47
0 SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS RUUT SOKAARI SIRNA BARNOOTAA YKN BARNOOTA AKKATAA HAWAASNI ITTIN TATTAMSA’INA VAAYIRASII COVID-19 ITTISUUF GARGAARUU RAGAA DHUGAAFI QABATAMAA TA’E. QAJEELFAMAA AKKATAA QAAMAAN YKN FAGEENYA IRRAA ITTIN WAL QUNNAMUU DANDA’AMU IRRAATTI HUBANNOO KENNU. GORSIITOOTNI, BARSIISOTNII MAATIIN HAALA ITTI FAYYADAMUU DANDA’ANIN KAN QOPHA’E. UMRII WAGGAA 9FI ISAA OLIIF YAADAMEE KAN QOPHA’EEDHA.

SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

  • Upload
    others

  • View
    10

  • Download
    6

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

0

SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM)

GIRAS RUUT SOKAARI

• SIRNA BARNOOTAA YKN BARNOOTA AKKATAA HAWAASNI ITTIN

TATTAMSA’INA VAAYIRASII COVID-19 ITTISUUF GARGAARUU RAGAA DHUGAAFI QABATAMAA TA’E.

• QAJEELFAMAA AKKATAA QAAMAAN YKN FAGEENYA IRRAA ITTIN WAL QUNNAMUU DANDA’AMU IRRAATTI HUBANNOO KENNU.

• GORSIITOOTNI, BARSIISOTNII MAATIIN HAALA ITTI FAYYADAMUU DANDA’ANIN KAN QOPHA’E.

• UMRII WAGGAA 9FI ISAA OLIIF YAADAMEE KAN QOPHA’EEDHA.

Page 2: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

1

Baafata

SEENSA 2

KARAAN ITTIN NU QUNNAMTAN YKN ARGATAN 5

HAALA ITTI FAYYADAMA QAJEELFAMICHA YKN SIRNA BARNOOTICHA6

1.TAPHICHA BEEKUU/BARUU 8

2.HARKA KEESSAN DHIQADHAA! 22

3. OF TASGABESSUU 32

MADDOOTA ODEEFFANNOO DABALATAA! 40

ERGAA GABAABAA BILBILAAFI WATIS API (WHATSUP) IRRA ERGAMAN 44

Page 3: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

2

Seensa Dandeentiiwwaan Z ittisa COVID-19 barnoonni jedhamu Bitoottessaa 2020 A.L.A kan qophaa’ee yoo ta’uu weerara vaayirasii COVID-19 jedhamu ittisuuf yaadameeti. Sokaar Giras Rutifi gorsitonni sirna barnootaa miseensaa Giras rut barnoota kana kan sochii qaama ykn Ispoortiifi ragaa ykn odeeffannoo leenjiftootaaf, barsiisotaf akkasumas maatiidhaaf bifa bashaanansiisaafi bifa salphaa ta’een haala bu’aa buusuu danda’uun ijolleefi dargaggoota umrii 9 hanga 19 jiraan ittin barsiisuuf yeroo gabaabaa keessaati kan qophaa’edha. Qajeelfamni ykn barnoonni kun COVID -19 irraatti beekumsa waliigalaa akka argatanif jireenya isaani bifa fayyaa qabeessaafi amala kanaaf isaan gargaaran kanneen akka harka dhiqachuu, yaadoo yeroo mudatutti akkaataa ittin nageenya sammuufi qaama keenya eegannufi dabalatanif dhibee kanan wal qabatee yaadota dogoggoraa jiranif yaada dhugaafi qabatamaan akka hubatanif akka beekumsa argatan kan gargaarudha. Barnoota ykn qajeelfamaa Dandeetiiwaan Z ITTISA COVID -19 jedhamuu kanan dargaggoota mana barnootaa keessatti, daree barnootaa keessaatti ykn immoo yoo kan itti waliigalamu ta’eef mana yaalaafi dhabbilee fayyaa keessaatti qaamaan argamuun ykn osoo qaamaan wal biraa hin gahin fageenyaan bifa vidiyoo konfaransiin ykn wats apin (Whatsup) yoo argachuun danda’ama ta’e) fayyadamuun barsiisuun ni danda’ama. Maatiin ykn guddiftuun qajeelfama ykn barnoota kana fayyadamuun waa’ee COVID-19 mana isaanii keessaatti ijoollee isaanii barsiisuu danda’u.

Giraas Rut Sookari (GRS) Giraas Rut Sookari (GRS) dhaabbata fayyaa dargaaggootaa irraatti hojjatu ta’ee bifa wal dorgommii kubbaa miilaan barsiisuu, jajjabeesuufi dargaggootaa biyyoota guddataa jiran keessaa jiraanif balaa adda addaatif saaxilamoo ta’an haala isaan ittin fayyaa isaanii eegammuufi jireenya isaanii keessaatti omishtummaa isaanii akka dabaluu gochuun jireenya hawaasa isaanii akka jijjiranif haala mijeesuu irraatti dhaabbata hojjatuudha.GRS bara 2002 irraa eegalee biyyoota 50 keessaatti dargaggoota miliyoonaa 2 ol bira gahuun lubbuu isaani kan bararee yoo tahu akkataa ittisa dhibee HIV/AIDSfi fayyaa wal hormaata irraatti odeeffannoofi tajaajjilaa kennuu danda’eera. GRS weerarri kun rakkoowwaan hamoo fayyaa biro akka itti cimaan ykn hamatan godheeadeesmi kenninsaa yaalaaf kununsaa akka gufatu gochuun dargaggoonni baayyeen akka du’an ykn dhibeef saaxilaman gochuun danda’a jedheeti amana. Kan hambisuuf rakkoo HIV fiduu ittisuu, haadholii daa’immaan da’anif ulfaaf kununsa barbachisu akka argatan gochuufi tajaajjila fayyaa wal hormata dargaggootaa, akkasumaas jeequmsa korniyaa bu’ureffate akka hafuu hojjatamuu akka qabu dhaama. Rakkoowwaan fayyaan wal qabatan COVID-19 qofti kallatiin kan dhiibbaa uumuu osoo taanee humnaafi qabeenya yeroo weeraraa kana keessaa yaalaa sadarkaa jalqabaafi Sirna barnootaa kana kan COVID-19 irraatti xiyyeffatuu malees GRS’n

Page 4: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

3

saganatwwaan hedduu akka guutuu addunyaatti dargaggoota irraatti waan hojjatuuf dabalataan barnoota dargaggummaan wal qabatan barachuu ykn argachuu yoo feeaan karaa email keenya [email protected] nu bareessuu dandeessu. Sirna barnootaa ykn Qajeelfama dandeetii Z ittisa COVID-19 Sirna barnootaa ykn Qajeelfama dandeetii Z ittisa COVID-19 kun barnoota walitti fufaa sadii kan qabuufi yeroo daqiiqaa 30 ykn kanaaa gadiitti kan xumuramuu danda’uu kan qabu yoo ta’uu qajeelfamoonnii ykn pirinsippiloni armaan gadii akkata ittin rawwaanu ykn baranu karaa nu qabsiisu.

Madda Odeeffaannoo Tolaa (banaa): Qajeelfamni ykn sirni barnootaa kun dhabbillee adda addaattif, manneen barnootaatif, gareewwaan fayyadamuf fedhii qaban hundaaf, dhabbilee daldalaafi dhabbiilee mootummaatif haala ittisa COVID-19 irraatti akkasummas jijjirama haala jireenya ykn amalaa irraatti tolaan kan dhiyaatedha.

Ragaa kan bu’ureefate: Qajeelfamni barnootaa qorannoowwaan waggoota 17 gaggeeffamaa ture bu’ura godhatee akkataa adeemsa GRS mala baruuf barsiisuu qorannoon deegaramee muuxannoo qabuun kan qophaa’edha.

Wal kan deeggaruudha: gochootni as keessaa jiran waliin walii isaani kan deeggaranif sagantaawwaan dargaggoota duraan turan waliin hojiirraa olchuun kan danda’amu ykn qophaa isaanis hojitti jijjiruun ni danda’ama.

Kan Salphaati baratamani ykn Hubatamanidha: tokkon tokkoo gochoota as keessa jiran haala umrii yaadamee qopha’eeti salphaati kan barataman ykn hubatamaniidha.

Jijjiramuu danda’a: Qajelfama kana ykn barnoota kana qaamaan argamuun ykn fageenya irra taa’uun dargaggota ittin barsisuu dandeenya.

Qajeelfamaafi caasaa wal fakkataa qaba: boqonnaan barnootichaa hundinuu haala wal fakkataa kanneen akka seensaa, gochoota, qajeelfa ittin goolabamuuf hirmaatonni haala qabatamaa jireenya isaanii ittin jijjiruu danda’an ittin madaalan hammatee jira.

Deegaraadha: Kan Asiitti argamneef isin gargaaruf.haala ittin qajeelfama kan itti fayyadamtan mari’achuu yoo barbadan karaa email keenyaa [email protected] nuf erguu dandeessu.Akka nuf ergitanis isin jajjabeesina.

Sirni Barnootaa ykn qajeelfamni Dandeetii Z ittisa COVICD-19 kun waan baayyee kan of keessatti qabateef yeroo irraa gara yerootti foyya’aa kan deemuuf madaalliiwwaan adda addaa gaggeessuun sirreffamaa, akkasummas duubdeebii dargaggootaaf leenjoftoota addunyaa kana irraa jiranin foyya’aaf gabbachaa kan deemuudha.

Page 5: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

4

Deeggarsaafi Hordoffii DANDEETII Z ITTISA COVID-19 Deeggarsifi Hordofiin DANDEETII Z ITTISA COVID-19 sakkata’insaa salphaa kan dhabbilleen haala adeemsa isaani ittin madalaanif bu’aa argatan ittin hordofaa deemuu danda’anin qajeelfama qophaa’edha. Mee adara akkataa ittiin ragaa, argannoofi muuxannoo gaggaarii ittin wal jijjiruu imeeyilin nuf erga.

Page 6: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

5

Karaan ittin nu qunnamtan ykn argatanAdara yoo gaaffis ta’ee yaada qabatan:

Yoo deeggarsa kamiyyuu kan barbadan ta’eef nu beeksisa. Idilleen qajeelfama ykn sirna barnootaa DANDEETII Z ITTISA COVID-19 haaromsaaf foyyeessaa waan deemnuuf hangam akka itti fayyadamaa jirtaan hubannee foyyeessuf yaadni keessaan daran nu barbachisa.

[email protected]

GRASSROOTSOCCER.ORG/RESOURCES

Warreen qajeelfama ykn sirna barnootaa kana barreesuun ni deegaranif galata addaa qabnaaf!

Page 7: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

6

Haala itti fayyadama Qajeelfamicha ykn sirna Barnooticha

Hiikaa Jechootaa Shaakallii: Boqonnaawwan sadeenuu tokkoon tokkoo isaanii qajeelfama kana

keessaatti akka shaakalatti kan fudhatamanidha. Gorsaa: Inni kun si’I gorsa kamiyyuu, barsiisaa, maatii, guddiftootaa, qindeessa

garee ykn leenjiftoota ga’eesotaa adda dureewwaan qajeelfama kana fayyadamaniidha.

Qooda fudhatoota: Dargaggoota sagantaa kana keessatti qooda fudhatan ykn hirmatan ykn daa’immaan 50 karaa onlayinii mana isaanii taa’uun sagantaa garee Dandeetii Z irraatti hirmataniidha.

Galma: Jijjirama yeroo gabaabaa keessaatti gorsaan milkeessuf hojjatuufi galmoonni kunneen gochootafi shaakalliiwwan irratti akka xiyyeffanuuf kan gargaraniidha.

Si’eesituu: Yeroo gochaa tokko gara gochaa birootti darban daqiiqaa 5f hirmaatonniifi gorsaan ykn leenjisaan yeroo itti akka dammaqanif si’eesinuudha.

Onnachiiftuu: Waan nama bashanansisuu kanneen akka sochii qaamaa ykn hojii sammuu saffisaaf gabaabaa taphoota addaa addaa, faaruufi wantoota akka hiibboo kan hirmaatotta onnachisuf hamilee itti horan.

Ergaa Ijoo: Shaakalliiwwan jiran keessaan odeeffannoo baayyee xiyyeeffannoo argachuu qabu ykn faayidaa qabu.

