
kunniin ‘isin kijibdoota’ akka taatan labsanii jiru. Kanaafu, azaaba (adabbii)
ofirraa deebisuu hin dandeessan, gargaarsas hin argattan. Namni Rabbiitti waa
qindeessuun nafsee ofii miidhe, Rabbiin ala wanta biraa gabbaree (waaqefate) fi
kanarratti du’e, Rabbiin adabbii cimaa fi guddaa isa adaba.77
Gareen lammaffaan wantoota Rabbii gadiitti gabbaramanii mukkeen,
dhagaa fi kanneen biroo sammuu ittiin hubatan hin qabnee aayah tana keessaa
seenu:
“Dhugumatti, isinii fi wantoonni isin Rabbii gadiitti gabbartan qoraan
Jahannami. Isin ishii (Jahannamiin) seentoota. Osoo kunniin
gabbaramtoota [dhugaa] ta’anii, ishii hin seenanii turan. Hunduu ishii
keessa yeroo hunda jiraatu.” Suuratu Al-Anbiyah 21:98-99
Yaa kaafirtoota! Dhugumatti, isinii fi sanamni, jinnii fi nama irraa kan gabbarrii
keessanitti gammade irraa wanti isin Rabbii gadiitti gabbartan, qoraan Jahannam
77 Tafsiiru Muyassar-361
121
ta’u. Isinii fi sanamoonni, taabonni, jinni fi namoonni gabbari keessanitti
gammadan Jahannamiin ni seenu. Namoonni gabbarritti hin gammannee kan akka
Nabii Iisaa, Uzeyr, Malaykoota fi kkf Jahannamiin hin seenan.
Osoo wantoonni isaan gabbaran kunniin gabbaramaa dhugaa ibaadan isaaniif malu
ta’anii, silaa ibidda hin seenanii turan. Sababni isaas, gabbaramaan dhugaa
wantoota hundaa irratti danda’aa kan ta’ee fi nama Isa gabbare miidhaa irraa kan
deebisuudha. Kanaafu, wantoonni isaan gabbaran kunniin nama biraa dhiisi of
irraayyu miidhaa deebisuu waan hin dandeenyeef gabbaramaa dhugaa hin ta’an.
Kana irra, isaan gabbaramtoota sobaati.
“Hunduu ishii keessa yeroo hunda jiraatu.” Kana jechuun kaafironni fi
wantoonni isaan gabbaraa turan hundi isaanitu Jahannam keessa zalaalami jiraatu.
Guduunfaa
122
123
Shirkiin Rabbiin Waliin Gabbaramaa Godhachuudha
Akkuma kutaa darbe keessatti jenne ibaadaan gosa kamiyyuu Rabbii olta’aa
Khaaliqa samii fi dachii ta’eef malee homaafiyyuu hin malu. Tawhiinni ibaadaa
gosa hundaan Rabbii olta’aa tokkichoomsudha. Namni ibaadaa irraa hojii tokko
Rabbiin ala wanta biraatiif godhe, shirkii hojjate jira. Shirkiin hiika bal'aa qaba.
Ammaaf haala salphaan asi gaditti haa ilaallu.
Shirkii jechuun ibaadaa irraa hojii tokko Rabbiin ala wanta
biraatiif gochuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
ي قل﴿ غ ف ٱأ لل
ند مرو عبدت أ
اأ ه ي
هلون ٱأ ﴾٦٤لج
Jedhi, “Yaa wallaaltoota! Sila Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaru na
ajajju?” Suuratu Az-Zumar 39:64
﴿ ل اۥو تٱفم و م رضٱو لس ل ل ينٱو هلد اصبا ي و غ ف
ٱأ ﴾٥٢ت تقون لل
“Wantoonni samiiwwanii fi dachii keessa jiran kan Isaati. Haala itti fufaa
ta’een amantiin Isa qofaafi. Sila Rabbiin ala kan biraa sodaattu?” Suuratu
An-Nahl 16:52
Wantoonni samii torbanii fi dachii keessa jiran hundi kan Rabbiiti. Haala itti fufaa
ta’een ibaadan, ajajamuu fi hojii qulqulleessuun (ikhlaasni) Isa qofaaf ta’a.
