50
MINISTEERA QONNAA ITIYOOPHIYAA BIIROO QONNA OROMIYAA KOMISHINII MISOOMA NANNOO HORSIISE BULAA OROMIYAA BIIROO MISOOMA BAADIYYAA MIDHAANII FI HORII SOMAALEE MOOTUMMAA DIMORATAAWAA REPPABLIKA FEDERAALAWAA ITIYOOPHIYAA KEESSATTI PROJEKTII RURAL RESILIENCE ENHANCEMENT MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN NAANNOO HORSIISE BULAA AMAJJII 2007 DHAABBATA WALGARGAARSA IDILA ADDUNYAA JAAPPAAN (JICA) DHAABBATA GORSAA SAANIYUUTIIN KAN QOPHAAYE (SCI) RD JR 15-013

MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

  • Upload
    others

  • View
    0

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

MINISTEERA QONNAA ITIYOOPHIYAA BIIROO QONNA OROMIYAA KOMISHINII MISOOMA NANNOO HORSIISE BULAA OROMIYAA BIIROO MISOOMA BAADIYYAA MIDHAANII FI HORII SOMAALEE

MOOTUMMAA DIMORATAAWAA REPPABLIKA FEDERAALAWAA ITIYOOPHIYAA KEESSATTI PROJEKTII RURAL RESILIENCE

ENHANCEMENT

MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN NAANNOO HORSIISE BULAA

AMAJJII 2007

DHAABBATA WALGARGAARSA IDILA ADDUNYAA JAAPPAAN (JICA) DHAABBATA GORSAA SAANIYUUTIIN KAN QOPHAAYE (SCI) RD

JR 15-013

Page 2: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen
Page 3: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

SEENSA

Qajeelchi haala adeemsaa kun qaama bu’aa hujiilee pirojektii “Rural Resilience Enhancement” kan Rippaablika Federaalawaa Dimokraatawaa Federaala Itoophiyaa keessatti hojjataa tureeti. Pirojektichi kan jalqabe akka lakkoofsa Awurooppaatti ji’a Eblaa bara 2012 yo ta’u turtii waggaa 3 kan qabuu fi walta’umsa qaamolee dhimmii ilaalu kan akka Ministeera Qonnaa, Biiroo Qonna Oromiyaa,Komshinii Misoomaa Horsiisee Bulaa Naannoo Oromiyaa fi Biiroo Qonnaa, Beelladaa fi Misooma Baaddiyaa Naannoo Soomaliitiin kan gaggeeffamaa tureedha. Projektichi hojiilee yaalii adda addaatiin ummata baaddiyaa fi naannoolee hanqinna roobaatiin miidhamoo ta’anitti argaman kan akka kibba Naannoo Oromiyaatii fi Naannoo Soomalii dandammii isaanii fooyyessuuf kan kaayyeffateeddha.

1) Qajeelcha Adeemsa Pirojektii Jiddu-gala Ummataa Godina Booranaa keessaa Borena (kutaa kana) 2) Qajeelch Adeemsa Qonna Jallisii naannoo Godee

Qajeelchi adeemsa kun kutaalee 2 of keessaa qaba; isaani kataa I fi kataa II. Kutaan I gabaabinnaan haallan barbaachisoo argama Godina Booranaafi madda jiruuf jireenna ummataa dubbistootaan kan wal barsiisu yo ta’u kutaan II kan ibsu teeknoolojii muuxannoo projektichaa irratti hundaa’uudhaan raawwii pirojektii yaalii dabalatee haala qabatamaa hawaasa horsiisee bualaa fi gariin horsiisee godina Booranaa keessatti kan barchiisan hubachuuf.

Pirojektichi yeroo hujiilee yaalii gaggeesaa turetti, qorannoon adda addaalleen pirojektiiwwan jiddu-gala ummataa yokaan “Community Based Projects” (CBPs) irratti kan gaggeeffame marraafi oomisha sanyii marraa, fooyyessa qonna gammoojjii, ijaarsa moonaa gabaa horii sadarkaa 2ffaa fi hubannoo isaan irraa argma qajeelcha kana keessatti kaa’amee jira. Irra caalaan ugummaawwan qajeelcha kana keessatti ibsamanii dhiyeessii muraasa irratti kan hundaa’an, itti fufiinsa kan qabanii fi geeggarsa alaa irratti kan hin hundoomneedha. Yaadi qajeelcha kana keessa jiru akka haala walii galaa ilaamuu qabaachuu baatullee, meeshaa hujii irra oolmaa hojiilee misoomaa wal fakkaataniif ta’ee tajaajiluudha.

Dubbiftoota qajeelcha kanaa kan ta’uu danada’an, adda-durummaan raawwattotaa hojii mootummaa kan akka hojjattoota misoomaa (DAs), ogeeyyii waajjira horsiisee bulaa (PDOs) yokaan immoo dhaabbilee hojiilee misoomaa ummata baaddiyaa keessatti sadarkaa gadiitti hojjatan. Dubbistooti qajeelcha kanaa haala gara garaa keessatti itti fayyadamu jennee eegana, kan qofa adoo hin ta’in akeekawwan barreeffamicha keessatti kaa’aman hujiitti ni jijjiiru. Hanga ammaatti muuxannoo pirojektii yaalii irra yaadi walii gala ga’aan waan argamee jiruuf ibsi bal’aafi akkaataan yaadonni itti hujiitti hiikaman kaa’amee jira. Haa ta’uu malee muuxannoon qabatamaan madda jalqaba barreeffama kanaa kan haala adda addaa keessatti ibsamu jennee amanna.

JAPAN INTERNATIONAL COOPERATION AGENCY (JICA)

Page 4: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen
Page 5: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

PART I HAALA ARGAMA GODIN A BOORANAA

1. TEESSUMA LAFAA ............................................................................................................................................................................ I-1 2. ODEEFFANNOO BAAYYINNA UMMATAA ................................................................................................................................... I-1 3. QILLEENSA NAANNOO .................................................................................................................................................................... I-2 4. HAALA JIRUUFI JIREENNA UMMATAA ...................................................................................................................................... I-3 5. FAYYADAMA QAJEELCHICHAA ................................................................................................................................................... I-8

PART II MAANU’AALII TEEKINIKAA

1. KOMPOONENTII LAFA DHEEDUMSAA KUNUUNSUU ........................................................................................................... II-1 2. KOMPONENTII QONNAA ............................................................................................................................................................... II-2

Page 6: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen
Page 7: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-1

KUTAA I: HAALA ARGAMA GODIN A BOORANAA

1. TEESSUMA LAFAA

Godini Booranaa kan argamu digriii 3, minutii 26, digrii 6, minutii 32, Kaabaa fi gadee (latitude) digrii 36, minitii 43, digrii 40, minutii 46, Baha olee (longitude) yo ta’u magaali guddoon isaalleen Yaaballoodha. Kan bakki itti argamee isii kibba Naannoo Oromiyaati. Akkuam fakkii lakkoofsa 1 irratti agarsiifametti, godinich aanaalee 13 kan of keessaa qabu yo ta’u daangaa isaa Kibbaan Keenyaa, Kaaba Lixaatiin Naannoo Ummattoota Kibbaa, Kaaba Bahaatiin godina Gujii fi Kibba Bahaatiin Naannoot Soomaliitiin daangeffamee argama.

Akka kutaa bulchiinsa godinaatti bal’inna lafaa 45, 435 (CSA, 2011), timaamatti gara naannoo sq km 200 ta’u qabdi. Irra caalaan lafa godina Booranaa meetira 1,500 qixxee galaanaatii gaditti kan argamti, keessattuu gama Bahaa Naannoo Soomalii daangessuu fi gama Kibbaa Keenyaa daangessu. Godinichi qilleensa gommoojjiifi badda-daree kan qabuudha. Lafa godinichaa keessaa lafti dheedumsaa sq km 18,712 (41%) yo taatu, lafti tusee fi mukkeen qabamte sq km 15,510 (34%) akkasumas lafti qonnaa sq km 3,421 (8%) yokaan hektaara 342,040 taati.

Akkuma fakkii lakkoofsa 1 agarsiifsiifametti, godini Booranaa jijjiirama dirra lafaa guddaa hin qabu. Irra caalaan lafa godina Booranaa lafa gad bu’aa qilleensa hoo’aa (gammoojjii) fi baddaa daree qabdi. Laftii balloon tunin, Kibba-Lixaa fi Baha godina kanaatti kan argamtu yo taatu kutaalee Mooyyale, Dirree, Areeroo fi Yaaballoo ofi keessaa qabdi. Kutaaleen qilleensa qabbanaawaa fi lafa ol-ka’aa (meetira 1,500 qixxee galaanaatii oli) kan argaman kutaalee kaaba jidduu-galaa fi kutaa kibbaa godinichaa aanaalee akka Abbaayaa, Bulee Horaa, Yaaballoo fi Dirree gara tokkee isaanii qofa ufi keessatti hammata. Laftii dirraa ol ka’aan naannoo Yaaballoo-Meeggaa kan haga meetira 200 ol ka’anii fi naannoo Bulee-Horaatti ammoo olka’inna meetira 2500 kan qabani lafa olka’aa beekkamoo naannoo Booranaa keessaa isaan angafa.