Goolaba: Daqiiqaa 5f yeroo itti waan barataa ykn shaakalaa turan kanneen jireenya isaanii keessatti haala ittin fayyadamaan yeroo itti sakkata’amudha.

Tarkaanfii Duraa: Hoj-maneen xiqqaa kan odeeffannoo sirriin sagantaa kana irraa argamee haala ittiin hawaasa keessa galuu qabun hirmaatootaf tarkanfii isaan fudhachuu qaban karaa ittin agarsifamee tarkanfiin jalqabudha. Fakeenyawwaan kennamaan ykn ofiif uumuun itti fayyadamuun ni danda’ama.

Page 8: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

7

Akkataa ittin Qajeelfama kanan fayyadamnuun barachuu: Qophii ta’uuf shakkaliiwwaan hundaa guyyaatti yeroo lama osoo shaakala hin

jalqabin dubbisuu qabdu. Boqonnawwaan qajeelfama kana kanneen asiin gadiiti kennaman keessa deebiin

ilaallu qabdu :

Gochaawwan|Yeroo kennamuu qabu

1 | Gulantaalee Gurguddoo

Qajeelfamoota ofii keetiif dubbiffachuu qabdu. o Hirmaatootaan waan jechuu qabdu. o Waan hirmaatoota irraa dhagahuu maltu.

• Hima kana sagalee ol kaasuun hirmaatootaf dubbisi

Yaadannoo Gorsaa: gorsa bu’aa qabeessaafi hiikawwan akka keessa darbituuf si gargaran.

Page 9: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

8

1.Taphicha Beekuu/Baruu

Mata duree : Beekumsa Waliigalaa waa’ee COVID-19 Galmoota: Dhuma shaakallii kanati hirmaatonni ykn namonin tapha kana taphatan:

Karalee COVID-19 ittin daddarbuu ni ibsu. Tarkaanfille shan COVID-19 ofirraa ittisuf gochuu qaban ni addeessu. Haala tajaajjila fayyaa hawaasaa isaanii keessaati argamu gabaabsani ni ibsu. Faayidaa yeroo dhiphinnaa keessaatti of to’achuun nageenya sammuu namaatif

qabu ni ibsu.

Meeshallee barbachisu:

Kaardii waraqaa jabaa irraatti sirriidha ykn sirrii miti jedhu duraaf duubaan adda addaan irraatti barreefame hirmaatoota hundaaf tokko tokko kennuu. Hubadhu: yoo waraqaa bareessuu hin barbannee ykn argachuuf rakkisaa ta’eef quba keenya abuduun ol qabnee sirriidha jechuu gad qabnee immoo sirrii miti jechuu deebisuu akka danda’an gochuun ni danda’ama.

Qophii:

Shaakallii kana keessaati hirmaatonni ykn warreen tapha kana taphatan haala ittin osoo qaamaan wal hin xuqin nagaa wal gaafatan addaan baafatu. Itti aansuun Tapha bashanaansisaa beekumsa karaa daddarbina COVID-19fi akkata ittin ofirraa ittisa argatani yaadota doggogoraa jiran addaan baafatu.

Page 10: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

9

Dhaabbani Fayyaa Addunyaa waan 5 kan rawwadhu jedhu ilaali. Waan wal fakkatu filip chaartii irraatti bifa postarin qopheeffadhu.

Kan kanan dura sirriidha/sirrii miti jettee qopheefate sana ilaaluun odeeffannoo wal fakkatu qindeeffadhu.

Haala qabatamaa ergaa ykn dhamsaa ogeessonni fayyaa naannoo keetii ittiin dabarsanitti himoota kanneen mijeeffadhuu ykn sirreffadhu. Weerrarri kun gama qaamaan waliirraa fagachuufi addan baasuu akkasummas fayyaaf nagaa ta’anii haala ittin turuun danda’amu irraatti odeeffannoo sirrii argachuu akka lammilleen qaban mootummaaf dirqama godheera.

Kaardii sirriidha/sirrii miti jedhu qopheeffadhu. Yoo bakka itti printi gootuu hin qabdu ta’eef harkaan waraqaa irraatti barreessun waraqaa adda addaa irraatti qopheeffachuu dandeessa.

Teessoo bakkeewwaan tajaajjila itti argatan barreesuun qopheeffadhu ykn bakka sif qopha’eeti guuti.

Vidiyoo toora intarneetii armaan gadii irra jiru ilaaluun akkataa osoo qaamaan wal hin xuqin nagaa wal gaafachuun danda’amu itti kabajamu ykn rawwatu irraatti yaada kennuf itti mayii/dhimmi bahi.

https://drive.google.com/file/d/0B0bA84Kjs6KcSEVvWkFQQ0dsczg/view

https://www.youtube.com/playlist?list=PLWvOYvF5xlgi3onrzQ1C0e5tYffuXdDX

Garaagarummaa Onlayinii

Konfaransii Viidiyoo: o Hirmaatoota karaa onlaayini jiran hundaan akka kaardii sirriidha/sirrii

miti jedhu adda addaan qopheeffatan ibsuun yeroo himoota dubbiftuuf yoo siirridha jedhan waraqaa isa sirrii jedhu ol fudhuun kameeraatti akka dhiyeessaan ykn muldhisaan ykn immoo kan hima dubbifamee naf deebisa jedhan akka ol fudhani ija kameeratti muldhisan qajeelfama kennif.

o Osoo shaakallii hin jalqabin dura hirmaatonni waa’ee COVID-19 akka gaaffii qaban kamuu ergan gaafadhu. Gaaffiilee ergaman hundaa hirmaatootaf qooduun ykn dabarsuun akka deebii isaa yaalaan taasisi.

Waan kanneen Shanan Rawwaadhu Vaayirasii Koronaa ittisuuf gargaara

1. Yeroo heddu harka dhiqachuu 2. Ciqilleeti qufa’uu 3. Fuula xuquu dhiisuu 4. Fageenya eegachuun socho’uu 5. Yoo dhukkubin namati dhaga’ame

mana turuu

Page 11: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

10

o Shaakallin boodaa gaaffilee ka’anif deebii sirrii kennameen pawor poyinti (power point) qopheesuun hirmaatootaf qoodi. Isaani immoo waan mariin godhame kanaaf pawor poyinti kenname kana mana isaanif hiriyoota isaani waliin ijoo marii akka godhatan isaan gargaara.

Watis Api (Whatsup)

o Himootaa sirriidha/ sirrii miti jedhamuun deebisaa hirmaatonni turan garee waliin haasaa qabdanif erguun akka isaan sirridha ykn sirrii miti jechuun deebisanif jajjabessuun gaaffiin deebii sirrin kennameef irraatti ibsa kennuufi qabda.

o Walitti hiituu ykn linki haaraa ykn dhiyoo bahe kan odeeffannoo irra argachuu danda’an kanneen akka WHO, CDC fi dhaabbillee fayyaa naannootti argaman ergif.

DURAA DUUBAA SAGANTAA: Si’eesituu (daqiiqaa 5) Sirriidha/Sirrii miti (daqiiqaa 10-15) Goolaba (daqiiqaa 5)

Page 12: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

11

Si’eesituu | Daqiiqaa 5 1 | Onnachiftuu

Onnachiftuu si’oftuu kanneen akka taphaa, daansii, faaruu, miilaan lafa dhiituun utaaluu,fiiguu kkf dursi dhiyeesif. Akka yaadatti ykn itti fayyadamuuf yoo barbadees toora intarneetii kana ilaaluu dandeesa. https://drive.google.com/file/d/0B0bA84Kjs6Kcb1liaVowTnlxQlk/view

2 | Seensa Kaayyoo Daandeetii Z ittisa COVID-19 hirmaatootaaf ibsi ykn hubachiisi.

Dandeetii Z kana keessatti waliin taanee taphan akkamitti fayyaa keenya akka eeganuufi wal gargaruu ni barana. Dargaggoonii miliyoona lama ol sagantaa Dandeetii Z jedhamu kana xumuranii eebbifaani jiru.

Taphan fayyadamnee akkata dhibee addaa addaa ofirraa ittin ittisnu COVID-19 dabalatee ni barana ykn ni taphana.Dabalatanis haala ittin yeroo rakkisaa akkana keessatti nageenya sammuu keenyaa eegannu irratis xiyyeffanee ni barana.

3 | Osoo qaamaan wal xuqin gammachuu ibsachuu Dhabbileen fayyaa kanneen akka dhaabbataa Fayyaa Addunyaa yeroo eegannoo barbachsiu akka yeroo amma kanati qaamaan wal xuquun gaarii akka hin taanee ni gorsu. Haa ta’uu malee garuu yoomiyyuu tanan nagaa wal gaafchuuf gammachuu ofii osoo qaamaan wal hin xuqin fageenya irraa rawwachuun barbachiisadha.

Hirmaatonni akkaata ittin osoo qaamaan wal hin xuqin nagaa wal gaafachuuf gammachuu ofii ittin ibsachuu danda’amu irraatti akka yaada maddisiisan jajjabeesi.Hirmaatonni akka waan haaraa uumaan onnachis. Fakeenyaaf wantoota akka ‘hoo shan kee Qillensa 5’ fi Shaka itti dabaluu dandeessa.

Hirmaatonni akkataa ittin nagaa wal gaafatan 1 ykn 2 kanneen Dandeetii Z keessaa jiraan keessa akka filatan gaafadhu.

Gammachuu isaanii humna guutuun akka ibsatanif kanneen filatan sana shaakalsisi.

Shaka! Shakka

Air 5! Hodhu shanan kee Qillensarraan

Page 13: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

12

Sirriidha/Sirrii miti |Daqiiqaa 10-15 1 | Tapha Jalqabsiisi

o Kaardii sirriidha/Sirrii miti jedhuu qopheeffatee jirtuu hirmaatoota kee hundaaf qoodi.

o Seerota ykn qajeelfamoota taphaa itti himi ykn itti agarsiisuu qabda. Ani amma himoota isinif dubbisu sakandii 15 keessaatti siirridha ykn dhugaadha sirrii miti ykn soba jechuun deebistu.

Yeroon ani lakkofsaa 1,2,3, jedhu murtee keessaan lameen keessaa tokko sirridha ykn sirrii miti jechuun ol qabdu.

Osoon deebii sirrii hin dubbisin dura hirmaatoota keessaa nama 1 ykn2 maaliif akka deebii isaanii sirrii ykn sirrii miti jedhan nan gaafadha.

Yaadannoo Gorsaa: Sirriidha/Sirrii miti gareenis taphachuun ni danda’ama.Yoo namootni walitti dhufuun kan heeyyamamu ta’eef hirmaatota garee nama 5-8 qabutti qooduun akka gaaffiifi deebii sirrii ta’een akka deebisuun taphatan taasisi.

Yaadannoo Gorsaa: Yoo kaardii barreffamaan hin qopheeffanes ta’ee abuuduu ykn quba guddaa ol qabuun sirriidha jechuu quba guddaa lafati qabuun sirrii miti jechuun akka shaakalan gochuun ni danda’ama.

Yaadannoo Gorsaa: Hanga silaa mariin isaani faayidaa qaba jettee yaaduutti akka marii gaggeesanif heeyyamuu gaariidha.

Page 14: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

13

2 | Tapha taphachuu ykn jalqabuu

Yaadannoo Gorsaa: Erga hirmaatonni yaada isaanii kennanin boodaa deebii sirrii aragchuuf hubachuu isaanii qulqulleffachuu qabda.

Himoota armaan gadiin tokkon tokkoo isaanitti fayyadamuun taphicha

taphadhu.

• Biyyi Faransaay kubbaa miilaa dubartootaa Addunyaa kan bara 2019 Injifaterti.

Sirrii miti. Kubbaa miilaa dubartootaa Addunyaa kan bara 2019 kan injifatee biyyaa Ameerikaa Kaabaa yoo taatuu wal dorgommii biyyaa Faransaay magaalaa Liyoonitti gaggeffameen Ameerikaan Kaabaa Nezarlandi 2-0 mo;ate abbaa geebaa taate.

Faransaay garuu Kiroshiyaa goolii 4-2’n injifatee geeba Adduyaa kan dhiirotaa kan bara 2018 biyyaa Raashiyyaa magaalaa Moskotti gaggeffamee fudhatee turte.