Kanaafu, Rabbiin ala wanta biraa sodaachuu fi gabbaruun isin irraa ni bareedaa?78
ي ﴿ غ ف ٱأ بت غلل
ماأ ك ي ٱو هو ح ل ل نز
كمأ ٱإل ب لهلكت ص ين ٱو مف هل مء ات ين
ٱ ب عل مون لكت نهي ل ۥأ نمن بدك مد ر ٱب ل قد ين ٱمن ت كون نف ل ﴾١١٤لممت
“Kitaaba addeefame (ibsame) gara keessanitti Kan buuse Isa ta’ee osoo
jiruu sila Rabbiin alatti murteessaa (abbaa murtii) nan barbaadadhaa?” Suuratu Al-An’aam 6:114
78 Tafsiiru Muyassar-272
124
Jedhi“Inni Gooftaa wanta hundaa ta’ee osoo jiruu ani Rabbiin ala gooftaa
biraa nan barbaadaa?” Suuratu Al-An’aam 6:164
ا قل﴿ دعوا إنم أ بد ل ر شكو
داۦ بهأ ح
﴾٢٠أ
Jedhi, “Ani Gooftaa kiyya qofa kadha, waan tokkollee Isatti hin qindeessu.”
Suuratu Al-Jinn 72:20
Asitti namni dhugaa shirkii beekuuf dhimmoota lamatti xiyyeefannoo itti kennuu
barbaachisa:
Dhimma 1ffaa- Shirkiin gosoota ibaadaa keessaa wanta tokko Rabbiin ala kan
biraatiif gochuun uumama. Fakkeenyaaf kan akka du’aayi. Shirkii ta’uuf ibaadaa
guutuu wanta biraatiif gochuun akka sharxiitti (ulaagaatti) hin kaa’amu. Gosoota
ibaadaa keessaa tokkichayyuu yoo wanta biraatiif godhan shirkii ta’a.
Dhimma 2ffaa-Rabbiin ala wantoonni jiran hundi ibaadaa irraa homtu isaaniif hin
malu. Malaykaa, nabiyyoota, saalihoota fi isaaniin ala uumamtoonni biroo kana
keessatti wal qixa. Shirkii ta’uuf wanti gabbaramuu sanama (siidaa) ta’uun sharxii
miti. Kana irra, Rabbiin alatti sanamaf ta’i, jinnif ta’i, malaykaf ta’i, nabiyyotaf,
awliyaa’otaf ta’i ibaadaan godhamu shirkiidha. Mee aayah tanatti xinxalli:
“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36
“Homaa” yommuu jedhu uumamtoota hunda of keessatti hammata.
Ibaadaa irraa hojiin kamiyyuu Rabbiin ala wanta biraatiif godhame, Rabbii
Tokkichatti waa qindeessudha. Osoo namoonni kana hojjatan shirkii jechuu
baataniyyuu ibaadan isaan Rabbiin ala wanta biraatiif godhan shirkiidha.
Rabbiin ala wanti kamiyyuu ibaadaan isaaf godhamee gabbaramaa sobaati.
Wanta Rabbii olta’aa malee eenyullee dandeetti irratti hin qabne argachuuf namni
Nabiyyii ykn waliyyii, ykn saaliha (nama gaarii) kadhate ykn qalma qaleef ykn
125
sujuudeef akka nama sanama kadhate, qalma qaleef ykn sujuudef. Isaan lamaanu
wali qixa. Sababni isaas, Rabbiin ala wanta biraatiif ibaadaa gochuun shirkii fi
kufriidha.
Guduunfaa
126
Akkamitti wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti kafartaa?
Asitti kafaruu jechuun itti amanuu diduu fi mormuudha.
Wantoota Rabbii gaditti gabbaramanitti kafaruun (itti amanuu diduu fi mormuun)
ulaagaalee laa ilaah illallah keessaa tokko. (Ilaali suuratu Al-Baqarah 2:256)
Akkaatan gabbaramtoota sobaatti kafaran haala armaan gadiitini:
1ffaa- Rabbii gaditti wantoonni gabbaraman hundi baaxila (soba) ta’uu
amanuu, ibaadaan Rabbiin ala wanta biraatif godhamu soba ta’uu
amanuu, diinii Rabbiitiin (islaamaan) ala amantiiwwan jiran hundi soba
ta’uu amanuudha.
