19
Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘ WMO(ODF)) (Dhugaabaas Dhugoomsaa) 1. Seensa Waraqaa hiccitii Waltajjii Marii Oromoo(WMO/ODF) ‘‘Qabxiilee marii Qabsoo Bilisummaa Haarayoomsuudhaan Oromoo Aangessuu“ jedhu yeroon dubbisu, qabxiilee waraqaa kana irra taa‘an xiinxaluu eegale. Warqaan akkasi hogganoota ABO dursaa turre ofiin jedhaniin akka ‘qabxii mariitti‘ ka’uun na aja’ibe. Yaadi kun yaada haaryaa ta’uu baatus yeroo ammaatti akka haarayaatti dhiyeessuuf tattaafachuun sababaan isaa maali? Akeeki isaani akeeka impayera Itiyophiya tiksuu irraa maaltu adda baasa? Yaadota jedhan adda baasuuf jecha qalama koo kaase. Barruun koo kun ‘sagantaa siyaasaa Leencoo Lataa, dursaa WMO(ODF)‘ gaaffii keessa kan galchu ta’uun shakkiin hin jiru. Namni kun ejjennaa isaa kitaabota kana dura katabe keessattis ibsate ture, Oromoon harkatti tuffatee, harkaa fudhachuu dide. Haata’uu namooti hagoon akka duukaa bu’aatti jala deemaa jiru. ‘‘Mul’ata ‘ergamaa‘ isaanii kanatti mul’ates bakkaan ga‘uuf bakka bakkaatti ‘warraaqsa‘ bara dheeraa gaggeeysan‘‘. Warraaqsi isaan gaggeeysanis diina irratti kann qiyyaafate osoo hin taane, Oromoo gidduutti rakkoo dhalchuuf, deeggarsa halagaa irratti hirkate dha. Kanaaf jecha qabsaawota Oromoo irratti aggaammatee balaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo irraan ga‘e Oromoon wallaale hin jiru. Barreeffamni Leencoo kun, ‘Mul’ata siyaasaa‘ kan Waltajii Marii irraa, gara Jarmayaa siyaasatti of jijjiruuf akeekkate dha. Bu’ura ilaalcha siyaasaa itti mul’ate, Oromoo fudhachiisuuf tattafachuun isaa mirga isaa ti. Ammoo waan saba biratti tuffatamee fi tufame hagan boolla seenutti lallabeen namoota siyaasaaf harayaa ta’an afaanfaajeysa jedhee irratti hojjechuun isaa dhaloota haarayaa biratti gatii kabajaa dur qabu irraa mulqa. Barreffamni yaadota wal dha’aa qabuu fi uumama Leencoo waliin wal fakkaatan kun fuula torbaa(7) fi boqoonnaa sagal of keeysaa qaba. Boqonnaan tokkoffaa ‘seensa‘ yeroo ta’u of jalatti dhimma ‘bu’ureffamuu ABO haasawa‘, boqonnaan lammeessoo, dhimma ‘bara Mootummaa Cehumsaa‘ irraa haasawa, boqonnaan sadeessoo, ‘dhimma jijjiirama ta’u waliin qindeeffachuu fi waliin tarkaanfachuu dadhabuu‘ jedhu irraa haasawa,

Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

  • Upload
    others

  • View
    5

  • Download
    0

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘ WMO(ODF))

(Dhugaabaas Dhugoomsaa)

1. Seensa

Waraqaa hiccitii Waltajjii Marii Oromoo(WMO/ODF) ‘‘Qabxiilee marii Qabsoo

Bilisummaa Haarayoomsuudhaan Oromoo Aangessuu“ jedhu yeroon

dubbisu, qabxiilee waraqaa kana irra taa‘an xiinxaluu eegale. Warqaan akkasi

hogganoota ABO dursaa turre ofiin jedhaniin akka ‘qabxii mariitti‘ ka’uun na

aja’ibe. Yaadi kun yaada haaryaa ta’uu baatus yeroo ammaatti akka

haarayaatti dhiyeessuuf tattaafachuun sababaan isaa maali? Akeeki isaani

akeeka impayera Itiyophiya tiksuu irraa maaltu adda baasa? Yaadota jedhan

adda baasuuf jecha qalama koo kaase.

Barruun koo kun ‘sagantaa siyaasaa Leencoo Lataa, dursaa WMO(ODF)‘ gaaffii

keessa kan galchu ta’uun shakkiin hin jiru. Namni kun ejjennaa isaa kitaabota

kana dura katabe keessattis ibsate ture, Oromoon harkatti tuffatee, harkaa

fudhachuu dide. Haata’uu namooti hagoon akka duukaa bu’aatti jala deemaa

jiru. ‘‘Mul’ata ‘ergamaa‘ isaanii kanatti mul’ates bakkaan ga‘uuf bakka

bakkaatti ‘warraaqsa‘ bara dheeraa gaggeeysan‘‘. Warraaqsi isaan gaggeeysanis

diina irratti kann qiyyaafate osoo hin taane, Oromoo gidduutti rakkoo

dhalchuuf, deeggarsa halagaa irratti hirkate dha. Kanaaf jecha qabsaawota

Oromoo irratti aggaammatee balaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo irraan

ga‘e Oromoon wallaale hin jiru.

Barreeffamni Leencoo kun, ‘Mul’ata siyaasaa‘ kan Waltajii Marii irraa, gara

Jarmayaa siyaasatti of jijjiruuf akeekkate dha. Bu’ura ilaalcha siyaasaa itti

mul’ate, Oromoo fudhachiisuuf tattafachuun isaa mirga isaa ti. Ammoo waan

saba biratti tuffatamee fi tufame hagan boolla seenutti lallabeen namoota

siyaasaaf harayaa ta’an afaanfaajeysa jedhee irratti hojjechuun isaa dhaloota

haarayaa biratti gatii kabajaa dur qabu irraa mulqa.

Barreffamni yaadota wal dha’aa qabuu fi uumama Leencoo waliin wal

fakkaatan kun fuula torbaa(7) fi boqoonnaa sagal of keeysaa qaba.

Boqonnaan tokkoffaa ‘seensa‘ yeroo ta’u of jalatti dhimma ‘bu’ureffamuu ABO

haasawa‘, boqonnaan lammeessoo, dhimma ‘bara Mootummaa Cehumsaa‘

irraa haasawa, boqonnaan sadeessoo, ‘dhimma jijjiirama ta’u waliin

qindeeffachuu fi waliin tarkaanfachuu dadhabuu‘ jedhu irraa haasawa,

Page 2: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

boqoonnaan afreessoo, dhimma ‘jijjiiramaa fi Itti-fufa‘ jedhu irraa haasawa,

boqonnaan shaneessoo, dhimma ‘hiree Murteeffannaa‘ jedhu irraa haasawa,

boqoonnaan jaheessoo, dhimma ‘ambummaa(Citizen)‘ jedhu irraa haasawa,

boqqonnaan torbeesso, dhimma ‘tokkummaa Ethiopia fi motummaa

Fediralummaa‘ jedhu irraa haasawa, boqoonnaa saddeettessoo, dhimma

‘Federaalummaa dhugaa‘ jedhu irraa haasawa, boqoonnaan sagleessoo

dhimma ‘Waltajjii Marii Oromoo‘ jedhu irraa haasawee xumura.

Qabiyyeen barreeffama kanaa maali? Qabiyyee isaa tokko lamaan kaasani

yaada irratti kennuun, yaada kana qulquleeysuun fi akeeka isaa saaxiluun

QBOf bu’aa waan qabuuf jecha akka armaan gadiitti dhiyeessa. Gaaffiilee gaffii

dhalchan kanas kaasanii, egeree qabsoo Oromoof jecha, Leencoo falmuufis

ta’e, deggaruuf, garagarummaa mul’ataa siyaasa ABO bu’ureeffama isaa irraa

eegalee qabuu fi mul’ata Impayeera Ityophiya tiksuu gidduu jiru keessatti

yaadi Leencoo bakka kam jira? Yaada jedhu xiinxaluun feesisa. Barreeffami

Leencoo akka ka’uumsa marii warra ‘waltajjii marii Oromoo‘ jedhamanii ykn

akka manifestoo isaaniitti itti wal masakuuf qopha’ee jiru fakkaata.

