38
1

Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

  • Upload
    others

  • View
    29

  • Download
    3

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

1

Page 2: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

2

Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii (rahimahullahu)

Hiikkaa: Jibril Abdalla (www.sammubani.com)

Page 3: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

3

Qabiyyee Dursa ................................................................................................... 5

Garuu akkamitti gammachuu argachuun danda’amaa? .................. 5

Seenaa Gabaabaa Barreessaa .............................................................. 9

Tarkaanfi 1ffaa: Haala sirriin amanuu (iimaanaa) fi Hojii gaggaarii hojjachuu ......................................................................... 14

Tarkaanfi 2ffaa: Gochootaan yookiin beekumsa faayda qabuun of ko’oomsu .......................................................................................... 20

Tarkaanfi 3ffaa: Zikrii fi Galata galchuu (Shukr) .......................... 24

Tarkaanfi 4ffaa: Wantoota yaaddo fi gadda namatti fidan oofuu fi wantoota gaggaarii gammachuu fidan argachuuf carraaqu ....... 27

Tarkaanfi 5ffaa: Haala hundarra badaa Yaadu ............................. 30

Tarkaanfi 6ffaa: Jabeenya Qalbii fi Rabbiin irratti hirkachuu ..... 31

Tarkaanfi 7ffaa: Wanta badaa wanta gaariin ittisuu .................... 33

Tarkaanfi 8ffaa: Yeroo Gammachuutti fayyadamu ....................... 35

Page 4: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

4

يمه ٱ لرحمنٱ لله ٱبسم لرحه

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim

ta’een [jalqaba]

Page 5: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

5

Dursa Dhugumatti, Faaruun hundi kan Rabbiiti, gargaarsaa fi araarama Isa

kadhanna. Sharrii nafsee teenyaa fi badii hojii keenyaa irraa Isaan

tiikfamna. Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru, nama Rabbiin

jallise kan isa qajeelchu hin jiru.

Itti fufuun: wanta shakkii hin qabne keessaa tokko gammachuun wanta

namni hunduu garmalee barbaadudha. Namoonni hunduu gammachuu

ni kajeelu. Gammachuun kaayyoo isaanii ol’aanaadha. Garuu akkamitti

wanta barbaadan kana argatuu? Kana keessatti hubannoon namootaa wal

darba. Karaan isaan keessa deeman garagara. Namni hundu karaa

[gammachuutti na geessa jedhe yaade] keessa deema.

Gariin isaanii gammachuu qabeenya walitti qabuu fi gara hundaan

dhuunfachuu keessa barbaadu. Gammachuun qabeenya baay’ee

qabaachu irraa argama jedhanii yaadu.

Gariin isaanii bashannanaa fi tapha keessa gammachuu barbaadu. Yeroo

isaanii wanta faaydi hin qabne keessatti gubu.

Gariin isaanii wantoota dhoowwaman hojjachuu fi wantoota fokkuutti

deddeebi’u keessa barbaadu. Kan akka khamri (dhugaati nama

macheessan) dhugu, zinaa, muuziqaa dhageefachuu fi kkf.

Gariin isaanii……………..gariin isaanii………….keessa gammachuu

barbaadu. Hundi isaanitu gammachuu ni barbaadu. Yaaddoon isaanii

baay’atee, dhiphinni isaanii guddate, qalbiin isaanii gadda dhugde.

Garuu akkamitti gammachuu argachuun danda’amaa?

Dhugumatti, Rabbiin Guddaan Jabaa ta’ee Khaaliqa kawni (yuniversi)

kanaati. Karaa Isaa keessa deemuu fi qajeelcha Isaa hordofuun malee

gammachuun akka hin argamne murteessee jira. Dararaa fi

Page 6: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

6

gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa

irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira.

Rabbiin olta’aan ni jedha:

“(123)- “[Rabbiin] ni jedhe ‘Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin

lamaanu walumaan ishee (Jannata) keessaa [gara dachiitti] gadi

bu’aa. Ergasii Ana irraa qajeelfamni yoo isinitti dhufe, namni

qajeelfama Kiyya hordofe hin jallatus, hin dararamus.1 (124)-

Namni zikrii Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo

ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa Kaafna.2

1 (Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Aadamii fi Hawwaan akkana jedhe: Isin

lamaanu ibliisa waliin Jannata keessaa gara dachiitti bu’aa. Isin lamaani fi

ibliisni (sheyxaanni) waliif diina. Yoo Ana irraa qajeelchi fi ibsi dhufe, namni

qajeelchaa fi ibsa Kiyya hordofee fi hojii irra oolche, addunyaa keessatti ni

qajeela, hin jallatu. Aakhirattis adabbii Rabbiitin hin dararamu.)- Tafsiiru

Muyassar-fuula 320 2 (Namni ajaja Kiyyaa fi wanta Ergamaa Kiyya irratti buuse faallesse, irraa

garagalee fi dhiise, addunyaa tana keessatti jireenya dhiphoo fi ulfaattu taatetu

isaaf jira. Osoo warra tolaa fi badhaadhinna qaban fakkaateyyu qomni isaa tan

dhiphatteedha, tasgabbii hin qabu. Qalbiin isaa yaqiina fi qajeelcha qulqulluu

hanga qabaattutti malee, inni jeequmsa, dhama’iinsaa fi shakkii keessa jiraata.

Kuni jireenyi dhiphoo ta’uudha. Erga du’ee boodas qabriin isatti dhiphatti, achi-

Page 7: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

7

(125)-Gooftaa kiyya duraan kan argu ta’ee osoo jiru maaliif

jaamaa gootee na kaafte?” jedha. (126)-[Rabbiinis] ni jedha,

“Akka kanatti aayaatni (keeyyattonni, mallattooleen, ragaaleen)

Keenya sitti dhufanii ati ni dagatte. Atis har’a akka kanatti

dagatamta.3 (127)-Akka kanatti nama daangaa darbee fi aayaata

Gooftaa isaatti hin amanne jazaa kafallaaf. Adabbiin Aakhirah

garmalee cimaa fi yeroo hundaa turaadha.” Suuratu Xaahaa

20:123-127

Rabbiin olta’aan ni jedha:

نث وهو ﴿و أهن ذكر أ نحيهينه من عمهل صلهحا م

ۥمؤمهن فل هبة ة طي حيوحسنه ما كنوا يعملون

هأ جرهم ب

﴾٩٧ولجزهينهم أ

“Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane)

ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenyaa gaarii isa

jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa

turanitiin isaan mindeessina.” (suuratu An-Nahl 16:97)

Rabbiin mu’mintoota (warra amanan) gammachuutti ni qajeelche, karaa

nagaha ittiin bahan isaaniif mirkaneesse, karaalee dhiphinnaa fi dararaa

irraa isaan fageesse. Kuni tola Rabbii nama fedheef kennuudha. Rabbiin

abbaa tola guddaati.

-- keessatti azzabama (adabama). Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa kaafna.)-

Tafsiir ibn Kasiir-5/315, Tafsiiru Muyassar-fuula 320 3 (Jaamaa godhee kan si kaasef aayaatni Kiyya erga sitti dhufanii boodaa waan

irraa garagalteefi. Itti hin amanne. Akkuma addunyaa irratti Aayaata Kiyya

dhiiste, akkuma kana atis har’a ibidda keessatti dhiifamta.)- Tafsiiru Muyassar-

fuula 321

Page 8: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

8

Ergaa gabaaban isin fuundura jiru kana keessa tarkaanfilee fi karaalee

gammachuu itti argatantu jira. Karaalee yaaddo, dhiphinnaa fi gadda

ittiin oofan ni ibsa.

Ergaan tuni hammaan haa xiqqaattu malee faayda guddaa qabdi, haajaa

nama hundaa tuqu of keessaa qabdi. Keessumayyuu yeroo ammaa

fitnaan itti baay’atee fi qormaanni itti guddate kanatti.

Ergaa gabaabdu tanaan namoota akka fayyaduu, barreessaaf mindaa

akka kafaluuf, rahmata Isaatiin isa haguuguu fi isa waliin rahmata nuuf

godhu Rabbii Arjaa ta’e kadhanna. Ammas, karaa gammachuu akka nu

deemsiisu, karaa dararaa irraa nu fageessu kadhanna. Dhugumatti, Inni

waan hundaa irratti Danda’aadha.

(Hiikkan kitaaba kanaa: Al-Wasaa’ilul Mufiidati lihayaati Sa’iidati fi hiikka

isaa Ingliffaan: 8 Steps to Happiness irraa fudhatame. Guduunfaan jalatti

dhiyaatu barreefama irraa kan cuunfame malee kitaabicha keessa hin jiru.)

Page 9: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

9

Seenaa Gabaabaa Barreessaa Inni aalima, mufassira Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii dha.