• Infuleezaa waliin tokkumma omaa garaagarummaa hin qaban

Sirrii miti Infuleezaafi COVID-19 lameen isaaniyyuu dhibeewwaan mallatoo wal fakkataa qaban ta’ani lameen isaaniyyuu nama irraa namati kan daddarban qaaman walitti dhiyachuun ykn nama vaayirasii kanneen qabu xuxxuquunidha.

Haa ta’uu malee COVID-19 Infuleezaa caalaa saffisaan kan daddarbuufi carraan ajjeesuu ykn lubbuu balleesuu isaa kan Infuleenzaa caalaa olaanaadha

Page 15: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

14

• Dhibeen COVID-19 jedhamu kun bishaan qulqulluu hin taanee dhuguun ni daddarba.

Sirrii Miti Dhibeen kun kan inni ittin nama irraa namatii daddarbuu walitti dhiyeenya meetira lamaa gad ta’een yeroo nama vaayirasii kana qabutti dhiyaannuu karaa sirna hargansuu yoo ta’uu dhaga’aa xixxiqqoo yeroo qufaafi namni vaayirasichaa qabu axxifatuu qillensaati gad lakkifamuu yeroo funyaan, ija ykn Afaan namaa seenuudha.

Kana malees meeshalee namni vaayirasii kanan qabame qabatee turee yeroo qabanu, harka keenya osoo hin dhiqatin afaan, funyaanif ija keenya yoo xuqnue COVID-19 ykn Vaayirasin Koronaa nu qabuu danda’a.

• COVID-19’n namoota umrii dheeraa jiratan ykn dulloman qofa miidha.

Sirrii Miti! Namootni umriin isaanii waggaa 60 ol tahee dhibee COVID-19 kanan warreen kaan caalaa dhukkubsatanii du’uu danda’u. Haa ta’uu malee garuu namootni umrii kamiyuu yeroo qorataan kan irraati argamuuf lubbus baasaa ykn ajjeessa jira.

Namootni umrii dargaggumma keessa jiranis Vaayirasii koronaan qabamani sadarkaa xiqqaa, giddugaleessafi sadarka ulfaataan dhukkubsatanii yeroo deeggarsa mana yaalaa barbadan heddutu jira.

_____________________________ ² COVID-19’n Infuleenzaa caalaa saffisaa tattamsa’a. Akka ragaan biyyaa Chaayinaa argamee ibsutti Namni Vaayirasii koronaa qabu tokko giddugaleessaannama infuleezan

qabame caala nama 2 hanga 2.5tti qabsiisuu danda’a.Giddugallessan namni Infuleezaan qabe tokko nama 1.3ti daddabarsuu danda’a.

Ragaan hanga ammati jalqaba irraa eegalee argame akka agarsiisutti Vaayirasiin Koronaa lubbuu galaafachunis hamaadha. Yeroo wal bira qabnee ilaaluu Vaayirasiin koronaa

harka 100 keessaa 1 ajjeesuu akka danda’utti ragaan muldhisaa jira. Kun immoo Infulenzaa caalaa harka kudhan caalaa ajjeesuu danda’a jechudha.(CDC)

Page 16: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

15

• COVID-19 namoota dhibee biro qabanif balaa hamaadha ykn Sodaachiisadha/ulfaatadha.

Sirriidha. Namootni dhibee biraan dhukkubsatani yaalaa gubbaa jiranis ta’ee dhibee biro waliin jiraatan COVID-19 isaanif balaa hamaa ta’uu danda’a. Dhibeewwaan akka HIV,dhibee onnee,dhibee sukkaraa,dhiibbaa dhiigaa, Asmiifi dhibee sombaa qaban vaayirasiin koronaan qabamuun balaa cimaa lubbuu isaanii galaafatu ta’uu mala.

Kanaafuu namoonni yaalaa hordoffaa turan yeroo kamuu caala beellama isaanii eeguun mana yaalaa dur itti yaalamaaf hordofamaa turan deemuun ogeessan wal arguun gorsa ogeessaa qalbeeffachuu cimsaanii itti fufuu qabu.

• COVID-19 Offirraa ittisuun ni danda’ama. Sirriidha!

Qajeelfamaafi gorsa karaa mootummaan kennamuu sirriitti hordofuun qaamaan walirraa fagachuufi yeroo sochoonu yn deemnu fageenya keenya eegachuun tattamsi’ina vaayirasichaa xiqqeessuun ni danda’ama.

Namni kamiyyuu COVID-19 tahee dhibeewwaan sirna hargaansuu biro ofirraa ittsuuf:

Yaadannoo Gorsaa: Qajeelfamoota ykn gorsa karaa Mootummaa yeroo amma darbaa jiran hirmaatottaf qoodi ykn himi.

Page 17: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

16

o Namoota Vaayirasii Koronaa qabachuu danda’an jettee yaaduu ykn namoota sirriitti wal hin beekne waliin walitti dhiyeenya qaama dhiisuu ykn hambisuu. Bakka namni baayyee itti argamuu dhaquu dhiisuu yoo dirqama ta’ee bakka namoonni baay’ee jiran deemne yoo xiqqate meetira lamaaf fageenya walirraa eegachu.

o Osoo harka keenya hin dhiqatin funyaan, afaanif ija keenya qaqqabchuu ykn xuquu dhiisuu.

o Dafnee dafnee harka keenya saamunaan sakondii 20 ykn hanga faaruu ‘Happy birth day: farsinee xumurutti dhiqachuufi yoo bishaanif saamunaan hin argannee taheef sanitazaraan harka keenya dafnee dafnee qulqulleffachuu.

Yoo mallatooleen dhibee Koronaa Vaayirasii kanneen akka ho’inaa qaamaa olaanaa,qufaafi hafuuraa baafachuu dadhabuu nama irraatti muldhatee namni sun akka namota birootti hin daddabrsinee mana oluu ykn mana turuu qaba.

o Namni dhibee kanan qabame yeroo qufa’uuf axiffatuu sooftii fayyadamee sooftii sana immoo bakkee xurawwaan goggogaan gatamutti of eeganon akka namni biro xuquu hin dandeenyeetti gatuu qaba.

o Ciqilleetti qufa’uu ykn axxifachuun baayyee gaariidha. o Meeshalee harka keenyaan qabannee dafnee dafnee alkoolin ykn

sanitazaraan qulqulleessuu qabna.

• Namoonni tokko tokkoo COVID-19 yoo qabamaniyyuu dhukkubbin itti hin dhaga’amu.

Sirriidha! Namoonni baayyeen yoodhuma Vaayirasiin koronaa isaan qabeyyuu mallatoo baayyee xiqqaa ta’ee malee dhukkubbiin salphaa qofatu itti dhaga’ama.

Yaadannoo Gorsaa: Postarii waan rawwatamuu qaban shanan irra deebiin ilaali.

Waan kanneen Shanan Rawwaadhu Vaayirasii Koronaa ittisuuf gargaara

6. Yeroo heddu harka dhiqachuu 7. Ciqilleeti qufa’uu 8. Fuula xuquu dhiisuu 9. Fageenya eegachuun socho’uu 10. Yoo dhukkubin namati dhaga’ame

mana turuu

Page 18: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

17

Kan Vaayirasii kana hamaa godhu keessaa tokko yeroo akkana mallatoo hin muldhifne kanati nama biraatti dabarsuu ni danda’uu waan ta’eef.

Sirriidha ykn sirrii miti

Ogeeyyoonni fayyaa, doktaronni, qorattonnii guutuu addunyaa irraa jiran cimanii hojjachaa kan jiran ta’ulleen hanga ammaati garuu qorichi COVID-19 fayyisuus ta’ee talalliin kan argamneef tahuun hubatamuu qaba.

Namoonni COVID-19 irraatti argamee deeggarsa yaala kan akka mallatooleen kunneen hin miineef gargara qofatu kennamaaf.

Teessoo ykn karaa ittin bakkee COVID-19 itti qorataman ykn yaalaa argatan

odeeffannoo argachuu danda’an barreesuun waliif akka qoodaan gochuun ni gorfama.

________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________________

• Hawaasaan ani keessa jiraadhuuf naannoo kiyyaatti manni yaalaa Koronaa Vaayirsiif yaala kennu ni argama.

Dhaabbilee fayyaa naannoo keessanitti argamuu gaafachuun bakkeen yaala COVID-19 naannoo keessaan jiraachuuf jiraachuu dhaabuu addaan baafadha.

Page 19: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

18

• COVID-19’n karaa wal xuxxxuqqii saalaa ykn saal-qunnamtii ni daddarba.

Sirriidha! Vaayirasiin Koronaa wal xuxxuqqii ykn walitti dhiyeenya meetiraa lama gadiin ni daddarbaa waan ta;eef wal qunnamtii saalaa waanti hin dabarsineef hin jiru.

Vaayirasiin COVID-19 kun hancufa keessati waan argamuuf wal dhungachuunis nama irra gara namaati ni daddarba.

Vaayirasin kun hanga ammaatti dhagala’aa qaama wal hormaata dubartiifi ispermii keessatti akka argamu qorannoon hin mirkanoofne.

Yoo hiriyaan kee yookan atis itti gammaduu ta’eef wal qunnamtii saalaa yeroo kanati dhiisuun gaariidha.

Walqunnamtii saalaa balaa hin qabne kanneen akka of qussachuu ykn rawwaachuu dhiisuu,kondommii fayyadamuufi hiriyaa amanamaa/mtuu tokko qofa waliin jiraachuun filannoowwaan gaariidha.

• Weerara COVID-19 kana injifachuuf wal gargaruun barbaachisadha.

Sirriidha! Weerara COVID-19 kana ni injifanna. Garuu wal gargaruuf wal deeggaruun gahee keenya bahuu qabna.

Namoota gurguuddoo ykn umriin turaan deeggaruun akkasummas namootni yeroo mana turan rakkoowwan adda addaaf waan saaxilamanif deeggarsa adda adda waliif gochuun waliif birmachuun yeroo kam caala yeroo kana bu’aa olaana qaba. Bu’aan isaas balaa hamaa kana wal dabarfachuudha.

Wantoota akka dhiyeessii nyaataa, qulqullinaafi waan mana keessaati itti fayyadaman dhoksuu ykn gabaa irraa maksuun yeroo rakkoo kanati rakkoo hawaasa keessa jiru daran wal xaxa waan ta’uuf gonkuma gochaa badaaf balaallefamuu qaba.

Hiriyootni keessanif maatiin keessaan hundi qajeelfaaafi gorsa karaa ogeessota fayyaa kennamu akka hojirra olchaan gorsuuf jajjabeesuu yeroo mara akka yaadatan gochuun barbachiisadha.

Page 20: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

19

• Sodaachuufi waa’ee dhibee kana dhiphachuun waanuma jirudha.

Sirriidha! Miira akka sodaachuu, dhiphachuufi miiri nama jeequu namati dhaga’amuun waanuma jirudha. Miiri akkana omaa jechuu miti namoonni baayyeen miiraa kana ofirraati ni argu.

Wantoota Armaan gadii kana rawwachuun ofiirra xiqqeessuu ykn hambisuu dandeesuu.

Wantota rawwachuu dandeessuu qofa irraatti xiyyeffadhu. Harka dafnee dafnee dhiqachuu, fageenya qaamaan namoota biro irraa qabnu eegachuufi hiriyootaf maatii kee kanneen si bira hin jirreef waliif bilbiluun wal quba qabachuu kkf.

Sochiiwwaan qaamaa dhuunfaan hojjataman kanneen akka miilaan deemuuf fiigicha hojjachuu.

Yeroo dheeraaf midiyaa hawaasaafi oduu dhageeffachuu dhiisuu. Shaakallii al shan hafuura fudhachuu shaakaluu.Yeroo sakondii 4 gara keessatti qillensa osoo walirraa hin kutin fudhachuufi yeroo wal fakkatuuf gara alaatis askondii 4 waliiti aansuun baasuun qilensa gahaa qaama keenyaaf kennuufi keessa baasuun qaamni keenya akka tasgaba’uu gochuu.

Nyaata sirritti nyaachuu, bishaan baayyee dhuguufi hiribaa gahaa tahe rafuu.

• Waanti hunduu ni sirrata ykn akka duriitti ni deebi’a.