*Rabbii gaditti wantoonni gabbaraman hundi baaxila (soba) ta’uu ilaalchise
Rabbiin subhaanahu wa ta’aala akkana jedha:
لك ﴿ نذ ٱبأ نل قٱهو لل
أ او طلٱهو ۦدونهمني دعون م نلب
أ ٱو هو لل
لٱ بيٱلع ﴾٦٢لك
"Suni waan Rabbiin [Gabbaramaa] haqaa ta'ee fi wantoonni isaan Isaa
gaditti gabbaran soba (baaxila) waan ta'eefi, Ammas Rabbiin Isatu olta'aa,
Guddaa ta'eefi." Suuratu Al-Hajj 22:62
Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman hundi soba. Sababni isaas, uumamtoota
uumuu, jiraachisu, miidhaa namarraa deebisuu fi faayda namaaf fidu hin danda'an.
Mee ilaali, sanamni ykn taabonni nama fayyadu ykn miidhaa namarraa deebisuu
danda'aa? Akkasumas, ilmi namaa samii irraa bishaan buusun nama nyaachisu fi
obaasu danda'aa? Kanaafu, wantoota hundaa Kan uume, jiraachisu, faayyaduu fi
miidhaa namarra deebisu Rabbiin qofa waan ta'eef, gabbaramaan haqaa Isa qofa.
Isaan ala wantooni gabbaraman immoo soba.
*ibaadaan Rabbiin ala wanta biraatif godhame soba ta’uu ilaalchisee ni jedha:
ؤل ءإن﴿ امت ب ه طل فيههمم ب او نوا م لون ك عم ﴾١٣٩ي
127
“Dhugumatti isaan kun wanti isaan keessa jiran mancaafamaadha. Wanti
isaan dalagaa turanis baaxila (soba).” Al-A'araaf 7:139
Ilmaan Israa’il Fira’awna jalaa erga bahanii booda namoota sanama gabbaran
biraan darban. Ergasi ilmaan Israa’il akkana jechuun Nabii Muusaa (aleyh salaam)
gaafatan: Akkuma namoonni kunniin gabbaramaa qaban nufiis gabbaramaa
godhi.” Nabii Muusaanis akkana jechuun deebii itti deebise: Namoonni sanama
kana gabbaran wanti isaan keessa jiran kan baduudha. Sanamni isaan gabbaran
mancaafame ni bada, isaaniis ni badu.79 Wanti dalagaa turan Rabbii gaditti wanta
biraa gabbaruu waan ta’eef baaxila (soba), kan baduu fi faaydaa homaatu hin
qabneedha.”
*Islaamaan ala amantin hundi soba ta’uu ilaalchisee:
“Rabbiin biratti amantiin [fudhatama qabu] Islaama qofa.” Suuratu Aali-
Imraan 3:19
ي ي بت غو م ن﴿ مٱغ سل ةٱفو هو منهيقب ل ف ل ندينال سين ٱمن لأخر ﴾٨٥لخ “Namni Islaaman ala amanti biraa barbaade, isa irraa hin fuudhamu. Inni
Aakhiratti warra kasaaran irraayyi.” Suuratu Aali-Imraan 3:85
Namni amanti Islaamaa Rabbiin namootaaf filateen ala amanti biraa barbaade,
hojiin isaa isarratti kan deebifamuudha, isarraa hin fuudhamu. Sababni isaas,
amantiin Islaamaa Rabbii tokkichaaf qofa harka kennuu, gadi jechuu fi
Ergamtoota Isaa hordofuu kan of keessatti qabateedha. Namni amanti kanaan hin
dhufne, wanta adabbii Rabbii jalaa nagaha isa baasu fi mindaa Isaa ittiin argatu
hin hojjanne.80 Kanaafu, Aakhiratti Jannata qananiin guuttamte dhabuu fi ibidda
seenun warra kasaaran keessaa ta’a. Islaaman ala amantiiwwan jiran hundi baaxila
(soba). Sababni isaas, Islaaman ala amantiwwan jiran Rabbiin waliin waan biraa
gabbaruu (waaqefachuu) fi seera Isaatiin ala seera biraa hordofu irratti kan
hundaa’aniidha. Kanaafu, Rabbiin akkamitti nama Isaan ala wanta biraa gabbaruu
fi seera (shari’aa) Isaatin ala seera biraa hordofu hojii isarraa fuudhaa?