Irra caalaan lafa Booranaa, lafa dheedumsaa yo ta’u akkuma armaan olitti ibsametti haga sq. km 18,712 (41%) lafa waliigala godina Booranaa taati. Laftii dheedumsaa kunniin harka caalaan kan ofi keessaa qabani marga savaanaa naannoo tiroppikaalii lafa marraa banamaa fi mukkeen gugurdoon kan uwwifamaniidha. Deddeebi’a oolaa (ongee) fi ariitiin dabaliinsa baayyinna ummataatiin kan ka’e, qabeennii lafa dheedumsaa dhumachaa waan jiruuf baayyinna oriitiin walsimuu hindandeenne.

2. ODEEFFANNOO BAAYYINNA UMMATAA

Itoophiyaa keessatti hennii lakkoofsa baayyinnaa ummmataa kan dhumaa

Fakkii lakk 1. Kaartaa Bulchiinsaa fi Haala jiruuf jireenna ummata Booranaa

TelteleArero

Dire

Yabelo

Dillo

Dehas

MoyaleMiyo

Abaya

Gelana

Bule Hora

Dugda DawaMelka Soda

240000 330000 420000 510000 600000

3950

0047

0000

5450

0062

0000

6950

00

Source:GIS data UN-OCHA ,March 2012& Ministry of Agriculture,1998

0 30 60 90 12015 KM

·

LEGEND

Agroecology Type

Arid

Humid

Moist

Semi Arid

Semi Humid

Sub Moist

Water Body

Region & International Boundary

Wereda Boundary

Page 8: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-2

sadarkaa biyyoolessaatti kan ggeggeeffame bara 2007 keessa ture. Akkaataa henna lakkoofsa ummataa kanaatti; baayyina ummata jiraattota godina Booranaa, akka bara 2007 tti 962,489 yo ta’u guutuu Oromiyaa kan hennii baayyinna ummataa 26,993,933 ta’e keessaa ammoo harka 3.6% qoodata jechaadha. Lafa godina Booranaa sq.km 45,435 ballattu keessaa, walitt gobbinnii (density) ummataa akka bara 2007tti sq.km tokko irra namoota 21 qofa yo ta’u, akka nannoo Oromiyaa (namoota 76 sq.km tokko irra) fi guutuu biyyattiilleen (namoota 65 sq.km tokko irra) walbira yoo qabamu baayyee gad bu’aa ta’ee argame.

Dabalataanis, baayyina ummataa sirriiti haala qulqullaawaa ta’een beekuu haa ulfaatuu malee, lakkoofsa henna ummataa bara 2007lleen alatti waajirii misooma maallaqaa fi diinagdee godina Booranaa wagguma waggaan baayyina lakkoofsa ummataa gabaasaa jira. Gabaasnii waajira kanaa; bara 2012tti baayyinnii ummataa 1,113538 yo ta’u kan bara 2007 irra haga 116% tti dabaluu isaa agarsiisa. Kanaafuu, baayyinnii dabaluu lakkoofsa ummataa waggoota darban shanani keessatti guddatee 3% dhaqqabee jira. Haala daballii kanaatiin (3%) waggoota 24ran dhufan keessatti baayyinnii lakkoofsa ummataa dachaan dabala jechuudha.

Fakkiin lakk 2: gabaabinnaan kan kaa’u, qoqqoodamiinsa saalaa fi umrii waggaa shani shaniitiin. Akkum asirratti garsiifame, danaa qoqqoodama kanaa jalaa gara gubbaatti aphachaa deemuun boca piraamidii uuma; hammuma umriin isaanii walirra xiqqaachaa deemuun baayyinnii isaanii dabala jecchuudha. Bocii piraamidii olitti

baayyee qallataan akkanaa kuni kan agarsiisu saffisaa reeshiyoo dabaliinsa baayyinna ummataa naannoo sanitt jiraachuu isaati. Akkuma armaan olitti tuqame baayyinnii saffisaan dabaluu ummata godina Booranaa 3% yo ta’u, reeshiyoon daa’immaan dhalatanii akka henna baayyinna lakkoofsa ummataa 200tti 5.95 waan ta’eef qoqqoodamiinsii piraamidii akkanaa uumamuu danda’e.

3. QILLEENSA NAANNOO

Qoodamnii qilleensa naannoo Booranaa fulaa gugurdoo lamatti yo qoodamu; isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen keessaa innii duraa, Abbaayaa, Galaana fi Bulee Horaa; kan lammeessoo ammoo aanaalee kudhannan gammoojjii kan hafaniin bakka bu’ama. Anaaleen jalqabaa kunniin aanaalee baddaa Itoophiyaa biraatiin haalii qilleensa isaanii yo walfakkaatu aanaaleen gammoojjii ammo qilleensa adda ta’e qabu. Akkuma beekkamutti, Itoophiyaa keessatti waqtiiwwan roobaa gugurdoon lama kan jirtu taatee, naannowwan baddaatti waqtiiwwan kan lamaan keessaa innii turee roobu isa duraa irra rooba xiqqaa yo qabu, haalii kun naannoo gammoojjii Booranaatiif garuu faallaa ta’a.

Naannowwan gammoojjii baayyinnaan oolaa (ongee) irra deddebi’ee mudatuun kan midhaamaniidha. Haala faca’iinsa roobaa naannoo gammoojjii yo ilaallu, 50% yeroo Gannaa (Waaqtii rooba dheeraa) kan ji’a Bittotteessaa hanga Caamsaa jiru yo ta’u, 30% Hagayya (waqtii rooba diqqaa) kan ji’a Onkololeessaa haga Sadaasaa ta’a. Waqtiin bonaa dheeraan jiha Muddee haga Gurraandhalaa ta’ee, waqtiin bona gababaa ji’a Waxabajjii haga Hagayyaati. Olii gadi bu’iinsii haala rooba naannoo haala argama lafa marraa akka jijijjiiramu taasisa. Rakkoo haala jijjiirama lafa marraa kanaan dhufu dandamachuuf, ummannii naannoo Booranaa marroo hedduu; godaansaa (fooraa) fi qubsuma (teessoo) walqabsiisetti finna horii qajeelfata.

Jidduu-galeessii rooba ji’aa fi odeeffannoon tempirecheraa fakkii lakk 3 irratti agarsiifamanii jirani. Odeeffannoon kunin dhaabbata Metrolojii biyyoolessaa irraa sassaabame; kunis; Yaaballoo, Teltellee, Mooyyalee fi Haageree Maariyami. Akka odeeffannoo kanaatti, Haageree Maariyaam qofattuu akka naannoo baddaatti fudhatama. Roobnii jidduu galeessaa kan waggaa mm 592 fi 984 jidduutti kan argamuu fi hammaa fi faffaca’iinsii isaa bakkaa bakkaatti adda

Fakkii lakk 2. Qoodama ummata godina BooranaaSource: Census 2007 (CSA)

100000 50000 0 50000 10000

0 - 45 - 9

10 - 1415-1920-2425-2930-3435-3940-4445-4950-5455-5960-6465-6970-7475-7980-8485-8990-94

95+

MaleFemale

Page 9: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-3

adda kan ta’eedha. Fakkiin lakk 3. Akkuma ibsutti, naannoo kanatti waqtiin rooba Gannaa isa kan Hagayyaa caalaa baayyee barbaachisaa ta’uu isaati. Haal jidduu-galaatiin rooba waggaa keessaa 51% kan jiru ji’oota sadeen gannaa kan Bittotteessaa haga Caamsaa keessa jiran.

Haalli qilleensa naannoo godina Booranaa qilleensa hoo’aafi qabbanaa’aa jidduutti kan jijjiiramuudha. Irra caalaan lafa godina Booranaa yokaan gari 56% walii galaa naannoo qilleensa hoo’aat gammoojjii yo ta'u, 31% badda-daree fi 13% baddaadha. Waqtiin hoo’a olaanaa ji’a Ammajii aga Bittotteessaa fi kan teepireechari gad aanaan immoo ji’a Waxabajjii aga Hagayyaati. Haa ta’uu malee garaagarummaan jijjiirama teempiraacharaa guddoon waggaatti godina Booranaa keessatti hin mullatu.

4. HAALA JIRUUFI JIREENNA UMMATAA

Waa’ee ummmataa fi haala jiruuf jireenna isaanii adoo hin hubatin, waa’ee dandammii isaanii fooyyessuu homaa dubbachuu hin dandeennu. Ummati akkamiin oolaa irraa dandammii isaanii akka fooyyeffatan dubbachuuf,

qaamoleen hujii ummataa hojjatan haala jiruuf jireenna ummataa kan akka kammiin akka ummati hawaasa baaddiyaa keessa jiraatuu, ummati akkamiin akka rakkoo oolaa falatuufi irraa bayyanatuu, akkamiin akka ummati hujiilee misoomaa hojjatuufi kkkf hubachuu qaban. Jiruuf jireenna isaanii hubachuun ariiroo jiruuf jireenna isaaniitiifi dandammii isanii jidduu jiru kan cimsu yokaan dadhabsu beekuuf nu gagaara. Haaluma kanaan dandammii isaanii fooyyessuuf tarkaanfiifi mala baachisaa murteessuu ni dandeenna.