Qabxiin dura itti galma seensa isaa irratti ‘‘Oggaa ABOn waggaa 40 dura

bu'ureeffamu, akka dhaaba siyaasaa Oromoo kan hangafaatti, kan Oromoo

gabrummaa jalaa baasutti, as bahe. Haa ta'u malee, abjuun isaa, kan

kallacha qabsoo Oromoo ta'uu, waggoota kurna lamaan booda hin

dhugoomin hafe. Kunis kan ta'eef, ABOn haala geo-politikaa hamaa

keessatti qabsaa'uuf waan dirqameefi. Haala kanarraa kan ka'e, ABOn

hooggantootni hangafoo fi dabballoota isaa ol'aanoo irra deddeebi'ee

dhabuun isa mudate. Kanarraa kan madde, ABOn dadhabbii jaarmayaa

adda addaatiin sumudamee akka haga hawwe hin hojjanne sakaalamee ture“

jedha.

Keeyyata kanaa jalaatti qabxiileen dhiyaatan cuunfaatti:

1. ABO kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo fi hawwii Oromoo gabrummaa

jalaa baasuuf qabsootti tureef, jiru

2. Sabaabni QBO galii rukutuu hanqateef ammoo wareegama Hogganoota

ABO hangafoo fi dabballoota ol-aanoo ta’uu fi ABO haala geo-politikaa

hamaa keessatti waan qabsa’eef ta’uu,

3. Sabaaba qabxii 2ffaa irratti xuqameef jecha ABOn jaarmayaa laafaa

akka ta’e ibse.

Qabxiilee xuqaman keessaa dhugaan jiru:

1. Akeekni ABO qabsa’aafi turee fi ammas itti jiru, ummata Oromoo

gabrummaa jalaa baasuuf ta’uu fi Oromoon har’as gabrummaa jala akka

jiru;

Page 3: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

2. ABO qabsoo hadhawaa gaggeyse keeysatti hogganootaa waraanaa fi

dabballoota ol-aanoo wareeguun, fi gatii ulfaataa itti baasuu dha.

Qabxiilee afaanfajjiii uumuu malan ammoo:

1. Rakkoo QBO dhimma geo-politikaa qofaa fakkeessanii dhiyeessuu fi

2. Haalli geo-politika qofaa isaatti akka wareegamaa hogganootaa fi

dabballoota ol-aanoof sababaa ta’e, fi wareegamni kun ammoo akka

laafina jarmayaa fide ibsame dha.

Dhugaatti QBO rakkookana qofaa qabaa? Leencoo sababoota kaan ibsuuf

maaltu harkaa fi afaan isa qabe? Hogganoota fi dabballoota ol-aanoo kan akka

Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa geo-politikatu wareegee? Nadhii

Gammadaa fi namooti bara Chartaraa keessatti wareegaman hundaaf sababni

geo-politikaa dha? Wareegamni akeeka dhugaaf bahu qabsoo ni jabeessa moo

ni laaffisa? Hogganni akka jala jalaan hin guddatne fi bakka hin buune maaltu

danqe? Gaaffiilee jedhan osoo hin deebisne irra taruun itti hin turre!

Rakkoon QBO hedduu wal xaxaa ta’uu ni mala, haa ta’u ’qabxiin Marii’

’waltajjii mariif’ dhiyaate kan ibsu garuu rakkoon QBO akka dhimma geo-

politika qofaa fakkeesse dhiyeessuun nama dogoggorsa. Rakkoon kun osoo

rakkoo dhugaa fi ijoo ta’ee, qabsoon bilisummaa Oromoo har’a gaggeeffamaa

jiru kan bara 1970 keeysa ture irra laafaa ta’ee mul’ata ture.

Itti aansee laafina jaarmayaa ABO keessatti dhalateefis wareegama

hogganootaa fi dabballoota ol-aanoo qofaa fakkeessuuf tattaafate. Dhaamsi

jaallan wareegamanii kan jedhu, nuti kufnee jaallan wareegama irraa haftan,

nurra tarkaanfachaa akeeka qabsoo bilisummaa waliin kaaneef galmaan ga’aa!

Kan jedhu ture. Leencoo kan jechaa fi gochaa jiru garuu, akeeka bilisummaa

akeeka ambummaa Itiyophiyaa kadhachuutti haa jijjiiramu, akeeka

walabummaa ammoo akeeka tokkummaa impayera Itiyophiyaa tiksuu waliin

wal haa fudhachiisnu jedha. Akeeki jaalan itti kufanii fi akeeki Leencoo kan

walii faallaati. Innis maqaa jaallan wareegamaniin kakachaa, impayera

Itiyophiyaa tiksuuf hojjechaa jira.

Madda ilaalcha isaa hubachuuf, ilaalchota siyaasaa humnoota impayeraa

Itiyophiyaa keessa turan ilaaluu fi ilaalchota bara ABO bu’uureffame turan

xiinxaluun feesisa.

2. Ilaalchaa Humnootii Siyaasa Yeroo ABOn Bu’ureeffame turan

Karaa Qaroo Oromoo (Oromo elites): Qabsoon Diddaan Koloneeffatamuu

osoo hin dhaabbatin gara qabsoo diddaa gabrummaatti of jijjiiree, bakka

Page 4: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

bakkatti erga finciloonni adda addaa deddeema turanii booda qindomina fi

waltummaan qabsoo ABOn bu’ureffame. Kanaaf ABOn gaafa bu’ureffame

gaffiin ummata Oromoo gaaffii Kolonii ture, Oromoon kolonii jalaa of baasuun

mirga Hiree Murteeffannaa ummata Oromoo dhugoomsuun, fedhii siyaasaa

dhiibbaa kamuu alatti, bilisummaa fi walabummaa Oromoo mirkaneessuu dha

jeedha. Haata’uu malee Qaroo Oromoo (Oromo elite) hundaatu yaada kana

dhugoomsuuf hojjechaa ture jeechuun hin danda’amu. Warri koloneeffataaf

ergamaa turanii fi qabsoo bilisummaa Oromoo keessa dhokatanii kan amma

bahaa jiranis qaama ilaalcha koloneeffaataa gageysaa turan. Warri Eritria fi

Ogaden akkuma gaffii Oromoo, isaanis Kolonii jalaa of baasuutti amanu,

ammoo gaffiin Oromoo gaffi Kolonii tahuu isaa hin fudhatan.

Karaa Qaroo Tigray (Tigrean elites): biyyi Tigray seenaadhaanis ta’e amantii

dhaan han’uura warra Habashaa (Aksumite kingdom) ta’uun isaa hin

haalamu. Garuu bara Minlik booda aangoo irraa moggeeffamne jedhanii mufii

siyaasaa waan qabaachaa turaniif, Impayeera Ityophiyaa keessatti gaffii gitaa

kan dursu gaffii sabaati jeedhan. Gaaffiin sabaa kunis tokkkummaa Itophiyaa

osoo hin diigiin furamuu qaba jedhan. Kana Ertraa irraa kan hafe furmaata itti

fakkaatu saboota Itophiyaa keessa jiran hundaaf lafa kaayan. Kanaafis gaaffiin

kolonii warra Eritrea qofaa ilaala ejjenna jeedhu fudhatan.

Wayyaanonni gaaffiin Oromoo gaafii kolonii miti, gaaffii sabaa ti jedhu.

Waldhabbiin sabummaa dhibdee polotika Ityoophiya isa hangafaati jedhu.

Haata'u malee, Ummatootni biroo mootummoota Amaharaa jala jiraachu irraa

kan ka'e dantaa fi ilaalcha walfakkaataa waan waliin qabnuuf, mirgi

sabummaa Oromoo fi uumatoota biroo yoo eegameef, sirna dimokraatawaa

ijaarrannee wajjin jiraachuu ni dandeenya jedhan. Gaaffii mirgi hiree

murteeffanna Oromoo dagatanii, tokkummaa Ityoophiyaatti hidhani ilaalu.

Humnootiin siyaasaa bitaa (leftist) ofiin jeedhan Ilaalcha Itophiyummaa

tiksu irratti kan hunda’an waan turaniif, gaaffiin Ityophiyaa keessaa gaffii

gitatti (class) malee gaaffi sabaa miti jedhu. Kanaafuu Maqaa sabaatiin dhaaba

dhaabuun ’dhiphumaa fi boodatti hafuummaa’ dha jedhu. Warri daandii

akkasii filate EPRP fi MEISON turan. Dargiinis jalqaba irratti mul’ata siyaasaa

osoo hin qabaatiin, dhaadannoo Xophiyaan dhiiga malee haa dursitu! ”Yale

Minim Dem, Ityophiyaa Tikdem!” jeedhu qabatee warra bitaa(leftist) kan ofiitti

butuun, ejjennoo isaani irraa saamee fi isaaniin nyaatee ofii humna ta’e.

Humna sirna Fi’udaalaa: Humni kun akka sirni fi’udaalaa akka itti fuufuu

falman dha. Isaan kun EDU jalaatti akka sirni nugusichaa(Monarchy) itti fufu

warra fedha qaban turan.