Magaalaa Sa’uud Arabiyaa Unayzah jedhamtutti akka lakkoofsa

hijraatti bara 1307 dhalate. Umriin isaa waggaa afur yommuu gahu haati

isaa ni duute. Ergasii yommuu waggaa torba gahu abbaan isaas ni du’e.

Abbaan isaa aalimaa fi imaama masjidaa ture.

Yommuu abbaan isaa du’u yatiima haadha abbaa hin qabne ta’e. Niitin

abbaa isaa isaaf mararfachaa fi xiyyefannoo guddaa itti kennaa turte.

Akkuma kana obboleessi isaa Ahmadis.

Abdurahmaan Rabbiin rahmata isaaf haa godhu- guddinna gaarii fi

eeggumsaa guddate. Ijoollummaa isaa irraa jalqabee nama gaarii fi

jama’aan salaatu ture.

Beekumsa barbaadu fi sheekkota isaa:

Umrii ijoollummaa irraa eegalee beekumsa barbaadu irratti fedhii cimaa

qaba, waqtii isaa asirratti dabarsa. Qur’aana guutuu umrii isaa irraa

wagga 11 haffaze (sammuutti qabate). Ergasii beekumsa hadiisaa,

musxalah, usuula, furuu’a fi tafsiira ni qara’e. Sheekkota baay’ee irraa

beekumsa ni fudhate. Isaan keessaa: Sheykh Ibraahim ibn Hamd al-

Jaasir, sheikh Muhammad ibn Abdul Kariim Ash-Shibl, Sheykh Saalih

ibn Usmaan Qaadi, Sheykh Sa’b At-Tawjiirii, Sheykh Muhammad

Mahmuud Ash-Shinqiixi, Sheykh Ali ibn Muhammad Sinaanii, Sheykh

Muhammad ibn Abdulaziiz Maani’i fi kanneen biroo.

Sheekkonni isaa ciminna sammuu isaa, gaarummaa amalaa fi qajeelinna

isaa ni dinqisiifatu turan. Inumaa hiriyyoonni isaa yommuu inni isaan

caalu argan, isarraa kan baratanii fi beekumsa isarraa kan fudhatan ta’an.

Kitaabban Sheykhul Islaam ibn Taymiyah fi barataa isaa ibn Al-Qayyim

xiyyeefannoo guddaa itti kennaa ture. Kitaabban isaanii irra hedduu

Page 10: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

10

dubbisee jira, dhiibbaa (bu’aa) guddaas isarratti fidanii jiru. Isaan

lamaan (Ibn Taymiyah fi ibn Al-Qayyimin) ni faarsaa ture, kitaaba

isaanii akka dubbisaniis namootaf dhaama.

Kitaabban Abdurahmaan barreesse keessaa:

Kitaabban inni barreesse gara kitaabban afurtamaa ni gahu. Isaan

keessaa:

1. Taysir al- Karim Rahmaan fii tafsiiri Kalaam al-Mannan (Tafsiira As-

Sa’dii jedhamuun beekkama)

2. Irshadu li al-Basaa’ir wa al-Bab li-Ma’arifati al-Fiqh

3. Al-Durrah al-Mukhtasarah fii-Mahaasin al-Din al-Islami

4. Al-Khutub al-Asriyyah al-Qayyimah

5. Al-Qawaa’id al-Hisaan li- Tafsiir al-Qur’aan

6. Wujuudal-Ta’aawun bayn al-Muslimiin wa al-azzu al-Jihadal-Din

7. Al-Qawl al-Sadid fii-Maqaasid al-Tawhiid

8. Taysir al-laxiif al-Mannan fi-Khulasat Tafsiir al-Qur’aan

11. Hashiyah 'ala al-Fiqh fi Irshaad Uli-l-Albab

12. al-Haqq al- Wadih al-Mubin, Tawdiih al-Kaafiyah al-Shaafiyah

13. Manhaj al-Saalikiin

14. al-Qawaa'id wal-Usuul al-Jaami'ah wal-Furuuq wat-Taqaasim al-

Badi'ah an-Naafi’ah

15. Diwaan Khutab

16. Tanzih ad-Din

Page 11: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

11

17. Radd'ala al-Qaasimi

Fi kanneen biroo.

Du’aa isaa:

Dhibee cimaan erga qabamee booda magaalaa Unayzah keessatti halkan

Kamisaa 23/6/1376 akka hijraatti addunyaa irraa ni boqate. Rabbiin

rahmata isaaf haa godhu.

Page 12: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

12

يمه ٱ لرحمنٱ لله ٱبسم لرحه

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

Faarun hundi kan Rabbiiti. Rabbii tokkicha shariika hin qabne malee

haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha. Muhammad

gabrichaa fi Ergamaa Isaa akka ta’e ragaa nan baha. Nageenyi fi

rahmanni Rabbii isa, maatii fi sahaabota isaa irra haa jiraatu.

Itti fufuun:

Dhugumatti, boqonnaa, tasgabbii fi gammachuu qalbii argachuun,

yaaddoo fi dhiphinni qalbirraa deemun wanta namni hundu

barbaadudha. Kanaan jireenyi gaariin argamti, gammachuun guuttama.

Wanta kanaaf: sababoota amantii, sababoota uumamaa fi sababoota

hojiitu jira.4 Kuni hundi mu’mintootaaf malee bakka tokkotti walitti hin

qabaman. Mu’mintootaan ala namoonni jiran gammachuun gama

tokkoon yoo isaanif argamee, gama biraatiin caalatti cimaa, gadi

dhaabbataa fi faayda guddaa qabu isaan jala darba.

Ergaa gabaabdu tiyya tana keessatti karaalee fi sababoota wanta

barbaadamaa ol’aanaa ta’e, kan namni hundi carraaquf kanatti nama

geessu nan dubbadha.

Namoota keessaa nama sababoota gammachuu baay’ee argatee jireenya

gammachuu fi gaarii jiraatetu jira. Ammas, isaan keessaa nama

sababoota kanniin dhabee jireenya dararaa jiraatetu jira. Ammas, isaan

keessaa hamma Rabbiin isa milkeessen nama jiddu-galeessa ta’etu jira.

4 [Namni gammachuu argachuuf, dhiphinnaa fi gaddi akka isarraa deemuf

sababoota sadan kanatti fayyadama. Sababoota sadan kanniin hundatti kan

fayyadamu mu’mintoota qofa. Mu’mintoota jechuun namoota haala sirriin

Rabbiitti fi hundeewwan iimaanaa birootti amananii fi Isaaf ajajamaniidha.]

Page 13: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

13

Rabbiin Kan nama milkeessu, kheeyri hunda argachuu fi sharrii hunda

ittisuu keessatti Kan gargaarsa irraa barbaadaniidha.

Tarkaanfilee Gara Gammachuutti nama

geessan:

Page 14: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

14

Tarkaanfi 1ffaa: Haala sirriin amanuu (iimaanaa) fi Hojii

gaggaarii hojjachuu Hundeen, bu’uurri fi sababni hundarra guddaan gammachuutti nama

geessuu amanuu (iimaanaa) fi hojii gaggaariidha. Rabbiin olta’aan ni

jedha:

نث ﴿و أهن ذكر أ نحيهينه من عمهل صلهحا م

ۥوهو مؤمهن فل هبة ة طي حيوحسنه ما كنوا يعملون

هأ جرهم ب

﴾٩٧ولجزهينهم أ

“Dhiiras ta’ii dubartii irraa nama mu’mina (dhugaan kan amane)

ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenyaa gaarii isa

jiraachifna. Mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa

turanitiin isaan mindeessina.” (Suuratu An-Nahl 16:97)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama amanuu (iimaanaa) fi hojii gaarii

walitti qabeef addunyaa tana keessatti jireenyaa gaarii, addunyaa tanaa

fi Aakhiratti mindaa gaarii waadaa gale.

Sababni kanaa ifa. Dhugumatti namoota iimaana sirrii hojii gaariitti

nama geessu, qalbii fi amala namaa fooyyessu, addunyaa fi Aakhirah

sirreessu qaban, hundee fi bu’uura sababoota gammachuu fi mirqaansu,

sababoota dhiphinnaa, yaaddoo fi gaddaa ittiin qunnaman qabu. (Yeroo

gammachuu fi mirqaansu, yeroo gaddaa fi dhiphinnaa maal hojjachu

akka qaban bu’uura isaan qajeelchu qabu.)

Wantoota jaallatamoo fi nama gammachiisan fudhachuun, galata

galchuu fi wanta faaydaa qabu keessatti itti fayyadamuun qunnamu. Yoo

haala kanaan itti fayyadaman, gammachuun, [wanti gaariin kuni] akka

turuu fi barakaa qabaatu kajeelu fi mindaa warra galatoofatanii

abdachuun isaaniif argama.