Sirriidha! Qaamaan waliirraa fagachuun hanga bara dhumaati itti hin fufu. Guyyaa guyyaan doktaronnifi qorattoni waa’ee vaayirasii kana barachaa waan deemaanif gara fulduraatti haala ittin ofiirraa ittisnuf yaalli isaa waan argamuu maluuf wantootni kunneen jijjiramuun waan hafuu miti. Kan amma keessa jiru kunis jijjiirama waan ta’eef waanti bakkatti hafu hin jiru.

Of eegannoo godhamuu qabu ofii keenyaaf taasisaa wal gargaruuf wal deeggaruun dirqama keenya hundaa ta’uu qaba.

Page 21: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

20

3 | Ergaa ijoo keessa deebiin yaadachisuu

• COVID-19 gosa vaayirasii tahee kareen inni duraa itti nama irra gara namaatti daddarbuu hancufaan, yeroo axxifannu waan funyaan keenya keessa bahuun, Yeroo qufanuufi wantoota namni vaayirasicha qabe qabatee osoo hin qulqullesin fayyadamuuf xuxxuqqii qaamani.

• Ofii keenyaaf namoota biro dhibee balaafamaa kana irraa ittisuuf dafnee dafnee harka keenya saamunaan dhiqachuu, naannoo keenya qulqulleessuufi bakka namoonni baay’atan dhaquu dhiisuu yoo dirqama ta’ee dhaqne immoo fageenya keenya eegachuu (yoo xiqqate meetira lama walirraa fagachuu)

• Tattamsa’ina COVID-19 kan ittisuu ni dandeenya! Odeeffannoo dhugaa waliif qooduu,wal gargaruuf wal utubuun,qajeelfamaaf gorsa karaa ogeeyyii fayyaa nuf kennamu hojiirra olchuun ittisuun ni danda’ama.

Gaaffiifi Deebii (G & D)

Onnachiiftuu tokko addan baafachuu hirmaatonni gareen ta’aani akka hirmaatan haala mijeeffadhu. Maal akka hojjatanis ibsa gahaa kennif:

Guyya hardhaa waa’ee COVID-19 waan baayyee mari’annee jira. Wantoota hardha mari’annee keessa kan duraan beektanis waanti haaran hardha dhageessanis jiraachuu mala.

Yoo gaaffii qabatan ykn waanti isinif hin gale ykn gaaffi isinitti uumee yoo jiraatef akka gaafatanif ni jajjabefamtu.

Shaakallii kanan booda waan hanga amma mari’ataa tureen maaltu akka isinitti dhaga’amu tokko tokkon isin gaafadha.

Page 22: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

21

Goolaba |Daqiiqaa 5 1 | Marii waan sitti dhaga’ameef waan yaadee hojjachuu ( Miira-yaada-rawwadhu)

Waan sitti dhaga’amu: Waanti hardha rawwanneen maaltu sitti dhaga’amaa? Yaadi: Gochootni hardha rawwanne maal akka yaaduuf si kakasee ykn gaaffii akkami sitti uumee?

Rawwaadhu: Waan hardha barate akkamitti jireenya kee keessaati itti dhimmi baataa?

2 | Waan Manatti ykn naannoo jireenyaa keessaaniti hojjatan Waan hardha baratee keessaa tokko isa faayidaa guddaa qaba jettee yaaduu hiriyaa kee barsiisi.

Yeroo kaardii SIRRIIDHA/SIRRII MITI jedhu maatiif hiriyoota keetif ibsitu vidiyoo waraabuun kawwadhu.

3| Gareen Gammachuu argachuu ykn dhamdhamuu Garee keessaanin gammachuu keessaan ibsachuun waliin walii keesaani

galateefadha. Miira gammachuu keessaanis waliif ibsa.

Page 23: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

22

2.Harka keessan dhiqadhaa!

Shaakallii kana keessati hirmaatonni gulantalee ykn duraa duubaa karka dhiqannaa isa sirrii ni baratu. Erga baratanii booda haala salphaa ta’een yeroo harka isaani dhiqatan hundaa bifa salphaa ta’een haala taphaa “Simoon jedhe” harka isaani bifa sirrii ta’een dhiqachuu aadaaa godhatu.

Mata duree: Harka dhiqannaa isa sirrii Galma: Dhuma shaakallii kanati hirmaatonni hundi….

Duraa duubaa harka dhiqannaa isa sirrii ni tarreessu. Guyyaa tokko keessaati yoo xiqqaateef yeroo afur harka isaanii bifa sirriin

dhiqachuu akka qaban addaan ni baafatu. Akkaata ittin ciqilee isaanitti axiffachuu qaban gochaan agarsiisuun tattamsa’ina

jarmoota ni xiqqeesu.

Meeshaa barbachisu: Omaa hin barbachisu Yoo argameef saamunaa, bishaanif fooxaa qopheeffachuun gaariidha.

Qophii:

Faaruu salphaaf bashanansiisa yeroo harka dhiqannaa farfatamuu danda’uu sakandii 20 kanneen akka “ole: :” (www.youtube.com/watch?v=Y8aIvD4N8GM), “happy birth day” ykn kanneen biro dawonlod gochuun bilbila ykn meeshaa yeroo harka dhiqanuu dhaggenyuu dandeenyu irraatti qabachuu/kawwachuu.

Gochaan dhiqadhu- dhiqadhu- raasi jedhu hirmatoota dargaggoof mijata ta’a.(Warreen umrii 9-14 jiranif) Kanneen waggaa 15 isaa ol ta’anif duraaduubaa harka dhiqanna isa sirrii erga itti

Page 24: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

23

himteen booda faaruu ykn sochii qaamaa kanneen akka daansii sasalphaa mataa isaanii akka qopheeffatan jajjabeesi.

Yoo danda’ameef bishaan, saamunaaf Fooxaa harkaa dhiyeessun akka qabatamaan shaakalan gochuun jijjiirama amala isaan fidan hordofuun baayyee gaariidha.

Garaagarummaa Onlaayini: Konfaransii Vidiyoon gaggeeffamu:

o Bilbila harkaa ykn mobayilii kee tamsasa kallati kan yeroo harka kee dhiqatu agarsisu kallatiin tamsasaa harka haala barateen ykn karaa sirrii ta’een dhiqadhu.

o Tamsasa kallatin faaruu mataa keetii kan akka dhiqadhu- dhiqadhu-Raasi jedhu qopheesuun tamsasi ykn farfachaa harkee haala sirriin sakondii 20f dhiqadhu.

Watis up (WhatsApp): o Wal qabsiiftuu ykn liinkii vidiyoo karaa sirriin harka dhiqachuu agarsiisuu

ummataf qoodi ykn gad lakkisi. Fakeenyaaf kunoo kan CDC kana ilaali. https://www.youtube.com/watch?v=d914EnpU4Fo or : Vidiyoon kofalchiisoo dabaltaa biro: https://www.youtube.com/watch?v=-gfOHEaHdjo

o Hirmaatonni guyyaatti si’a meeqa akka harka isaanii dhiqatan akka lakkawaan gaafadhu ykn yaadachisi. Gaaffiilee itti kanan hangam akka harka isaanii dhiqatanif al meeqa akka dhiqatan hordofuun dansaadha.

Sagantaa: Si’eesituu (Daqiiqaa 5) Dhiqadhu- dhiqadhu- Raasi (Daqiiqaa 10-15) Goolaba (Daqiiqaa 5)

Page 25: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

24

Si’eessitu | Daqiiqaa 10 1 | Onnachiifuu

Hirmaatonni gareen akka nagaa wal gaafatanif gammachuu waliif qaban godhi. Onnachiftuu si’oftuu kanneen akka taphaa, daansii, faaruufi fiigichaan akka

jalqaban godhi.

2 |Shaakalli yeroo yaadachiisuu. Shaakalli yeroo darbee saffisaan akka yaadatan gochuuf gaaffillee armaan gadi

kanneen gaafadhu. Shaakallii yeroo darbee irraa maal barannee?

Dandeettiiwwaan barannee sanneeti fayyadamtanirtuu? Maal maal tahee yeroo fayyadamtan? Yeroo fayyadamtan maaltu isinitti dhaga’amee?

Dhiqadhu- dhiqadhu- raasi |Daqiiqaa 10-15)

Yaadannoo Gorsaa: Hirmatonni meetira lama waliirraa fagatanii jiraachuu isaanii mirkanneefadhu.

1 | Harka dhiqannaa irraatti marii gaggeessuu

Harka keessan maaliif dhiqatuu? o Harka keenya dhiqachuun dhibewwaan daddarboo kanneen akka

infulezaa/qufaa/difafa/,garaa kaasaafi kanneen biro irraa nu barara. o Harkaa dhiqachuun karaa ittin COVID-19 ofirraa ittisnu isa bu’aa

qabeessaafi beekamadha. Harka keenya dhiqachuun kan nu barbachiisuu yoomii? Ykn yeroo kamii?

o Erga mana fincaanii fayyadamneen booda. o Nyaata osoo nyaati dura ykn nyaataan dura. o Osoo nyaata Qopheessuu hin jalqabin o Erga nu axxifachiisee ykn qufaanee boodaa. o Yeroo manati alaa gallu.

Page 26: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

25

o Sochii qaamaa ykn Ispoortii erga hojjannee booda. o Yeroo kamiyyuu yoo jarmanni harka keenya irra jiraachuu malu jennee

yaadnu. Jarmoota harka keenya gubbaa jiran akkata balleesuu ykn ajjeessuu danda’uun akkamitti harka keenya dhiqachuu qabnaa? o Bishaan qulqulina qabuuf saamunaa fayyadamuun o Harka keenyaa guutuu isaa harka karaa duubaa, quba hundaa, barruu

keessaaf ala, qeensaa keenyaa hundaa sakodii 20 sukkumnee dhiqachuu qabna.

o Bishaan qulqulluun harka keenya qulqulleffachuu ykn dhuma irraatti bishaan gahaaf qulqulluun saamunaa irraa qulleessuun dhiquu.

o Fooxaa qulqulluun harka keenyaa qoorsuu ykn goggogfachuu. Harka keessan qoorsuuf yoo fooxaan qulqulluu hin arganne ta’eef ykn yoo dhabdan maal gootuu? o Qillensa keessaati ol qabuun hanga harki keenya qoorutti raasuu. o Harka keessaan gonkuma uffata uffatani jirtanitti hin qoorsina. Uffanni

keessaan qulqulluu ta’uu yoo baateef jarmii qabachuu danda’a.

2| Marsaa1: Akka itti harka dhiqannuu haa shakkalu

Ibsa: Amma yoomif akkamitti akka harka keessaan dhiqachuu qabdan hubatanirtu. Amma immoo sirriitti akka hubatanif mee bifa taphaan haa shaakalu.

Akkuma waliirraa fagatani jirtanin sosocho’aa ykn fiiguun hojjatu. Yeroo harka keessaan dhiqatan waan gochuu qabdan sadiin dubbadhuu ykn caqasuu isin immoo waan ani dubbadhe sana gochaan ykn rawwatani na agarsiiftu.

Page 27: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

26

• Saamunaa: Harka keessan mataa olitti qabuun akka nama saamunaa dhangala’aa harkaati buufataa jiruu godha.

• Dhiqadhaa! Harka keessaan akka waan dhiqachaa jirtaniiti waliiti riguun sakondii 20 akkuma nama dhiqattu gochuun agarsiisa.

‘Harka keessan qoorsaa: harka keessaan qilleensa keessa ol kaasuun si’a kudhan ol utaaluun taphadha.

Page 28: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

27

Marsaa tokkoffaa armaan olii kana irra deddebin taphadha.

3| Marsaa 2: Shaakalli yeroo harka dhiqannaa

• Mana Fincaanii/Boolii: yeroo baayyee gabaabaaf sakondii 2f akka nama Mana Fincaanii bobbaa bahaa jirutti taa’aa!

• Yaadannoo Gorsaa: Hirmaatonni faaruu yeroo harka dhiqatan faarfachuu fedhan akka filatan heeyamuun gaariidha.

Page 29: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

28

• ‘Nyaata Bilcheesuu!’- Akka waan distii ykn okkotee guddaati nyaata bilcheessuf irra nanna’anitti akka naanna’an taaisi.

Yaadannoo Gorsaa: Intarneetii irraa mata duree “Cabbage patch” jedhu barbadun dubbisi ykn ilaali.