Jiruuf jireenni ummata godina Booranaa kallattii dhaabbataan walqabataadha. Walumaa galatti, Itoophiyaa keessatti olka’insa lafaafi madaallii umamaaa jidduu ariiroo if ta’ettu jira. Akka walii galaatti dubbachuuf, naannoo lafa gad b’aa gammoojjii Itoophiyaa naannoo horsiisee bulaa yoo taatu naannoon lafa olka’aa baddaa naannoo qonnaati. Olka’insi lafaa jiruuf jireenna ummataaf murteessaa ta’uu baatullee haalli addaa ni jiraata. Fakkiin lakk 4 odeefannoo barbaachisoo kallattii adeemsaa godina Booranaa qoodata fudhattoota hujii ummataatiif ni kenna. Inni kun odeeffannoo seensa qorannoo waan ta’eef caalaatti hojjattoota misoomaafi ummata irraa hubachuufi mirkaneeffachuuttu isaan barchaachisa.

Jiruuf jireenna ummata godina Borana fooyyessuu keessatti, qooda fudhannaan sirrii ta’e akkaataa haala garaagarummaa isaaniitiin ta’uu qaba. Haaluma kanaa pirojektichi haala jiruuf jireebna godina Booranaa aga lafa gad bu’aa, jiddu-gala olka’aa fi olka’aatti ni agarsiisa. Walumaa galatti, ummati lafa gad bu’aa horsiisee bultoota yoo ta’u ummmati lafa jiddu-galeessaan olka’oogariin horsiisee bulaa fi qotee bultootaadha. Kanneen lafa olka’oo yokaan badda immoo qotee bultootaadha.

Godinicha keessatti ummata horsiisee bulaaBooranaatiin cinaatti, ummatooti qotee bultooti akka Konsoo, Gujiifi Burjii ni argamu. Ummati Gujii irra caalaan aanaalee Malkaa Sooddaa, Buleee Horaa fi Dugda Daawaa keessatti argamu. Isaan kun jalqa godina Gujii kaaba godina Booranaa irraa turani. Karaa biraatiin ummati Konsoo naannoo ummatoota kibbbaa irraa dhufan kaaba aanaa Taltallee ni argamu. Akkasumas gosoonni Shawaafi Burjii noonnoo gaarren Yaaballoo, Dirreefi Miyootti ni argamu. Ummati kun durumaanuu qonna qotaa kan turaniidha.

Fakkii lakk 3. Haala roobaa fi teempireechaa iddoowwwan 4 godina Booranaa ji’aan

0

5

10

15

20

25

30

0

50

100

150

200

250

Jan Feb Mar Apr May Jun Jul Aug Sep Oct Nov Dec

Tem

pera

ture

(℃

)

Rai

nfal

l (m

m)

Yabelo

0

5

10

15

20

25

30

0

50

100

150

200

250

Jan Feb Mar Apr May Jun Jul Aug Sep Oct Nov Dec

Tem

pera

ture

(℃

)

Rai

nfal

l (m

m)

Teltele

0

5

10

15

20

25

30

0

50

100

150

200

250

Jan Feb Mar Apr May Jun Jul Aug Sep Oct Nov Dec

Tem

pera

ture

(℃

)

Rai

nfal

l (m

m)

Moyale

0

5

10

15

20

25

30

0

50

100

150

200

250

Jan Feb Mar Apr May Jun Jul Aug Sep Oct Nov Dec

Tem

pera

ture

(℃

)

Rai

nfal

l (m

m)

Hagara Marian

Page 10: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-4

Fakkiin lakk 5 kan agarsiisuhaala walii galaa jiruuf jireenna ummata godina Booranaa. Xiyyeeffannoon bifa hujii bakkaa bakkatti adda adda ta’ullee leenjiiwwan hedduun garee piroojektiin kennameefi qu’annoo diidatti tolfame akka agarsiisutti horii fi bishaan godina Booranaa keessatti baay’ee barbaachisoo fi durfamoodha. Horsiise bultoonni marraa bisaan barbaaduuf waan godaananiif jiruuf jireenni isaanii yeroo baay’ee hanqinna marraa-bisaaniitiin ni hubama. Horsiisa horiitiin alatti, qonnilleen ummati waan filannoofi nyaata midhaanii barbaaduuf suutuma suutaan madda jireenna barbaachisaa ta’aa jira. Kanaafuu wantoonni sadeen kun kallattiin jiruuf jireennna ummataatiin kan walqabatan waan ta’eef dandammii isaanii fooyyessuuf akkaataa naannoo isaan keessa jiraataniitiin qorachuun barbaachisaadha.

Haala nyaataalleen naannoo naannootti garaagarummaa qaba. Nyaati beekkamaan ummata Booranaa naannoo baaddiyaa aananiifi midhaan. Fooniifi muduraa-kura baayyinnaan guyya guyyaa hin nyaatan. Akuna fakkiin lakk 5 agarsiisutti ummati aanan horii irraa argata. Dabalataanis ummati horii gurguree midhaan nyaataa bitata. Karaa biraalleen lafa qonnaa irrallee midhaan ni argamu. Kanaafuu godina Booranaa keessatti haali nyaataa haala qonnaafi horsiisa horii irratti hundaa’a.

Akuna beekamu horsiisee bultootaafi gariin horsiisee bultoolti nyaata isaanii horii irraa yo argatan qotee bultooti immoo qonna irraa argatu. Godini Booranaa durumaanuu naannoo horsiisee bulaati. Haa ta’u malee yeroo ammaa godinichatti mali finna jijjiirachuu mullachuun namooti qonna jalqanii jiru. Walumaa galatti irra ummata naannoo gammoojjii horsiisa horii irratti yo hundaa’u, ummati naannoo badda-dareefi baddaa qonna irratti kan hundaa’uufilakkoofsa horii muraasa kan qabaataniidha. Qorannoo garee piroktichaatiin sadarkaa maatii yokaan manaatti irratti hundaa’uudhaan, gareen pirojektichaa mala ittiin dandammii godina Booranaa fooyyessuun danda’amu haala jiruuf jireenna ummataa irratti hundaa’uun qoqqoodee naannoon kaa’ee jira. Akkkuma fakkiin lakk 5 agarsiisutti jiruuf jireenni ummata godina Boorana wantoota barbaachisoo sadii jechuunis bisaan, horii fi qonna ta’ee garuu naannoo naannootti yokaan sadarkaa ollaa/gareefi gandaatti adda addummaa qabaata. Bifuma kanaan garee piroktichaa mala jiruuf jireenna godina Booranaa bifa yokaan moodela 4tti qooduun mala itti dandammii isaanii fooyyeessuun danada’amu karaaa akeekee jira.

Fakkii lakk 5 Jiruu fi jireenna ummata godina BooranaaSource: JICA Project Team

Most Communities in Malka Soda

Model 4 - Farmers’ Communities (Farming with little livestock)

Advanced Farming

Irrigation Irrigation

Farming ImprovementWater Resource Development for Cattle Migration

Weather Index Insurance (Livestock) Farming Improvement

Pasture DevelopmentSocial Tie Strengthening

Water Resource Development Bush Crearing

Mid-Highlands

LowModel 1 - Pastoral Communities (Livestock with little or no farming)

Model 2 - Livestock Oriented Agro-Pastoral Communities (Livestock with farming)

HighFarmers

Altitude

Highlands

Lowlands

Model 3 - Agriculture Oriented Agro-Pastoral Communities (Farming very important)

Fakkii lakk 4. Hariiroo olka’ iinsa lafaafi jiruu jireenna ummataSource: JICA Project Team

Water for both Human and LivestockSmall Pond, Medium Pond, Ella (CBP by Olla / Gare / Rera level cooperative works)

Large (Permanent) Pond (Public Work by the Government / Donors)

Bush

cle

arin

g

Past

ure

Sow

ing

Cereals

People’s Livelihood in Borena

Low

land

←→

Mid

hig

hlan

d

RangelandDevelopment

Improved Dryland Farming Cereals

Livestock

Mid Highland ← → Lowland

Agriculture

Agro-pastoralist ←→

Pastoralist(Experience) (Beginner)

MilkSelling livestock for Cereals

Low

land

←→

Mid

hig

hlan

d

Milk

Page 11: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-5

Akkaatuma haala qabataa yeroo roobaa fi oollaatiin, malli kun lafa qonnaa yeroo sun keeessatti maatiif tokkoof ga’uufi kaloo ummataaf agarsiisee jira. Agarsiisi akkanaa kun qaawa ummataan, mootummaafi arjoomtotaan guutumuu qabaniifi kallattii sirrii dandammini isaanii ittiin fooyyeffamus ni argarsiisa. Gama bisaaniitiin jijjiirami addaa moodelaafi naannoo irratti waan hin mullanneef, garee qorannoo bisaan keessaa hambisee jira.