Ilaalchi Leencoon duruu qabaachaa turee fi amma gadi baafate kun humnoota

impayerichaa keessatti kan warra kamii akka ta’e tilmaamuun nama hin

dhibu. Wareegamni hadhaawaa fi laafinni qabsoo ABO keeysa tures maddi isaa

Page 5: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

maal akka ta’uu danda’us tilmaamuun nama hin dhibu. Nama ilaalcha kana

fakkaatu qabutu, QBO keeysatti bakka hogganummaa qabaacha ture. Ilaalchi

isaa kun qabsoo Oromoof jabina moo laafina?

Qabsoo Leencoon hadheessaa jiru kana keeysatti wareegamni qaqqaalii, akka

inni jedhutti rakkoo geo-poletika qofaan osoo hin taane, falmaa hadhaawaa

koloneeffataa waliin gaggeffameen wareegni guddaa bahee jira.

3. Wareeggama Qaqqaalii QBO Keeysatti Bahe, fakkeenyaaf ABOn Hogganoota isa qaroo fi daballootaa ol-aanoo dhabuun dhugaa dha.

Akka ilaalchaa Leencootti sababaa wareegamaa isaniif kan tahee geo-plotika

qofaa dha. Dursaa wareegamaa hogganoota olaanoo fi ulfaatoo ta’an haanga

tokko fakkeenyaaf ha ilaallu.

1. Qabsoo bilisumaa Oromoo wixinuu keeysatti ijoo warra turaan,

Hogganoota Macca fi Tulamaa kan akka Hailemariam Gamada fi Ajajaa

dhibbaa Mamoo Mazamir kan QBO jecha wareegama baasan.

2. Wareegama jaal Elemoo Qilxuuffaa Xirroo, Habrootti kan dhuma bara

1973ti wareegama ulfaataa bahee fi Oromoo xiiqii keeysa galche ture.

3. Wareegama Jn. Tadassaa Birruuffaa kan bara 1974

4. Harkaa diinatti kufuu J/Muhee Abdoo bara 1977

5. Wareegama J/Baroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa, bara 1978

6. Wareegama J/Magarsaa Bariifaa hogganoota olaanoo fi miseensota

gameeyyii waliin nama 11 Caamsa 15 bara 1980 ta’e. Wareegamni kun

kan mudate Kutaa Harargee, Konyaa Harar, Ona Fiiqi, bakka Shinniggaa

jedhamutti ture. Jaallan yeroo kana dhaabni keenya wareegamaan

dhabee: J.Bariisoo Waabee (Magarsaa Barii), Dura ta’aa ABO; J.Gadaa

Gammadaa (Demisee Tacanee), Itti-aanaa Dura ta’aa ABO; J.Abbaa-Xiiqii

Hinsarmuu (Abboomaa Mitikkuu) fi J. Doorii Barihamoo (Yegazuu

Bantii), miseensa KG-ABO; J.Falmataa Sabaa (Umar Mohammed), Itti

Aanaa Dura ta’aa Ajaja Siyaasaa fi Waraana Godina Bahaa; J.Faafam

Dooyyoo, miseensa hoggana Ajaja Siyaasaa Waraana Godina Bahaa ti fi

miseensota gameeyyii J.Irr’anaa Qacalee, Jaallee Dhaddachaa Booruu

J.Dhaddachaa Mul’ataa, J.Marii Galaan (Mohammed Ibrahim) turan.

7. Wareeggama karaa dirree dhihaa gafa 22.12.1981 summii diinaan bahe. Dirree Dhihaatti jaallan filamoon qabsoodhaan qaraman saddeet Gidaamii keessa bakka Girayii jedhamuutti ergamtuu diinaatiin

summiin kennameefii dhuman. Kan akka jaal Tottobaa Waqwayyaa, jaal Yohannes Dinqaa, jaal Adam Imana, jal Taddasaa Shorroo, jaal Shanqoo,

jaal Ajajaa Dhibbaa (Matoo Alaqaa) Insarmuu, jaal Suleman Raggaasaa

Page 6: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

dha. Jaal Daawud Ibsa, kan sababa summiitiin harka diinaa bu´ee

Hospitaala Dambii Dollootti wall’aanamee ergi lubbuun oole, Mana Hidhaa Dargii seene, sanaan booda manaa hidhaa keeysaa jaallan isaa

biroo waliin cabsuun dirreetti bahan dha.

8. Miseensolii Koree Gidduu sadii (J/Gabbisaaffaa) dhiha irra gara

bahaatti hirmanna Kora Saba 2ffaaf osoo deemani wareegaman

9. Wareegama osoo mootummaa cehumsaa keessaa jiraamuu (J/Gamachiis

Dhaabaa)

10. Wareegama mootummaa cehumsaa keessaa bahuu irratti (J/Nadhii

Gammadaa, J/Nagaasaa Kumsaa, J/Milkeessaa, J/Abayee, J/Waggarii

Ayyaanaa, J/Boruu Dheressaa, J/Annanoo Mixee, J/Tujii fi kkf

11. Wareegamaa mootumaa cehumsaan booda (J/Buryisoo, J/Gutamaa

Hawaas, J/Caalaa fi ...)

12. Wareeggamaa sabaaba foxoqinsaa (bara 1978, 2001 fi 2008)

Wareegamnii jaallan kanaa martii geo-politikaa waliin qofaa wal hin qabatu.

Harkii guddaan kan inni walqabaatuu waan afur waliin ta’a, isaanis:

1) Dirree Qabsoo hidhatnoo iggitii qabu fi teessuma lafa kennataa

qormaataan filachuu irratti hir’ina jiru fi Qabsiichis yeroo dheeraa fudhachuu

ni mala jeedhanii xiinxaluun lafa tarsimoo irratti wal qopheysuu fi of ijaaruu

irratti hanqinni jiraachuu. Fknf. EPLF dirree qabsoo hidhatnoof tahuu jila itti

ramadanii erga qormaata godhaan booda eegalan. Erga dirreen saaqames akka

bara dheeraaf tahutti, qubsuma dhaabbataaf akka tahuuitti sababa

saaqameef, deeggarsa uummataas waan itti dhimma bahaniif jabaatan.

2) Kan Oromoo hogganootni yeroo sana turan keeysaa gariin muratnnoo gahaa

osoo hin qabaatne dirqama ulfaataa itti kennuun rakkina jalaqaba irratti

qabsicha mudate ture. Fakkeenyaf Diimaa Nagawoo itti gafataama sirnaan

fudhatee osoo of irraa hin dabarsiin, barnootaf jedhee Senegal deeme.

Leencoon kunoo ilaalcha siyaasaa impayera Itiyophiyaa tiksu qabatee dhaaba

keeysa turuu nuuf mirkaneeysaa jira. Kun hundi dhaabichii jalqabuuma irraa

eegalee sochii magalaa fi dirree waldhunfachisee akka hin sossoosne danquu

mul’isa. Qindoomina dhaabuu kanaatu madda wareegamaa ulfataas tahe.

3) Dhaabicha keessaa calqaba irraa eegalee, gareen sirnaa Ityophiyaa keessatti

mirgaa Oromoo kabajchiisuun ni danda’amaa jeedhu waan tureef, gagga’ama

siyaasaa gartuu ilmaan habashaa irraa maddu keessatti diinni warra qaroo fi

rakkisoo dha jedhee yaadu irratti tarkaanfii sukkaneessaa waan fudhateefi.

”Bisingaa duraa bilchaatee simbiraatuu nyaata” jedha Oromoon.

4) Foxoqinsaa ykn dhibdee keessaa.

Page 7: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

Leencoon wareegama hundaa geo-opolitikatti qabsiisuun akeeka isaani kan

Qabsoo hidhatnoo lagachuu ”pacifist” waan isa tolcheef, gara fuulduraas karaa

ciraachaa, dogoggora darbe kan habashaa waliin fayyaaluummaan hojechuuf

hawwu keessatti, gartuu ilmaan habashaa geeysisaniin gaga’amaa mudatee

dhokfachuuf fi of golguuf toftaa qiyyaafte tahuu tilmaamuun nama hin dhibuu.

Karaa biroo wareegama foxoqinsa irra maddan xuquu lagachuun kan

hubachiisuu foxoqinsa tahan mara keessatti suduudaanis ta’e harkaa lafa

jalaan waan harka keessaa qabuuf ta’uu addeessa.