79 Tafsiiru Qurxubii-9/318 80 Tafsiiru Sa’dii-144
128
2ffaa- Rabbii olta’aa gadiitti wantoota gabbaraman hunda gabbaruu irraa
fagaachu, qulqullaa'u, bilisoomu fi jibba cimaa jibbu-
*Rabbiin alatti wantoota gabbaraman gabbaruu irraa fagaachu ilaalchisee
Qur’aana keessatti ni jedha:
ين ٱو ﴿ غوت ٱجت ن بوا ٱل نلط اأ عبدوه ن ابو ا ي
أ و ٱإل هٱل هملل ى لبش ﴾١٧ب ادعف ب شد
“Isaan xaaghuuta gabbaruu irraa fagaatanii fi gara Rabbii deebi’an,
isaaniif oduu gammachiisatu jira. Gabroota gammachiisi.” Suuratu Az-
Zumar 39:17
Isaan sheyxaanaaf ajajamuu fi Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu irraa fagaatanii fi
gara Rabbii ibaadaa fi amanti Isaaf qulqulleessuun deebi’an, isaaniif addunyaa fi
Aakhiratti oduu gammachuutu jira.81 Xaaghuutni sheyxaana, raagdu fi wantoota
biroo sobaan gabbaraman of keessatti qabata.
*Wantoota Rabbiin alatti gabbaraman irraa bilisoomu fi qulqullaa’u ilaalchise:
هيمق ال وإذ﴿ بيهإبر ق ومهل ا ء إننۦ و اب ر م ﴾٢٦ت عبدون مد
“Yommuu Ibraahim abbaa isaatii fi ummata isaatiin, “Dhugumatti ani wanta isin
gabbartan irraa qulqulluudha.” Jedhe, [yaadadhu].” Suuratu Az-Zukhruuf 43:26
Kana jechuun Rabbii gaditti wantoota isin gabbartan irraa ani qulqulluudha, bilisa.
Shirkiin yakka guddaa waan ta’eef namni shirkii irraa fagaatu, “Rabbiin ala wanta
isin gabbartan irraa ani qulqulluudha” jedhee labsuun wanta isaaf ta’uudha. Namni
yakka homaatu hin hojjanne, “Ani qulqulluudha” jedha. Akkasi miti ree? Kanaafu,
namni yakka hundarra caalaa badaa ta’e shirkii irraa qulqullaa’u qabaa jechuudha.
*wantoota Rabbii gadiitti gabbaraman jibba cimaa jibbuu ilaalchisee:
81 Tafsiiru Muyassar-460
129
"(75)-Innis ni jedhe, “Sila wanta gabbaraa turtan argitanii? (76)-Isinii fi
abbootin keessan duraanii? (77)-Gooftaa aalamaa malee dhugumatti isaan
anaaf diinota." Suuratu Ash-Shu'uraa 26:75-77
Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin ni jedhe: Isinii fi abbootiin
keessan darban sanamaa homaa hin dhageenye, hin fayyannee fi hin miinee
gabbartan sirritti agartanii? Wantoonni isin Rabbii gaditti gabbartan dhugumatti
anaaf diinota. Garuu ani Gooftaa wantoota hunda uumee, harka qabuu fi too’atu
qofa gabbara.
Akkuma kutaa darbe keessatti jenne Rabbii olta’aa gadiitti wantoonni
gabbaraman, kanneen waa hubachuu danda’anii fi hin dandeenye jennee jirra.
Kanneen waa hubachuu danda’anis isaan gabbarutti kan gammadanii fi hin
gammanne jennee jirra. Asitti kan nutti sirritti jibba cimaa jibbuu qabnu,
uumamtoota gabbaramuutti gammadan kan akka sheyxaanaa, moottota abbaa
irree, hoggantoota jallinnaa fi wantoota waa hubachuu hin dandeenye kan akka
sanama, taabotaa, mukaa fi kkf dha. Warroonni gabbaramuutti hin gammanne
kanneen akka malaykota, nabiyyoota, saalihoota wanti isaan balleessan waan hin
jirreef isaan hin jibbinu. Kan irra, isaan ni jaallanna, garuu isaan hin gabbarru.