Dhugumatti bari dhufu oolaa yokaan rooba ta’uu isaa raaguu ulfaataadha. Haa ta’uu malee ummati yeroo hunda adoo bara dansaa keessa jiraatellee bari dhufu oolaa ta’uu danda’a jedhee duratti ufi qopheessuu male Qophii akkanaatif ammo agarsiisi asitti kenname kun guddoo gargaara.

Moodela 1 – Hawaasa Horsiisee Bulaa

16

Model 1 Community (>90%) Strategy for Normal Year300 Cattle + 330 Shoat

Establishment of Kalo for Drought40ha of Kalo can save 300 cattle from TWOmonth extended drought”

Minimizing No. of Cattle selling, they can sell shoat 

Minimizing buying cereals

10ha Farmland/olla

40ha of Kalo/olla

Targeting 1,000kg/HH of Cereals from Farming2timad (=0.33ha) of Farmland can supply annual household consumption  of cereals (1,000kg)

Current farmland=0.67ha

17

Model 1 Community (>90%) Strategy for Drought Year

300 Cattle + 330 Shoat

Selling One Cattle/HH or Seven Goat/HH (earning 7,000Birr) 

OPEN 40ha of Kalo

NO Production Expected

Providing Residues to Livestock

Buying 1,000kg/HH of Cereals for Annual Consumption

Page 12: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-6

Moodela 2 – Hawaasa Horii Biratti Qonna Diqqaa Qotatu

Moodela 3 – Hawaasa Qonna Biratti Hirii Diqqaa Horsiifatu

18

Model 2 Community (70-90%) Strategy for Normal Year270 Cattle + 330 Shoat

Establishment of Kalo for Drought37ha of Kalo can save 270 cattle from TWOmonth extended drought”

Targeting 1,000kg/HH of Cereals from Farming2timad (=0.33ha) of Farmland can supply annual household consumption  of cereals (1,000kg)10ha Farmland/olla

37ha of Kalo/olla

In fact, people have already secured the production!

Current farmland=1.17ha

19

Model 2 Community (70-90%) Strategy for Drought Year

270 Cattle + 330 Shoat

Selling One Cattle/HH or Seven Goat/HH (earning 7,000Birr) 

OPEN 37ha of Kalo

NO Production Expected

Providing Residues to Livestock

Buying 1,000kg/HH of Cereals for Annual Consumption

20

Model 3 Community (30-70%) Strategy for Normal Year

60 Cattle + 240 Shoat

Establishment of Kalo for Drought8ha of Kalo can save 60 cattle from TWOmonth extended drought”

8ha of Kalo/olla

Needs more productivity on Farming

Targeting 2,000kg/HH of Cereals from Farming4timad (=0.67ha) of Farmland can supply annual household consumption  of cereals (1,000kg)1,000kg can be used for selling or reserving.

20ha Farmland/olla

Current farmland=1.17ha

21

Model 3 Community (30-70%) Strategy for Drought Year

Cannot Sell Cattle because they use for animal drafting

OPEN 8ha of Kalo

60 Cattle + 240 Shoat

Supply 1,000kg/HH of Cereals from Stock reserved previous year or buying by savings

NO Production ExpectedProviding Residues to Livestock

Page 13: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-7

Mooadela 4 – Hawaasa Qotee Bulaa

Gabatee lakk 1. Walitti Qabaa Agarsiiftuu Fooyyessa Dandammii Moodelaa

Moodela Dursa Haala Baraa Malaa fi Agarsiiftuu

Haw

aasa

Hor

siis

ee

Bul

aa

Dhu

miin

sa h

orii

diqq

eess

uu

Dan

saa

(Roo

ba

gudd

aa) Oomishii qonnaa (boqqoolloon) kg 1,000 lafa hectaara 0.33

irraa maatii mana tokkoof ni danda’a Yeroo oolaa kaloon hektaara 40 sadarkaa ollaatti yo jiraachuu

qaba Lakkoofsa horii gurguramuu diqqeessa

Ool

aa Oomishii qonnaa egamuu hin qabu

Loon 1 ykn re’ee 7 gurguruun midhaan kg 1,000 bitaniiolkeeyyachuu

Kaloo hektaara 40 daangeffamee ture banachuu (fayyadamuu)

Haw

aasa

Hor

ii B

ira

Qon

na D

iqqa

a Q

otat

u

Dhu

miin

sa h

orii

diqq

eess

uu

Dan

saa

Ooshimishii midhann kg 1,000 lafa hektaara 0.33 irraa argamuu isaa mirkaneeffachuu

Gara oolaatti kaloo hektaara 37 sadarkaa ollaatti daangeffatanii olkeeyyachuu

Irra caalaa nyaata bituuf horii gurguun dirqama hin ta’u

Ool

aa Oomishn qonnaa eeguu hin qaban

Loon 1 ykn re’ee 7 gurguruun midhaan kg 1,000 bitachuu qaban

Kaloo hektaara 37daangeffatan banachuu qaban

Haw

aasa

Qon

na B

iratti

H

orii

Diq

qaa

Hor

siis

u

Oos

him

a qo

nnaa

gud

disu

u

Dan

saa

Oomishii midhaanii kg 2,000 lafa hektaara 0.67 irraa maatii tkkoof argamuu mirkaneeffachuu qaban. Midhaan kg 1,000 nyaatanii kg 1,000 hafe olkeeyyachuu ykn gurgurachuu qaban.

Yeroo oolaatiif kaloo hektaara 8 sadarkaa ollaatti olkeeyyachuu qaban

Irra caalaa nyaata bitachuuf horii gurguruun diqama hin ta’u

Ool

aa Lakkoofsi horiii diqqaa waan ta’eef gurguruun hin danda’amu

Lakkoofsi horiii diqqaa waan ta’eef gurguruun hin danda’amu Nyaata kg 1,000 olkaa’ame ture maatiif kennuu Kaloo hektaara 8 daangeffamee ture banachuu

Haw

aasa

Qot

ee B

ulaa

Oos

him

a qo

nnaa

gud

disu

u

Dan

saa

Oomishii midhaanii kg 2,000kg lafa hektaara 0.67ha irraa argamuu mirkaneeffachuu. Midhaan kg 1,000 nyaatanii kg 1’000 olkeeyyachuu ykn gurgurachuu

Yeroo oolaatiif kaloo hektaara 8 sadarkaa ollaatti daangaffchuun olkeeyyachuu

Irra caalaa nyaata bitachuuf horii gurguruun diqama hin ta’u

Ool

aa Lakkoofsi horiii diqqaa waan ta’eef gurguruun hin danda’amu

Oomishn qonnaa eeguu hin qaban Nyaata kg 1,000 olkaa’ame ture maatiif kennuu Kaloo hektaara 8 daangeffamee ture banachuu

Gabateen lakk 1 moodeloota armaan oliitiif mala dandammii isaanii agarsiisa. Keessattuu, agarsiiftuun sarara qajeelaan jala sararame qaawa gama qonnaatiin

22

Model 4 Community (<30%) Strategy for Normal Year

60 Cattle + 30 Shoat

Establishment of Kalo for Drought8ha of Kalo can save 60 cattle from TWOmonth extended drought”

Targeting 2,000kg/HH of Cereals from Farming4timad (=0.67ha) of Farmland can supply annual household consumption  of cereals (1,000kg)1,000kg can be used for selling or reserving.20ha Farmland/olla

8ha of Kalo/olla

In fact, people have already secured the production!

Current farmland=1.17ha

23

Model 4 Community (<30%) Strategy for Drought Year

Cannot Sell Cattle because they use for animal drafting

OPEN 8ha of KaloSupply 1,000kg/HH of Cereals from Stock reserved previous year or buying by savings

NO Production ExpectedProviding Residues to Livestock

60 Cattle + 30 Shoat

Page 14: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

I-8

jiru kan ummata, mootummmaafi arjoomtotaan guutamu qabu yo agarsiisu, inni ammo sarara qonyataa yokaan jallataan jala sararame qaawa gama misooma lafa dheedunsaatiin jiru agarsiisa.

5. FAYYADAMA QAJEELCHICHAA

Qajeelcha kana kutaan IIn isaa kan qophaa’e mala ibsa adeemsaa kan qarooma (teknoolojii) sadarkaa sadarkaa mullisuutiin. Qajeelchi itti yaadamee akka salphaatti batamu sadakaa sadarkaan eegamee kan qophaa’eedha Waa’ee teknoolojii qajeelcha kana kutaa II keessatti tuqamee garee 2 kan of keessaa qabu yo ta’u isaanis 1) Garee Too’annoo Lafa Dheedumsaafi, 2) Garee Fooyyessa Qonna Gammoojjiiti.