• ‘Axxifachuu!’- harka keessaan fuula keessan ciqilleen uwwisuun akka nama axxifatuu Axxishoo jechuun shaakala.

Page 30: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

29

4| Marsaa 3: Hundinu waliin akka taa’aan godhi (Fageenya isaanii eegachuu qabu)

Ibsa Amma egaa akka itti harka keessaan dhqatanif yeoo harka keessaan dhiqatan bartanii jirtu. Mee amma immo waan muraasa isin qoreen ilaala.

Tarkaanfii nan iyya jedhu fudha.Yoon yeroo itti harka dhiqachuu qabdan isinitti himuu dagadhe ykn duraaduubaa isaa dogoggoreef SIRRIIMITI jedhaa iyyaa!

Fakkeenyaa: Axxifadhee itti aansee nyaata qopheessuu yoo jedhe isin immoo SIRRIIMITI jechuun iyyuu ykn waccuu qabdu. Sababbii osoo harka hin dhiqatin nyaata qopheessuun sirrii akka hin taanee waan beektanif jechuudha.

Fakeenyaa biraa: yeroo ani harka qorfachuu dagadhuu isin ammas SIRRIIMITI Jechuun wacuu ykn iyyuu qabdu.

Tapha kana irra deddebin taphadha!

• ‘Soorachuu/Nyaachuu!’- Akka nama waa soorachaa/nyaachaa jiru harka keessa gara afaanitti sochoosuun sochii kan sakondii almaf rawwadha.

Page 31: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

30

5| Yeroo Marii

Tapha kana keessaatti akkamitiaxxifatee? Maaliif haala akkaanan axxiffatee? o Ciqillee keessaniiti axxiffachuu qabdu. o Yeroo haala kanan ciqillee keessaniiti axxifatan jarmoonni qilleensa akka hin

facaneef harka keessanitti hin qabannee gochuun hiriyootaf firoota keessaan dhibee kana irraa bararuuf gargara.

o Jarmoonni huccuu keenya irrs jiraachuu waan danda’anif qulqullina uffata/huccuu keenyaas eeguun baayyee barbachiisadha.

o Ammas kan dagatamuu hin qabne yeroo axxifata kamuu harka keessaan dhiqachuu akka qabdaniidha.

Bakka saamunaafi bishaani Sanitazaraa Faayadamuun ni danda’amaa? o Yeroo harka keenya bishaanifi saamunaan dhiqachuu dandeenyu hundaa

dhiqachuun baayyee gaariidha. Kunsi bishaanif saamunaan yeroo harka keenya dhiqannuu jarmoonni harka keenya gubbaa jiran waan baayyee hirdhatanif ykn waan badanif.

o Yoo bishaanif saamuna bakka argachuu hin dandeenye jiratan garuu sanitarazara harkaa 60% alkolii qabuun harka keenya qulqullesuun dhibeen kun akka nama biraatti hin darbine gochuun ni danda’ama..

Rakkoowwaan harka keessaan akka hin dhiqanne isin dhorkan maal fa’ii? Rakkoowwaan kanneen haala kamiin furuu ykn hambisuun danda’amaa?

Yaadannoo Gorsaa: Garaagarummaa akkaana bifa nama bashaanansisun baayyisuun irraa deddebin shaakalsisun akka sirriitti miirefatan godhi. Haaluma tapha armaan oliin hirmatoonni yeroo dogoggoran keessaa hirdhisuun hanga nama 1-2 qofti hafutti akka taphatan godhi. Yeroo duraa duubaa harka dhiqachuu ykn adeemsa isaa dogoggoraan namni dogoggoree sochiiwwaan qaama kanneen akka Push up fi kanneen biro kan hojjatu tahuu itti himi ykn hubachiisi. Hirmaatoota keessa kan taphicha dursuuf fedhii qabu filadhu akka dursuuf haala mijeesif. Wantoota guyyaa guyyaan hojjannu kanneen akka kubbaa miilaa taphachuu, mana barumsaa deemuufi hojii deemuu akka yaadatan taasisi.

Page 32: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

31

6| Ergaawwaan ijoo keessa deebiin ibsi.

• Guyyaatti dafnee dafnee harka keenya dhiqachuun karaa ittin tattamsa’ina COVID-19 ittisaa keessa isa sirriiifi filatamadha.

• Harka keenya bishaan qulqulluufi saamunaan sakondii 20 sirriitti sukkumnee dhiqachuun jarmoonni harka keenya gubbaa jiran akka du’an gochuun dhibee ittisa.

• Harka keenya qorfachuu kan qabnu fooxaa qulqulluun ykn qilleensa keessaati raasuun ta’u qaba. Gonkuma harka keenya uffata uffane jiruutti ykn rifeensa mataa keenyaatti qorfachuu hin qabnu.

• Akka Jarmoonni qillensa keesa hin facaanee ittisuf ciqilee keenyaatti axxiffachuu ykn qufa’uu qabna.

Goolaba | Daqiiqaa 5

1 | Mariii waa’ee Miira- Yaaduu- Rawwachuu

Miirefachuu: Shaakallin hardha miira akkam sitti ummee? Ykn maaltu sitti dhaga’amee?

Yaaduu: Shaakalli keenyaa hardhaa maal akka yaaduu ykn gaaffii akkami sitti uumee?

Rawwadhu: Waan harka shaakaltee ykn bartee akkamitti fayyadamtaa?

2 | waan barannee hawaasa keessati sochii xiqqoo goonuu/rawwanu

Shaakalli hardha baratee ykn shaakaltee hiriyoota kee Dhiqadhu- Dhiqadhu- Raasi jedhu barsiisi.

Karaa Whatsup’n daansii dhiqadhu- dhiqadhu-raasi jedhu viidiyoo waraabuun gareef qoodi ykn ergi ykn maxxansi.

3| Gareen Gammachuu ofii ibsachuuf waliin gammaduu Garee kee keessatti xumuruu keetiif gammachuu kee ibsuun gammachuu

keessaan waliif qooduun waliin gammadaa!

Page 33: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

32

3. Of Tasgabessuu Shaakallii kana keessaatti hirmaatonni tooftaa afuuraa baafachuu salphaa ta’eef akka tasgaboofnuf, akka qalbii (yaada) walitti qabanuf keessumatu yeroo raafamni ykn waanti nama jeequ jiru kanati haala ittin nageenya sammuu argannuf dhiphina irra bilisa ittin taanuuf kan nu gargarudha. Hirmatooni dorgommii gabaabaa keessaatti si’a meeqa akka fuula isaani xuxxuqanis hubatu. Mata duree: Fuula xuxxuquu/qaqqabachuu / Nageenya Sammuu Galma: Dhuma shaakala kanati hirmaatonni hundinu…

Fulaa ofii xuxxuquun ykn qaqqabachuun akkamitti akka COVID-19 nama qabsiisuu danda’u ykn tattamsasuu ni ibsu.

Faayidaa afuuraa dheeraa fudhachuun qabu ni ibsu. Jireenyaa isaanii keessaati tooftaa hargansuu gaarii ta’ee akkamitti akka itti

fayyadamuu qaban ni ibsu.

Meeshaalee Barbaachisu: Omaa hin barbaachisu

Qophiin: S’aatii tokko keessaati fuula kee hangam akka xuqxe ykn qabate galmeesi.si’a

meeqa akka fuulaa kee xuqxe kan hirmaatootatti himuun atis fuula kee yeroo muraasaf ta’ulleen akka xuqxu ykn qaqqabatu itti himi.

Tooftaalee hargansuu ykn afuura baafachuu jiran shaakali. Osoo hirmaatonni akka shaakalan hin taasisin dura muuxannoo kee waan qoduuf si gargara.

Garaagarummaa Onlaayini(online: Konfaransii Viidiyoon gaggeeffamu

o Gochootni kunneen salphaati bifa onlaayini ergamuu dnda’anitti jijjiramuun salphummati hubatamu haala danda’ani qophaa’uu qabu

Watis Api (WhatsApp):

Page 34: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

33

o Hirmaatotaaf ergaa dabalataa akkataa ittin of tasgabessanif dhiphina irraa bilisa of godhanirraatti yaadni ykn gorsi dabalataa ergamuufi qaba.

o Hirmaatotaaf suuraa ykn fotoo yeroo shaakallii afuuraa dheeraa baafachuu gootuu erguufin isaanis kan isaanii kaasani akka sif ergan gaafadhu.

o Hirmaatotaaf qajeelfama tapha daqiiqaa tokko Injifannoof (Minute to win it) jedhu erguufin akka isaan mana isaaniti ofii isaanif taphatan onnachisi.

o Ergaa gabaabaa guyyaa guyyaan hirmaatootaaf erguun akka isaani guyyaatti yeroo shan afuuraa dheeraa fudhatan/baafatan yaadachisi. Kana malees akka isaan bilbia isaani irraatti beellamtuu/alarm/ guutuun ofii yaadachuun guyyaa guyyaan rawwatanif yaada kennufin akka rawwatan gochuus dandeessa.

Duraa Duuba Sagantaa

Si’eessituu (daqiiqaa 5) Tooftaalee hargansuu/afuuraa baafachuu (daqiiqaa 10-15) Goolabuuf (daqiiqaa 5)

Si’eessituu | Daqiiqaa 10

1 | Onnachiftuu

Hirmaatota kee haala duraan barsiifteen bifa gammachuu walii qoodachuun gareen haala hoo’aan nagaa gaafadhu.

Onnachiftuu ykn si’eesituu hirmaatoota daddamaqsuu dandeessuu kanneen akka taphaa,daansii/ragada/shubbisaa,faaruufi sochii qaama kanneen akka fiigichaa hojjadhu akka hirmaatonni sin waliin hojjatan taasisi.

2 | Shaakalli yeroo darbee akka yaadatan carraa kennif Qabxillee ijoo barnoota yeroo darbee jechuun shaakalli yeroo darbee akka

yaadatanif gaaffilee armaan gadii gaafadhu osoo yeroo dheeraa hin fudhatin gara shaakala har’aati darbi.

Shaakalii ykn barnootaa ykn sochii yeroo darbee irraa maal baratanii? Dandeettiwwaan barnnee sanneen fayyadamtanirtuu? Yeroo fayyadamtaa mee akkam ta’ee ykn isiniti toleera moo akkam? Maaltu isinitti dhaga’amee yeroo dandeetii haaraa baratanitti fayyadamtan?

Page 35: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

34

Tooftaalee Hargansuu/Afuura baafachuu|Daqiiqaa 10-15

1 | Marii Waa’ee Fuula xuxxuquu/qaqqabachuu

Fuula keenya xuxxuquun ykn qaqqabachuun akkamitti tattamsa’ina COVID-19 tif sababbii ta’aa?

o Vaayirasin Koronaa nama irraa namatti kan daddarbuu karaa dhagala’aa xixxixqqoo qaamollee sirna argansuu keessaa yeroo namni vaayirasichaan qabame qufa’uufi axxifatuu qillensaatti qad lakkifamaniin yoo ta’uu harka keenyaa waan vaayirasin irra jiru xuqnee fuula keenya kan xuqnu yoo ta’ee carraan COVID-19 qabamuu keenyaa daran ol kaasaa jirra jechuudha.

Guyyaa tokko keessaatti si’a meeqaa giddugaleesaan fuula keenya xuqna/qabannaa?

o Qorannoon akka agarsiisutti namni tokko sa’aatii tokko keessaatti fuula isaa yeroo 23 xuqa/qaqqabata.

Haa ta’uu malee garuu yeroo hanga kan baay’atu fuula keenya dhugaadhan xuxxuquun/qaqqabachuun nu barbachiisaa?

o Lakki! Hundi keenyaayu yeroo kam, haala kam keessaati fuula keenya xuxxuquu/qaqqabachuu akka qabnu beeknee of eegachuu qabna.

o Si’a kana mara fuula keenya xuxxuqaa oluun barbachisaa miti,humna keenya balleesudha, akkasummas fayyaa keenya kan balaaf saaxiluudha.

o Har’a guyyaati yeroo muraasa ykn xiqqoo qofaaf xuquu akka qabnu waliin ilaalla/mari’anna/barana.