Isaan gabbaruu irraa ni fagaanna, nama isaan gabbarus ni jibbina.
3ffaa-namoota Rabbii Tokkichaan ala wanta biraa gabbaran irraa qulqullaa’u fi
bilisoomudha. Isaan irraa qulqullaa’un isaanitti diina ta’uu fi jibbuudha. Kana
ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Dhugumatti, Ibraahimii fi warra isa waliin turan keessa itti hidhannaa
gaariin isiniif ta’eera. Yeroo isaan ummata isaaniitiin, “Dhugumatti, nuti
isinii fi wanta isin Rabbiin alatti gabbartan irraa qulqulluudha, isin
morminee jirra. Hanga Rabbii Tokkichatti amantanitti nuu fi isin jidduutti
130
diinummaa fi jibbummaan abadii ifa bahee jira.” jedhan, [itti hidhannaa
gaariitu isiniif jira.]” Suuratu Al-Mumtahinah 60:4
Yaa warra amantan! Yommuu Ibraahimii fi namoonni amanan isa waliin jiran
ummataa kaafiraatiin akkana jedhan fakkeenya gaarii isiniif ta’u: Dhugumatti nuti
isinii fi wanta Rabbii gaditti gabbartan irraa qulqulluudha. Isin dinnee fi amanti
keessan morminee jirra. Hanga Rabbii Tokkichatti amantanii fi Isa qofa
gabbartanitti nuu fi isin jidduutti diinummaa fi jibbummaan abadii ifa bahee jira.82
Ammas Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kaafirotaan akkana akka jedhan Nabiyyii fi
hordoftoota isaa ajaja:
ل دينكمل كم﴿ ﴾٦دينو “Isiniif amantiin keessantu jira, anaafis amanti kiyya jira.” Suuratu Al-
Kaafiruun 109:6
Kuni akkuma Rabbiin jedhe: “Yoo si kijibsiisan, “Anaaf dalagaa kiyyatu jira,
isiniifis dalagaa keessantu jira. Isin waan ani dalagu irraa qulqulluudha, anis
waan isin dalagdan irraa qulqulluudha.” Jedhi. (Suuratu Yuunus 10:41)
Namoonni gariin afaaniin Laa ilaah illallah jedhanii hiika jecha tanaa hin beekne,
kaafiroota waliin hojii kufrii fi shirkii isaan hojjatan waliin hojjatu. Namoota
akkanaa keessaa nama akkana jedhutu jira, “Taabota galchine dhufne.”
A’uuzubillahi! Mee kana maal jettuun? Kuni hundi hiika laa ilaah illallah wallaalu
irraa kan ka’e mitii?
Namoota Rabbin ala wanta biraa gabbaran (waaqefatan) ni jibbina, hin jaallannu.
Garuu kana yommuu jennu, haqummaa isaanitti hin hojjannu jechuu miti. Wanti
barbaadame qalbiidhaan isaan jibbudha malee haqa malee isaan miidhu miti.
Islaamni haqummaan akka isaan waliin dalagdu fi jiraannu nu ajaja: “Yaa warra
amantan! Rabbiif kan gadi dhaabbatu ta’aa, haqaan ragaa bahaa. Jibbi
namootaa haqummaan dalaguu irraa isin hin dhoowwin. Haqa hojjadhaa,
isatu sodaa Rabbiitti irra dhiyoodha. Rabbiinis sodaadhaa. Dhugumatti,
Rabbiin waan isin hojjattan hunda beekaadha.” Suuratu Al-Maa’ida 5:8
82 Tafsiiru Muyassar-549, Tafsiiru Ibn Kasiir-7/245
131
Ammas haaqummaan yommuu isaan waliin jiraannu, hojii shirkii fi kufrii isaan hojjatan isaan waliin hojjachu hin qabnu. Yeroo kanatti wanti yaadachu qabnu:
ل دينكمل كم﴿ ﴾٦دينو “Isiniif amantiin keessantu jira, anaafis amanti kiyya jira.” Suuratu Al-Kaafiruun 109:6 Wa aakhiru da’awaanaa anilhamdulillahi Rabbil aalamiin.
Guduunfaa
132
Kitaaba wabii Al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 139-150
Qunnamtiif:
Website: www.sammubani.com
Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/
Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/
Email: [email protected]