Dubbiftooti qajeelcha kanaa, teknoolojiiwwan akkammiin akka jiruuf jireenna ummata godina Booranaa gargaaruun danda’umu ni hubatu jedhamee eeggamu. Teknoolojiiwwan qajeelcha kana keessatti ibsaman kun qaawa gama horsiisa horiifi qonnaatiin jiru guutuun jiruuf jireenna ummataa fooyyessuufi mala dandammii uuma. Wanti dubbiftooti hubachuu qaban ammo teknoolojii hunda caaluufi rakkinna naannoo kamiituu furuu danda’u jiraachuu dhabuu isaati.

Wanti hunda yeroo yaadu qabnu, haala qabatamaa naannoo, ummata, teknoolojii filatamuu qabaniifi fayyadama isaaniiti. Kanaafuu, muuxannoon qabatamaan jalqabaafi sadarkaa diqqaa madda barreeffama kanaa kan haala adda addaa keessatti ibsamuudha.

Page 15: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

PART II MAANU’AALII TEEKINIKAA

Page 16: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen
Page 17: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

CONTENTS 1. KOMPOONENTII LAFA DHEEDUMSAA KUNUUNSUU ................................................................................... II-1

1.1 Bakka Filannoo Tuseen Haphiffamuu fi Lafa Xuuxuqaa Namaa fi Horii irraa Dhorkuu (Marga facaasuu) .................................................... II-1-1 1.2 Tusee To’achuu (Haphiisuun) ........................................................................................................................................................................... II-1-7 1.3 Tusee Haphiissuu (mukkeen werreertuu Dheedumsa Booranaa keessatti argaman) ...................................................................................... II-1-13 1.4 Tusee Haphiissuu (Mukkeen fayyida olaanaa qaban lafa dheedumsa Boorana keessatti argaman) ............................................................... II-1-19 1.5 Sanyii Margaa Facaassuu ................................................................................................................................................................................ II-1-26 1.6 Marga Facaassuu (Gosa Margattin) ................................................................................................................................................................ II-1-32 1.7 Daagaa fi Mikroo-Beeziin Irraatti Sanyii Marga Facaasuu ............................................................................................................................ II-1-43 1.8 Sanyii Marga Guuruu ...................................................................................................................................................................................... II-1-50 1.9 Buuyyoo Qophessuu ....................................................................................................................................................................................... II-1-56 1.10 Saayilleejjii Qopheessuu ................................................................................................................................................................................. II-1-59

2. KOMPONENTII QONNAA ....................................................................................................................................... II-2 2.1 Haala Qilleensaa fi Oomisha Midhaanii Godina Booranaa, Naannoo Oromiyaa ............................................................................................. II-2-1 2.2 Oomisha Bokkaan (rainfed) waliigalaa Godina Booranaa ................................................................................................................................ II-2-5 2.3 Oomisha midhaanii lafa gammoojjii booranaa fi amaloota isaanii ................................................................................................................. II-2-10 2.4 Mala qonnaa filatamaa .................................................................................................................................................................................... II-2-19 2.5 Mala oomisha midhanii ................................................................................................................................................................................... II-2-27

Page 18: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

Reference

1. Technical Manual For Forage Crops and Grassland In Tropical and Subtropical Zones, 1996, Japan Livestock Technology Association 2. Top Tropicals LLC (https://toptropicals.com/index.htm) 3. Community Based Participatory Watershed Development: A Guideline, 2005, Ministry of Agriculture (MOA), Ethiopia 4. Design Principles of Wood Burning Cook Stoves (for Energy Efficient Stove for Cooking), Aprovesho Research Centre, Shell Foundation,

Partnership for Clean Indoor Air 5. Report of the Application of Effective Micro-organisms Technology in Rice Patheingyi TS, Mandalay Division, 1998/99 – 2001/02 (for EM use) 6. Grass Roots Effective Agriculture Technology Handbook, AICAF, December 1996 (for treadle Pump, etc.) 7. The Molasses Block Technology in Mauritius and the African Perspective, Balraj Rajkomar, Department of Agricultural Production and System,

School of Agriculture, University of Mauritius, Reduit, Mauritius 8. FAO ASIAN LIVESTOCK, October 1990, Livestock-Food for the Future, Introduction of Modern Technologies for Better Animal Production in

Myanmar (for Livestock Sector) 9. Effective Technology Transfer by PD Method (in Japanese), Journal of the Japanese Society of Irrigation, Drainage and Reclamation Engineering,

Vol.62, No.12, pp.7-12, Hideyuki KANAMORI (1994) 10. Water Harvesting, 1991, Will C. and Klaus S., FAO, Rome. (http://www.fao.org/docrep/U3160E/u3160e00.htm) 11. African Organic Agriculture Manual Booklet Series, No. 8 Pest and Disease Management

(http://www.organic-africa.net/fileadmin/documents-africamanual/training-manual/chapter-04/Africa_Booklet_8-low-res.pdf)

Page 19: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-1

1.1 Bakka Filannoo Tuseen Haphiffamuu fi Lafa Xuuxuqaa Namaa fi Horii irraa Dhorkuu (Marga facaasuu)

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Lafa dheedumsa babaldhiisuun maaf barbachisee

Lafa dheedumsa babaldhiisuuf ummatni bakka marga naannoo argamutti tusee ciruu fi waggaa murta’eef dallaan cuufu qaba.

Kanaafuu, ummatni kallo haaraa marga naannoon qopheeffate jechuu dha.

2 Lafa dheedumsa babaldhiisuun maaf barbaachisee

Gama biirootiin yoo sanyii marga naannoo hin jiree sanyii marga foyya’aa lafa qunca’ee irratti facaasun ni danda’amma.

Ergii facaaffame booda ummatni waggaa 3 hanga 5 dallaa ijaaruun horii fi bineesootni akka itti hin seene dowwuu qaba.

Kanaafuu, kallo haaraa marga foyya’aan qopheesinna.

Page 20: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-2

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Lafa dheedumsa babaldhiisuun maaf barbachisee

Yoo ummatni kallo marga Roodeesii qopheesee

Omishtumman marga rooddeesii lafa heektara tokko irraa argamu toonii 3.8 dha.

Yoo ummatni kallo heektaraa 10 (jiddugaleesa kallo Booranaa keessatti argamu) qabbate yeroo tokkotti marga roodeesii lafa qunca’ee irraa facaaffate omishaa toonii 38 heektaraa tokkoo irraa argachuu ni danda’aa.

Omishtummaa marga naannoo toonii 3.1 heeektaraa tokkoo irraa yoo ta’u, omishitummaan marga roodesii godina Booranaa keessatti heektaraa tokkoo irraa argamuu imoo toonii 3.8 dha *.

*Burqaa: Garee qoraannaa JICA

4 Lafa dheedumsa babaldhiisuun maaf barbachisee

Yoo ummatni marga roodeesiin kallo qopheese

Loon tokkoo ulfina naafa isaatiin nyaata/dry matter dhiibeentaa 2.5 hanga 3 nyaata, kanaafuu loon tokkoo marga/DM kiiloograma 7 guyyaa tokkoo keessatti ni barbaachiisaaf.

Kanaafuu marga toonii 38 loon 180 ji’a tokkoof gaha dha. Haa ta’u malee yoo oolan ji’a tokkoo ol dheerateelee margii kun loon 180 ni tajaajilaa.

Jabiillee tanaan lakkofsa kan caala tajaajilu danda’a.

Page 21: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-3

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Ullaaggaa filaannoo lafa tuseen/micireen qabame ittiin

ciraamuu

Gosni tuseen wereertuu bakka adda addatti argamu, miidhaan lafa fi ummata irraa dhaqabsuu imoo yeroo gara yerootti babaldhachaa dhufee jira Lafa micireen/tuseen qabame kun marii ummatatiin filatama. Sababni isaa ummata hirmachisuun barbaachiiseef ittifufinsan ummatni tusee ciree, dallaa ijaare abbuman akka kunninsuufi dha. Osoo gara tusee ciru hin seeniin dura wal-biraa ilaalun mukken fayyida gudda qaban fi kan hin qabne addaan bahani ni galma’u, fayyidaa margii qabu wal-biraa ilaaluun mukkeen wereertu kan fayyida hin qabne (dheedumsa baleesan) ni ciraamuu.

Maniwaalii kan keessatti ragaan dabalata mukeen fayyida qabanuuf kan hin qabne ni argama.

Yeroo tusee mancasuun gageeffamuu mukkni hundinu ciraamu hin qabu, sababni isaa naannoo irratti miidhaa of danda’ee geessuu ni danda’a. Haa ta’u malee haphisun filatama dha. Lafa dheedumsa Boorana keessatti mukken wereertuu gosa naannoo 20 ni jiru. Garu haala gosa sanyii isaanin fi gosa biyyee adda addaa fi bakka adda addatti argamu. Mukeen garii nyaataaf tajaajilaa ni kennuu.