2 | Seensa: Afuura dheeraa baafachuu/fudhachuu (Hargansuu gad fagoo

Ibsa Ega ama fuula keenya sababa malee guyyaatti yeroo hedduu xuquun/qaqqabachuun balaa akka nuti fidu waan hubannef, itti aansinee haala ittin yeroo muraasa/yartuu/xiqqoo qofa fuula keenya haala ittin xuquu dandeenyu shaakala.

Afuura dheeraa baafachuu/fudhachuun jechuun maal jechuudhaa? o Suuta jennee to’annoo sammuu keenyaatin qilleensaa dheeresinee hanga

sombi keenya guutee qillensi gara keessaa galuu didutti qillensaa gara keessaa galchuuf hanga qillensi somba keenya keessa jiru guutummaan

Page 36: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

35

guuttuutii bahuutti haaluma ol fudhanneen suuta jennee gara alaati baasuu jechuudha.

o Yero wal qixa ta’eef gara keessatti qillensaa ol fudhachuuf gara alaati baasuu ykn immoo gara

Yeroo afuuraa dheeraa fudhannee afuuraa dheera baafannu maqaa keenya irraatti maaltu uumamaa?

o Hami oksijinii sammuu keenyaaf qaama keenyatti ol seenuu ni dabala. o Horminnin Indofinii jedhamu qaamni keenya maddisisee karaa

uumamman dhibee akka ofirraa ittisnu taasisuun miira dhukkubaa nuti dhaga’amu akka nuti furu ykn akka nu dhiisu ta’a.

o Sababbii adda addaatin wantoonti xurawoof miidhaa geesisuu danda’an qaama keenya keessaatti kuufaman qaamni keenya akka dhabamsiisuu si’ayina argata.

Faayidaan afuuraa dheeraa fudhachuu ykn baafachuu (hargansuu gad fagoo) maalii?

o Qaaamni akka tasgaba’uuf nageenyi itti dhaga’amu godha. o Miiraa sodaaf aarii nurraa kaasuun akka sammuu tasgaba’eef yaada walitti

qabate ykn qalbii tasgabofte akka qabanu nu gargara. o Kana malees hargansuun gad fagoon dhiphina keessa nama baasa,

rakkoo hiriiba dhabuu ni fura, akkasummas dhukkubiin akka nuti furu ni taasisa.

3| Karaalee Shanan Hirmaatonni akka haala isaanif mijatun minjaaa irraa ykn lafa qulqulinaa

qabuurraa akka taa’aan ykn akka ciisaa yoo itti toleef haala mijeefatan gaafadhu. Gochaan kun karaalee shanan ittin hargansuu gad fagoo fudhannuu ykn qillensaa dheeraa fudhannee qillensaa dheeraa gad baafnuu jedhama.

Yoo kan isin irraatti omaa rakkoo hin fidneef isin hin jeeqne ta’eef ija keessaa dununfadha.

Yaadannoo Gorsaa: Hirmaatonni tokko tokko ija cufachuu/dununfachuun itti tolu yoo ta’eef omaa rakkoo hin qabu, warreen fedhii qaban yeroo hojjatan ilaallani yeroo fedhii horatan itti dabalamuu akka danda’an itti himi.

Hargansuu 1: Qillensa gara keessaati karaa Afaanii suuta jedhaa osoo waliirraa hin kutin sakondii 4 fudhadha/galchaa/gara keessaati harganaa! Itti aansuun yeroo sombi keessan erga qillensaan guutee qomni keessaan ol ka’een

Page 37: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

36

boodaa sakondii 4 ammas karaadhuma Afaanii qillensa gara alaati baasaa/gara alaati harganaa!

Yaadannoo Gorsaa: sagallee kee ol kaasuun yeroo hirmaatooni qillensa gara alaatti baasanifi gara keessaati fudhatan 1,2,3 4 Jechuun lakka’if.

Hargansuu 2: Qillensa gara keessatti sakondii 4f suuta jechuun karaa funyaani ol galchaa ykn ol fudha.Haaluma wal fakkatun sakondii 4f karaadhuma funyaani gara alaati baasaa!

Hargansuu 3: yeroo hargansuu gad fagoo karaa funyaan yeroo lammaffaa rawwatanitti sagalee naannoo keessaani dhaga’amu dhaggeffadha/qoradha.

Hargansuu 4: yeroo ammas karaa funyaani hargansuu gad fagoo hargatan ykn yeroo qileensaa dheeraa baafata/galfatan qaamollee miiraa keenyaan maaltu ta’aa akka jiru qoradha. Naannoo keessanitti maaltu ta’aa jiraa? Qaama/goggaa keessaan irraatti maaltu isnitti dhaga’maa? Foolii maalitu isinitti dhufe ykn dhga’ame?waan akka yaada samuutti isin dhufuu hin dhiphatin yaadni ni dhufas ni deemas.

Hargansuu 5: Erga qillensa sakandii 4f gara funyaanin gara keessaati fudhatanii osoo qillensa olis gadis hin baasiin sakondii 4f qillensa qabadhaa tura.Yeroo qillensa baafachuuf qophii taatan suuta jedha ija keessan banaa.

Jireenya keessaan keessaatti karaalee shana harnagasuu gad fagoo yoom fayyadamtuu?

o Yeroo of tasgabbeessuu barbadan, oksijiniin baayyeen gara qaama keenyaa seenee sammuun keenya murtee sirriif qajeela akka dabarsuu gargara.

o Osoo qormaata hin jalqabin, yoo yaad-qalbii keessaan sassabachuu barbadanif yeroo isportii hojjatan humna walitti qabachuf yeroo barbadan fayyadamuu dandeessu.

o Ganama yeroo hirriba kaanuu guyyaa keenya bifa tasgaba’aan jalqabuuf akkasummas galagala yeroo gara hirribaa deemnuu sammuu keenyaa waan baayyee hojjachaa ole tasgabessuf fayyadamuun gaariidha.

o Yeroo waanti hojjachaa jirtuu sif milkaa’uu ykn haala ati barbadeen sif rawwatamuu haala keessa jirtuu kana qaama kee tasgabbessuuf akkasummas waan argatee kan gammachuu argachuuf tooftaa kanan fayyadamuun gaariidha.

Page 38: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

37

Haala weerara Koronaa vaayiraasii kanan sodaan, shakkiifi dhiphinni isinitti dhaga’amuu danda’a.. Tooftaa hargansuu gad fagoo kanan yeroo haala akkana kanati haala kamin fayyadamtuu?

3 | Daqiiqaa tokko injifannof (Minute to win it) Ibsa:

Amma egaa shaakalii hargansuu keenyaa itti fufnee bifa dorgommittin dandeetii keenya guddifachaa deemna.

Haala teessuma keessaan sirreeffadha, ija keessaan dunukfadha,irra deddebin hargansuu gad fagoo armaan olitti shaakala ture shaakala.

Sammuu keessaan keessaati hanga s’a 60 lakkoftanit jechuun daqqiqaa tokkof fuula keessaa akka hin xuqne yaada hanga jahatamatti lakka’a.

Yeroo 60 lakkoftee suuta jedhii osoo ija hin banatin harka kee ol kaasi. Ani yeroo isinif nan to’adha ykn to’adha. Isin keessa osoo fuula isaa hin xuqin kan lakkofsaa 60 lakka’amee guutee ni injifataa jechuudha.

Yeroo lakkoftuu sa’aatii jalqabasiifttu(sa’aatii, mobaayilaan) ykn waan biros fayyadamuu dandeessu,) jalqabsiiftuu hirmaatonnii yeroo harka itti ol kaasaa haaluma duraa duubaa isaan ol kaasani galmeefachaa yeroo hundi isaani harka ol kaasaani suuta jedhi akka ija isaani banatan ykn ilaallan itti himuun eenyuu akka jalqaba harka ol kaasee ykn baasee injifatee ibsif.

Hirmaatonni yoo fedhii qabatan tapha kana irra deddebin taphachuu ni danda’u. Mari’adha:

Sakondin 60’n isinirraa fagatee ykn isintti dhiyaatee bira gauuf hangam isin yaadesse ykn aja’ibsisee?

Sakondii 60f osoo waan biraa waan tokkoleen osoo hin rawwatin afuuraa baafachuun ykn ol fudhachuu qofa yeroo rawwatan miiraa maaltu isinitti dhaga’amee?

Amma waanti isiniti dhaga’amu kan duraa irraa addaa? Akkamitti? Fuula keessaan xuquuf kajeeltani ykn barbadani turtanii? Irra of ittisuu dandeessanirtuu? Akkamitti?

Baayyeen keessaan osoo fuula keessaan hin xuqin sakondii 60 geessanirtu.Kun hojii gaariidha. Guyyaan guyyaan yeroo fuula keessaan xuqtan gochaa kana shaakala/yaadadha. Tooftaaleen biro ittin hanga fuula keenya xuxxuquun gad xiqqeessuu dandeenyuu maal fa’ii?

o Harka keessaan yeroo mara hojii akka hojjatau gochuun yeroo lafa ta’au dhorka. Kubbaa teenis ol darbachuu taphachuu ykn pilastikaa wayis ta’uu funyoo wayii mundhii keessaniti hidhuun isaan taphachaa harka keessaan hojii qabsiisa.

Page 39: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

38

o Bu’aa fuula xuquun qabu sirriiti hubadha. Yoo akka tasa fuula keessaa xuqtan ofii keessaan adaba. Fakeenyaaf push up shan bu’uu, ta’ani ka;uun sochii qaama hojjachun akka fuula hin xuqne of godha. Introduce a consequence.

o Nama isin gargaruu ykn hiriyaa dhimmi kana irraatti si deeggaru qabadhu. Namni sun jechaan walitti himuu yoo isiniti toluu baatee mallattoon/koodiin/ fayyadamuu dandeessi.

o Fuula keessaan yeroo xuqxan ofiitti aaruu hin qabdan.Ofiiti aaruun rakkoo qaba. Fuula keessaan xuquun kun barbaachisadha moo miti jechuun addaan baafachuutu gaariidha.

4 | Erga/qabxiilee ijoo armaan gadii akka hubatan godhi

• Tattamsa’inaa Weerara koronaa ittisuf baay’ina fuula keenya xuxxuqnu hir’isun baayyee gaariif waan jajjabeffamuudha.

• Fuula ofii harkaan xuquu dhiisuun rakkisadha. Garuu garaagarummaa dheerina yeroo ittin xuxxuqnu walirraa fageesuu, kan duraan daqiiqaa ture gara sa’aatiitti ol guddisuuf yoo danda’ame kana olittis guddisun gaariidha.

• Yeroo hundaa haala hargansuu keenyaa hordofuun gaariidha. Hargansuu gad fagootti fayyadamuun akka sammuun keenya tasgabbiif nageenya godhatu guyyaa guyyaan hargansuu gad fagoo fayyadamuun ni jajjabeffama.

Goolaba/Xumura |Daqiiqaa 5

1 | Marii Waa’ee Miireffadhu- Yaadii-Rawwadhu Miireffadhu: Shaakaliin hardhaa hojjateen maaltuu sitti dhaga’amee? Yaadadhu: Waan hardha hojjannee kanan waanti yaadee ykn gaaffii sitti ta’ee maalii?

Rawwaadhu: Waan hardha baratee ykn shaakalte akkamitti itti fayyadamuuf yaadaa?

2 | Sochii xiqqoo ykn hojii manaa Hiriyoota kee tooftaa dhiqadhu-dhiqadhuu- Raasi jedhu barsiisi. Mana keessanitti Daqiiqaa tokko injiffachuuf tapha jedhu shaakalaa.

Page 40: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

39

Tooftaa ittin fuula keenya xuquu gad xiqqeesinu namoota birootif qoodi ykn barsiisuun gaariidha.

3| Gareen Miira gammachuu ibsachuu Garee ta’uun xumuruu keessanif gammachuu keessaan ibsadha/Gammadaa!

Page 41: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

40

Maddoota odeeffannoo dabalataa! Odeeffannoo dabalataa waa’ee Koronaa Vaayirasii argachuuf maddoota armaan gadii kanneen fayyadamuu dandeessu.Hirmaatootaf fuula kana printi gochuu kennif ykn immoo karaa ittin salphaati argachuu danda’anif qoodif.Yeroo hundaa odeeffannoo waa’ee COVID-19 maddota dhugaa ta’an irraa barbaduun yeroon yeroon beekumsa gama kana qabdu guddifachaa deemuun waan dansadha.Maddota odeeffannoo kenneen akka dhaabillee fayyaa naannoo keessani,Dhabbata Fayyaa Addunyaafi CDC,akkasummas UNAIDS irra drban hordofuun gaariidha.