Foxxoqiinsi bara chaartaraa booda dhaaba keeysatti irra deeddeebi’ee mudate

kunninis ilaalchuma siyaasaa Leencoo bakkaan gayuuf shira deemaa ture

ta’uun hubatamaa dha.

4. Haala Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal qabatee

mudate

Leencoon haala Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal qabatee kan

ABO mudate akka armaa gadihiin lafa ka’a:

”...Tartiiba ce'umsaa qophii gahaan alatti seenus, ABO yeroo waggaa tokko hin

geenye keessatti sochii ummataa kan seenaa biyyattii keessatti argamee hin

taanetti uf qindeessuutti milkaa'e. Haa ta'u malee, hireen gaddisiisaan ABO kan

jalqabaanuu hooggantoota heddu jalaa wareegame, mootummaa ce'umsaa

keessaa bahiinsatti deebi'ee isa mudate. Wareegamni duraa dhuma 70taa fi

80ta jeequmsa yeroo dhaabni dhawata hooggansa maadhee magaalaa kan

dhoksaatirraa gara qabsoo hidhannoo baadiyyaatti uf geeddaru argame

keessatti isa qunname...”

Keyyati kun wareegama mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal

qabatee mudate, kan bara 70taa fi 80ta waliin wal fakkeessuu yaala. Haata’uu

gaagaga’mni Mootummaa cehumsaa keessaa bahuu waliin wal qabatee mudate

WBO mooratti galchuu waliin kallatiin wal qabaata. Mooraan waraanaa bakka

bakkatti WBOn gurame galee, lafa tarsiimoo waraanaaf (military strategy) hin

aanjofne ture. WBOn nannoo itti geejibfame quba hin qabu ture. Dahoon

qoratame hin turre. Dhiheessiin kuufame hin turre. Fageenya qubsuma WBO fi

wayyaanee gidduu jiru tilmaama keessa kan hin galchine ture. Laafina

qorannoo malee murtii kana fudhachuun laafina guddaa, kan Oromoon

wareegama guddaa itti baase dha.

Diimaa Nagawoo yeroo midi’atti bahee haasawu, waraana kumaa digdamaa

(20,000) qofaa mooraatti akka galchinuu nu hayyamani jeechuun, qaanii tokko

malee, koomii TPLF irratti qabuu ifse. Haallen kana yeroo ilaallu ABO keeysaa

yeroo mara gareen sirna habashaa keessatti hojeechuuf carran jira jedhee

Page 8: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

amanuu murtee dagachiisaa fudhachuun, gaga’amaa fi wareegamaa

hadhooftuu akka dhaabichii baasu tolche malee, kan geo-poltics waliin wal

qabatu qofaa miti. Geo-politiksin akka amma Leencon kaa’utti osoo hin taane,

haala adda biraan qabsoo keenya irratti dhiibbaa qabaachuu mala.

Leencoon haala Mootummaa cehumsaa itti seenamee fi gaga’ama

waraanaa fi qabsoo keeysatti mudate osoo hin ibsiin bu’aa mootummaa

cehumsaa keeysatti argamee kakkasee jira. Bara Chartara qabsoof bu’aa

dhaabichi galmeesse akka jiru wal nama hin falaamsiisu. Haa ta’uu malee hojii

jarmayaa yeroo sanaa akka jarmayaatti of jabeessu, balaa bor dhufuu malu

akkataa of irraa qolatu of qopheeysuu, hoggana fi caasaa dirree wal irraa fagoo

ture wal dhuunfachiisuu fi sirna Jarmayaa fi waraana cimsuu qabu

ilaalchissee waan tokko osoo hin jenne irra darbuun maaliif akka ta’e Oromoof

hubatamaa dha.

Dhimmoota aramaan olii irratti qophaawuu hanqachuun ammoo gaga’ama

hoggana, caasaa dhaabaa fi miseensota irratti fide kan bara baraan hin

dagatamne dha. Carraa humna fi qabeenya ummata Oromoo gaafas harka

dhaabaa seene itti dhimma ba’uu hanqachuun, dhaaba kana rakkoo dinagdee

har’a keessa jiruuf saaxiles hubatamaa dha. Qabeenyi gaafas harka dhaabaa

seene eessa jira? Gaafatamni hanga har’aa Leencoo irraa hin buune dha.

Leencoo fafa hagana gayu baatee hogganaa fi sagantaa siyaasaa ABO komata.

5. Komii Leencoon Hoggana ABO fi Sagantaa Siyaasa ABO irratti qabu Sagantaa siyaasa fi Kayyoo ABOtti ciichuun Leencoo biraatti fafa ta’ee akka

komiitti dhiyaate keessaa:

”...Akka kanaan, haala daddaffiidhaan jijjiiramu wajjiin wal faana uf

qindeessuu mannaa, bakkuma tokko dhaabbachuu fi waanuma kaleessa

aadeffatanitti goggoganii cichuun mallattoo sabboonummaa xiixaa fi jaanoo

ulfinnaa ta'e. Haala sardaa fi xaxaa mala nama baasu dhayuu gaafatu

keessatti deebiin hoogganaa dhaadannoo goggogaa fi hoffaa baanachuu

ta'e. Kan daranuu dhimmicha hammeesse, gootummaan kanuma afaaniin

dhaadatamu malee kan haala qabatamaa lafarra jiru jijjiiruu ta'uu dhabuu

dha...”

Qabxileen kayyata armaan olii heedduun isaanii siyaasummaa isaa irraa

arbsoo, jibbaa, uumama fi ilaalcha siyaasaa barreessaan ’qabxii marii kanaa’

qabu irra madda.

Qabsoo sabaatti diinomuun kun, sababaa yaada isaa ’’rakkoon Oromoo

impayera Ityophiyaa keessatti hiikamuu qaba!’’ jeedhu fudhaachuu diiduun

hogganaa fi qabsaawota arrabsiise. Ejjennaan Leencoo, faallaa ejjennaan

sagantaa siyaasaa ABO irra jiru, yaada Korri Sabaa Murteesseti. Leencoon

Page 9: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

waltajjii sirnaan alatti heeraa fi sagantaa siyaasaa haquu hin dandayu. Amalli

nama kanaa kan seeraa fi heeraa olitti of ilaaluu fi sirnadhablee ta’uu dha.

Ummatni Oromoo gabrummaa jala jira yoo jenne, rakkoon isaa hin furamne

yoo ka jennu taate, qabsoo jabeessuu malee kaayyoo jijjiiruun furmaata miti.

Kaayyoo sabaa jijjiiruun mallattoo diinaaf jilbeeeffachuu fi ergamaa ta’uu

mul’isa. Kun kan agarsiisuu, mallattoo dulluma keessa abdii kutachuun amala

moohamummaa(defeatisim) keessa seenuu dha.

Arrabsoo fi xiqqeessii qabsaawota kaayyo tiksanii fi kaayyoof wareegaman

irratti gaggeessuun kun sababaan isaa dhugaa maali? Arrabsoon kun,

dhugaatti tufii inni Oromoof qabuu fi bakka inni ofiif kenne mul’isa. Leencoo

akeeka kana qabatee QBO keessa yoo jiraate, wareegamuu jaallaniif sababa

ta’uu hanqachuu isaaf wabii maaltu jira? Jaallan garii sababa ilaalcha

siyaasaa fi sabboonummaa isaaniif qofaa jechootaa fi maqaan adda addaa itti

maxxanfamee fi kijibaan yakkamanii waregamuun fi diinatti dabarfamanii

kennamuun ni beekama.

Leencoo QBO kan ABOn hogganamu keeysa guyyaa bu’ureffame irraa eegalee

haga Onkololessa 10, bara 2011 sadarkaa ol-aanaa fi barcuma yubaatti

ilaalcha isaa kana dhokfatee dhaaba keeysa ture. Wareegama jaallaniifis ta’e

laaffachuu QBO namni isa caalaa itti gaafatamuu danda’u hin jiru.

Inumaayyuu WBO keysatti jeequmsa dhalchu keeysatti kan bara 1970ta irraa

eegalee, bara chaartaraa fi haga Lichoo Bukuraafaa gansiisuutti namni qabsoo

kana laaffisuu keeysatti gaafatamummaa guddaa qabu isuma.

Tarkaanfii humni Addaa WBO har’a Oromiyaa keessatti, bakka bakkatti

fudhatamulle, Waltajjii Leencoo fi Diimaa gaggeeysan irratti, duuka buutoti

isaanii wareegama jaallan baasanitti yeroo qoosanii fi kolfan youtube irraatti

mul’ate, jarri kunis wareegama baha jiru irratti kolfamu callisanii bira

darbuun isaanii Oromoo hedduu biratti gaaffii guddaa kaasee ture.