Page 15: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

15

Yeroo rakkoon, yaaddoo fi gaddi isaan qunnamu immoo wanta ittisuu

danda’aniin ni ittisu, wanta laaffisuu danda’aniin ni laaffisu. Wanta

humna irratti hin qabneef immoo obsa bareedaa obsu. Haala kanaan

bu’aa rakkoo irraa humni ittisaa cimaa fi muxannoon isaaniif argama.

Obsaa fi mindaa abdachuun wantoonni jibbamoon ni badu. Bakka kanaa

gammachuun, abdiin, tolaa fi mindaa Rabbii kajeelun bakka qabata.

Akkuma Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) kana ilaalcisee hadiisa

sahiih keessatti jedhan: Dhimmi mu’minaa5 ajaa’iba. Dhugumatti,

dhimmi isaa hundi kheeyrii (gaaridha). Kuni mu’minaaf malee

eenyufillee hin ta’u. Yoo wanta gammachisaan isa tuqe, ni

galateefata. Kanaafu isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqe, ni obsa.

Kanaafu, isaaf gaarii ta’a.” Sahiih Muslim 2999

Gammachuu fi rakkoo mu’mina tuqu hunda keessatti kheeyri fi firiin

hojii isaa akka dachaa ta’uu Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) ni

beeksiisan. Kanaafi, waan gaarii fi badaa qunnamu keessatti namoota

lama akka wal caalan ni argita. Kunis hamma iimaanaa fi hojii

gaggaariin wal caalu irratti hundaa’a.

Namni jalqabaa iimaanaa fi hojii gaggaarii qabu kheeyri fi sharrii galataa

fi obsaan qunnama. (Yeroo kheyri (waan gaarii argatu) galata galcha,

yeroo rakkoo ni obsa.) Kunis gammachuu fi mirqaansu isaaf argamsiisa.

Yaaddon, dhiphinni, gaddii fi dararaan jireenyaa isarraa deema.

Addunyaa tana keessatti jireenyi gaariin isaaf guuttamti.

Namni lammataa immoo wantoota jaallatamoo of tuuluun, daangaa

darbuu fi dhaadachuun qunnama. (Wanta gaarii yommuu argatu of

tuula, daangaa darba.) Kanaafu, amalli isaa karaa qajeelaa irraa jallata.

Akkuma horin haafayu, innis ni haafaya. Inni kana waliinu qalbiin isaa

5 [Mu’mina jechuun nama haala sirriin Rabbiitti fi hundeewwan iimaanaa

birootti amanee fi Isaaf ajajameedha.]

Page 16: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

16

boqonnaa fi tasgabbii hin argattu. Gama baay’een kan jeeqamuudha.

Gama 1ffaa-Wanta jaallatu dhabuu ni sodaata.

Gama 2ffaa-Wanta jaallatamu kanarraa rakkoon madduu ni sodaata

Gama 3ffaa- Nafseen daangaa ishiitti waan hin dhaabbanneef,

dhimmoota birootif dharra’a. Dhimma kana argachuus dhiisus danda’a.

Dhimma kana yoo argate gama armaan oliitin ni jeeqama.

Wantoota jibbamoos dhiphinnaan, obsa dhabuun, sodaan, nuffiin

qunnama. (Yommuu rakkoon isa qunnamu garmalee dhiphata, obsa

dhaba, sodaa fi nuffiin guuttama.) Dararaa jireenyaa, dhibee sammuu fi

qaamaa isa qunnamuu fi sodaa haala badaatti isa geessu hin gaafatin.

Sababni kanaa, namni kuni mindaa (ajrii) hin abdatu, obsa isa

jajjabeessu fi rakkoo isaaf laaffisu hin qabu.

Kuni hundi muxannoon kan mul’atuudha. Akka fakkeenyaatti gosa kana

irraa nama tokko haala namoota irratti gadi buusun yoo qoratte,

garaagarummaa guddaa mu’mina akkaata iimaana isaatiin hojjatuu fi

nama akkana hin taane jidduu jiru ni argita. Amantiin rizqii fi tola

Rabbiin namaaf kennetti akka quufanii fi gammadan nama

kakaasa.

Mu’minni yommuu dhibeen ykn hiyyummaan ykn kan kana

fakkaataniin qoramu, iimaana qabuu fi wanta Rabbiin isaaf murteessetti

quufu isaatiin tasgabbaa’a ta’ee argita. Dhimma isaaf hin murteefamne

qalbiin hin barbaadu. Nama isaa gadi jiru ilaala, nama isaa ol jiru hin

ilaalu. Tarii gammachuun isaa gammachuu nama qabeenya walitti haru

garuu quufun isaaf hin kennamne caaluu danda’a.

Gama biraatin, namni iimaana irratti hundaa’e hojii gaarii hin hojjanne

immoo yommuu hiyyummaan ykn addunyaa irraa waa dhabuun qoramu,

gadda cimaa fi dararaa keessatti isa argita.

Page 17: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

17

Yommuu sababoonni sodaa fi rakkoo argaman, nama iimaana sirrii qabu

qalbiin isaa tan gadi dhaabbattee fi nafseen isaa tasgabboofte taate

argita. Yaada, dubbii fi hojii isa bira jiruun dhimma isaa ni too’ata.

Wanta nama jeeqan kanaaf nafsee ofii leenjisee jira. Haalli kuni

boqonnaa namaaf kenna, qalbii gadi dhaaba.

Nama iimaana hin qabne immoo faallaa haala kanaa irratti argita.

Yommuu wanti sodaachisaan argamu, qalbiin isaa ni jeeqamti,

sammuun isaa ni dhiphata, yaanni isaa ni bittinnaa’a, sodaa fi naasun

isatti seena. Sodaan alaa fi dhiphinni keessaa isarratti tuulama.

Maalummaa kanaa jechaan ibsuun ni ulfaata. Namoota irraa gosti kuni

yoo sababoonni uumamaa shaakallii baay’ee barbaachisuu isaaniif hin

argamin, humni isaanii ni jiga, sammuun isaanii garmalee dhiphata.

Kunis iimaana akka obsan nama taasisu dhabuu irraa madda. (Iimaana

sirrii waan hin qabneef sodaa fi dhiphinna hangana hin jedhamnetti

lixu.)

Namni gaarii hojjatu fi namni badii hojjatu, mu’minaa fi kaafirri,

gootummaa muxannoon argamuu fi dandeetti uumamaa wanta

sodaachisa laaffisuu argachuu keessatti qooda waliin fudhatu.

(Mu’minnis kaafirris muxannoo fi leenjin gootummaa argachuu

danda’a, akkasumas, dandeetti uumamaa sodaa itti laaffisan argachuu

danda’a.) Garuu mu’minni jabeenya iimaana isaatiin, obsaan, Rabbiin

irratti hirkachuu fi mindaa Isaa abdachuun [kaafira] irraa adda baha.

Amaloonni kunniin gootummaa isaa ni dabalu, sodaa isarratti laaffisu,

rakkoo isaaf salphisu. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

لمون وترجون مهن ﴿لمون كما تأ

هنهم يأ لمون فإ

﴾ما ل يرجون لله ٱإهن تكونوا تأ

“Yoo kan laalattan taatan, akkuma isin laalattan isaanis laalatu.

Wanta isaan hin abdanne isin Rabbiin irraa abdattu.” Suuratu An-Nisaa

4:104 (Sababa waraanaatin yoo rakkattan, akkasuma diinonni keessan san caala

rakkinna cimaa rakkatu. Isaan kana waliinu isiniin loluu irraa of hin qusatan. Isin

Page 18: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

18

isaan caalaa kanaaf warra maltaniidha. Sababni isaas, isin mindaa, injifannoo fi

gargaarsa Rabbiin irraa abdattu. Isaan immoo kana hin abdatan.6)

Mu’mintoonni Rabbiin irraa gargaarsa addaa sodaa bittineessu argatu.

Rabbiin olta’aan ni jedha:

ٱو ﴿ وا هين ٱمع لل ٱإهن صبه به ﴾لص

“Obsaa. Dhugumatti Rabbiin warra obsan waliin jira.” Suuratu Al-

Anfaal 8:46

Sababoota yaaddo, gaddaa fi dhiphinna oofan keessaa tokko dubbii

fi hojiin uumamtootatti tola ooludha. Kuni hundi kheeyri fi ihsaana

(tola ooludha). Rabbiin sababa kanaan hamma tola oolan irratti hundaa’e

nama gaarii fi badaa irraa yaaddoo fi gadda oofa. Garuu mu’minni nama

biraa caalaa qooda guddaa fi guutuu ta’e qaba. Tola oolun isaa ikhlaasaa7

fi mindaa abdachuu irraa kan burqee waan ta’eef mu’minni adda baha.

Kanaafu, Rabbiin waan gaarii hojjachuu isaaf laaffisa, ikhlaasa

qabaachu fi mindaa abdachuu isaatiif wanta jibbamaa isarraa ittisa.