6 Amala mukkeen wereertuu lafa dheedumsa

Biyyee xaa’oo hin qabne irratti biqilu

Hanqina rooba ni dandamatu

Dame gurgudda, qoratii fi hadha’aa ni qabu

Yeroo oolaa bala buusuu

Sanyii baayyee yeroo dheera turu qabu

Hida gadii fagatuu fi hin faganee qabu

Amalootni kanneen fakkatan ummatan ni qulqula’u.

Akka qorannoon muliisu mukka ta’ee kan fayyida hin qabne hin jiru. Haa ta’u male yoo fayyida mukken wal-biraa ilaalu mukken wereertuu miidhaan dheedumsa irratti isaan dhaqabsan ol’aaanaa dha. Sababa kanaaf ummatni tusee mancaasaa.

Page 22: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-4

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7 Ullaaggaalee bakka tusee haaphiffamuu filuuf

barbaachiisan

Kaayyoon tusee mancasuu yoo ilaalu; Dheedumsi baddee fi lafti tusee wereertuun qabame ummatni tusee mancasuu barbaada. Gama biraatiin lafa kan misoomsuun yoo barbaachiisa ta’e fakeenya bakka qunca’etti sanyii margaa facaasu fi koosii fayyadamuu barbaachisa dha.

Lafa gaara fi mansa irraatti tusee mancaasuun barbaachisa miti.

Akkuma suura irratti mulatuu lafti marga fi tusee qaabbame tusee mancaasuuf filatama dha.

Suuralee gama bita wal dura duuban jiran ilaaluun lafti kamtuu tusee irraa mancasuuf ta’a YKN lafti kamtuu lafa xuuxuqa namaa fi horii dhorkuuf (marga facaasuu) ta’a kan jedhu haala salphatiin addan baasuun ni danda’ama.

8 Ullaaggaalee bakka ittiin haaphiffamuu filuuf barbaachiisan

Tuseen lafa gaara irratti argamu dhiqama biyyee ittiisuun faayida kenna.

Akkuma woliigallatti guutuma guututti tusee mancaasuun hin deegaramu, osoo margaa facaasuuf karoorfannelee.

Page 23: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-5

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9 Ullaaggaleen bakka xuuxuqaa namaa fi horii irraa

dhowwamuu filuuf barbaachisaan (marga facaasuu)

Lafti qunca’ee ykn quullaa jiru fuladuraaf dafee misoomuu fi kallotti jijjiramuuf caaraa guddaa qaba. Biyyeen ciraacha garuu mijawwaa.miti.

Haa ta’u malee mukkeen wereertuu haphiinaan yoo argaman mijawwa dha. Aramoota barbaachisaa hin tanee fi mukkeen wereertuu ta’an ni ciraamuu.

Lafa filaatamame kana ummatni to’achuu fi kununnissuu qaba. Karaa biirootiin heektara 10-25 ummatni ofii isaatiin kununnisu ni danda’a.

Bakii kun waggaa 3 hanga 5 xuuxuqaa namaa fi horii irraa biilisaa ta’ee ummatan ni kununiffama.

Lafa dheedumsa horsiisee butoota waliin qaban irratti lafa xuuxuqaa namaa fi horii irraa dhorkuu (area closure) qopheesuuf ummata jiddutti waliigalteen cima jiraachu qaba. Yoo kun ta’u banana namootan murasa horii isaan itti galchudhaan lafti dheedamu danda’a.

Kun imoo kallo haaraa ni qopheesinaa jenne irraatii kuufatii qofa ta’a.

10 Ullaaggaleen bakka xuuxuqaa namaa fi horii irraa dhowwamuu filuuf barbaachisaan (marga facaasuu)

Bakka hojiin egumsa biyyee fi bishaan irraatti hojjatame marga facaasuuf mijawwa dha.

Dagaa fi maayiikiroobeezinii gama mootummatiin fi lafa horsiisee bulaan waliin qabu godina Booranaa keessatti argamuu margaa misoomsuuf mijjawwa dha.

Akkuma suuran gama bitachaan argamu garsisu maayikiiroobeeziinii sagaantaa misooma suululaa sadarkaa Itoopiyaatiin qophaa’een hojjatame kana marga facaasuuf fayyadamuun ni danda’ama.

Page 24: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-6

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 11 Ullaaggalee filaannoo lafa kallo keessatti quncooftee

misoomsuuf barbaachiisaan (marga facaasuuf)

Suuran gama bita muldhatuu kun akka garsiisuu kalloon keessii isaa quncaa’ee jira Kanaafuu iddoo quncaa’ee kana margii irratti deebi’ee biqiluu qaba. Bakka akkaasii irratti ummatni marga facaasuu qaba.

12 Ullaaggalee filaannoo bakka tuseen ittin mancaffamu fi Lafa xuuxuqaa namaa fi horii irraa dhorkuu hojjatamu

Tusee mancaasuu fi lafa xuuxuqaa namaa fi horii irraa dhowwu kun lafa dheedumsa horiin sirritti dheedame irratti rawwatama. Gama biraatiin iddoon hojii kun hojjatamuu bakka jireenya ummata irraa fagachuu hin qabu.

Kuniis to’annoo fi hordofii dhiyoo ummatan gageesuuf ni mijeta (raaadiyeesi kiloomeetiraa 5) olla irraa yoo ta’ee filaatama dha.

Page 25: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-7

1.2 Tusee To’achuu (Haphiisuun) Sad. Meeshalee harkaa barbaachiisaan Yaada

0 Doma haarka (sururu)

Bangaa (shoolee)

Reekii

Agaraa

Magazii

Jambee

Page 26: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-8

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Yoo tusee haphiisnu taartiibaa hordofuu qabnu

Osoo haphiisutti hin seenin ummata wojjiin karoorsu.

Lafa gaha ta’e (heektara>25) haphiiffamuu qaba.Yeroo tokkoo baayyina horii lafa irratti miidhaa geesissuu hanbiisuuf.

Haphiisuun kan gageeffamu dhiibbentaa 35 YKN dhiibbeenta 50 yoo ta’u kuniis haala qabatama baayyina tusee wereertuu lafa sun guba jiru yoo ta’u, fakkenyaaf mukkeen 100 iddoo tokkootti ka argamu yoo ta’e, dhiibba keessatti 35 ni mancaa’aa. Akkasumas dhiibba keessa mukken 50 nimancaa’u.

Mukken barbaachiisa hin tannee balleesu fi akka marga fi mukken barbaachisaa ta’an adduu, qabiyyee lafa keessa adda addaa fi bishaani argatan haala mijjeessa.

2 Bakka mukkni ciramu fi yeroo ciramu qabu

Mukkeen wereertuu jirma heedu qaban

Lafa irraa meetira 0.15 ol fagachuun ciramu qabu. Kuniis hafteen jirma kutame akka deebi’ee hin biqillee tolchaa.

Haala naannoo qorannoon ykn sayinsiin jedhun yeroo tusee mancaasuuf mija’a kan ta’e yeroo rooba fi yeroo jidha tti.

Yeroo baayyee jidha rooba gana booda Oboraa guddaa fi xiqaa yeroo filatama dha.

Suuran gama bittachatiin muldhatu kun fakkii tusee jirma heedu qabu dha.

Page 27: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-9

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Bakka tuseen ittiin ciramu fi yeroo ittiin ciramuu

Mukkeen jirma heedu qaban ilaalchisee

Lafa irraa meetira 0.15 fagachuun ciruu.

Mukka cirame kana qunceen hunda qunciisuu fi mata isaa fafalansuun mukka mukka kana ijeesuuf barbaachiisaa dha. Gama biirootiin akka deebi’ee hin biqilee tolchaa.

4 Bakka ciramu fi yeroo ittiin ciramu

Mukkeen jirma heedu qaban

Hiddaa dooman qottani buqqisuu YKN yoo biqiltuu xixiqoo ta’ee haarkaan buqiisuu.

Page 28: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-10

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Bakka fi yeroo ittiin kuttamuu

Mukkeen jirma tokkoo qaban

Meetira 0.5 lafa irraa siqun (jilba irratti) ciru.

Yeroon ittiin ciramu yeroo rooba fi yeroo jidha akkuma roobni darbe.

Irraa caalaa yeroo jidha osoo ciruun rawwatame fudhatama qaba (Obooraa guddaa fi xiqaa).

Wanttii qunceen mukka cirame irraa jiru hundinu quncaa’uufi kan murame matan isaa kan fafalanammuuf mukkni akka du’uufi deebi’ee hin laneefi dha.

6 Tuseen bakka muramu fi yeroo ittiin muramu qabu

Mukkeen jirma tokkoo qaban

Akka murameen quncee irraa qunciisuu.

Tusee mancaasuun kan itti fufu fi bu’aa qabeessa ta’u danda’u to’annoo fi hordofin dhiyoo yoo jirate dha.

Page 29: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-11

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7 Tartiibalee tuseen ittin muramuu

Mukkeen jirma tokko qaban

Mukka muramee mata isaa fafalansuu.