Dhugumatti murni wareegama Oromoon qabsoo isaaf basaa jirutti qoosu,

haamlee qabsaawota fi kan Oromoo cabsu, kun Oromoof qabsaawaa?

Mul’ata harayaa qaba jedhu ifatti lallabachuun karaa dha, hojii fi wareegama

qabsaawotaa xiqeysuun ammoo diinummaa dha. Dhugumatti mul’ati har’a

akka haarayaatti naannawaa jiru kun haarayaa dha? Moo kan baroota 1955

faa keeysa gaaffii gurraacha Amerikaa ture dha? Isa jedhu ilaalla.

6. Leencoo fi ’’Mul’ata Siyaasaa Isaa Harayaa’’ Hundee ’’Mul’ata siyaasa Leencoo isa haaryaa’’:

”... yeroo ammaatti, mirgi hiree murteeffannaa hojitti yeroo shaakalamu

bulchiinsa kolonummaa hambisuu irra bal'atee ejjannoo irra baldhaa ammatee

jira. Kunis ta'u hiikkaan mirga hiree murteeffannaa waliigalatti

Page 10: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

kanneen gabroomfaman gabrummaa jalaa baasanii gara ambaatti

(citizen) jijjiiruudha. Akka kanaan hiikkaa mirga hiree murteeffannaa

ammayyaa ta'e kana maxxanfachuun, qabsoon Oromoo kan jaarraa 21ffaa

mirga ambummaa Oromoo qofa osoo hin taane, mirga ambummaa

ummatoota impaayerattii keessa jiran maraaf, kanneen qarruun

gabroomfattootaa keessaa margan dabalee, qabsaa'uun qabsoo Oromoo

sadarkaa ol'aanatti ceesisa. Hiikkaa mirga hiree murteeffannaa ammayya

ta'e kana irra dhaabbachuun, wixinee sagantaa siyaasaa sochii Oromoo kan

jaarraa 21ffaa kan sagantaa ABO fi jaarmota siyaasaa biyyattii keessa

socho'an hundaa caalu qiyaasuun ni danda'ama..”

... Yeroo fuuldura tarkaanfannu, qabsoon bilisummaa Oromoo kabajamuu

mirgoota gosa hundaa kan Oromoo fi saboota cunqurfamoo hundaa jalummaa

(subjects) jalaa baasee amboomsuuf (citizens) dhaabbata. Akka kanaan

hiikkaan mirga hiree murteeffannaa nu hordofnu, gabroomfamtoota akka

jaleetti cunqurfaman amboomsuudhaan akka waliin abbaa biyyaa gochuu kan

jedhuuf qabsaa'a.

Sabni Oromoo fi ummatoonni gulantaa siyaasaa Itoophiyaa dullattii hiddaan

jijjiiranii biyya jalummaan hafee walqixxummaan dhugatti mirkanaa'u taasisuuf

bifa haarayaa fi adda ta'een waliin hojjatu...” jedha.

Mul’atni siyaasa haarayaa Leencoo kun; shaakaluu mirga hiree murteeffannaa

waliigalatti kanneen gabroomfaman gabrummaa jalaa baasanii gara ambaatti

(citizen) jijjiiruu dha; tokkumman Ityophiyaa walqixummaa dhugaa irratti

hundooftee mirkaneessuu dha jedha. Kunis Mirga hiree murteeffannaa gosa

hundaa shaakaluu jechuun ambummaan sadarkaa sadarkaan shaakalamu

dha jedha.

Mul’ati kun mul’ata haarayaa osoo hin taane kan bara 1955-1968 sochii

warraaqsa Afro-Amerika mirga lammummaa/ambummaa (civil rights

movement) wajjiin wal fakkaatu dha. Waan Leencoof haarayaa ta’ee fi mul’ata

jaarraa 21ffaa jedhee dhaadhessu kun, yaadaa fi ilaalcha bu’ureffamuu ABO

dura hojii irra oole dha.

Gurraachi Ameikaa mirga lammummaa Amerikaa argachuuf qabsoo

hadhooftuu gaggeeysani. Falmaa kana keeysatti yeroo duraa, warri adii, warra

gurraachaan akka jaleetti(subject) ilaaluu ture, yeroo warri gurraachaa nuti

lammii Amerikaati jedhan isaaniif hin fudhatan ture. Booda irra yeroo warri

gurraachaa fincilanii nuti lammii Amerikaa miti jedhanii lola seenanitti, warri

adii isin Amerikaa dha jedhanii ofitti qabuu eegalan, dhuma irratti warri

gurraachaa mirga lammummaa isaanii kabajichiifatanii fi eenyummaa isaanii

isa dhugaa otoo hin gatiin lammii Afro-Amerikaa ta’uu mirkaneeffatan. Kun

eenyummaa isaanii isa duraaf dursa kennuu fi mirgi lammummaa

Page 11: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

/ambummaa Amerikaa keessatti qabanis kabajameef. Kunis qabsoo

hadhooftuu fi wareegama ulfaataa booda ta’e.

Warri Afro-Amerika waliigala Amerika waliin yeroo madaalaman lakkoofsaan

bicuu waan ta’aniif, lafa walitti ejjetee akka biyyaatti of labsan waan hin

qabneef jecha, mirga ambummaa(citizenshipe right) isaanii Amerikaa keessatti

falmanii argachuu filatan. Haala kanaan itti milkaawuu irra darbanii maatiin

gurraachaa presedant Amerika ta’uu danda’e. Gaaffiin Oromoo fi haalli

impayera Itiyophiyaa keessatti mul’atu jiru garuu gaaffii Afro-Amerika irra

adda dha. Oromoon saba wayyaba dha, Oromoon biyya/lafa walitti-ejjetu

Oromiyaa jedhamtu qaba, gaaffiin Oromoo fi gurraachi Amerikaa kaasan adda

waan ta’ef, furmaatni isaas adda.

’Mul’ataa siyaasa haarayaa’ jeedhamee kana keeysatti jechooti ijoo ta’anii

ibsaman Hiree ofiin murteeffanaa, ambummaa(citizen), jalummaa (subjects),

Hawaasa siyaasa (Political community), Impayeeraa fi tokkumaa Ityophiyaa

dha.

Jeechoota kanaa bu’uraa irraa kaasnee hiikaa isaani hubachuun feesisa. Biyyi

(State) tokko dangaa beekamaa qabaate, daangaa sana keessa uummata ykn

ummatoota qabaachuu danda’u dha. Walitti kuufamani ummata saba ta’a.

Biyyaa demokratawaa ta’e keessatti, Sabni aangoo olaanaa qaba.

Lamummaa/Ambummaa(citizen)n ammoo hariiroo kan mirgaa fi dirqamaa

nam-tokkeen biyyaa (state) waliin qabu mul’isu dha. Biyyootni addunyaa harka

guddaan haala kanaan ijaramani jiru. Biyyoota kana keessatti mootummaan

mirga nam-tokkee kabaja, ummatni biyyicha akka sabaa ykn uummataatti

osoo hin taane akka partiitti mirga isaanii tikfachuuf wal ijaaru. Haata'u malee

eenyummaa isaaniif warri falman hin jiran jechuun hin danda’amu. Jiraattotni

biyyoota hedduun gara hawaasa ambaati aangomaniitti jijjiramani jiru.

Xumuraa loolaa Qabannawwan duraa danga isaanii keessatti states aangoo

olaanaa (sovereignty) qabu. Daanga isaa keessa humni gara biraa seenuu hin

danda’u, waan daangaa isaa keessatti tahu irratti aangoo kan qabu

biyya/state sana qofaa dha. Har’a falammii mirga dhala namaa (human rights),

fi ambumma akkasumaasa deemsa globalization irran kan ka’ee haalli kun

haga tokko bakka irraa siiqee jira.

Waliigala biyya (state), daangaa, jalummaa (subjects), ummata, sabaa fi aangoo

olaanaan walitti hidhamanii ilaalamu.

Biyyi sirna kana hundee godhate, warra isa ijaaranii fi keessa jiraatan wajjin

hariiroo qabaata. Biyya mirgi sabootaa walqixa kabajame keessatti biyya sabaa

(Nation state) jeedhama.

Page 12: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

Biyyi tokko biyya biraa humnaan booji`ee qabate ykn koloneeffachuun sirna

bulchiinsa isaa kan diriirse yoo ta’e, Kolonii ykn Impaayera jedhama.