Rabbiin olta’aan ni jedha:

و إهصلح بي ﴿و معروف أ

هصدقة أ مر ب

هم إهل من أ هن نوى ۞ل خي فه كثهي م

هك لاسه ٱ ل هغاء ٱومن يفعل ذ يما لله ٱمرضاته بت جرا عظه ﴾١١٤فسوف نؤتهيهه أ

“Nama sadaqatti yookiin waan gaariitti yookiin namoota jidduutti

araara buusutti ajaje malee maqoo isaanii baay’ee keessa kheeyrin

hin jiru. Namni jaalala Rabbii barbaadun kana hojjate, mindaa guddaa isaaf kennina.” Suuratu An-Nisaa 4:114

[Dubbii namoonni dhoksaan wal jidduutti haasawan baay’ee keessa

faaydan hin jiru, dubbii waan gaarii hojjachuutti ykn sadaqaa kennutti

ykn jecha gaariitti ykn namoota walitti araarsutti waamuu yoo ta’e

malee. Namni dhimmoota kanniin irraa jaalala Rabbii barbaadu fi

6 Tafsiiru Muyassar-95 7 Ikhlaasa-Rabbii qofaaf jedhanii hojii gaarii hojjachuu ykn hojii badaa dhiisu

Page 19: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

19

mindaa Isaa kajeelun hojjate, mindaa guddaa isaaf kennina.8] Rabbiin

olta’aan dhimmoonni kunniin kheeyri (waan gaarii) akka ta’anitti

beeksise. Kheeyrin kheeyri biraa fida, sharrii ittisa. Mu’mina ajrii

abdatuuf Rabbiin ajrii (mindaa) guddaa isaaf kenna. Mindaa guddaa

kana keessaa yaaddoo fi gaddi namarraa deemudha

Guduunfaa ☛Gammachuun dhugaan haala sirriin Rabbiitti fi hundeewwan iimaana9

birootti amanuu (iimaanaa) fi hojii gaggaarii hojjachuu irraa argama.

☛Namoonni haala sirrii kanaan amananii fi hojii gaggaarii hojjatan bu’uura

yeroo gammachuu fi gaddaa isaan qajeelchu qabu. Yommuu wanta

jaallatan argatan galata galchu, bakka sirrii ta’etti itti fayyadamu. Yeroo

rakkoon, dhiphinnii fi gaddi isaan qunnamu immoo filannoo kana qabu:

(1)-Rakkoo kana deebisuu yoo danda’an deebisuuf ni carraaqu ykn hir’isuu

yoo danda’an ni hir’isu.

(2)-Humna isaaniti ol yoo ta’e immoo mindaa guddaa Rabbiin irraa

abdachuun ni obsu.

☛ Namni haala sirriin Rabbiitti hin amanne, Isaaf hin ajajamnee fi hojii

gaggaarii hin hojjanne immoo yommuu wanta jaallatu argatu of tuula,

daangaa darba. Wanta jaallatu hanga fedhe haa argatu, qalbiin isaa

tasgabbii hin qabdu. Sababni isaas, wanta kana nan dhaba ykn rakkoo natti

fiduu danda’a jechuun sodaata. Ammas, wanta dabalataa argachuuf

garmalee dharra’a. Kanaafu, inni jeequmsa keessa jiraata.

Yommuu rakkoon isa qunnamuus garmalee dhiphata, obsa dhaba, sodaan

guuttama. Sababni isaas, namni kuni Aakhiraa fi murtii (qadara) Rabbiitti

waan hin amanneef Rabbiin irraa mindaa (ajrii) hin abdatu, obsa isa

jajjabeessu fi rakkoo isaaf laaffisu hin qabu.

☛ Yeroo hiyyummaan ykn dhibeen ykn wantoonni nama sodaachisan argaman

nama haala sirriin Rabbii fi hundeewwan iimaana birootti amane, tasgabbaa’a

ta’e argita. Nama hin amanne immoo dhiphataa fi jeeqamaa ta’e argita.

8 Tafsiiru Muyassar-97 9 Hundeewwan iimaanaa fi haala sirrii itti amanan:

https://www.sammubani.com/2019/01/20/guduunfaa-iimaanaa/#.XsvE_Wj7TIV

Page 20: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

20

Tarkaanfi 2ffaa: Gochootaan yookiin beekumsa faayda

qabuun of ko’oomsu

Karaalee dhiphinnaa fi gadda itti oofan keessaa: gochoota keessaa

gocha gaariin yookiin beekumsa faayda qabuun of ko’oomsuu (biizi

gochuu) dha. Sababni isaas, kanniin hojjachuun dhimma qalbii dhiphisu

waliin ko’oomu irraa isa garagalcha. Tarii sababa kanaan sababoota

yaaddo fi gadda isatti fidan dagata. Nafseen isaa ni gammaddi.

Nashaaxan (kaka’uumsi) isaa ni dabala.

Sababa kana keessatti mu’minaa fi kan biraa waliin qooda fudhatu.

Garuu mu’minni iimaana isaatiin, ikhlaasaa fi mindaa abdachuu isaatiin

adda baha. Beekumsa barachuun ykn barsiisuun, kheeyri hojjachuun

yommuu of ko’oomsu [ikhlaasa fi mindaa abdachuun hojjata]. Ibaadaa

yoo ta’e suni ibaadadha, hojii addunyaa ykn aadaa yoo ta’e niyyaa

(intention) gaariin walitti hidha, Rabbiif ajajamuu irratti jabeenya ittiin

barbaadun hojjata. Kanaafi, kuni yaaddo, dhiphinnaa fi gadda oofu

keessatti bu'aa guddaa qaba. Nama meeqatu yaaddoo fi cinqii turaan

qoramee dhibee garagaraa isatti fide. Ergasii dawaan isaa dhiphinnaa fi

gaddaaf wanta sababa ta’ee dagachuu fi hojii ofiitiin ko’oomu ta’e.

Garuu gochi waliin ko’ooman (biizi ta'an) wanta gaarii nafseen ittiin boohartuu ta’uu qaba.10 Kuni kaayyoo barbaadame kana

argachuf bu’aa guddaa qaba. Rabbiin hundarra beeka.

Wanta yaaddoo fi dhiphinna ittiin oofan keessaa: yaada hunda hojii

guyyaa ammaatti xiyyeefachu irratti sassaabu, yeroo fuunduraatti yaaddawu dhiisu fi wanta darbeef gaddu dhiisudha. Kanaafi,

10 [Kana yommuu jedhu, wanta badaa nafseen dharraatu hojjachu qaba jechuu miti. Namni

wanta badaa nafseen dharraatu hojjate gaddaa fi yaaddo malee homaa hin argatu. Wanti asitti

jechuu barbaade, hojii gaarii fi beekumsa faaydaa qabuudha.]

Page 21: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

21

Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) yaaddoo fi gadda irraa akka

eeggamu Rabbiin kadhate.11

Gaddi dhimmoota darban deebisuu fi dhaqqabuun hin danda’amne irratti

ta’a. Yaaddon immoo wanta gara fuunduraatti dhufu sodaachu irraa

dhalata. Namni ilma guyyaa isaa ta'a. Guyyaa har’aa fi waqtii ammaa

isaa fooyyessuuf carraaqqi fi qabsoo isaa sassaabu qaba. Qalbii isaa

kanarratti yoo sassaabe, kuni hojiin akka xamadamu, yaaddoo fi gadda

irraa akka booharu isa taasisa.

Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) du’aayi yommuu godhuu ykn

ummata isaa du’aayitti qajeelchu, Rabbiin irraa gargaarsa barbaadu fi

tola Isaa kajeelutti isaan kakaasa. Kana waliinu wanta barbaadan

argachuuf ykn wanti jibban isaan irraa deemuf jabaatanii hojjachuu akka

qaban isaan kakaasa. Sababni isaas, du’aayi fi hojiin kan walitti

hidhamaniidha. Namni amantii fi addunyaa isaa keessatti wanta isa

fayyaduuf ni carraaqa. Ammas bu’aa barbaade argachuuf Rabbii isaa

kadhata. Kanarratti gargaarsa Isarraa kadhata.