Odeeffannoo waa’ee COVID-19 sirrii argachuuf toora intarneetii armaan gadii fayyadama.

CDC COVID-19 Fact sheet https://www.cdc.gov/coronavirus/2019-ncov/downloads/2019-ncov-

factsheet.pdf

UNAIDS resource on HIV and COVID-19 https://saafrica.org/new/wp-content/uploads/2020/03/hivand

covid19_infographic_A3_en.pdf WHO resource on coping with Stress

https://www.who.int/docs/defaultsource/coronaviruse/coping-with-stress.pdf?sfvrsn=9845bc3a_8

Page 42: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

41

Dhibeen Vaayirasii Koronaa (COVID-19) maalii? Vaayirasiin Koronaa (COVID-19) dhibee sirna Hargansuu nama irra gara namaatti darbudha.Vaayiraasin kun bifa haaraan kan argameef akka weerarratti ka’uun isaa kan barame biyyaa Chaayinaa magaalaa Wuhan keessaatti jalqabe. Namoota Biyyaa Ameerika keessa jiraatan Dhibeen Vaayiraasii Koronaa (COVID-19) qabuu danda’aa?. Eeyyee. Vaayiraasin Koronaa biyyaa Ameerikaa kaabaa keessaatti tattamsa’aa jira. Carraa qabamuu namoota vaayirasiin qabamee waliin qabanitti dhiyeenya qaba kanneen akka hojjatootaa dhaabbilee fayyaaf namoota mana tokko keessa waliin jiraatan irraatti cima/ol ka’aadha.Namootni biro carraan vaayirasii kanan qabamu olaanaa qaban kanneen naannoo dhibeen kun itti tattamsa’aa jiru jirataniidha.Bakkeewwaan amma Vaayirasiin kun itti babbal’achaa jiru baruuf toora intarneetii armaan gadii fayyadamuu dandeessu. https://www.cdc.gov/coronavirus/2019 ncov/about/ transmission.html#geographic.

Vaayirasiin Koronaa (COVID-19) Biyya Ameerikaa Kaabaa keessatti mudhaatee jiraa? Eeyyee. Biyyaa Ameerikaa Kaabaa keessaatti namni jalqaba dhibee kanan qabame kan muldhate Amajjii 21, 2020 ture. Yeroo amma haala dhibeen USA keessati irra jiru baruuf toora intarneetii CDC armaan gadii irra argatu. https://www.cdc.gov/coronavirus/2019-ncov/cases-in-us.html. Vaayirasiin Koronaa (COVID-19 akkamitti daddarbaa? Vaayirasiin Koronaa kun bineensota irra dhufa jedhameeti yaadama. Yeroo amma kana garuu nama irraa gara

nammati daddarbaa jira. Vaayirasiin kun nama irraa namati daddarbuu walitti dhiyeenya meetira lama ta’en nama vaayirasii kanan qabameetti dhiyaachuuf yeroo namni vaayiraasii koronaa qabu axxiffatuuf qufa’uu dhagala’oo xixxiqqoo sirna hargansuu keessaa gara qillensaatti bahanin nama qaba. Kana malees waantoota namni vaayiraasii kana qabu Afaan, funyaan isaaf bakka Vaayirasin kun itti argamu qabatee itti fayyadamee ykn qabate yoo qabatani funyaan, afaanif ija keenya xuqne vaayiraasii kanan qabamauu dandeenya. Haa ta’uu malee inni lammataa kun karaa daddarbinaa isa beekmaaf guddaa miti. Kaaraalee ittin dhibeen kun nama irraatti namtti daddarbuun dabalataan barachuuf tooraa intarneetii armaan gadii fayyadama. https://www.cdc.gov/ coronavirus/2019-ncov/about/transmission.html. Mallatoolleen dhibee Vaayirasii Koronaan dhufuu maal fa’ii? Namni dhibee sirna hargansuu Vaayiraasii Koronaa (Covid-19 ) qabamef sadarkaa giddugallessaafi ulfaataan dhukkubsaata jiru mallatoolee armaan gadii agarsiisuu danda’a. • Ho’aa qaamaa

• Qufaafi • Hargansuu dadhabuu Rakkoo cimaan Vaayiraasin kun hordofsiisuu maalii? Dhukkubsatoota tokkko tokko irraati Nimooniyaan akka somba gama lameenu akka qabu taasisee qaamollee gurguddoon hojii akka dhaabaan gochuun hanga dhumaatti lubbuu dabarsuu danda’a. Akkamitti ofiirraa ittisuu dandeenyaa? Namni kamiyyuu dhibeewwaan sirna hargansuu ofiirraa ittisuuf jireenya keenya guyyaa guyyaa keessaatti wantoota ramaan gadii rawwachuun ofiirraa ittisuun ni danda’ama, • Namoota dhibee kanan qabamanitti dhiyaachuu dhiisuu ykn fageenya keenya eegachuu. • Osoo harka hin dhiqatin funyaan, afaanif ija keenya xuquu dhiisuu. •Guyyaa keessaatti dafnee dafnee harka keenyaa bishaanif saamunaan sakondii 20f dhiqachuu, yoo bishaanif saamuna dhabne harka keenya sanitazara qabiyyee alkoolii isaa 60% tahen harka keenya dafnee dafnee qulqullessu. Namni dhibee sirna Hargaansuun qabamee akka namoota birootti hin dabarsineef kanneen armaan gadii rawwachuu qaba. • Yeroo dhukkubeeti mana turuu ykn mana ooluu . Yeroo quffa’uufi axxiffatu sooftiin uwwisuun sooftii sana bakkee kuusaa kosiitti gatuu. • Wantoota itti fayyadamneef harkaan qabanne dafnee dafnee anti-jirmiin disifekti gochuu./Qulqulleessu. Bakka weerarri Vaayirasii Koronaa jiru nani deemee maal gochuu qabaa? Namni naannoo dhibeen kun itti tattamsa’aa jiru yoo deemee torbee lammaf akka olif gadi hin deemnee ykn hin sochoonee dhorkamu mala. Yeroo torbee lamaan sana keessatti mallatoolee akka qufa’uu, ho’inaa qaamaafi rakkoo hargansuu yoo agarsiisee mana yaalaa deemuu qaba. Osoo mana yaalaa hin deemin dura dhaabata fayyaa isati dhiyoo jiru bilbiluun eessa deemee akka tureef mallatoo amma agarsiisa jiru ibsuun gorsa isaani argachuu qaba.yeroo dhukkubin akkana itti dhaga’amu namoota biro waliin walitti dhufeenya dhiisuu qaba. Bakka bakkati socho’unis vaayiraasi kana tamsaasuu waan ta’eef osoo bakka adda bahe ture gaariidha. Dhibeen Kun Talaallii qabaa? Hanga yeroo ammati dhibeen kun talallii omaa hin qabu. Karaan ittin ofiirra ittisa nama dhibee kana qabuuti dhiyaachuu dhiisuuf dafnee dafnee harka keenya dhiqachuu qofa. Yaalahoo qabaayyii? Qorichii COVID-19 fayyisuuf adda bahe hin jiru. Garuu dhukkubi itti dhaga’amu kan xiqqeessuu kan ogeessaa fayyaa kennamuf qofatu jira. Mallatoolee muldhate akka itti hin cimneef deeggarsa yaala argachuu ni danda’u.

Waa’ee dhibee Vaayirasii Koronaa 2019 (COVID-19) waan beekuu qabdu

__________________

1 Barreeffamni kuni maxxansa jalqabaa/orijinaala giddu gala to'annoo dhukkubaa (CDC) afaan Ingilifaan baase irraa bilisaan gara Afaan Oromottii

hiikame

Page 43: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

42

Namoonni HVI waliin jiraatan waa’ee Vaayirasii koronaa (COVID-19) waan beekuu barbadan COVID-19 is a serious disease and all people living with HIV should take all recommended preventive measures to minimize exposure to, and prevent infection by, the virus that causes COVID-19. Vaayirasiin Koronaa (COVID-19) dhibee hamaa waan ta’eef namoonni HIV waliin jiraatan tooftaalee dhibee kana ittin ofiirraa ittisuu qaban hundaa rawwachuun cimsani of eegachuun vaayirasii hamaa irra of baraaruu qabu. Sirriiri jala srararmee hubatamuu kan qabu yeroo amma ragaan cimaan kan namooni HIV waliin jiraatan Vaayiraasii koronaa kanan qabamuun isaani waanti ibsuu jiraachuu baatuus yoo qabamaan garuu ulfaata ta’uun isaa waan dagatamuu hin qabnedha.

Kana jechuun naootni HIV waliin jiraatan of eegannoo laafisuu ykn xiqqeessuu osoo taanee inumayyuu eenyummaa caalaa of eegannoo gochuu akka hin qabamne of baraaruu akka qaban cimsee hubachiisufi. Akkuma ummata waliigalaa keessaatti namoota umriin dheeraa qaban irraatti hamatuu namootaa HIV waliin jiraatanis rakkoowwaan biro kanneen akka rakkoo onnee, sombaafi kanneen biro yoo qabatan Vaayiraasiin kanan yoo qabaman mallattoowwaan hamaa agarsiisuun balaa biraaf isaan saaxiluu danda’a. Akkuma Vaayiraasiin Koronaa (COVID-19) Addunyaa irra babal’achaa itti fufuu qorannnoowwaan adda addaa akkata ittin namoonni HIV waliin jiraatan dandeetii ittisa qaama isaaniifi ummaamni qaamaa isaani akkataa dhibee kanaaf hin saaxilamnee gochuun vaayirasii haaraa kana to’achuu ykn mo’chuun akka danda’an mija’uun waan hafuu miti.

Namoonni HIV waliin jiraatanif namootni hawaasaa keessaa caalaatti Vaayiraasii

Koronaaf Saaxilamoo tahan ofeegannoowwaan gochuu aban. Fayyaa Isaanii Eegachuuf • Harka isaanii dafani dafanii bishaanif saamunaan sakondii 40-60tti ykn Sanitazaraa harka qulleessuu kan alkoolii 60% qabuun sakondii 20-30tti dhiqachuu ykn qulqulleeffachuu. •Yeroo quffannufi axxifannu sooftiin afaanif funyaa isaan akka uwwisanif sooftii al tokko fayyadaman immo bakka kuusaa xurawwatti ogasumma gatuu.