Biyyoota adda addaa keessatti sabaaba adda addaan dhibdee siyaasa,

hawaasumma fi dinagdee dhalatu hiikuuf hireen ofii ofiin murteeffannaa

keessa (internal self determination), kan dangaa biyyichaa hin xuqnetu

gaggeeffama. Karaa biroo sirna koloneeffataa jalaa hundee dhaan of baasuuf

mirgi hiree murteeffannaa (External selfdetermination) gaggeeffacchuun,

walabummaa biyyaa dhugoomsuun ni danda’ama.

Lammummaa(Ambummaan) hariiroo mirgaa fi dirqamaa kan namni tokko biyyaa (state) waliin qabu dha. Lammummaan(Citizenship) jaarraa 18ffaa

booda kan bifaa qabataa dhufee fi mirga hiree murteeffannaa waliin kan wal faana deemuu eegalee dha. Jarraa 16ffaa dura Mootiin (king) mirga uumaan

(divine) kennameef biyya bulchaa ture. Kan du’a murteessuu, hidhuu, hiikuu, aangoomsuu, qabeenya irratti arjoomu ykn angoo sarbu mootii duwwaa ture. Mootii olitti aangoo olaanaa kan qabu hin turre.

Warraqsa Amerika (Fincilaa Holland) jeedhamee beekamuu, jarra 16ffa kan Spain irratti ka’e, Warraqsaa Fransayiin bara 1789, Finciilaa Griik mootoota

Ottoman bara 1820 keessa, addan bahiinsaa Belgium mootummaa Netherland irraa kan bara 1830, Fincilaa Poland Russia irratti bara 1830-31 ka’e, Fincilaa

Hungaroota kan Hapsburg kan bara 1848 irratti ka’ee fi kkf hundii aangoo fi’udaalotaa dhabamsiisuu fi bulchiinsa harka ummataa galchuu irratti kan qiyyaafate ture.

Bara 1789 Warraqxooti Faransaa sirna fuudaalaa jijjiiruuf waan socho’aniif

bulchiinsa irratti mirgi angoo kan ummataati jedhan. Ummata duwwaatu

mirga uumamaan kennameef qabaachuu danda’a jedhan. Mootummaan fedhii

warra mootii irratti kan hundaawu osoo hin taane, fedhii ummataa irratti

hundaawuu qaba jedhan. Ummatni yoo akkaataa mootummaan isa bulchuutti

quufa hin qabatne, irraa adda bahanii mootummaa mataa isaanii

dhaabbachuuf mirga qabu jechuun, sirna mootii irratti fincilanii ummatas

fincilchiisan. Kun Mirgaa hiree murteeffanaa akka sabaattii fi mirgaa

lammummaa/ambummaa kan ittin namni tokko feedha civil rights isaa ittin

ibsaatuu bu’ureessee.

Mirgii lammummaa/ambummaa (Citizen right) kun guddachaa deemuun jarra

19ffaa keessaa lammummaa siyaasa (political citizenship) –tti tarkaanfate. Inni

kun mirga filmaata biyya keessatti filuu fi filaamuu bu’ureessee. Jarra 20ffaa

keessaa kan duraan mirgi filmaata dhiiraaf duwwaa turee jijjiiruun, dubaartii

fi akkasumaa uumurii beekkamaan akka dardarii (universal suffrage) sirna

filuu fi filamuu keessatti qooda fudhataan gumaache.

Jarraa 21ffaa keessatti lammummaa Hawaasaa (social citizenship)

bu’ureeffamaa jira. Kuniis akkataa gareen (uumatni) tokko midhaa karaa

Page 13: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

dinagdee, aadaa fi siyaasaa irra gahee kabajamuuf kan dhiibu dha. Furmaati

akkasii kan ilaalcha liberal theory, kan aadaalee adda addaa balleessuun gara

aadaa tokkotti fiduu jeedhu biyyii sabaa (nation state) adda addaa keessatti

hacuuccaa hamaa uumee boodaalle baduu dhibuun yaada kana dhalche.

Fknf. UK keesatti Wales, Scotland mirga hiree murteeffannaa isaanii gaafachaa

jiru, warri Scotish bara 2014tti sagalee kennatuun biyya walaba dhaabbachuu

ykn British waliin jiraachuuf murteeffatu. Spain keessatti Basques, Catalans

Corsicans fi kkf gaffin waloo isaan kaassan liberal democracy-n deebihuu hin

dandeenyee. Waliigalaa akka hayyoonii siyaasaa yaada kana ibsan

lamummaan(citizenship) hariiroo kan mirgaa fi dirqamaa nam-tokkeen biyyaa

(state) waliin qabuu jechuu dha. Ummatnii Oromoo biyya dhablee ta’ee jira,

lafti isaa irratti gurguramaa jira, kanaaf ammatti stateless dha. Biyyi ammoo

biyya waliin seera adunyaa irratti hunda’uun hariiroo tolfata. Kanaafuu Kim

Rubenstein (2004) yeroo lammummaa ibsuu akkana jeedha:-

”Citizenship is a legal, political and a social construct that has domestic and

international consequences.”

Mirgi lammummaa qaama mirgaa hiree ofii ofiin murteeffanaa fi qaama

mirgoota dhala namaati. Gaffiin Oromoo garaa gaffi lammummaatti

(ambummaatti) xiqeeysuun gaffii Oromoo biyya mataa isaa qabaachuu diduu,

ugguruu fi mirga Oromoo irra ejjetuun tokkummaa impayera Ityophiyaa tiksuu

fudhaachuu fi labsuu dha.

Lammummaan (citizenship) miseensa hawaasa siyaasa (political community)

tokko ti. Akka barreeffama Aristotle, Bodin, Hobbes, Rousseau, Marshall fi kkf

mirgii fi shakalli lammummaa kan bulchinsaa fi siyaasaa walaaba tahee

(autonomous polity) irratti kan hunda’ee dha. Lammummaan qaama seera

adunyaa waan taheef mirgii lammummaa kan shakalaamu dangaa seeraa

adunyaa irratti beekkamaa (National sovereignty) tahee irratti ta’a. Kanaafuu

akka ilaalchaa Leencoo-ti tokkumaa Ityophiyaa fudhachuun bakka Oromoon

shakalaa lammummaa(ambummaa) irratti tolfatu dhabamsiisuu jechuu dha.

Gaffiin kanaatti aanee dhufuu lammummaan miseensaa hawaasa siyaasaa

(Political community) tokko ti. Saboota impayeeraa Ityophiyaa keessa jiraan

akka hawaasa siyaasaa (political community) tokkotti ilaaluu dandeenyaa?

Kanaaf Leencoon akka armaa gadihitti deebii keennee jira:

”....Herrega akka waan hawaasni siyaasaa lammiiwwan

amboomanii/aangomanii irraa tolfame jirutti dhiheessuu ni mormina, hawaasni

akkasii hawaasa lammiiwwan aanga’an qofa irraa waan tolfamuuf. Haga

ambummaan hin sabatinitti, hawaasni siyaasaa (political community)

jiraachuu hin danda'u.”

Page 14: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

Yoo Hawaasni siyaasa Impayeeraa Ityophiyaa keessaa hin jirannee, gaffiin

karaa siyaasa, dinagdee, aadaa fi hawaasummaa ummatootini impayera sana

keessatti qabamanii jiranis adda adda dha jechuu dha. Sababni isaas

mootumootiin walduraa duuban dhufaan, uummata tokko ofitti qabuun, fi

kaan moggessuun akka wal dura dhaabbatu tochuu imaammata waan

godhataniifi. Kanaafuu akeekni yaadama jiru Hawaasa siyaasa tokko kan

lammummaa (ambummaa) argamsiisuu tolchuu dha jechaa jira. Kanaaf karaa

kun itti tahuu danda’uu akka armaa gadihiin Leencoon ibsee keeysaa:

Ulaagaan murteessaan ambummaa argamsiisu tartiiba akkaataa biyyattiin itti

caasefamtuu fi bulfamtu irraa qooda fudhachuudha. Kana jechuun

hirmaannaan jalaa olii jiraatee, ummatoonni heera ijaarsota sirna dimokraasiif

utubaa ta'an qiyaasuu, raggaasuu fi hujirra oolchuu irraa qooda fudhachuudha.

Akkasuma, eenyu akka biyya bulchu murteessuu danda'uunis mallattoo qaama

tartiiba gosti amboome dhalachuu agarsiisan keessaa isa duraa ti.

Leencoon mul’ata isaa kana bakkaan gayuuf akka qabsaa’u ibsatee jira.

Mul’ati isaa fi haalli qabatamaa impayera Ityophiyaa keessa jiru wal simataa?

Gaaffii jedhu itti aannee ilaalla.