Akkuma Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) jedhan: “Wanta si

fayyadutti futi, gargaarsa Rabbiin irraa barbaadi. Dadhabaa hin

ta’in. Yommuu wanti tokko si qunname [akkana] hin jedhin, “Osoo

ani akkas hojjadhe silaa akkas akkas ta'aa ture. ” Garuu [akkana]

jedhi, “Rabbiin murteesse, wanta fedhe hojjate.” Dhugumatti,

“Osoo” hojii sheyxaanaa banti.” Sahiih Muslim 2664

Hadiisa kana keessatti Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam wantoota

lama akka walitti finnu nu gorsu: Tokkoffaa haala hundaa keessatti

11 Akkuma Hadiisa Anas ibn Maalik keessatti dhufe: Nabiyyiin (SAW) akkana

jechaa turan: “Yaa Rabbii! Yaaddoo, gadda, dadhabinna, ceem’uu,

dabeessummaa, doy’ummaa, ulfaatinna idaa fi dhiirotaan moo’amu irraa

Siin eeggama.” Sahiih Al-Bukhaari 6369

Page 22: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

22

wanta faaydaa qabuuf carraaqu, gargaarsa Rabbiin irraa barbaaduu fi

dadhabinnaaf harka kennu dhiisudha. Lamaffaa: dhimmoota darbaniif

harka kennuu fi isa keessatti murtii Rabbii ragaa bahuudha.12

Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) dhimmoota ramaddi lama godhe:

Ramaddiin tokkoffaan: wanta namni guutumatti ykn muraasa isaa

galmaan gahuu, guutumatti ittisuu ykn laaffisuu irratti dandeetti

qabuudha. (Ramaddi kana keessatti namni wanta faayda qabu argachuu

ykn galmaan gahuu irratti dandeetti qaba ykn miidhaa ittisuu irratti

dandeetti qaba.) Kanaafu, namni kana keessatti sirritti carraaqu fi

Gooftaa isaa irraa gargaarsa barbaadu qaba.

Ramaddiin lamaffaan: wanta namni dandeetti fi humna irratti hin

qabneedha. Kanaaf tasgabbaa’uu, itti gammaduu fi harka kennuu

barbaachisa. Shakkii hin qabu hundee kana sirriitti eegun gammachuun

akka argamuuf, yaaddoo fi dhiphinni akka deemuuf sababa ta’a.

Guduunfaa ☞Hojii fi beekumsa addunyaa fi Aakhiratti nama fayyadu waliin ko’oomun

dhiphinnaa fi gadda oofa, gammachuu fida.

☞Gaddi wanta nama jala darbeef ta’a, dhiphinni ykn yaaddon immoo

wanta gara fuunduraatti dhufu sodaachun ta’a. Wanta gaddaa fi yaaddoo

ittiin oofan keessaa tokko: yaada ofii yeroo ammaa irratti sassaabudha.

Wanti darbe darbee jira duubatti hin deebi’u. Kanaafu, wanta darbeef

garmalee gadduun yeroo gubuudha. Wanti gara fuunduraatti sodaatanis

12 [Dhimma jaallatamaa nama jala darbeef ykn rakkoo namatti bu’eef qadaa (murtii)

Rabbiiti jedhanii harka kennuu fi obsuu barbaachisa. Dhimmichi cubbuu (dilii) hojjatan

yoo ta’e immoo tawbachuu fi araarama kadhachuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa

ni jedha:

ٱف ﴿ و لله ٱإهن وعد صبه نبهك ستغفهر ٱحق ﴾له

“Obsi! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii (cubbuu) keetifis

araarama kadhu.” Suuratu Ghaafir 40:55]

Page 23: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

23

hanga silaa hin dhufne. Kanaafu, wanta dhufuuf garmalee dhiphachuunis

yeroo gubuu fi of dararuudha.

☞Yeroo ammaa irratti yaada sassaabuuf: 1ffaa-Wanta dandeetti irratti qabdu hojjachuu fi Rabbiin irraa gargaarsa

barbaadu.

2ffaa-Wanta dandeetti irratti hin qabneef mindaa obsaa abdachuun obsuu

fi Rabbiin irratti hirkachuu.

3ffaa-Dilii (cubbuu) hojjattee dabarsiteef Rabbiin irraa araarama

kadhachuu

Page 24: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

24

Tarkaanfi 3ffaa: Zikrii fi Galata galchuu (Shukr)

Qomni bal’achuu fi tasgabbiif sababoota gurguddoo keessaa Rabbiin

yaadachuu fi faarsu baay’isuudha. Kuni qomni bal’achuu fi tasgabbiin

argamuu, yaaddo fi dhiphinni deemu keessatti bu’aa ajaa’iba qaba.

Rabbiin olta’aan ni jedha:

كره لهين ٱ﴿ هذه وبهم بكره لله ٱءامنوا وتطمئهن قل هذه ل ب

﴾٢٨لقلوب ٱتطمئهن لله ٱأ

“Isaan warra amananii qalbiin isaani zikrii Rabbiitin

tasgabbooftudha. Dhaga’aa! Zikrii Rabbiitin qalbiin

tasgabboofti.”(Suuratu Ar-Ra’ad 13:28)

Zikriin wanta addaa barbaadame kana (gammachuu fi tasgabbii)

argachuuf bu’aa guddaa qaba.13

Haaluma kanaan qananii alaa fi keessaa Rabbiin namarratti oole

dubbachuun [sababa gammachuutti nama geessudha].14 Sababa qananii

13 [Namoonni baay'een zikrii ni godhu garuu tasgabbii waadaa galame hin argatan.

Sababni kanaa maaliidhaa? Sababa kanaa bakka lamatti qoodun ni danda'ama: 1ffaa-

Hanqinna iimaanaa- Aayah armaan olii keessa yommuu ilaallu, "Isaan warra

amananii.." jechuun jalqaba. Kanaafu, qalbiin kan tasgabbooftu dhugaan yoo Rabbii fi

hundeewwan iimaana hafanitti amananiidha. 2ffaa- Gaflaa- namni zikrii jedhu yoo itti

hin xinxallin, zikrii irraa hangas mara bu’aa hin argatu. Garuu dammaqinnaa fi itti

yaadun zikrii yoo godhe, tasgabbii ni argata. Kanaafu bu'aan zikrii iimaana,

dammaqinnaa fi itti xinxalluu irratti hundaa'a.] 14[Fakkeenyaaf akkana jechuu: ani hiyyeessa ture Rabbiin na duroomse,

Alhamdulillah. Ani ilma, mana, niiti, konkolaata nan qaba, Alhamdulillah.

Ulaagaa kana yoo guutee kuni shukrii (galata galchuu) ta’a. Ulaagaan kunis:

yommuu qananii kannin dubbatu of dhaadachuun, of jajuun ykn na argaan keessa

jiraachu hin qabu. (Kana jechuun namni yommuu qananii kanniin dubbatu fi

odeessu, dhaadannoof, of jajuuf ykn na argaaf odeessu hin qabu. Dhaadannoon,

of jajuun ykn na argaan qalbii isaa keessa yoo jiraate, cal’isutu isaaf wayya.

Rabbiin nama of dhaadatu waan hin jaallannef. Bakka kanaa, qalbiidhaan qananii

Page 25: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

25

kana beekuu fi dubbachuutiin Rabbiin yaaddoo fi dhiphinna isarraa

kaasa. Akkasumas, galata galchuu sadarkaa ol’aanaa qabutti nama

kakaasa. Inumaa, namni hiyyummaa ykn dhibee ykn balaa biraa keessa

osoo jiraateyyu, yommuu qananii lakkoofsa hin qabne kan Rabbiin isaaf

kennee fi rakkoo isa tuqe wal bira qabu, rakkoon isa tuqe garmalee

xiqqaa akka ta’etti ilaala.

Inumaa yommuu Rabbiin wanta jibbamaa fi rakkoon nama qoru,

gabrichi yoo obse, itti gammadee fi harka kenne, ba’aan rakkoo kanaa

ni salphataaf. Akkasumas, namni mindaa abdachuun, Rabbiif jedhe

obsuun, itti gammaduu fi harka kennuun isaa rakkoolee hadhaawoo gara

mi’aatti jijjira, mi’aan mindaa hadhaa obsaa nama dagachiisa.

Dhimma kana keessatti wanta garmalee faayda qabuu keessaa tokko

wanta Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) itti qajeelchanitti

fayyadamuudha. Wanti kunis: “Nama [qabeenyaan] isinii gadi jiru

ilaalaa. Nama [qabeenyaan] isini ol jiru hin ilaalinaa. Suni qananii

Rabbii isin irra jiru akka hin tufanne wanta taasisuudha.” Sahiih

Muslim 2963

Dhugumatti, namni yommuu barsiisa guddaa kana ija isaa lamaan jidduu

kaa’u, haalli isaa hanga fedhe haa gahu, fayyaa fi rizqiidhaan

uumamtoota baay’ee akka caalu arga. Cinqiin, yaaddoo fi gaddi isaa

isarraa deema. Gammachuun isaaf dabalama.

Akkuma namni qananii keessaa fi alaa, kan addunyaa fi amantii Rabbiin

isaaf kenne gadi fageesse itti xinxalluun, Gooftaan isaa waan gaarii

baay’ee akka isaaf kennee fi sharrii baay’ee isarraa akka deebise arga.

Rabbiitti yaadu danda’a.)]- Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 68, Ibn

Useymiin

Page 26: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

26

Shakkii hin qabu, kuni yaaddoo fi gadda oofa, mirqaansu fi gammachuu

fida.