• Nama ho’ina qaamaa ykn qufaa qabutti dhiyaachuu dhiisuu. • Yoo miiri dhukkubii itti dhaga’ameef mana bahuu dhiisuu ykn mana oluu. •Yoo ho’inni qaama cimaafi qufaan akkasummas afuuraa bafachuun ykn hargansuun rakkisuu jalqabeef, bakka namoonni Vaayirasii koronaan qabaman deemaan deemuun gabaasa dhiyeessuun deeggarsaa fayyaa argachuun barbachiisadha. Osoo gara bakka yaala vaayirasii kana hin deemin garuu bilbiluun seena imala qabanif mallatollee qaama isaani irraatti muldhachaa jiru ibsuufi qabu. .Namni dhukkubsatee immoo maaskii ogeessaa fayyaan ajajame kawwachuun mana turuun ykn mana olu

Odeeffannoo qabachuu •Waa’ee Vaayirasii Koronaa yeroo hunda hordofuu beekuun gaariidha. Maddoota amanamoo kanneen akka Dhaabbata fayyaa Addunyaa toora intarneetii

armaan gadii hordofuun baayyee gaariidha.

https://www.who.int/emergencies/diseases/ novel-coronavirus-2019

Of Qopheessuu •Qorichoorta adda adda kan fudhatamuu dursanii yoo xiqqatee kan guyyaa 30 manaa qabachuu qabu. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qajeelfama kennuuti qorichi HIV fudhatamu akka deddeebin xiqqatuf hanga ji’a sadiif kan gahu kennuun akka danda’amu kan ibsuu yoo ta’elleen qajeelfamni kun garuu biyyoota hunda keessaatti hojiira hin ole. • Yoo gorsa barbadanitti akkata ittin gorsa ogeessa fayyaa isaanii argachuu danda’an beekuun ni gorfama. • Yaala fayyaa haala qabatamaan naannoo isaanitti jiruun akka argatanif eessaa akka argatan beekuu qabu.Yaalaan fayyaa kuunneen kanneen HIV kennamuuf dhibeewwaan wal qabatu kanneen akkaa dhukkuba sombaa(Tiyubar kilosis)yoo kan qoricha fudhataa jiru ta’eefi kanneen biro ta’uu danda’a. •Ummata keessaa warreen xiyyeeffannoo addaa barbadan: Namoota qorciha dhibeewwaan biro fudhatan,hojjatoota saal-qunnamtii,namoota saal-qunnmatii namoota xuxxuxqqi qaban waliin rawwatan,naoota qoricha sammuu adoochuu fayyadaman, namoota mana amala sirreessaa jiranif kanneen biro karaalee ittin HIV nama irraa namati darbuu kanneen akka lilmoo dhuunfaa fayyadamuu, kondomiin baayinaan bakkeewwaan akkanati akka argamu gocuu,hanga danda’ameeti haalota saaxiluu danda’an xiqqeessuun baayyee barbachiisadha. Haaluma wal fakkatun dhiyeessii qoricotta da’umsa ittisanif kanneen hormone ulfi akka hin umaamne godhu dhiyeessunis waan itti yaadamuu qabuudha. • Biyyotni hundinu seera yeroo dheeraf qoricha ajajame kennuu hin heyyamne.Ogeessaa fayyaa deegarsaa kennaa tureen waliira fagaachuun hin barbachisu. Yeroo yerootti bilbilan wal qunnamun gaariidha.Hawaasa keessa jiran keessatti namooni qoricha yeroo dheera fudhatan karaa ittin deegarsa argachuu danda’an hundaati yaaduun waliin mari’achuun hunda dura qorichi hordofaa jiru akka calaa hin dhabbanee cimsee itti yaaduu qaba.

• Hawaasa keessaa jiru keessaati namoota walitti dhufeenya qabnu, maatii keenyaafi hiriyoota keenyaa waliin fageenyaa keenyaa eegachaa haala ittin namoota deeggarsa barbadan deegaruu danda’amu irraatti waliin

mariachuu qabna. Kana malees filannoo biro jiran karaa ittin qorichi addaan hin citne namoota qoricha barbadanif kennamu irraatti marii gochuun haala rakkisa amma mudate kana irraatti tumsa godhamu qabu akka godhamuf waan gochuu qabnu hunda gochuun wal tumsuu qabna. •Namni ofiif qoricha barbadu argate warreen kaan karaa itti gargaruuf dhiyeessin qorichaa akka jiraatuf wal deeggaruu baayyee gaariidha. • Akkata ittin yeroo haalli rakkisaan mudate namoota ollaafi fira keenya ittin argachuu dandeenyyuf yeroo nu dhukkubeti manuma keenya teeny bilbilan argachuu dandeenyu addaan baafachuun baayyee gaaridha. oo karaa midiyaalees akka mana turtanif kallatin kennames addaan baafachuun akkata ittin odeeffannoo argannuf namootan karaa miidiyaalee hawaasas ta’u bilbilaanis ta’uu qabachuun ykn mirknanneffachuun waan wal nama hin gaafachifnedha.

ofii keetif namoota naannoo kee jiran gargaari. • Weerarrii Vaayiraasii Koronaa kun soda guddaa uumee namootni ofii isaanif namoota isaani ykn jaalalleef aantee isaanii gargaruuf olfchuun olif gad jechuun isaani waan hin hafnedha.namootni HIV waliin jiraatan immoo muuxannoo isaanii waggoota kudhanif oliif qabanif fayyadamaun hawaasa isaanif firaaf aantee isaani balaa kana jala dabarsuuf itti dhimmi bahu.

Yeroo rakkisaaf ulfaata kanati wantoota armaan gadiif xiyyeeffanoo guddaa kennuunn nageenya sammuu keenyaa eegachuu qabna.

Ø Yeroo dheeraaf odeeffannoo midiyaa hordofuun of dhiphisuun dhiisuu.Maddoota odeeffannoo amanamoo qofa hordofuuf odeeffannoo achii kennamu dubbisun gahadha.

Ø Qaama keenyaaf eegannoo gochuu qabna.Hargansuu gad fagoo harganuu ykn qilleensa dheera fudhachuuf baafachuu,Hanga danda’ameeti nyata madaalamaa nyaachuu,hirribaa gahaa rafuufi alkolii dhuguu dhiisuu.

Ø Yeroo miiri gaariin namati hin dhaga’amneeti boqonaa fudhachuu,waan dawwachaa jiruuf dubbisaa jiru yoo jiraatee dhiifnee boqonnaa fudhachuu,waa’ee weerara Vaayiraasii koronaa kanas ammas ammas oduu sodaachisaaf yaadoo uumuu irraa of qulqulleessuun baayyee gaariidha. Yeroo akkana dafnee waan jaalannu hojjachuun gara miira keenya isa sirriiti of deebisuu qabna.

• Hiriyoota, maatiif namoota sitti dhiyoo jiraan jechuun bilbilan argachuu dandeessuun waan sitti dhaga’amuu ibsuun miira kee qoodiif..

Mirga ofii beekuuf namoota biro irratti loogii gochuu dhiisuu. •Loogiifi addaa nama baasuun Vaayirasiin Koronaa akka babal’atu taasisa. Yeroon kun yeroo warreen vaayirasii kanan qabaman loogiin sanyummaaf ofiirraa fageessun itti akka dhaga’amu gochuu danda’u waan ta’eef of eeganoo gochuun gaariidha.

Bakka hojii keenyaatti carraa waan fayyaa keenya hin mine addaan baafachuu,carraan barnotaa naannoo ati ykn maatiin kee jiraatu jirachuf ijolleen kee yoo maatii qabatef abbak itti baratan akka argatanif yaaduun, ykn immoo haala ittin fageenya keena eegannee jireenya itti fufnu ofii keenyyaf hawaasni keenya

akka qophii qabu addaan baafachuu qabna.

Yaala Vaayiraasii Koronaa (COVID-19) •Yaalli Vaayirasii Koronaa (COVID-19)yeroo amma kana yaalii adda adda bakka itti gaggeffamaa jiru waan ta’eef qorichi HIV kennama jiru dhukkubsatoota Vaayiraasii koronaa akka gargaruu

danda’u muldhataa jira.Kana malees qorichoonni biro yaallif kennama jira. Hanga yaaliin kunneen xumuramuutti qorichi HVI (antiretroviral) kennamus ta’ee kanneen biro hanga gaafa qorannoon mirkan’uuti yaala qaba jechuun hin danda’amu.

Page 44: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

Yeroo Weerara Vaayirasii Koronaa (COVID-19)dhiphina ofirraa ittisu.

1

1 Barreeffamni kuni maxxansa jalqabaa/orijinaala dhaabbatni fayyaa addunyaa (WHO) afaan Ingilifaan baase irraa bilisaan gara Afaan Oromottii hiikame.

Yeroo akkaanaa kanati miiri gadduu, sodaachuufi dhiphachuu, dalaga namati galuu, aaruufi ofitti gammaduu dhabuun nama mudachuun waanuma jirudha. Yeroo haalli akkana mudatee hiriyootaf maatii keenyaa nama itti dhiyaanutti waan nuti dhaga’amuuti mari’achuun baayyee gaariidha.

Yoo mana turuun ykn mana oluun dirqama sitti ta’eef haala fayyaa keetiif toluun nyaata madaalamaa nyaachuu,hirriba gahaa rafuu,sochii qaama ykn Ispoortii hojjachuufi namoota jaalanuf maatii keenyaa bilbilaan haasawu wal quba qabachuun ni jajjabeffamu.

Tamboo xuxuun, dhugaati dhuguun akka waan miira kana nurra ittisuun nuti fakkatee rakkoo biraaf nu saaxilaa. Miirri dhiphinaa kun yoo kan nurra hin dhabbane ta’eef ogeessaa fayyaa ykn ogeessa xin-sammuu waliin mari’achuu qabna.

Dhugaa waa’ee keef waan si mudatee barbadadhu. Odeeffannoo akkataa ittin rakkoo si mudatee furtuuf irra aantuu maddoota odeeffannoo sirrii irraa waliitti qabi ykn barbadi dubbisi.Namoota dhimma kana irraatti deeggarsa yaalas ta’ee deeggarsa biroo sif gochuu danda’an qunnami/argadhu waan si mudatef fala akka kaa’uuf si deeggaran gaafachuuf haala mijeeffachuu qabda.

Yeroo midiyaa hordofnuu maatii keenyaa waliin dangeessuun dhiphnaaf soda maatii keessaatti umamu malu hambisuun jireenya yaadoo irraa bilisa ta’ee jiraachuu qabna.

Muuxannoo kee kan duraa yeroo jireenya keessatti dhiphini ykn rakkinni wal fakkatu si mudatee itti jala darbitee yaadachuun haala qabatamaa weerara Vaayiraasin kanan itti darbuu dandeessuutti mijeesuun dandeetif kutannoo keeti gargaramuun yeroo ulfaata kana injiffannoon darbuuf qabsoo godhamu qabu mara gochuu gaafata.

Page 45: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

44

Ergaa gabaabaa bilbilaafi Watis api (Whatsup) irra ergaman

Akka hoogannati harka kee dhiqadhu!Harka kee sakondii 20f bishaanif saamunaan sirriitti sukkumuun dhiqadhu.Sakondii 20 lakka’uf akka sitti toluutti faaruu “happy birth day” yeroo lama hanga farfartuutti dhiqachuu qabda. Fooxaa qulqulluun ykn harka keenya qillensa keessatti raasuun harka kee qorfadhu.

AAAaaxxishoo!! Yeroo axxiffatuuf quffatu ciqileetti axxiffachuun ykn quffa’un akka jaroonni qillensa keessa hin facane godhi.Yeroo ciqileeti axxifatuu suuraa of kaasi. Suura kees hiriyoota keef erguun faayidaan akkanati axxiffachuu maal akka ta’e ibsiif.

Ergawwaan gagababoo hirmaatootaf ergaman akka fakeenyaati kanneen armaan gadi ilaalaa! Erga gababaa bifa salphaa ta’een erga dabarsuu danda’an qopheessuun kanneen odeeffannoo dhugaa ta’anif waan gochuu qaban ykn gochuu hin qabne hirmattoota garee keetif erguu qabda.

Page 46: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

45

Sodaachuuf dhiphachuun yeroo akkanaa waanuma jiru! Waan gochuu dandeessuu qofa irraatti xiyyeffadhu.Mana turuu ykn mana oluuu, harka keenya dafnee dafnee bishaanif saamunaan dhiqachuufi karaa erga gabaabaafi bilbillan hiriyoota waliin haasawuun kophummaan akka sitti hin dhaga’amne of taasisi!

Namni tokko giddugaleessa sa’aatii tokko keessaati si’a 23 fuula isaa akka xuxxuqu beektaa? Kun yeroo baay’eedha.Harka keenya osoo hin dhiqatin fuula keenya xuxxuqun carraan Vaayirasii koronaan qabamu keenya akka dabalu godha.Daqiiqaa tokkof fuula kee osoo xuqin turuuf yaali.Itti aansuun sa’aatii tokkof osoo fuula kee hin xuqin turi.

Yeroo shan afuura dheeraa ykn hargansuu gad fagoo fudhu.Akka yaada walitti qabanuf tasgabbofnuf nu fayyada.

rawwachuu hin dadhabnu! Qajeelfama mootummaan dabarsuu haa hordofnu, Fageenya keenya eegannee haa sochonu,harka keenya guyyaatti yeroo baayyee haa dhiqannu,wal haa gargaru!

Beekumsi humna! Waa’ee Koronaa Vaayirasii dabalatan baruuf erga nagaa! Jettu lakkofsa bilbila Dhaabbata Fayyaa Addunyaa +41798931892ti ergi.

Page 47: SIRNA BARNOOTAA GIRAS RUUT SOKAARII (A GRASSROOT SOCCER CURRICULUM) GIRAS … · 2020. 11. 10. · giras ruut sokaari • sirna barnootaa ykn barnoota akkataa hawaasni ittin tattamsa’ina

46