7. Mul’ataa Siyaasaa Leencoo fi haala qabataama Impayeeraa Ityophiyaa

Keessaa Mul’atni siyaasaa Leencoo haala qabatamaa kan seenaa, yeroo fi haala har’aa

mootummaan abba irree, ykn koloneefatootni Impayeeraa Ityophiyaa kan

qawween impayera qabatanii jiran kan gonkuumaa dagatee, wallaala irraa osoo

hin taane beeka mirgaa Oromoo sharafuun harka kennachuuf kan wixiname

tahuu isaa ifaa dha. TPLF yeroo ammaa kan Tika, Waraana, Birokraasii,

Dinagdee fi daldalaa qaroo Tigray(Tigrean elites) duwwaan osoo hin ta’iin

ummatni Tigrayuu dantaa kana irraa qoodachaa jiraachuun mul’ataa jira.

Kanaaf ragaan ”Meqaleen Be Lewux Godaanaan” ta’u danda’a. Ummati Tigray

har’aa ummata gabrummaa jala jiru, kan qaroo gabroomfataa Tigreen keessaa

madde qofaa dha jennee kan bilisummaa isaaf falminuu hin fakkatuu. Yoo

Leencoo faa ”cosmopolitan” tahanii saba Tigreef falman ta’an mirga isaaniiti.

Yeroo ammaa yeroo Oromoon biyya dhablee ta’ee jiru, lafti isaa irratti

gurguramaa jiru keessatti, yeroo hogganooti parti akka Baqalaa Garbaa faa

mirga lammummaa(ambumma) qabatanii falmanitti, hireen isaanii mana

hidhaatti darbamuu ta’e keeysatti, yoo dhugumattu ilaalcha kanaan

qabsaawuun ni baasa kan jedhan yoo ta’e, biyya alaa keeysa deemanii mooraa

QBO jeequu irra, gara biyyaa galanii yoo gatii itti baasan qabsaawummaan

isaanii mirkanawaaf. Waan amananiif dirreen isaa biyya keessa waan ta’eef itti

deemanii haa yaalan.

Page 15: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

Ammoo bakka fi haala abbummaan qabeenyaa fi aangoon siyaasaa wal hin

madaallee keeysatti mirga lammmmaa shaakaluun abjuu dha. Haala kana

keeysatti walqixummaan nam-tokkees ta’e sabootaa akka hin dhugoomnee

qormaatoti adda addaa ni dhugumsu. Fakeenyaaf ummatani Aborgin biyyaa

Australia mirga filuu fi filaatamuu ergaa argataani wagga sodooma boodaallee

lammii Australiaa isaa kaan waliin walqixa ta’uun isaani shakkisiisaa dha.

Mul’atni siyaasa Leencoos kan Ethiopia National Liberation Front (ENLF) bara

1970 keessaa maqaa Ityophiyaan qabsoofnee, dantaa Oromoo kabajchiisna

kan jedhu yetoo ta’u, ilaalchi siyaasaa harayaa (kan Leencoo) ammoo maqaa

Oromoo dhimma baanee, tokkummaa Ityophiyaa kan mirgaa Oromoo dhiituuf

falmina jechuu irra adda miti. Rakkoon Oromoo impayera Ityophiyaa ta’uun

otoo beekamuu, rakkoo kanaan rakkoo Oromoo furuuf tattaafachuun

gowwummaa dha.

Mootummaan TPLF heera isaa keessatti Angoo 14 hanga 39-ti mirga

lammummaa/ambummaa kan kabajchisan tarressee jira. Kanaaf mirgi

lammumaas ta’ee, mirgi waloo kabajamaa dha jedha. Sirna Federaala jirus

Federaala dhugaatti kan guddachaa fi bilchaata deemuu dha jedha. Dhibdeen

jirtu kan waraqa irra ta’ee humna ittin kabajchifatu dhabuu dha. Theory

midhagsuu fi pacifistumaan akka mirga kamuu kabajchiisuun hin

danda’amnee amallii TPLF fi ilmaan habashaa waligalaa seena darbee fi haala

qabataama amma jiru irraa baratamuu qabu dha.

8. Ilaalcha ABO mirgaa lammummaa(ambummaa) irratti qabu

ABO ilaalcha mirgaa lammummaa irratti qabuu ilaalchisee Leencoo akka

armaan gadihiin ibsee jira:

”.....Qarruun afaan Amaaraa (Amharic speaking elites) mirgoota ambummaa,

siyaasaa fi hawaasummaa leellisaa, mirga aadaa fi afaanii akka hin jirretti

waakkata ykn gatii isaan male dhoorgata. Qarruun bulchitoota ammaa ammoo,

mirga aadaa fi afaanii nan ulfeessa jechuun kanneen biraa dhiita. Murnoota

ABO giddutti ammoo qabxiin mirga ambummaa/ lammummaa jedhu bakkaayyu

hin qabu....”.

Leencoo kan dhadatuu fi ittin of dhadheessu keessaa inni guddaan ABO

keessaatti sadarkaa olaanatti hogganaa turu isaati. Oggaa dhaabicha yakku

garuu waanumaa ofii tolche jedhu dagate. ABOn bu’ureffamuu isaa irraa

kaasee mirgaa nam-tokkes ta’ee kan waloo kabajuu irratti ilaalcha qabu ifaa fi

qulqulluu dha. Sagantaa siyaasa isaa irratti tarreessee jira. Olaantummaa

ummataa, Caasa mootummaa fi Caffee caaseeffamuu keesatti mirgaa fi

dirqamaa hirmannaa nam-tokkees ka’ee jira.

Page 16: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

Akkasumaas saboota cunqurfamoo fi humnoota demokratawa ta’an waliin

hojeechuuf murannoo qabu osoo hin xuqiin irra taree hin beeku. Sagantaa

siyaasaa Koraa sabaa 3ffaan Muddee bara 2004 ragga’ee keessatti qabxiilee

armaan gadihi jalatti hariiroo ummatootni biroo waliin qabu, mirgoota isaanii

kabajchiisuu fi shaakluu sagantaa siyaasaa ABO keessaa dhiyaate kun wabi

dha.

1. Akeeka fi Galii Siyaasaa ABO jalatti

Galii kana bakkaan gahuufis ummatoota, humnoota mirga hiree murteeffannaatti

amananii fi dimokraatawoo tahan waliin qabsoo qindeeffata jedhu,

2. Oromiyaa fi Lammiwan Oromiyaa jalatti

Ummanni Oromoo hin-tahin kan qubsuma ofii Oromiyaa keessaa qaban saboota bicuu

Oromiyaa ti. Saboonni bicuun Oromiyaa keessa jiran enyummaa isaanii dagaagfatuuf

mirga guutuu qaban. Akkasumas mirga hiree murteeffannaa seera addunyaatiin

qaban hojiirra oolfatuu danda’an jedhu,

3. Ol-aantummaa Ummataa jalatti

Oromiyaatti ol’aantummaan tan ummataa ti jedhu,

4. Tarree Mirgootaa jalatti

Sodaarraa Bilisoomuu; Tika jireenyaa fi Mirgaa, Mirga Yaada Ofii Ibsachuu fi

Pressii; Mirga Jaaramuu; Seera Duratti Wal-qixxooma; Dirqama Raaw’ii fi

Mirgoota Seeraa ittiin Badhaadhinaa; Mirga Himannaan Seeramurtii Hin-

babsineen Ilaalamuu fi Mirga Ofirraa Ittisaa; Mirga Socchii; Mirga Teessoo

(Lafa Jireenya) Murteeffatuu; Mirga Yaada fi Amantii jedhu,

5. Sirna Mootummaa jalatti

Sadarkaa mootummaa hundatti qoodni hojii, dirqamaa fi aangoon sirnaan

dangeffamee, dameelee mootummaatti raabsama. Ol’aantummaan seeraa ni

mirkanoofti. Kanneen asitti aanan bu’uroota hundee sirna dimokraasii ti jedhu,

5.2 Seer-tumeessa (Legislature) jalatti

Caffee Ummataa , Caffee Godinaa tii fi Caffee Onaatu jiraata. Caffeen Ummataa seer-

tumeessa ol’aanaa dha. Seerri Caffeen Ummataa labsiteetu Oromiyaa guututti ragga’a.

Caffeen Goodinaa fi Caffeen Onaa, naannoo isaaniitti seertumeessoo dha jedhu,

ragaaf kaasuun ni danda‘ama.