Guduunfaa

✐Iimaanan, dammaqinnaa fi hiika zikriitti xinxalluun zikrii gochuun lapheen

akka bal’attu, tasgabbiin qalbii irra dhangala’uu fi akka yaaddoo fi gaddi

namarraa deemuf sababa ta’a.

✐Namni akkuma Rabbiif galata galchuun, Rabbiin subhaanahu wa

ta’aalaa yaaddoo, jeequmsaa fi gadda isarraa kaasa. Rabbiif galata

galchuun qalbiin, arrabaa fi qaamoleen ta’a.

1ffaa-Qalbiin-namni galata galchuu qananiin kuni Rabbiin irraa akka ta’e

amanuu qaba. Akkana jechuu hin qabu: “kuni anaafi, beekumsa na bira jiruun

argadhe.” Kana irra, akkana jechuu qaba: Kuni tola Rabbii irraayyi.”

2ffaa- Arrabaan: dubbii hunda kan Rabbiin shari’aa keessatti lafa kaa’een (itti

ajajeen) Isa gabbaruu. Fkn, Alhamdulillah jechuu, maqaalee fi amaloota

gaggaariin Isa faarsu.

3ffaa- Qaamolee-kuni beekkamaadha. Qananii Rabbiin namaaf kenneen karaa

Isaa keessatti mul’isuudha. Yoo beekkumsa namaaf kenne, namoota barsiisuun.

Yoo humnaa fi qabeenya namaaf kenne, karaa Isaa keessatti qabsaa’u fi

rakkattoota gargaaru.15

✐Namni akkuma qabeenyaan nama isaa gadi jiru ilaalun qananii Rabbii azza

wa jalla ofirratti beeka. Kanaafu, galata galcha. Akkasumas, wanta qabutti ni

quufa. Hin haafayu. Haala kanaan gammachu argata.

✐Namni akkuma nama qabeenyaan isa caalu ilaalun, qananii isa bira jiru

wallaala. Kanaafu, ni haafaya, tasgabbii dhaba.

15 Tafsiiru Qur’aanil kariim-Suuratu Zumar-fuula 68, Ibn Useymiin

Page 27: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

27

Tarkaanfi 4ffaa

Wantoota yaaddo fi gadda namatti fidan oofuu fi

wantoota gaggaarii gammachuu fidan argachuuf carraaqu

Gammachuun akka dhufuuf, yaaddoo fi gaddi akka deemuuf

wantoota sababa ta’an keessaa: wantoota yaaddoof sababa ta’an

kaasuuf carraaqu fi wanta gammachuuf sababa ta’an argachuuf

tattaafachuudha. Kunis kan ta’u, wantoota jibbamoo yeroo darban

uumaman kan deebisuun hin danda’amne dagachuudhaan, wanta

darbe kanaan yaada ofii ko’oomsun taphaa fi gowwummaa akka ta’e

beekudhaani. Wanta darbee kanatti yaadu irraa qalbii ofii buqqisuuf

ni qabsaa’a. Akkasumas, wanta gara fuunduratti dhufu kan akka

hiyyummaa, sodaa fi wantoota jibbamoo kan inni sammuu ofii

keessatti yaaduf dhiphachuu irraa qalbii ofiitti ni qabsaa’a. Kheyris

ta’ii sharriis ta’ii, dhimmoonni gara fuunduraa kan hin beekkamne

ta’uu ni hubata. Dhimmoonni kuni hundi harka Rabbii Injifataa

Ogeessa ta’ee jiru. Waan gaarii argachuu fi waan badaa ittisuuf

carraaqu malee [wanti gara fuunduraatti dhufu] harka gabrootaa

keessaa miti. Namni wanta gara fuunduraatti dhufutti dhiphachuu

irraa yaada ofii yoo naannesse, fooyya’iinsa isaatiif Gooftaa isaatti

hirkatee fi kana keessatti Isatti tasgabbaa’e, yommuu kana hojjatu

qalbiin isaa ni tasgabboofti, haalli isaa ni fooyya’a, yaaddoo fi

dhiphinni isarraa deema.

Dhimmoota gara fuunduraa ilaalu keessatti wantoota hundarra faayda

qaban keessaa tokko du’aayi Nabiyyin sallallahu aleyh wassallam

godhaa turanitti fayyadamuudha:

Page 28: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

28

صلهح له دنياى اللهم مرهي وأ

الهي هو عهصمة أ صلهح له دهينه

أ

رته الته فهيها مع صلهح له آخهادهي واجعله الياة الته فهيها معاشه وأ

ه ش ه خي واجعله الموت راحة له مهن ك

زهيادة له فه ك

Allaahumma aslih-lii diiniya-llazi huwa ismatu amrii waslih-lii

dun’yaaya-llatii fiihaa ma’aashi waslih-lii aakhirati-llati fihaa

ma’aadi, waj’alil-hayaata ziyaadatan lii fii kulli kheyr, waj’alil

mawta raahatan lii min kulli sharrin.

Yaa Rabbii! Amanti kiyya kan dhimma kiyya eegu ta’e naaf

fooyyessi, addunyaa jireenyi tiyya keessa jirtus naaf fooyyessi,

Aakhirah deebiin kiyya keessa jiru naaf fooyyessi. Jireenyi kheeyri

hunda keessatti daballi akka naaf taatu taasisi. Duuti sharrii hundarraa

boqonnaa akka naaf taatu taasisi” Sahiih Muslim 2720

Akkasumas, Nabiyyiin (sallallahu aleyh wassallam) akkana jedhanii

jiru:

نه كه صلهح له شأ

لنه إهل نفسه طرفة عي وأ رجو فلا تكه

اللهم رحتك أنت

ل إهل إهل أ

“Allaahumma rahmataka arjuu falaa takilnii ilaa nafsii xarfata ayn,

waslih lii sha’anii kullahu, laa ilaah illaa anta.

Yaa Rabbii! Rahmata kee kajeela. Kanaafu libsuu ijaatiif nafsee

tiyyatti na hin dhiisin. Dhimma kiyya hunda naaf fooyyessi. Si malee

haqaan gabbaramaan hin jiru.” Sunan Abi Daawud 5090

Page 29: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

29

Namni du’aayi fooyya’insi amantii fi addunyaa gara fuunduraa keessa

jiru kana qalbii argamtuun (xiyyeefannoon), niyyaa dhugaatiin, wanta

kana isaaf mirkaneessu hojjachuu waliin yoo haala itti fufaan godhe,

Rabbiin wanta inni kadhate fi kajeele dhugaa isaaf taasisa. Kanaafu,

yaaddoon isaa gara gammachuu fi mirqaansutti jijjirama.

Guduunfaa Wantoonni yaaddoo fi gaddaaf sababa ta’an gurguddaan sadii:

1ffaa-Dilii ykn cubbuu hojjachuu, 2ffaa-wanti jaallatan nama jala darbuu ykn

wanti jibban namatti bu’uu, 3ffaa-wanta jibbamaa gara fuunduraatti dhufuuf

sodaachu.

Karaan wantoota kanniin itti oofan:

1ffaa-Tawbachuu fi Rabbiin irraa baay’isanii araarama kadhachuu, hojii

gaggaarii baay’isuu.

2ffaa-Wanta nama jala darbeef ykn rakkoo namatti bu’eef mindaa obsaa

abdachuun obsuu.16

3ffaa- Wanta gara fuunduraatti sodaataniif du’aayi armaan olii gochuu fi

Rabbin irratti hirkachuu. “Hasbunallahu wani'mal wakiil” jechuu.

Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) aayah tana, "Hasbunallahu wani'mal wakiil

(Rabbiin nuuf gahaadha. Inni Tiiksaa akkam tole!)" (Suuratu Aali-Imraan

3:173) ilaalchisee ni jedha: Jecha tana yommuu Nabii Ibraahim (aleyh salaam)

ibiddatti darbamuu jedhee jira. Nabii Muhammadis (sallallahu aleyh wassallam)

yommuu namoonni, "Dhugumatti, namoonni isiniif walitti qabaman. Kanaafu

isaan sodaadhaa." isaaniin jedhan jecha tana jedhee jira. Iimaana isaaniif

(Nabiyyii fi sahaabotaaf) dabale, ni jedhaniis: "Hasbunallahu wani'mal

wakiil."17

16 Qabxiilee lamaan kana ilaalchisee Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

ٱف ﴿ و لله ٱإهن وعد صبه نبهك ستغفهر ٱحق ﴾له

“Obsi! Dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Dilii (cubbuu) keetifis

araarama kadhu.” Suuratu Ghaafir 40:55] 17 Tafsiir Ibn Kasiir-2/472

Page 30: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

30

Tarkaanfi 5ffaa: Haala hundarra badaa Yaadu Dhiphinnaa fi yaaddoo oofuuf wantoota sababa ta’an keessaa tokko:

haala hundarra badaa dhimmichi gahuu danda’u tilmaamun laaffisuuf

carraaqudha. Kana jechuun wanta badaa dhufuu danda’u ni tilmaama.