8 Erga tuseen mancaa’ee booda

Mukka cirameen daallaa ijaaru. Fakeenyaaf mukkeen kan akkaa Saphansa fi Waangaa qoratti waan qananiif yoo daalla ittiin ijaaree gaarii dha. Dallaan mukkeen aramaan olitti ibsamaniin ijaarame dheerinii isaan ol waan ta’uf bineessa alaa akka ittii hin seene ni dhowwaa.

Ummata wojjiin ta’un tusee mancaa’ee waliitti qabun gubuu.

Ummatni lafa cirame kana to’achuu fi hordofuuf waada galuu qabu. Hanga laftii fayyuu horii irraa dhowwuu fi kununiissuun barbaachisaa waan ta’eef.

Tusee haphisuun qofa lafaaf hooma bu’aa hin qabu. Garu ummatni waaliigalee itti fuufinsaan suphuu, to’achuu fi hordofu qaba.

Page 30: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-12

Sad Adeemsa Ibsa Yaada 9 Mala lafa tuseen irraa cirame ittiin bulchiinuu

Haala qabatama lafa cirame irraa hunda’udaan laftii kun ji’a sadii hanga ji’a 12 boqqoona argachuu qaba. Achiin booda marsaa marsaadhaan ummatni too’anaan akka dheechiisaan hahayyamu ni danda’aa.

Waggaa 4 hanga waggaa 5 marsan dheechisuun omishtummaa nyaata horii ni dabalaa. Akkasumas sanyiin margaa lafatii bu’ee fuula duraaf sanyii gaha ta’ee argamsiisuu ni danda’aa.

Tusee mancaasuun waan yeroo tokkoo hojjatame kan dhaabbatu ta’u hin qabu, ittfufsiisuu haala qabatama lafa ilaaluun deebisani ciruun barbaachisaa dha (Waggaa 1 hanga 2 turun).

Bakka tuseen haphiiffame garmalee laftii qunca’a yoo ta’ee sanyii margaa gubba facaasuun ni danda’ama (fkf Mata gudeessa fi Rhodes)

Yeroo bonaaf Margaa quusachuu fi horii kennuun ni danda’ama.

10 Lubbu qabeeyyiin mala tuseen ittiin ittiffamuu

Baayyina horii fi nyaata isaan wal-maddalu qaba. Lakkofsi horii gosa nyaata horii irraatti hunda’a kun baayyina tusee lafa qabatee heektara tokkoo irraa argamuu, Yeroo ammaa kana keessatti seera mukkeen heektaraa tokko horii haganaaf gaha kan jedhu hin jiru.

Ergaa tuseen haphaatee booda yeroo tuseen sadarkaa biqilaa irraa gahee ummatni mala kana ni fayyadamu ni danda’aa.

Page 31: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-13

1.3 Tusee Haphiissuu (mukkeen werreertuu Dheedumsa Booranaa keessatti argaman) Sad. Adeemsa Ibsa Yaada

1 Fulleensaa

Mukka Dha.

Jirma tokkoo qaba. Yeroo bayyee bakka bishaan cisutti fi biyyee gurrachaa irratti biqqilaa, sumii hadha’aa nafaa isaa keessa baha kun imoo akka margii hin biqqilee dhowwaa. Dameen isaa dhiphaa dha.

Jilbaa ykn meetira 0.5 irratti murama.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba fi rooba gana booda (yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa.

2 Haalloo

Mukka dha.

Yeroo bayyee biyyee dima mansaa qabu irratti biqqilaa.

Mukni kun mukka jajjabba dha. Ummatni yeroo bayyee ijaarsaa fi qoraniif fayyadamma.

Mukkni kun jilbaa YKN meetira 0.5 irratti ciraamee qunceen isaa hundinuu ni qunciiffama, dhuma irratti matan isaa ni fafalafama.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba fi rooba gana booda (yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa.

Page 32: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-14

Sad. Adeemsa Ibsa yaada 3 Alkabeessa

Mukka dha.

Gosa biyyee adda addaa irraatti biqqilaa Mukkni kun qoraani fi dallaa ijaaruuf tajaajila kennaa.

Jilbaa/0.5m irraatti muruun qunciissuu.

Mukkii kun sanyiin wal-horaa.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba fi rooba gana booda (yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa.

4 Saphaansaa gurrachaa

Mukka dha.

Yeroo bayyee biyyee gurrachaa irraatti biqqilaa daallaa ijaaruuf filatama dha.

Jirma heedu fi damee qaqqalaa qaba.

sanyiin wal horaa.

Hiidaa jalaa kuttuun, qunciissu fi kan hafee deedeebisanii fafalansuu fi dhumma irraatti gubu.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba mancaassuu (Gana fi Hagayyaa)

Page 33: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-15

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Jirimee

Shiiraabii dha.

Biyyee adda addaa irraatti biqqilaa dallaaa ijaaruuf ni tajaajila.

Hiidaa jalaa kuttuun quncee irraa qunciissuu.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba fi rooba gana booda (yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa.

6 Siigirsoo

Shiirabii dha.

Dameen isaa baldhaa dha. Sanyiin wal-horaa.

Biyyoo adda-addaa irraatti biqqilaa.

Ummatni yeroo baayyee qorani fi dallaa ijaaruuf fayyadama.

Hiiddaa jala kuttuun quncccissuu.

Mukka kana ejjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba fi rooba gana booda (yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa.

Page 34: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-16

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7 Waacuu dimaa

Mukka jirma fi dame hedu qaba.

Biyyoo dima mansaa irraatti biqqilaa, qorani fi daallaa ijaaruuf tajaajilaa.

Laphee/qooma irratti kuttamu qaba.

Mukka kana ejjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba mancaassuu (Gana fi Hagayyaa)

8 Wangaa

Mukka kun damee fi jirma hedu qaba. Akkasumass sanyiin wal-horaa.

Biyyee adda-addaa irraatti ni biqqilaa Akkasumass daallaa ijaaruuf ni tajaajilaa.

Hiiddaa jalaa kutuun quncee irraa qunciissuu.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba fi rooba gana booda (yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa.

Page 35: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-17

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9 Hameessa

Mukka dha.

Jirma tokkoo qaba. Yeroo bayyee ummatni moona fi dallaaf fayyadama sababni isaa iddoo dhabbameetti waan biqqiluuf.

Laphee/qooma irratti kuttamu qaba.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee Yeroo rooba fi rooba gana booda (Yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa (Yeroo rooba osoo cirame ni torttoraa)

10

Cakkee

Yoo rigamuu hadda of keessatii qaba.

Mana gosa Gebraa ijaaruuf ni tajaajilaa.

Yeroo bona maaddaa bishaan ta’e ni tajaajila.

Hiiddaa irraatti kutuu.

Mukka kana ijjeessuuf yeroon mijja’aa ta’ee

Yeroo rooba fi rooba gana booda (yeroo jidhaa) naannoo Adooleessa fi Hagayyaa.

Page 36: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-18

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 11 Arama faramsiissa/kuuba

Aramaa dha.

Yeroo gababa kessatti wal-horaa Haadha’aa qaba. Omishaa nyaata horii ni xiqqeessa.

Hiiddaa isaa wojjiin araamu/buqqisuu.

Araaama kana ejeessuuf wantii tolffamu qabu

Osoo hin darraree sanyii hin buuffatiin hiiddaa isaa wojjiin buuqqissuun araamuu.

Page 37: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-19

1.4 Tusee Haphiissuu (Mukkeen fayyida olaanaa qaban lafa dheedumsa Boorana keessatti argaman)

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Dhaadachaa

Mukka kun mukka gaaddisaa dha. Fayyidalee kan akka mukka qoran, dallaa ijaaruuf, nyaataa horii fi gabbinaa biyyee tiif ni tajaajilaa.

2 Dakkaraa

Qunceen isaa qorsaa dha. Hallun quncee irraa ni hojjatama

Hiiddii isaa ni nyaatama

Qoran ta’a

Hapheen irraa omishama

Page 38: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-20

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Harooreessaa

Mana ittiin ijaaruu fi Meeshalee aadaa adda addaa ittiin hojjachuuf gargaara.

Midhaan isaa ni nyaatama, Ullee fi mukka qaraa qabu irraa hojjattama.

Sanyii isaan shaayii ni midhaaffama. Akkasumas quncee isaa irraa haddii ni hojjattama.

4 Dheekkaa

Namni midhaan isaa ni nyaataa.

Dameen isaa wooraana fi mana hojjachuuf ni tajaajilaa.

Page 39: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-21

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Ogomdii

Midhaan/Firii isaa yeroo bona ni nyaatama.

Qunceen jirma isaa irraa argamuu hadda midhaasuuf ta’a.

6 Biiqqaa

Yeroo bona nyaataa namaa ta’a.

Page 40: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-22

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7 Aadee

Ilkan riigguuf tajaajila.

Qorsum0

aa qaba.

8 Qalqalchaa

Mukkii kun bocaamee tumaa fi mooyyeen midhaan ittin tuumamuu irraa hojjattama.