9. Xumura Sababni laafina qabsoo kan bar kurnee lamaa as ykn kan sababa geo-poletika

qofaatti hidhamee ilaalamu miti. Waan bara wayyaanee dura jiru seenaaf

dhiisnee kan as dhiyoo ilaalle; humni Dargii jigse humna gaffi sabaa ija

Page 17: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

’demokrasiitiin’, tokkummaa Itophiyaa tiksuu keeysatti furmaata barbaaduu fi

humna gaffi sabaa ija Koloniitiin ilaalan turan. Hundi isanii gaffii sabaaf dursa

haa kennan malee furmaata waaraa fiduu irratti ilaalcha adda addaa qabacha

turan.

ABO bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa bar kurnee laman

booda dhugoomsuu dadhabuun madaala humnaa kan waraana fi siyaasaa kan

TPLF, kan gaffii Oromoo akka gaffii sabaa qofaatti ilaalan waliin wal madaaluu

dhabuu agarsiisa malee, gaffiin Oromoo gaffii haqaa ta’uu hanqachuu hin

mul’isu. Inumaayyuu ABO kan inni akka kallachaa qabsoo bilisummaa

Oromootti beekamee bar kurnee laman kana booda ta’uun dhugaa mul’atu

dha.

ABOn gaaffin uumata Oromoo gaaffii Kolonii dha jedhee, maaliif bar kurne

lamaan booda milka’uu hanqate jennee yoo of gaftne deebiin isaa ABO-tu

humnoota adda addaa gaffii isaa dura dhaabbata turan, of irratti hirkannoo fi

tin’isaa haphataan waan falmaa tureef ta’uun hin haalamu. Dabalata

afaanfaajjii diinnii fi lootee seentoti hanqina damaqinsi siyaasaa Oromoon

qabu ilaalanii irratti shiran qooda guddaa qaba.

Ummatni Eritrea sadarkaa sirni fedraalaa kan Itophiyaa waliin walitti isaan

hidhe diiganii of irraa kaasan. TPLF jijjiraama angoo fi qabsa’e. Kunis

beekamummaa idlee adunyaa (diplomatic recognition) kenneef. Humni TPLF-

EPRDF Dergii kufissee aangoo Ityophiyaa akka qabachuuf deemu bara 1985 ifa

godhee ture. Akeeka isaani kana bakkaan gahuuf jeecha bara 1989-ti OPDO

booji’amtoota waraana irraa akka gaaffi uummataa Oromoo ofi isaa

barbaaduttii fi to’atuutti ijaare. Diinummaa ifaa ABO waliin kan jalqabe gaafas

ta’uun beekamaa dha. Hogganni ABO fallaa akeeka kanaaf of qopheessuun

akka irra ture eenyuu caalaa Leencoon ni hubaata. Kanaafuu laafinni kun

laafina bar kurnee laman duraati malee kan har’aa irraa has’amuu hin turre.

Leencoon haasawaa hawaasaaf biyyaa Norway magalaa Oslo-tti godhee irratti

Jarmayaan nutti ijaruuf deemnuu kan ABO dhaaludha jedhe. Jalqaba Leencoo

nama dhaaba kana keessa ture dha, dhaaba kanattu abbaa ture. Itti aanuun

akka umuriitti jaarsa. Dhaaba keeysaas kan kabajaan gaggeeffame sababa

naamusaan ta’uun beekamaa dha. Dhaalli kun gaabbii badii naamusa isaa yoo

ta’e badii isaa irraa baratee, dhaabatti deebi’uuf haaromsa fudhachuu, badiilee

kana dura dalageef dhiifama gaafatee, ta’uu qaba malee dhaalli akka kanaa

maali? Dhaalli maatii ykn qaama tokko irraa dhaalamu, du’a booda dha,

dhaaba lubbuun jiru, sirnaa fi caasaa kamiin dhaalu? Moo ajjeesanii dhaaluuf

deemu gaaffiin jettu sammuu Oromoo hedduu keessa jirti.

Yeroon haasawa kana dhaga’ee Leencoo fi garreen isaa ABO irratti waraana

labsuu isaanii hubadhe. Har’a mul’ataa siyaasaa kan Afro-Amerikans bara

1955 keeysa itti dhimma bayan fakkatu tokko qabatanii, ilaalcha jaarraa 21ffaa

Page 18: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

dha jechuun, ilaalchaa fi yaada hammayyaa qabna jechaa jiru. Inumaayyuu

’ilaalcha siyaasaa hammayyaa’ kana faayadamanii ABO dhaaluuf dhama’u.

Maayyii irratti kan isaan of-qopheeysaa jiran ummataa Oromoo dhibee karaa

siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee qabu furra jedhanii, ummata Amaara fi

ummata Tigree booda hiriirsanii yoo xiqaatee lammummaa sadarkaa sadaffaa

(third citizen) isaaf hawwuu fi sanas fudhachiisuu dha. Fafa kana hunda

dhoksatanii, gaafatamummaa seenaa jalaa bahuuf tattaafachuun isaani seera

uumamaa ta’uu mala.

Ammoo Leencoo fi gareen isaa laaffachuu qabsoo fi wareegamuu jaallaniif

gaafatamummaa jalaa bahuu hin danda’an. Inumaayyu akeekaa fi kaayyo

jaallan irratti wareegaman xiqqessuu fi arrabsuun gaafatama seenaa guddaa

jala isaan galcha. Akeeka jaallan irratti wareegaman ija tuffiin ilaaluu fi kan

yeroo waliin hin deemne dha jechaa, sagantaa impayera Itiyophiyaa tiksuf kan

Afro-Amerika bara 1955 itti dhimma bayan ergifachuun, dhaamsa jaallan

wareegamanii dagachuu fi itti qoosuu dha. Maqaa jaallan wareegamaniin

kakachaa, akeeka jaallan wareegamaniif haaluunis saansakaa namummaa

isaani gaaffii keessa galcha.

Jaallan akeeka qabsoo bilisummaa irratti wareegamanii fi jaallan akeeka kana

galmaan ga’uuf har’a qabsootti jiran, laaffachuu qabsoof gaafatamuu hin

danda’an. Kan gaafatama kana fudhatu, murna akeeka jaallan irratti

wareegamanii dhabamsiisuuf fi mooraa QBO jeequuf hojjetan dha. Duulli

Leencoos qabsaawota akeeka jaallan qabsoo irratti wareegamanii faana

dhabsiisuuf, jaallan akeeka qabsoo irratti wareegamanii tarkaanfachiisan

irratti duuluun QBO dhabamsiisuun tokkummaa impayera Itiyophiyaa tiksuu

ta’uu sagantaa marii irraa hubatame jira.

Leencoo gaafatama isatti dhufu jalaa bayuuf murna ijaarrachuun isaa gamna

ta’uu isaati. Duuka buutoti isaas waardiyyaa isaa ta’uun mirga isaaniiti.

Ammoo ilaalcha siyaasaa haarayaa kan habashaa waliin ittiin araaramuu

dandayan fi itti baqatan qabatanii Oromoof qabsayuu hin dandayan. Akeeki

’waltajjii marii Oromoo’ kan impayera Itiyophiyaa tiksuu waliin tokko ta’uus

kanaan mirkanaawe. Yoo warri habashaa gaafatamummaa seenaa fi seeraa

jalaa isaan baasuu dandayan of dura kan dhalootaan ilaalamu ta’a.

Waan hundaafuu kooneeffataa handhuraa Oromiyaa, magalaa Finfinee,

dhakaa Araraa qabatee jiru kana kadhaan osoo hin taane qabsoo hadhooftuu;

kan waraanaa, siyaasaa, Sochii ummataa fi diplomasiidhan qindeeffameen kan

saba irraa ka’u ta’uu hubachuun, Ummatni Oromoo ABO kallacha qabsoo

bilisummaa Oromoo jabeefacha fi waliin hiriiruun mirgoota saboota biroo

kabajaa, hariiroo walqixxummaa irratti hundooftee tolfataa, sab-bicuu

daangaa isaa keessa jiruuf mirga isaani kabajaa, mirgaa nam-tokko fi waloo

jireenyaan shaakalaa, qabsoo isaa tokkummaan tarkaanfachiisaa,

Page 19: Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya · 2012. 12. 27. · Akeeka WMO(ODF) fi Akeeka Impaayera Itiyophiya (Xiinxala ‘Qabxii Marii Waltajjii Marii Oromo‘ ykn ‘Manifesto‘

afaanfajeysitoota bifa kanaan qabsoo isaa keeysatti margani fi danqan of-

keeysa qulqulleeysaa, seeraa fi safuu qabuun of irraa ittisaa qabsaayuun

bilsummaa isaa fi walabummaa isaa dhugoomfaachuu malee filmaata adda

biraa hin qabu!

Injifanoo Ummata Oromoof!

Oromiyaan Ni Bilisoomti!