Ergasii wanta badaa kana qunnamuuf of qopheessa. Hanga

danda’ameen balaa xiqqeessuuf tooftaalee ni baasa, ni carraaqa. Of

qopheessuu fi tooftaalee kanaan yaaddoo fi dhiphinni isaa ni

deema. Bakka kanaa, faayda argachuu fi miidhaa ittisuuf carraaqa.

Yommuu sababoonni sodaa, dhibee, hiyyummaa fi wanta jaallattu

dhabuun isarratti bu’an, kana hunda tasgabbiin, nafseen kana akka

baadhatu taasisuun haa fudhatu. Dhugumatti, nafseen wanta jibbama

akka baadhatu leenjisuun, ulfaatinna rakkoo salphisa.

Carraaqqin faayda qabeessi rakkootti yaadu irraa isa garagalchuu fi

nafsee ofii rakkoo akka baadhatu gochuun isaaf ta’a. Humna wantoota

jibbamoo waliin wal’aanso ittiin bahu haaromsu irratti nafsee ofiitti

ni qabsaa’a. Kana waliinu Rabbiin irratti hirkata. Shakkii hin qabu

dhimmoonni kunniin gammachuu argachu fi qomni bal’achuu

keessatti faaydan isaanii guddaadha. Kuni wanta mul’atuu fi

muxannoon beekkamuudha.

Page 31: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

31

Tarkaanfi 6ffaa: Jabeenya Qalbii fi Rabbiin irratti

hirkachuu Dhibee sammuutif inumaa dhibee qaamatiif qorichoota gurguddaa

keessaa tokko: qalbiin jabduu ta’uu (quwwatul qalbi), yaadota

sobaatii fi faffakeessaa yaada badaa namatti fidaniif jeeqamuu

dhiisudha. Sababni isaas, namni yommuu yaada sammuu isaa

keessatti dhufu hundaaf harka kenne, dhibee fi wanta biraa

sodaachuun, dallansuun, wanti jibbaman isatti bu’uu fi wanti

jaallatamaan isa jalaa badu eeguun qalbiin yoo jeeqamte, kuni yaaddo,

gadda, dhibee sammuu fi qaamatti isa darba. Akkasumas, diigama

narvii dhiibbaa badaa qabutti isa geessa. Miidhaa baay’ee kanarraa

dhalatu namoonni baay’een arganii jiru.

Yeroma qalbiin Rabbiin irratti hirkattuun, yaada sobaatiif harka

kennuu dhiisun, yaanni sammuu keessatti kaafamu (imagination) isa

too’achuu dhiisun, Rabbiin amanee fi tola Isaa kajeelun, sababa

kanaan yaaddoo fi gaddi isarraa deema. Dhibeen qaamaa fi sammuu

baay’een isarraa bada. Qalbiif jabeenyi, bal’inni fi gammachuun

jechaan ibsamu hin dandeenya ni argama.

Hospitaalota meeqatu namoota sababa yaada sobaati fi khayaala18

badaatiin dhukkubsataniin guuttamee. Dhimmoonni kunniin namoota

dadhaboo dhiisitii qalbii namoota jajjaaboo meeqa irratti dhiibbaa

fidanii. Nama meeqa gowwummaa fi maraatutti geessan. Namni

nagahaa nama Rabbiin gaha godhee fi sababoota fayyadoo qalbii

jabeessanii fi dhiphinna ittisan argachuuf nafsee ofiitti akka qabsaa’u

milkeessedha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

18 Khayaala-wanta tokko sammuu keessatti kaasu. Inglififfaan imagination

Page 32: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

32

﴾ۥ فهو حسبه لله ٱومن يتوك عل ﴿

“Namni Rabbiin irratti hirkatu, Inni isaaf gahaadha.” Suuratu

Ax-Xalaaq 65:3

Kana jechuun dhimma amantii fi addunyaa irraa wanta isa yaachisuu

hunda keessatti Rabbiin isaaf gahaadha.

Namni Rabbiin irratti hirkatu qalbiin isaa jabduudha. Yaanni sobaa

isarratti dhiibbaa hin fidu, taatewwan isa hin jeeqan. Kuni nafseen

dadhabuu, sodaa hundee hin qabne irraa kan maddu ta’uu waan

beekuf hin jeeqamu. Kana waliinu Rabbiin nama Isarratti hirkateef

haala guutuu ta’een gahaa akka ta’e ni beeka. Kanaafu, Rabbiin ni

amana, waadaa Isaatti ni tasgabbaa’a. Haala kanaan yaaddoo fi

dhiphinni isarraa deema. Rakkoon isaa mijaa’innaan, gaddi

gammachuun, sodaan nageenyaan bakka bu’a. Rabbiin nagaha

(aafiyah) kadhanna. Akkasumas, jabeenya fi gadi dhaabbachuu

qalbiiti fi Isarratti hirkachuu (tawakkula) akka nuuf kennu Isa

kadhanna.

Guduunfaa

✏ Namni yaadota sobaa (fantasy) fi wanta sammuu keessatti kaasu

(imagination) hundaaf harka kennee fi hordofe, ni jeeqama, yaaddo fi

gaddi isa qunnama. Inumaa dhibeen sammuu fi qaamaa isa muudachu

danda’a. Rakkoo xiqqoo sammuu keessatti ol guddisee kaasun of jeeqa.

✏Kanaafu, sababa kanaan akka hin jeeqamnee fi hin yaaddofneef:

-Rabbiin irratti hirkachuu

-Yaada sobaatif harka kennu dhiisu

-Wanti inni sammuu keessatti kaasu (imagination) hundi akka isa too’atu

hayyamu hin qabu.

-Rabbiin amanuu fi tola Isaa kajeelu

Page 33: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

33

Tarkaanfi 7ffaa: Wanta badaa wanta gaariin ittisuu

Jecha Nabiyyii (sallallahu aleyh wassalam): “Dhiirri amane tokko

dubarti amante takka hin jibbin. Amala tokko ishirraa yoo jibbe

amala biraa ishirraa jaallata.”19 Jedhu keessa faayda gurguddaa

lamatu jira:

Faaydaa 1ffaa: haadha manaa, fira, hiriyyaa, hojjataa, nama sii fi isa

jidduu hariiroo fi walitti dhufeenyi jiru hunda haala gaariin waliin

dalaguutti qajeelchu. Nama hunda keessa hanqinni ykn dhimmi wayii

ati jibbitu akka jiruu nafsee tee amansiisu qabda. Yommuu kana

argitu, hanqinna nama dhuunfaatii fi dirqama hariiroo fi jaalala

tursiisuu sirra jiru wal bira qabi. Gaarummaa fi toltuu dhuunfaati fi

hawaasaa keessa jiru yaadachuun, gama badaa irraa ija gadi qabachuu

fi gama gaarii ilaaluun waliin jiraachuu fi hariiroon itti fufa,

boqonnaan ni guuttama.

Faaydaan 2ffaan: yaaddoo fi dhiphinni deemu, qulqullinni qalbii,

haqa dirqamaa fi jaallatamaa namarra jiru bakkaan gahuu itti fufuu fi

warra wal falman lamaan jidduutti wal-ta’iinsi argamuudha. Namni

wanta Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam dubbatan kanaan hin

qajeelin, inumaa dhimmicha fuggisoo (faallaa) taasisee fi gama badaa

ilaalee gama gaarii irraa jaame, dhiphachuun isaa hin hafu. Jaalalli

isaa fi nama hariiroo waliin qabu jidduu jiru bushaawun hin hafu.

Haqni baay’een isaan eegu qaban ni ciccita. (Namoonni lamaanu haqa

walii hin eegan. Walirratti daangaa darbu.)

19 Sahiih Muslim 1468

Page 34: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

34

Namoonni yaada ol’aanaa qaban baay’een yommuu rakkoon

gurguddaan bu’uu nafsee ofii obsaa fi tasgabbii irratti gadi qabu.

Garuu dhimmoota xixxiqoo gatii hin qabneef ni dhiphatu, qulqullinni

qalbii ni boora’a. Sababni kanaa, dhimmoota gurguddoof nafsee ofii

ni leenjisan, dhimmoota xixxiqoof immoo leenjisu ni dhiisan.

Kanaafu, kuni isaan miidhe, gammachuu isaanii irratti dhiibbaa fide.

Namni ijjannoo cimaa qabu dhimmoota xixxiqaa fi gurguddaa irratti

of leenjisa. Kanarratti Rabbiin gargaarsifata. Libsuu ijaatiif nafsee

isaatti akka hin dhiisne ni kadhata. Yeroo kanatti, akkuma wanti

guddaan isarratti salphate wanti xiqqaanis isarratti salphata. Nafseen

isaa tasgabbooftu, qalbiin isaa qabbanooftu fi boqonnaa kan qabu

ta’ee tura.