Mi’a buna ittiin nyaatamuu irraa hojjattama.

Page 41: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-23

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9 Burqquqee

Jirmii isaa qoraan fi daallaa ta’a.

Qunceen irraa haaluu dima ittin hojjatama. Akkasumaas urbuu isaa irraa haaluun gurrachaa hojjatama.

10 Daboobeessa

Midhaan isaa yeroo bona nyaataa namaaf tajaajila.

Qorsuuma qaba.

Page 42: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-24

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 11 Hiidhaadhoo

Haancaan irraa omishama.

Jirma isaa qorani fi daallaa ittiin ijaaruuf ta’a.

12 Urbuu

Sanyii isaa daanfisuun Saamunaa wayyaa ittiin dhiqqatan qopheesuun ni danda’ama.

Yeroo bona firii/midhaan isaa horiin ni nyaata.

Page 43: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-25

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 13 Birreessaa

Manatii akka hamphee arsuuf tajaajilaa.

Firii/midaan isaa nyaataa namaaf ni tajaajilaa.

Jirma isaa irraa haaluun keelloo ni argama haaluun kun imoo harkaa diibuu fi miidhagsuuf ni tajaajila.

Mukkii tuumaan irraa hojjatama.

Qunceen qorsuuma qaba.

Mukka gaaddisaa ta’ee tajaajila.

14 Garsee

Sanyiin jajjabbaa mukka kana yoo bilcha’ee tajaajila nyaataa namaaf ta’a.

Firii/midhaan isaa ni nyaatama.

Yeroo hundaa magariisaa fi mukkaa gaadiisaa dha.

Qorsummaa qaba.

Page 44: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen
Page 45: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-26

1.5 Sanyii Margaa Facaassuu Sad. Meeshalee barbaachiisaa ta’an Yaada

0 Sanyii margaa baala qaqqalaa fi baballaa

Koosii Horii

Jambee lafa qotuuf

Haamtuu sanyii waliitti qabuuf

Qarxaasii sanyii waliitti qabuuf

Page 46: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-27

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 1 Bakka sanyiin marga facaaffamu filaachuu

Lafa quncaa’aa fi marga uummama yoo irratii hin jiraannee laftii kun marga facaasuuf filaatama dha.

Laftii diirriran filatama dha. Sababni isaas yeroo bayyee bakka garaatti loolan rakkoo guddaa waan ta’eefi dha.

Osoo sanyii margaa hin facaa’iin wantti akka araama, mukkeen hin barbaachisnee haphachuu qabu (%30 hanga %50) mukkeen hundinu hin ciramani.

Yoo koosiin jiraate fayyadamun dansa dha.

Nyaata horii omishun bakka irraa gara bakkatti garagaaruma qaba fkf, bayyina rooba, teesuma lafa, lafa diirriiraa fi gabbinaa lafa.

Yeroo bayyee lafa garaa irraatti tusee mancaasun hin deegaramu, tuseen bakka akkasitti jiru loolaa ni ittissa.

DA’n mmatni koosii qarxaasii tokko-tokko akka fiddatuu gaafii dhiyyeesuun yaada dansa dha.

2 Lafa qopheessuu

Laftii akkamalee jabbatuu yoo ta’ee osoo gadii hin fageessiin qotuun barbaachisaa dha (yeroo tokkoo hanga yeroo lama) gama biraatiin yoo biyyeen isaa laafaa ta’e qonnaa biraa hin barbaaduu.

Gosa sanyii margaa irraa hunda’udhaan laftii ni qopha’aa.

Yoo laftii garaa ta’e, Daagaa biyyee hojjachuun barbaachisaa dha. Kuniis sanyii, biyyee fi bishaan eguuf waan gargaaruuf. Akka dhiqqamee hin dee

Laftii facaa’ee xuxuqqaa namaa, horii fi bineessa irraa biilisaa ta’u qaba.

Page 47: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-28

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 3 Koosii fayyadamu

Ummatni hundinuu koosii qaban irraa qarxaasii tokko-tokko akka qabbatani dhuufaan tolchuu.

Lafa akkasitti koosii baayyee fayyadamun barbaachisaa dha.

Koosii haaraa, kan gubba fi jalla fayyadamuun hin barbachiisuu. Garu kan bilchatee jidhaa ta’ee kan walakka keessa filaattamaa (xaaa’oo waan qabuuf)

Yoo biyyoon goomitta qabatee heektara tokkoof koosii loonii toonii 6 fayyadamuu ni dandeenyaa. Bakka biyyeen akkamalee huqqateetti heektara tokkoof toonii 8 hanga 10 fayyadamuu ni dandeenyaa.

4 Koosii biyyee wojjiin makkuu

Koosii biyyee wojjiin makkuu.

Page 48: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-29

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 5 Sanyii margaa facaassuu

Akka waliigallatti gadii fageenyaa sanyiin nyaata horii lafa keessatti awwalamuu hanga gumma sanyiichaa yeroo 3 hanga 5 yoo ta’u,fkf hanga sanyiin milimeetira 5 yoo ta’e hanga sanyiin lafatii awwalamuu miilimeetira 15 hanga miilimeetira. 25tti.

Sanyii margaa balaa xixiqqaatiif seentii meetira 2 ni gaha, margaa balaa babbalaa yoo ta’e imoo seentimeetira 2 hanga 1.5 ni gaha. Sanyiin heedun seentimeetira 3 yoo caalee biqqiluu hin danda’u.

Suuran gama bita mulatu kun sanyii margaa balaa qaqqalaa yeroo facaasan garsiisa kan akka Mata gudeesa fi Roodessii akka qileensii hin fudhanee gad jechuun facaassa jiru.

Haalli sanyii margaa balaa qaqqalaa ittiin facaaffamu haala xaaffiin ittiin facaaffamuu kan wal fakkatuu yemmuu ta’u, Gama biraatiin margii balaa babbalaa ittiin facaaffamaan imoo haala halqquqan ittiin facaaffamuu wal fakkataa, ummatni akkamiin xaaffii fi halquqan facaaffamuu ni beekkaa.

Yoo bulchiinsi isaani tolee nyaatni horii baddaa daree omiishtuma ni qabu.

6 Sanyii margaa facaassuu

Suuran gama bita jiru kun wantii garsiisuu margaa baala babalaa haala ittiin facaaffamuu garsiisa. Fakeenyaaf ataraa simphiree, ataraa sa’a fi lablabii dha.

Bayyina sanyii heektara tokkoo irraatii facaaffamu akkuma gosa sanyiitiin adda addaa dha (margaa balaa qaqqalaa, margaa balaa babbalaa fi mukkeen nyaata horii ta’an) yeroo facaaffamuu gosa sanyiitiin addaan bahee beekamu qaba. Waliigallatti sanyiin heeduun/yoo gobbatee margii ni qancaaraa kanaafuu sanyii gobbisuu irraa haphiisun filatama dha.

Margii baala babbalaa (legume) margaa baala xixiqaa/qaqqalaa (grass) caalaa lafa qotame fedha.

Rakkoo sanyii gobbiisu/ gayyisani facaassuu hanbiisuuf muuxannoon ni jira kuniis koosii loonii, biyyee, mansaa wolliin makuun akkasumas osoo hin dhahin urgufuun facaasuu ni danda’ama.

Page 49: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-30

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 7 Marga facaaffame biyyee irraatti deebisuu

Damee mukkatiin/tusee mancaa’een sanyii facaaffame biyyee itti deebissuu.

Bayyini biyyee sanyii irraatti deebi’uu garaagaruma qaba. Kan balaa babbalaa ni baayyatta kan balaa qaqqalaa biyyee xiqoo irratti deebisuu barbaada.

Yeroo sanyii balaa babbalaa (legume) facaaffanu of eggannoo dhaan biyyee itti deebiisu qabna.

Yeroo facaasa gaggesinuu guyyaa facaassa addaan baasuun barbaachiisaa dha. FKF yoo margii roodeessii guyyaa Jimmata facaaffama ta’ee fi Ataraa simphiiree Sanbetaa facaaffama ta’ee haala kanaan addaan baaffanee beeku qabinaa. Kun kan ta’u yeroo jalqabatii hanga baayyina sanyii fayyadamnu fi gosa sanyii facaaffanu nu hin doggogosiisnee dha.

8 Lafa dhiituu

Lafa sanyiin marga irratti facaaffamee irratii horii offuun biyyee irratti deebisuuf mala dansaa dha.

Sanyiin mala kanaan facaaffamee loolaan akka hin fudhataminee taasiisaa.

Page 50: MAANU’AALII TEEKINIKAA OFDANDEESSISUU SAFFISIISUU KAN ... · isaanis, laf olka’aa gidduu galeessaa fi laf ol ka’aa (baddaa) yo ta’u innii lammeessoon lafa gammoojjiiti. Kanneen

II-1-31

Sad. Adeemsa Ibsa Yaada 9 Lafa facaa’ee dhiituu

Lafa marga facaaffamee milaan biyyee itti deebissuu fi dhiituu.