Guduunfaa

✃ Namni namoota waliin jiraatu nama hunda keessa hanqinni fi

wanti inni hin jaallanne gariin akka jiru of amansiisu qaba.

Kanaafu, haala gaariin isaan waliin jiraachuuf hanqinna kanarraa

ija gadi qabatee gama gaarii ta’e ilaaludha. Garuu kana yommuu

jennu hanqinna shari’aa faallessu irraa ija gadi qabachu qaba

jechuu miti. Hanqinna shari’aa faallessu yoo irratti arge

sirreessuuf carraaqu qaba. Hanqinna xixxiqoo shari’aa hin

faallessinee fi iimaana irratti dhiibbaa hin finne yoo ta’e, ija irraa

gadi qabachuun hariiroo fi jaalala cimsa, jeequmsa irraa nama baraara.

✃Namni hanqinna xixxiqaa hundarratti xiyyeefatee gama gaarii

namaa dagate, ni jeeqama, hariiroo fi jaalalli isaa fi nama san

jidduu jiru itti hin fufu.

Page 35: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

35

Tarkaanfi 8ffaa: Yeroo Gammachuutti fayyadamu Namni qaruuten jireenyi isaa sirriin jireenya gammachuu fi tasgabbii

akka taate ni beeka. Garuu baay’ee gabaabdudha. Kanaafu, yaaddoo

fi aariin daran gabaabsu hin qabu. Dhugumatti, kuni wanta jireenya

sirrii faallessudha. Jireenya isaa irraa baay’een yaaddoo fi gaddaan

akka saamamtu hin barbaadu. Kana keessatti nama gaarii fi nama

badaa jidduu garaagarummaan hin jiru. Garuu mu’minni kana

galmaan gahuu keessatti qooda irra guddaa fi hiree faayda-qabeessa

qaba.

Akkasumas, yommuu rakkoon isa qunnamu ykn rakkoo sodaatu,

qananii amantiis ta’i qananii addunyaa argatee fi rakkoo isa qunname

wal bira qabuun barbaachisaadha. Kanaafu, yommuu qananii qabuu

fi rakkoo isa qunname wal bira qabu, qananiin keessa jiru baay’ee

akka ta’e fi rakkoon isa qunname immoo garmalee xiqqaa akka ta’e

isaaf ifa ta’a,

Haaluma kanaan, miidhaa isatti bu’u hedu irraa wanta sodaatuu fi

miidhaa kanarraa carraan nagaha ta’uu baay’ee akka ta’e wal bira

qaba. Kanaafu, carraan xiqqaan carraa baay’ee fi jabaa ta’e akka

moo’atu hin hayyamu. Haala kanaan yaaddo fi sodaan isarraa deema.

Ammas, balaa guddaa isa qunnamu danda’u tilmaamun nafsee ofii

qopheessa. Balaa kana irraa wanta hin buune ittisuuf ni carraaqa,

wanta bu’es deebisuuf ykn laaffisuuf ni hojjata.

Dhimmoota garmalee barbaachisoo ta’an keessaa tokko: namoonni

si rakkisuun keessumaayyu dubbii badaan si rakkisuun akka si

hin miine beekudha. Kana irra, dubbiin badaan isaanuma miidha.

Garuu dubbii badaa kanatti xiyyeefannoo kennuun yoo of ko’oomsite

fi miira kee akka too’atu hayyamteef, yeroo kanatti dubbiin badaan

Page 36: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

36

isaanii kuni si miidha. Yoo ati xiyyeeffanno itti hin kenniin dubbiin

isaanii homaa si hin miidhu.

Kana beeki:jireenyi tee yaadota kee hordofti. Yaadonni kee kan

amanti fi addunyaa keessatti si fayyadu yoo ta’e, jireenyi tee jireenya

gaarii fi gammachuu taati. Ta’uu baannan, dhimmichi fuggisoo ta’a.

Yaaddoo fi dhiphinna ofirraa oofuf wanta garmalee barbaachisaa ta’e

keessaa tokko: galata Rabbiin irraa malee eenyurrallee barbaadu

akka hin qabne nafsee tee leenjisudha. Nama haqni isaa sirra jirutti

ykn kan haqni isaa sirra hin jirretti tola yoo oolte, kuni Rabbiin waliin

daldaalu akka ta’e beeki. (Isaan irraa osoo hin ta’in Rabbiin irraa

mindaa barbaadaa akka jirtu beeki.) Kanaafu, galata nama tola ooltef

danta itti hin kenniin. (Akka si galateefatan ykn si faarsan nama tola

ooltef irraa hin eegin.) Akkuma Rabbiin uumamtoota Isaa keessaa

namoota filatamoo ilaalchise jedhe:

هوجهه ﴿ ﴾٩ل نرهيد مهنكم جزاء ول شكورا لله ٱإهنما نطعهمكم ل

[Abraar ni jedhan] “Nuti Fuula Rabbii qofaaf isin nyaachifna,

mindaas ta’i galata isin irraa hin barbaannu.” Suuratu Al-Insaan

76:9

Kuni haadha manaa, ijoollee fi namoota hariiroo cimaa walin qabdu

ilaalchisee daran ni jabeefama. Yeroma ati sharrii isaan irraa fageessu

irratti nafsee tee leenjiste, ni boqotta, hara-galfatta.

Wanta boqonnaa sammuutti nama geessan keessaa: osoo of hin

dirqiisisiin wanta gaggaarii sadarkaa sadarkaan hojjachuu fi wanta

badaa keessaa wanta gaarii cuunfudha.

Page 37: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

37

Dhimmoota garmalee nama fayyadan xiyyeefannoo addaa itti kenni.

Bakkaan gahuufis hojjadhu. Sababoota yaaddo fi gadda fidanitti

bashannanuuf jettee wantoota nama miidhanitti hin gorin. Boqonnaa

fudhadhu. Hojiiwwan garmalee barbaachisoo ta’an irratti nafsee tee

sassaabi.

Dhimmoota faayda qaban keessaa: hojiiwwan ammatti hojjatamu

qaban hojjatanii fixuun yeroo fuunduraatif duwwaa ta’uudha.

Sababni isaas, hojiwwan yeroon hojjatamanii yoo hin xumuramin,

hojiin duraan hafee fi kan ammaa sirratti tuulama. Hojiin gara

fuunduraatti dhufus sirratti dabalama. Kanaafu, ba’aan sitti ulfaata.

Yoo wanta hundaa yeroo isaa keessatti xumurtee, dhimmoota gara

fuunduraatti dhufan ijjannoo fi humna cimaan hojjatta.

Hojiwwan faayda qaban keessaa hundarra barbaachisa kan ta’e

jalqaba filadhu. Wanta nafseen tee itti dabdu fi fedhiin guddaa itti

qabdu filadhu. Sababni isaas, faallaan kanaa hifannaa fi nuffii uuma.

Kanarratti yaada sirrii fi mari’achisuutti gargaarami. Namni namoota

mari’achisee fi wanta hojjatu barbaadu qorannoo gadi fagoo

qorate hin gaabbu. Yommuu wanti kuni faayda qabaachuu

mirkaneefattee fi hojjachuuf ijjannoo qabaatte, Rabbiin irratti

hirkadhu. Rabbiin warra Isarratti hirkatan ni jaallata.20

20 Shekhul Islaam ibn Taymiyah akkana jechaa ture: namni wanta gaaritti akka

isa qajeelchuf Khaaliqa kadhatee fi namoota mari’achisee gonkumaa hin

gaabbu. Dhimma isaa irratti gadi dhaabbata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa

akkana jedhee jira:

هي ﴾ ه هذا عزمت فتوك عل ٱلله إهن ٱلل يهب ٱلمتوك مره فإ ﴿وشاوهرهم فه ٱل

Page 38: Qophii: Sheykh Abdurahmaan bin Naasir As-Sa’dii ......6 gammachuu dhabuun nama Isa faallesseef, zikrii fi qajeelcha Isaa irraa garagaleef akka ta’u murteesse jira. Rabbiin olta’aan

38

Ergaan tuni xumuramte jira. Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Nabiyyi

keenya Muhammad, maatii fi sahaabota isaa irra nageenyi fi rahmanni

Rabbii haa jiraatu.

Qunnamtiif:

Website: www.sammubani.com

Wordpress: https://sammubani.wordpress.com/

Facebook: https://www.facebook.com/jireenyabadhaatu/

Email: [email protected]

“Dhimma keessatti isaan mari’achiisi. Yommuu murteessite, Rabbiin

irratti hirkadhu. Dhugumatti Rabbiin warra [Isa] irratti hirkatan ni

jaallata.” Suuratu Aali-Imraan 3:159

Qataadah (radiyallahu anhu) ni jedha: namoonni jaalala Rabbii barbaadun

[nama] mari’achiisan dhimma isaanii qajeelaa ta’etti qajeelfaman malee hin

hafan.” (Al-Waabul Sayb-94)